en
Feedback
Islaamummaa 100%

Islaamummaa 100%

Open in Telegram

لَقَدْ جِئْنَاكُم بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَكُمْ لِلْحَقِّ كَارِهُونَ dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turre, Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.

Show more

📈 Analytical overview of Telegram channel Islaamummaa 100%

Channel Islaamummaa 100% (@daaru_salaam1) is an active participant. Currently, the community unites 18 121 subscribers, ranking 5 077 in the Religion & Spirituality category and 727 in the Finland region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 18 121 subscribers.

According to the latest data from 03 June, 2025, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by -183 over the last 30 days and by 0 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 0%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects N/A% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 0 views. Within the first day, a publication typically gains 0 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 0.

📝 Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
لَقَدْ جِئْنَاكُم بِالْحَقِّ وَلَٰكِنَّ أَكْثَرَكُمْ لِلْحَقِّ كَارِهُونَ dhugumatti, Nuti haqaan isinitti dhufnee turre, Garuu irra baay’een keessan haqa jibbitoota turtan.

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 04 June, 2025), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.

18 121
Subscribers
No data24 hours
-197 days
-18330 days
Posts Archive
Oso sahaabonni bara kana kessa jiraatan ibaadaa kam irratti baay'inaan kan hirmaatan isinitti fakkaata?
Anonymous voting

Chaannel kenya jaallatamaa fi barbaadamaatti seenudhaaf 👇👇 👇👇 https://t.me/Haq_Ibsa4 https://t.me/Haq_Ibsa4

Islaamummaa har'a hordoofnu kana oso sahaabaan durii hordofan ta'e silaa wallaahii... - silaa bilaal dirree gogaa sanirratti aafame dhagaan irraan hin ka'amu ture. - silaa khubayb ibnu Addiiy osoo lubbuun jiru foon isaa irraa hin cicciramu ture. - silaa adeerri rasulaa hamzaan garaan isaa tarsa'e tiruun isaa hin nyaatamu ture. ...silaa.. silaa... arsaa sahaabonni islaamummaaf kaffalan sana hin kaffalan ture. Islaamummaan isaanii islaamummaa kenyarraa adda ture. Islaamummaan duurii akkasitti arsaa kafalchisa ture....eegaa islaamummaan kenya har'aa maal ta'eeti jenne of haa gaafannu. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Kan anii jedhu... Oso ergamaan Rabbii ﷺ ykn sahaabonni isaanii bara kana kessa jiraatan ta'e.... - koree majilisaa kessatti miseensa ta'anii motummaa abiyy jala hojjatu?? - waggaa filannoon dimokraasii gaggeeffamu eeggatanii paartiiwwan kessaa paartii tokko filachuuf kaardi filannoo baafatu? - lafa masjiidaa, mirga uffannaa dubartoota islaamaa, mirga salaataa fi gaaffiwwan muslimotaa  balbala motummaa bira dhaqanii kadhatu ykn waraqaa qabatanii karaa gubbaa hiriira nagaa ba'uu? - muslimoota gazzaa fi muslimoota Adunyaa irratti akkana ajjeefamaa fi dararamaa jiran argaa  afaaniin balaaleffachu fi hiriira bahun alatti tarkaanfii biraa hin fudhatan jettani yaaddu?? mee gaafiwwan akkanaa fi kkf of gaafadhu  yaa nama ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa akka hordooftu falmiitu!! https://t.me/DAARU_SALAAM1

