cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

YEROO Kaayyoo

YEROON YEROO KAAYYOOTI. ODEEFFANNOON IMMOO KAAYYOO IMALCHOOSA. BOHAARUUN SAMMUU BASHANNANSIISA. Kitaabota, walaloo, asoosamaafi odeeffannoo bashannansiisoo fi barsiisoo argachuuf @yerookaayyoo irraa argattu. JOIN, LIKE, SHARE godhaa. HAYYEE!!!

Show more
Finland3 442The language is not specifiedMotivation & Quotes60 015
Advertising posts
292Subscribers
No data24 hours
No data7 days
-230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Jechoota Hayyootaa *** ●"Yeeyyii Yoo Hin Dandeenye, Tasuma Bosona Hin Seenin" ●Waraana Leencaa Dhibba Kan Sareen Hoogganamu Yoo Uumte, Leencoonni Dirree Lolaatti Akka Sareetti Du'u, Saroota Dhibba Kan Leencaan Hooganamu Yoo Uumte Garuu, Saroonni Sun Hundi Leenca Fakkaatanii Lolu! ●Wal Dhabdee Yeroo Dheeraa Jechuun, Gareen Lamaanuu Dogongora Jechuudha. ●Fuula Haqa Dhabdummaa Duratti, Cal'isuun Cunqursaa Waliin Wal Xaxaadha. ●"Sabboonaan Waa'ee Dhaloota Dhufaa Jiruu Yaada, Namni Siyaasaa Immoo Waa'ee Filannoo Dhufuu Yaada." ●"Dur Hatanii Hidhaman, Har'a Garuu Yoo Dhugaa Dubbatan Nama Hidhu" ●Reebichi Ummata Wallaalaa, Qaama Gowwaatti Ibidda Qabsiisanii, Miidhaaf Karaa Saaquudha. ●Nama Tokko Ga'uumsa Isaatii Ol Yoo Keesse, Akka Inni Ga'uumsa Keetii Gad Si Hin Keenye Ofirraa Eegi. ●Namoonni Waa'ee Hir'ina Namootaa Haasa'an  Baay'een Isaanii, Namoota Hanqina Isaanii Isa Guddaaf Xiyyeeffannoo Hin Kennineedha. ●"Yeroo Bineensootaan Loltu Of Eeggadhu, Akka Isaan Keessaa Tokko Hin Taane." ●"Namni Jabaa Ta'u Qaba,  Ta'u Baannaan Gonkuma Hin Ta'u." ●Qajeelfama Xixiqqatti Yoo Amante Qajeelfamni Kee Guddaan Ni Kufa ●Leenci Hammam Yoo Beela'eyyuu Cooma Malee Marga Hin Nyaatu, Kanaaf Ulaagaa Kee Irratti Harka Hin Kennin. ●Namoonni Waa'ee Kee Akka Hin Dubbanneef, Furmaanni Isaan Dhaggeeffachuu Dhiisuu Qofa. ●"Addunyaa Kana Irra Namoota Lamaatu Jira, Kan Baruu Barbaaduu Fi Kan Amanuu Barbaadu". 『‌☟︎🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

