en
Feedback
Qaroo Waamaraa

Qaroo Waamaraa

Open in Telegram

Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!

Show more

📈 Analytical overview of Telegram channel Qaroo Waamaraa

Channel Qaroo Waamaraa (@forallthingseye) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 19 253 subscribers, ranking 4 121 in the Religion & Spirituality category and 262 in the Finland region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 19 253 subscribers.

According to the latest data from 09 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 15 over the last 30 days and by 1 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Not verified
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 13.08%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 5.60% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 2 517 views. Within the first day, a publication typically gains 1 078 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 13.

📝 Description and content policy

The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 10 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.

19 253
Subscribers
+124 hours
+267 days
+1530 days
Posts Archive
Jaalatanii hin jaalatan, Jaalatanii hin yaadani, Onnee isaanii kennanii, Ofii isaanii hin beekani Ergan si jaaladhee Akka si
Jaalatanii hin jaalatan, Jaalatanii hin yaadani, Onnee isaanii kennanii, Ofii isaanii hin beekani Ergan si jaaladhee Akka si yaadun beeku Halkan koo maqaa kee Guyyaan koo Suura kee eegu Si arguuf hawwa onneen Si dhabuun na guba keessaa Ati yoo na bira hin jiraanne Nyaatalle natti hadheessa Jaalalli koo callisee, Qoma koo keessa iyya; “sin jaaladha” jechuu dhiisee SI yaadeera Warqee kiyya Ijaa Ati na yaaddu moo, Anis qofaan si yaadaa? Yoo jaalallikoo cubbuu ta’e Araara isaa naaf barbaadaa Yoo guyyaan nu fageesse Yoo daandiin nu addaan baase Yoo biyyi jibba keenya odeesse Yaadni koo si biratti hafe Onneen koo maqaa kee qabate Sagal maqaa siif moggaasa Lapheenkoo jiruukee dimatee Natti lallaba nagaasaa Jaalatanii hin jaalatan Garuu ani si jaaladhe; Jaalatanii hin yaadani An dhabuu sodaadhe.

. Yoo guyyaa tokko yaadni koo si qaqqabe, beeki: xalayaa miira kootii kan jechootaan hin barreeffaminitu qilleensaan gara kee
. Yoo guyyaa tokko yaadni koo si qaqqabe, beeki: xalayaa miira kootii kan jechootaan hin barreeffaminitu qilleensaan gara keetti ergame.

Yoo ta'es, yoo hin taanes haa ta'u Bakakkaan Waaqaa dhufu callisee lafa hin dha'u X-Y koordineetiinsaa Dugda dacheetti caafam
Yoo ta'es, yoo hin taanes haa ta'u Bakakkaan Waaqaa dhufu callisee lafa hin dha'u X-Y koordineetiinsaa Dugda dacheetti caafame Kanaaf dhukniif dirri lafaa Sigigaatee ittuu raafame Tasa, Bakakkaan tasa hin bu'u! Tasa, Dhalataan tasa hin du'u! Foormulaa nuti hin akeekne Kaalkulasii nuti hin beekne Jira jiruu keenya tiksaan Qoreef horfaa nu miliqsaan Uumaan bakakkaa qiimqimee Gad darbatu Anaaf si'iin, nama uumee Haa jedhee hafuura hin sassatu Dhibba* jala nu looseetu Tokkoon obsa keenya qora Akka Akkoo intala qimmiidduu Kofa gidduu nu moccora Tasa kan dhufe homtuu hin jiru, Ona lafa keessaa ba'ee Silaa, itti yaadanii ciisanii Eentu iddoo yaades ga'ee Tasa ka'uun namatti hafa Tasa du'uun namatti hafa Yabala abjuu keenyaa korree Ammas geejibuuf geenyeerra. Yaa uuma ati nuu yabali Teessoo argannee teenyeerraa Akka walii keenyaa Nutti taatee karaatti gad nun harcaasin Kan hidhiirra nun dhunganneef Hirriba ho'aarraa nun kaasin Waa bilaasha nun dhamaasin Hirriba abjuu qabu taanaan Jira Jetta Bartokko jetta

Urgaan kee na waama Akka daraaraa birraa Garuu si arguun na dhiba Akka Simbirroo birraa Diddee na jalaa dhokatte Akka ji'a du
Urgaan kee na waama Akka daraaraa birraa Garuu si arguun na dhiba Akka Simbirroo birraa Diddee na jalaa dhokatte Akka ji'a duumessaan dhokatee Guyyaa hundaa si yaada Halkan hawwii morkatee Eenyutu addaan nu baasa? Bubbeen maqaa kee naa himti Hawwiitu garaa na raasa Akkas jiraachuun kun in cimti Onneen koo siif dha'ata "Yoom wal argina laata?" Hin jedhu Akkas🙏 "Amma utuu..." Utuun suma bira jiraadhee Ija kee keessatti gammachuu koo arga ture. Utuun sitti dhihaadhee Dhiphina koo hundumaa dagadha ture. Utuu wal arginee takkaa Jaalalli keenya seenaa ta'a ture. Ammas🙏 Garuu ammas Miti Urgaa kee qofa yaada Keessa kootti miixadha Foolii kee qofa hawwee Onnee kootti si baadha Halkan hundan of gaafadha Utuu si arguu danda'ee Gaaffiikoo Si gaafadha Utuu akka garaa naa ta'ee... Kun Turuu danda'a https://www.facebook.com/BIYYAA.YOO https://t.me/ForAllthingsEye

