cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jechoota Gaggaarii️️

Chaanala Telegram keenya kana irraa odeessaalee Baha Giddu-galeessaa hordofuu ni dandeessu. Toora kana irraan taatewwan Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa dabalatee Seenaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa (Middle east ) salphumatti afaan keessaniin hordofaa

Show more
Finland740The language is not specifiedNews & Media14 410
Advertising posts
9 748
Subscribers
+1824 hours
+1167 days
+52430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

"Haqa miira keetii gaafachuu yeroo jalqabdu hariiroo sun adda citee jiraachuu isaa mirkaneeffadhu." Jedhu barreessitoonni Arabaa. Miirri ilma namaa hariiroo kam keessattuu haqa qaba, Haqa inni qabaatu kana ammoo gaafatee osoo hin taane miirri walfakkaata qaama biraa sana keessa jiru haqa kana ofuma isaatiin gaaffii tokko malee tiksa. Mee namoonni isiniif gale.
Show all...
👍 22 4
Pirezidaantii Iraan haaraa..!! Dr Mas'uud Pezeshikiyaan adeemsa filannoo ijibbaachisaa booda sagalee caalmaa argachuun Pirezidaantii biyya Rippaablika Islaamaa Iraan ta'uun filataman! Keessattuu kaadhimamaa Pirezidaantii nama duudhaa fi amantaa Iraaniif dursa kennu darbees kan hidhannoo Niwukilaraa jajjabeessu Sa'iid Jaliiliin injifatee aangoo Pirezidaantummaa kana dhuunfachuun isaa carraa guddaa dha. "Biyyoota gurguddoo Addunyaa faana waliif gallee qoqqobbii Iraan irra ka'amee jiru ni kaasna!" jechuun ummata Iraaniif waadaa kan seene Pirezidaantiin haaraa Iraan Dr Mas'uud amma booda Iraan Addunyaaf banaa ni taasisna jechuun dhaadatee jira. Diinagdee biyya Iraan fooyyeessuu fi Addunyaa waliin walitti firoomsuun qabxii hangafaa ani irratti hojjadhu dha kan jedhan Pirezidaantiin haaraa Iraan kun bilisummaa saalaa kabachiisuun dubartoonni fedha isaanii qofaan hijaaba akka uffatan yoo fedha isaanii hin taane ammoo adabbiin kamuu akka irratti hin geggeeffamne nan taasisa jechuun karoora isaanii akeekanii jiru. "Kana booda Iraan biyya wal-qixxummaan saalaa keessatti kabajamee fi shamarran keessatti hin cunqurfamne yeroo taate ni argitu" jechuun waltajjii irratti waadaa kan galan Pirezidaantiin haaraa Iraan Dr Mas'uud karooraa fi waadaa isaanii kana dhuguma hojii irra ni oolchuu? Gaaffiin jedhu shakkii guddaa kan qabaatu dha! Sirna bulchiinsa biyya Iraan keessatti waan Abbaan amantaa fi hoogganaan Warraaqsa Iraan Imaam Ayaatullah hin mirkaneessine hojii irra ooluu waan hin dandeenyeef hojiirra oolmaan karoora Pirezidaantii haaraa kanaa carraan milkaa'uu isaa dhiphaa ta'uu isaa gamanumaan ni hubatama. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Show all...
👎 10 10👍 9
Photo unavailableShow in Telegram
Pirezidaantii haaraa Iraan Dr Mas'uud Pezeshikiyaan..!! 👇👇👇
Show all...
11
Photo unavailableShow in Telegram
Bulchaan godina Oromoo Walloo Obbo Ahmad Alii sirna salaata Jumu'aa raawwatanii osoo gara mana isaaniitti deebi'aa jiranii rasaasaan rukutamanii ajjeefaman. Qaama hin beekamneen..!!!
Show all...
