Walaloo & Nashiidaa
Open in Telegram
https://t.me/SarkameTech Visit My Web https://sarkame.com Walaloo fi Nashiidaa Islaamaa, Bifa Sagalee fi Barreeyfamaa fi Video-tiin Asirraa argattan ___ https://youtube.com/@karaahaqaa ___ https://t.me/Karaa_Haqaa ____ https://www.facebook.com/Karahaqa
Show more4 157
Subscribers
-324 hours
+47 days
+2630 days
Posts Archive
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
🔗 Linkiilee Keenya:
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
قال الحافظ ابن رجب رحمه الله: لا صلاح للقلوب حتى تستقر فيها معرفة الله، وعظمته، ومحبته، وخشيته، ومهابته، والتوكل عليه، وتمتلئُ من ذلك، وهذا هو حقيقة التوحيد، وهو معنى "لا إله إلا الله" فلا صلاح للقلوب حتى يكون إلهها الذي تألههُ، وتعرفُه، وتحبُّه، وتخشاهُ، هو الله وحده لا شريك له.
Al-Haafiz Ibn Rajab (rabbi isaaf haa rahmatuu) akkana jedheera:
"Hamma beekumsi Rabbiin beekuu, guddina Isaa, jaalala Isaa, sodaa Isaa, kabaja Isaa fi Isatti hirkachuun (tawakkulaan) keessa ishee qubatutti, akkasumas kanaan hamma guutamutti qalbiiwwaniif toliinsi (fooyya’iinsi) hin jiru. Kun immoo dhugaa 'Tawhiidaa' ti, hiikni 'Laa ilaaha illallaah' jedhus kanuma. Kanaafuu, hamma Gabbaramaan ishee kan isheen gabbartu, kan isheen beektu, kan isheen jaallattu fi kan isheen sodaattu Allah qofa, kan hiriyyaa hin qabne ta’utti qalbiiwwaniif toliinsi hin jiru."
🔗 Link
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Gaafa guyyaan gahe
Namu numa deemaa
Yaa Rabbi nuun godhin
Qoraan jahannamaa 😭
Aaamiin
4 158
Du'udhaaf uumamne
Jiraachu hawwinaa
Khaatimaa nu tolchi
Atummaan Moowlaanaa 🥹
Aaamiin
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
Murtii Rabbii fi Ergaamaa Isaa Qofaan Buluu
قال ابنُ تَيميَّةَ رحمه الله:
«ليس لأحدٍ أن يَحكُمَ بين أحَدٍ مِن خَلْقِ اللهِ؛ لا بين المُسلِمين ولا الكُفَّارِ، ولا الفِتيانِ ولا رُماةِ البندُقِ، ولا الجيشِ، ولا الفُقراءِ، ولا غيرِ ذلك؛ إلَّا بحُكمِ اللهِ ورَسولِه، ومن ابتغى غيرَ ذلك تناوَلَه قَولُه تعالى: {أَفَحُكْمَ الْجَاهِلِيَّةِ يَبْغُونَ وَمَنْ أَحْسَنُ مِنَ اللَّهِ حُكْمًا لِقَوْمٍ يُوقِنُونَ} [المائدة: 50]، وقَولُه تعالى: {فَلَا وَرَبِّكَ لَا يُؤْمِنُونَ حَتَّىَ يُحَكِّمُوكَ فِيمَا شَجَرَ بَيْنَهُمْ ثُمَّ لَا يَجِدُوا فِي أَنفُسِهِمْ حَرَجًا مِمَّا قَضَيْتَ وَيُسَلِّمُوا تَسْلِيمًا} [النساء: 65]؛ فيَجِبُ على المُسلِمين أن يحكِّموا اللهَ ورَسولَه في كُلِّ ما شجر بينهم».
📚 [مجموع الفتاوى (35/407)]
Hiikkaa Isaa (Afaan Oromoo)
Ibn Taymiyyah (Rabbiin haa marhamuuf) akkana jedhe:
"Namni kamiyyuu uumaa Rabbii gidduutti murtii kennuuf mirga hin qabu; Muslimoota gidduutti ta’ee kaafiroota, dargaggoota ta’ee warra meeshaa waraanaa hidhatan, loltoota ta’ee hiyyeeyyii, fi kkf gidduutti; murtee Rabbii fi Ergaamaa Isaa (SAW) qofaan malee. Namni murtii kana malee biraa barbaade, jechi Rabbii (Ol-ta’ee) kun isaan ilaallata:
"Sila murtee jaahiliyyaa (bara wallaalummaa) barbaaduu? Namoota (Rabbiin) mirkaneeffatan biratti murtii Rabbiin caalu eenyutu qaba?" (Suuraa Al-Maa’idah: 50)
Akkasumas Rabbiin akkana jedhe:
"Lakki! Gooftaa keetiin kakanne! Hamma dhimma gidduu isaaniitti dhalate irratti si murtii godhatanitti, ergasii murtii ati kennite sanatti onnee isaanii keessatti dhiphinna tokko malee guutummaatti harka kennatanii fudhatanitti hin amanan." (Suuraa An-Nisaa: 65)
Kanaafuu, Muslimoota irratti waan gidduu isaaniitti dhalatu (wal-dhabdee) hunda keessatti gara Rabbii fi Ergaamaa Isaatti deebi’anii murtii fudhachuun dirqama."
