en
Feedback
Arsi Communication Office

Arsi Communication Office

Open in Telegram
3 641
Subscribers
No data24 hours
-107 days
+230 days

Data loading in progress...

Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
December '25
December '25
+7
in 0 channels
November '25
+89
in 0 channels
Get PRO
October '25
+108
in 0 channels
Get PRO
September '25
+117
in 0 channels
Get PRO
August '25
+188
in 0 channels
Get PRO
July '25
+58
in 0 channels
Get PRO
June '25
+32
in 1 channels
Get PRO
May '25
+162
in 0 channels
Get PRO
April '25
+82
in 0 channels
Get PRO
March '25
+57
in 0 channels
Get PRO
February '25
+94
in 0 channels
Get PRO
January '25
+38
in 0 channels
Get PRO
December '24
+108
in 0 channels
Get PRO
November '24
+79
in 0 channels
Get PRO
October '24
+69
in 0 channels
Get PRO
September '24
+218
in 0 channels
Get PRO
August '24
+132
in 2 channels
Get PRO
July '24
+176
in 1 channels
Get PRO
June '24
+114
in 2 channels
Get PRO
May '24
+111
in 1 channels
Get PRO
April '24
+158
in 1 channels
Get PRO
March '24
+253
in 0 channels
Get PRO
February '24
+133
in 1 channels
Get PRO
January '24
+105
in 0 channels
Get PRO
December '23
+130
in 1 channels
Get PRO
November '23
+120
in 0 channels
Get PRO
October '23
+137
in 0 channels
Get PRO
September '23
+112
in 0 channels
Get PRO
August '23
+163
in 0 channels
Get PRO
July '23
+176
in 0 channels
Get PRO
June '23
+108
in 0 channels
Get PRO
May '23
+72
in 0 channels
Get PRO
April '23
+66
in 0 channels
Get PRO
March '23
+47
in 0 channels
Get PRO
February '23
+40
in 0 channels
Get PRO
January '23
+93
in 0 channels
Get PRO
December '22
+87
in 0 channels
Get PRO
November '22
+64
in 0 channels
Get PRO
October '22
+67
in 0 channels
Get PRO
September '22
+76
in 0 channels
Get PRO
August '22
+831
in 0 channels
Date
Subscriber Growth
Mentions
Channels
07 December0
06 December+2
05 December+1
04 December+1
03 December0
02 December+2
01 December+1
Channel Posts
Qaammee 4 Jalqabbii Olka'iinsaa!!! Hidha Haaromsi Guddichi Itoophiyaa Laga Abbaay xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uutti kan gammaddan ta'uu jiraattotni godina Arsii himan. Bu'uruma kanaan jiraattotni aanaa Leemmuufi Bilbiloo eebbifamuu hidha Haaromsa Guddicha Laga Abbaay sababeeffachuun gammachuu isaanii hiriira deeggarsaatiin ibsataniiru. Aanichatti guyyaa olka'iinsaa bu'ura gochuun pirojektootni misoomaa garagaraa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuf hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf qaqqabaniiru. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir Hidha haaromsi Guddichi Itoophiyaa pirojektii hirmaannaa hawaasaatiin ijaarame olkaa'insa biyyattii adunyaatti mul'iseedha jedhan. Hawaasni godinichaa sadarkaan jiru pirojektii qindoominaafi tokkummaa sabaafi sablammootaa daraan cimsuu bira dabre guddummaa Itoophiyaa mirkaneesse ijaaramee xumuramuu isaa keessatti hirmaannaa bakka bu'ummaa hin qabne bahachuus ibsaniiru. Pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa ijaaramuun tajaajila kennuu eegalanis ummatni kunuunsa gochuun ittifayyadamuu akka qabus dhaaman. Bulchaan Aanaa Leemmuufi Bilbiloo Obbo Zawuduu Taarikuu guyyaa jalqabbii olka'iinsaatiin pirojektoota bu'uraalee misoomaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuun fayyadamummaa hawaasaa milkeesuu danda'an eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'uun carroomuudha jedhan. Hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ifaajee hawaasaa hundaan ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'uu isaattis gammachuun kan itti dhagame ta'uu himan. Pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa hojjatamuun tajaajilaaf banaa ta'anis rakkoolee bulchiinsa gaarii gaafachaa turan kan furuuf ta'uus himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391

2
+5
No text...