😭 29💔 9👍 7 2
00:56
Video unavailableShow in Telegram
Mana hidhaa Bin Salmaan keessatti qabsaa'onni Hamaas baayyinni isaanii 45 ol ta'u hidhamanii akka jiran quba qabdu laata? Ajaja Israa'iil irraa fudhateen Mootiin gonfoo Sawud Arabiyaa Bin Salmaan finciltoota Falasxiin qabsaa'ota Hamaas biyya isaa keessa jiran butee achi buutee isaanii dhabamsiisee jira! Mootummaa akka kanaatu carraa Hajjii bilisaa lammiilee Gazzaaf kenne? Ajaa'iba! Mootummaa Sawud Arabiyaa "Waliyyulamri" jedhamee harki reebamuuf.
Show all...
5.16 MB
😭 22👍 10
Lolli Waraanaa Hamaas fi weerartuu Israa'iil gidduutti geggeeffamaa jiru bifa haaraan koonyaa Gazzaa magaalota garaagaraa keessatti irra-deebi'iin jalqabee jira. Gaarren gurguddoo irra qubatanii kan jiran loltoota Israa'iil irratti haleellaa Diroonii geggeeffameen loltoota Israa'iil 20 ol ta'an irratti miidhaan ulfaataa qaqqabuun beekamee jira! Dhukaasi Hizbullaah fi Israa'iil gidduutti jalqabes jabaatee itti fufee kan jiru yoo kaleessa humni qilleensaa Israa'iil haleellaa Diroonii raawwateen loltoota Hizbullaah 3 galaafatee ture. Hizbullaah n tarkaanfii haaloo ba'annaa sa'aatiiwwan muraasa booda fudhateen ammoo loltoota Israa'iil 21 ol galaafachuu isaa miidiyaalee Israa'iil dabalatee gabaafamee jira. Odeessaalee keenya hordofaa, Share gochuun hiriyoota keessaniif qoodaa. Telegram:- https://t.me/JechotaGaggaarii
Show all...
👍 41
Photo unavailableShow in Telegram
Gocha gara-jabinaa fi suukanneessaa Israa'iil qulqulloota Falasxiin irratti raawwatte kun alagaa qofa osoo hin taane firoota ishee danuu dallansiisee jira! Yahuudonni namummaan isaanii sadarkaa xumuraa kanatti gadi bu'uu isaa hawaasni idil-addunyaa mirkaneeffatee jira. Nama lubbuun jiru saree nyaachisu!
Show all...
😭 39👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Hayyummaa, gootummaa, dhugaa, jabina/dandeettii, jaalala lammii, amanamummaa, seenaa, oromummaa, qabsoo, Oromiyaa, gara-laafummaa, tokkummaa. Eenyummaan kun marti walitti qabamanii isa keessatti umamuun sadarkaa gootummaa isaa fiixee qaqqabsiisan. Jabaa saba isaaf rifatu, isa sodaa du'aa injifatee qalbii firaaf alagaa isaa hate. Hacaaluun goota gootummaan isaa sichi olkaafamee leellifamu dha.
Show all...
😭 35👍 18👎 2
Akka Naaf Hubattan… Guyyaa muraasa dura dhimma konkolaataa Ummatni kabajaa Harargeen badhaasa seenaa naaf kennite ani gurguramuu fi karatti hafuu isii kaase irratti,yaadota dogoggora tahan hedduu argeeti dhagahe. Kanarratti har’aa fi seenaaf waa jechuu fedhe. Gariin waan ani ulfinaa fi kabaja ummata Sikkoo fi mandoo gadi buusetti na ilaale. Gariin waan ani konkolaataa naaf galchaa mallaqa walitti naaf qabaa jedhee iyyadhe se’ee duula narratti bane… Ilaamee… Ani dargaggeessa wagga 30 gadiiti. Nama wallaalaa dha,beekumsaa fi dandeettii namarraa adda na taasise hin qabu. Ummata kanaaf oolmaa oole jedhee seenaa fi Qiyaamaaf waan lakkaa’adhe hin qabu. Garuu RABBIIN yeroo si qormaatuu fedhe suma zeeroo kana ija namaatti dhibba si godha! Tola RABBII waakkachuuf miti. Hanga kiyya