cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

Show more
Finland3 089The language is not specifiedLinguistics8 334
Advertising posts
681
Subscribers
No data24 hours
-17 days
-130 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Guyyaa tokko Ollaan Mullaa Nasruddiin mana Nasruddiin deemuun..."Adaraa Harreekee naaf ergisi, Gabaan waa ittiin geeffadhaa...." jedhaan. Mullaa Nasruddiin "Namichi Bishaan gamaa si dura dhufee ergifatee deeme." Jedhaan. Gidduuma kanaan Harrichi mana boroo Iyya. Yeroo kana namichi inni ollichis "Osoo harreen kee halaaktuu dhaga'aan jiraam jedhe namichi." Mullaa Nasruddiin "Anaaf Harree koo keessaa kamiin amanta?" Jedheen. Maal jechuu yaadeeti laata? Warri isiniif gale comment godhaa https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 5
XIINXALA GADIFAGOO (CRITICAL THINKING) Nama xiinxalaan nama dursu ta'uu ni feetaa? Nama akkanaa ta'uun adeemsa itti fufiinsa qabuudha.Akkasumas shaakala, of-madaaluu, yaadaa fi ilaalcha mataa keetii mormuuf fedhii qabaachuu fa'a si gaafata. Tooftaalee dandeettii yaaduu kee guddisuuf si gargaaran keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamanii jiru; โถFedhii beekuu horachuu: Waaสผee addunyaa naannoo kee jiru beekuuf fedhii dhugaa horadhu.Gaaffii gaafachuu, odeeffannoo haaraa barbaaduu fi ilaalcha adda addaa qoradhu. Fedhii waa beekuu qabaachuun guddina sammuuf annisaa isa jalqabaati.Annisaan fedhii kanaan waa baruuf nu keessatti uumamu yaada qeeqaas kan jajjabeessudha. โทDandeettii yaada qeeqaa jajjabeessu horachuu: Yaadni qeeqaa odeeffannoo xiinxaluu, falmii madaaluu fi murtii sababa qabeessa taโ€™e kennuu of keessatti qabata. Dabalataanis tilmaama adda baasuu, loogii beekuu fi amanamummaa maddootaa madaaluu shaakaluu, akkasumas gochaalee rakkoo furuu fi sababeeffannaa loojikii barbaadan irrattis bobbaโ€™uu nama gaafata. โธRakkoo walxaxoo ta'an maadheffachuu(Embrace complexity): Dhimmoonni baayโ€™een roga hedduu kan qabaniifi furmaata salphaa akka hin qabnes hubachuu. Ilaalcha dachaa ilaaluun, wantoota adda addaa madaaluu fi wantoota bitaa sitti galan ammoo hubachuuf qalbisaan caqasuu qabda. Wantoota walxaxoo ta'an garmalee salphistee ilaaluu irraa of qusadhu. Hubannoo ga'aai rratti barbaadi malee. โนDhaggeeffachuu dammaqinaan shaakali: Yeroo haasawa ykn falmii irratti bobbaatu namoota biroo dammaqinaan dhaggeeffachuuf Xiyyeeffannoo guutuu kenniif. Gaaffiiwwan ifa taสผan gaafadhu, akkasumas ilaalcha isaanii hubachuuf carraaqqii godhi. Dhaggeeffachuun dammaqinaan hubannoo haaraa akka argattu si gargaara. Akkasumas, ilaalchuma keeyyuu irra deebitee dhugummaa isaa akka ilaaltee madaaltuuf sigargaara. โบIlaalcha addaa addaa barbaadi: Sagalee fi ilaalcha addaa addaatiin of marsi.Namoota seenaa, muuxannoo fi amantaa adda addaa qaban waliin haasaโ€™uu shaakali. Ilaalcha adda addaatiif saaxilamuun yaada kee balโ€™isa, akkasumas gara laafinaa fi hubannoo akka qabaattuuf si gargaara. โปIlaalcha kee xiinxali: Yeroo hunda yaada, amantaa fi adeemsa murtoo mataa keetii irratti xiinxala geggeessi. Loogii ykn tilmaama qabaachuu dandeessu kamiyyuu qorachuu fi qeequun mormi. Ilaalcha filannoo biraa ilaaluu fi ragaa ykn falmii haaraan yeroo siif dhiyaatu yaada kee jijjiiruuf banaa taโ€™i. โฝBalโ€™inaan dubbisi: Kitaabota, barruulee fi meeshaalee biroo gosoota barnootaa fi ilaalcha adda addaa irraa dubbisi. Yaada, tiyoorii fi falaasama adda addaatiif of saaxili. Dubbisuun buโ€™uura beekumsa keetii balโ€™isuun dandeettii qeeqaa fi kalaqaan yaaduu kee guddisi. โพDandeettii fi eenyummaa kee hubachuu shaakaluu: Of beekuu fi dandeettii xiinxala sammuu keetii guddisuun yaada fi miira kee murtii namoota biroo malee akka ilaaltuuf si gargaara. kunis caalaatti ofuma keen akka yaadduu fi murtoo fooyyaโ€™aa akka gootuuf si gargaara. HUB: Nama xiinxalaan nama dursu taโ€™uun imala obsaa fi cimina gaafatu taโ€™uu isaa hin dagatin! Galatoomaa! @haqummaaf https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 3
Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda? Jireenyi barcuma ati ofiif  keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa! Nama yeroo hundaa waliin baate galtu, nama yeroo hundaa ittiin of jijjiruuf jettee dafqsiiftu, nama mul'ata Koo Isa guddaa galmaan naaf ga'a jettee amante itti laatte, ofiikee mufachiiste, Eenyu waliin karaa fagoo deemuufi? Jireenya keessatti uumaa waliin hanga dhumatti kan si waliin gammachuuf gaddaa mara hirmaatu, Suma mataa keeti! Gaafa gammadduus gaddituus ati Suma! Of waliin akka gaariitti jiraachuu caalaa ogummaa bareedduun hin jirtu. Namni of kabajee, gaarii ofiif yaadee, yaaddoof dhiphuu jalaa of dhoksee tasgabba'ee of waliin jiraachuu danda'u, inni ogeessa fagoodha! Of kabajuun, ogummaa guddaadha! Sababni isaa namni of kabaju Xiqqoo ofiif hin yaadu! Namoonni fiixee milkaa'ina irra qubataan, namoota Kabaja guddaa fi gatii olaanaa ofii isaaniif qoodaniidha! Ani nama kabajni maluuf miti ofiin jettee, akkamitti jireenya Kabaja qabummoo ofirraa eegda? Jireenyi barcuma ati ofiif  keesse irra si teechisa, teessoo siif malu ammoo jireenya utuu hin taane situ ofiif murteessa! Obboloota__Of waliin nagaatti jiraadhu! Namoota Kabaja siif maluu siif kennuu hin dandeenye waliin miiltoo hin ta'iin! Namoota siin kabajne irraa of fageessuun of kabajuu Kee mul'isa! Haalli Gaaf Wal siif qixxachuu didu, of ciccirtee of hin dallansiisiin! Tasgabbaa'ii sammuu Keen fidi fala jedhiin! Nama tokko arrabsaa, Kabaja dhowwattaa, maallaqa naaf kenni utuu jetteenii Tole jedhee siif kennaa? Hin kennu sababni isaa Kabaja isaaf malu utuu hin ibsiniif, waan ofii Kee barbaaddu dursisifte waan ta'eef! Dursa iddoo siif Malu irra of kaa'i, dursa ofiif qabdu jijjiri, isaan booda waan barbaadde of gaafadhu! Kanniisa of Gootee of uummamnaan, dammi Kee ta'uuf ni dirqama! Kanaaf dursi wanta argachuu barbaaddu sun eenyummaa siif kennuu danda'u of keessatti uumi! Kanan dubbisee irraa. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 3
