en
Feedback
OBSAA CHANNEL

OBSAA CHANNEL

Open in Telegram
816
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
LUBBU TIYYA😘 Ogummaa jalalaan madaa koo wala'aantee. Eessanan ol jedha  atoo na sakaaltee.     ~~ Manan itti galu mukaan ijaaramee. Hirribaaf gad ciiseen yaada keen qabamee.       ~~~ Xiqqoo akkan rafeen abjuun dararamee. Sagalee ol kaaseen Al tokko si waamee.      ~~~ Police jaalalaan marfameen qabamee. Waanan si jaaladheef hidhaatin galchamee.       ~~~~ Hidhaa keessattillee waa'ee kee jeeqamee. Doctorin na yaaluuf    natti jijjiramee. Onnee koo kessatti si qofatu argamee. ❥︎𝄞➳⃝ ‌ ‌ ‌ ‌ ‌ ‌📸ßmøkë🕊️⃝❥⃟ ᭄❥︎≛⃝🕊️⃝            @WOLALOO_JAALALAA .       @WOLALOO_JAALALAA                @WOLALOO_JAALALAA   @WOLALOO_JAALALAA         @WOLALOO_JAALALAA                 @WOLALOO_JAALALAA             # SHARE             # SHARE             # SHARE ....@obsiilink

Asoosama Gaggabaaboo #Add #Follow #Join #reposted Harmee💔 Baatii sagal garaatti baattee Kunuunsa addaatiin qabdee Silga harma kee naaf laattee Bifaaf namummaa dhabdee! ~ Hidda keerraan dhangi'ame Handhuurrikee anaaf dhiige Daa'imee dacheerra foqoqe Akka hawwikee ka'een fiige! ~ Daa'imee lukaan deemuuf Faana ol-fuutee dhaabdee Tirannaaf tarkaanfii suutaa Bitaaf mirgaan na qabdee! ~ Ciimmaa ani baadhee ka'u Ganamaan ilaaltee dhiqxa Gaafan gama mirgaa taa'u Ati gara bitaatti naaf siqxa! ~ Qaama koo qullaa dhoksuuf Uffata qabdee natti keessee Akka ani utaalee hin cabneef Ana tiksuuf ulaarra teessee! ~ Guddistee lafaa na kaastee Morgaaf lafee wal qabsiiste Soortee manaa na baastee Ijoollummaa na alqabsiiste! ~ Akka ani kufee cabu feetu Sagal mul'attee ana ilaalta Quufee nyaadha hin seetu Imimmaan jaalalaa calalta! ~ Qajeeltoo yaadaaf amalaa Gorsa haadhaatiin kuultee Hamaaf hammina dhiistee Gaarummaaf gaarii tuultee! ~ Soorata dhala kee soortee Lafeef foonkoo jabeessita Dhihaaf barii lafaa joortee Jiruuf jireenya addeessita! ~ Qannoof qananii hawwitee Duubaa fuulduraatti raagda Daandii jireenyi qaawwitee Obsumaan obsitee saagda! ~ Sabbataan garaa hidhattee Waanuma hin jirres obsitee Abdii boruu galaa godhattee Dafqakee addaan cobsitee! ~ Akkuma halagaa natti taatu Garaankee fedhuum sarmee Jireenyakoo keessaa baatu Madaala hin qabdu Harmee! ~ Oolmaa danuu narraa qabda Gatii narraa nyaatta teessee Anikeevsin jaaladha giiftii koo Umrii dheertuu buli deessee! ♦Barreessuun itti fufa! ♦Balleessuun itti cufa @obsiilink

"Yeroo biiftuun lixxu Tabbarran dhaabbadha Yeroo diimtuun diddu Magaalleen jaalladha..." Jechaati deema Kophaa isaa Gama galgalaa If-hasaasaa Lixa biiftuu Dhaabbatee eegee Dukkanatti Ifa dagee Hoggaa ja'u "Diimtuun diddu, Magaaltittiin kusheedha" Filannaasaa keessatti Lamaansaanii Dumbusheefi buskuteedha! ~~ Lixa biiftuu Kan galgalaa Sitti ka'a Miirri jaalalaa Diimtuun dhuftus Dumbusheedha Magaalleenis Bar khusheedhaa, Sooratuufi soora isaa Itti bahuuf Miira isaa! . JOIN ...YAADAF @obsamen .. . @obsiilink