𝗞𝗮𝗿𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗿𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼 𝗷𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗳𝘂𝗿𝗮𝗻. ▬▬▬▬▬▬▬ ➲Yoo qarshii gahaa hin qabne hojii dabalataa barbaadi. ➲Maallaqa argachuun salphaadha - qusachuu fi guddisuun caalaatti rakkisaadha. ➲Yeroo baayʼee namoonni hojiisaaniitiif iddoo guddaa waan hin kennineef qofa galii xinnoo argatu. ➲Namni kamiyyuu miliyeenara ta'uu danda'a. ➲Dursa qabeenya argachuu itti aansee dirqama argachuu kunuunsuu. ➲"Meeshaalee taphaa qaaliin" maallaqa bilisaan bitadhaa. ➲Liqii hin fudhatinaa. ➲Liqii fi kaardii liqii irraa of qusadhaa. ➲Gorsa miliyeenarootaa hordofaa. ➲Kaffaltii xixiqqoo hunda al tokkotti raawwadhu. ➲Dureeyyiin hundi galii dabarsoo maallaqa kuufamaa, waajjira ykn mana jireenyaa kireeffachuu, bu’aa qoodamuu fi kkf irraa argatu. ➲Maallaqa kee hunda daldala tokko irratti invast hin godhin. ➲Jireenya dhuunfaa kee sirnaan qabadhu. Jeequmsi jireenya dhuunfaa fi maatii yeroo baayyee sababa hanqina kaappitaalaati. ➲Yoo qarshii liqeessite dagadhu. ➲Bittaa tasa hin godhinaa. ➲Sadarkaan qabeenya keetii barbaachisummaa dhuunfaa keetii wajjin walsima. ➲Kan namoota biroo akka duroomaniif gargaaru caalaatti durooma. ➲Hojii tola ooltummaa hojjedhu. ➲Qabeenyaa fi galii keetiin gonkumaa hin dhaadatinaa. ➲Yeroo hunda maddoota haaraa yaadi ➦ Let's pαss on whαt you know αnd reαd to the next generαtion. Let's leαrn together αnd teαch eαch other!   『‌☟︎🇯‌‌🇴‌‌🇮‌‌🇳‌_‌🇺‌‌🇸‌☟︎』 ☛ https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Waraana keessatti Abbootiin taayitaa meeshaa waraanaa, Abbootiin qabeenyaa, maallaqa fi qabeenya, iyyeessonni immoo Ijoollee isaanii fabarsanii kennu. Waraanaa booda ammas Abbootiin taayitaa haftee meeshaa waraanaa qooddatu. Abbootiin qabeenyaa qabeenyaa isaanii yoo guddifatan iyyeessonni reeffa ilmaan isaani bakka awwaalchaa barbaadu😭 ✍️ Warra sarbiyaa Yaadaf @firaaol4 @haqummaaf
Show all...
Repost from DHANGAA OROMUMMAA
Salaalee university Barattoonnii sagantaa fooyya'isaa(remedial )bara 2016 yuunivarsiitii salale ramadamtan hundaaf guyyaan seensa yuunivarsiitii amajjii 29 hanga 30 bara 2016 ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera Yeroo gara Yuunivarsitii deemtan ➢ Ragaa kutaa 8ffaa orijinala fi koppi lama, . ➢ Tiranskripti kutaa 9ffaa-12ffaa orijinala fi koppi lama; ➢ Bu’aa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffa orijinala fi koppi lama, . ➢ Suuraa 4×3 lamaa, . ➢ uffata qorraa, Ansoolaa uffata tiraasii ➢ Hidhannoo ispoortii. Qabachuu qabdu @haqummaaf
Show all...
Jooraa Midaa Barii barraaqa ka'een Hanoonuutti fulla'e Baddaa Wangee dhaaphee Ijaan Warjeef Itayyaa ga'e Mida gubbaa dhaapheen Qaroo Nyamirittis fulla'e Waa'elo gubbaa dhaabata Dhiirri mudhii soolanaa Tulluu Abinoostu ol dhaabata Maal beekna kan alanaa Fincaa'aa ol gamiin ba'ee Baallammiin geessa Sangaa Qaalaa Falteenis waliin ga'ee Beela'aaf geessa dhangaa Fuulleen Qarree girmii Walakkaa Gaadullaati Nutin feenu warra hirmii Rirmin nyaatu foon allaattii Fuulleen warra Mafcee Walakka Garaadoo~ti Kanin feene warri keenya Fira garee Daadoo~ti Fincaa'aan warra Baabboo Ganda sadiif walakkaadha Bishaan Laga Fincaa'aa Uumamnisaa ol ka'aadha Wiirtuun Waloo Fi Baaroo Walakkaan isaa Mida-koodha Horteen warra Qanyii sun Gartokkeen Fira-koodha Harrittaa bu'uuf ka'een Hora Bidiruu yaadadha Sa'aa bittaaf ba'een Korman gurguruuf loladha Qanyii ba'ee dhufeen Albaasaatti dadhabe Soole keessa lufeen Baabboo ga'ee gaggabe Daangaan Jimmaa Waangelle Daangaan Horroo Hanoonuu Daangaan Liiban Jijjigaadha Daangaan Gindoo Nyamari Kan hafeef dhiifama Ammaaf kana waliin wal bari.https://t.me/ForAllthingsEye
Show all...
Qaroo Waamaraa

Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa itti hirmaadhaa!

