Jesus will come soon again
Open in Telegram
Dhufaati #YESUS_KIRISTOOS nama hundumaatti lallabna! âAni saba hundumaafuu, warra Giriikotaa fi warra Giriikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira;â â Rom. 1:14
Show more315
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+1230 days
Posts Archive
#Durbummaa_Kee_Ganamaa!
Seenaa intala durbummaa ishee iddoo hin taanetti gattee rakkina hamaa keessa buutee tokkon isiniif qooda. Durbummaa kee ganamaa eenyutu sirraa fudhate? Akkamiinis akkas tahuu dandahe? Seenaa mucaa durbummaa ishee ganamaa eeggachuuf dhibaahummaa godhatte kanaa dubbiftee waan hedduu irraa kudhaammatta. Durbummaa isaanii ganamaa gurbaa gowwaa sanaaf kennuun kan gatii guddaa baasan obboloota hedduutu jiru.
Mucaa durbaa tokkotu jira ture. Akki miidhagina ishee durboota ollaa ishee illee in hinaafsisa. Kan ishee arge hundumaatu miidhagina isheetiin akka nama arraba isaa liqimseetti waan dubbatu dhaba. Miidhagina ishee kana kan arges hunduu "Isheen haadha manaa ilma mootii tahuuf jirti" kan hin jenne hin jiru. Ganamumaan faayamtuu akka addeessa goobantee tuulluu #Chimporazo irraan mul'attuuti.
Kaadhimaan ishee ishee naqatee biyya fagoo jira. "Yooman ishee arga?" jedhee halkaniif guyyaa Abbaa isaa cinaa dhaabbatee Abbaa isaatti haasaha. Akka malee isheef yaada, akka malees ishee yaada. Cidha guddaadhaan ishee fuudhuufis kophii hundumaa xumureera, mana isheefi hojjettoota ishee gahu hundumaa harka isaan ijaaree xumureera. Ishee eeguuf takkaa rafee, mukaahees tahe mugee hin beeku! Yeroo ishee furuun barbaachise, yeroo alagaan ishee butee fiigee sana lubbuu isaa osoo hin qusatiin dabarsee of kennuudhaan diina harkaa ishee baase. Inni akka malee isheef amanamaadha! Yeroo isheen isa loltee deemtetti illee isatu ishee barbaadee deebifata malee "Na gattee deemteetti" jedhee irratti durba ormaa hin barbaanne. Durboota biiliyoona shaniif walakkaan biyya lafa kana irra jiran al takkaan yoo dubbatanuu isaan keessaa kophaatti sagalee ishee beeka. Iji isaa ishee faana joora, qalbiin isaa isheef mankaraara.
Haa tahu malee isheen akka isaa amanamtuu tahuun isheetti ulfaate, ulfinni ishee kun irra bubbuluu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu akkuma hirribaa dammaqxeen harka isheen bilbila ishee barbaaddee hiriyoota ishee miidiyaawwan garaa garaan barte dubbifti. Hiriyoota ishee keessaa muraasni warreen ganama ka'anii sigaaraa xuuxanidha, hedduun immoo warreen caatii ija banaa qaamanidha. Kaawwan warreen ganama akkuma dammaqaniin 'boozaa' dhuguudhaan guyyaa isaanii raatawummaadhaan dabarsanidha, muraasni immoo osoo fuula hin dhiqatiin warreen biddeen nyaatanidha, gariin hiriyaa booyyeeti, gariin immoo maabara sareeti...
Intalli kun eenyu beektu? Waldoota Kiristiyaanaa yeroo kanaati. Sii...isa Kiristoositti amane waan hin taane hojjetudha. Ati inni kana dubbisaa jirtu amanataa taate jennaan #misirroo Kiristoos tahuukee beekta miti? Maal godharee atoo durbummaa kee ganamaa sana Misirrichaaf tursiisuu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu qooda jilbeenfattee maqaa Kaadhimaa kee (Kiristoosiin) Abbaa isaa galateeffachuun sirra jiru, bilbila keef jilbeenfatta, osoo jaalallee kee hin dubbisiin alagaa dubbifta, osoo isa nagaa hin gaafatiin qaama kee ormatti agarsiifta, qullaa kee dhokfachuunis sitti cime. In ejjite, in soramte, of qabuunis sitti ulfaate.
Jireenyi kee kanaaf jeeqamaam! Bara 2016 darbe kana durbummaa kee isa ganamaa (yeroo ganama hirribaa kaatu) eenyuuf kennaa turte? Ganama akkuma dammaqxeen gochaa akkamii goota? Jilbeenfattee misirroo kee isa dhufuuf jiru sana dubbifta moo? Anoo si yaadeera jettamoo? Dugdaan ciiftee bilbila kee waliin ejjita? Moo ganama kaatee ija banaa jettee jimaa alanfatta? Moo "morning smoke" jette tambookee aarista? Siif dhiiseera...
Waa sittan hima jaalako, ganama yeroo hirribaa kaatu ganama kanaan dura jiraattee hin beeknedha kan Gooftaan siif kennu. Ganamni ati itti dammaqxu sun kanaan dura keessa hin jiraatamne, inni siif akka durba qarreeti. Ganama kana akkuma kaateen Misirroo kee waliin osoo hin haasahiin, durbummaa kee ganamaa sanas isaaf aarsaa osoo hin godhiin homaattuu hin bu'iin! Ganama yeroo hirribaa kaatu waan bariiheef miti kan ati hirriba isa obboleessa du'aa sana keessaa dammaqxuuf; kan ati dammaqxeef, Abbaan misirroo kee akka ati dammaqxee jiraattuuf, guyyaa cidha sanaafis geessuuf waan jireenyatti si deebisuufidha.
