JEECHOOTA BEEKTOTAA
Open in Telegram
SHARE WAALI YAA GONUU ERGAA GUDDAA BAARACHUU DANDENYA. Hordoftootaa channel kana yoo qabaatani karaa kanaani nuu dubbisaa. @beeka24
Show more563
Subscribers
+224 hours
+137 days
+5730 days
Posts Archive
SAMMUU OFII Misoomsuu
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ "Jireenya keessatti wanti gaddisiisaan dafnee dulloomuu keenyaa fi turree immoo ogeessota ta'uu keenya"
─ Beenjaanii Firaankiliin
✧ Dargaggummaatti ogeessota ta'uu kan qabnu yeroo humni keenya dhume/yeroo dulloomne warra yaada hubatan taana! Kanaaf yeroo dargaggummaatti ogeessota ta'uudhaaf SAMMUU OFII MISOOMSUUN karaa milkaa'ina keenya jalqabaati.
✧ Yeroo dargaggummaa keenyaa kanatti bakka nuuf hin malle, bakka ogeessota nu hin taasifne, bakka kaayyoo fi galma keenyaan wal hin qabannetti humna keenya fixuu hin qabnu. Waanuma bara dargaggummaatti facaafne, bara dullumaatti haammanna. Eeyyeen, "Ijoollummaan lafa qotamee bullaa'e, dargaggummaan yeroo itti facaasanii, dullumni immoo yeroo itti haammatanii dha."
✧ Ogummaan jiraatanii darbuu caala, wanti nama gammachiisu hin jiru!
✧ Namoota dullooman irraa yaada fudhachuun immoo caalatti gaariidha nama cimsa
JECHOOTA FILATAMOO
1. Hammam dheeraa taatus boru
arguu hin dandeessu.
2- Konkolaataa kumaatama
qabaattus, kutaa siree lukaan
deemuun kee dirqama.
3-Daaktuu beekamaa taatus
Qurxummii ta'uu hin dandeessu.
4- Nama jabaa beekamaa biyyaa
taatus gaara sochoosuu hin
dandeessu.
5- Poolisii beekamaa taatus
lubbuu qabuu hin dandeessu.
6- Diimaas ta'i adiis ta'i,
Garuu gaaddidduun kee gurraachuma.
7- Kan arge hunda qabuuf kan
yaale, guyyaa tokko bofa qabee
hiddama.
8- Booji'ameera jettee nama
abaarame waliin hin oolin.
9- Hiriyyaa gaarii salphaatti bituu hin dandeessu, haa ta'uuti garuu salphumatti gurguruu dandeessa.
10 Adurreen gadaamii seentus,
adurrummaa ishee hin jijjiirtu
11 Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee, kopheen qixxeessuuf luka hin muran!
12- Moo’uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane,jijjiiramas agarsiisuudha!
13- Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
14- Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
15- Akka addunyaatti yaadii akka naannootti jiraadhu
Ergaa dabalataaf👇
GATII ┃BU'AA┃NAMAAF DHIISUUN QABU
...
Tibba sirni Appaartaayidii biyya Afrikaa Kibbaa raasaa turetti gurraachii fi adiin namummaa isaanii caalaa bifti gogaa isaanii fi qomoon isaanii isaanitti aanee wal gaarreffachaa wajjin jiraatani. Adiin “ati warra cilee fakkaatan kana ni caalta! Akka barbaaddetti dhiitii ergadhu, akka sareetti ifadhu, yoo sirratti ka’anii si finciluu barbaadan immoo lubbuun isaanii kan tisiisaa irra waan hin wayyineef gara-laafina tokko malee ajjeesi!” jedhamanii guddatani. Gurraachi immoo mirga namoomaa keessummaa keessa bartee “anatu siif gooftaa dha!” jechuu irra darbitee dhaabbii fi taa’ii dhowwatte kana ofirraa calaasuuf ifaaju turani.
Guyyaa tokko dargaggeessi quufaan bifaan adii ta’e mucaa gurraacha ollaa, harmee isaa waliin jiraatu tokko mirga isaaf kennametti fayyadamee ajjeese. Ollaa fi biyyi itti yaa’ee ilaale. Harmeen ilma tokkicha qabdu dhabuu isheen lubbuun ishee madaa’e. Namni "Gurbayyo maaliif akkas goote? jedhee ajjeechaa raawwateef seeratti dhiyeesse hin turre" (haqa maaliitus jira malee!). Waggootni darbani.
