2 539
Subscribers
-124 hours
-167 days
-9030 days
Posts Archive
2 539
Repost from Jafarbayan
Kadhaan Rabbii Furtuu Rakkooti
Du’aa’ii godhatuun sadarkaa guddaa qaba. Rabbiin warra isa kadhatuuf qeebaltii beellama seenee jira.
Rabbiin ol tahe akki je’e:
وَإِذَا سَأَلَكَ عِبَادِي عَنِّي فَإِنِّي قَرِيبٌ ۖ أُجِيبُ دَعْوَةَ الدَّاعِ إِذَا دَعَانِ ۖ فَلْيَسْتَجِيبُوا لِي وَلْيُؤْمِنُوا بِي لَعَلَّهُمْ يَرْشُدُونَ
“Gabroottan kiyya hoggaa anarraa si gaafatan Ani dhihoo (ja’iin), kadhaa warra na kadhatuu yeroo isaan na kadhatan nin qeebala. Haa naaf awwaatan, ammas haa natti amananii akka qajeelloo argataniif.” Al-Baqaraa: 186
Ammas Rabbiin ol tahe akkana je’e:
وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ
“Rabbiin kee akki je’e na kadhadhaa ani isiniifin awwaadha” Ghaafir: 60
Warra qalbiin gad if qabee isa kadhatu, warra kadhaan isaanii garsiifannaa fii dhageeysifannaarraa qulqullooyte, kan halkan hoggaa namni rafu isatti booyan Rabbiin kadhaa isaanii ni qeebalaaf.
Rabbiin ol tahe akkana je’e:
﴿ادعوا رَبَّكُم تَضَرُّعًا وَخُفيَةً إِنَّهُ لا يُحِبُّ المُعتَدينَ﴾﴿وَلا تُفسِدوا فِي الأَرضِ بَعدَ إِصلاحِها وَادعوهُ خَوفًا وَطَمَعًا إِنَّ رَحمَتَ اللَّهِ قَريبٌ مِنَ المُحسِنينَ﴾
“Rabbii keeysan isaaf gad if qaboo fii dhooysoo haala taataniin (sagalee gad qabaa) kadhadhaa, Inni warra daangaa dabru hin jaalatu. Ammas dachii keeysatti badii hin dalaginaa eega (Rabbiin) tolche booda, Isa qofa kadhadhaa soda fii kajeellaadhaan. Rahmanni Rabbii warra gaarii dalaguuf dhihoodha.” Al-A’araaf: 55-56
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je’e:
ليسَ شيءٌ أَكْرمَ علَى اللَّهِ منَ الدُّعاءِ
“Rabbi biratti wanni du’aa’iirra caalu hin jiru” Sunana Tirmiizi: 3370
Eega kana beeyte rakkoo hundaaf furtuun harka Rabbii jirtii Rabbirraa barbaadi. Rabbiin warra isa kadhatan ni jaalata, ni qeebalaaf, sadarkaa isaanii duniyaa fii aakhiraattis ol fuudha.
2 539
Bara 2006 (waggaa 20 dura) mootummaan Denmark yoo gaazeexaan kabaja Nabiyyii keenyaa sallallaahu aleeyhi wasallam xiqqeessu namni aalama guutuu bakka bu'ee rasuula sallallaahu aleeyhi wasallam irraa deebii kenne daa'ii beekkamaa Sheikh Khaalid Arraashidii ture.
Sheekhni muhaadaraa fi da'awaa garagaraatiin beekkama. Marsariitii hawaasaa irratti da'awaan isaa beekkamtuudha. Hunda caalaa “Yaa Ummata Muhammad!” muhaadaraa jattuun beekkama. Muhaadaraa tanaan aalama Islaamaa guutuu lafaa kaasuu danda'eera. Sababuma muhaadaraa tanaa bara 2006 tti waggaa 15 itti murteeffamee hidhaa seene. Sodaa takka malee murtii tana qeebaluun mana hidhaatti gale. Bara 2021 tti murtii jalqaba itti murteeffamte fixatullee hin baane. Haarawatti amanni 17 itti dabalamuun waggaa 40 mana hidhaatti dabarsuu mudate. Kuni hundi kabaja Nabiyyii keenyaa sallallaahu aleeyhi wasallam eeguufi. Rabbiin irraa haa jaalatu!
