Heeraa fii seera
Open in Telegram
Heera,Seerota,dambiiwwaniifii labsiiwwan biyya keenyaa tokko tokko
Show more668
Subscribers
+424 hours
+467 days
+14930 days
Data loading in progress...
Similar Channels
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
December '24
December '24
+66
in 0 channels
November '24
+199
in 0 channels
Get PRO
October '24
+183
in 0 channels
Get PRO
September '24
+505
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 09 December | +1 | |||
| 08 December | +2 | |||
| 07 December | 0 | |||
| 06 December | 0 | |||
| 05 December | +8 | |||
| 04 December | +16 | |||
| 03 December | +9 |
Channel Posts
| 2 | +4 Dambii lak 8 Bara 2016 (2).pdf | 457 |
| 3 | ☞Hojjataan hojiirraa gaggeeffame gaaffii hojiitti deebi'uu dhiffachuu kan danda'u waliigalteen guyyaa addaan citeerraa eegalee yeroo ji'a sadii keessatti dhiyeeffachuu qaba (keewwata 163 (2)).
☞Kanfaltiin mindaa, kan hojii yeroo dabalataa, ykn kanfaltii kamuu hojjataan gaafatamu guyyaa waliigalteen hojii addaan citee kaasee yeroo ji'a jahaa keessatti qofa gaafatamuu danda'a (keewwata 163 (3) (4).
Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.
6️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀
➠Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.
➠Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.
➠Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).
➠Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo dhiyeeffachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).Yoo hayyamsiisni kennameef malee.
Asumaan Abbootii Seeraa hundaan baga hojii idilee keessanii nagaan deebitan jechuu barbaanna.
Waan dubbistaniif galatoomaa!!📃📄📑
#Maddi wabii ibsamee maxxansuu fi qooduun ni danda'ama. | 404 |
| 4 | #F. #Darbiinsa_yeroo iyyata waraqaa ragaa dhaaltummaa:
Waraqaan ragaa dhaaltummaa akka Murtiitti hin lakkaa'amu.Akka ragaatti kan lakkaa'amuu fi mormiin irratti yoo ka'e kan haqamuu,fi waraqaa ragichaa kennuun immoo yeroo dhumaatiif iyyata mirgaa kan gonfachiisuu fi nama biraa immoo kan dhabsiisu osoo hin taane mirga mirkaneeffachuuf adeemsa raawwatamuudha waan ta'eef,iyyata amala akkanaa qabu irratti seerichi darbiinsa yerootiin hin daangeessu.
Addatti hiikoon Dhaddacha Ijibbaataa MMW Federaalaa Jildii 26ffaa Lakkoofsi Galmee 236246 fi 191393 haa dubbifamu.
2️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂
☞Namni Lafa qabiyyee mootummaa yookiin waliinii yookiin dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka mormiitti dhiheessuu hin danda’u.Nama mirga abbaa qabiyyummaa qabuun yookiin mootummaadhaan yeroo kamiyyuu akka gadi lakkisuuf gaafatamuu ni danda’a.Qabiyyee bittaaf gurgurtaan qabame yoo ta’e malee,qabiyyeen dhuunfaa Labsiin Lakk.248/2015 kun hojii irra ooluun dura waggaa
10’n oliif qabame ilaalchisee raawwatinsa hin qabaatu.Darbiinsi yeroo gaaffi mirgoota biroo hariiroo labsicha keessatti tumaman irraa maddaniin wal qabatee dhiyaatu akkaataa seeraa dhimmichaaf rogummaa qabuutiin kan raawwatamu akka ta'e Labsii Bulchiinsaa fi itti faayyadama lafa baadiyaa OROMIYAA Lakk.
248/2015 keewwata 53.Garuu,Labsii Bulchiinsa fi itti Fayyadama Lafaa Federaalaa lakk.1324/2016 keewwata 64(2) jalatti darbiinsi yeroo waggaa 15 tumame waliin akkamitti ilaaltu?