Eessa jiraa Furmaanni isaa?
Eessa jiraa Furmaanni isaa?

photo content

Samiitti Ol yaabee Gadi ilaaluu dachii Rakkinni rakkattuun; Jirtiilee laata Achii?
Samiitti Ol yaabee Gadi ilaaluu dachii Rakkinni rakkattuun; Jirtiilee laata Achii?

Gaaf tokko, of duuba deebi’ee ilaalee boqonnaa jireenya koo kana keessa akkan darbe nan hubadha. Garuu yeroo ammaa kana, saga
Gaaf tokko, of duuba deebi’ee ilaalee boqonnaa jireenya koo kana keessa akkan darbe nan hubadha. Garuu yeroo ammaa kana, sagalee mataa koo keessa jiru dandamachuuf qofa yaalaa jira. Isa na cannaqu obsuuf yaalaa jira. Garmalee yaaduun; Gaaffiiwwan deebii hin arganne. Miira ani ibsuu hin dandeenye. Lola namni biraa arguu hin dandeenye keessa nama buusa. Yeroo tokko tokko, injifannoon sun ofitti osoo abdii hin kutatin guyyaa sana keessa darbuu qofa. Ammatti deebii hunda argachuu dhiisuu danda’a, garuu boqonnaan kun bara baraan akka hin turre nan amana. Gaaf tokko, wanti amma baay’ee natti dhaga’amu dhumarratti waanan of duuba deebi’ee ilaalee akkas jechuu danda’u ta’a: “Ani keessa darbeera.”

Leenca biyyakee hin ajjeesiin yeeyyii biyya ormaatu si nyaata.
Leenca biyyakee hin ajjeesiin yeeyyii biyya ormaatu si nyaata.

Ciniinnatee obsa malee Dhiphina isaa hin dubbatu Keessa isaatti boo'a malee Imimmaan dhiiraa hin mul'atu

Kiyyoo yaadaa...

Dur akkas Hin turre! Yoo dagatamuu Jalqabde, Bakka kee kan bu'u Argameera Jechuudha!

Warri Hawaasaa Yuunibarsiitii tti barachaa jirtanii fi barachaa turtan Jirra jedhaamee
+9
Warri Hawaasaa Yuunibarsiitii tti barachaa jirtanii fi barachaa turtan Jirra jedhaamee

Yeroo gammaddu nama jaallattu bira deemta, yeroo gadditu garuu nama si jaallatu bira deemta.

Waan hundumaa yoo dhabde illee, abdii yoo qabatte, ammallee waan guddaa qabda.
Waan hundumaa yoo dhabde illee, abdii yoo qabatte, ammallee waan guddaa qabda.

Qunceen wal gargaartee Arba hiiti jechuun, hoolaan dhibbi Leenca hiiti jechuu miti. Yoo sitti toluu baates soba miti.

Akkamiin siif ibsuu Jaalala na keessaa Halkan nan raffisu Guyyaa na joonjessa Ganama haaraadha Galgalas nii dhufa Yoon waa'ee
Akkamiin siif ibsuu Jaalala na keessaa Halkan nan raffisu Guyyaa na joonjessa         Ganama haaraadha Galgalas nii dhufa Yoon waa'eekee yaadu 𝑫unuunfadheen kufa          Warqittii siin jedhee Jedhee kakadheera Nyaataaf dhugaatiikoo Hunda dagadheera        Hagabuun tiradha Silaa maras dhiise Garaa na hooksisa Halkan gaafan ciise       Maal jetta Warqittii Anoo siif gaggabee Ammayyuu nan ciisa Adeemuu dadhabee Utuu si arguu qabuu Si arguus dadhabee Si barbaachan joora Erga sirraa na qabee

Ulfaatina durii qabattee olka'iinsa haaraa irra gahuu hin dandeessu. Jijjiirii ilaali...

Warri Jimmaa Yuunibarsiitiitti barachaa turtaniif jirtan harka baasaa!
+1
Warri Jimmaa Yuunibarsiitiitti barachaa turtaniif jirtan harka baasaa!

WarrivHaramayaa Yuunibarsiitii jirtuu as keessa....! Harka baasaa!
+1
WarrivHaramayaa Yuunibarsiitii jirtuu as keessa....! Harka baasaa!