en
Feedback
𝗗𝗒𝗦

𝗗𝗒𝗦

Open in Telegram

Odeessa Mooraa WBO

Show more
488
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Jaarmiyaa waraanni isaa naamusa hin qabnee fi saba keessaa bahe saamaa olu, gudeedaa oolu, ajjeesaa olu biyyii abdatee gargaaru hin jiru. Rakkoo naamusaa Waraanichaa fi Deeggartoota Jaarmiyichaa keessaa calaqqisaa jiru kana zooroo zooroo hoggansuma jaarmiyichaatti akeeka. Jaarmiyaan waraana ofii adabachuu qajeelfachuu sirreeffachuu hin dandeenye waraanicha irratti angoo dhabuu isaa agarsiisa. Shira Tikoonni OPDO fi Mormitoonnij ABO-WBO keessaaf alaan qaawwa jiru argatanii itti xaxan irra aanuu dadhabuun, yeroon fala itti tolchuu dadhabuun dadhabina hoggansichaa mul'isa. Hoggansi waraanichaa bakka bakka jiru qajeeltoon waan akka Abidda saafaa waaraana keessaa fi Deeggartoota jaarmiyichaa keessa saffisaab babal'achaa dhufe kana dura dhaabatanii qajeelchuun dirqama isaaniiti. Akka kanaan waggaa tokko yooki lama itti fifamnaan seera dhablummaan amma jiru kun naannahee hoggansa isaa nyaata. Kaayoon ABO-WBO kaayyoo qajeelaati, Qabsoon Oromoo qabsoo haqaati. Sana xuriin balfuun kayyicha balfuu dha, haqicha xureessuu dha. ABO-WBO hojii guddaattu isa eeggata. Yeroon hin jiru. Gannii baanaan PPn duula cimaaf deemaa jirti. Fulbaana kana booda seera dhabmummaa kanaan itti fufamnaan gaaga'amni dhufuu adeemsa keessa qaboo Oromoo isa akka Bara TPLF sana handaara lafaati dhukaasanitti akka hin deebisneef yaaddoon qaba. Yeroon hin jiru. Impaayera bututaa jirtu kana keessatti waraanni naamnusa hin qabnee golga ummataa tahuun hafee farra ummataa tahuutti jijjiirama. Shiftummaan bakka bakkaa akka injiraan rifeensii toleefitti burqa. Naamusa Jaarmiyichaa, Naamusa Waraanichaa, Naamusa Deeggartootaa sirreessuun egeeree waraanichaafis, egeraa qabsichaafiis darbee egeree hoggansichaafis fala. ABO-WBOn of haa baraaru.

ABOn durii goola hayyootaati. ABO nuti beeknu namoota hawwaasa keessatti kabajaa qabantu keessa guute. WBOn durii naamusa isaan beekama. WBOn durii mandhee hayyootaati. Farra hattootaati. ABO fi WBOn durii farra kashalabbootaati. WBOn durii madda jaalalaati. Sanatu hanga har'aatti maqaa sanatti kabaja horee Oromoo qalbii seene. Amma Maqaa qofatu hafe. ABO-WBOn maandhee kashalabbootaa fi hattootaa tahee jira. Hawwaasa keessa socha'u irraa qabee hanga diyaasphaaraatti deeggartootaa fi mararfattoota ABO-WBO warra jedhee of waamu irraa eegalee hunduu maandhee jibbiiinsaa fi hannaa tahee dhume. Kashalabbee fi olooltuu qofatu abbaa qabsoo tahe. Hayyuun fi Beekaan moggeefamee kadhattuu fi hattuun abbaa qabsoo taate. Waraana lubbuu isaa dabarsee ummataaf kenne osoo hin hafiin summii jibbiinsaa fi kashalabbummaan waraananii seera dhabmummaa facaasan. Hunduu kaayyoo manaa bahuuf dagatee hannaaf saamicha, oloolaa fi kijibaan balfamee garee qabatee duulaa ola. Oromoon fayaalessi fi hayyuun OPDO hijii ishii aja'aa akkanaaf balfee falamatti seene gamanaas jiruu cigaassissaa isa kan OPDO caalutu maqaa qabsoon isa eege. Gariin gamas gamanas laalee harka sassaabbatee osoo garaan gubatuu itti dhiise. Amma gaaffiin Jaarmiyaan ABO-WBO kana ni sirreessa moo akkanumaan itti fufa kan jedhu dha. Kun murtoo hoggansaa jajjabduu barbaada. Qabsoon gola hattootaa tahe saba bilisa baasun haaturu waliinuu tarkaanfachuun itti ulfaachuuf deema. Keessattu riphee lolaan naamusaa fi kaayyoon hin taliigamnee gaaga'ama guddaa fulduratti fiduun hin oolu. Riphee lolaan lolee biyya isaa bilisa baasee seenaa keessatti kan naamusa waraanaa qabuuf kan ajaja tokkoon hogganamu qofa ture. Iccitiin waraanaa akka boqolloo bakka hundatti facaasee Riphee lolaan milkaahe hin jiru. Jijjirama hatattamaa barbaachisa.