1 291
3
Qaammee 3 Guyyaa Oomishtummaa!!! Godina Arsii aanaa Digaluufi Xiijootti qaammee 3 guyyaa Oomishtummaatiin kilaastarri kunuunsa omisha misooma qamadii daaw'atameera. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti lafti hektaara kuma 900 ol omisha midhaan garagaraatiin misoomaa jiraachuu himuun,kana keessaa immoo afti hektaara 750 qamadiin kilaastaraan facaafamee misoomaa jira jedhan. Guyyaa Omishtummaa sababeeffachuun qonnan bultootni omisha kilaastaraan facaafamee misoomaa jiru daaw'achuun cinaatti muuxannoo gahaa argachuun omishaafi omishtummaan qonnaa dachaan dabaluu akka danda'uuf kutannoon akka hojjataniif kan gargaaruu ta'uus himan. Bulchaan aanaa Digaluufi Xiijoo Obbo Mahaammad Abbishuu aanichatti lafti hektaara kuma 48 omisha midhanii garagaraatiin misoomaa jiru keessa lafti hektaara kuma 30 kilaastara qamadiitiin facaafamee kunuunfamaa jiraachuu himan. Birmaddummaa biyyaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan qonnaarratti xiyyeeffannoin hojjachuun gahee bahachaa jiraachuus himan. Tekinolojii qonnaa guututti fayyadamuun gurmaa'anii kilaastaraan facaasuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabaluu kan taasisu ta'uu himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
1 356
4
+4
No text...
1 051
5
Hawwattummaafi miidhagina magaalotaa akka dabalu gochuun cinaatti giddugala daldalaafi turizimii gochuuf hojjatamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Misooma Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa beeksise. Bu'uruma kanaa godina Arsiitti,Inistiyutiitiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa akkaataa magaalota pilaaniin bulchuun danda'amurratti qooda fudhattoota wajjiin marii gaggeesseera. Iddoon magariisummaa,industirii,investimentii adda bahe misoomuu dhabuun,wal harkaa fuudhiinsa daangaarratti rakkoon jiraachuufi lafa magaalotaa qindoominaan daangeessuu dhabuun rakkoo pilaaniin hogganamuu dhabuu magaalotaatiin hanqini uumamaa turuun ibsameera. Ittigaafatamaan Inistiyutiitii Pilaanii Magaalota Oromiyaa damee Kibbaa Obbo Kaliifaa Haaruun pilaaniin magaalotaa bifa iftoominaafi qulqullina qabuun akka raawwatamu gochuun badhaadhina diinagdee magaalotaa mirkaneessuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Magaalotni pilaaniin akka hogganaman gochuun giddugala diinagdee taasisuuf hirmaannaa ummataafi qindoominaa sekteraalee cimsuun hudhaalee gurguddoo qindoominaafi tokkummaan furuuf karoorfamee hojjatamaa jiras jedhan. Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa mootummaan tarsiimoo misooma magaalaa diriirsuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf kutannoon hojjachaa jiraachuu himan. Haaluma kanaan magaalota godinichaa miidhagsuufi hawwattuu gochuurra dabree maddootaa galii taasisuurrattis xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu himan. Magaalotni hundi pilaaniin hogganamuun qisaasama lafaafi qabeenyaa hir'isuuf karoorfame hojjatamaa jiras jedhan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
1 386
6
+4
No text...
1 533
7
Koreen ogeeyyii waajjira paartii badhaadhina damee Oromiyaa aanaalee godina Arsii keessatti duub-deebii deeggarsaafi hordoffii hojiilee kenna tajaajila lammummaarratti gaggeessaa turanirratti qooda fudhattoota sekteraaleetiif dhiyeessuun irratti mari'atameera. Godinichatti hojiileen kenna tajaajila lammummaa aanaalee,gandootaafi sekteraalee mootummaa keessatti hojjatamaa jiran aantummaa ummataa kan mirkaneessan ta'uun ibsameera. Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa inisheetiivii humnoota waloo kan ta'e kenna tajaajila lammummaatiin hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa milkeessan hedduun hojjatamaa jiraachuu himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
1 268
8
+4
No text...