عن ابي هريره رضي الله عنه قال: قال رسول الله ﷺ : "إن الله تعالى قال: من عادى لي وليا فقد آذنته بالحرب. وما تقرب إلي عبدي بشيء أحب إلي مما افترضت عليه، وما يزال عبدي يتقرب إلي بالنوافل حتى أحبه، فإذا أحببته كنت سمعه الذي يسمع به، وبصره الذي يبصر به، ويده التي يبطش بها، ورجله التي يمشي بها، وإن سألني أعطيته؛ ولئن اسعاذني لأعيذنه Abuu Hureeyraa irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaalatu Ergamaan Rabbii ﷺni jedhe “Rabbii ﷻakkana jedhe: Nama michuu(jaalallee) kootti diinummaa qabu ani isaan loleera. gabrichi koo wanta ani isa irratti dirqama godhe caalaa waan natti jaallatamu tokkoon natti hin dhihaatu hangan isa jaalladhutti. gocha tola ooltummaadhaan Ani yoon isa jaalladhe malee oggas ammoo ani dhageettii isaa isa ittiin dhaga’u, ija isaa isa ittiin argu, harka isaa isa ittiin qabatu ta’a.” luka isaas kan ittiin adeemu, yoo Na gaafate immoo nan kennaaf, yoo na gargaarsifates nan gargaara. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Sabnii kees tahee qabeenyii kee... Lamummaan kees tahee biftii kee.. jannataan sii ga'uus tahe jannata si seensiisu hin danda'u. Amantiin fi Amalli kee garuu riqicha Abidda jahannam ittin ceete jannataan geessu tahu danda'a. Amantii fi Amala keetiif dhimmami. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Mee xinxalii... Sababaawwaan namoonni itti jallatan martu "niiti fir'aawon" bira walgahe ture - badhaadhina - Angoo - masaraa
Mee xinxalii... Sababaawwaan namoonni itti jallatan martu "niiti fir'aawon" bira walgahe ture - badhaadhina - Angoo - masaraa - bareedina Kana hunda garuu dunyaa'rra akhiiraa caalchifatte رَبِّ ابْنِ لِي عِندَكَ بَيْتًا فِي الْجَنَّةِ Gooftaa kiyya! Si biratti Jannata keessatti mana naaf ijaari bara kana garuu Irra hedduun dubartootaa faayidaa dunyaa xixiqqootiif jecha Amantii isaanitirraa yammuu garagalan argama!! https://t.me/DAARU_SALAAM1

Icciitii kee bakkuma lamatti dhiisi ➳mataa keetii fi Rabbii kee gidduutti. Waa lama hin sodaatin. ➳Rizqiidhaa fi du'a. Duniyarra osoo jirani waa lamaan kunuununsi ➳Haadha keetiif Abbaa kee. Dhiphina waa lamaan mo'adhu. ➳Obsaa fii salaataan. Waa lama gonkumaa hin Irraanfatin. ➳Rabbii keefi Aakiraa kee. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Warri  viidiyoo haraamaa Ilaalu gosoota cubbuu hundaaf saaxilama. zambii Ijaa, gurraa, gurraachina qalbiifi k.k.f Rabbiin Qur'aana isaa keessatti akkana jedha. وَلَا تَقْفُ مَا لَيْسَ لَكَ بِهِ عِلْمٌ ۚ إِنَّ السَّمْعَ وَالْبَصَرَ وَالْفُؤَادَ كُلُّ أُولَٰئِكَ كَانَ عَنْهُ مَسْئُولًا Waan beekumsa isaa hin qabne hin hordofin Dhugumatti, dhageettiin argaaniifi onneenis, kun hundinuu isa irraa gaafatamaa ta’eera. Qaama kee kanneen maa'aasiyaa Rabbii keessa oolchinaan, Malaa'ikaan badii kee hunda ni katabu. guyyaa qiyaamaas gaabbiifi adabbiin si eeggata. kanaafuu Obboleewwan Islaamaa hanga dan deenyeen of haa tiksinu. Rabbbiin akkana jedha وَوُضِعَ الْكِتَابُ فَتَرَى الْمُجْرِمِينَ مُشْفِقِينَ مِمَّا فِيهِ وَيَقُولُونَ يَا وَيْلَتَنَا مَالِ هَٰذَا الْكِتَابِ لَا يُغَادِرُ صَغِيرَةً وَلَا كَبِيرَةً إِلَّا أَحْصَاهَا ۚ وَوَجَدُوا مَا عَمِلُوا حَاضِرًا ۗ وَلَا يَظْلِمُ رَبُّكَ أَحَدًا Galmeenis kaa’amee, yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta Ni jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne maaluma!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu Gooftaan kee tokkollee hin miidhu.    Gariin namaa waan duuti ittin dhufne of se'ee  ganamaafi galgala badii keessa gan galachuudhaan, hin Toobatu ykn  Qiyaamaan dhufuu  hin amanu .mee aayata Rabbii kana haa xiinxallu بَلْ يُرِيدُ الْإِنسَانُ لِيَفْجُرَ أَمَامَهُ Dhugumatti namni fuuldura isaa (Qiyaamaa) sobsiisuu fedha. Akka waan Rabbiin Caalaa mala  beekuutti of ilaalee boodarran toobadhafaa kan jedhutu jira أَفَأَمِنُوا مَكْرَ اللَّهِ ۚ فَلَا يَأْمَنُ مَكْرَ اللَّهِ إِلَّا الْقَوْمُ الْخَاسِرُونَ Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu. Kanaafuu Obboleewwan guyyaan kanuma harkaa qabnutu, kan keenya waan ta'eef, Viidiyoolee haraamaafii  cubbuu hundarraa Rabbitti haa toobannu https://t.me/DAARU_SALAAM1