Sirni kun kufee Nelsan Maandeellaan karaa filannoo demookiraatawaan barcuma masaraa mootummaa keessa taa’ani. Namootni ajjeechaa "akka malee" raawwachaa turanis seeratti dhiyeeffamuu jalqabani. Isaan keessaa mucaan gara-jabeessi tokkicha ollaa isaa waliin guddate ajjeese isa tokko. Mana murtiitti dhiyaate. Haati mucaa du’ees guyyaa murtii sana dhaddacha irraa yoo murteen darbu dhaga’uuf hirmaatanii ture. Abbaan seeraa maqaa isaanii waamee "otoo nuti asii hin murteessiin yaada maalii qabdu?” jedhe ija jaartii keessa ilaala.
Itti yaadani! Sagalee isaanii cirataniis dubbii kanatti fufee jiru dubbatani
"Mucaa koo nan jaalladhan ture-hamma haati kaan mucaa ishee jaallattu caalaa. Sababiin isaas tokkicha du’a abbaa isaa ittiin irraanfadhe dha. Haa ta’uutii mucaan argitan kun sababa tokko malee ajjeese. Inni hin dubbanneef malee ekeraan mucaa koo du’ee, dhiigni qulqulluun inni dhangalaase halkanii guyyaa isa ari’ataa tureera. Gaabbee iddoo fuudhuus dhabeera . Gurraachis nama akka ta’e du’a mucaa kootiin barate. Kana ani guyyuun fuula isaa irraan dubbisa!” yoo jedhan dargaggeessi adiin sun imimmaan isaa to’achuu hin dandeenye. Hirqinfatee akka nama haati jalaa duutee boo’e. Abbaa seeraa fi namoota achi turan maratti dubbiin bitaa itti gale. Jaartiin haasaa isaanii itti fufani.
"Ani lammata dhala godhachuuf umriin ana irra darbeera. Mucaan koos takkaa akka bishaanii dhangala’eera. Waa’ee isaa deddeebi’ee yaaduun koo umrii na hafte kana gabaabsuurra kan darbe mucaa koo naa hin deebisu. Jibba garaa koo keessa jiru baaseera. Balleessaa mucaa kanaas otoo inni na hin gaafatiin dhiiseeraaf!" jedhani. Dargaggoo adiin sun ittuma caalchisee iyye.
“Tole… waan gaarii!” jedhan abbaan seeraa
"Kabajamoo abbaa murtii!" jedhan jaartiin "mucaan kun umrii isaa hafe kana mana hidhaa keessatti akka dabarsuuf itti murtu ta’a. Kun mucaa koo naa deebisaa? Matumaa! Umrii koo gara galgalaa kana mucaa koo ta’ee akka na soorun isin kadhadha!" jedhani.
Mucaan harjajjaa’ee dhaabbate. Jecha akkasii nama irraa, keessumaayyuu nama gurraacha inni mucaa jalaa ajjeese irraa nan dhaga’a jedhee hin yaadne. Itti fiigee hammatee irraa ol jechuu dide.
“Dhuguma naaf dhiistanii?”
"Ati kana booda mucaa kooti" jedhani. Haa hafuun edaa firatti qofaa miti alagaattis nama hambisa!
HUBADHU!
═══════════
• Osoo fiiguu hin jalqabiniin dura kallattii kam akka fiigdu adda baafadhu!
• Osoo waan tokko hin murteessin dura, murtii booda waan dhufu tilmaami!
• Amaloota sadi dhiisuu qabda:
➝ Abdii kutachuu,
➝ Hammeenya hojjachuu fi
➝ Nama tuffachuu dhiisuu qabda.
Nama!!
Namni namuma akkasaatii miidhuuf mataa dhokfatee jechaa fi wantoota birootiin summeessuu yaala. Uumaan immoo hundaaf qixxee waan ta'eef badiisa namni keessa wal buusuuf koratu hedduu jalaa nama oolcha. Yeroo baay'ee namni kiyyoo harki nama biraa kaayeef jalaa oolee waanuma ofiisaaf xaxeen miidhama. Namoonni namaaf gaarii gochuus ta'ee gaarii yaaduu hin dandeenye maaloo namarratti daba hin koratiinaa! Maaltu beeka dhagaan ati obboleessa/ttii keetti darbatte deebi'ee sidhahuu danda'aa! Ofumakee qusadhu!
halkan gaarii isiniif haa ta'u!