1 176
9
Kabajni guyyaa torbee Harma Hoosisuu Haadholii sadarkaa Naannoo Oromiyaatti godina Arsii Aanaa Doddotaatti kabajame. Kabajni torbee harma hoosisuu akka adunyaatti yeroo 3ffaaf akka biyyaatti yeroo 17ffaaf dhaadannoo"Harma Hoosisuuf Dursa Kennuu;Sirna Deeggarsaa Ittifufiinsa qabu Uumuu"!jedhuun bakka hoggantootni sadarkaa garagaraa abbootiin gadaa,haadholiin siinqeefi qooda fudhattootni argamanitti kabajameera. Sagantichi Sirna Deeggarsaa Ittifufiinsa qabu Diriirsuun Harma Hoosisuu Haa jajjabeessinuu jedhuun Adoolessa 25-01 bara 2017tti sadarkaa naannoo Oromiyaatti iddoowwan garagaraatti kan kabajamu ta'uunis ibsame. Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa quucarummaa daa'immanii hambisuun dhaloota fayyaqabeessa horachuuf harma hoosisuun cinaatti kunuunsa gahaa gochuun murteessaa ta'uu himan. Hogganaa ittaanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Tasfaayee Kabbabaw harmi haadhaa nyaata guutuu fayyummaafi maadala guddinaa daa'immanii eeguu ta'uu himan. Harmi haadha,haati immoo bu'aa dhaloota horachuuti kan jedhan Doktar Tasfaayeen Haati fayyaa guutuu argachuu bira dabree gammachuufi jaalala kan argattu yoo daa'ima harma hoosifte qofas jedhan. Ministeera Fayyaa Federaalaatti Qindeessituun Sirna nyaataa aadde Hiwoot Darsaanee daa'immaan karaa guutuu ta'een harma hoosisuurra dabre nyaata madaalawaa akka argatan gochuun qucarummaa hambisuuf qooda fudhattootni qindoominaan hojjachuu qabus jedhan. Fayyummaa eeguurra dabree quucarummaa daa'immanii hambisuuf akka gorsa ogeeyyii fayyaatti harma seeraan hoosisuufi kunuunsa gochuurratti kan hojjatan ta'uu haadholiin dubbatan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
1 015
10
+6
No text...
1 039
11
Kenni tajaajila lammummaa duudhaafi aadaa wal gargaarsaa sirna gadaa oromoon rakkataa ittiin deeggaruudha. Bu'uruma kanaan Aanaa Sirkaatti kenna tajaajila lammummaatiin namoota harkaqal'eeyyiif deeggarsi akaakuu garagaraa qarshii miliyeena 12 oliitti shallagamu taasifame. Aanichatti kenna tajaajila lammummaatiin namoota harkaqal'eeyyiif meeshaalee barnootaa,uffata halkanii,midhaan nyaataa, raaddeen,hoolota,re'ootaafi beeyladootni tajaajila fee'iinsaatiif oolan deeggarsaan kennamiiru. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti ganna kana kenna tajaajila lammummaatiin deeggarsi namoota harkaqal'eeyyiifi taasifamu cimee ittifufuu himan. Hawaasni sadarkaan jirus deeggarsa argate bu'uru gochuun caarraa hojii argatetti fayyadamuun hojjatee of jijjiiruu akka qabus dhaaman. Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee godina Arsii Obbo Darajjee Abarraa badhaadhinii aadaa,duudhaafi seenaan dabe bakkatti akka deebi'u gochuun hawaasaa aadaa wal gargaarsaa amaleeffate horachuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Bulchaan Aanaa Sirkaa Obbo Xaahir Amaanoo deeggarsichi hirmaannaa hawaasaafi qaamolee garagaraatiin meeshaaleen akaakuu garagaraafi beeyladootni bitamuun kenna tajaajila lammummaatiin harkaqal'eeyyiif kan kenname ta'uu himan. Deeggarsi taasifame hojjatanii of jijjiiruuf kaka'umsa kan itti uumee ta'uus namootni deeggarsa argatan dubbatan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
946
12
+9
No text...