Kan si dammaqse bilbila ati boraafattee raftee ganama harkaan barbaaddu sana miti! Kanaafuu bara 2017 tti akkuma ganama kaateen osoo Gooftaa kee hin dubbisiin homaattuu hin bu'iin! Mee waggaa kanaaf waanan ani sitti hime kana godhiitii akka jireenyi kee wal siif hin qixxaanne, akka jaalalleen kees siif hin birmanne in laalta!
âď¸ Bayanane hirkoo
https://t.me/jesuswillcomesoonagain
#Durbummaa_Kee_Ganamaa!
Seenaa intala durbummaa ishee iddoo hin taanetti gattee rakkina hamaa keessa buutee tokkon isiniif qooda. Durbummaa kee ganamaa eenyutu sirraa fudhate? Akkamiinis akkas tahuu dandahe? Seenaa mucaa durbummaa ishee ganamaa eeggachuuf dhibaahummaa godhatte kanaa dubbiftee waan hedduu irraa kudhaammatta. Durbummaa isaanii ganamaa gurbaa gowwaa sanaaf kennuun kan gatii guddaa baasan obboloota hedduutu jiru.
Mucaa durbaa tokkotu jira ture. Akki miidhagina ishee durboota ollaa ishee illee in hinaafsisa. Kan ishee arge hundumaatu miidhagina isheetiin akka nama arraba isaa liqimseetti waan dubbatu dhaba. Miidhagina ishee kana kan arges hunduu "Isheen haadha manaa ilma mootii tahuuf jirti" kan hin jenne hin jiru. Ganamumaan faayamtuu akka addeessa goobantee tuulluu #Chimporazo irraan mul'attuuti.
Kaadhimaan ishee ishee naqatee biyya fagoo jira. "Yooman ishee arga?" jedhee halkaniif guyyaa Abbaa isaa cinaa dhaabbatee Abbaa isaatti haasaha. Akka malee isheef yaada, akka malees ishee yaada. Cidha guddaadhaan ishee fuudhuufis kophii hundumaa xumureera, mana isheefi hojjettoota ishee gahu hundumaa harka isaan ijaaree xumureera. Ishee eeguuf takkaa rafee, mukaahees tahe mugee hin beeku! Yeroo ishee furuun barbaachise, yeroo alagaan ishee butee fiigee sana lubbuu isaa osoo hin qusatiin dabarsee of kennuudhaan diina harkaa ishee baase. Inni akka malee isheef amanamaadha! Yeroo isheen isa loltee deemtetti illee isatu ishee barbaadee deebifata malee "Na gattee deemteetti" jedhee irratti durba ormaa hin barbaanne. Durboota biiliyoona shaniif walakkaan biyya lafa kana irra jiran al takkaan yoo dubbatanuu isaan keessaa kophaatti sagalee ishee beeka. Iji isaa ishee faana joora, qalbiin isaa isheef mankaraara.
Haa tahu malee isheen akka isaa amanamtuu tahuun isheetti ulfaate, ulfinni ishee kun irra bubbuluu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu akkuma hirribaa dammaqxeen harka isheen bilbila ishee barbaaddee hiriyoota ishee miidiyaawwan garaa garaan barte dubbifti. Hiriyoota ishee keessaa muraasni warreen ganama ka'anii sigaaraa xuuxanidha, hedduun immoo warreen caatii ija banaa qaamanidha. Kaawwan warreen ganama akkuma dammaqaniin 'boozaa' dhuguudhaan guyyaa isaanii raatawummaadhaan dabarsanidha, muraasni immoo osoo fuula hin dhiqatiin warreen biddeen nyaatanidha, gariin hiriyaa booyyeeti, gariin immoo maabara sareeti...
Intalli kun eenyu beektu? Waldoota Kiristiyaanaa yeroo kanaati. Sii...isa Kiristoositti amane waan hin taane hojjetudha. Ati inni kana dubbisaa jirtu amanataa taate jennaan #misirroo Kiristoos tahuukee beekta miti? Maal godharee atoo durbummaa kee ganamaa sana Misirrichaaf tursiisuu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu qooda jilbeenfattee maqaa Kaadhimaa kee (Kiristoosiin) Abbaa isaa galateeffachuun sirra jiru, bilbila keef jilbeenfatta, osoo jaalallee kee hin dubbisiin alagaa dubbifta, osoo isa nagaa hin gaafatiin qaama kee ormatti agarsiifta, qullaa kee dhokfachuunis sitti cime. In ejjite, in soramte, of qabuunis sitti ulfaate.
Jireenyi kee kanaaf jeeqamaam! Bara 2016 darbe kana durbummaa kee isa ganamaa (yeroo ganama hirribaa kaatu) eenyuuf kennaa turte? Ganama akkuma dammaqxeen gochaa akkamii goota? Jilbeenfattee misirroo kee isa dhufuuf jiru sana dubbifta moo? Anoo si yaadeera jettamoo? Dugdaan ciiftee bilbila kee waliin ejjita? Moo ganama kaatee ija banaa jettee jimaa alanfatta? Moo "morning smoke" jette tambookee aarista? Siif dhiiseera...
