en
Feedback
JEECHOOTA BEEKTOTAA

JEECHOOTA BEEKTOTAA

Open in Telegram

SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24

Show more
563
Subscribers
+224 hours
+137 days
+5730 days
Posts Archive
photo content

ውጤት ! የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ውጤት ይፋ ተደርጎ ተማሪዎች እና የተማሪዎች ወላጆች ውጤት እየተመለከቱ ይገኛል። ቲክቫህ ኢትዮጵያ እስካሁን ባደረገው ምልከታ እና ከቤተሰቡ አባላት የተላኩት የው
ውጤት ! የ12ኛ ክፍል ብሔራዊ ፈተና ውጤት ይፋ ተደርጎ ተማሪዎች እና የተማሪዎች ወላጆች ውጤት እየተመለከቱ ይገኛል። ቲክቫህ ኢትዮጵያ እስካሁን ባደረገው ምልከታ እና ከቤተሰቡ አባላት የተላኩት የውጤት መግለጫ መልዕክቶች ከላይ ተያይዘዋል። የዩኒቨርሲቲ መግቢያ መቁረጫ ነጥብ እስካሁን ያልተገለፀ ሲሆን በተለያዩ የማህበራዊ ሚዲያዎች የመቁረጫው ነጥብ ይፋ እንደተደረገ ተደርጎ የሚሰራጨው መረጃ ሀሰተኛ ነው። More : @tikvahuniversity @tikvahethiopia

photo content

photo content

photo content

photo content

photo content

photo content

ውጤት ለማየት የተቸገራቹህ ተማሪዎች ከታች ያሉ የግቢ ተማሪዎች ውጤታችሁን ያዩላቹሃል። Registration Number ላኩላቸው👇 Bu'aa kessani laaluf warri rakkatani kaara kannani nuu ergaa koodi fi maqaa kessani 👇👇👇👇 @yohabmam Helu: @Hilutty28 **𝔤*: @Da_gItefe ማኔ ቴቄል ፋሬስ: @Kbminlik1621 иаτиаει♍️: @natnael_e betselot: @betsi2595 👀Ŧø£: @tseid M A: @Muham2113 21: @mariam211223 Dagi: @Classicson12 Ŧø£ĩķ: @Toficho ........: @User656u Ha Mak: @ha9491 Michael Girimay: @Mikilila Henok: @henok_001 Sime: @piyanki Faiza: @Fufuz7 𝐒𝐚𝐦𝐢 𝐓-𝐛𝐚𝐠: @sami_t_bag አብርሐም: @absisopixi Melaku leul: @Melaku_Leul Ⓜ Ⓦ: @mynuma .: @urim20 ariana: @atuti12 E𝓻𝓶𝓲: @Ermaa24 Ⓜuller: @Muller2114 Ehsanullah N: @himopluss E𝓻𝓶𝓲: @Ermaa24 Olinaf: @akaniya Ten Hag: @Amrriiii Ab.... ✞: @Aby2129 Abdurahman Kedir: @hykabk

BEEKUMSA DABALADHU! ┃๛ Namni channel kana keessa jiru carra qabeessa...✍ ┃๛ Namni waa dubbisuu jaalatu beekumsa dabalata! ┃๛ Namni yeroo isaa nu waliin dabarsu ogummaa gonfata! ┃๛ Maatii channel keenyaa ta'aa! Nu waliin turaa!!! ┃๛ Yaadolee fi maxxansa nama gargaaran Qusɑnnɑɑ Tokko mɑlee Isiniif Mɑxxɑnsinɑ! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu! ➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin! ➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari! ➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti! ➎. Miira kee to'adhu malee hin garboominiif! ➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba. ➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba. ➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you! ➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

