cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Waloo Tokkummaa

Walaloo, jechoota mimidhagoo, seenaawwan gaggababoofi jechamoota abbooti fi kan saayinsi kanan isinif dhiheessu taha#

Show more
Finland3 269The language is not specifiedReligion & Spirituality99 868
Advertising posts
221Subscribers
No data24 hours
+27 days
+330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Galaa Dhalootaa
App Tokko Malee Setting salphaa kana qofa sirreessuudhaan qarshii Tokko osoo hin baasin interneetii fayyadamuu dandeessu ✅️🙏 ♻️ Hiriyyoota keessaniif share godhaa Ofii koof check godheen isiniif maxxanse Warreen siniif hojjette nuuf hojjeteera jedha @galaa_dhalootaa
Show all...
Kolfi,kolfa,kolfinuu!! Bu'aawwan kolfi qabu ✓ waan nama miidhu tokko hin qabu,garuu waa bayyeef nama fayyadaa. ✓ utuu warra Kennu hin iyyoomsin, warra fudhaatus duroomsa. ✓ yeroo muraasaf ta'a, garuu yeroo tokko tokko bara baraan yaadatama. ✓ kolfa duroomanif hin argatan, iyyoomaniifis hin dhaban. ✓ mana keessatti gammachu uuma, bakka hojiitti fedhii hojii dabala,mallatto hiriyyummaa gaariiti ykn iriyaa gaarii namaf hora. ✓ warra dadhabeef boqonna,warra abdi kuteefimmoo ifaa guyyaati. Warra gaddef ifa biftuuti,daawwa uumama miiraa jeeqamee fayyisuudha. ✓ garuu bitamuu,liqeeffatamuu, ykn hatamuu hin danda'u, hamma kennamutti waan gaarii tahunsa wan hin beekamneef. ✓ warra kennuf hoomaa hin qabne caalaa kan kolfa barbaadu hin jiruu. ✓ yoo namoonni waantota ayyaana dhaloota kiristoosiif barbaachisan sitti gurguran kolfu dadhaban, ati kolfakee xiqqoo isaanif kenni! # kolfikee carraa gaarii baata. Jireenyaa namoota ati agartee hunda ibsa. Fuula isaanii jijjiira. Kolfikee akka biiftuu duumeessa cirtee dachee ibsituuti. Keessumaa yeroo namootni Gaddafi muddama keessa Jiran kolfikee abdii isaanitti hora. Gammachuun biyya lafarra jiraachuu isaanitti agarsiisa. @ kolfi, kolfa, kolfinuu. # maati, firoota, hiriyootni koo biyya keessaf alaa jirtan hundinuu Baga geessan
Show all...
2
DHUKKUBA BUSAA (#MALARIA) 💥Dhibee yeroo ammaa lubbuu danuu galaafataa jiru! 💥Dhukkubni busaa gosa maxxantuu #plasmodium      jedhamuun dhufa. Maxxantuuleen kun gosaan afur (4)      kan jiran yoo tahu isaan keessaa pilasmodiyeem      falsiiparam (60%) fi pilasmodiiyeem vaayvaaksii      (37%) sadarkaa 1ffaaf lammaffaarra jiru. 💥Biyya keenya dabalatee biyyoota addunyaa heddu      keessattii dhukkuba busaa heddumminaan fidun  kan      beekamu gosti pilaasmoodiyeem falsipaaram yoo      dafee hin yaalamiin, dhukkuba hamaa (#severe) fida. 💥Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtiilee lamaan      heddumminaan mul'ata. Kunis:      1. Waqtii birraa: ji'a fulbaana hanga muddee;      2. Waqtii arfaasaa: ji'a Eblaa hanga Caamsaa. MALLATTOOLEE ♦️Gubaa qaamaa (#fever) ♦️Hoollachiisuu qaamaa (#chills & #rigor) ♦️Mataa bowwoo (#headache) ♦️Fedhii nyaataa dhabuu (#anorexia) ♦️Qaama caccabsuu (#arthralgia, #myalgia, #malaise) ♦️Sadarkaa hammaataa irra yoo gahe immoo:      ✅Ofiin dhaabatanii deemuu dadhabuu (#prostration)      ✅Of wallaaluu (#comatose)      ✅Gaggabsoo (#convulsion)      ✅Keelloo ta'uu gogaa qaamaa fi ijaa (#jaundice)      ✅Fincaan diimachuu/xiqqaachuu ykn dhabamuu           (#oliguria/#anuria) ⭐Mallattoleen kun sadarkaa hammaataatti cehuu waan      agarsiisaniif hatattamaan gara mana yaalaa geessuu. WAL'AANSA 🔥Dhukkubni busaa dhibee yaalaan fayyuu dandahu dha.      