Waa sittan hima jaalako, ganama yeroo hirribaa kaatu ganama kanaan dura jiraattee hin beeknedha kan Gooftaan siif kennu. Ganamni ati itti dammaqxu sun kanaan dura keessa hin jiraatamne, inni siif akka durba qarreeti. Ganama kana akkuma kaateen Misirroo kee waliin osoo hin haasahiin, durbummaa kee ganamaa sanas isaaf aarsaa osoo hin godhiin homaattuu hin bu'iin! Ganama yeroo hirribaa kaatu waan bariiheef miti kan ati hirriba isa obboleessa du'aa sana keessaa dammaqxuuf; kan ati dammaqxeef, Abbaan misirroo kee akka ati dammaqxee jiraattuuf, guyyaa cidha sanaafis geessuuf waan jireenyatti si deebisuufidha.
Miliyoonni 5 Amanan!!
=================
Erga barri 2024 eegalee lallaba wangeelaa waldaa kiristaanaa "Christ for all Nations " biyyoota Afrikaa garagaraa keesaatti gaggeessaa turteen lubbuun miliyoona 5nii ol ta'an fayyaniiru.
Lallaba jamaan(massive evangelism) gaggeessuun kan beekamu hojjetaan wangeelaa Reinhard Bonnke gara gooftaa erga deemeen booda hojjetaan wangeelaa Daniel Kolenda hojicha cimsee itti fufeera.
Waanti Waaqayyoon gammachiisu cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee gara mootummaa Waaqayyootti dhufuu isaatii. Hojiin wangeelaa immoo humnaa fi gargaarsa Hafuura Qulqulluu qofaan hojjetama.
Biyya keenya keessatti gareen "Christ for all Nations" wangeela lallabuuf gara kibba biyya keenyaa akka jiran Daniel Kolenda caafeera. Namni hunduu lallaba dhimma hin baasne, kan xiinsammuu namaa ho'isuu dhiisee wangeela fayyinaa lallabee lubbuun baay'ee gara ifaatti dhufu. Isa kanatu nama gammachiisa!!
âFayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne"
â HoE. 4:12
Amani atis, manni kees ni fayya jennee hunduma keessan ni kadhanna. Bless you!
Jaalatamtoota ijjooollee waaqayyoo baga bara haaraa geessan
@jesuswillcomesoonagain
Ibr. 9
ÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻ
šⴠdhiigni Kristos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee ofii isaa Waaqayyoof dhi'eesse immoo, isin hojii isa du'atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?
š⾠Kanaafis gidduu galee kakuu haaraa Waaqayyoo fi namoota gidduu kan dhaabu isa; irra-daddarbaa kakuu isa duraa jalatti hojjetan irraa duuni isaan furu erga argamee, kakuun haaraan sun, warri bara baraan itti darbanii fudhachuudhaaf waamaman abdii sana akka argataniif in barbaadama.
#Gaallee Namarraa Dubartii_Kiristaanaa _Jabduu_Qullaa_Gabaa_Keessa_Naannoofte Fi Hojjettoota Mootummaa Dargii Aanaa Eebantuu!
Yeroon isaa bara mootummaa Dargii ture.
Aanaa Eebantuu Mandara Gatamaa Beessee jedhamu keessatti yeroo ariiyatama namootni muudama aangoo mootummaa Dargii qaban,amantoota
hidhuu,reebuu,dararuu fi ajjeesuun gidirsaa turan. Haaluma kanaan, guyyaa tokko dubartii tokko qabanii mana hidhaatti galchani.
Guyyaa muraasa booda filannoo ââYesuusiin ganuu moo? gabaa guddaa mandara
kana keessa jiru keessa qullaa kee naannaâuu filattaââ? jedhu dhiyeessaniif.
Isheenis yeroo sana dhiâoo gaaâela dhaabbattee jireenya eegaltee turte. Abbaan manaa ishee qullaa deemuun ishee baayâee waan itti ulfaateef Yesuusiin akka gantu ishee gorse.
Murtoo abbaa manaa ishee kana diddee
qullaa kan deemtu taanaan abbaan manaa ishee akka ishee dhiisu ishee akeekkachiise.
Isheen garuu yaada abbaa manaa isheetiin utuu hin liqimfamiin warra caasaa mootummaa Dargii sanaan âYesuusiin ganuu hin dandaâu waan taâeef qullaa magaalaa keessa adeemuun filadhaâ jettee itti himte.
Warri caasaa mootummaa Dargii kunis mandara sana hundumaatti beeksisanii,guyyaa sana namoota baayyee walitti qabanii, uffata ishee irraa baasanii magaalaa keessa naannessan.
ââ Isheen âGooftaan koo qullaa anaaf fannifamuutti erga hin qaanofnee ani isaaf yoon qullaa buuse maaltu na qaanessa? Jettee,akka abbaan manaa ishee sun ishee dhiisuudhaaf murteesses utuma beektuu gammachuu guddaadhaan xoofoo hadhaaâaa sana fudhatte.
Namootni amanan tokko tokkos gonkumaa Yesuusiin akka isheen hin dhiifne,kana keessa jabaattee akka darbituuf Waaqayyo biraa ayyaanni akka dabalamuuf kadhachaa turaniiru jedhama.
Rakkina waaâee Kiristoosiif ishee irra gaâe kana gammachuu guutuutti akka fudhattus itti dubbachaa turaniiru.
Isheen yeroo mandara keessa loltoota sanaan qullaa ishee naanneeffamaa turte, faarfannaa gammachuu faarfachaa,fuula gammachuun guutameen keessa isheetti kan dhufe ilillee gammachuu ililchaa deemaa
turte.ââ
Amantootni ishee wajjin:
Maqaa isaa kan sodaataniif aduun tolaa in baâa
Fayyinnis koochoo Yesuus jalatti in taâa
Achi duuni hin jiru jireenyatu jira
Bara baraan jiraatu Yesuusiin bira x2
Jedhanii faarfachaa,ililchaa gammachuu guddaadhaan deemaa turani.