Maliif yaadan badda Utuun an siif jiruu Bar an sin jaalladha Maa akkas tata garuu Yaadanis qabamte Yoo ati qalbii cabdu Nan jaallatu seete Yoo abdii narra dhabdu Lakki akkas miti Sin jaalladha ani Maloo qalbiin hin cabde Onnee koo hin raasinii Jaalalan siif qabu Utuu beekte silaa Akka ilmoo dhabatin Ija kee ilaala Waa ati dhiphattu Tokkoyyuu hin barbadu Yaada garii malee Haama sitti hin yaadu Credit ( ) ..... @obsiilink

Akka baraa malee Akki garaa ta'aaree? Hiriyaa yoo dhaban Jiruun hiika qabaaree? ~~~~ Nan danda'a je'een Jiraachuu jalqabee Akkan yaade garuu Argachuun dadhabe ~ Jaalala baraa tanaaf Maafan yeroo gubaa? Je'ee of gaafadhus Deebii maalin qaba ~ Akka baraa malee Akki garaan tahuu Yoo jaalalaa malee Namni waliin nahu ~ Dhugaan yoo jiraatte Dubri beeytu jaalala Deemeeti barbaada Yoo jiraattes halaala ~~~~ Dubra sobuun beeyne Tan qabdu naamusa Harka baneen eegaa Gartan na fuusisaa ~ Ililliin birraa daraare Margis nuuf marge Jaalala dhugaatiin Barbaada yoon arge ~ Dubra naman quuyne Jechaaf gochisiidhaa Yoon arge nin fuudha Gabbaree warrasiidhaa ~~~~ Na waliin jiraachuuf Fedhii yoo qabaatte Keeysaan na dubbisti Dubbii Ciro dhumte ~ Barreeysaan✍️ @obsamen .......JOIN ..... @obsiilink

Jaalalli si muudee Onneen koo suma feeti Qalbiin kee of jaalattuun Jaalala gabbarsa seeti Jabinni kee anarratti Laafinni koos kara keeti Si barbaaduf sitti deemus Qalbiin keemmoo gama ceeti Tulluurra teesse Holqa kunuunsuu yaadda Ana miliquuf jettee Waan gatte barbaadda Gola jaalala siif kennetti Har’a aarin margee Ilaalen si dhiise Jibbamuu koo argee! Amma addaan galle Sichi wal hinbeeknu Nagaatti jaalallee Yeroos hin wareegnuu!🙏 .... ... @obsiilink

#Kayyoo_Galmaan_Ga'uufi Dirri gargar hiramee Dhiigni koo ta'e booruu Faanni na ciramee Kaayyoof osoon jooruu Dafqi dhiigaan wajjin Narraa yaa'e qaamaan Natti hammaatte bajjiin Ifu dide dhaamaan Jiruu qilleensa gubbaa Jiraachuun koo filadhee Rakkoof ta'ee dhubbaa Gadadoo hiradhee Dhangaa sareen didde Sooraaf fudhee nyaachuuni Waanta barri fidde Tole jedhee baachuuni Meeqa jabaa cobsuun koo Qalmaaf ta'uun laayyoo Qeeqa gabaa obsuun koo Galmaan ga'uufi kaayyoo ✍️... @Sabaa_Ifaa #JOIN_AND_SHARE 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 💎💎💎💎💎💎💎💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎@obsiilink💎💎 💎💎💎💎💎💎💎💎

Toora galchee hanqinakee Jibbaa keetiif kan ragaduu Arguu fedhee rakkinakee Siballeessuuf kan sagaduu Dhoksees ta'u ifa baasee Simiidhuuf kan sitti fiiguu Galma kankee hunda raasee Godookee kan sitti diiguu Boolla qotee gad fageessee Simiidhuudhaaf inni kaatuu Booda goree kan jabeessee Hidhii isaa sitti nyaatuu Hin jiraatu nagaa ta'ee Shirri isaaf dalagaadhaa Sijibbinaan lafaa ka'ee Fira ta'us alagaadhaa Isaaf kun hamma tooftaatii Hin milkaa'uufi deemsisaa Jireenyi harka gooftaatii Gubataa hafa keessisaa Hin deemin hammeenya baataa Gaafas raafamtee hin cabduu Keessa keef nageenya laataa Waan facaafatte hin dhabduu #JOIN_AND_SHARE 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 💎💎💎💎💎💎💎💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎@obsiilink💎💎 💎💎💎💎💎💎💎💎