☞Namni qabiyyeen isaa jalaa qabame yookiin qabiyyee isaa irratti jeequmsi uumame qabeenyi jalaa qabame akka deebi’uuf ykn jeequmsi irratti uumame akka dhaabbatuuf himanni dhiyeessu yeroo waggaa lamaa keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin kan jalaa daangeffamu ta’uu SHH keewwata 1149 (2) jalatti tumameera.
3️⃣. 𝑫𝒂𝒓𝒃𝒊𝒊𝒏𝒔𝒂 𝒀𝒆𝒓𝒐𝒐 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆 𝑲𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒕𝒕𝒊
➠Seera hariiroo hawaasa Itoophiyaa bara 1952 bahe (SHH) keewwata 1845 jalatti waliigalteen akka raawwatamu gaaffiin dhiyaatu ykn waliigalteen raawwatamuu dhabuu isaatiin miidhaa gaheef beenyaan gaafatamu yeroo waggaa 10 keessatti qofa gaafatamuu akka qabu tumameera.
➠ Waliigalteen akka raawwatamu yookiin waliigalteen waan hin raawwatamneef miidhaa qaqqabeef namni Beenyaa gaafatu waggaa 10 keessatti himannaa Mana Murtii idileetti yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafii Beenyaa akka kanfalamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1845.
➠ Darbiinsi yeroo waggaa lamaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu"waliigaltee hanqina eeyyamaa yookiin dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha.
➠Dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo waliigaltee waliigalaa keessatti tumame waggaa 10(kudhan) raawwatiinsa qaba.
4️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘)
➠Waliigalteen osoo hin jiraatin itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa hordofu ilaalchisee himanni dhiyaatu yeroo waggaa lamaa (2) keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin akka daangeffamu SHH keewwata 2143 jalatti tumameera.
Haa ta’u malee,dhimmichi yakkaan kan adabsiisu yoo ta’ee fi darbiinsi yeroo dhimma yakkichaa waggaa lama kan caalu yoo ta’e, kan dhimma yakkaa raawwatiinsa akka qabaatu keewwatuma kana jalatti tumameera.
5️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒂𝒂
Labsii hojjataa fi hojjachiisaa lakk. 1156/2011 keessatti tumaaleen adda addaa darbiinsa yerootiin wal qabatan tumamaniiru.Badiin labsichaan hammatame kamuu gochichi erga raawwatee yeroo waggaa 1 keessatti yoo hin dhiyaanne darbiinsa yerootiin akka daangeffamu haala waliigalaatiin keewwata 189 jalatti tumameera. | 368 |
| 5 | ✔Himata dhaaltummaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduutti gaggeeffamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu waggaa sadii(3) dha.
✔Falmii qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi dhaalaa hin taane(garee 3ffaa) jidduu ka'uuf raawwatiinsa kan qabu darbiinsa yeroo waggaa 10 dha,Kanas #Dhaddacha Ijibaataa Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 38152 fi shh keewwata 1845 irraa hubachuun ni danda'ama.#Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25664 ilaaluu dandeessu.
🅱️. #Darbiinsa_yeroo qoodinsa qabeenya dhaalaa:-
Qoodinsi qabeenyaa kan ka'u bakka dhaaltonni baay'ee ta'anittiidha.Hanga addaan hin qoodaminitti qabeenyi dhaalaa qabeenya waliinii dhaaltotaa ta'ee tura.Dhaaltummaan yoo qulqullaa'e,achiin booda qoodinsi qabeenya dhaalaa yoomiyyuu gaafachuun ni danda'ama.
#Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 44237 ta'een "gareen waliin falmu dursee waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhatanii jennaan,himannaa dhaalaa osoo hin taane,gaaffii qoodinsa qabeenyaa waan ta'uuf shh keewwata 1062 tiin yeroo kamiyyuu gaafachuun ni danda'ama" jechuun murteessee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 38533 ta'een himata qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi qabeenyi gaheen isaanii beekamee waliigalteen/fedhiin osoo hin qooddatin kan kaa'an yoo ta'e,yeroo kamittuu gaaffii dhihaachuu waan danda'uuf,darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu jechuun murteessee ture,shh keewwata 1060 fi 1061.