JECHOOTA BARSIISOO
"Namni tokko dhimma dhuunfaa isaa dhiphoo keessaa ba'ee dhimma namoomaa isa bal'aa irratti hamma hojjetutti, jireenya jiraachuu hin eegalle!"
— Maartiin Luuter Kiingi
"Dalagaadhuma kaleessaa, karaadhuma kaleessaa fi
akkaataadhuma kaleessaan hojjechuun mul'ata osoo hin taane maraatummaadha."
— Albert Inisteeyan
➨ "Namni furmaataa rakkoo kudhan karaa tokko hiika utuu hin ta'in, rakkoo tokkoof karaa kudhaniin tooftaa barbaada.
Dubbisaa! Dubbisuun hanga du'aattidha!"
— Miratuu Shanqoo
DUBBIILEE HAYYOOTAA
➊. Albert Einstein - "Namni dogoggora tokkollee hin raawwanne nama waan haaraa hin hojjenne dha."
➋. Steve Jobs - "Yeroon kee daanga'aa dha, kanaafuu itti jiraachuu nama kan biraa hin balleessin."
➌. Bill Gates - "Guyyaa milkaa'inaa kabajuun gaaridha. Garuu, fuulleffannoo cimaa guyyoota kufaatii irratti kennuun barbaachisaa dha."
➍. Warren Buffet - "Amanamummaan kennaa baay'ee mi'aa dha. Namoota rakasaa irraa immoo hin eegin."
➎. Bruce Lee - "Yeroo hundumaa dogoggorri dhiifama qabaata, yoo walhubachuun jiraate."
➏. Albert Hubbard - "Waarshaan tokko hojii nama 50 hojjechuu danda'a. Waarshaan kamiyyuu yaada nama tokkoo illee hojjechuu hin danda'u."
➐. Robert Kiosks - "Kufaatiin warra sodaatan naasisa, moo'attoota immoo ni jabeessa."
➑. Abraham Lincoln - "Karaan hunda caalaatti fuuldura kee ittiin tolchitu, fuulleffachuu fi ijaaruu dhaan."
➒. Audrey Hepburn - "Wanti kamiyyuu ni danda'ama."
"Nothing is impossible, the word itself says "I'm possible."
➓. Maya Angelou - "Ani akkan baradhetti waan ati jettu namoonni ni irraanfatu. Namoonni waan ati hojjette ni dagatu. Garuu, namoonni akkamitti akka isaan gammachiifte hin dagatan."
➊➊. Mike Ditka - "Warra Moo'attoota keessaa kan baatu yoo yaaluu dhiifte."
➊➋. Muhammad Ali - "Guyyaa hin lakkaa'in, guyyaan akka lakkaa'aman godh
TOOFTAALEE SIRRII ITTIIN MUL'ATA OFII BIRA GAHUU DANDA'AN
━━━━━━━━━━━━
❏ Dhalli namaa eenyummaa guutuu fi namummaa guutuudhaan yommuu dhalatu addunyaa kanatti dhufa. Nama waan ittin jedhan hin qabnee fi waan namaan jedhu hin beeknetu gadameessa haadhaa keessaa gara addunyaa oduun gadhee fi gaariin guutamte kanatti gadi ba'a.
❏ Namni nama hamaa ta'ee dhalatu hin jiru, erga dhalatee booda hammeenya baratee of keessatti guddisaa deema malee.
❏ Dhalli namaa yommuu dhalatu wantoota barbaachisoo fi murteessoo ta'an sadan armaan gadii wajjin dhalate.
⁃ Sammuu qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Onnee qulqulluu wajjiin dhalata.
⁃ Yaada garaa qulqulluu wajjin dhalata.
❏ Namni erga guddatee karaa qajeelaa irra jireenya isaa gaggeeffachuu kan danda'u tootaalee bu'uuraa armaan gadii kanatu jira:
➊) Yaada qajeelaa qabaachuu fi yaaduu!
➋) Namoota yaada qajeeltoo qaban waliin dabarsuu!