Gammachuu isaanii kana kan argan caasaan mootummaa Dargii rifannaa fi gadda guddaadhaan lafa ilaalanii hafan.
Humni faarfannaa fi gammachuu amantootaa sun ormoota yellaasise.
Guyyaan sun akka warri mootummaa Dargii itti amantoota salphisuudhaaf qopheessan sana taâuu dhiisee guyyaa gammachuu
fi guyyaa itti namootni baayâeen gooftaa Yesuusitti amanan taâe.
Seenaa dhugaa kana irraa maal baranna.
âGooftaa waliin taanaan haala kam keessattuu,gammachuun keenya guutuudha.
âYeroo ati dirree seexanni guungummiif siif qopheesse irratti gooftaa keetti gammaddu,seexanni salphatee lafa ilaala.
Madda: Seenaa Waldoota Kiristiyaanaa warra Wangeela aanaa Eebantuu irra kan fudhatame!.
âď¸ Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa
Macaafni Seera Musee akka foon dhiigaan makame hin nyaanne kan dhorku yoo ta'u, garuu Macaafni Kufaalee foon dheedhii akka hin nyaanne dhorka. Macaafni Kufaalee waa'ee bishaan badiisaa kan gabaase yoo ta'u, sanaan wal qabsiisuun macaafni jajuu Addaam jedhame, Nohi markaba hojjete keessatti abboommii Waaqayyootiin warra itti galfaman keessaa reeffi Addaam keessatti akka argamu ibsa.
Nohi markaba hojjetee erga xumureen booda reeffa Addaam yommuu bakka awwaalaatii kaasu reeffonni baay'een turan sagalee isaanii dhageessisanii iyyuun, "Yaa abbaa sirraa addaan ba'uun kan attam nama dhiphisuu dha" jedhan. Addaamis deebisee, "Yaa ijoollota koo Dabre Qiddus kana keessaa isin irraa addaan ba'uun nama dhiphisa; garuu deebi'ee yeroo dhufu foon keenya akka walitti qabu nan amana" jedhe. Reeffonni humna Waaqayyootiin walii isaanii wajjin ni dudubbatu turan. Foon Addaamis fuudhanii markabicha keessa kaa'an; yommuu kadhatu reeffa Addaam dura akka taa'us itti dubbate.
Bishaan badiisaa boodas reeffa Addaam Qaraaniyootti awwaale" jedha seenichi. (Addaam fuula 145-158)
Garuu Uma 7 irratti wantoota akka Nohi markabichatti galchuuf ajajame keessaa reeffi Addaam hin turre. Egaa kun isa har'a lubootaa fi daaqunoonni Ortodoksii reeffaaf iddoo guddaa kennuun nyaachisa gurguddaa boolla awwaalchaa irratti qopheeffatan sanaaf waan karaa bane natti fakkaata.
Rakkoo Macaafa Kufaalee keessaa kan biraan wal-diddaa lakkoofsa baraatu mul'ata. Akkaataan lakkoofsa baraa iyubeleyuun lakkaa'amu lakkoofsa baraa 5,500 wajjin adda addummaa waggaa 1,656 qaba. Akka lakkoofsa asii gad lakkaa'amutti Yesus Kristos kan dhalate DH.K.D waggaa 5ffaa irratti yoo ta'u, akka lakkoofsa guyyaa shaniif walakkaatti immoo 5,500 irratti dhalate. Biyyi keenya 5,500 booda lakkoofsi baraa 1 jettee jalqabde jedhama.
Macaafni Kufaalee 11:12 fi 11:13 afaan uumamni ittiin uumamee fi qooqni abbootiin akka Henok fi Nohi Macaafa ittiin barreessan afaan Ibiraayisxii ta'uu isaa ibsa. Kun immoo hayyoota waldaa Kristiyaanaa Ortodoksii Itoophiyaan kan walitti bu'u yoo ta'u, akka amantaa isaanitti afaanni Addaamii fi uumamni jalqabaa dubbataa turan afaan Gi'iizii akka ta'etti amanu. Obbo Amaaree Allefee Bishaaw afaan Addaam Gi'iizii akka ture barreessaniiru.
Faallaa kanaa immoo bara araaraa 2,000tti Macaafni Qulqulluun maxxanfame Macaafni Kufaalee afaan Ibiraayisxiin maxxanfamee bara afaan namaa wal make keessa nama jalaa akka dhokate ibsa. Afaan Ibiraayisxii sababa diigamuu gamoo Baabeliin nama jalaa dhokatee ture sun karaa ergamaa Waaqayyoo Abirahaamitti akka mul'ifame dubbata. Yoos immoo afaanni jalqabaa Gi'iizii moo Ibiraayisxii yookiin kan biraadha ree? Mee jarrumti gar tokkotti haa goran.
Ayyaanota guyyootaa lakkaa'uun yeroo hundumaa jarreen keenya kun ittiin jiruu hiikanii fi nyaata gosaan filanii tokko nyaatanii kan biraa diduu kan jalqabsiise barsiisa sobaa Macaafa Kufaalee kana keessatti waraabamee dha. Egaa ogeeyyotni garaa garaa kan akka luba Kooliin Maansil fi Dr.Dibekulluu Awudee Macaafni Kufaalee Museetiin akka hin barreeffamne ibsaniiru. Macaafni kun hiika ogeeyyota torbaatamaa gidduutti argamuu dhiisuu isaa irrayyuu, madaallee abbootii amantii waldaa kristiyaanaa durattii keessatti macaafa hin qabamin hafe akka ta'e eeraniiru.