#C.#Darbiinsa_yeroo mormii qoodinsa qabeenyaa dhaalaa:-
Waliigalteen qoodiinsaa bakka dhaaltuun tokko hin jirretti godhame tokko Mana Murtiitiin yoo mirkanaa'uu baate gaaffiin isa hin jirreen diigamuu danda'a,shh keewwata 1080.Gaaffiin kun guyyaa qoodinsi godhamuu beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti mormiin dhihaachuu akka qabu,haala biraatiin erga dhaalchisaan du'ee waggaa 10 keessatti yoo hin dhihaatin darbiinsa yerootiin hafaa ta'a,shh keewwata 1080(3).
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 10ffaa Lakk.Galmee 40418 ilaaluun ni danda'ama.
#D. #Darbiinsa_yeroo mormii dhaamoo irratti dhihaatu:-shh keewwattoota 973,974.
👉Darbiinsi yeroo dhaaltota gaafa dhaamoon dubbifamu jiran ilaallatu shh keewwata 973,himannaa dhiheessuuf yaada akka qaban guyyaa dhimmichi dubbifamee kaasee guyyoota 15 keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif barreeffamaan ibsuu qaba.Himannaan kunis guyyaa ibsi barreeffamaan dhihaatee kaasee hanga ji'a 3 tti Mana Murtiitti dhihaachuu qaba shh keewwata 973(3).
Namoota gaafa dhaamoon dubbifamu hin jirreef lakkaa'amuu kan eegalu gaafa Qulqulleessituun haala raawwii dhaalaa yaada qabu itti himeedha shh keewwata 974(1).Dhaamoon yoo jiraate erga dubbifamee,yoo hin jiraatin dhaalchisaan erga du'ee waggaa 5 booda mormiin gonkumaa hin dhihaatu,shh keewwata 974(2).
#Dhaddacha_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 53223 ilaaluun ni danda'ama.
#Dhaamoon yeroo dubbifamu ykn bakka bu'aan isaanii kan jiran yoo ta'e guyyaa dubbifamee eegalee bultii 15 keessatti iyyannoo isaan qaama ilaallatutti Baatii sadi keessatti ibsuu baannaan dhiheessuu hin danda'u.Namni dhaaltuu hin taane bu'uura shh keewwata 974 tiin mormii dhiheessuu hin danda'u.
#E. #Darbiinsa_yeroo Sirna dhaaltummaa qulqulleessuu:-
♂️Sirna kana keessatti gaaffiiwwan qulqulleessituun dhaalaa naaf haa muudamu,qulqulleessituun dhaalaa naaf haa bu'u,dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'u fi kan kana fakkaataniin dhihaataniidha.Darbiinsa yeroo isa qubee 'E' jalatti ibsame kana ilaalchisee ejjannoo 4tu jira:Isaanis:-
#A.Ejjannoo 1ffaa darbiinsi yeroo waliigaltee keessatti tumame waggaa 10 shh keewwata 1845 jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#B.Ejjannoo 2ffaaa shh keewwata 1052 raawwatiinsa qaba jedhu.
#C.Ejjannoo 3ffaa darbiinsa yeroo shh keewwata 874(2) jalatti tumame raawwatiinsa qaba jedhu.
