Obsinaan Arsii
Open in Telegram
Haqaaf haqaan moona. Gaaf-tokko Walabummaa koo argee gammaduun koo hafa hin qabu. #Oromia Shall be free.Ani Oromoo muslimaati,Saba kootiif Amantii kootiif nan qabsaawa.Waadaa jaallanii nan eega.!đ¤âĽď¸đ¤ Channel kana irraa Seenaa hedduu bartu jedheen amana.
Show more1 444
Subscribers
-224 hours
-107 days
-3330 days
Posts Archive
1 444
âSitti hin dhiyaadhu
âSirraa hin fagaadhu
âSimalee hin filadhu
âSi waliin hin jiraadhu
â
âHaqadha sin dhoksu
âDhugaadha sin obsu
âSi arguu illee fedhu
âSin ala hin milladhu!
â
âJibba sagalee keefan
âGuuriin gurra duucha
âGaruu keessa kooti
âSagaleen kee kililcha!
â
âSi dhabaan si argaa
âArgaan si barbaada
âMilluu kee arguufan
âOf gatee si gaada!
â
âJibba kee yaadaan
âJaalala kee himadha!
âSirraa hiiquuf hiixachaan
âSuuraa kee arguuf miixaadha
â
âJaalala jibbaan balfeen
âOnnee koo jibbaan faala
âTeessoo jibbaa keessattuu
âGaruu jaalala keen ilaala!
â
âHidhaa hin hiikamneen
âSakaalameen jiraadha
âHibboo jaalala keetiif
âYoomaan furmaata argadhaa?
â
âMurteesse sirraa fagaachuuf
âTasumaa ani hin danda'u!
âSitti siqee si filachuudhaaf
âAmalli kee siif iyyuu hin ta'u!
â
âGiddu gidduuttan rarra'e
âMuka mukarraa cite ta'ee
âAn yoomumaan furamaa
âHidhaa kee kanatti ba'ee?
#Kaarrolee!đ
1 444
.
Ati yeroo daangaa kee kabachiiftu nama miidhaa hin jirtu,
of eeggachaa jirta malee.
Nagaa sammuu keetii eeggachuun kee immoo gara fulduraatti hojii kee irratti xiyyeeffannoo gaarii akka qabaattu si gargaara.
Kanaafuu
Of ta'iđ
#kanuma_Keenyas_Oluma
1 444
Rooba ganna keessa
Garmalee cabbiidha
Jibba kees hin qabuu
Dhuguma Rabbiidha
Jaalala kee malee
Hamaa homaan qabu
Akkas ta'uu kiyyaaf
Yoomillee hin gaabbu
....
@Obs_Ar
1 444
Fuula ko siif ibseen
Onneetti si baadhe
Olka'ee dhaabadheen
Taa'umsa siif laadhe! â¤ď¸âđŠš
@Obsi_A
1 444
Anatu....!
Jalqaba gaafa san si jaalachuun qabne
Silaa harr'a natu ofii kiyyan dhabne
Silaa situ gaafas hamileen sin cabne
osoon rakkinna koo haala kiyya beekuu
Osoon bakkan yaade yoomin gahaa eeguu
silaa si jaaladhee silaa siif laaladhee
si laaleessuun qabu
Silaa si rakkisee si yaaddessuun qabu
Garuu.....
Osoon ittin yaadin osoon hin barbaadin
tasattin si arge akkuman si argeen...
jaalallii kee gaariin na keessatti marge.
Akkasittin kaayyoo laayyomatti gatee
Gola yaada kootii jaalalli kee hate
Sanyiin jaalalaatis nu jiddutti late
Ammas.....
Osoon hin jaalatin jaalala lagachuuf
Atis na dagattee anis si dagachuuf
Guyyaan gaariin darbee inni hamaan dhufee
Balbala jaalalaa dhiibee nutti cufe
Onnee waliin jirtu qaama adda baasee
Qilleensi ulfaataan Siifi anas raase
Akkasiin.......
Osoo wal dhabuu keenyaaf
gadoo baannee hadhooynuu
Gaafa wal garru yaadaa
Osoo guyyaa lakkooynu
balbala torbee saaqaa
kan ji'as itti geenyee
Waggaa hedduu lakkoofnee
hanga harr'atti teenye.!
Hanga waggaan danuun
balbala banatu
inni eege si miti
wanti tahe anatu........đĽ˛
Kee'ol Kaayyoo.......âď¸
1 444
Kan koof kan kee maal jedhamaa?
Aniif ati walii maalii?