📍 Madda: Majmuu’ul Fataawaa (35/407)
🌐 Karaa Haqaa
🔗 Linkiilee Keenya:
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
Shirkiifi Warra Shirkii Irraa Qulqulluu Ta’uu
Sirrummaa fi fudhatama Islaamaa keessatti ulaagaa waliigaltee (Ijmaa’a) irratti godhame dha.
قال الشيخ الإمام محمد بن عبد الوهاب - رحمه الله تعالى -:
«لا يصح دين الإسلام إلاَّ بالبراءة من هؤلاء - أي الطواغيت المعبودة من دون الله - وتكفيرهم، كما قال تعالى: {فَمَنْ يَكْفُرْ بِالطَّاغُوتِ وَيُؤْمِن بِاللهِ فَقَدِ اسْتَمْسَكَ بِالْعُرْوَةِ الْوُثْقَىَ} [البقرة: ٢٥٦]» «الدرر السنية»: (١٠/ ٥٣).
Hiikkaa:
"Diiniin (amantiin) Islaamaa namarraa hin sirraahu; isaan kanneen (Gabbaramtoota sobaa kan Allaah malee gabbaraman) irraa qulqulluu ta’uu fi isaanitti kafaruun malee. Akkuma Allaah olta’aan jedhe: {Namni taaghuutatti (gabbaramtoota sobaatti) kafaree, Allaah’tti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera} [Al-Baqara: 256]."
وقال عبد الرحمن بن حسن:
«أجمع العلماء سلفًا وخلفًا من الصحابة، والتابعين، والأئمة، وجميع أهل السنَّة، أن المرء لا يكون مسلمًا، إلاَّ بالتجرُّد من الشرك الأكبر، والبراءة منه وممن فعله، وبغضهم ومعاداتهم بحسب الطاقة والقدرة، وإخلاص الأعمال كلها لله، كما في حديث معاذ الذي في الصحيحين: «فإنَّ حقَّ الله على العباد أن يعبدوه ولا يشركوا به شيئًا» «الدرر السنية»: (١١/ ٥٤٥).
Hiikkaa:
"Ulamoonni duraanii fi kan boodarraan dhufe (salafaa fi khalafa), Sahaabota, Taabi’oota, A’immota (hoggantoota amantii) fi guutummaan Ahlu-Sunnaa irratti walii galanii jiru: Namni tokko Muslima ta’uu hin danda’u; shirkii guddarraa of qulqulleesse, ishee fi warra ishee raawwatu irraas qulqulluu ta’e, akkasumas akka dandeettii isaatti isaan jibbee fi diina godhate, hojii isaa hunda Allaah’f qulqulleesse malee. Akkuma hadiisa Mu’aaz kan Sahiiheen (Bukhaarii fi Muslim) keessa jiru keessatti dhufe: «Haqni Allaah gabrootarraa qabu; Isuma qofa gabbaruu fi Isatti homaa qindeessuu dhabuu dha»."
وقال عبد اللطيف بن عبد الرحمن بن حسن:
«إن أصل الإسلام وقاعدته هي: عبادة الله وحده لا شريك له، وإفراده بالقصد والطلب، وأن توحيد الربوبية واعتقاد الفاعلية له تعالى، لا يكفي في السعادة والنجاة، ولا يكون به المرء مسلمًا حتى يعبد الله وحده، ويتبرأ مما سواه من الأنداد والآلهة» «الدرر السنية»: (١٢/ ١٩٧، ١٩٨).
Hiikkaa:
"Hundeen Islaamaa fi bu’urri isaa: Allaah qofa gabbaruu, hiriyaa Isaa hin qabne; niyyaa fi kadhaanis Isuma qofa qulqulleessuu dha. Tawhiidni Rubuubiyyaa (Allaah qofti uumaa ta’uu amanuun) qofti gammachuu fi milkiif hin ga’u. Namni tokko ittiin Muslima hin ta’u; Allaah qofa gabbaruu fi waan Isaan ala jiru hunda (gabbaramtoota sobaa fi hiriyaawwan) irraa qulqulluu hanga ta’utti."
🔗 Linkiilee Keenya:
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
🔗 Linkiilee Keenya:
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
Kaayyoo Guddaa Islaamni Itti Dhufe.