Kotota Ummata arrabsaa oltutu Oromoof qabsahaay? Oromoon qabsahaa dhabee gaafa kototaan qabsahaa jedhee jala figuu eegale inni dhugaa Oromoo jaallatu hamileen cabaa qabsoo irraa dheessaa dhufe. Qabsoon Oromoo gola kashalabbootaa tahaa jira. Hattuuf kolkolleetu maqaa qabsoon jireenya dandamachuu daadhabe ittiin ooffata. Kashalabbee barnooti galuufii didee jibbitee fi kadhattuu hojii hin jaallannetu qabsoo carraa hojii godhate. Fayaalessi maqaa qabsoon saamamaa jira, kaan lubbuu itti dhabaa jira. Bakka hunda hattuu fi olooltuut guute. Inni ABO, WBO, KFO jedhee wacaa oluu ammoo isa kaadree OPDO caalu tahee jira. Akkanatti bilisummaan hawwamu bilaasha.

Oromoon lafa qullaatti sifaarsee boolla sibuusee sibraa debi'a. Sana booda kan siyaadatullee hin jiru. Yoo lubbuun hafte kophaakee wixcifatta. Yoo carroomtee obbaafatte ammoo du'akeen daldala. Oromoon akkuma hawwaasaatti dhibameera. Wal'aansa barbaachisa.

Hiyyeessa doofaa soroomtee fi ijoolleen baadiyyaa araadaa tahuuf yaaltu biyya balleessiti. Jara akkanaattu bakka hundaa biyya jeeqaa jira.😁

Harcaatuun kaayiroo dhaadannoon fala fidde πŸ˜†. Kadhattuu jireenya ofiihu dandamachuu dadhabdee halkani guyyaa boochu tuffatanii dhiisu malee bakka isii sanitti gadi of hin buusani. Cinii fi kaalsii ishii haa miccattu waan saamunaa erginaafi.

Warra ijoollee haqaa nyaatee baretu ammas oloolaa jira. Dhiiga qulqullootaa harka keessaan jirutu sin maraacha. Meeqatu hidhame, meeqatu ajjeefame, meeqatu saamamee, kan hunda maqaa qabsoon gooti. Magaalaa irraa ijollee qaali ajeeftee, hissiiftee, saamsiftee bosonaa fi Biyyoota ollaatti baqatti. Kana Jaarmiyaanillee beekuun dirqama. ABO-WBO golga kashalabbee fi hattuu tahuu hin qabu. Maqaa ABO-WBOn hattuun Oromoo hin gamsiiftu. Angawaa Waraanaa irraa hanga miseensa waraanaatti, Oromoo fayyaalessa irraaa hanga nama siyaassaatti bifa adda addaan waa gidduudhaa butachuuf walitti naqaa, irratti oloolaa oltee bulti. Abadan Hattuun qabsoo Oromoo keessatti iddoo hin qabaattu. Bakki ishii mana hidhaa malee bosonaafi qabsoo keessa tahuun hin malle. ABO-WBO akka kabaja horatuuf hattootaa fi kashalabbota kana daddafiin of irraa moggessuun dirqama. Miseensa waraanaa hattootaata sassaabee golga tahuuf adabee sirreessuun hojii yeroo kennu miti. Abadan Hattuu OPDO jibbinee hattuun biraa qabsoo hin jeeqxu! Ni harcaata!!