Nu orma moo walii firaa?
Natti himi dubbii laalii!!
...
1 444
Roba dhabuun dandayuu biqiltuun bunaa
Rabbumattin dhiise ka kiyyaaf kee kanaađĽ°
Reaction đ
1 444
Saree Fooniin
Dhiira jaalalaan
Durba Qarshiin ArgatanđđĽ
"ááť á áľáᣠáááľ á áá
áᣠá´áľ á áááἠááááá˘"
Ani hin jenne jedhe hin jedhu jedhee garuu dubbbiin dhugaadha.đđ
1 444
....Umrii kee waggaa 20ota ykn 30ota keessa jirtaa?
Ganama yeroo hirribaa kaatu "Jireenyi koo duubatti hafeera" miirri jedhu sitti dhaga'amaa?
Naannoo kee yeroo ilaaltu namni hundi karaa jireenya isaa waan argate sitti fakkataa?... Inni tokko mana daldala banateera... Inni kaan gaa'ela dhaabbateera... Inni biraan addunyaa irra naanna'a... Hundi isaanii gammadoo, firii qabeeyyii fi kan milkaa'an sitti fakkatu...
Ati garuu achuma jirta, "Ammas yeroon qaba..!" Anis nan qaqqaba jettee of amansiisuuf yaalta. Garuu keessi kee si hin fudhatu... Keessi kee "Sirra dabreera" jedhee iyya jabaa iyya.
Obboleessa koo... Rakkoon kee ofii kee namoota biroo waliin dorgomsiisuu keeti.
Wanti ati Miidiyaa Hawaasaa (Social media) irratti argitu guutummaa Isaa jireenyaa dhugaa miti... Namoonni kan siitti agarsiisan injifannoo fi milkaa'ina isaanii qofa... Imimmaan, kufaatii fi yaaddoo isaanii si hin agarsiisan.
Dargaggeessa umrii waggaa 23tti dhaabbata bane argita... Ji'a 6 booda kisaaree cufamuu isaa garuu hin argitu.
Intala umrii waggaa 25 addunyaa irra naannoftu argita... Liqiidhaan akka jiraattu garuu hin beektu.
Ammas Namoita umrii waggaa 27tti sirna gaa'elaa Ajaa'iba ta'een heeruman (wal fuudhan) argita... Garuu iyyansaa fi wal loliinsa malee suuta jedhanii waliin dubbachuu akka hin dandeenye hin argitu.
Michuu koo... Ati duubatti hin hafne.
Jireenyi dorgommii miti.
Waggaa 20onni fi 30onni "Xumura waan hundumaa" utuu hin taane; Jalqaba waan hundumaa, bara yaalii, bara kufanii ka'uuti.
Waggaa 20ota dabarsitee
Waggaa 30ota keessa xumura irratti hojii kee argachuu dandeessa... Waggaa 40ota keessa immoo of argachuu fi of beekuu dandeessa... Waggaa 50ota keessa jaalalaan gaa'ela dhaabbachuu dandeessa... Waanti "Yeroo sirrii jireenyaa" jedhamu hin jiru.
Tokkoof dursee milkaa'uufii danda'a, tokkoof immoo dulluma keessa milkaa'uufii danda'a.
Galgalliis umriidha... Kadhannaan "Buddeena galgalaa naa kenni" jedhamu kan kadhatamuuf kanumaafi.
Kanaaf... Har'a jireenya namoota biroo caalaa imala ofii keetii kabaji.
Suuta jettee yoo deemtes tarkaanfataa jirta. Kufaatiin kee xumura kee miti... Kufaatiin har'aa milkaa'ina boruutiif sababa ta'a.
Ati nama gatii hin qabne miti... Ati nama jabaa adeemsa keessa jiruudha!! Uumaan yaada kee guutuu siif haa milkeessu, argatanii dhabuu irraa si haa fageessu.
#kanuma_Keenyas_Oluma
1 444
Innin fedhuuf rafuu,
Siree kootti hafuu
Sababni anâ jaaladhuuf
Abjuu kiyya keessatâkkan si yaadadhuufi
Abjuun waaâee keetii
Ilaalameen dhumu kutaa hedduu qaba
Kutaan-kutaaf laate osoo dhumateeyyuu
Season biraattu haaratti jalqaba
Fiilmii abjuu kana,
kan Waaqni barreessu
Daarektaras tahee
Kan natti âgarsiisu
Taatoolleen si qofa
Daawâataanis ana, kophaan si hordofa
Siâii lafan jirre, abjuun firoomfadhee
Qalbii sirraan hirre; qaama si godhadhe
Aduu dhiha eegeen
Fiigee siree barbaada
Edaanuu, ani hin barre malee
Abjuu keen araada?!