Bilisummaa jechuun maali? Namni baay'een bilisummaa jechuun fedhii lubbuu hordofuu itti fakaachuu danda'a. Garuu, bilisummaa dhugaan sirnoota nama cunqursanii fi uumama (fidraa) namaa xureessan jalaa bilisa ba'uudha.
Sayyid Quxub kitaaba isaa "Ma'aalim fii Xariiq" keessatti akka ibsetti, Islaamni sirna addunyaa hundaaf dhufe malee amantii ganda tokkoo miti. Inni kaayyoon isaa inni guddaan namoota harka namootaa jalaa baasee, harka Rabbii jalatti bilisa isaan taasisuudha.
Nu hordofaa:
✅ Facebook
✅ Telegram
✅ YouTube
✅ TikTok
#BilisummaaDhugaa #SayyidQuxub #Islam #KaraaHaqaa
🔗 Linkiilee Keenya:
🎥 YouTube: youtube.com/@karaahaqaa
🟢 WhatsApp Channel: https://whatsapp.com/channel/0029Va9ZjDHId7nTcGJK6934
📢 Telegram: t.me/Karaa_Haqaa
🔵 Facebook: facebook.com/Karahaqa
4 158
Repost from 𝗞𝗔𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗔𝗤𝗔𝗔
بِسْمِ اللَّهِ الرَّحْمَٰنِ الرَّحِيمِ
وَقُلْ جَاءَ الْحَقُّ وَزَهَقَ الْبَاطِلُ ۚ إِنَّ الْبَاطِلَ كَانَ زَهُوقًا🌟 Karaa Haqaa: Madda Beekumsaa fi Ifa Diinii! 🌟 Rabbii olta’aan (SWT) Quraana Kabajamaa keessatti akkana jedha:
وَلْتَكُن مِّنكُمْ أُمَّةٌ يَدْعُونَ إِلَى الْخَيْرِ وَيَأْمُرُونَ بِالْمَعْرُوفِ وَيَنْهَوْنَ عَنِ الْمُنكَرِ ۚ وَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَGareen Karaa Haqaa milkaawaa kana keessatti qooda fudhachuuf, dhugaa qabatanii soba dhabamsiisuuf halkanii fi guyyaa carraaqaa jiru. Kaayyoon keenya haqa olqabuu fi qalbii mu'uminaa beekumsa qulqulluun ijaaruu dha. 💎 Maaliif Nu Hordofuu Qabdu? Channeloota keenya irratti barumsa fi gorsa adda addaa gadi fageenya qaban argattu: 📜 Gorsa Adda Addaa: Jireenya keessan kan dunyaa fi aakhiraa qajeelchuuf gorsawwan onnee qabbaneessan, kanneen barumsa guddaa qaban yeroo yeroon isiniif dhiyaatu. ⚔️ Aqqiidaa fi Towhiida: Hundee amantii keenyaa kan ta’e Aqqiidaa sirrii barachuuf, muhaadaraawwan gadi fageenya qaban kanneen shirkii fi bid’aa saaxilan asitti argattu. ⚖️ Falmaa fi Ragaa (Da’waa): Falmaa ulamaa’ii Jamaa’atul Islaamiyyaa fi gareewwan biroo jidduu jiru, ragaa qabatamaa fi haala ragaa diiniitiin deeggarameen asitti isiniif dhiyeessina. 🗣️ Wal-dhabdee Haasaa Sheekotaa: Falmii fi wal-dhabbiilee sheekota yeroo ammaa jidduu jiran, ragaa kamiin akka wal mormanii fi haqi eessa akka jiru addaan baafachuuf nu hordofaa. 🛡️ Baaxila Saaxiluu: Sobni yoomiyyuu dhugaa dura dhaabbachuu hin danda’u. Karaa Haqaa irratti soba diinaa fi duba isaa kan jiru ragaadhaan saaxilla. 🔗 Nu Waliin Ta’uun Beekumsa Daballadhaa! Haqa babal’isuu fi baaxila dhabamsiisuuf linkiilee keenya kanaan gadii hordofaa, hiriyoota keessaniifis dabarsuun (Share gochuun) ajrii keessan dabaladhaa: 🎥 YouTube (Sagantaa Viidiyoo): youtube.com/@karaahaqaa 🟢 WhatsApp (Haaraa): WhatsApp Channel 📢 Telegram (Odeeffannoo Saffisaa): t.me/Karaa_Haqaa 🔵 Facebook (Waliin Dubbachuuf): facebook.com/Karahaqa Karaa Haqaa — Iddoo Haqi Itti Guddatus, Baaxilli Itti Dhabamus!