Mallattoolee qiyaamaatiif kanneen dhaloonni harraa tafsiira ta'e.waan waggaa kumaaf dhibba afuriin dura Rasuulli ﷺ jedhetu harra nurratti ifa baate. 1 Jiruun barakaa dhabe torban guyyaa ta'e, waggaan ji'a ta,e 2 Namni Duuniyaa malee aakiraa dagate. Ibaadaa waajibaata dhiise, duuniyaamayyuu jireenyi hadhaahe 3 Doynummaan baayyatte .dureessi qabeenya doqnoome,addunyaan beekumsa walitti doqnoome wal gabroomfachuu yaaluu malee 4 Qormaatni baayyachuu maa'aasiyaan gurguddaan dirreerratti dalagamuu ,wal saamee,wal hatee jiraachuu. Hanga gadi bahanii ol galuu dadhabanitti 4 Wal ajjeesuun baayyachuu haqaan malee.keessaahuu dhiigni namaa gatii dhabuu https://t.me/DAARU_SALAAM1

Dubartiin walakkaa Dhiiraati malee,Dhiiraan wal qixa miti. 1. Dhaala keessatti: Yoo Ilmi dhibba fudhate, Intalli Shantama fudhatti. 2. Ragaadhaaf: Dubartiin nama lamatu bakka dhiira tokkoo fudhatama. 3. Gumaa: Gumaan Dubartii walakka gumaa dhiiraa kaffalama . https://t.me/DAARU_SALAAM1

فَإِذَا قُضِيَتِ الصَّلَاةُ فَانتَشِرُوا فِي الْأَرْضِ وَابْتَغُوا مِن فَضْلِ اللَّهِ وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ Yeroo salaatattiin xumuramte immoo dachii keessa faca'aa; tola Rabbii irraayis barbaaddadhaa Akka milkooftaniif jechas baay'inaan Rabbiin faarsaa. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Duuniyaan dirree dalagannaati. Aakiraan dirree makarannaati Namni asitti hin dalaganne Achitti gaabbuun hin oolamne https://t.me/DAARU_SALAAM1

Irra hammaataan hiyyummaa afur: Hiyyummaa Diinii (Islaamummaa kan dhabe) Hiyyummaa Aqlii( sammuu yaadu kan dhabe) Hiyyummaa sabrii( obsa kandhabe) Hiyyummaa Namummaa(Nama safuu gate) kan saalfii dhabe. Dhugumatti hiyyoomeera namni kanneen dhabe https://t.me/DAARU_SALAAM1

Garaagarummaa Diktaatorii, Diimokraasiifi Islaamummaa gidduu jiru maali? Diktaatorii; Seerri Kan Xaaguuta abbaa aangoorra jiruu qofa. Diimokraasii; Seerri kan uummataati. Uummanni gadi bahee yoo fedhe Sheeyxaana filata. akkuma harra mullataa jiru. Islaamummaa; Gabbarsuu gabrootaa jalaa gara gabbarsuu Rabbii gabrootaatti nama baafti. kan bulchuufi bulu wal_Qixxeessiti. https://t.me/DAARU_SALAAM1