1, Mammaaksa: Namni dhara dheesse galgala dhugaatti baha. Hiika Mammaaksaa: 1ffaa, Kan waan sirrii hin taane mormu gaafa tokko dhugummaan isaa iffatti mul'ataafi. 2, Mammaaksa: Amma dhugaan dhufutti sobni barcuma guuttee teessi. Hiika Mammaaksaa: 2ffaa, Amma dhugaan mul'atutti sobni iddoo qabata. 3, Mammaaksa: Adiifi aduun hin dhokatu. Hiika Mammaaksaa: 3ffaa, Dhugaan yeroof dhoksanillee gaafa tokko mul'achuun isaa hin hafu. 4, Mammaaksa: Ammaaf malee baraaf malee sombi kan sareeti. Hiika Mammaaksaa: 4ffaa, Yeroodhaaf haa dukkanooftu malee dhugaan ooltee bultee ni mul'atti. 5, Mammaaksa: Qullaa lafaafi dhugaa Waaqaa hin dhoksan. Hiika Mammaaksaa: 5ffaa, Waan boru ifatti mul'atu tokko dhoksuun dansaa miti jechuudha. 6, Mammaaksa: Qamuu maaf hin godaanne jennaan dharri dalagaa keessani jette. Hiika Mammaaksaa: 6ffaa, Karaan sobaan darban deebiitti nama rakkisa. Mammaaksa: Citan malee citaa hin haaman Hiikaa; Rakkatanii yoo hojjetan rakkina keessaa ba'u Mammaaksa: Otoo hin hubatiin harkaa hin gubatiin Hiikaa; Waan tokko osoo gadi fageenyaan hin ilaaliin hojjechuun namarratti rakkina akka fidu agarsiisa Mammaaksa: Godaantuun qalbii hin qabne ibidda feetee godaanti Hiikaa; Rakkina baballisuu, waan hin taane raawwachuu agarsiisa Mammaaksa: Namni shaniin kenne; shan hagabuu hin bulu Hiikaa: Nama rakkina nama oolcheef bara rakkina isaa namni hunduu ni dirmataaf Mammaaksa: Ofii haasoftee ana rukuchiifta jedhe mataan afaaniin Hiikaa: Rakkina qaamni tokko uumeef kan biraa itti rakkachuu agarsiisa Mammaaksa: Bayyanatteen abbaa biyyaa of seeti Hiikaa; Kan rakkinaa baate kan ishii caalu jira hin seetu, gadheen namaan nama hin jettu. Waan darbe hin yaadattu. Hunduu kiyya jetti. Mammaaksa: Ani gaggabe jennaan danfa tokkoon si qaqqabe, jette maseenni Hiikaa; Maseenni rakkina namaaf hin gadditu, ykn hin naatu jechuuf mammaakame ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 1
Akkas akkas taane egaa! Gajamoo citte taane Hidda muruu dadhabne Xaddee dulloomte taane Tabba baโ€™uu dadhabne Bona nuuf darba jennaan Hongeen lafaan nu dhaโ€™e Ganna nuuf darba jennaan Dhoqqeen mataa nu gaโ€™eโ€ฆ. Fooyyee dhabne takkuma Tollis - lollis yakkuma! Quncee foโ€™uun nu dhibe Duunees booโ€™uun nu dhibe! Ajjeesaa imimmaan cobsu Garaan koo maalitti haa obsu? #Waloo_Leta Goota dhugaaf dhiige! Tulluu haqa sabaaf jige. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

Akkana jedhe Sooqiraaxis Yeroon dargaggeessa ture, ganama yeroon hirribaa ka'uu hin jaalladhun ture.Harmeenkoo immoo amalakoo kana baay'ee na'rratti jibbiti, waan Daldalaa Sooressa akkan ta'uuf naaf abjottuuf. Guyyaa tokko Harmeenkoo faayidaa ganama yeroon hirribaa ka'uun qabu akka natti himuuf, Ana faana gara Barsiisaakoo dhufte. Barsiisaa: Sooqiraaxis, Seenaa bareedaa tokkon sitti hima, atimmoo seenicha'rraa waan baratte naaf himta, tolee! Sooqiraaxis: Haa ta'u. Barsiisaa: Simbirroota lamatu turan, Isheen ganamaan kaate raammoo funaannattee nyaattee ilmoolee ishees soorte. Isheen lammaffaarratti barfattee kaate immoo, waan nyaattu homaa'llee hin arganne, ni beelofte. Seenicharraa maal baratte, Sooqiraaxis! Sooqiraaxis: Raammoowwan warri ganamaan dafanii ka'an Simbirrootaan nyaataman. An deemeera Nagaatti!๐Ÿ˜ @haqummaaf https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 1