#Ani Baayyeen si jaalladha Hin fedhu si dhabuu Kan biraa jaallachuuf Onnee lama hin qabuu Waadaa gaafa duraa Hunduma isaa eegee Onnee koo qulqulluun Jaalalaaf wareegee ~ #Ati_immoo! Jaalalaan siif qabuu Qoosaatti lakkooftee Gola onneeke keessaa Jaalala koo ooftee Yaadni kee na jeeqee Gaafa haalli cimtee Sin barbaadu yoomuu Jettee natti himtee ~ #Egaa Utuun siif dhippadhuu Halkan guyyaa ciisee Utuun si jaalladhuun Siif dhiisee si dhiisee..!.. ... @obsamen ... .... @obsiilink

Jaalalli si muudee Onneen koo suma feeti Qalbiin kee of jaalattuun Jaalala gabbarsa seeti Jabinni kee anarratti Laafinni koos kara keeti Si barbaaduf sitti deemus Qalbiin keemmoo gama ceeti Tulluurra teesse Holqa kunuunsuu yaadda Ana miliquuf jettee Waan gatte barbaadda Gola jaalala siif kennetti Har’a aarin margee Ilaalen si dhiise Jibbamuu koo argee! Amma addaan galle Sichi wal hinbeeknu Nagaatti jaalallee Yeroos hin wareegnuu!🙏 👇👇👇 ... .... .... @obsiilink

BAACOO AJAA'IBAA Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo tokko jaallatee mana isaanii yoo deemu isheen abbaa ishee waliin mana isaanii balbala jirti. #INTALA : Obboleesso maal barbaada dhufte? #GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu barbaadeen dhufe, ni qabdaa? #INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait me at the door i will come' jedhu qaba. #GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba '‛ok, Please come quickly' jedhamuhoo qabdaa? #INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'Ok Well, I'll come right now my sweet' jedhus nin qaba jetteen. #ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baay'ee cimtuudha, barana 1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfatte malee. #INTALA : kitaaba kam dagadhee Abbaa koo? #Abbaa: kitaaba isa "I am not stupid I can understand everything what you are talking about" kan jedhu dagatte malee... jedheen... 😀😂jedhama.       ═══════════   ┗━━━  ━━💞━━  ━━━┛             #𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰                  𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬 ...... @obsiilink

Gidduutti sirba Ibiddoo Galaan har'a lakkifame kana yaadadhe! “Wallaale-hoo..... kan kee wallaalee.... Naa galuu dide yaa shoolee... Babbareeddee yoo jettu Shaa-shambaa...... Jaalalaan na teesse Onnee gubbaa! Beellamtee;akkasheen hin dhufne beekaa, Dhufaan jira jettee;hafeen jira jettee.... Namaan na da'attee, ... Maaloo.....maaloo.... Onneen na galattee.... Lubbuun na taphattee, Jaaloo......jaaloo... Maal abbaashii.....maal abbaashii... Maa namaan taphatti ishiin..... Maaf anaan taphatti ishiin...!” Sibicha akkaan jaaladheera! Qoosaaf walaloo sirba Ibiddoo Galaantu waliin laaqamee dhiyaate! Orooliyaanaa Margaa Naggasaa (OMN) Biyya Oromoo....Oromiyaa....Amboo.......Jibaat....!. .....YAADAF @obsamen ...... @obsiilink

Fakkeenya si godhannee Keessaa baane qilee Ergamaa rahamataa Kan rabbiin nu filee. Mallattoo obsaaf jaalala Michuu xiqqaaf gu
Fakkeenya si godhannee Keessaa baane qilee Ergamaa rahamataa Kan rabbiin nu filee. Mallattoo obsaaf jaalala Michuu xiqqaaf guddaa Onnee teenya keessa Jirta yeroo hundaa. Beekkumsa amanti Beekkumsa namummaa Barre barsiifne akka taanu Waardiyaa haqummaa. Himuu sin dhoowwine qarqabni Karaan dhugaa rakkoo akka qabu jalqabni Osoo si jibbuu namni Akka sirra jiru beeyta dirqamni. Waan sirra ta’u obsitee Dhaloota dhalootatti erga dabarsitee Gaaddisa islaamaa tolaan magarsitee. Qoricha doofummaa ergamaa rahamataa Sirratti ni buufna hogguu salaamataa. Rabbittu si nuuf kannee Karaa keetirra gammachuu argannee. Hogguun si yaadanne fagoo nu dhihaata Yaa rasuula rabbii wal arginaa laata. Ijumaan si arguu hawwiin keenyaa Rahamata rabbiitin caaya numa teenya. Sallallahu alhi wasallam. @obsiilink