Macaafa Fitaa Negest keessatti illee akka hin hammatamne saaxilaniiru. Lapheen namicha macaafa kana barreessees haalumsaan akka guutame ifa galaa dha. Kanaafuu macaafa safartuu hin guunne kanaan dhalootni seerota waa'ee hin baafne eeguuf mataa of sakaaluu dhiisanii Yesus Kristos Isa ayyaanaa fi dhugaan guutee nu gidduu buufateef iddoo haa kennan.
âđ Yoh. 8:³²
âDhugicha in hubattu; dhugichi birmaduu isin in baasa.â
âď¸ Mark yadeta
SOBA MACAAFA KUFAALEE KEESSATTI GALMAA'EE JIRU
=======================
Macaafni Kufaalee Boqonnaa 34 kan qabuu fi Addaamii kaasee hanga Israa'elootni geggeessaa Museetiin laga Yordaanos fuul-dura buufatanitti seenaa jiru Iyuubeleyoota 49 fi torba yookiin subaa'ee tokkoon waggoota lama irraan addaan qooduun Kufaalee 34:10 irratti barreeffameera. Akka lakkoofsa kanaatti Addaamii jalqabee hanga Israa'elootni laga Yordaanos buufatanitti waggaa 2,459 ta'a jechuu dha. Sadarkaa lammaffaa irratti macaaficha keessatti sadarkaa ol aanaan kan argamu Museen Israa'elotaaf seera utuu hin kennin dura seenaa jiran irratti kan hundaa'e akka ta'ee fi Macaafota Seera Musee shanan dura akka barreeffame ibsa. Iyubeloota garaa garaa keessatti taateewwan ta'an duraa duubaan waraabamanii macaaficha keessatti argamu.
Akka macaaficha irraa hubannutti barreessaan Macaafa Kufaalee Musee ta'uu eeruun, Museen ergamicha irraa waan dhaga'e hunda akka barreesse Kufaalee 1:5, 1:7, 1:24, 2:1, 2:4, 17:30 irratti kan argamu yoo ta'u; DH.K.D 1,400 akka barreeffame seeneffama. Garuu akka seenaa afoola mana hiikkaatti Macaafa Kufaalee kan barreesse bara Yesus Kristos lafa irra ture kan turee fi mormituu Kristos ta'uun isaa kan isaaf dubbatamu hayyuu Yihudootaa âAbulfehirâ nama jedhamuu dha. Karaa biraa immoo macaafichi Museetiin akka hin barreeffamin namoonni amanan DH.K.D bara 100tti akka barreeffame ni dubbatu.
Abbaan amantaa Kaatolikii Oskaar Luukfar immoo kan Macaafa Kufaalee achi haa hafuutii Macaafota seeraa shanan iyyuu Museen hin barreessine jechuun falmii dhageessisan. Dhugaadhumaaf taanaan bara araaraa 1980tti kan maxxanfame Macaafa Qulqulluu Afaan Amaaraa keessa oolanii kan jiran macaafota Apokarifaalii kan Kufaalee dabalatee walitti qaba Izraa keessatti akka hin qabamin caqasaniiru.
Macaafichi barumsa keessummaa inni of keessatti qabatee jiru keessaa inni jalqabaa: hafuurotni Seexanaa kan har'a biyya lafaa irratti hojii wallaalchisu hojjetaa jiran harka kudhan keessaa harka tokko qofa yoo ta'an, warreen harka sagalii kadhannaa Nohiitiin hidhamanii akka jiran ibsa. Harki tokko sun hafee namoota akka goyyomsuuf Seexanni Waaqayyoon kadhannaan "Waaqayyo hayyameef" jedha.
Gama biraatiin immoo Abrahaam mucaa isaa aarsaa akka dhi'eessuuf Waaqayyotu barbaade utuu hin taane, Seexanatu akka Waaqayyo amanamummaa Abrahaam qoree ilaaluuf gorsa yookiin yaada kenneef" jedha Macaafni Kufaalee.
Seexanni inni hundumaa bulchu dhufee Waaqayyo dura dhaabatee akkas jedhe:- Kunoo Abrahaam mucaa isaa Yisihaqiin in jaallata. Hundumaa irra caalaa inni isa in gammachiisa; iddoo aarsaa irratti aarsaa godhee akka isa dhi'eessu itti himi. Kana yoo godhe ati ni argita; kan ati isa qortu hundumaatti akka inni amanamaa ta'e in beekta. (Kufaalee 14:2-3âmaxxansa 1980)
Garuu Uma 22 irratti kan barreeffame akka kana utuu hin taane Waaqayyo ofuma Isaatii amantii Abrahaam qoree ilaaluuf akka ka'e nutti dubbata. Tarii yaadni Macaafa Kufaalee akkaataa qorumsa Iyoob kan Iyo 1:6-12 waliin wal dhoofsisuun barumsa sobaa qindaa'eedhaa laata? Kufaalee 11:35 irratti immoo bara Abrahaam luboonni baay'een akka jiranitti kan dubbatu yoo ta'u, garuu Uma 14:13-24 keessatti akka arginutti bara Abrahaam lubni jiruu fi Abrahaam kurnaffaa kan kenneef Malkisedeq qofa ture. Kufaalee 1:12 Museen Sanduuqa Kakuu qumbii irraa akka hojjete kan eeru yoo ta'u, garuu Bau 31:8, 34:1 fi 34:28 maal irraa akka hojjete dhugaa isaa ibseera.
Gabatee fi miâa isaa, baattuu ibsaa warqee qullaaâaa irraa hojjetame miâa isaa hundumaa wajjin, iddoo aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu haa tolchan. (Bau 31:8)
Uma 33 keessatti Esaawuu fi Yaaqob karaa nagaatiin akka araaraan wal simatan kan ibsu yoo ta'u, garuu Kufaalee 26:47 irratti Yaaqob obboleessa isaa Esawuu akka ajjeese dubbata.