GORSA •|• Waanan baay'ee si jaaladhuuf ittuma dabaleen si gorfadha! •|• Yeroon waan tokko si gorsu akkan si caalu sitti himuufii miti; akka ati na caaltuufi malee! •|• Waan na hubatteef GALATOOMI!!   @Gaggeessummaa ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Waan itti dhaloonni si waamu osoo hin hojjetin hin jiraatin; seenaa hojjechuuf ka'i! ➋. Namoonni ofiif qofa jiraatanii badhaafaman addunyaa lafaa kana irra hin jirani; ofirra darbanii namootaaf jiraachuudhaan malee. ➌. Waaqayyo uumaa kee caalaa kan sitti aanu hin jiru dhugaa kana quba qabaadhu! ➍. Namoonni hunduu waan barbaadan keessaa waan xiqqoo dhabaniif ani hiyyeessa ofiin jedhu malee hunda dhabee hiyyeessa ta'ee kan jiraate hin jiru; isa hin jirre malee. ➎. Jechoonnii fi kitaabolee dubbisuun qallaba yaadati. ➏. Garaagarummaan nama gidduu jiru sammuu ofiitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhabuu dha malee namni hunduu walqixa. ➐. Wantoota gara fedhetti kan qajeelchu gaaffii miti deebii dha malee. ➑. Rakkina kee nama itti himattu sirriitti sirriitti... nama furmaata siif kennu ta'uu isaa adda baafadhu! ➒. Jijjiirama jalaa miliquu hin dandeessu. ➓. Wanta hunda akka salphaatti ilaaluu fi yeroo gabaabaatti baruu yoo barbaadde kitaaba dubbisi! Muuxxannoo kee irraa baruu dandeessa; garuu yeroo dheeraaf wareegama guddaa si kaffalchiisa. ✧ Sammuu keef hin ajajamin sammuu kee ajaji malee.

Yoo argatte galateeffachuu hin dandeessu taanaan yoo dhabde boo'uu hin qabdu

GATII GAARII OFIIF KENNI!     •|• Ofiif dhimmi!     •|• Yaadaa fi mul'ata keetif eeggannoo barbaachisaa godhi! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. ■ Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? ■ Isheen oftuultuudha siin jedhanii? Inni gara jabeessa siin jedhanii? Eeyyeen, isaan akkasuma jedhu. Kuustuun yaadannoo sammuu isaanii jechoota negatiivii qofaan guutamee waan jiruuf, jechoota isaan gad jijjigsan sanaan haamileen si hin bu'in! Otuu ati isaan fakkaatteetta ta'ee sababii si jibbaniif hin qaban ture. ■ Waan isaan gochuu hin dandeenye gochaa jirta. Lafa abjuu isaanii dursitee gonfattee jirta. Jaallattoota keen jajamuu kee arganii quba of nyaataa jiru. Daandii ittiin gara qileetti si darbatan dhabanii rakkatan. Kanaaf si jibbu, kanaaf jechoota negatiivii sirratti haasawu. ⁃ Yeroo ati haasaaf kaatu gurra qabatu! ⁃ Yeroo si argan daandii sirraa jal'ifatu! ⁃ Carraa eeggatanii sobaan dhugaa sirratti bahu! ⁃ Biqiltuuwwan kee irraa amma danda'anitti burqituuwwan gogsuuf yaalu! ⁃ Isaan wallaalota, ⁃ Isaan jibbitoota, ⁃ Isaan warra kufaatiif mallatteessaniidha. ⁃ Isaan koree jibbiinsaati, ⁃ Isaan gurmii mul'ata sakaalanidha. ➾ Ati immoo abbaa kaayyooti, ➾ Ati immoo abbaa mul'ataati. ➾ Ati nama yaada mataa kee hordofuun galma kee isa guddaa sanaaf aggaamudha. ● Maalif isaan dhaggeeffattaree? ● Maalif jechi isaanii kaayyoo keetti shakkii uumuree? ● Maalif miirri kophummaa sitti dhagahamaree? ● Maaf miira jibbamuu keessummeessiftaree? ● Maalif kolfa gowwummaa isaaniitti aartee of miitaree? ● Maalif ofitti banbanuun karoora isaanii milkeessitaafiree? Isaan hin dhaga'in! Daandii sirrii irra waan jirtuuf itti fufi! Baay'ina jibbitoota kee hin lakkaa'in! Gochaa gowwootaatti hin aariin! Fuuldura isaaniitti fuula kee hin gurraachessin! Atiif isaan dachee tokko irra jiraattu malee addunyaa tokko keessa hin jirtan.

💥Nama kamiifuu jibba hin qabaatin. dhugaadha namni waan ati hin feene sirratti hojjachuu danda'a! 💥Jecha ati hin feeneen si tuquu danda'a! Garuu gonkumaa isatti qiimii hin qabatin hin jibbin hammeenya fi jibba isaa san Jaalalaan mo'adhu akkasumas Dhiifamatti jijjiiriif nageenya sammuu argatta waan ta'eef.👌  

