407
Subscribers
No data24 hours
-57 days
-630 days
Posts Archive
Bilchina jechuun Akka inni si sobaa jiru osoo beektuu Seeqattee kolfitee bira Darbuudha.
Ifaa tasa siif ifeef jettee, shaamaa yeroo dheeraa siif gubachaa ture hin tuffatin #life 🙏
Si gargaaruuf humna dhabun danda'a garuu miidhamni kee na quuqa, kufaatiin kee nan gammachiisu. Eenyumayyuu ta'i namummaa kootu siif na naasisa. 🙏
Nama si sobe tokko, maalif akka si sobe hin gaafatin.
Gaafii kee deebisuuf deebi'ee si soba waan taheef.
𝗔𝗱𝗮𝗿𝗮𝗮 𝗪𝗮𝗮𝗻 𝗞𝗮𝗻𝗮 𝗔𝗸𝗸𝗮 𝗛𝗶𝗻 𝗗𝘂𝗯𝗯𝗶𝗳𝗻𝗲 እባኮትን እንዳታነቡት እሺ
𝗣𝗹𝗲𝗮𝘀𝗲 𝗗𝗼𝗻𝘁 𝗥𝗲𝗮𝗱 𝗜𝘁.
𝟭. 𝗢𝗳 𝗛𝗶𝗻 𝗧𝘂𝘂𝗹𝗶𝗻/𝗛𝗶𝗻 𝗕𝗼𝗼𝗻𝗶𝗻: -Boonni Karaa Warra Kasaaruuti.Boonni Akka Tuulaa daaraa bubbeen booda bittinneessuuti.Boonni ofumaaf boqonnaa nama dhoorga.
𝟮. 𝗢𝗳𝘂𝗺𝗮𝗮𝗳 𝗚𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗧𝗮𝗶: -Lubbuu teetiif waan gaarii dalaguun tola ofitti ooli.kennaa gaarii jalqaba lubbuma teetiif kenni.
𝟯. 𝗢𝗳𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗔𝗿𝗮𝗮𝗿𝗮𝗺𝗶/𝗔𝗺𝗮𝗹𝗮 𝗧𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂: -Bakka Hojiitti hisataa(mirqaanaa),hiriyoota biratti taphataa fi arjaa, Mana amantaa keessatti nama gaarummaan beekkamu taatee, mana keetti yeroo deebitu Doobbii tuqan nama gubuu fi heexoo dhugan hadhaawu hin tain.bakki gaarummaan kee itti jalqabuu qabu manaa fi maatii kee irraa.
𝟰. 𝗗𝗵𝗮𝗴𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗚𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝗧𝗮𝗶: -Hawaasa keessa jirru kana keessatti duudaa arraba qabutu heddummaataara.nama haasau malee nama dhageeffatu dhabaa deemaa jirra. Namni fuuldurri isaa milkii nama hedduu dhageeffatuu fi xiqqoo haasau.
𝟱. 𝗧𝗮𝗮𝘂𝗺𝘀𝗮 𝘅𝗶𝗾𝗾𝗲𝗲𝘀𝘀𝗶/𝗞𝗮𝗶𝗶 𝗪𝗮𝗮 𝗗𝗮𝗹𝗮𝗴𝗶: -Taaaa ooluun dhukkuba. Yoo dandeette sosochoii waa dalagi.yoo dadhabde hojii malee taa’aa ooluu irraa of eegi.qaamni taa’aa oolu meeshaa dharaa ta’a.karaa irra teettee haqa karaa eeguu hin dandeettu waan ta’eef dilii hojjatta.yoo teette waan gaariif taa’i. boqonnaa fudhachuu fi waan gaarii hojjachuuf.
𝟲. 𝗔𝗯𝗱𝗶𝗶 𝗙𝗶 𝗢𝗯𝘀𝗮 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝘂: -Abdiin waan akka ati boru yaaduudhaan akka fuulduratti imaltu si gargaaru.Obsi immoo sakaallaa imala jireenyaa kee gabaabsu sirraa hambisa.”Obsaan aanan goromsaa dhuga.”jedhan gaafa goromsi Kormi irraa qeeratti hin qalamne san.