Tika OPDOtu doofaaf qofa malee akka itti ABO-WBOn jiruf silaa qaata badne. Funaansa magaalaa keessaa fi kashalabbee Hannaan beekamteetu icciitii waraanaa bolqaa ola. Miseensa Waraanaa irraa hanga angawaa olaanaatti hunduu kara karaa abbuma Argentti afuufaa olee bula. Essaa garamitti akka socho'an, eenyuu ittigaafatamaa akkamii akka tahe, tarkaanfii akkamiif akka socha'amu, maqaa ajajaa dirqama kennee fi fudhatee. Qunnaamtiin magaalaa keessaa enyuuf maal akka tahe osoo hin haafiin afanii qaqqaamataa oolu. Riphee lolaan icciitii hin eeggane xumurrii isaa akkam akka tahe seenaan addunyaa ragaa dha. Kolkolleen maqaa qabsoo dhahattu ammoo sana waraabdee ittin wal doorsiisaa olti. Kun daddaffiin sirrachuu qaba. Miseensa waraanaa leenjii irraa qabee hanga bobbaatti akeekkachisuun dirqama. Ka bobbaa irra jiru gorsaaf adabbiin bakkatti deebisuun egeree waraanichaaf fala. Odeessaa fi iccitii waraanaa ajaja waraanaa caalaa Diyaasphooraa fi kashalabbe koolu galtummaa iyyaafattutu ungulaalaa ola. Ajab Raajii!!

Bakka hattuu fi Kijibduu ololtuun gutte bilisummaan dhufu hin jiru. Yooki ni calalta yoki ummatuma ati qabsooftuuftu si tufa. Ummata OPDO jibbetu qabsootti cichee jira. OPDOnis atiis garaagarummaa hin qabdu taanaan qabsoonkees bilaasha taati. Gola ABO-WBO keessa hattootaa fi Kashalabboota magaalaa keessaa ummata gamsiiseetu magaalaa fi biyyoota ollaa ciisee maqaa jaarmiyaas maqaa qabsoo haqaas xureessaa jira. Hattoota bobaa ABO-WBO keessa dahatee saammatuuf Kashalabboota ummata gansiise qulqulleessun dirqma jaarmiyichaati.

Hamming fi dogooggorri ummati Oromoo akka sabaattis akka beektootaattis raawwate of irra darbee sabaaf sablammoota Impaayerittii keessaa kaaniifu madda ajjeechaa fi dhumaatii tahee jira. Eyee. 2018 hayyoota Oromootu OPDO hamtuutti fudhee angoo kenne. Ummati Oromoo ammoo akka sabaatti yaada sana dura dhaabachuu dhiisee waan qabsaaheef wallaaluu irraa kan kahe OPDO of irratti moossise. Qaroowwan Oromoo dammaqanii adeemsa sana morman irratti duule, abaare, ajjeesee, moggeesse, hissise. Higigii [euphoria] jijjiiramaa seene keessa dammaquu dadhabee balaa jabduu of irraattis sabaaf sablammii biroo irrattis akka dhufuufa riqicha tahe. Kun nama tokko lama osoo hin taane Oromoo harka wayyabaatu dhiichisee OPDO of irratti muude. Kana kana gaaf yaadan Ummatti kun gatii hojii isaatii argate nama jechisiisa. Ilmaan Oromoo qaqaalii daandii dhugaa irratti cichanii gatii hin malle, wareegama guddaa, saba kanaf baasan gaafa yaadannu garaatu nama gubata. Quba kaanitti qabuun cubbuu ofii kaanitti hallaquuf yaalii godhamu dha. Oromon akka sabaatti, rogeeyyin akka dhuunfaati badii dalagan sana irraa ceeranii yoo karaa dhugaatti hin deebine ammallee maraammartoon siyaasa Oromoo balfe sirrachuuf hin deemu. Oromiyaa walaboomsuun haa turu akka jiru kanattuu turuun gatii guddaa isa baassiisa. Qabsoon Oromoo waggaa 50 ol bifa jaarmiyaan ijaaramee qawwee isa kaassise kun ititeee gar tokkotti debihuu baannaan akka ummata tokkootti haa turu akka kutaattuu jiraachuun rakkoo tahuuf deema. Gabaasa kijibaan Oromiyaa walaboomsuun haa turu Oromiyaa keessa jiraachuunu ulfaachuuf deema. Dhugaa jiru ummatatti himanii dhugaa faana tarkaanfachuutu fala. Ab Waaqoo dhumaatii Oromoo bilaashaa irraa nu olchinnaa!