Haasidummaa (Hinaaffaa) 1 .Raahmata Rabbiirraa nama fageessa .Ibliis gaafa Aadamiin hinaafe,boonee Raahmata Rabbiirraa ari'a me. 2. Wal Ajeesuuf sababa ta'a. Ilmi Aadam Obboleessa Isaa hinaafee Obboleettii isaa bareedduu gaafa inni fuudhu ajjeese. Ajjeechaa har'a namni wal ajeesuuf dhagaa bu'uuraa kaa'e. 3. Yaada Namaa Hammeessa. Obbolaan nabi yuusuf gaafa isa hinaafan yaada hamaa isaaf qabaatanii eelatti isa darban. 4. Kafaruudhaaf sababa ta'a. Yahuudonni gariin Rasuula Rabbii hinaafanii sababa Wahyiin Nama miskiina kanatti bu'uuf haqa osoo laalanii (beekanii) kufrii keessatti dhuman. https://t.me/DAARU_SALAAM1

عن عبدالله بن مسعود رضي الله عنه قال: قال رسول الله ﷺ: " إن الصدق يهدي إلى البر، وإن البر يهدي إلى الجنة، وإن الرجل ليصدق حتى يكتب صديقا. وإن الكذب يهدي إلى الفجور، وإن الفجور يهدي إلى النار، وإن الرجل ليكذب حتى يكتب كذابا " رواه مسلم https://t.me/DAARU_SALAAM1

✍️ 🖤AMALOOTA DUBARTII HAMTUU KEESSAA MURAASA , JAARSA ISIITIIF:🖤 ❌ Arraba dheeratti ❌ Uffata Gabaabbatti ❌ Sagalee jabaatti ❌ Dubbii Xixiqqoo Gugurdifti ❌ Kayrii ni awwaalti ❌ Sharrii Ni Facaafti( Tamsaafti) ❌ Ilmoo Isii ni Beelessiti ❌ Dirqamashee hin baatu(ni dhiifti ) ❌ Yeroo manaa baatu of mimmiidhagsiti ❌ Jaarsa Isii biratti of samsiti ❌ Miidhamashee qofa leellifti ❌ Ulaa Rakkoo qofa barbaaddi https://t.me/DAARU_SALAAM1

✍️ Dubartii , Dubartii Caaltu Jechuun: JAARSA ISIITIIF ❤️ ☑️ Kan Rabbii Ishee jaallattu. ☑️ Kan jaarsa Isii Qajeelchitu. ☑️ Mana Isaa duwwaa kan hin goone. ☑️ Waqtii Shanan Isii kan Salaattu. ☑️ Icciitii mana isii kan qabattu ☑️ Sagalee kan gadi qabattu ☑️ Ilmoo Isii kan quubsattu(hoosifattee) ☑️ Khayirii jaarsa isii kan galateeffattu ☑️ Hamtuu jaarsa isii kan sabartu ☑️ Yommuu Ol seenu fuula kan Iftu(kolftu ☑️ Yoo Inni Itti aare kan baadhattu ☑️ Yoo Inni biraa deeme kan eeggattu ☑️ Yoo Inni qabbale kan jaallattu ☑️ Ayibii Isaa kan dhoksituuf ☑️ Rakkoo Isaa hunda kan hubattuuf https://t.me/DAARU_SALAAM1

✍️ Wantoota Rizqii Namaa ballisan hadiisa Rasuulaa ﷺ keessaa : ➨ Sadaqaa ➨ Fira fufuu ➨ Shukrii( galata)Rabii galchuu ➨ Sodaa Rabbii qabaachuu ➨ Istiqaamaa qabaachuu ➨ Dalagachuun sababaa guutuu ➨ Towbaa baayyisuu ➨ Du'aayii baayyisuu ➨ Rabbi qofarratti hirkachuu(Of gatuu) ➨ Hajjiifi umraa hordofuu ✍️ Yoo sababoota kana hundaa guutte انشا الله Balbalawwan Rizqii Rabbiin siif bana. Risqiin maallaqa qofaa miti . ➽ Fayyaan Rizqiidha ➽ Diiniin Rizqiidha ➽ Ilmaanni Rizqiidha ➽ Nageenyi Rizqiidha k.k f dha. ولله اعلم https://t.me/DAARU_SALAAM1