#D.Ejjannoo 4ffaa shh keewwata 1000 raawwatiinsa qaba,sababni isaas bu'aan iyyata dhaaltummaan naaf haa qulqullaa'uu fi himata dhaaltummaa tokkuma waan ta'eef keewwatni kun Qulqulleessituu dhaalaa irratti raawwatiinsa qaba jedhu.Anis ejjannoo isa 4ffaa darbiinsi yeroo sirna Qulqulleessituu dhaalaa waggaa 3 kan jedhu kana deeggara.Dh.Ij.MMWF Jildii 11ffaa L.G.52407. | 284 |
| 6 | 𝐃𝐇𝐈MM𝐎𝐎𝐓𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀
𝐃𝐀𝐑𝐁𝐈𝐈𝐍𝐒𝐀 𝐘𝐄𝐑𝐎𝐎 𝗤𝗔B𝗔𝗡𝐈𝐈 F𝐈 𝐇𝐈N
𝗤𝗔B𝗡𝐄
☞ Mirgi yookaan dantaan dhimma hariiroo hawaasaatiin wal qabaate namni tokko qabu karaalee itti hafaa ta'u ykn daangeeffamu keessaa tokko darbiinsa yerootiini.
☞Hubannoof akka tolu dhimmoota hariiroo hawaasaa darbiinsa yerootiin daanga'uu fi hin daangoofne muraasa akka itti aanutti dhiyeessineerra:
1️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒔𝒆𝒆
Dhimmoonni dhaalaa darbiinsa yerootiin hin daangoofne:
➠Qabeenya dhaalchisaan imaanaadhaan nama bira tursiise dhaaltonni deebisiisuuf himanni dhihaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu(qabeenya akkanaa irratti himanni yeroo kamittiyyuu dhihaachuu danda'a).#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 48048 ta'e irratti "qabeenya dhaalchisaan imaanaadhaan nama bira akka turu taasise yookiin qabeenya imaanaadhaan akka Bulchu yookiin eegu taasifame,qabeenya akkanaa dhaaltonni deebisiisuuf himatni dhihaatu darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu"jechuun seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 2781(1)(2),2779,fi 2989(1) waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa kennee ture.
➠Himata qabeenya dhaalaa dhaaltonnii fi gaheen isaanii beekamee fedhiin osoo hin qoodin kaa'an darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu,seera hariiroo hawaasaa keewwata 1060 fi 1061.#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Jildii 10ffaa lakkoofsa galmee 38533 ta'een "qabeenya dhaalaa dhaaltonni beekamee gahee/qooda dhaaltotaa osoo addaan hin qooddatin ture darbiinsa yerootiin hin daanga'u"jechuun seera hariiroo hawaasaa keewwata 1060,1062 fi 996 waliin wal qabsiisuun murtii dirqisiisaa laatee ture.
#Seera_Dhaalaa Keessa Darbiinsi Yeroo Akaakuu Adda Addaatu jiru.Isaanis:
🅰️. #Darbiinsa_yeroo himata dhaaltummaa:-
Gaaffiin yookiin falmiin tokko himannaa dhaaltummaati jechuudhaaf bu'uurri seeraa shh keewwattoota 998,999,fi 1001 dha.
"Himata dhaaltummaa"jechuun dhaaltuun tokko dhaaltuu dhugaa ta'uun isaa beekamee qabeenyi dhaalaa akka deebi'uuf;waraqaan ragaa duraan kenname akka deebi'u ykn haqamuuf;nama waraqaa ragaa gatii qabu osoo hin qabaatin qabeenya dhaalaa hundumaa ykn hanga tokko harka galfate irratti dhiheeffatuudha jechuudha.
#Himatni dhaaltummaa himataan mirga isaa fi qabeenyi dhaalaa himatamaan qabamuu yeroo beekee irraa kaasee waggaa sadi(3) keessatti yoo hin dhihaatin(mormiin yoo ka'e) darbiinsa yerootiin daangeeffama,shh keewwata 1000(1);#Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 52407,Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 20295 fi 26422.
#Himanni dhaaltummaa gaafa dhaalchisaan du'e yookiin himataan mirga isaatiin fayyadamuu guyyaa danda'erraa kaasee waggaa 15 booda darbiinsa yerootiin ni daangeeffama,shh keewwata 1000(2).
#Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 57114 ta'e irratti "dhaaltuun umuriin isaa waggaa 18 hin guunneef darbiinsi yeroo lakkaa'amuu Kan eegalu,guyyaa dhaaltuun umriin isaa waggaa 18 guute irraa eegalee akka ta'e" hiikoo kennee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa Federaalaa Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 120841 ta'een "dhaaltuun umuriin isaa gaa'elaaf hin geenye tokko guyyaa umriin isaa gaa'ilaaf gahe irraa eegalee hanga waggaa 15 keessatti mirga dhaaltummaa gaafachuu ni danda'a" jechuun hiikoo seeraa dirqisiisaa laatee ture.
#Dhaddachi Ijibbaataa Federaalaa Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 47201 ta'e irratti"dhaaltuun nama dhaaltuu hin taane irratti qabeenya akka gadi naaf lakkisu"jechuun falmiin dhihaatu darbiinsi yeroo gaafa waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhate osoo hin taane,gaafa qabeenyaan nama biraatiin qabame irraa eegalee akka ta'e murteessee ture.
#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa Lakk.Galmee 186129 ta'een "darbiinsi yeroo lakkaa'amuu kan eegalu yeroo waraqaa ragaa dhaaltummaa fudhatamee kaasee osoo hin taane,guyyaa qabeenyi dhaalaa nama dhaalaa hin taaneen qabame irraa eegalee jiru yeroo waggaa 3 keessatti qofa akka ta'e"Bitootessa bara 2013 hiikoo seeraa dirqisiisaa kennee ture. | 277 |
| 7 | Maatama Gaandiin Wantootni Kudhan Jireenya Namaaf Balaadha Jedha!
▬▬▬▬▬▬▬▬
⓵. Qabeenya hojii malee argame (wealth without work)
⓶. Gammachuu sammuun hin fudhanne (enjoyment without conscience)
⓷. Beekumsa sirna isaa hin hordofne (knowledge without character)
⓸. Daldala hamilee malee (business without morality)
⓹. Saayinsii namummaan ala bahu (science without humanity)
⓺. Amantii miira amantummaa/osoo hin argin amanuu of keessaa hin qabne (religion without compassion)
⓻. Siyaasa qajeelcha/hoggansa hin qabne (politics without principle)
⓼. Mirga itti gaafatamummaa dhabe (right without responsibility)
⓽. Aangoo gaafatama hin qabne (power without accountability)
⓾. Guddina itti fufiinsa hin qabne (development without sustainability) | 313 |
| 8 | Konkolaataa akka xiyyaaraa balali'u kana beektuu?
Akkuma viidiyoo kanarraa argitan konkolaatan baallee baastee akkuma xiyyaaraa samiirra balaliiti.
Teeknolojiin konkolaataa balali'uu jalqaba kalaqamuun hojiirra kan oole Awurooppaatti. Ergasii Chaayinaan Awurooppaarraa teeknolojii kana bitattee balaliisaa jirti.
Motora dhabbata konkolaataa omishuu, BMW'tti, dhimma bahuun kan hojjatu konkolaatan balali'u kun boba'aadhuma idilee fayyadama.
Konkolaatan kun AirCar jedhama. Bara 2021'tti yaalii godhameen buufata xiyyaara Isloovaakiyaa lama gidduu daqiiqaa 35'f balaliin taasifame.
Ka'uufis ta'ee bu'uuf buufata xiyyaarratti dhimma bahame.
AirCar konkolaataa lafarra deemurraa gara konkolaataa balali'uutti jijjiiruuf daqiiqaa lama qofa fudhate.
Chaayinaan teeknolojii konkolaataa balali'uu kana Awuroopparraa erga bittee booda konkolaataa balali'u omishuun bakkeewwan murtaa'initti hojiirra oolchuf jirti.