Nagaya fi fayyaan baasee maatii fi Ummata isaan jaalatutti Rabbi haa deebisu!
2 539
Irreechi Aadaa Osoon Taane Amantiidha Ishee Irratti Hirmaachuun Muslimtoota Irratti ShirkiidhaYoo xiqqaate SHARE FORWARD gochuun itti gaafatamummaa kee bahi 🔥Ummata Irreecha irratti hirmaatu keesaa Dhibbeentaan 70 ol Muslimoota tahuutu tilmaamama. Sababni Ummanni kun Irreecha irratti hirmaatuudhaf dhiheessu immoo "Iddoo tokkummaa fi baay'ina Saba keenyaa itti argisiifannudha" jedhanii waan yaadaniifi. 💥Irreechi Shirkii tahuu wayita dubbatamu immoo deebin nama heddurraa dhufu "Irreechi Aadaa dha malee, Amantii miti, Wanti shirkii jechisiisu hin jiru" jedhu. Gariin isaanii immoo "Irreechi Shirkii tahuu isaa amanneerra, garuu Faayidaa siyaasaatif hirmaanna" jedhu. 💥Kanaafuu, Hubannoon Hawaasa kanaaf kennamuu qabu Deebiwwan kanneen Ijoo Lameen irratti. Irreechi Shirkii tahuu fi, Shirkiin immoo waan akka Salphaatti ilaalamtee, "Shirkiidhas taatu inuma dalagna" jedhamu tahuu dhabuu Sirnaan barsiisuu barbaachisa. 💥Akkuma Beekamu, Itti gaafatamummaan Dhaabbilee Islaamaa akka Majliisaa, Miidiyaalee Islaamaa, Daa'iwwanii, ImaamotaMasjiidaa... fi Kan biroos Dhimma Hawaasa Muslimaa ilaallatu Fuulduratti bahani sirreessuudha. Dhimmoota hunda keessaa mataan immoo Amantii Hawaasa Muslimaa eeguudha. Waan Islaamummaan itti ajajjutti waamuu fi waan irraa dhoorkitu irra dhoorkuu.... 💥Waan Islaamummaan itti ajajurraa mataan Towhiida, Kan dhoorkamurraa mataan Shirkii tahuun beekamaadha. IrreechiShirkii tahuu irratti immoo Muslimoota biratti garaagarummaa yaadaa uuma jedhamee gonkumaa hin yaadamu. Kanaas Xiqqaa guddaan, Aammif-Ulamaan carraa addaa addaatin ragaa yoo bahan argaa jirra. 💥Kanaaf qaamonni Dhimma Hawaasa muslimaatif dhaabbatan jedhaman kanneen olitti tuqaman kunniin dhimma kana irratti duula godhanii ummata muslimaa Waan amantii isaa guutumatti balleessu kana irraa dhoorkuuf maaf Carraaqqii isaanirraa malu yoo taasisan hin agarre kan jedhj gaafiidha!!! Ulamoota muraasa dabree dabree dubbatan, Imamota Masjiidaa fi Fayyadamtoota Marsaalee Miidiyaa (fkn facebook, Youtube, Telegram) fayyadaman Jala-Bultii irreechaa faa irratti waa dubbatan malee, Qaamni itti-gaafatamummaa qabu hundi gamtaadhan yoo irratti dalagan argaa hin jirru. 💥Kuni immoo Hunda nama gahee qabuu kan gaafachiisuudha. Ergamaan Rabbii ﷺ Hadiisa isaanii beekamaa Abdullaah Ibnu Umar ﺭﺿﻲ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻨﻬﻤﺎ gabaase keessatti;- ”ﺃَﻟَﺎ ﻛُﻠُّﻜُﻢْ ﺭَﺍﻉٍ، ﻭَﻛُﻠُّﻜُﻢْ ﻣَﺴْﺌُﻮﻝٌﻋَﻦْ ﺭَﻋِﻴَّﺘِﻪِ(الحدیث) "Hubadhaa cufti Keessan tiiksitee/eegduudha, Hundi keessan waan eegdanirraa ni gaafatamtu" (Muslimii fi Bukhaariitu gabaase) jedhan. Maarree Nuti Itti gaafatamuummaa Waan nurraa eegamuu baanee jirraa?! Jennee of gaafachuu qaba. 