Dhugaalee kanneen HUBADHU! •┃• Share Godhi! ▬▬▬▬▬▬ ➊. Mul'ata, karooraa fi qophii sirriidhaan addunyaa kana jijjiiruu dandeessa. ➋. Waan dursiteef qofa dursaa ta'uu hin dandeessu, eenyummaa keetu murteessa. ➌. Addunyaa kana irraa namoonni baay'ee barbaadaman namoota rakkinaaf furmaata qajeelaa fidanii dha. ➍. Namooni galma isaanii beekan tasa harka hin kennan. ➎. Sanyii haammachuu barbaaddu akka maasiitti yaada namootaa irra facaasi, Sanyiin hunduu biqilee ija godhachuu baatus sanyii facaafte argachuun kee hin oolu. ➏. Jechi gaariin tokko dhalootaaf galaa gaarii ta'uu danda'a, jecha gaarii olkaa'uu hin dagatin! ➐. Wanta jechaan jijjiiruu dandeessu humnaan jijjiiruu hin dandeessu; wanta humnaan jijjiiruu dandeessu  jechaan jijjiiruu hin dandeessu. ➑. Jireenya keef waan barbaaddu osoo wal irraa hin kutin yaadi! yaada kee qajeelummaadhaan abboomi! ➒. Duuba deebi'uun waan lamaaf nama gargaara, isaanis fagaatanii utaaluu fi seenaa irraa baratanii fuulduree ofii qajeelfachuufi. ➓. Abdii dura dhugaatu dursa, Amantii dura immoo abdiitu dursa.

DAMMAQI! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Hirriiba irraa dammaqi! ➲ Kaayyoo keetti dammaqi! ➲ Ofirratti yoomillee nama dammaqe ta'i! ➲ Jijjiirama fiduudhaaf nama jalqabaa ta'i! ➲ Rakkina dhufu simachuudhaafis nama jalqabaa ta'i! Rakkina hin baqatin! ➲ Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a. ➲ Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi! ➲ Itti amani! ➲ Gonkumaa abdii hin kutin! ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA! ➬ Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Ati hin dammaqne taanaan garuu addunyaan kun balbala ishee sitti cufatti. ➬ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha. ➬ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa. ➬ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata. ➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf. ➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

Steven Kovey ┃ • Amaloota namoota milkaa'anii 7: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❍ Akka hayyuu xinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa 'The Seven Habits of Highly Effective People' keessatti barreessetti namoonni jiruu fi hojii isaanii keessatti milkaa'an amaloota tokko isaan godhu torba qabu! Amaloonni kunneen qorannaaf qo'annaa bara dheeraatin booda kan argamaniidha. Kitaabni kuni akka addunyaatti kan garmalee dubbifame keessaa isa tokko. Nutis gabaabumatti isiniif dhiyeessineerra. AMALOOTA TORBAN: 1. Be Proactive ⁃ Nama dursee yaadu, osoo rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti qophaa'u ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa'uu! 2. Begin with the end in mind ⁃ Waan tokko wayita eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuu. 3. Put first things first ⁃ Waan dursuu qabu dursuu. Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjechuu. 4. Think Win Win ⁃ Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaa'uu fi gammaduu osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu. 5. Seek First to understand and then to be understood ⁃ Namoonni maalif na hin hubanne jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu! 6. Synergize ⁃ Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba tokkootti yookiin waajjira tokkootti yoo sochoonu wantoota qabnu wal simsiisnee hojjachuu! 7. Sharpen the Saw ⁃ Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha. Egaa kana fakkaata. Waan kana irraa waan guddaa akka hubattan abdiin qaba