Qajeelaa Mardaasaa😁

Emotional Damage 1. Ijollee Kayiiroo, Gibxii keessaa kopheen ishii xiraan isaa ofitti nama hin bunneetu gatitti namatti lakkaawwata. Qabsoon Oromoo kadhattuu kopheen xiraa'u faana hiryaa nama gooti. Nama jajjabaa faana gatitti lakkaahaachuu dhiisaa kophee xira'aa sanatti kaalsii geeddaraa.

" Suuraa abaluu nuu ergaa", "Abalu kanaam" "Abaluu irratti olola banna" Haasaa faarse bultootaafi hattoota Gibxii, Keeniyaa fi Finfinneeti. Akkaa waan humna qabduu suuraa namaa iyyaafataa olti. Maal gochuufii? πŸ˜„πŸ˜. Kan ofiihuu nyaattee ittin bultu kadhachaa jiraatti. Yooki hin barattu yooki hin hojjettu "qiffalaa"dhaan biyya balleessite. Wagiid! Tuuta Kadhattuu fi Hattuu! πŸ˜„

Waa butaa fi farsee bulaa biyyoota ollaa fi Magaalaa keechaa maqaa qabsoon saamtutti aduun dhihaa jirti. Doofaan magaalaa keechaa qaffaltu waan garaa malee waan qabsoo hin beektu. Hattoota!πŸ˜„πŸ˜

Faarse Bulaatu dadhabame. Maqaa Marroo fi maqaa WBOn daldalti. Hattoota qofa! Hattoota Katamaa!😁

Faannoon Oromiyaa seentee angoo qabattu hin jirtu kana Amaarriis, jaarmiyaaleen Idina addunyaas Abiyyiis OPDOnis ni beekti. Qabata kanaan kanaan garuu OPDOn ummata Oromoo of jala hiriirsuu feati. Duula WBO Oromoo irratti gootuuf xinsammuu Oromoo madaqsaa jirti. Kaadiroonnii OPDO fi Tikoonnii ishiis kanaan muddamanii jiru. Abiyii lola jabaa jedhu karoorfatee waraana baayi'ina guddaa qabu qopheeffatee hojii duulaa kana eegalaa jira. Oromoon fayaalessi waan deemaa jiru quba hin qabne hattootaa fi kashalabboota OPDO harkaa waan garaa butattee iyyaa oltu dhagahee akka hin burjaajofne gochuun dirqama. Lolli keenya Sirna Impaayeraa waliini. Xaxaa fi Shira impaayeraa hunda dammaqanii of irraa qolachuu qofatu fala.

RIB Wallaggaas tahe Oromiyaa keessaa gara ammaaraatti ergame tokkohu hin jiru. Kun olola Tikoota OPDO fi kaadiroota OPDO dha. Ittii humna dabalataa guddaa kana dura godhamee hin beekne gara Oromiyaa, keessattu Wallagaatti bobbaasuuf qopheese guuraa jira. Burjaajii dhisii lolakee loladhu!!

Abiyyii Agimeed Duula guddaa. WBO irratti geggeessuuf qopheetti jira. Tikoonnii OPDO ammoo sana haguuguuf Faannoo maarree maarree jettee wacaa jirti. Akka waan Abiyyi Amaaraa Oromoo irraa ittisaa jiruutti ajandaa boccee ummata burjaajessaa olti. Oromoon lola of irraa lolatu jabaatu as adeemaa jira. Sanaaf of qopheessi. Wacaa fi olola tikoota OPDOn hin burjaaja'in.

Tikoonnii dubratoota Biyyaa arabaa maallaqa irraa gurtee qullaa dhaabaa turte Girriira waccisiisaa fi harka reebsifataa olti. Doofaa barruu namaa copy gootee maxxansaa oltuu fi Kashalabbee akkanaatti garaa qabannee itti kofalla.πŸ˜ƒ