of isiniif himuufi. Beekkamtii fi galata ummataa argadha jedhee takkaa karooraan irratti yoo hojjadhe tahe,arrabni kiyya gaafa xumura jiruu tiyyaa shahaadaa na haa didu. Garuu ummata osoo ati hin hojjatin dursee mindaa siif kafalu irraa dhaladhe. Ani Maaliif Sa’uudii Deeme ? Ila akkana… Gaafa jalqaba biyya Sa’uudii imalu,simannaa fi badhaasa ummataa argadha jedhee lafa san hin ejjanne,biyya Jaalallee kiyya Nabi Muhammad (Salawaatullaahi Wasalaamu Aleyhi) dheebuu bara dheeraa qabu habbuuqqachuuf achi dhaqe. Sagantaa fi badhaasa naaf godhaa jedhee namni ani dubbise yoo jiraate har’a haa dubbatu. Garuu ummatni ani irraa dhaladhe ummatni sikkoo fi mandoo ani lafa Makkaa seenuu kiyya gaafa dhagahan,nu dubbiftee wal agarru malee hin galtu jedhan. Yeroo dheeraaf ani didus dirqama narra kaa’an. Jalqaba Hararge Moo Sikkoo Fi Mandoofu Na Simate ? Yeroo jalqabaatiif hawaasni na simate sikkoo fi mando,makkarraa Gara Riyaad xayyaaraan na yaaman,nama 30 jala waan gahuun manguddoo fi dargaggoon konkolaataa hiriirsanii dirree xayyaaraatti na simatan. Ani yeroo gadi bahee argu ni rifadhe. RABBITI na beeka guyyaa sna dhokadhee bo’e,himachuuf osoo hin taane himuufi. Akkas hin seene… Booda Maaltu Ta’e !? Hoteela qabanii sagantaa guddaa seenaa kiyya alaa keessatti jalqabaaf naaf godhan,badhaasni gatii qaaliin bitamee guyyaa san naaf kenname Wallaahi lakkoofsa isaa RABBI qofatu beeka. Sagantaa akkasii yeroo lama naaf godhan. Jalqabaaf seena kiyya keessatti biyya alaatti namni sagantaa ani isa hin geenye kan inni na caalu naaf godhe sikkoo fi mando. Hanga akka daa’imaatti harkaan nyaata afaan na kaa’anii na nyaachisanitti ulfina dur abboota irraa dhaalan natti argisiisan. Akkatti irraanfadhuu fi itti waakkadhus hin qabu. Yoo ani isaan waakkadhe isaan osoo hin taane RABBIIN walitti dhufa. Tola RABBII waakkadhe waan ta’eef… Ilmaan Afran Qalloo Harargeen Maal Goote ? Baatii lama booda Ummatni Afran Qalloo harargeen Baabaa keenya Sheikh Amiin Ibroo wajjiin sagantaa nuuf goote. Akkatti Sheikh Amiin wajjiin na qixxeessanii sagantaa naaf godhan hanga har’aa na ajaa’iba. Achi qofatti hin dhaabne,ulfina tasa hin eegamne,konkolaataa na badhaasan. Oromoon hundi gaafa san gammadee akkatti gammachuu ibsatu dhabe.. Booda Konkolaataa Maal Tahe ? Boodarra konkolaataa kana galchuuf balbala Shanii ol rukunne. Baatii sagal guutuu yaalii alaa fi keessaa godhee dadhabe,konkolaataa kana qaraxa isaa kafaluu waan hin dandeenyeef kana hunda arkifatte. Sunis sababa malee murtii RABBIITI. Konkolaataa Kana Galchuun Yaaliin Mallaqaa Godhame Jiraa !? Konkolaataa kana galchuuf akka jaalleewwan tiyya kan akka Sheikh Mubaarak Roobee,Sheikh Sa’ad Aliyyii,Abuu Mus’abii fi Sheikh Muhammad Amiin yaalii guddaa godhanii turan sunis hin mirgoofne. boodarra karaan konkolaataan itti galtu mootummaa Itiyoophiyaatiin cufamnaan ummata harargee koree dhimma konkolaataa wajjiin mari’annee gurguruu murteessine. Gurgurtaan isii paarsantii 39 gadi tahee gurgurame. Dhiyeenya Dubbii San Maaliif Kaase ?!