4 158
(﷽)
Keysummaan dhufee
Nurra olgale
Gala kae deemuuf
Ammaas gara gale
Kheyrii boojiadhaa
Otuu nurraan galle
Guyyaan dafee dhumaa
Fursa boojiadhaa
Kheyrii inni qabuus
Irraa dhaqqabadhaa
Halkaniif guyyaadhas
i'baadaan dhaabbadhaa
Kheriisaa hongahuus
Rabbi maganfadhaa
Utaqaa'a tahuus
Akkaan rabbi khadhaa
Khurnan gahuuf deemaa
Olka'aa dhaabbadhaa
Leylatul qadriidhas
I'baadaan tooyadhaa
Isa nuwaffaquus
Rabbuma nuuf khadhaa
Summii ibaadaarraa
Jabeysaa eeggadhaa
Riyaaf sum'aadhaa
Isas qalbeyfadhaa
Hojii sirraa seenuu
Rabbi maganfadhaa
Inni biraa ammas
Hamaafii namiimaa
Dabalataan ammas
Jachoota hamaamaa
khuni hundi isaa
Summii hojii namaa
Irraa nubaraari
Yaailaaha namaa
Rabbi maganfadhaa
Qixaanni isaa cimaa
Khurnan dhumaa gahuuf
Dhufuuf asdhaabbataa
Qaraatiif ibaadaan
Eenyumaa dhaabbata
Caalmaya guyyaalee
Eenyumaa hubata
Gabroottan rahmaanis
Hunduu nijabaata
Qaraatiif zikriitti
Akkaani dhaabbata
Leylatul qadriidhas
Ibaadaan tooyata
Halkan san barbaada
Itti qaaxiroota
Warrasaasa dammeysee
Ibaada jabaata
Qixaax rahmaanis
I'baadaan baqata
Hojiirraa qeebaluus
Rabbiisaa khadhata
Waahunda keysatti
Nabitti hidhata
Hojii teenya hunda
Rabbi nuuf qeebali
waan balleysu maraas
Ati nurraa laali
Nuti suma qabna
Mootii hundaa olii
Nabii keetirrattiis
Allahuma salli
Wasallam ammsiis
Salli alarrasuuli
(ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ ﷺ)
4 158
Obsuukhee Jabeeysi
Obsuun Gatii Qabaa
Beellama Rabbiitii
Mindaan Obsaa Jabaa
🩵🖇️🌸
4 158
Yaa Rabbii Guddicha
Yaa Mootii Tokkicha
Yaa Arjaa Hundarraa
Si Qofa Gabbarraa
Haajamaan Hedduudhaa
Hunda Haajaa Baasi
Sumaa Garaa Laafaa
Rahmaan Nu Milkeeysi
🩵🌸🤲🤲
4 158
Si malee Rabbii koo
Ona jiruun tiyya
Kophaa too nan dhiisin
Yaa Ilaahii kiyya
😢😢😢
4 158
عش رجبا ترىٰ عجباً !!
Alhamdulillaahi
Rabbii kootin faarsa
Kan anaafis kanne
Kennaan qabne aarsaa
Isa tokkichoomsuun
Mushriktoota aarsa
Alhamlillahi ammas
Isaan faarsaa
Jiruu tanarratti
Waahedduudha gartaa
Waan argitu hundaas
Wahi irraa bartaa
Muslima yotaate
irraahi fikkirtaa
Tokkichummaa rabbii
Isarraa hubattaa
Arraas wahiin argee
Nawaliin milladhaa
Waan namichi jadhu
Gurraan dhageyfadhaa
Isin duraan bahin
Qalbittis qabadhaa
Faansaan haasawaa
Anaas dhageyfadhaa
Muka raeen didde
Jannata fakkeysa
Waan rabbiin harramse
Hawaasaaf urgeysaa
Dhageyfadhaa laalaa
Ajaa dubbii isaa
Nauuzubillaahi
Janne jacha isaa
Ciqilee haraaraa
Jannata fakkeysee
Boraatii ciincoytuu
Kan of jala keyse
Siree jannataatti
Innimoo fakkeyse
Haqiiqaa dubbiidhaa
Silaaniifi ibsee
Innuu nihubata
Duraan ofseesisee
Teysuma saani san
Jannataan madaalee
Muka sana dheeduuf
Achi Waligalee
Warri jannataatis
Ibaadaan olgalee
Sani arra inni
Wasakhaan madaalee !!
Caatiin niciincaawaa
Miskiin walfakkaataa? !!
Qalbiintee cufamnaan
Wasakha gaarfattaa
Nama jaalachiisuu
Sakkaba dubbattaa
Yo aqlii qabaatte
Gatiisaa agartaa
Ni-ifa jachuudhaan
Jarattii tilmaamtee !!
Fallaa sanii jira
Odoodhugaa himtee
Kan ni-ifa jattu
Atuu nisakkarte !!
Mee irraa towbadhu
Cubbuulee oomishte
✍️أخوكم الصّارميّ