Kanaaf mallattooleen kunneen jiraannaan dhukkubichi      osoo hin hammaatiin qoratamuun qoricha ogeessi      kennu seeraan fayyadamuun fayyuun danda’ama. 🔥Hub: qoricha ajajame haala ajajameen hanga      xumuraatti fudhachuu, qoricha siniif kennames nama      biroof qooduu dhiisuun barbaachisaadha.  ITTISA ✅Dhibeee kana gara namaatti kan daddabarsitu bookee      busaa dhaltuu (#anopheles_mosquito) waan tateef      ittisni dhibee busaas bookee kana gidduugaleessa kan      godhatedha. Isaanis:      👌Agoobara farra bookee qabu fayyadamuu      👌Keemikaala farra bookee busaa biifsisuu      👌Yeroo halkanii uffata dheeraa qaama keenya           guututti haguuguun uffachuu. ✅Bakka bookeen busaa itti walhoruu dandeessu      dhabamsiisuu fkn, balfaf bishaan ciisan. Magaalota      keessatti naannoo ijaarsi jirutti bishaan faayidaa      biroof kuufamee dagatamuufi akkasumas meeshaale      caccaboo gatamanii bishaan qabatan dabalata. ✅Yeroo gara lafa dhukkubni busaa itti hedduummatu      dhaqan, dursanii ogeessa fayyaa mariisisuun ittisaaf      qoricha fudhachuu. Dr. Tezera G. @Fayyaa_egeree
Show all...
Kaanserii fiixee gadameessaa (Cervical cancer) ----------------------------------::---------------------------- •Kaanseriin fiixee gadameessaa dhukkuba vaayiresii "Human papilloma virus" jedhamuun kan dhufuudha. •Dhukkubni kun dafee adda ba’uun kan yaalamu taanan salphaatti fayyuu danda'a,  yoo namarra turee sadarkaa kaanserii olaanaa irra gahe carraan fayyuu xiqqaataa  deema. Mallattoolee mul'atan Mallattoleen kun yeroo dheeraa booda kan mul'atanidha. Isaanis: •Dhangala'aan foolii badaa qaama walhormaata keessaa ba'uu •Dhukkubbii yeroo wal-qunnamtii saalaa fi  dhiigni dhangala’uu •Dhangala'uu dhiigaa marsaa laguun duraa fi booda •Dhukkubbii naannoo luqqeettuu Karaalee dhukkubni kun ittin daddarbu irra caalaan isaa  wal qunnamtii saalaa daangaa hin qabnee. Karaalee ittisaa •Qorannoo fi yaalii yeroon taasisuu •Talaalamuu(HPV) •Kondomii fayyadamuu •Hiriyaa jaalalaa/gaa’elaa tokkoon murtaa’uu Via: BFO @Fayyaa_egeree
Show all...
Good morning!! May today bring you the joys of yesterday’s hopes!” Ganama kee akkamitti jalqabda? Qulqullinni guyyaa keenyaa haaloota guyyaa sana nu mudatan hammam akka dandamanne irratti hundaʼa. Guyyaa keenyaan walitti hidhamuudhaan sammuu keenya deebisnee kaasaa, tasgabbii fi yaada gaggaarii ishee keessatti uumaa dandeettii qaamaa fi sammuu keenya guddisuun waan layyoo miti. Namoonni baay'een guyyaa isaanii qunnamtii elektirooniksiitiin jalqabu. Jeequmsi addunyaa sammuu jeequmsa, osoo ati guyyaa kee hin jalqabin sammuu kee jeequudha. Jeequmsa addunyaa kanaan sammuun kee jeeqamnaan ni mufatta, ni gaddita, gammachuu hin argattu kuniis hariiroo namoota biroo wajjin qabdu irratti dhiibbaa qaba. Guyyaa kee galateeffachuun jalqabi, jireenya guyyaa biraatiif galateeffadhu. Kadhannaa fi xiinxaluudhaan sammuu kee tasgabbeessi. Deeminsa kee uumama waliin wal qunnamaa karoora guyyaa keetiif uumi. Guyyaan kee caalaatti bu’aa qabeessaa godhi                ☆☆☆☆☆ sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​           🔺ᴊᴏɪɴ🔺 Nu hordofaa 🔻 @galaa_dhalootaa @galaa_dhalootaa @galaa_dhalootaa
Show all...