Rasaasa moo basaasa Kamtu gargar nu baasa Ololamoo dhukaasa Abbaan fedhe basaasuu Kan du'e boollaa kaasuu Miisaa'ela dhukaasuu Naaf siingargar hin baasu Haa baratu hunduu kana Ani si'i situ ana Nuti wali nafa tokko Shanis miti nama tokko Haa dhama'u kan dhama'u Tokko hiruu hin danda'u Yaala malee fiixan ba'u Gara kutii jecha dhumaa Anaaf ati kennaadhuma💓 ......@obsiilink

Jalallee koo....! Ati naaf kennaadha Kennaa gatii jabaa Addunyaa kanarraa Tokkittii keen qabaa Sin jaalladha malee Sittin yaadu dabaa Siif jecha miidhamee Siif jecha nan cabaa An egaa yoomiyyuu Si dhabuu hin fedhuu Ati Onneef tiruu koo Moo lubbuuko jedhuu Siif garaa hin muruu Akkamittan muraa Rakkoo jiruu kootii Harka keetu furaa Koo ta'uu kee baree Ijaan si ilaalladhee Wanta hundaa keessa Bagan si jaalladhee       ═══════════   ┗━━━  ━━💞━━  ━━━┛             #𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰                  𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬                  𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬           🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹 @obsiilink

Onneen koo sumaafi Kan balbala banuu Garaan koo si malee Orma hin amanuu ~ Afaan koo waa'eeke Odeesse hin quufuu Godoon jaalala koo Dadhabee hin duufuu ~ Osoo garaan hiriin Irraan gadeef gaaraa Miilli koo siif jedhee Daandiirra marmaaraa ~ Jaalala siif qabuu Gochaan kan ibsatuu Simboo keef iji koo Tasuma hin libsatuu ~ Walakka onnee koo Jaalalan hidditee Qaama kiyya hundaa Seentetta boojitee......❤️ Follow Godhaa💚🙏🙏 .....@obsiilink

Hidhii basaq goote Seeqxee yoo kolfitu Si dheebotti onneen    Tiyya sin obsitu Simboon Kee adduma Silaan qabdu qixxee Mana ijaartee jirta Onnee tiyya lixxee Mee akkam godhuree Na hubattaa laata..? Si gaafachuuf yaadeen Garaa koo na nyaata Baasee sitti himachuuf Qalbii na sakaalaa Deebii keen sodaadhe Misaa'elii caalaa Akkan ishee jaaladhu Firaaf orma dhoksee Bara baay'een taa'e Na ha dhiisuuf obsee Hin dandeenye ani Amma kana caalaa Wanta feete haa jettu Itti himeen ilaalaa! @obsiilink      ═══════════   ┗━━━  ━━💞━━  ━━━┛             #𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰                  𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬                  𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬           🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹           🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹      Http://t.me/wolaloo_jaalalaa

Fuul-dura koo naannoftee Yaanni kee na muraa Narratti haangoftee Hin dabdu na duraa Qliinnesi foolii kee fidee Sammuu koo na raasa Garaanis obsuu didee Hirribaa na kaasa Yaaddoon kee natti danatee Mar'imaan koo na gubaa Ulaa yaadaa banatee Ammaaf amma na hubaa Guggubdee na waaddee Natti danfita keessoorraa Yaadaan natti of dhaaddee Ol na kaafta teessoorraa Arrabni koo si waamee Boqonnaa na lagaa Keessaa natti si dhaamee Na dhorkkata nagaa Hiree jiruun imalee Bakka ati hin jirree Naaf hin taane simalee Na dhowwate hirree Yaanni kee na joorsee Na teessisaa hin jiruu Huumna koos yoon qoorse Siifan dhufa tiruu ✍️... @Sabaa_Ifaa #JOIN_AND_SHARE 👇👇👇👇👇👇👇👇👇 💎💎💎💎💎💎💎💎💎 💎💎@obsiilink💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎@obsiilink 💎💎 💎💎💎💎💎💎💎💎

۞۞ ۞۞ Karaa dheeraan deema galmi koo fagoodha Kaayyoo jabaan qaba abjuun koo guddaadha Gaafa kaayyof baatu qoreen ni baayyata Waa alaa waa manaa hundumtuu qormaata An garuu kutadhee jalqabeera deeemsa Qoreen waraanamaa dhukkuba koo obsaa Ilaali ija koo sodaa takkaan qabu Humni namaa kamuu tasayyuu nan dhaabu Galma koo ga'uudhaf deemsi itti fufa Barri baraan darbee dukkanni ni ifa kayyoo kiyyaaf jedhee nan ta'a waan ta'u Duta sareef jedhee mormi koo'n naanna'uu Waca gandee ammoo gurri koo'n dhaga'uu ☆☆☆☆☆☆☆☆☆ @obsiilink @obsiilink