Bonsaa Hâď¸
1 444
Ofuma kiyyaaf aaree bilbila sirratti cufeen, ammaa amma bilbila lafaa fuudhee akka ati naaf barreessite ilaala!
Miira aarii keessattis sin yaada, sin eega. Ergaa kee dhabuun na dhiphisa, garuu akka nama dhimma kee hin qabneetti, akka nama sin yaanneettin fakkeessa, osuma qalbiin si yaadduu onneen koos si dheebottuu.
Sitti aare jechuun si hin yaadu jechuu miti, siin yaada yeroo kamiyyuu tokkicha koo. Jechoota yeroo sanitti aaree miiraan sitti darbadheen si daddarbuun koo si hin jaaladhu jechuu miti, hedduun si jaaladha na amani isa ati beektu caalaan si jaaladha. Tarii dogoggoraan natti fakkaatee faallaa kee raawwadhee si aarsuun danda'a, garuu na amani si miidhee ofirraa si fageessuuf waaniin raawwadhu tokkollee hin qabu. Onneen ittin si miidhuufii sammuu miidhama kee fudhattu hin qabu!
Kennaaâď¸âď¸
1 444
Na bakka buusuuf hin ariifatinđ ishee ati barbaaddu akkamitti akkan taâu na barsiisi.
Waan nagaa siif kennuu natti himi, waan akka ati jaallatamteetti siitti dhagahamu na agarsiisi,akka ati barbaaddu guutumaan guutuutti siif ta'uu baadhullee, si dhabuu irra barachuun filadha.
Ani nama guutuu taâa jechuun soba taâa. Garuu ani yaala jechaan jira; nan hojjadhas Ati akkuma ani amma jiru kana qofa fudhattee akka na quuftu hin barbaadu. Jaalalli dhugaa nama waan hunda beeku argachuu miti. Guyyaa jalqabaa irraa kaasee mudaa tokko malee wal simachuu jechuu miti!
Jaalalli dhugaa wal wajjin guddachuu dha, suuta suuta wal barachuu dha, guyyaa rakkoon jiru illee wal bira dhaabbachuu dha. Guyyaa deemuun salphatu illee "ani siif jira" jechuu filachuu dha.
Ani seenaa kee keessatti nama biraa taâee darbuu hin barbaadu; dubartii maqaan ishee yeroo biraa keessatti qofa kaafamu taâuu hin barbaadu. Nama si hubatu, yeroo jireenyi ulfaatu si cinaa dhaabbatu, waan ati barbaaddu taâuuf fedhii qabu taâuu barbaada.
Kanaaf yoo ani yeroo tokko dogoggore, maaloo callistee hin deemin. Natti himi, waan ani ofii koo hin argine akka argu na gargaari. Ani immoo hir'ina Koo sirreessuuf nan yaala.
Jaalalli yeroo rakkoon dhufu namootaan wal jijjiiruun miti; sun karaa salphaa dha, namni kamuu gochuu ni dandaâa. Jaalalli dhugaa garuu waan dhugaa fi yeroo dheeraa turu ijaaruu dha!!! yeroo gaarii fi yeroo hamaa keessatti illee cimuudha! kan Immo namni hundi gochuu hin danda'uđ Ani immoo waan akkasii si wajjin ijaaruu barbaada, nama biraa wajjin osoo hin taane si wajjinđ
Eenyu atiđ
âď¸ #Ruziya_Mudi ti
1 444
Hoggansi 3
1ffaa hoggansa gaarii
2ffaa hoggansa baay'ee gaarii
3ffaa hoggansa cimaa
1ffaa hoggansi gaariin yaada ijaara
2ffaa hoggansi baay'ee gaariin nama ijaara
3ffaa hoggansi cimaan hogganaa akka ufii oomisha
1 444
"NEVER OUTSHINE THE MASTER!"
Hogganaa kee dursitee hin argamin, caltee hin muldhatin ykn irra hin-dhahinâakka jechuuti.
Kitaabni "The 48 Laws of Power" jedhu kan nama Robert Green jedhamuun barraaye akka seera jalqabaatti isa kana kaaya. Fagoo deemuu yoo barbaadde halaqaa kee gammachiisi. Yeroo kamuu inni akka sii ol ta'etti akka itti dhagahamu godhi. Isaa gad ta'ii itti muldhadhu. Waan inni angoo kiyyatti dhufuu danda'a jedhee yaadu irraa fagaadhu. Angoo isaatiin walqabatee waan miira shakki itti uumu irraa of-fageessi jedha.