Chaayinaa bulchiinsa Kangizuu keessatti kan argamu kaampaanin konkolaataa balali'u omishu, 'Hebei Jianxin Flying Car Technology' jedhamu konkolaataa AirCar oomishuuf hayyama addaa argatee Chaayinaa keessatti balaliisuf jedha.
Dhaabbata Islovaakiyaa xiyyaara oomishurraa hayyama erga argatee booda dhaabbanni Chaayinaa kun buufata xiyyaaraafi mana barumsaa balalii mataasaa ijaaree jira. | 307 |
| 9 | No text... | 420 |
| 10 | #DHADDACHA_IJIBBAATAA_FEDERAALAA_JILDII 26ffaa:𝐒𝐄𝐄𝐑𝐎𝐓𝐀 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀 ....
...
𝐀. 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆
1. "Waliigalteen bittaaf gurgurtaa Manaa qaama aangoo qabu biratti yoo hin galmoofnee fi namni gurgure yoo mormee falme wixinee qofa ta'a malee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa Manaa ulaagaa Seeraa guutee kan raawwatame waan hin taaneef,bu'aa seeraa hin hordofsiisneedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 215762 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. "Gareen waliigaltee hin raawwanne sababa humnaa oliitiin yoo raawwachuu dhabe malee,garee miidhaa qaqqabeef dursanii waliigalaniiru yoo ta'e bu'uura waliigalteetiin kisaaraa kaffaluu qaba,yoo dursanii waliigalanii hin jirre ta'e ammoo Manni Murtii ragaan qulqulleessee kisaaraa kaffalchiisuu qaba,akkaataa 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂(𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘) tiin kan taasifame yoo ta'es,beenyaan kanfalu miidhaa dhaqqabe waliin kan wal madaalu ta'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 216155 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kenneera.
3. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Manaa hin jiru wixineedha gaafa jedhamu gareen bitaa mirgaa bakka duraan turanitti deebi'uu qabu malee qarshii dachaa godhanii gaafachuun bu'uura seeraa hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
2. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑰𝒕𝒕𝒊 𝑮𝒂𝒂𝒇𝒂𝒕𝒂𝒎𝒖𝒎𝒎𝒂𝒂 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒕𝒆𝒆𝒏 𝑨𝒍𝒂𝒂 (𝑻𝒐𝒓𝒕 𝑳𝒂𝒘)
"Namni maallaqa kanfaluu hin qabne kan kaffale qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu kan danda'u ta'us,dogoggorri osoo hin jiraatin akka qarshii sana kaffaluuf dirqisiisu seerri ykn waliigalteen kan hin jirre ta'uu osoo hubatu,maqaa nama qarshii kaffalamuu fi Lakkoofsa herrega Baankii barreessuun qarshii galii godhe fedhii isaatiin qarshii kan kaffale(galii tolche) jedhamee waan tilmaamamuuf,qarshichi akka deebi'uuf gaafachuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.
3. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝒉𝒂𝒂𝒍𝒂𝒂 𝑰𝒍𝒂𝒂𝒍𝒄𝒉𝒊𝒔𝒆𝒆
1. Akkuma beekamu,Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 12ffaa Lakkoofsa Galmee 56795 ta'e irratti "namni tokko yeroo falmiin namoota biroo jidduu Mana Murtiitti gaggeeffamaa ture osoo beeku erga dhimmicha irratti murtiin kennameen booda bu'aa Murtii eegee murtichi mirga isaa tuqu/miidhu argee iyyata mormii Murtii Kan dhiheessu yoo ta'e,iyyanni mormii murtii fudhatama akka hin qabne"sdfhh keewwata 358,153(3),418-421 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa laatee ture.Hiikoon kun dhimma falmii dhaalaa irratti raawwatiinsa hin qabu,kana jechuun falmii qabeenya dhaalaa irratti Gareen 3ffaa falmii bu'uuraa yoo beekes mormii Murtii dhiheessuu danda'a jechuudha(kana hiikoo Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 144359 ta'e irratti kenne irraa ni hubatama.
