en
Feedback
𝐀𝐛𝐬𝐞 𝐆𝐎 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥

𝐀𝐛𝐬𝐞 𝐆𝐎 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥

Open in Telegram

𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐡𝐞𝐝𝐝𝐮𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐝𝐡𝐮 https://t.me/AbseTv

Show more
700
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-730 days
Posts Archive
Leenjiin marsaa 4ffaa duree 'Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf" jedhu irratti miseensota sektaraalee hojjattoota mootummaatiif kennamaa jiru akkuma itti fufetti jira #Onkoloolessa27,2017 Godina Harargee Bahaa Aanaa Gooroo Guutuutti Leenjiin mata duree 'Humna Abjuu Guddina Amansiisaaf" jedhu irratti miseensota sektaraalee hojjattoota mootummaatiif kennamaa jiru waaree boodas sadarkaa tuuta tuutaatti gaggeeffamuu akkuma itti fufetti jira.

Miidhagaaf bareeda Faaya akka meetaa Iftuu ganama barii Mi'ooftu akka asheetaa Midhagduu dhumbushbusha Taliila keessaaf alaa Ogeettii bayeettii Rakkoo tiyyaaf falaa Biiftuu birraa barii Yaa ifa jireenyaa Simboo qabeettii durbaa Siitu naaf qabeenyaa Maree koo marartuu koo Yaa ishee akka kumaa Homtuu gargar nun baasi Jiruu koo hanga dhumaa.

Silaa, anis koon jiraadha Atis kee jiraattaa Gaafa naaf qajeele - gaafa natti tole Maaliif hidhii nyaattaa? Sababa an guddadheef Ati ni xiqqaattaa? Waaqarraa kennamawoo Carraan dhala namaa Kan keerraa hir’atee Anaaf dabalamaa? Yommuu ani kolfu Garaan kee maaf aara? Aannan keen dhuga moo Gumbii keen hammaara? Bakka kiyya teessaa? Marga kiyya dheeddaa? Gammachuu ofii kee caalaa Gadda koo maaf eegdaa? Yoon rakase malee Ati horii hin taatuu? Gaafan kufe malee Ati ol hin kaatuu? Tuuu….! @Absereact

Silaa, anis koon jiraadha Atis kee jiraattaa Gaafa naaf qajeele - gaafa natti tole Maaliif hidhii nyaattaa? Sababa an guddadheef Ati ni xiqqaattaa? Waaqarraa kennamawoo Carraan dhala namaa Kan keerraa hir’atee Anaaf dabalamaa? Yommuu ani kolfu Garaan kee maaf aara? Aannan keen dhuga moo Gumbii keen hammaara? Bakka kiyya teessaa? Marga kiyya dheeddaa? Gammachuu ofii kee caalaa Gadda koo maaf eegdaa? Yoon rakase malee Ati horii hin taatuu? Gaafan kufe malee Ati ol hin kaatuu? Tuuu….!