en
Feedback
0940204772

0940204772

Open in Telegram

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
1 604
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
📌 شروط الصلاة تسعة وهي :- 1_الإسلام 2_والعقل 3_والتمييز 4_ورفع الحدث 5_و إزالة النجاسة 6_وستر العورة 7_ودخول الوقت 8_واستقبال القبلة 9_والنية . 📌 Sharxiwwan salaataa  sagal (9) 📍Sharxii salaataa jechuun waan utuu salaatatti hin seenin dura argamuun isaa barbaadamu/waan salaanni isaan male nagaa ta'ee hin argamneedha. 1 - Islaama ta'uu 2 - Aqlii guutuu qabaachuu/maraatuu ta'uu dhabuu 3 - Ajaa fii gaarii adda baafachuu/sabiyyii ammallee kana adda hin baafatin ita'uu dhabuu 4 - Hadasa kaasuu =  hadasa guddaa(janaabaa), hadasa xiqqaa(wodoo) ta'us 5 - Najasaa qaama, uffataa fii bootaa itti salaatanurraa deemsisuu 6 - Qaama satarachuu/dhokfachuu 7 - Yeroon salaataa seenuu 8 - Qiblaatti garagaluu 9 - Qalbiidhaan niyyachuu 📌 أركان الصلاة أربعة عشر وهي :- 1-القيام مع القدرة 2_وتكبيرة الإحرام 3_وقراءة الفاتحة 4_والركوع 5_والاعتدال بعد الركوع 6_والسجود على  الأعضاء السبعة 7 _والرفع منه 8_والجلسة بين السجدتين 9_والطمأنينة في جميع الأفعال 10_ والترتيب بين الأركان 11_والتشهد الأخير 12_ والجلوس له 13_والصلاة على  النبي صل الله عليه وسلم 14_ والتسليمتان . 📌 Rukniwwan salaataa kudha afur  (14) 📍Arkaana salaataa jechuun salaatatti seenuurraa eegalee hamma xumura salaataatti waan hojjetamu/waan salaanni irraa wolitti qabamuudha. 1 - Namni dhaabbatee salaatuu irratti dandeettii qabu dhaabbatee salaatuu 2 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii isa ittiin salaatatti seenanu 3 - Raka'aa hunda keessattuu Faatihaa/Alhamduu qara'uu 4 - Rukuu'ii bu'uu/jilba qabachuu 5 - Booda rukuu'ii/jilba qabannaatii sirraa'anii dhaabbachuu  6 - Billiitii torban irratti sujuudii bu'uu,  billiitiin torban kun :- harka/ganaa harkaa lamaan, jilba lamaan, quba miilaa lamaanii fii adda. 7 - Sujuudiirra ol jechuu 8 - Jidduu sujuuda lamaaniitti ta'uu 9 - Hojii hunda keessatti tasgabbaa'uu 10 - Jidduu rukniwwanii taraatti galchuu(wol- dabarsuu dhiisuu) 11 - Tashahhudii/taa'icha isa dhumaa 12 - Tashahhudii sanaaf taa'uu 13 - Nabiyyii Rabbiirratti sallallaahu alayhi wasallam sallii/rahmata buusuu 14 - Salaamataa lamaan bahuu 📌 واجبات الصلاة ثمانية وهي :- 1_جميع التكبيرات غير تكبيرة الأحرام 2_وقول: سمع الله لمن حمده للامام والمنفرد 3_وقول :ربنا ولك الحمد للكل 4- وقول: سبحان ربي العظيم في الركوع 5- وقول: سبحان ربي الأعلى  في السجود 6_وقول : ربي اغفر لي، بين السجدتين 7_والتشهد الأول 8_والجلوس له                        📌 Waajibaatni salaataa saddeet  (8) 📍Waajibaata salaataa jechuun :- waan namni salaatu waan sana yoo beekaa dhiise salaanni isaa jalaa badu, yoommoo irraanfiidhaan dhiise kan sujuudiin sahwii/erraanfii isaaf fayyisuudha. 1 - Takbiiraa/Allaahu Akbarii hunda, takbiiraan ittiin salaatatti seenanu utuu hafuu 2 - Imaamnii fii namni kophaa salaatu yeroo rukuu'iirraa ol ka'u sami'allaahu liman hamidah jechuu 3 - Namni hunduu Rabbanaa wa lakal hamdu jechuu 4 - Rukuu'ii keessatti subhaana Rabbiyal Aziim jechuu 5 - Sujuudii keessatti subhaana Rabbiyal A'alaa jechuu 6 - Jidduu sujuuda lamaaniitti Rabbigfirlii jechuu 7 - Tashahhudii/taa'icha isa jalqabaa 8 - Tashahhudii sanaaf taa'uu 📌 مبطلات الصلاة ثمانية وهي :- 1- الكلام العمد مع الذكر والعلم أما الناسي والجاهل فلا تبطل صلاته بذلك. 2- الضحك 3- الاكل 4- الشرب 5- انكشاف العورة 6- الانحراف الكثير عن جهة القبلة . 7- العبث الكثير المتوالي في الصلاة. 8- انتقاض الطهارة. 📌 Mubxilaatni/wonti salaata balleessu saddeet (8), isaanis :- 1 - Beekaa dubbachuu/dubbachuu ofii beekaatuma, yaadataatuma dubbachuu Namni erranfiidhaan ykn wollaalumaan dubbate salaanni isaa hin badu 2 - Kolfuu 3 - Nyaachuu 4 - Dhuguu 5 - Qaamni namaa qullaa ta'uu 6 - Qiblaarraa guddisanii dabuu 7 - Sochii wolitti aanaa ta'e hedduu faayidaa salaataarraa kan hin taane salaata keessatti sosocho'uu 8 - Woduun namaa diigamuu 📚 من رسالة الدروس المهمة لعامة الامة لسماحة الشيخ عبدالعزيز بن باز رحمه الله 📚 Kitaaba Adduruusul Muhimmah Li Aammatil Ummah jedhamu irraa fuudhame. kan Shaykh Abdil'aziiz bin Baaz Rabbi isaan haa mararfatu. https://t.me/islamicknowledgeforallhumanbeing