#Hin_inaafin Namoonni tokko tokko umrii waggaa 22tti Digiriidhaan eebbifamanii, hojii gaarii argachuuf waggaa 5-10 eegu. Namoonni tokko tokko umrii waggaa 25tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii waggaa 50tti addunyaa tana nagaa itti dhaamatu. Tokko tokko immoo, umrii waggaa 50tti Gaggeessaa Ol'aanaa ta'anii umrii ganna 100 jiraatu. Namoonni tokko tokko mana barumsaa hin beekan, Manni barumsaas isaan hin beeku, garuu jireenya baay'ee bareeda jiraatu. Tokko tokko immoo, Sadarkaa barumsaa hunda fixanii jiru, garuu jireenya gammachuu qabu hin jiraatan. Namoonni tokko tokko ammayyuu jireenya leexaa (single) jiraatu, kan inni/isheen dur waliin baratan immoo Akkayoo fi Akaakayyuu ta'anii jiru ta'a. #Obaamaan waggaa 55tti Soorama bahe, #Joe_Biden immoo umrii ganna 78tti Pirezedaantii Ameerikaa ta'e, ammas umriin isaa ganna 81tti Pirezedaantummaa itti fufuuf morkachaa jira. Namni hunduu hiree mataa isaa jiraata. Namoonni naannoo kee jiran tokko tokko kan si duursan, kun immoo dubduuba kee kan jiran sitti fakkaachuu danda'a. Haa ta'u malee, hunduu dorgommii isaanii, yeroo isaaniif kennametti fiigaa jiru. Tasuma itti hin inaafin!! Atis jireenya kee, isaanis jireenya isaanii jiraachaa jiru. Kanaaf, gammadi, wanta gochuu qabdu godhi. Ati hin barfanne. Ati hin ariifanne. Atis, Innis, Isheenis yeroo isiniif kennameen deemaa jirtu. Galatoomaa!!!         โœDr. Chala Dida @haqummaaf https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

๐Ÿ‘ 2
AMALOOTA 10 NAMOOTA MILKAAโ€™INNA OLAANAA QABNII.(10 habits of highly successful people. Waan guyyaa guyyaan hojjattu hanga jijjiirtutti jireenya kee gonkumaa hin jijjiirtu. Icciitiin milkaaสผina keetii hojii guyyaa guyyaa kee keessatti argama.โ€ Jireenya kee keessatti nama milkaaโ€™aa taโ€™uuf maalttu na barbaachisa jettee yaadee beektaa? Haayyuun saaykoolojii beekamaan tokkoo akka jedhetti โ€œamala namoota milkaaโ€™inna olaanaa qabanii baruuf waggaa 30 qoradheโ€ jedha. Namoonni milkaaโ€™inna olanaa qaban amala namoonni hin milkoofne irrra adda isaan godhu qabu. Wantoonni isaan guyyarraa guyyatti godhan garagarummaa qabu. Amala namoota milkaaโ€™inna olaanaa qabanii beekuun amala san shaakallee jireenya keenya akkka jijjiiruuf nu garagaara. Jireenya kee keessatti milkaaโ€™inna guddaa yoo barbbade, milkaaโ€™inna barabaaddu argachuuf akkamitti akka aragattu beekuun barbaachiisaadha. Namoonni hedduun milkaaiโ€™inna barabaadan argachuuf maalttu isaan akka barbaachisu hin hubbtan.Barruu tana keessatti amaloota namoota milkaaโ€™iana olaanaa qabanii 10 wajjiin ilaala. Namoonni milkaaโ€™aan sababa amala isaanitiin bakka amma jiran kanatti argaman. Amala jechuun wantoota isaan guyyarraa guyyatti godhan kan isan amala godhataniidha. Nutis amala gaarii ijaaraan jireeenya keenya jijjiiruu fi nama milkaaโ€™inna olaanaa qabu tahuu dandeenya! 