➌) Yeroo hundumaa gaarummaa yaaduu fi karoorsuu!
➍) Hammeenya irraa fagaachuu!
➎) Waa'ee mataa ofii irratti xiyyeeffachuu fi jireenya ofii guyyuu sakkata'uu!
❏ Namni wantoota kana hundumaa yoo raawwate kaayyoo lafa kana irratti dhalateef guutummaatti raawwatee itti gammadee jireenya isaa gaggeeffachuu danda'a.
#from Habte
HUBADHU!
• D𝒉𝒖𝒈𝒂𝒂 𝒉𝒊𝒏 𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒎𝒏𝒆
• Hubataan kan ittiin of argu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➛ ️Namni gamni waan dubbatu itti yaadee dubbata, gowwaan garuu dubbatee fixee itti yaaduu jalqaba.
➛ ️Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala.
➛ ️Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha.
➛ ️Dandeettii yookiin ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi!
➛️ Jireenyi ilma namaa walitti qabaatti gaddaaf gammachuu ta'uu beekanii WALSIMSIISAA jiraachuun dirqama.
MUL'ATA KEE BIRA GAHUU NI BARBAADDAA?
Qabxiilee ijoo nama mul'ata isaatti milkaa'uu barbaadu karaa irra buusan 250:
📚 Afaan Oromoo PDF
Fuula-16║Hanga-1.2MB
Dubbisa Gaarii!!
#Habte
Repost from Faana beekumsaa
Qormaaticha osoon qoramee
Aniyyuu hin darbuu bar
Jedhe biraanuun😜😜😜😜
Dabalataaf👇
@Faana_beekumsaa
QAJEELFAMOOTA GAGGEESSUMMAA 6 JOOBIRA IRRAA BARACHUU QABNU
┃⁃ Akkaataan jireenya joobiraa jireenya nama mul'ataa waliin walfakkaata.
┃⁃ Ati waa’ee joobiraa baay'ee dhageessee ni beektaa?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Joobirri seenaa ajaa’ibsiisaa baay'ee ni qaba. Kanneen keessaa amaloota 6 waliin haa ilaallu:
1ffaa:
Joobirri kophaa isaa olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.
Joobirri simbirroota xixiqqoo kan akka ‘sparrows’ yookiin gosa biroo kamiyyuu waliin hin balali’u. Kophaa isaa fi olka’iinsa baay’ee olka’aa irratti balali’a.
⁃ Kuni kan nu hubachiisu namoota sammuu dhiphoo qaban irraa fagaachuu akka qabnuu fi hiriyaa filachuu dha. Namni dhaabbata inni qabateen beekama. Yeroo hunda mo’attoota waliin taa’i! Bakka si madaalutti argami!
2ffaa:
Joobirri mul’ata guddaa fi sirrii ta’e qaba.
Joobirri dandeettii ijaan arguu guddaa qaba, waan samii irraa hanga 5km fagaatu irratti xiyyeeffachuu danda’a. Kallattii cufame waan qabaniif adamsa irratti xiyyeeffatu.
⁃ Kuni wanti nu hubachiisu yeroo hunda jireenya keessatti xiyyeeffannoo ifa ta’ee fi mul’ata itti kaayyeffattu qabaachuu akka qabduudha. Jireenyi gufuu hedduu qabdi. Ergama kee irraa abdii hin kutin.
3ffaa:
Joobirri lafee haaraa fi foon haaraa malee waan du’aa hin nyaatu.
⁃ Kuni wanti nu barsiisu, waan darbe dhiisudhaan qajeelfama haaraa, karaa haaraa mo’achuu danda'an qorachuu itti fufuu akka barbaachisu dha.
4ffaa:
Joobirri qilleensa bubbeen makate jaallata.
Qilleensi bubbeen makate joobira ni kakaasa, erga olka’iinsa murtaa’e tokko irra gahee booda, baallee isaa irratti siiqanii boqotu.
⁃ Kun wanti nutti argisiisu, tuqaawwan gara fuulduraatti ittiin socho’an walitti hidhuu, qormaata jiru fudhachuun akka ta'udha. Qormaanni nama jabeessuu qofaaf akka ta’e amanuu dha. Obomboleettii jireenyaa fayyadamuun gara olka’iinsa guddaatti ol ka’uudha malee mataa buusanii taa'uu miti. Shaampiyoononni qormaata gonkumaa sodaachuu hin qaban.
