cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

GALAA JIREENYAA Kuusaa Faarfannaa durii fi haaraa Baruumsa Macaafa Qulqulluu

“Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera.”— Yoh. 3:18 “Abbaanii fi ani tokko” isaaniin jedhe.Yoh. 10:30 Maqaan fayyinaa.....[HoE. 4:12]

Show more
Finland3 428The language is not specifiedReligion & Spirituality116 915
Advertising posts
279
Subscribers
-124 hours
+27 days
+730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

𝙀𝙧𝙜𝙖𝙖 𝙬𝙖𝙡𝙙𝙖𝙖 𝙋𝙝𝙚𝙧𝙜𝙖𝙢𝙤𝙤𝙣𝙞𝙩𝙩𝙞 𝙚𝙧𝙜𝙖m𝙚 Mul. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹² "Gara ergamaa waldaa Phergamoonitti, 'Ergaan kun isa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarame qabu sana biraa dhufe' jedhii caafi! ¹³ #Ergichi, "Ani iddoo ati jiraattu beeka, inni lafa teessoo Seexanaa ti. Ati garuu maqaa koo jabeessitee qabatte malee, bara Antiiphaas dhuga-baatuun koo amanamaan koos isin gidduutti iddoo Seexanni jiraatu sanatti ajjeefame iyyuu, anatti amanuu kee hin ganne. ¹⁴ #Garuu wanta muraasa si irratti argadheera; namoota warra barsiisa Bala'aamitti qabamanii jiran achii qabda. Balaaq ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'ee qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi'aate akka nyaatanii fi gaalamootummaatti akka jiraatan gochuu Bala'aamtu barsiisee ture. ¹⁵ Akkasuma immoo barsiisa warra Niqolaawotaatti qabamanii warra jiran qabda. ¹⁶ #Ammas yaada garaa kee geddaradhu! Kana yoo gochuu dhaabaatte garuu, ani dafee sitti nan dhufa; jara sanas billaa afaan koo keessaa ba'uun nan lola. ¹⁷ "Namni gurra qabu isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! 'Isa mo'uuf maannaa dhokataa sana keessaa nan kennaaf; dhagaa calaqqisaa maqaan haaraan irratti caafame tokkos nan kennaaf; maqichas isa fudhatu sana irraa kan hafe, namni tokko illee hin beeku'" kan jedhuu dha. 👑👑👑👑👑👑👑👑 👑 👑@Galaa_jireenyaa1👑 👑@Galaa_jireenyaa1👑 👑👑👑👑👑👑👑👑 👑
Show all...
Repost from Aafa'oo
@Galaa_jireenyaa1 𝙀𝙧𝙜𝙖𝙖 𝙜𝙖𝙧𝙖 𝙬𝙖𝙡𝙙𝙖𝙖 𝙎𝙞𝙢𝙞𝙧𝙣𝙖𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙚𝙧𝙜𝙖𝙢𝙚 Mul. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ⁸ "Gara ergamaa waldaa Simiirnaatti, 'Ergaan kun isa duraa fi isa booddee, isa du'ee, deebi'ee jiraate biraa dhufe' jedhii caafi! ⁹ Ergichi, "Rakkina si irra ga'e, hiyyuma kee, hamaa si irratti dubbachuu warra Yihudoota utuu hin ta'in, Yihudoota ofiin jedhaniis ani beeka. Ati garuu sooressa; warri Yihudoota ofiin jedhan sun immoo walga'ii Seexanaa ti. ¹⁰ Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo, Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu; du'a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du'aatti amanamaa ta'i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna. ¹¹ "Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! 'Inni mo'u du'a isa lammaffaadhaan hin miidhamu'" kan jedhuu dha. @Galaa_jireenyaa1 ⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️⚡️
Show all...
2👍 1
ERGAA WALDAA EFESOONITTI ERGAME
Mul. 2 ¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯ ¹ "Gara ergamaa waldaa Efesoonitti, 'Ergaan kun kan isa harka isaa mirgaatiin urjoota torban qabee, baattuu ibsaa torban gidduu deddeebi'uu ti' jedhii caafi! ² Ergichi, "Hojii kee, wanta ati itti dadhabdu, obsaan danda'uu kees, namoota hamoota immoo calluma jettee akka ati hin dhiifne, warra ergamoota utuu hin ta'in 'Nuyi ergamoota' ofiin jedhan qortee ilaaltee sobduu ta'uu isaanii akka argites, ani beeka. ³ Ati obsaan akka dandeessu, maqaa kootiif jettees akka baattu, kanas akka ati hin dadhabin ani beeka. ⁴ Garuu jaalala isa dur qabda turte sana dhiisuu kee si irratti argadheera. ⁵ Ammas maal irraa akka kufte yaadadhu! Yaada garaa kee geddaradhu, hojii isa dura hojjette sanas hojjedhu! Kana yoo gochuu dhaabaatte garuu, ani sitti dhufee, baattuu ibsaa keetii iddoo isaatii nan buta. ⁶ Utuma ta'uu iyyuu immoo waan tokko qabda; inni immoo hojii Niqolaawotaa isa ani jibbu atis in jibbita. ⁷ "Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u! Isa mo'eef muka ija isaa nyaatanii jiraatan isa jannata Waaqayyoo keessa jiruttii nyaachuu nan kennaaf kan jedhuu dha.
Show all...
👍 2
Kanneen kanaan gadii keessaa kamtu dogoggoraan walitti firoome?Anonymous voting
  • 🔘 Daani'eel = Belxishaazar
  • 🔘 Hanaaniyaa == Shaadraak
  • 🔘Mishaa'el == Meshaak
  • 🔘Azaariyaa == Abed-Neegoo
  • Hundinuu sirruma
  • Hundinuu sirrii miti
0 votes
Gaarummaa Kee Malee - Henock George ✝️JOIN: @galaanafaarfannaa
Show all...