Burqaa Bekkumsa islaama
Open in Telegram
عن عبدالله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: ((بلِّغوا عني ولو آية...))؛ رواه البخاري. Ergamaan rabbi akkan jedhan narra gessa oso ayta takkalle ta'e, Koyyon kenya wan rabbi nulafesa walfi dabrsuudha. 👇 @AbduljabarTaju
Show more3 272
Subscribers
-424 hours
-107 days
-4430 days
Posts Archive
+1
Iyaafannoo
Nama suuraa kana irratti argitan Kun She Abdulwahab H/Amaan jedhama. Namni Kun jireenya ofii ijijjiruuf karaa bahara su'udiitiin deemuudhaan sagaleen isaa dhabame. Kanaaf namni nama kana argitan Akka nu beysistan kabajaan isin gaafanna.
Lakk. Bilbila
0931083152
0918922669
Yaada Dheereessu kutaa 2ffaa
https://youtu.be/WSo28oXbeZ8?si=QI-o1oI3iBYdFkc1
Yaada Dheereessu kutaa 1ffaa
https://youtu.be/ift0N2BvGWU?si=pGXlkwVlq_f46LMG
#Eid_Aladha1447
عيدكم مبارك!
Eid Mubarak! 🌸
🤲تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال🤲
🤲Nurraa fi isinirraallee Rabbiin dalagaa keyrii keenna nurra haa qeebalu🤲
@Azkaar_Media
@BurqaaBekkumsaislaama
Baga Iida Al-Adhaa bara 1447ffaa nagaan itti isin gahee!
Hawaasa muslimaa hundaaf iidni kun kan gammachuu, wal-jaalalaa fi wal-gargaarsaa isiniif haa ta'u.
Rabbiin ibaadaa keenya nuuf haa qeebalu. Baga nagaan itti isin gahee!"
@Alfurqaan_books
Repost from N/a
Sunnaa takbiiraa kana jabeessaa
أحيوا سنه التكبير .
الله أكبر ، الله أكبر ، الله أكبر ، لا إله إلا الله
الله أكبر ، الله أكبر ، ولله الحمد.
Allahu akbar , Allahu akbar ,Allahu akbar , laa ilaaha illa llaah ,Allahu akbar , Allahu akbar , walillahil hamd
@Azkaar_Media
Repost from Abdurahman Mujahid Fillah
Zakaatul Fixr
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta'eetiin.
Zakaatul Fixr زكاة الفطر Jechuun Zakaa(Sadaqaa) Sababa Furiinsa Ji'a Ramadaanaatiif, Dogongoroota Nama Soome Irraa Argaman Akka Qulqulleessituuf, Hiyyeessa Gammachiisuuf Jedhamee Kennamuudha. Zakaatul Fixr Sadaqatul Fixr Jedhamtees Ni Waamamti.
Zakaan Fixrii Galgala Xumura Ramadaanaa Irraa Kaasee Hanga Salaata Iidaatti Dirqamummaan Namarra Jirti. Akka Ifa Ta'uuf Mee Tokko Tokkoon Haa Ilaalluu.
1. Daa'imni Tokko Osoo Galgala Xumura Ramadaanaa Erga Aduun Dhiitee Dhalatee Zakaan Fixrii Dirqama Irratti Hin Taatu. Osoo Immoo Hin Galgalaa'in Guyyaa Osoo Dhalatee Dirqamaan Irraa Baasuu Qaban.
2. Namni Tokko Osoo Ramadaana Guyyaa Aduun Osoo Hin Dhihin Du'ee Dirqamni Irra Hin Jiru.
3. Zakaan Fixrii Dirqama. Nabiyyiin Keenya ﷺ Dhiira, dubartii, xiqqaa, guddaa, gabraa fi bilisa irratti Dirqama ta'uu Isii ibsanii jiran.
4. Ulfa Garaa jiru irraa baasuun dirqamaa miti. Garuu Yoo Zakaa Fixrii Irraa Baasan Ni Jaallatama.
5. Zakaa Fixrii Yeroon Inni Bahu Dirqamaan Galgala Iidaa Irraa Hanga Salaata Iidaati. Guyyaa Tokkoo fi Lamas Dursanii Baasuun Ni Ta'a. Garuu Caalaan Ganama Iidaa San Baasuudha.
6. Zakaan Fixrii Nyaata Naannotti Argamu Irraa Baha. Kanniin Akka Garbuu, Qamadii , Boqqolloo, Xaafii, Timiraa fi Kkfdha.