Esaawuun garuu isa simachuutti fiigee, morma isaa irratti kufee ammatee in dhudhungate; isaan lachuu walitti booâan. (Uma 32:4)
Yeroo sanatti Yaaqob iddaa isaa harkisee bodee isaa darbatee obboleessa isaa Esaawuu waraanee ajjeese. (Kufaalee 26:47)
Via:_ mark
QABXIILEE DIDDAA 'SOBA PHAAPHAASOTAA'
===================
Qabxiiwwan 95 ejjennoo godhachuun Luuter ittiin diddaa barsiisa sobaa jalqabe keessaa muraasni akka armaan gadiitti dhi'aataniiru:
#1Warri lubbuun jiran qofti gaabbii galanii qalbii jijjiirrachuu akka danda'an macaafotni waa'ee gaabbii barsiisan ni dubbatu. Garuu waa'ee warra du'anii homaa hin jenne; erga du'anii carraan gaabbii yookiin qalbii jijjiirrachuu isaanii waan cufameef.
#2Warri du'anii obbaafatan seerota jalaa du'aniiru waan ta'eef seerattii hiikamuuf mirga qabu; seerri warra jiran qofaaf hojjeta waan ta'eef.
#3Warra du'aniif yaadannoo gochuun hiikaa maalii qaba? Nama du'eef mitii warra takkaa bilisa ba'aniif iyyuu fayyina kadhachuun iyyuu fayyina ofii shakkuu mitii?
#4Phaaphaasonni kunniin lubbuun namaa du'a booda akka hin dhiphanneef akkas erga dhimmaniifii, maaliif hiyyeessota lubbuun jiran dararu?
#5Qabeenyi Phaaphaasotaa maaliif qabeenya dureessota maraa caale? Kanumaa ammoo qabeenyi isaanii kun kuufamee osoo taa'uu maaliif manni sagadaa tokko tokko qarshii amantootaatiin ijaarama?
#6Phaaphaasiin nama itti aareetti murtii duâaa muree, nama barbaade immoo bilisa gochuuf eenyutu aangoo kenneef?
#7Phaaphaasonni qarshii caalaa fayyina namootaaf (lubbootaaf) maaliif dursa hin kennan?
#8Fannoon akka fedha Phaaphaasotaatti ol kaafamee bocamu kun fannoo Yesusiin wal qixa jechuun Waaqayyoon tuffachuu dha. Waaqayyotti ga'isuu dha.
#9Barsiisonni warri barumsi sobaa akkasii akka ummata keessa faca'u heyyaman maaliif seeratti hin dhi'aanne?
#10Lallabni luugama hin qabne akkasii warra barataniif iyyuu hin galu; amantoota kanatti immoo gaaffii guddaa uuma; bitaa itti gala.
#11Hafuurri Qulqulluun arjaa fi araara-qabeessa malee, akka Phaaphaasota kanaa takkumaan du'a hin faradu.
#12Warra du'aniif yaadannoo gochuun yaada yeroo Phaaphaasiin rafu abju'atu (á
á
áľ) wajjin wal qabata.
#13Warra du'aniif kadhannaa fi yaadannoo gochuun sodaa abdii dhabuu ti.
#14Wallaalonnii fi hamoonni Phaaphaasota warra warra duâaniif yaadannoon akka godhamu barsiisanii dha.
#15Kristiyaanni dhugaan du'us jiraatus abdii qaba; eebba Kristos keessaa ni hirmaata. Kun immoo Waaqayyoodhaan isaaf kenname malee, xalayaa dhiifama cubbuuâindaljensiidhaan miti.
#16Si'olii fi adabbiin du'aa, kristiyaanotni jabaatanii Yesus duukaa bu'uutti akka ciman nama gorsu.
#17Kanaafuu dhiphina baay'eedhaan Mootummaa Waaqayyootti akka galamu beekaa!
#18Yaadota kanniin itti yaaduu diduun humna ofii qofa amantoota irratti fayyadamuu dha. Yaadota kanneen sababoota kennuudhaan furuu dhabuun Waldaa Kristiyaanaa fi Phaaphaasota qullaatti dhiisanii diinota itti kofalchiisuu dha; gammachuu kristiyaanotaas sarbuu dha.
#19Dhiifamni cubbuu akka yaadaa fi sammuu Phaaphaasotaatti kan lallabamu erga ta'ee, himoota kanneen furuuf akka isin qophii hin taane beekna; garuu dhugaadhaaf dhugaa ba'uu hin dhiifnu.
#20Osoo nagaan wayiituu hin jiraatin raajota "Nagaa, Nagaa" jedhanii lallaban kanneen baqadhaa!
#21"Fannoo, Fannoo" jedhanii lallabu, garuu fannoo inni dhugaan hin jiru.
#22Gurra isaan dhaggeeffatu argannaan Phaaphaasonni ammallee abjuu mataa isaanii keessaa fuudhanii lallabuu ittuma fufu. Dhalootni dammaqee barsiisa sobaa diduu qaba.
#23Namni faallaa ergamootaatiin barsiisuu fi dhugaadhaan mormu kamuu ciiggaa'amaa fi abaaramaa dha.
#24Namni barsiisota sobaa fi warra barsiisa sobaa kana heyyamaniin cimsee mormu garuu eebbifamaa dha.
#25Furtuun Waldaa Kristiyaanaatiif karaa Kristos Yesus kenname baay'ee gati-jabeessa dha; garuu jarri Wangeela gatii dhabsiisan.