2. "Qoodiinsa qabeenya dhaalaa qabeenya hin sochoone ilaalchisee waliigalteen qoodinsaa yookiin waliigalteen jijjiirraa dhaaltota jidduutti taasifamu barreeffamaan ta'ee mallattaa'ee Mana Murtii biratti ykn qaama waliigaltee raawwachiisuu aangoo qabu biratti galmaa'uu qaba" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 199901 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.
4. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂
1. "Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa Lafaa seeraan kan dhoorkame waan ta'eef,gareen laficha bite ragaa abbaa qabiyyummaa baafatee gibira Mootummaa gabbarus,haalli argannaa isaa seeraan ala waan ta'eef,karaan argannaa qabiyyee Lafaa seera qabeessa ta'uu fi dhiisuu osoo hin qulqullaa'in murtiin kennamuu hin qabu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 201894 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira. | 498 |
| 11 | +5 Saayinsii Naannoo kutaa-1.pdf | 335 |
| 12 | +4 3ኛ ክፍል የአከባቢ ሳይንስ_merged.pdf | 246 |
| 13 | +9 English Grade 8.pdf | 218 |
| 14 | +9 Information Technologt Grade-7.pdf | 182 |
| 15 | +5 Saayinsii Naannoo Kutaa-3.pdf | 164 |
| 16 | +6 HERREGA Kutaa-5.pdf | 173 |
| 17 | Gada Grade 3 pdf.pdf | 179 |
| 18 | https://t.me/milko54 | 188 |
| 19 | 𝐌𝐀𝐂𝐂𝐀, 𝐎𝐃𝐀𝐀 𝐅𝐈 𝐒𝐈𝐑𝐍𝐀 𝐆𝐀𝐃𝐀𝐀!
Yeroo hedduu hoo katabamuu fi afaaniin hasahamu Macca Gadaa hin beeku; Gadaa gateera. Gadaan jirus ammoo jiruu fi jireenya hawaasaaf bu’aa waan buusee fi waa buusaa akka hin jirretti faati himama. Kanaaf mee har’a gaaffiin akka mariitti kaasee isin waliin mariin gochuu fedhu yoo jiraate… Qomoon Maccaa Gadaa qabaa, yookaan beekaa?
Yoo qabaate Sirna Gadaa kana akkamitti ijaarrate?
Qomoon Maccaa eyyee Gadaa qaba; ni beekas. Sirni Gadaa, sirna walqixxummaati jenna. Gadaan walqixxummaa kun eenyuuf dhaabbata? yoo jenne, deebiin gaaffii kanaa kan miseensa hawaasaati kan jedhu taha.
Miseensi hawaasaa kun garuu garaagarummaa hedduu qaba:
Garaagarummaa saalaa – dubartii fi dhiira,
Garaagarummaa umurii – ijoollee, dargaggoo, gameessotaa fi manguddoota, akkasumas garaagarummaa naannoo akkaataa itti qubatani.
Sirni Gadaa garaagarummaa jiran kana madaalee, akkaataa walqixummaa miseensa hawaasa Oromoo guutummaatti hojirraa olchaa ture bu’uura fi utubaa jiruu fi jireenya uummata Oromoo ture. Qomoon Maccaa akkaataa gadaa ijaarratee ittiin bulaa tures, kanuma nuu addeessa.
Akka hubannoo kootti garaagarummaa miseensi hawaasa qaban akkatti sirni Gadaa keessumsiisaa ture mee haa ilaallu.
Garaagarummaa saalaa miseensonni hawaasaa qabaniif – Gadaa fi Siiqqeetu jiru. Gadaan Siiqqee malee hanqee guddaa qaba. Gadaa fi Siiqqeen qaama tokko. Isa kan siiqqee Dr. Kuwee Kumsaaf dhiifnee; Keessattuu seenaa Addooyyee.