Kanaan illee hin dhaabu. Halaqaa kee jaji. Faaruun qarxam godhi. Milkaaâinni kun siin argame jedhiin. Waa hundi ciminna hoggansa keetiit jedhii leellisiin. Ofiillee ijaartuu, ofillee hojjattu, maqaa isaatiin galmeessisi. Yoo san fagoo deemta. Innuu ol si darba, angoo irraan angoo siif dabala, ykn siif dabalama wayii jedha kitaabichi.
***
Yeroon isaa 1660moota keessa ture. Nicolas Fouquet namni jedhamu ministera (hogganaa) faayinaansii France ta'ee hojjataa ture. Gaafa tokko erga mana bareedaa masaraa mootichaa gitu ijaare booda eebba isaatiif mooticha (Louis Saglaffaa jedhamu) waame. Mootichis affeerraa kabajee argame. Sagantaan eebbas diinqii ture. Nyaatni, dhugaatiin, sirbii, agarsiifni, adduma ture.
Mootichi waan ta'eefi arge kanatti gammachuu dhabe. Ni dallane. Torbee muraasa booda ministericha fuusisee hidhatti darbe. Mana murtiittii himannaa malaanmaltummaatiin itti murteessise. Mana ijaarames, meeshaa manni ittin faayames keessaa guursise. Hogganaan faayinaansii sunis jireenya isaa guutuu hidhaa keessatti dabarse.
***
Galileo Gallile jarraa 17ffaa keessa waa'ee hawaa kana qorataa ture. Yeroo inni qoratu san ummanniifi abbootiin amantaatis "aduun lafa irra naannofti" jedhanii amanu ture. Akkasittis barsiisu. Yeroo dura Galileon qoraannaa isaa san godhu Phaaphaasiin Catholic Roomaa guddichi inuma jajjabeessaan ture. Deeggaraa isaati. Harka irra qaban.
Booda Galileo Gallile kitaaba barreesse. Kitaaba san keessattis namoonni adutu lafa irra naannaya jedhanii barsiisaniifi yaadan gowwaadha akka jechuu wohii jedhee kitaabicha irratti barreesse. Wanti kun Phaaphaasicha deeggaraa isaa ture ni mufachiise. Akka waan kabajaafi humna isaatti dhufeetti ilaale. Booda Galileo hidhatti darbachiise. Galileon silaa fagoo deemuu danda'u paaphasicha afoo bu'ee hidha manaa keessatti hafe.
âââ
Waan dubbisan waliiqooduun dansaadha jedheetuma boqonnaa dilbataatiin waan kitaabicha keessaa yaadadhu kana isiniif hire.
Yeroo gaarii!
1 444
Ani sin jaaladha
Lubbuu tiyya caalaa
Sumaaf na dhukkube
Sumatu na yaala..!
fagaachuu keetinin kufe
si argachutu na kaasa
Dheebuu jaalala teeti
Situ dheebuu na baasa
Qaamaan narraa fagaattus
yaadaan narraan fagaanne
kufaatii kiyya laaltee
garaa nattin jabaannee..
Guyyaa namni na jibbe
Fagorraa na jaalattee..
Dhibee tiyya dhibamtee
Laalaa tiyya laalatte..
Waanan siin jedhun qabu
Sumaafiin dhabe gatii
Sin jaaladha lubbuu too
Jireenya kooti ati âĽď¸đ
Kee'ol kaayooâď¸
1 444
MAQAAA KITAABAA: "YAADII DUROOMI"
Think and Grow Rich
NAAPPOOLIYOON HIIL
Hiikkaa Afaan Oromoo:
EEBBISAA BAAYISAA FI
GIRMAA OLAANII AKKA GULAALANITTI
đ˘JOIN AND đSHARE
ââââââââââââââ
đJOIN: @Oro_Books
đJOIN: @Oro_Books
âââââââââââââ
1 444
Dur gaafa laalaa lola #Minilik ibsattu manguddoon teenya akkas jetti;
Halasnaa Bordoddee
Haloo Aanoleedhaa,
Simaabaluu Ciroo
tan Mudhii uleedhaa,
Yaa Miidhagaa lolaa
Calanqoo caliidhaaa,
Waa dheengaddaa mitii
arraa mii kaleedhaa,
Kaleen arraa mitii
nattuu ammalleedhaa.
