3 641
Subscribers
No data24 hours
-107 days
+230 days
Posts Archive
Galma gahiinsa raawwii hojiilee misoomaa,hawaasaummaafi siyaasaatiif ityifayyadama miidiyaafi kominikeeshinii cimsuun murteessadha.
Bu'uruma kanaan godina Arsiitti hojiilee misoomaa,hawaasummaa, nageenyaafi ayyaanota ummataa bara haaraarraatti akkaataa ittifayyadamaa miidiyaafi kominikeeshinii cimsuun danda'amurratti qooda fudhattoota wajjiin mariin gaggeeffame.
Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir milkaa'ina raawwii hojiilee mootummaa,misoomaafi siyaasaa galmaan gahuuf qooda fudhattootni miidiyaafi kominikeeshiniitti sirnaan fayyadamuu akka qaban himan.
Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa godina Arsii Obbo Darajjee Abarraa tarsiimoo gama hojiilee mootummaafi paartiitiin raawwataman milkeessuuf sirna miidiyaafi kominikeeshinii ammayyaawaa ta'etti gargaaramuun fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuurratti qindoominaan hojjatamuu qaba jedhan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Omishaafi omishtummaa qonna dachaan dabaluuf karoora imala badhaadhinaa dhugoomsuuf kutannoon hojjatamaa jira.
Godina Arsiitti bara kana qonna gannaatiin lafa hektaara kuma dhibba 900 fi kuma 38 olirratti midhaan gosa garagaraa facaafamee misoomaa jira.
Bu'uruma kanaan Aanaa Digaluufi Xiijoo Giddugala Qonna Loleetti sagantaan jalqabbii biifaa keemikaalaa xiyyaaraa ooyruu qonnaarratti gaggeeffame.
Sagantaa biifaa keemikaalaa Xiyyaaraan gaggeeffame kanarratti hoggantootni sadarkaa garagaraa,ogeeyyiin qonnaa,qonnaan bultootniifi qooda fudhattootni argamaniiru.
Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir akka godina Arsiitti bara kana lafti hektaara kuma 900 fi kuma 38 ol midhaan gosa garagaraa facaafame keessa,lafti hektaara kuma 749 kilaastaraan facaafamee misoomaa jiraachuus ibsan.
Omishaafi omishtummaan qonnaa dachaan akka dabalu gochuuf teknolojiiwwan garagaraatti fayyadamuun kunuunsi gahaan taasifamaa jiras jedhan.
Omisha midhaanii facaafamee misoomaa jirurraas callaa kuntaala miliyeena 35 argachuuf hojjatamaa jiraachuus himan.
Hogganaan ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Dajanee Hirphaa mootummaan damee qonnaatiif xiyyeeffannoo kennuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluuf teekinolojiiwwan haaraa hojiirra olchuun akka ittifayyadaman gochaa jira jedhan.
Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti teekinolojiin haaraa biifaa keemikaalaa xiyyaaraan gaggeeffaamu gahee olaanaa qabaachuus himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Kenna tajaajila dhaabbilee fayyaa dijitaalessuun ittiquufinsa maamilaa dabaluun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Fayyaa godina Arsii beeksise.
Bu'uruma kanaan Hospitaala Jalqabaa Boqojjiitti kenna tajaajila fayyaa si'ataa,qulqullinaafi haqaqabeessa ta'e kennuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf hojjatamaa jira.
Kenna tajaajilaa si'ataa Hospitaalli Jalqabaa Boqojjii kenna jiruurraas fayyadamaa jiraachuus tajaajilamtootni himan.
Hojigaggeessaan Hospitaala Jalqabaa Boqojjii Obbo Abdulfattaa Aadam Qindoominaafi tokkummaa hoggansaafi ogeessa Hospitaalichaa keessatti uumaameen kenni tajaajilaa si'ataafi ittiquufiinsa qabu kennamaa jiraachuu himan.
Hospitalichatti bara kana kenna tajaajila fayyaa saffisa,qulqullinaafi haqaqabeessa ta'e hojjatameen dhukkubsattotni kuma 100 ol yaala kan argatan ta'uus dubbatan.