#26Waldaa Kristiyaanaatiif wanta kamuu caalaatti bu'aa kan qabu Wangeela fayyinaaa yookiin Wangeela ayyaanaa ti.
âď¸ Please, dhimmaaf waanan barbaaduuf guyyaa har'aa #mata_duree isiniif lallabame comment naaf godhaa!
Adaaraa keessan naa barreessaa
Maaliif akkan barbaadu immoo guyya tokko boodaan barreeffaman isiniif ibsa.
âď¸#Qalbii_geddarachuun (Gaabbiin) waadaa galuu qofa miti. #Qalbii geddarannaan #jijjiirama_qalbiiti. Qalbii jijjirachuun daandii dogoggoraa irra turte irraa deebiâuun daandii sirrii irra deemuu jalqabuudha.
đđż Abbaan kee gara isaatti yoo deebitu ni gammada!. Tolaadha!
#Obbolootakoođđ, isin warri Walda kiristaanaa keessatti tajaajilaa jirtanis ta'e warri Walda kiristaanaa keessa baatani gara #biyya_lafaatti deebitan, #Waaqayyo_abbaan keessan har'as ijoolleen koo natti deebi'u jedhee isin eegaa jira, kanaaf gara isaa kottaa, #innoo_isin_simata_malee isin irraa abdii hin kutu. Seenaan mucaa bade Macaafa Qulqulluu keessa jiru kan kee waan ta'eef ariifadhu #qalbii_geddarannaatin deebi'i.
âď¸ #Abbaankee inni si jaalatu #balbala_araaraa sif banee si eegaa jira. đđHin Galgaloofne ammaayyuu yeroo qabda. #Gara_abbaa_keetii_koottu. Innoo araaraan sif mul'ata!
Namoonni na haasofsiisuu barbaaddan sodaa tokko malee karaa bot armaan gadii kanaan na haasofsiisuu dandeessu!@Girm_bot
đĽ#ILMA_BADE!
#Ergaan_kun_lubbuu_yaada_waaqayyoo_irraa_fagaatte_bira_naaf_haa_gahu!!
Luq. 15
ÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻ
š² Inni quxisuun abbaa isaatiin, 'Yaa abbaa ko qabeenya kee keessaa kan na ga'u hirmaata koo naa kenni!' jennaan abbaan isaanii waan qabu hundumaa ilmaan isaa lamaaniif hire,
š³ Guyyaa baay'ee utuu hin turin ilmi namichaa inni quxisuun, kan isa ga'e hundumaa calleeffatee, mana abbaa isaatii ba'ee biyya fagoo dhaqe; achitti akka malee jiraachuu isaatiin horii isaa hundumaa akkasumaan bittimse.
đ Mucaan kun bulchiinsa (territory) abbaa isaa keessa akka garaa isaati jiraachaa ture.Abbaan isaa sooressa waan taâeef wanti kan abbaa isaa taâe hundinuu kan ilma isaa ture, hanga inni mana keessa jirutti.
Gaafa abbaa isaa waliin jiraachaa turetis homaa hin dhabne. Garuu akka tasaa qooda isa gahu abbaa isaa gaafatee gara biyya fagoo deemee ija abbaa isaa jalaa bade.Yeroo mana abbaa isaa irraa fagaatetti jireenyi akka inni eege hin taane.
âYeroo inni waan qabu hundumaa fixetti, beelli jabaan isaa biyya sanatti bu'e, kanaafis baay'ee rakkate.â
â Luq. 15:14
âď¸Yeroo mana abbaa isaatii bahu beela'uu isaa argee hin baane( deemne). jireenyi isa dura jiraachaa ture caalaa gaarii taâa jedhee guddachuu isaa, bal'achuu, of danda'uu isaafi bilisummaatu jira jedhee yaadee bahe. Garuu beela'uu isaa irra kan ka'e #dhiphina (depression) sammuutti seene. Kana irra kan ka'e mana abbaa isaatti deebi'uu fedhus #gahaa_isaa (áľááťáá) fudhatee akka deeme waan beekuuf qoodni biraa akka hin hafnetti yaadee nama bira #tiksee qacaramee jiraachuu eegale. Yeroo sanattillee waan nama dhibu horii inni eegu sana caalaa nyaachuu waan hin dandeenyeef nyaata horii sanaa hawwa ture, ta'us isumayyuu argachuu hin dandeenye. #jireenya_hadhaa'aađđ
âBaay'ina beela isaa irraa kan ka'es qola booyyeen nyaatuun illee garaa isaa guuttachuu in kajeela ture, garuu isuma iyyuu argachuu hin dandeenye.â
â Luq. 15:16
âď¸ Dhumarratti gidiraa sana hunda booda garuu #gara_yaada(áá° ááĄ)isaatti deebiâe. Abbaa isaas akka #yakke itti beekame.
Luq. 15
ÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻ
š⡠"Yommus gurbichi yaada isaa naanneefatee, 'Hojjetoonni guyyaa abbaa kootiif hojjetanii buddeenni isaan irraa hafu nama meeqa? Ani garuu asitti beelaanan badduu ba'a.
š⸠Ka'ee gara abbaa koo dhaqeetan, "Yaa abbaa ko, Waaqayyoon, sis yakkeera;
đYeroo gara abbaa isaa deebi'aa jirutti ilmi isaa fagoo irraa dhufaa akka jiru baree, abbaan isaas gaddeef.