Garaagarummaa umurii Garaagarummaa umurii jiraniif- kan dhiiraa keessatti – jechuun Gadaa jalatti. 0-8 Birmajii Ittimakoo 9-16 Horata Dabballee
17-24 Michilee Foollee
25-32 Duuloo Qondaala
33-40 Roobalee Luba
41-48 Yuba
49-56 Jaarsa
57-olii gadamoojjii
Namni Gadaa tokko keessa dhalate hiriyaa taha. Hiriyaan, umuriin isaanii ganna saddeet walgatuun ni mala. Kanaaf, hiriyaan “Gadaa eenyuu keessa dhalatte? Meeqa gubde?” jedhanii wal-qoratu. Gaaffiin kun lamaan uumurii ilma Oromoo tokkoo addeessu. Isa bira darbees, safuu isaan eeggatanii fi qooda isaan jiruu fi jireenya miseensa hawaasa keessatti qaban ittiin walqoratu. Qooda hiriyaan qabdu yeroo sirba gadaa keessatti ibsan.
Sirba gaafa salgan Cuuphannaa sirbamu - Salgan cuuphannaa kan jedhu kana boodan itti deebi’a.
Itti makoo yaa birmajii michuu majii
Sirba hin beektuu, kan kee mooji
Yaa Horataa Dabballeenoo maaf foolataa?
Gaammee fillaan of se’e goota?
Yaa Michillee haa sirbu foollee
Safuu hin beekuu uumaa hin wallaalle
Duuloon qondaala duuletu lola
Daabee luleesee faachaan utaala
Yaa Roobalee, faana roobaa
Seera Tumee kan labsu – Luba
Yuuba raage, makmaaksaan gorsaa
Safuu waaqaan eebbisu Jaarsa
Yaa gadamoojjii, hooda raajii
Seenaa buleen dhaha urjii
Foolleen sirba, bara gadaa
Safuu hin qabu, jecha hoodaa
Ani hin jenne Gadaatu jedhee
Gadaa malbaa ilmaa fi abbaa
Haa ofkalan, Sirbi gurbaa!
Garaagarummaa qubata naannoo Garaagarummaa qubata naannoo jiraniif uummanni Oromoo – Odaa ijaarratee jira. Taliiga Odaan ittiin ijaarame xiinxaluun, walumaa galatti akkaataa jiruu fi jireenya uummata Oromoo hubachuuf murteessadha. Odaan har’a bakka seerrri itti tumamee labsamu qofaatti ilaalla. Odaan akkamittiin ijaarame, gaaffiin jedhu garuu ammatti deebii gahaa tahe waan qabu natti hin fakkaatu. Qorannoon itti fufa!
Odaaleen jiran gadfageenyaan otoo qoratamanii seenaa akkaataa hawaasni Oromoo naannoo garagaraatti of ijaaree jiraachaa turee fi riqaa wal-quunnamtii isaanii baruuf nu gargaara jedheen amana. Kanaaf mee Odaalee jiru jedhaman haa hubannu.
Biyyaa Oromoo guutuu keessatti – ani yeroo dheeraaf kanan gurraa qabu Odaa jaha. Isaanis, akkuma beektan,
Odaa Roobaa,
Odaa Nabee,
Odaa Bisil,
Odaa Gaarrees,
Odaa Makoodii fi
Odaa Bultum.
Warri har’a aangoo qabatanii jiran, Odaan Oromoo shan.
Odaa Roobaa,
Odaa Nabee,
Odaa Bisil,
Odaa Bulluqii fi
Odaa Bultum.
Maanguddoon -Haajii Mormor Abbaa Seenaa jedhaman – Fakkeenyaaf – seenaa Afoolaan jiru himan yeroon dhageeffadhu, Odaan Oromoo sagal jedhu. Dabalaanis, Odaa shanitti seeratu tumame, afuritti ammoo seerrri itti eebbifame, jedhu. Warra seerri itti tumame, hoo himan: | 197 |
| 20 | Kitaaba barataa Afan Oromo kutaa 11.pdf | 187 |