5ffaa:
Joobirri leenjidhaaf qophaa'a.
Ijoolleen isaa akkaataa koonyaa keessaa ba’anii balali’an baratu.
⁃ Kuni kan argisiisu zoonii mijataa keessa jirtu akka dhiiftuu fi guddinni achi akka hin jirre akka bartudha. Qormaata tokko tokko irratti hirmaadhu.
6ffaa:
Joobirri Gaafa Dulloomu Humna Isaa Haaromsuuf Bakka Fagootti Soorama Baha.
Joobirri yeroo dulloomu rifeensi isaa ni ulfaata, funyaan isaa ni qaxxaamura. Jiraachuudhaaf jecha gara fiixee gaaraa deemee hamma inni bahutti funyaan isaa dhagaa tokkotti rukuta. Of haaressa.
⁃ Kana irraa kan nuti barachuu dandeenyu amalli durii darbee darbee hammam rakkisaa ta’us, wantootni ba’aa nutti ta’an yookin jireenya keenyatti gatii hin daballe of biraa hambisuun akka nurra jiraatuu fi akka of haaressinuu dha.
Jireenya kee keessatti akka JOOBIRAA ta'i!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααrii
"SI'A BAAY'EE KUFUUN KOO ANAAF KARAA FIIXAAN BA'IINSAA NAAF TA'E"
(Jecha Toomaas Edisoon ─ Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
...Waa'ee namicha kanaa irra deddeebi'ee kanan barreessuuf waan baay'ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti.
Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa'inaa inni sirriin isa kana waan ta'ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay'een utuma jiranii garuu kaka'uumsa gara milkaa'inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!
√~•~•√~•~•√
➛ Rakkoon rakkoo ta'ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha.
➛ Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta'uu qaba.
Carraa ati itti mul'ata kee dhugoomsitu ta'uu qaba.
➛ Jireenya kee keessaa wanti baay'ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.
➛ Kan baay'ee cimaa ta'e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!
➛ Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.
Toomaas Edisoon, "Si'a baay'ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba'iinsaa naaf ta'e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe." jedhee dubbata.
Kanaafuu atis "HIN KUFNE NAN KA'E MALEE" jedhii of irratti dubbadhu!
Eeyyee:
➛ Si'a baay'ee kufuun isaa nama guddaa ta'uutti isa fide.
➛ Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA ta'a jechuudha.
➛ NAMA ta'uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati.
Kutaa_12ffaa
ANI HIN KUFNE NAN KA'E MALEE JEDHIIN.
Barattoota kutaa 12ffaa maraaf
Qabxiin kee hanga yaadde gararraa ykn gadi ta'uu danda'a, ati garuu nama miira keetiii fi miira maatii kee to'atu ta'uu qabda.
Yoo garmalee gammadde hiriyaa kee si bira jirus yaada keessa galchi.
Yoo qabxii gaarii hin galmeessines ati hin kufte osoo hin taanee kallattii jireenya keeti argatte jechuudha. Namni Kan kufu gaafa du'e waan ta'eef.
Kanaaf Abdii muruu hin qabdu, jireenya kanatti hidhadhuu qabsaa'i.
Ati kutaa 12ffaa kuftee yoo siin jedhan. Ani hin kufne kallattii jireenya kootiin bare jedhiin.😎
Dhiirri Abdii hin murtu qabxiin kee waan fedhe yoo ta'eyyuu isa durii caalaa cimaa/tuu akka taate yaadachuun kallattii milkaa'inaa biraaf qophaa'uun Miira Kee haaromsi.
Ummata hin kufte jedhee quba sitti qabutti Amma reefuu akka kaate itti agarsiisi. ANI HIN KUFNE NAN KA'E MALEE JEDHIIN!!
Qabxiiwwan Olaanoo hanga Yoonaa naa qaqqaban
#666 Dasee #658 Finfinnee
#652 ODA #650 ADM(F)
#641 ODA #639 ODA
#644 ODA #635 ODA
#Qabxii_Olaanaa
Qabxii Olaanaa hangaa yoonaa nu qaqqabe.
Barattuu Nuhamiin Danbel Gammadaa
Qabxii 650
BAGA GAMMADDE