💥Ummanni hanga barbaade qeebalee, Kan dide didus nuti itti gaafatamummaa keenya bahuu qabna. Seenaa Warra Banii Israa'iil irraa Rabbiin wayita nuuf himu, Umanni gariin isaanii- Ummata Da'waa godhuun; Osoo Ummanni isaanirratti diduu maalif Waamicha akka godhan gaafatamnaan; Deebin isaanii Akkas ture:- ”ﻭﺇﺫ ﻗﺎﻟﺖ ﺃﻣﺔ ﻣﻨﻬﻢ ﻟﻢ ﺗﻌﻈﻮﻥ ﻗﻮﻣﺎ ﺍﻟﻠﻪ ﻣﻬﻠﻜﻬﻢ ﺃﻭ ﻣﻌﺬﺑﻬﻢ ﻋﺬﺍﺑﺎ ﺷﺪﻳﺪﺍ ﻗﺎﻟﻮﺍ ﻣﻌﺬﺭﺓ ﺇﻟﻰ ﺭﺑﻜﻢ ﻭﻟﻌﻠﻬﻢ ﻳﺘﻘﻮﻥ“ - ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻷﻋﺮﺍﻑ - ١٦٤ "Isaan keessaa Ummanni taate wayita jetteen 'Tuuta Rabbiin isaan halaakuf jiru Yookin adabbii jabduu isaan adabuuf jiru maalif (hamturraa) dhoorkitan' Wayita jedhaniin, (isaanis) 'Deebisa gara Rabbii akka nuuf tahuu (Gaafii toltutti waamuu fi hamtuu irraa dhoorkuu dhabuun dhuftu jalaa bahuu) Yookin Akka (yoo kan tole jedhan tahe) Rabbii ofii Sodaataniifi' Jedhan" (Suuraa A'raaf, 164) =========== ▶️Eeyyen, Namni Da'waa godhu waanuma Lamaan tanaaf godha. Yoo Kan irraa qeebalan tahe, Akka Rabbii ofii Sodaataniif, Yoo Kan didan tahe immoo Fuula Rabbii duratti itti gaafatamummaa jalaa bahuudhaafi. Maarree dhimma Kanarrattis Gamtaanis tahee dhuunfaadhan gahee nurra jiru baanee jirra moo hin jirru kan jedhu gaafii keenya hunda!
Share forward gochuun walin gahahttps://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
Hubachii‼️
Ayyaani Irreecha Hordoftoota Amanti Islaama Gonkuma Hin Ilaallatu. Irreechi aadaa osoon taane amantiidha amanti ta'u isaa kanaafi ammoo ragaan gocha achi irratti ta'uudha.
Barruu dheertuun walitti deebina....Insha Allaah!
Fuula kana JOIN Gochuun maati ta'a, hiryoottan keessanif qooda.
https://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
Injifannoon milkaa'inni tolan dhufu gonkuma hin jiru aarsa qaalii itti kaffaltu malee.
Injifachuu milkaa'u yoo feete dirree qabsoo keetti irratti sodaafi muffi tokko malee aarsa inni sigaaffatu hunda kaffalufi akkaan ofi qopheessi.!
https://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
Repost from HADIISA📚
« Haaja tee karaan ittiin isitti geeysu sitti cufamee karaa wallaalte du'aa'iidhaan banachuu dandeeysa. Waan hawwitu yoo kheeyrii siif qabaatte du'aa'iin furtuu isiiti. Waan sodaattu osoo sitti marsitee jiraattee illee du'aa'iin sharrii isiitirraa if siif geeysi. Waan hawwituu fii sodaattu jidduu yoo atummaan dhugumaan qalbiirraa haajaa tee rabbi ﷻ irra fidatte dhimmoota kee tolchee bareecheeti akka ati yaaddee olitti siif taasisa. Mihraaba du'aa'ii irraa hin fagaatin. Itti deddeebi'uu fii heddummeeysuu irraayiis hin hifatin. Waan hawwinuun walitti nu baasee waan sodaannu duraa inni of nuuf haa gahu. »ღ
Safar 24,1448H
2 539
Repost from HADIISA📚
« istighfaara gochuun; gammachuu qalbii keetii,soorata ruuhii keetui,qulqullina sammuu keetii,barakaa qabeenya keetii,toliinsa siifii matii keetii fii jaalala rabbii keetiiti ﷻ. Gonkumaa irraa hin dagatin.»