SABAABI GAMMACHUU KOO!! ~~ Bakka fedhiiko ga'uuf Halkaniif guyyaa labaa! Akkan kolfee qasa'uuf Sababa danuun qabaa! ~~ Gurri koo nii dhaga'aa Sagalee adda baasaa! Afaan koo nii haasa'aa Miilli lafaa na kaasaa! ~~ Qaroon kan koo argitee Waan kamiifu ragaadha! Harkis rakkoo darbitee Qalbiin kiyyas nagaadha! ~~ Wanta hundaarra caalaa Kanin kokkolfuuf biyyaa! Sababni gammachuuko Rabbiin qabaachu kiyyaa! 🔥👏 Integration of our body system is also achieved by only him!! give thanks for Yahweh!!     waan dubbistanif✅✅Eebbifamaa!
Show all...
🔥 2
Repost from Galaa Dhalootaa
Wantoota 7 har'a ofitti himi! *** 1.Ani qaaliidha. 2.Haala har'aa keessaa boru nan baha. 3.Ani miidhagaa/miidhagduu dha. 4.Jaalatamuun naaf mala. 5.Nagaafi gammachuun barbaada. 6.Ani dandeettii gahaa nan qaba. 7.Isa hundumaa qabu Waaqas qaba. ☆☆☆☆☆ sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​           🔺ᴊᴏɪɴ🔺 Nu hordofaa 🔻 @galaa_dhalootaa @galaa_dhalootaa @galaa_dhalootaa
Show all...
👍 3
SAFUU DINQII ISAA ADDAA OOLMAAN ISAA ~~ karaa hamaaf hamaataa dhaloota hin dabrsine! dachee abarsi guutee moo'ichaaf hin mijanne! ~~ moo'ichaaf karaa saqee dinqidhaan na dabarse! Eebbi fi nageenyi isaa godoo Koo jigdu marse! gatamaa lafaa kaasee Fayyina na badhaase! ~~ OOLMAA isaaf jechan dhaba haa ulfaatu maqaa isaa! Na baatee na kununsee natti hin bannee karaa isaa! Abbaan akka isaa hin jiru dinqidha oolmaan isaa! gargaraa iyyeessoota Iyesuus maqaan isaa! ~~ galataan fi weeduu malee kana bira maalan baasaa? baraan isaan jajjadhaa guddummaa isaa ol kaasa! ulfina koo illee gateen maqaa isaan eebbisa! ~~ seenaa dubbiseen miti argeen hima oolchuu isaa! lubbuu koos du'a oolchee                                 anaaf ADDA OOLMAAN ISAA! ~~ Waan dubbistanif GALATOOMAA!!
Show all...
Galaanni dukkanichaa!😭😭 ~~ bara sobni lafa dhaale dhugaanis awwalame! godoon dhugaa dhigaame gamoon soba ijarame! ~~ Jal'aan quufee jiraatee qulqullun dararame! furmaatni barbaadamu dhigaan illee dhabamee! ~~ kan dhugaa keenya hiiku nama tokkollee dhabne hidhii xuxaa jiranna boquu keenyallee cabne! ~~ barii lafaa arguudhaaf karaa eegaas jiranna! boruf darbuuf jira jenne firfaari ormaa nyaanna! ~~ tari barufi jira laataa kanaaf akkas nu raasaa? qilleensi isaas hammaatee gurra keenyatti hasaasa! ~~ nu raasee nu qoraase akka waan dhadhaa baasuu! kiyyoo isaas tarressee jiruu keenyaas rarraasu! ~~ obsaan eegne ilaalla waan bariin dhaluuf jiru! galaanni dhukkanichaa sin fudhatin yaa tiru! Waloo Gemechu Channel kana add gochuuf na jajjabeessaa! https://t.me/Lammikof
Show all...
Waloo Tokkummaa

Walaloo, jechoota mimidhagoo, seenaawwan gaggababoofi jechamoota abbooti fi kan saayinsi kanan isinif dhiheessu taha#

4
3