Ulamaa'iin Akka Ibsanitti Namni Tokko Nyaata Nannoo Kiiloo Sadi'ii (3kg) Baasuu Qaba jedhan.
7. Zakaan Fixrii Salaata Dura Baafamuu Qabdi. Salaata Booda Yoo Baasan Sadaqaa Taati Malee Zakaa Fixrii Jedhamtee Hin Ilaalamtu.
Zakaan Fixrii Kan Kennuuf Qulqullina, Kan Kennamuuf Immoo Gammachuudha. Ibsa Dabalataa Bal'inaan ni Ilaalla. Gaafii Keessan Comment irratti ergaa.
✍ Abdurahman Mujahid Fillah
https://t.me/AbduIslamApologist
Repost from N/a
Aishaa irraa odeeffamee Radiyallahu anhaa ni jette : Yaa ergamaa Rabbii ﷺ naaf himii yoo laylatul qadrii qunnamee waan ittiin kadhadhuun. Ergamaan Rabbiis ﷺ akkana jettaa jedhaniin :
• Allaahumma Innaka Afuwwuun tuhibbul Al-afwa fa'afu annii
• (Yaa Rabbii atin namaaf araaramaa dha, namaaf araaramus ni jaalatta, naaf araarami/dhiisi)
Repost from 𝐈𝐟𝐚 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚
🔑 Furtuu meeqa fudhatta ture??
Haa jennu, sanduuqni worqeedhaan guutame tokko jira... furtuun banan kudhan siif kenname, Furtuu kurnan kanaan sanduuqi kun ni banama, yaali' yoo siin jedhame, furtuu meeqa fudhattee deemta??
Tokko? lama? sadi? Moo furtuu shan qofa fudhattee deemt❓
Moo...
Kurnanuu fudhattee yaalta??
👇 👇 👇 👇 👇 👇
💎 'Laylatul Qadr halkani kurnan keessaa ishee tokko keessatti argama' yommuu jedhamus akkuma kanatti. Halkan kam keessa akka jirtu hin beekamu. Kanaaf...
Halkan kurnan keessattuu jabaatanii:
🕌 Salaata
📖 Qur'aana Qara'uu
🤲 Duaa Gochuu....
@ifaislaamaa
Repost from N/a
• التهليل
• Tahliila
Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan : "Namni jedhe "Laa ilaaha illallaah , wahdahu laa shariikalah , lahul mulku, walahul hamdu , wahuwa alaa kulli shayin qadiir " guyyaa keessatti yeroo dhibba jedhe
- qixa nama gabra kudhan 10 bilisomse taatiif
- Toltuu dhibba ni barreeffamaaf
- Hamtuu dhibbas irraa haqamaaf
- Guyyaa san shayxaana irra tika taatiif hanga galgalaawutti
- Tokkoo namaalleen hin dhufu irra caalaa waan namni kun itti dhufeenirra , nama irra caalaa dhaan dhufee malee "
قال النبي ﷺ : "من قال : لا إله إلا الله وحده لا شريك له ، له الملك ، وله الحمد ، وهو على كل شيء قدير - في يوم مئة مرة -
كانت له عدل عشر رقاب
وكتبت له مئة حسنة
ومحيت عنه مئة سيئة
وكانت له حرزا من الشيطان يومه ذلك حتى يمسي
ولم يات احد بافضل مما جاء ، به الا رجل عمل اكثر من ذلك " متفق عليه
t.me/Azkaar_media
Repost from MANA KITAABAA AL-FURQAAN 📚
#Ramadaan_Mubaarak
Baga Ramadana bara hijraa 1447 ffaa nagaan itti geessan ‼️
Harra salaanni tarawiha ni eegallaa, soommana ammoo booru qabanna inshaa Allaah.
Rabbiin warra ji'a kanarra booji'atee irraa milkaayu nu ha taasisu 🤲
https://t.me/Alfurqaan_books
Repost from MANA KITAABAA AL-FURQAAN 📚
#Ramadaan_Mubaarak
Baga Ramadana bara hijraa 1447 ffaa nagaan itti geessan ‼️
Harra salaanni tarawiha ni eegala, soommana ammoo booru qabanna inshaa Allaah.
Rabbiin warra ji'a kanarra booji'atee irraa milkaayu nu ha taasisu 🤲
https://t.me/Alfurqaan_books