Safar 15,1448H
2 539
Repost from HADIISA📚
« Gaafa murtiin rabbii fii ergamaa isaa akka ifaa aduutti addaan namaaf baate; nama rabbii fii guyyaa qiyaamaatti amanuuf murtiin sun fedhii lubbuu isaa waan faalleeysituuf jecha yookiin waan warri zamana isaatii fii sheekkoonni isaa irra jiran waan faalleeysuuf jecha isii deebisuu fii fudhachuu diduun nam-tokkoofuu hin barbaachisu.»ღ
📕 الدرر السنية | 57/10.
•. Kanaatu nama sunnaatirraa eegama. Isarrattiis dirqama. Dhimma tokko keessatti murtiin shari'aa maal akka taate gaafa addaan siif baatee hubatte booda; isa dhiisuu fii isarraa maquu keessatti abbaa feete hin dhagayin. ajaja nam tokkootillee hin godhin. Shari'aa faalleeysuu fii fudhachuu dhiisuu keetirraa malee yaada abaluutii fii abaluu fudhachuu diduu fii dhiisuu irraa hin gaafatamtu. Sunnaa nabiyyii keetii ﷺ qarriffaan ciniinii qabadhu. san dura sunnaan maal akka taate tolchuu beekii hubadhu. Rabbiin ﷻ garboota murtii isaatii fii murtii Rasuula isaa ﷺ hunda qaamaa qalbiin fudhatanii qabatan irraa nuhaa taasisu.»ღ
Safar 13,1447H
2 539
Repost from Shaafii Muhammad Channel
« Namni akka arrabni isaa zikriif laafuu fii zikriin akka isaaf laaftu barbaadu; ijaa fii gurra isaa waan haraam irraa qalbii isaa waan hamtuu isarra dhuftu irraa haa eeggatuu. Achi booda kheeyrii rabbirraa ﷻ taateen haa gammadu. Rabbiin ﷻ balbala zikrii isaaf banuuf jiraata. Rabbiin ﷻ garboota arrabni isaanii zikriif laafe kan arrabni isaanii qalbiin isaanii zikrii isaa baay'isuu irraa hin deemne nuhaa taasisu.»
Safar 14,1448H
2 539
Biyya_Jalqaba_Islaamummaa_Simatte,_Quubsuma_Tawhiidaa_Jalqabaa_Itoophiyaa.pdf7.21 MB
2 539
"Obsi hulaa milkaa'inaati. Namni obsu hundee jabaa qaba"Sheekul Islaam Ibnu Taymiyyaa (Rahmatullaahi Alayhi) https://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
"Addunyaa kee aakhiraa keetiif Yoo gurgurte, lamaan isaaniyyuu ni mooji'atta (ni argatta). Garuu aakhiraa kee dunyaaf Yoo gurgurte, lamaan isaaniyyuu ni dhabda."Jechoota Hayyuu Islaama Imaam Al-Hasan Al-Basrii Irraaa https://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
Repost from Jafarbayan
Asliin ustaazoota tiktok walitti qabde leenjii akhlaaqaa, adabaa, namuusa da'awaa, adunyarraa dantaa dhabuu, waan qabanitti quufuu, rakkorratti obsuu, fuula namaa maallaqa hedddumeeyfachuuf dhaabbachuu dhabuu, ummatarraa maallaqa mala baasanii guuruu dhaburratti leenjii kennaa jira.
Ustaazoonni "maashaa Allaah doktoora keenya" ja'anii leenjii fudhataa jiran.