GALMA Gahuudhaaf CIMSITEE Irratti Hojjettu Tokko Adda Baasii Qabaadhu! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➲ Hojii ogummaa kee waliin hidhata hin qabne hojjattee  waan firii gaarii hin argamsiifneef daqiiqaa muraasaaf illee gatii kee gadi buusuuf hin hojjetin; yoo akkas taasifte baay'ee miidhamta; bakka ogummaa koo isa dhugaa fi kaayyoo kootti firii ajaa'ibsiisaa argisiisuuf hir'uu tokko hin qabu ofiin jedhi! ➲ Hojii fedha kee fi beekumsa kee waliin hidhata qabu hojjennaan, boqonnaa gaarii keessa jiraatta; jireenya gaariis ni jiraatta! Taphataan jabaa dachee kanaa Neeymaar, gaaf tokko akkas jedhee ture "Kubbaa miillaa bashannanaafan taphadha" jedhe... garuu garee taphatuuf irraa qarshiin inni argatu, taphattoota kan biroo danuun oli! ➲ Hojii jaallattu gaafa hojjettu, siif akka bashannanaati, ormaaf garuu hojii ajaa'ibaati! Kanaaf waggaa muraasa qabdu kana jireenya hin jaalanne keessatti hin gubin! ➲ Namni bakka hundatti ga'umsa wal fakkaataa, firii wal fakkaataa fi injifannoo wal fakkaataa argisiisuu hin jiru! Namni kamiyyuu hojii fi ogummaa mataa isaa qaba; kanaaf qajeelfamni ati fayyadamuu qabdu inni sirriin hojii kennaaf ogummaa kee waliin firooma hin qabne waliin wal'aansoo wal qabuu dhiistee gara kennaa fi ogummaa keetti sokkuu akka qabdu beekuuf, hojiitti hiikuudha! ➲ Hojii, hojii kee sirrii hin taaneen firii gaarii dhabdee yookiin of madaaltee, hojii hojii kee isa sirrii ta'e ilaalcha hojii kee isa sirrii hin taaneen ilaaltuun akka hin ilaalleef of eeggadhu! Waan hojjettu hin wallaallin, wallaallaan gaariis ta'u, yaraa waanuma itti dhufeef waan hunda hojjechuuf heeyyamama.   ➲ Galma gahuudhaaf jabaattee hojjettu tokko adda baasii irratti hojjedhu! ➲ Kallattii jireenyaa kee hin beektu yoo ta'e, roga hunda fakkaachaa jiraatta! Hojii keessi kee itti amanu hojjedhu! Isaan booda gatii baasiif! Qaama dirqamtee akka kaayyoo keef jiraattu si taasisu of keessatti hamma hin uumnetti jalqabdee dhaabda waan ta'eef!

"YOO ANI DU'E SIIDAA KOO IRRATTI MAAL BARREESSITUU?" ▬▬▬▬▬▬▬ Yaadan dubbisii xumuri! Guyyaa tokko namicha tokkotu daaw'idhaaf gara Ameerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gadi deemee erga daaw'atee booda dhuma irratti siidaa awwaalaa namootaa daaw'achuuf warra isa daaw'achiisan waliin mooraa awwaalchaa tokko keessa seene. Mooraan sun baay'ee bareeda. Siidaawwan halluu miidhagaan kuulaman hedduutu keessa jiru. Barreeffamoonni siidaawwan sana irratti barreeffamanii turan garuu namichatti bitaa galan. isaanis: 👉 Prof. Joon Henerii, dhalatanii Waggaa tokkoo fi ji'a ja'atti du'an 👉 Dr. Deev Wooysong, dhalatanii waggaa 4tti du'an 👉 Kaappiten Ruut Thomas, dhalatanii ji'a 8tti du'an. Barreeffamoota kana fakkaatan hedduu erga dubbisee booda ajaa'ibsiifachaa gara daaw'achiisaa Isaa deemuun gaaffii gaafate: "Ani kanan jedhu, biyya kanatti namoonni gadameessa harmee isaanii keessatti baratanii eebbifamanii ba'u moo? Akkamitti namni tokko waggaa 1 fi ji'a 6tti professor ta'a? Waggaa 4tti doktera ta'a? Jedheen Yeroo kana daaw'achiisan  "maal sitti fakkaate" biyyi kun akka biyya keessan miti. Biyya keessanitti umuriin nama tokkoo kan eegalu guyyaa namichi dhalatee kaataniitu. Asitti garuu nuti lakkoofsa umurii kan eegallu guyyaa itti namichi seenaa qabatamaa tokko biyya isaatiif hojjete irraati" jedheen. Yeroo kana namichi na'ee akkas jedhen. "Amma utuu ani du'ee maal jettanii siidaa awwaalaa koo irratti naaf barreessituree?" Jedheen. Daaw'achiisanis seenaa ittiin yaadatamtu kan dhaloota dhufuuf darbu kan hojjette qabdaa? Jedheen. Daaw'atichis xiqqoo erga itti yaadee booda, "dhugaa dubbachuudhaaf hanga ammaatti hin qabu!" Jedheeni. Daaw'achiisanis yoos siif siidaan hin barbaachisu, yoo akka tasaa siif ijaarame immoo 'obbo eenyuu eenyuu akkuma dhalataniin du'an!' jedhamee siif barreeffama jedheen. Argitee, seenaa ati waa irraa barachuu dandeessu kana kanan kaaseef akkanumaan miti. Dhimma namichaatu kan koo waliin Wal fakkaate. "Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti homaa hin qabu!" Kun anaaf dhugaadha siif garuu hin beeku. Kanas ta'u sana amma murtoo tokko irra ga'een jira innis, "seenaan ittiin yaadatamu tokko hojjedhee dirqama eenyummaa koo ba'achuu." Akkamitti? Sammuu kootti fayyadamee dandeettii ana keessa jiru baasee itti hojjechuu.