1. Ittii gaafatamuummaa fudhatan. Amaloota waroota milkaaโ€™anii keessaa tokko itti gaafatummaa fudhattu. Wanta fedhee jireenya isaanii keesaatti isaan mudattu, jireenya koof kan ittigaafatamummaa kan qabu ana jechuun fudhattu. Nama birattu jireeenya koo jijjiira jedhanii hin taโ€™an. Ati jireenya kee namattu naaf jijjjiira jettee eegdaa? Wanti akka namarra waa eeguu onnee nama cabssu, jireenya namaatirraan dhiibbaa gaโ€™u hin jiru. Kanaaf jireenya keetiif ittigaafatamummaa kan qabu sihi. Namattu jireenya koo jijjira jettee gonkumaa hin yaadin. Jireenya keetiif ittigaafatamummaa kan qabu si maata keeti. 2. Waan afaan isaanitiin jedhan galmaan gaโ€™u. Garagarummaan nama milkaaโ€™aa fi hin milkoofnee, namoonni milkaaโ€™oon waan tokko ni hojjanna yoo jedhan ni hojjattu. namnni milkaaโ€™inna guddaa hin qabne immoo wanta hojjachuu barabaadu tokko hojjachuuf wanta isa hin barabaachine tokko dhiisee hin hojjattu. Fakkeenyaaf tapha kubbaa miilaa tokko ilaalaa yoo jiraate, tapha kana xumuree hojjadha jedha. yeroo xumures amma dadhabee nan rafa jedha. akkanuma utuu jedhuu dhiisa. namoonni mlikaaโ€™an immoo bakkka kamittu wanta hojjachuu barbaadan hojjattu. 3. Yeroo hunda waan haarawa baratan. Amala namoota milkaaโ€™anii keessa kan birraa yeroo huda waan haarawa barattu. Fuuldura isaanitiif of qopheessu. ni dubbisu, namoota isaanii olii waliin hariiroo uumu. Yeroo hunda guddinnaf of qopheessu. 4. Galma irratti xiyyeefatu. Amala namaoota milkaaโ€™anii keessaa inni ijjoon galma isaanitti xiyyeefachuudha. Galmmi jireenya keessatti maalii akka dursa kennittu, essa akka ooltuuf hin olle siif murteessaa. namoonni milkaaโ€™an galama isanitti xiyyeefachuun, karaa galmi isaanii ajaju deemuu. jireenya guyyaa guyyaa isaanitti keessatti galma isaaniitiif hojjatu. 5. Itti fufiinsa qabu. Itti funfiinsa jechuun kaayyoo galmaan gaโ€™aa jettanii yaadan tokko itti xichanii itti fuufudha hanga galmaan gahutti . furtuu milkaaโ€™innaa keessaa tokko wanta qaban itti fuufudha xiqqos haa taatuu wanti guyyaan itti fufnee goonu wali irratti tuulamuun milkaaโ€™inna guddaa taati. ashawaan xixiqqoon bubbeen ooftu tabba guddaa namnni koruu hin dandeenye taโ€™a . wantoonni xixiqqoon itti fufiinsan godhamu milkaaโ€™inna guddaa fidan. 6. XIyyeefannoo qabu. Xiyyeeffannoo jechuun qalbiidhan bakka hojii jirachuu jechuudha. Xiyyeeffannoo malee hojii keenya yoo hojjanne dadhabbiin keenya dachaa taโ€™a. yoo itti xiyyeffannee garuu aniisaa guddaa utuu hin baafne hojii keenyatti milkoofna. xiyyeeffannoon yoo hojjanne aanisaa fi yeroo keenyas utuu of jalaa hin finne xumruu dandeeenya. Kuni amala namoota milkaaโ€™anii keesaa isa ijoodha. https://t.me/Jechoota_Kakaumsaa_Afaan_Oromoo1
Show all...