Baay'achuu tajaajilamaarraa kan ka'e dhiyeessiin qorsaafi dareen ciisichaa dhukkubsattoota furmaata akka argatuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjiin hojjachaa jiraachuus himan.
Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Arsii godinichatti dhaabbileen fayyaa qixa sirrii ta'een kenna tajaajila saffisa,qulqullinafi haqaqabeessa ta'e kennuun ittiquufinsi maamilaa akka dabaluuf hojjatamaa jiraachuu himan.
Dandeettiifi gahuumsa ogeeyyii cimsuuf leenjiifi hubannoo ogummaa yeroo gara yerootti kennuun raawwachisummaa daraan dabaluun fayyadamummaa hawaasaa galmaan gahuurratti caalmaan hojjatamaa jira jedhan.
Dhaabbileen fayyaa hundi galii keessoo akka dabalan gochuun rakkoolee gama dhiyeessii qorsaatiin jiru furmaata akka argaturrattis hojjatamaa jiraachuu himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Inisheetiivii kilaastara qonna magaalaarratti hojjachuun hojidhabdummaa hir'isuu bira dabree diinagdee biyyaa guddisuu rrattis gahee olaanaa qaba.
Bu'uruma kanaan godina Arsii Mana Qopheessaa magaalaa Saagureetti hojiileen inisheetiivii qonna magaalaatiin hojjatamaa jiran caarra hojii dargaggootaaf uumuun hoji-dhabdummaa hir'isuu keessatti gahee bahachaa jiru.
Magaalichatti dargaggootni waldaadhaan gurmaa'uun Kilaastara horsiisa horii aannanii,furdisa looniifi kilaastara horsiisa lukkuurratti bobba'anii hojjachaa jiru.
Qonni magaalaa cimsuun wabii nyaataa mirkanneessuu,galii dabalataa argamsiisuu,carraa hojii dargagootafi dubartootaaf babal'isuuf qamadiin lafa hektaara 2.5 irratti facaafamuun misoomaa jiraachuus Manni Qopheessaa magaalichaa ibseera.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Godina Arsiitti kunuunsa misooma kilaastara qamadii.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
kenna tajaajila lammummaatiin hawaasa rakkoo fayyaa qabu tajaajiluun ittigaafatamummaa namummaa dhaloota barsiisuudha.
Waajjirri Fayyaa godina Arsii,Kutaan Yaalaa Yuunivarsiitii Arsiifi Dhaabbatni miti-mootummaa The Fred Hollows FoundationEthiopia (FHFE) waliin ta'uun tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa bilisaa Hospitaala Boqojjiitti kennan.
Kenna tajaajila lammummaatiin tajaajilli yaala moora ijaa bilisaa kun jiraattota aanaalee Muuneessaa,Digaluufi Xiijoo,Leemmuufi Bilbiloo,Sirkaafi Honqooloo Waabeetiif Hospitaala Jalqabaa Boqojjiitti kennamaa jira.
Hojigaggeessaan Hospitaala Jalqabaa Boqojjii Obbo Abdulfattaa Aadam hospitalichi kenna tajaajila fayyaa ittiquufinsa qabu kennuun cinatti namootni osoo hin rakkatiin yaalii baqaqsanii yaaluu moora ijaa akka argataniif deeggarsaa barbaachisu gochaa jiraachuu himan.
Yuunivarsiitii Arsiitti Ispeeshalistiin Yaala Ijaa Doktar Moltootal Muhaammad hawaasa osoo hin baratiin nubarsiise ogummaa qabnuun yaaluun tola ooltummaa qofa osoo hin taane dirqama namummaatis jedhan.
Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa godina Arsii Obbo Sulxaan Hamdiinoo godinichatti bara dabree kenna tajaajila lammummaatiin namootni kuma lamaa ol tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaa bilisaan argachuu himan..