Maal na yaadachiisaa ni beeytaa? Hadiisa Rasuulaa sallallaahu aleeyhi wasallam tokkoo jira hojii aslii fii ustaazoota mataa isa jalaa taa'ee raaasu san ibsu.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e:
سيأتِي على الناسِ سنواتٌ خدّاعاتٌ؛ يُصدَّقُ فيها الكاذِبُ، ويُكذَّبُ فيها الصادِقُ، ويُؤتَمَنُ فيها الخائِنُ، ويخَوَّنُ فيها الأمينُ، وينطِقُ فيها الرُّويْبِضَةُ . قِيلَ : وما الرُّويْبِضةُ ؟ قال : الرجُلُ التّافِهُ يتَكلَّمُ في أمرِ العامةِ
"Ilmaan namaa kanarra zamana gantuu taateetu dhufuuf taa'a, zamana san keeysatti kijibaan ni dhugoomfama, ka dhuga dubbatu ni kijibsiifama, gantuun ni amanama, amanamaan ammoo gantuu godhama, ruwybidaa warra tahantu dubbata." Ja'an. Duuba sahaaboonni "Ruweybidaan maali?" Ja'anii gaafatan. Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e "ruweybidaa jechuun nama akkaan gowwaa, akkaan wallaalaa taheetu dhimma ummata bala'aa bakka bu'ee dubbata"
Sunana ibnu maajah 4036, musnad imaamu ahmad: 7912
2 539
Repost from Jafarbayan
Towbaa jechuun badii dabarterraa sheenawuu, yeroo keeysa jiran tan ammaa tanatti badii sanirraa dhaabbachuu, fulduraaf akka itti hin deebine murachuudha. Yoo haalli sadeen kuni guuttame namni suni badirraa yeroo sanitti towabate ja'ama.
Ibnu Al-qayyim
2 539
"Mawaa'iz al-Imaam al-Hasan al-Basrii"Kitaaba "Lallaba fi Gorsa Imaam Al-Hasan Al-Basrii" jedhu. Mataduree Addunyaan hiyyeettidha jedhu irraa. Al-Hasan Al-Basrii akkana jedha:
"Addunyaan akka dubartii miidhagduu fakkaattee dhiyaatti, garuu ishee jalatti namoota baay'ee ajjeesti."Namni addunyaa tana garmalee jaallate, isheen dhumarratti isa gatti. Qabeenyi inni kuuse hundis dhumarratti abbaa biraatiif hafa, inni garuu qofaa isaa qabrii seena. Kuni hiyyeessummaa dhumaati.https://t.me/Abdulaziz_Teha
2 539
Repost from Jafarbayan
Irra caalaan wanni Islaamummaa tee tiyfattuun barnoota.
Maal barachuu qabda?
1. Allaah tokkicha beekhuu qabda. Nama haqaan Rabbii ifii beekhuutu haqa Rabbii guutuuf tattaafata.
2. Nabiyyii kee sallallaahu aleeyhi wasallam beekhuu qabda. Nama dhugaan isa beekhuutu isa jala deemuu fii sunnaa isaatiin jiraachuun duniyaa fii aakhiraatti milkaawa.
3. Islaamummaa beekhuu qabda. Barattee amantii tee waan isiin ajajju, dhorgitu, bareedina isii arguuf barachuu fii hubachuu barbaachisa.
2 539
EID MUBAREKObbaleeyyan kiyya hordoftootni amantaa Islaamaa hundi, warri alaafi biyya keesaa, baga ayyaana Iidal-Adahaatiin 1447 tiin nuun gahe! Warra Baranaa Kan Bara Baraa.!!
2 539
Repost from Shaafii Muhammad Channel
« ilaahii! Arraba waa'ee keetii dubbatu san hin qixaaxin. ija beekumsa gara kee nama qajeelchitu ilaalaa ooltuuf argaa tee hin hoongeeysin. koomee ibaadaa tee raawwachuuf masjiidatti deddeebituus caffee jannataa qopheeysite san keessaa yeruma takkallee taatu hin dhoorkin. Harka waa'ee diin keetii sunnaa nabiyyii keetii ﷺ katabduus hallayyaa ibidda jahannam hin buusin. Guddina fii jabeenya keetiin rabbii kiyya ibidda jahannam nan naqin. Rabbii kiyya! Yoo ati naaf dhiistee irra naaf dabartee na sattartee rahmata naaf goote najaa nan baasin; ani badee hoongaaye kasaare. ilaahii! Rahmata kee,dhiisa kee!. »ღ
مقتبس من كلام ابن الجوزي ومعه زيادة
2 539
اللهم مُصَرَفَ الْقُلُوبِ صَرَفَ قُلُوبَنَا عَلَى طَاعَتِكَ
Allaahumma, Musarrifal Quluubi, Sarrif Quluubanaa, Alaa Xaa'atik
Yaa Allah, Garagalchaa qalbiilee kan taate, Qalbiilee keenya, si tole jechuutti garagalchi🤲🤲🤲