894
13
Mootummaan pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa hawaasni gaafatu yeroofi qulqullinaan hojjachuun ittiquufiinsa maamilaa dabaluuf hojjachaa jira. Godina Arsii aanaa Sirkaatti pirojektiiwwan misoomaa garagaraa 17 qarshii miliyeena 100 fi miliyeena shanii oliin hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'an. Pirojektiiwwan misoomaa kunneenis baajata mootummaa,mana qopheessaafi hirmaannaa ummataatiin kan hojjataman ta'uunis ibsame. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti gama misoomaan,hawaasummaafi siyaasaatiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa milkeessuun imala badhaadhinaa saffisiisan hedduun hojjatamuu himan. Haaluma kanaan bara baajataa 2017tti pirojektiiwwan misoomaa garagaraa 1049 baajata mootummaajira,dhaabbilee misoomaafi hirmaannaa ummataa qarshii biliyeena jahaafi miliyeena jahaa oliin hojjataman yeroofi qulqullinaan hojjatamuun tajaajila kennaa jiraachuu himan. Ittigaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee godina Arsii Obbo Darajjee Abarraa mootummaan paartii badhaadhinaatiin hogganamu fayyadamummaa hawaasaa daraan milkeessuuf miiraa ittigaafatamummaa qabuun hojjachaa jiraachuu himan. Bulchaan Aanaa Sirkaa Obbo Xaahir Amaanoo bara baajata 2017 fayyadamummaa hawaasa galmaan gahuuf pirojektiiwwan misoomaa garagaraa 17 qarshii miliyeena 100 fi miliyeena shanii oliin hojjataman tajaajila eegaluu himan. Prirojektiiwwan ijaaramanii tajaajila kennuu eegalanis rakkoolee hawaas-diinagdee qaban kan furuuf ta'uu jiraattotni naannichaa himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
807
14
+7
No text...
803
15
Eenyummaan saba tokkoo seenaa dabreen osoo hin taane,waan har'a hojjateen madaalama; Doktar Mangistuu Baqqalaa,ittigaafatamaa Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Godina Arsiitti bara kana pirojektiiwwan misoomaa garagaraa 1049 qarshii biliyeena 6.6 oliin hojjatamuun tajaajilaa kennaa jiru. Bu'uruma kanaan aanaa Loodee Heexosaatti pirojektiiwwan bu'uraalee misoomaa garagaraa qarshii miliyeena 600 fi miliyeena 37 oliin hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru. Saganticharratti ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa dabalatee hoggantootni sadarkaa garagaraa,abbootiin gadaa,haadholiin siinqeefi qooda fudhattootni hirmaataniiru. Ittigaafatamaan Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa eenyummaan saba tokkoo seenaa dabreen osoo hin taane,waan har'a hojjateen madaalamaa jedhan Mootummaan jijjiiramaa paartii badhaadhinaatiin hogganamu pirojektoota eegalu qofa osoo hin taane,pirojektoota eegalaman qulqullinaan,ariitiifi baay'inaan hojjachuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuu danda'eera jedhan. Hawaasni sadarkaan jirus pirojektoota tajaajilaaf banaa ta'aniif kunuunsa gochuun ittifayyadamuu akka qabus dhaaman. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti bara baajataa 2017 pirojektiiwwan garagaraa 1049 baajata mootummaa,dhaabbilee miti-mootuummaafi hirmaannaa hawaasaa qarshii biliyeena 6.6 oliin hojjatamaan tajaajilaaf banaa ta'uu himan. Pirojektootni hojjatamanii eebbifamanis ummata miliyeena 3.2 oliif tajaajila kan kennan ta'uu himan. Bulchaan Aanaa Loodee Heexosaa Obbo Alamaayyoo Raggaasaa aanichatti imala karoora xiiqii qabame milkeessuun fayyadamummaa hawaasaa milkeessuuf pirojektiiwwan misoomaa garagaraa qarshii miliyeena 600 fi miliyeena 37 oliin hojjataman tajaajilaaf banaa ta'uu himan. Pirojektoota misoomaa garagaraa hojjataman kanarraas kutaaleen hawaasaa garagaraa kuma 352 kan fayyadaman ta'uus himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
884
16
+6
No text...