Hawaasni rakkoo moora ijaa qabanis hojii kenna tajaajila lammummaa kanatti fayyadamuun yaaddoo malee tajaajila yaala bilisaan kennamu kanatti fayyadamuun qaroo isaanii yaalchifachuu akka qabanis dhaamaan.
Namootni yaalii baqaqsanii yaaluu moora ijaa argatanis tajaajilaa bilisa argachuu qofa osoo hin taane yaala taasifameen ijaan arguu isaanittis kan gammadan ta'uu himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Waldaan Qaxxamura Diimaa damee godina Arsiifi Buusaan Gonofaa aanaa Xiyoo namoota sababa lolaatiin qe'ee isaanirraa buqqa'aniifi midhaan qabeenyaa irraa gaheef deeggarsa meeshaalee garagaraa taasise.
Deeggarsichis abbaa warraa 118f meeshaale nyaataa,uffata qorraa,meeshaalee qulqullinaafi midhaan nyaataa tilmaamaan qarshii miliyeena 1.8 shallagamuu kan kenname ta'uu himan.
Namootni miidhaan irra gahees deeggarsa argatanitti kan gammadan ta'uu himuun,miidhaa irra gaheerraa dandamachuun jireenya dhaabbiitti deebi'uuf kan hojjatan ta'uu himan.
Bakka bu'aan Hogganaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa damee Arsii Obbo Darajjee Kabbadaa waldichii aantummaafi quuqamaa ummataaf kan hojjatu ta'uu himuun,namoota sababa lolaatiin buqqa'aniifi miidhaamiidhaann qabeenyaa irraa qaqqabeef deeggarsa meeshaalee garagaraa qarshii miliyeena 1.6 shallagamu taasisuu himan.
Bulchaa ittaanaan Aanaa Xiyoo Obbo Badhaadhaa Haata'uu aanichatti gandoota lama keessatti sababa lolaatiin omisha lafa hektaara 125 fi abbaa warraa 300 olirratti miidhaan qaqqabuu himuun namootni kun deeggarsa akka argatan gochuun cinaatti deebisanii dhaabuuf hojjachaa jiraachuus himan.
Bu'uruma kanaan hirmaannaa Buusaa gonofaatiin walitti qabamerraa midhaan kuntaala 40 qarshii 240 shallagamuu deeggarsa taasisuus dubbataniiru.
Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa godinichatti rooba humna ol roobuun namootaafi qabeenyarra miidhaan akka hin geenyeef of eggannoon hojjatamaa jiraachuu himuun,namoota miidhaan nam-tolcheefi uumamaa irra gahe deeggarsa namummaa akka argatan gochaa jiraachuu himan.
Hawaasni naannichaas rakkoo nam-tolcheefi uumamaatiin qaqqabuu danda'u ofiirraa qolachuuf of-eeggannoo gochuu akka qaban himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaatti kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsi qarshii miliyeena 6.5tti shallagamu taasifame.
Deeggarsichis beeyladoota akaakuu garagaraa, daakuu, zayitaa,dabtaraafi qalamni bitamuun namoota umriin dadhabanii,Meeshaalee manaa fi barattoota maatii harkaqal'eeyyitiif tajaajila lammummaatiin kennameera.
Bulchaan Aanaa Zuwaay Dugdaa Obbo Sintaayyoo Kurfaa aanichatti kenna tajaajila lammummaatiin namoota harkaqal'eeyyii deeggarsi meeshaalee akaakuu garagaraa qarshii miliyoona 6.5 ol tti tilmaamamu taasifameera.
Deeggarsichis hirmaanna kutaalee hawaasaatiin kan qindaa'ee yommuu ta'u hanga ammaattii mana harmee harkaqal'eeyyii lama ijaaruun dabarfamee kennamuus himan.
Hojiin kenna tajaajila lammummaa kun haala karoorfameen akka raawwatamuuf qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus ibsan.
Namootni deeggarsi taasifameefis deeggarsa argatan bu'ura gochuun jireenyaa ofii jijjiiruufis kutannoon kan hojjatan ta'uu himan.
Odeeffannoo waktaawaa argachuuf
Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication
Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