𝟳. 𝗕𝗮𝗿𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗧𝗮𝗶: -Namni beekkumsaan waliin dhalate hin jiru.Rabbiin gaafa nu uumu waraqaa adii godhee nu uume.gariin keenya waan gaarii waraqaa keenya irratti katabanne,gariin keenya waraqaa adii balfaan maanxinee balleesine.gariin keenya sammuu keenya buburree goonee rakkanne.yeroo hundaa barataa gaarii tai.barataan gaariin barnoota isaa addaan hin kutu,waan baratuu fi barreessus filatee barreeffata,dogongora hojjate irraallee barataa deema.
𝟴. 𝗚𝗮𝗮𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗧𝗮𝗶: -Eenyutu na uume? Maaf uumame? Maaltu narraa eeggama? Galmi Itti Imalu eessa? Achitti hoo maaltu na eeggata? Jedhii of gaafadhu. Gaafii hundaaf hardhuma deebii argachuu qaba jettee hin yaadin.Gaafii guyyaa boru deebii argitu dhiisiitii,Abbaa fi haati keetuu hardhuma wajjiin ciisaanii hardhuma sin dhalle.gaafataa taI jennaan, gaafima argites gaafataas hin oolin.
𝟵. 𝗠𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲 𝗔𝘄𝘄𝗮𝗮𝗹𝘁𝗲𝗲, 𝗠𝗮𝗾𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲 𝗠𝘂𝗹𝗱𝗵𝗶𝘀𝘂𝘂𝗳 𝗛𝗶𝗻 𝗝𝗶𝗿𝗮𝗮𝘁𝗶𝗻: -Namoonni Mataan duanii maqaa horatan lakkoofsa hin qaban.Mootiin kanniisaa walqunnamtii saalaa takkittii raawwachuuf jecha lubbuu dhaba.Mootiin kanniisaa gaafa dua ofitti murteessu dhaloota kumaatamaan lakkaaamu bakka buusee dabruuf jecha aarsaa kaffala.atis jiraattee duuu osoo hin taane,duutee jiraachuu baradhu.
𝟭𝟬. 𝗕𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗛𝗮𝗮𝘀𝗮’𝘂𝘂𝗻 𝗙𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝘂𝘁𝘁𝗶 𝗛𝗮𝗮𝘀𝗮’𝗶: -Namoonni tokko tokko bakka caldhisuun tolutti haasa`anii,bakka haasa’uun tolutti caldhisan. Kun miidhaa dha.namni hundi haasa’eefis hin haasa’in,hundi caldhiseedhaafis hin caldhisin. Yoo biyyi dhara irratti waliigalee caldhise ati akka Nabi Ibraahimitti (A.S) kophaa qabsaa’i.
Via Abdulnaasir Tufaa
Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u balleessaan kee ta'u kan danda'u kuftee yoo achitti haftee dha!
Holqi ati seenuu sodaattu, qabeenya ati barbaaddu qaba.
—Joseph Campbell
━━━━━━━━━━━
🖋️@obora_inspire_bot
Namoonni tokko tokko si jaallatu
garuu siti hin himan,❤️❤️
Namoonni tokko tokko siti himu
garuu jaalatanii🏃🏃
Namoonni tokko tokko si jaallatu
garuu siti hin himan,❤️❤️
Namoonni tokko tokko siti himu
garuu jaalatanii🏃🏃
Itiyoopiyaa keessatti interneetii bilisaan fayyadamuun deebi'ee eegale. Fayyadamuuf "GET" bakka jedhu tuqi.
Itiyoopiyaa keessatti interneetii bilisaan fayyadamuun deebi'ee eegale. Fayyadamuuf "GET" bakka jedhu tuqi.
☞"Jiruun tun akka bishaan garbaati.
Inni yoomile hin Tasgaba'u
Sumaatu akka itti daakan barachuu qaba."
Imimmaan ulfaatina hin qabu. Garuu miira ulfaataa qabata jedheen shakaahttps://t.me/obora_7
Situ ofikee irraa abdii kute malee Rabbi guddaan iyyuu abdii sirraa
hin kunnee. 🙏
https://t.me/obora_7