830
17
Godinichatti Pirojektoota misoomaa rakkoolee hawaasa hiikuu danda'an hojjachuun ittiquufiinsa dabaluun aantummaa ummataa mirkaneessuuf hojjatamaa jira. Jilli ittigaafatamaa Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaatiin durfamu godina Arsii magaalaa Guddattuu Dheeraatti argamuun pirojektoota misoomaa garagaraa eebbisisan. Bu'uruma kanaan magaalaa Guddattuu Dheeraatti pirojektootni misoomaa garagaraa qarshii miliyeena 100 oliin hojjataman eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'an. Haaluma wal fakkaatuun aanaa Doddotaattis waajjirri gurmaa'iinsa caasaa haaraatiin ijaarame tajaajilaaf banaa ta'eera. Kantiibaan magaalaa Guddattuu Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen magaalichatti barana kana baajata idileefi mana qopheessaatiin pirojektoota misoomaa garagaraa 16 qarshii miliyeena 100fi miliyeena lamaafi kuma 966fi 751 oliin hojjataman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'uu himan. Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir godinichatti gaafilee bu'uraalee misoomaa hawaasni gaafatu yeroofi qulqullinaan hojjachuun fayyadamummaa ummata milkeessuuf hojjatamaa jiraachuu himan. Ittigaafatamaan Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa mootummaan hawwattummaafi miidhagina magaalotaa cimsuun madda turizimii gochuun cinaatti bu'uraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa dhugoomsan hojjachaa jira jedhan. pirojektoota bu'uraalee misoomaa hojjataman eegumsaafi kunuunsa gochuun of eeggannoon kan itti fayyadaman ta'uu hawaasni jiraattotni himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
717
18
+6
No text...
841
19
Haroomsa Aadaatiin aadaa,duudhaafi safuu sirna gadaa iddotti deebisuun cinaatti jaalala,tokkummaafi qindoomaa hawaasaa cimsuuf tokkummaadhaan hojjatamaa jira. Godina Arsii Aanaa Honqooloo Waabetti yaa'ii Murtoo Abbootiin Gadaa Sikkoo-Mandoo Hora Laangannoo Dhaddacha Guutaa dabarsee irratti lallabni gaggeeffame. Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee aanaa Honqooloo Waabee murtoowwan yaa'ii abbootiin gadaa sikkoo Mandoo godina Arsii Lixaa Hora Langaannoo dhaddacha Guutaa irratti dabarsan akkaataa hojiirra olchuun danda'amurratti bakka jaarsoliin biyyaa,qeerroon,qarreefi qooda fudhattoitni hirmaatanitti lallaba dabarsaniiru. Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee aanaa Honqooloo Waabee murtoowwan yaa'ii dabarsuun cinaatti qaamolee hidhatanii nageenya hawaasaa booressan karaa nagaatiin akka galaniif waamichaa taasisaniiru. Bulchaan Aanaa Honqooloo Wabee Obbo Hasan Mahaammad murtee yaa'ii abbootii gadaa Sikkoo-Mandoo hawaasaaf dabarsuun duudhaan,aadaafi safuun sirna gadaa Oromoon kaleessa ittin bulaa ture bakkatti kan deebisuudhaa jedhan. Qaamoleen hidhatan bosona keessa socho'aniis waamicha abbootii gadaafi haadholiin siinqee dabarsan fudhachuun karaa nagaatiin galuun nageenya hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee bahachuu akka qaban dhaaman. Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaafi Turizimii godina Arsii aadde Ruqiyyaa Kadiir godinichatti murteewwan yaa'ii abbootii gadaa Sikkoo-Mandootiin dabran karaa guutuu ta'een akka hojirra olaaniif qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himan. Murtoowwan yaa'iin abbootii gadaa Sikkoo-Mandoo dabarsan duudhaafi safuu ummatni Oromoo ittiin hogganamaa ture kan deebisu waan ta'eef hojiirra oolmaa isaatiif kan tumsan ta'uu kutaaleen hawaasaa himan. Odeeffannoo waktaawaa argachuuf Join Telegram channel https://t.me/arsicommunication Facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100066391
875
20
+6
No text...
841