Nuffii tokko malee dubbisi.! Kun bu'uura namummaati.! 1, Yeroo keef gatii kennuu dhabuun jireenya keef gatii kennuu dhabuu-dha. 2, Har'a saatii muraasa booda du'aan Addunyaa kana irraa adda baata yoo siin jedhan; Hojiin ATI tokkicha hojjettuufi ergaan kee isheen dhumaa maali? 3, Eessa jirtaa? Hiriyyoota qilleensa irra jira waliin qilleensa irra jirtamoo namoota  naannoo kee waliin jiran waliin jirta? 4, Bakka barbaachistu irraa hin hafiin! Bakka itti hin barbaachisnetti hin argamiin! 5, Namootaaf waan gaarii yaadi! Namoonni yeroo hundaa gaarii waan ta'aniif otoo hin taane, gaarii yaaduufi waan qabduuf qofa namootaaf waan gaarii yaadi. 6, Namoota jaallachuu kan qabdu namoonni namoonni jaallatamuuf kan malan waan ta'aniif otoo hin taane, ati jaallachuuf kan maltu waan taateef ta'uu qaba. 7, Dogoggora keenya nutti, jabina keenya immoo namootatti nuuf himaa. 8, Jibbaa fi haaloon; diinota ga'umsa dhokataa keessa kee jiruuti. 9, Dhalli namaa uumama eenyummaa fi Amala wal xaxaa qabudha. 10, Akka si irratti ta'u kan hin barbaadne namoota irratti hin raawwatiin. 11, Dukkanni dukkana ari'uu hin danda'u, ifatu dukkana ari'a malee. 12, Amala itti taanaan nama si ciniinu, Amala kee waan ta'eef ibidda keessaa oolchuun gootummaa-dha. 13, Haaloo qabaachuun ofii summii dhugdee namni biroon akka ittiin du'u eeguu dha. 14, Itti balleessitee otoo jirtuu namoota lubbuun darban caalaa waanti gaabbisiisu hin jiru. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Repost from DHANGAA OROMUMMAA
https://t.me/official_oromia_bank_bot?start=1178243575 Link armaan Olii kana Start godhaa join gochuun yoo xiqqaate Namoota 50 affeeraa isaa booda qarshii 1000 badhaafamtu hanguma nama hedduu affeertan badhaasni dabalaa deema itti fayyadamaa Baankii oromiyaa irraa @haqummaaf
Show all...
Imaanaa Dhalootaa Nyaattee Hindu'iin! ➡️ Jiraachuun jirra jechuu miti. Du'uniis awwaalamuu hinibsu. Namoonni muraasni du'anii jiraatu. Danuun immoo osoo jiranii du'u! Du'anii jiraachuun garuu jiraatanii du'uu irra baay'ee caala.✔️ ➡️ Nama hiikni jireenyaa galeef jiraachuunis du'uunis bu'aa qaba. Warreen hiika jireenyaa hinhubatiniif garuu jiraachuunis du'uunis hangas wal hincaalu. Isaan osoo hindhalatiin du'u. Wanta hojjechuuf dhalatan osoo hinhojjetiin du'u jechuudha.✔️ ➡️ Namoonni erga du'anii waggoota dhibbaa ol ta'an, garuu seenaan isaanii anaafi si warra lubbuun jiran caalaa kan dubbatamu baay'eetu jiru. Maaliif? kaayyoo dhalataniif jiraatanii darbaniiru. Galma gahuuf yaadan gahaanii, rakkoo addunyaa kanaa irraa salphisaniiru. ✔️ ➡️ Jireenyi hiika qabu, jireenya kaayyoof jiraatameedha. Namoota addunyaa kanarraa biliyoonaan lakka'aman keessaa namni tokko iyyuu kan kaayyoo malee dhalate hinjiru. Nama ta'ee kan jiraatu hunduu kaayyoo mataa isaa qaba. Garuu hunduu kaayyoo qaba jechuun, hundinuu kaayyoo isaaf jiraata jechuu miti. Namoonni muraasni abjuu isaanii dhugoomsanii seenaan yaadatamu. Baay'een immoo kaayyoo fidanii dhufan fudhatanii awwaalamu! ✔️ ☑️ Obbolee! guyyaa tokko silaa duuti hinooluu, imaanaa dhalootaa nyaattee hindu'in. Namoonni hedduun kitaabota gurguddaa osoo barreeffamee dhaloota jijjiiru fudhatanii darbaniiruu. Dandeettii kalaqaa, dandeettii fakkii kaasuu, sagalee bareedaa... waa meeqa rakkoo addunyaaf furmaata ta'uu danda'utu qabeenyaa iddoo awwaalaa ta'e. Akkas hin ta'iin! ☑️ Waan gochuu dandeessu gochuu dhabuun, sirra darbee dhaloota har'aafi egeree miidha. Kanaaf dammaqi! Barreeffama xiqqoo kana osoon siif gumaachuu danda'uu barreessuu dhiisuun koo ofittummaadha. Atis dandeetti gurguddaa qabduun hojjechuu dhiiftee taa'uu hinqabdu. Dandeettii keen hamma dandeessu jireenya namootaa irratti dhiibbaa gaarii fiduu qabda. Waan keessa kee baasuun hiixadhu. Gahumsi guddaan ka'umsa xiqqaa irraati. Tarii wantotni ati bu'aa hinqaban seetee of keessatti hiite iyyuu furmaata guddaa ta'uu . @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Nama sammuu  madooshaa qabutti namni hundinu mismaara fakkaata. 🔯Tokko jaallachuun dirqaama, lama jaallachuun daldala,sadii jaallachuun garuu kontirobaandiidha. 💠 Dubarrii fi lotooriin kan isaan hin barbaanneef malee kan isaan barbaaduuf hin ba'an. ☸️ Dhagaan ganama si dhae guyyaa dabalee si dhoofnaan siitu dhagaadha. 🔑Mana hiyyeessaattii xiqsii mana sooressaatti xibsiin hin dhabamu. 💠jireenyii fi konkolaataan yoo obsaan  malee dafee hin guutu. shamarran herregaa yoo baran malee yoo kaffalan agarree hin beeknuu, dhiira kaffalchiisu. 💠 sammuun Qulqulluun boraatii gaariidha. 💠 jiraachuun kee eenyuunuu yoo hin fayyadne du'uun kee eenyuunuu hin miidhuu 💠akkaa garbichaatti yoo hojjette akka mootiitti jiraata. Share share #Share Join @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1 @Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1 https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN

Hiriyaa kee hin Komatiin Gaaf tokko gurbaan  tokko hiriyyaa isaa waamee akkana jedhe: "Maallaqa na barbaachisa, haati koo dhukkubsattee qorichaaf qarshii hin qabu. Utuun ilaaluu du'uu ishee mannaa ofiikoo dura du'uun filadhame" jedheen. Hiriyaan isaa akkas jedhee deebiseef: “Tole hiriyaa koo jaallatamaa halkan naaf bilbili” Innis Bilbila bilbilef garuu bilbilli cufaa ture. Irra deddeebi'ee bilbiluufii yaale, hamma dadhabutti yaale, Sana booda "kanaa egaa hiriyyummaan" jedhee waan meeqa erga haasa'ee hiriyyaa biraa kan isa gargaaruu danda'u barbaaduuf deeme, garuu nama tokkollee hin arganne... Hiriyaan isaa kun isa gaddisiisee, isa mufachiise. yeroo baay'ee isa barbaachisutti isa dhiisee bilbila cufe. Gara manaatti deebi'ee boorsaa qoricha qabu arge, naannoo barcuma haati isaa ciiftee turte sanatti. Akkana jedheen "isa kana eenyutu fide?"  “Hiriyaa keetu qoricha kana fide, yeroo muraasa dura gadi ba'e" jetteen harmeen isaa. Gurbaanis ni  kolfee; imimmaan ija isaa keessaa dhangala'e. hiriyyaa isaa barbaaduuf ba'e, Yeroo hiriyyaa isaa argu eessa turte ,Bilbilli kee na dide jedhee gaafate? Hiriyaan sunis akkana jedheen: “bilbila koo gurguruun deeme. Ammas bilbilakoo gurgureen qoricha harmee keetiif bitee dhufe” jedheen. Gurbaanis jechoota dura jechaa turetti baay'ee gaabbe. Ofuma isaayyuu waan hiriyyaan isaa harmee isaatiif yaade hin yaanneef. Hiriyyummaan maal akka ta’e hubattee? Hiriyyummaan wal utubbii yeroo hundumaati. Hiriyyummaan walbeekuu irra waliibeekuu caalchifata. Hiriyyummaan walyaaduu irra waliiyaaduu gabbifata. Hiriyyaa gaariin ilaalcha tola. walii waliif, walii waliin jiraatu qaba. Hiriyaan dhugaa gaafa hiriyaan isaa rakkatu harka isaa hin darbu! Hiriyyaan dhugaa sobee hubannaa malee wal hin komatu. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF 👇👇👇👇 🖤❤🤍 JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE 👇👇👇👇👇👇 FILANNOO KEESSAN