en
Feedback
Obora inspire

Obora inspire

Open in Telegram
407
Subscribers
No data24 hours
-57 days
-630 days
Posts Archive
3P Vision Development: 1:Picture 2:Plan 3:Process

1💥 Hanga namni gaafa si argu jecha '𝐍𝐢𝐢 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐦𝐚' jedhu yaadatutti jabaadhuu hojjedhu! 💪🏾💥

♻ ️Seenaa Ajaa'ibaa ‼️ Zamana Nabi Muusaa (A.S) keessa Nama Umriin isaa deemte, Kan miskiinummaan hiraarsite tokkootu gara Nabi Muusaa dhufee "Yaa Muusaa akka qabeenya guddaa naaf kennu Rabbi naaf kadhu" isaan ja'e. Akkasitti Nabi Muusaaniis Nama kanaaf Rabbi kadhate. Hoggaa kana Rabbiin qabeenya waggaa 1 qofa turu akka isaaf kennu, garuu waggaa 1 booda Miskiinummaa isaatti akka isa deebisu itti hime. Haala kanaan namni kun yeroo muraasa keessatti qabeenya guddaa arkate. Qabeenya isaa kanaan kheeyrii hojjachuu eegale. Miskiina agare hunda miskiinummaa isaa yaadatee gargaara. Haala kanaan Waggaan gahe. Garuu qabeenyi isaa dabalamaa deema. Akkasitti Nabi Muusaan "Waggaa 1 qofaaf qabeenya isaaf Kenna jattee turte. Hanga ammaa maaf irraa fuudhuu dhabde?!" jachuun Rabbi gaafate. Rabbiiniis "Osoo Miskiinni inni gammachiise hundi. 'Qabeenya barakaa siif haa godhu' ja'ee Du'aa'ii isaaf godhuu irraa fudhachuun qaanfadhe" ja'ee deebiseef. Seenaa Ajaa'ibaa ti! Rasuul S.A.W "gabroota Rabbii keessa Nama Yoo Rabbirratti kakate Rabbiin kakuu isaa dhugaa godhuutu jira" ja'e. Kana jachuun Nama Rabbiin Du'aa'ii isaa goonkumaa hin deebisneetu jira jachuudha. Obora media network Qabeenya Miskiinni kumaatamni irraa gammadu, Kan Masjiidni hedduun itti jaaramu Rabbi anaafi isiniifis haa kennu!!!

Yaada keenyatu A)Fuggisoo jireenyaati moo B)Jireenyatu Fuggisoo yaada keenyaati

Namoota waan qabatama hin taaneen hedduu si jajan, Suurakee kee hafarsan hin amanin si miidhu Bar qorsa hantuutaan ajjeessanuu Suuraa Hantuutaattu irra jiraa!..

Yaada keenyatu A)Fuggisoo jireenyaati moo B)Jireenyatu Fuggisoo yaada keenyaati

Gabaajee 'WOWSE' jedhu kan afaan ingiliffaa (With Or Without Someone Else) yookaan afaan keenyatti (Namaa wajjin yookaan nama malee) jettu kana namoonni milkaa'oon mana isaanii keessaa iddoo arganitti rarraafachuun kan of yaadachiisan danuudha. Mul'ata kee irratti namoota si gargaaran qabaachuun gaariidha; yoo namni si deggeru dhibe, garuu ati qofaa kee akka milkeessuu qabdu yaaduu qabda! Yaadadhu! Namaa wajjin yookaanis nama malee ati mul'ata kee jabaattee yoo hojjette nii milkeessita!

Nutu dhuma malee hojiin hin dhumu; kanaafuu boqonnaa fudhachuu amaleeffadhu! Jecha " busy" jedhu sababeeffattee waan akka hojiin dhumuutti boqonnaa of hin dhowwin. Gidduudhaan uumama naannoo kee daawwadhu, firaa fi aantii kee waliin yeroo dabarsi, kolfii kofalchiisi, luka qullaa adeemi, ispoortii ba'ii hojjedhu,...

Dubara mudhii ishee caalaa muudii isheettu nama hawwata bro😁😋

"𝐇𝐚𝐥𝐤𝐚𝐧𝐢 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐞𝐧𝐧𝐞 𝐪𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚 𝐝𝐮𝐛𝐚𝐫𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐝𝐮𝐮𝐜𝐡𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐧𝐚" Sh.A😁

#Bro jiruu kee keessa Wa'a sadi hin dagatanii!😒 #Liqeeffachuu hin sodaatin.😳 #Kanfalu hin ariifatin😋 #Yoo dandeesse dagachiisuu yaalii🙈

Aduun baate hundi carraa irra deebi'anii yaaluu ti.

Silaa Filannoon Karaa Fb Kanaan Tahee Girrisaan Jawar 100%100 Moosifti🙄

Eebbiseen gamanaa gamasitti utaaltee, utuma of tuultuu manatti haftee😭

Ani yooma isheen na dideyyu abdii hin kutu Obboletii isheen janajana Malee 🥴

Nama si jaalatu miidhuun salphaadha, madaa nama sanaa fayyisuun ulfaatadha.

Dureessi dubartii bareedduu haa fuudhu nuyi ollaa isaa deemnee mana kireeffannaa jechaa jiru dhiironni 😜😜 Kanaaf fuuti badde edaa😂

Namni haadha manaa isaa seeraan bulchu kan biraa Akka dabalatu motummaan ni hayyamaafi.😄

Bara bulchinsa keetii Nama taate dubartiin Erga Rabbiin si filee Kan qixxaatte dhiiratti Diin keetiin kabajamee Hiyyeessa qalbiin ciise Humna qabeessaa fi laafaa Situ wal nuuf qixxeesse!! Bakka bu'aa kee dhabnee Har'a Roorroon gubannaa Sabni qomoon wal-qoodee Wal-balleessaa jiraannaa!!! Rabbiin nuuf haa kennu Hogganaa akka kee Kan hamma danda'uun Hordofu faana kee Yaa Rabbi sin kadha Nuuf buusi nagaa kee Afaan wal taasisi Hunda Uumama kee Akkaanan jaaladha Ani ergamaa kee Irratti naaf buusi Nagaa fi Rahmata kee صلى الله عليه وسلم ♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡ Jum'aa Kheeyrii