JECHOOTA KAKA'UMSAA Afaan Oromoo

JECHOOTA KAKA'UMSAA FI ONNACHIISOO ARGACHUUF ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ ๐Ÿ–คโค๐Ÿค JOIN GODHAA. 1.JECHOOTA_KAKAUMSAA 2.Jechoota BARSIISOO 3.KECHOOTA HAYYOOTAA MAARREE ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ FILANNOO KEESSAN

โค 1
Ani kanan tuffadhu dhaloota ammaati,dhaloota 'baradhe' ofiin jedhu. Tole! erga barattee gaaffii 'maaliif?' jedhu kaasuu maaf sodaatta? Waanuma siif kennan maaf liqimsita? Kan baratteef akka gaafattuufiim. miimoorii sammuu keetii keessaa daataa ormaa haqxee kee akka fe'attuufiim. Orma jala yaa'uu dhiistee of jala akka yaatufiim. Waanuma siif kenname hin liqimsin. Kan liqqimsaa jirtu daawaa osoo hin taane summii ta'uu yoon sitti hime ni mormitaa? Mirga keeti. Lakkii dhaloota nana! Warra darbe maaf ilaalta.Isaan hin baranneefuu maal gaafatu. Ana situ na raaje kan bakkuma ka'aan taa'ee nama eegu. Lakkii dammaqi dhalootaa. @haqummaaf
Show all...
Jechoota Mimmiidhagoo: 1. Namni utuu kitaaba dubbisuu danda'uu kitaaba hin dubbifne, nama dubbisuu hin dandeenyerra hin caalu. 2. Namoonni hedduun hamma maqaa isaanii hin ga'an. Maqaa isaaniitu isaan caala. 3. Milkaa'inni wanta namoonni hin argin arguu danda'uudha. 4. Dandeettii / ga'uumsa keessa kee jiru qofaan dorgomi! 5. Beekumsa qaban irratti hundaa'ee namoota gosa 4 tu jira. Isaaniis: Nama hin beekne , akka hin beekne, kan hin beekne. Nama hin beekne, akka hin beekne, kan beeku. Nama beeku, akka beeku kan hin beekne Nama beeku, akka beeku kan beeku. 6. Yeroo hubachuu ilaalchisee namoota gosa 3 tu jira. Har'a keessa ta'anii kaleessaaf warra jiraatan. Har'a keessa ta'anii boriif warra jiraatan. Har'a warra jiraatan. 7. Kaleessi dabreera, bor hin dhalanne, yeroon qabnu har'a qofa. 8. Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada. 9. Diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati. 10. Rakkinni namoota baay'ee humna dhabuu utuu hin ta'in akka humna qaban wallaaluudha. 11. Eenyuyyuu qofaa isaa jiraatee kan fiixaan baafate hin jiru. 12. Namni baay'ees si miidha baay'ees si fayyada. 13. Bilchinaaf karaan qaxxaamuraa hin jiru. 14. Milkaa'inni 99% kufaatiidha. 15. Yaalii dadhabi malee yaaluu hin dadhabin! 16. Carraatti utuu hin ta'in hojiitti amani! Maalirratti hubannokee dabalu barbaadda? Join ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ @haqummaaf @haqummaaf
Show all...
๐Ÿ‘ 2