Show all...
10👍 5
Konkolaataa eega gurguramtee gara mallaqaa deebifnee booda,jechootaa fi hamii fokkattuu dhagahuu eegale,gariin konkolaataa san akka waan warrumti na badhaase na jalaa gurgurateetti dhara haasayuu eegale,gariin akka waan isiin hatamtee baddeetti dubbate,gariin akka waan ani mallaqatti hajamuuf gurguradheetti dubbate,irra hedduun ummataa ammoo konkolaataa san eessa keessee jechuun gaafii guddaa ba’aa natti tahee na rakkise. Kanaaf sanis qulqulleessuuf karaan ani hawaasa kanattiin lallabadhu miidiyaa qofa,dubbiinis gaafa duraa miidiyaan tamsaate. Kanaaf dubbadhe. Ani Sikkoo Fi Mandoon Ni Komadhee !? Akka dhalootaatti ani sikkoo fi mandoo dha. Ani sikkoo fi mandoof ilma,komachuuf haqa guutuu qaba,waan haqa biyyomaa taheef,isaanis na komachuu haqa qabu,haqa ilmoomaa waan ta’eef. Kaleessa dabreef osoo hin taane boruufis ni abdadha. Isaanis na abdatu. Dadhabbii fi gumaata isaan naaf godhan garaa ittiin waakkadhuu fi sammuu ittiin dagadhu hin qabu. Hubachiisa walii galaa; Warra waan ani gargaarsaaf ummatatti lallabadhe se’uuf: Ani akka kiyyatti ; kaleessa ummataaf akkas godhe,har’a ummatni akkana naaf godhuu qaba jechuu,qabsoo osoo hin taane daldalatti beeka. Bittaa fi gurgurtaa fakkaata. Qabsoo jalaan qorsoo funaanuu dha. Kuni safuu fi salphina. Amala har’a dhaloota kana keessaan mul’ataa jiruudha. Qabsaa’otni kaleessaa osoo dhaka boraafatanii muka nyaatan addunyarra deeme. Garuu dhaloonni har’aa laffaatii jaraattii account isaanii irraa nyaataa jira. Ani dargaggeessa fayyaa qabu,hojjatadhee of danda’ee jiraachuuf fedha RABBIITIIN nama dirqamaa fi karoora guddaa qabu. Kuni barsiisa Rasuula RABBIITI (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) . Harka namaa nyaatuun bor foon fuularraa nama fixxi. Osoo dibata meeqa dibattu qaamni si daalachaa’a. Osoo hawaasni kiyya oromoo waraa**naa fi beelaan dhumaa jiru,dhimma dhuunfaa kiyyaatiin cinqamuun dogoggora tahutti amana. Har’as borus shilingii ykn farankaa tokko na gargaraa hin jennes hin jedhus,osoo rakkadhee biyyeellee kan nyaadhu tahee gargaarsa ummatarraa hin haajamu. Amma duras hin haajamne. Birrii lakkaa’amu qabaadhee miti. Abbaa fi Haadha kadhachuu fi nama kajeelatuun osoo jiran du’uu dha jedhanii na barsiisan irraa dhaladhe. Deeggarsi amma deemaa jirus fedha kiyyaa miti,hiriyyootaa fi jaalleewwan kiyyatu jaalalaa fi kabaja naaf qabanirraa kan hunda godhaa jiru. Ammoo yeroo oromoon kiristaanaa si wajjiin dhaabannee nutu siif bita jedhanii bilbilaa fi barreeffamaan na jajjabeessan ijoolleen biyya tiyyaa tokko tokko kan na arrabsan arge. Isaanis na arrabsatan malee nan arrabsine. Baguma nama isaan arrabsanii garaa itti qabbaneeffatan taheef ani. Taatee tanatu seenaa dha,tanaaf akka seenaatti barreesse. Hunda keessan nan kabaja,nan jaalladha,isin hundi foonii fi lafee kooti. Waan isinitti balleesse dhiifamaa fi gorsaan na bira dhaabbadhaa. Ibsaan Isin Jaalata!
Show all...
45👍 18
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.