âKa'ees gara abbaa isaa dhaquudhaaf karaa irra bu'e; amma illees fagoodhaa utuu inni dhufuutti jiruu, abbaan isaa fuulleetti isa argee garaan isaa mooga'e; itti fiigees ilma isaatti marmee dhungates.â
â Luq. 15:20
Sababni isaas amma kan deebi'e gara abbaa isaatti malee gara hojjechiisaa isaatti miti.
âď¸#Abbaan ilmi isaa gara yaada isaa(áá° ááĄ) fi mana abbaa isaatti yommuu deebi'u ni gammada.Sababni ilmichi yaada isaatti hin deebine utuu ta'e gara mana abbaa isaatti hin deebi'u ture. #Ilmichi yeroo deebi'e #ijji_abbaan isaa ittin ilaale yeroo ta'etti mucaa gahaa qabeenya isaa fudhatee irraa adda bahe, #ilma_jal'aa sana utuu hin taane (á áá¸á áá
áłááá), mucaa isaa isa jaalatuudha!. Garaa bal'ina abbaađ§
#Ergaakoo_gabaabsuuf:
âď¸ Waaqayyo yeroo ijoolleen isaa deebi'an ni gammada. Inni yeroo hunda yaada isaatti akka deebitu barbaada. Yeroo gara isaatti deebitu immoo #cubbuu kee isa darbe osoo hin taane, #eenyummaa kee isa haaraa si yaadachiisa.
đ Waaqayyo amma iyyuu ijoollee isaa hamaa irraa ni eega.
#Caba_jireenyaa amma keessa jirtuun namoonni yoo si ibsanis; #Addunyaa_Waaqayyoo keessatti garuu #sagantaa(program) Waaqayyoo isa si keessa jiruun ibsamta.
âď¸#Phaawulos nama walakkaa jireenya isaa #Yesusiin ari'achaa ture yoo ta'es, #erga_ifeefi garuu waa'ee filatamuu isaa yeroo dubbatu garuu gadameessa haadha isaa keessatti akka filame dubbataa ture.
âď¸Abbaa kee bira yeroo hunda wanti siif wayyu jira.Egaa attamitti mootiin kun akka Daani'el waaqa tolfamaaf sagaduuf dirqisiise ree? Hin yaadamu! Dubbii biraan immoo Daani'el gara boolla leencaatti kan darbatame waan Waaqayyoon guyyaatti si'a sadii kadhachuu addaan kutuu dideef moo waan jawwee ajjeeseef? Macaafa Daani'el Raajichaa isa idilee Boqonnaa 6 keessatti Daani'el kadhannaa isaa addaan kutuu waan dideef ajaja Daariyoos mootichaatiin akka boolla leencaatti darbatame nutti hima.
Akka Macaafa Daani'el Raajichaa idilee irratti barreeffametti Daani'eliin kan hammeesse warra mata duree mootummichaa fi warra mataa kutaa irra jiran (Dan 6:1-9) yoo ta'u, akka waraabbii Hafaa Daani'el irratti arginutti immoo saba Baabiloon hundatu Daani'el irratti ka'an. Dan 6:1 irratti boolla leencaatti akka Daani'el darbatamu kan abboome Daariyoos yoo ta'u, garuu Hafaan Daani'el akka Qiroos boolla leencaatti darbate eera. Dan 6:11-17tti sababni Daani'el boolla leencaatti darbatameef Kadhata gara Waaqayyootti waan dhi'eeffateef yoo ta'u, garuu Hafaan Daani'el sababa Beeliin caccabse, lubootaa fi jawwecha waan ajjeeseef ta'uu isaa eera. Yeroo Daani'el boolla leencaa keessaa baafame mootichi Daariyoos akkas jedhe;
Inni in oolcha, in hoofkalchas; inni bantii waaqaa keessatti lafa irrattis, milikkitoota in argisiisa, dinqiiwwaan in hojjeta; Daani'eliin harka leencotaa keessaa inni oolche isa!" jedhe. (Dan 6:27)
Hafaa Daani'el 13:42 irra kan jiru immoo akkas jedha;
Mootichi Qiroos gara boolla Daani'el keessa jiruutti dhi'aatee arge. Daani'el leencota gidduu taa'ee yeroo isa argetti sagalee isaa ol fudhatee iyyee; âYaa Waaqa Daani'el ati hundumaan ol aantee jiraatta, si malee uumaan biraan hin jiru!" jedhe. (Hafaa Daaniâel 13:42)
Walumaa galatti dubbiiwwan wal dha'aan Macaafa Hafaa Daani'el keessatti barreeffame macaafichi akka Daani'eliin hin barreeffamne eera. Waldattiidhumti Macaafa Daani'el kan Boqonnaa 14 qabu kana fayyadamaa jirtu dubbiiwwan akka kana wal dhiitu bakka tokkotti yeroo itti fayyadamtu dhuguma sammuun nagaa dhaa? Macaafni Qulqulluun geggeessaa Hafuura Qulqulluun waan barreeffameef seenaa dogoggooraa hin dhi'eessu; akkasumas duraa duuba yookiin yaa'insa ergaa sirriitti eega malee soba dhugaa fakkaatu tasuma iyyuu hin hojjetu. Kanaaf warri dubbii wallaalchisaa barreessee fi warri dubbii wallaalchisaa fudhatee jiru gara qalbiitti deebi'uun dhugichatti of haa sirreessan.
https://t.me/jesuswillcomesoonagain
Via: Mark yadeta
SOBA MACAAFA HAFAA DAANI'EL KEESSATTI GALMAA'E
=====================
Macaafni Hafaa Daani'el Boqonnaa 1 fi lakkoofsa 42 qaba. Macaafichi lakk 1-22 keessatti Daani'el waaqa tolfamaa Beel akka caccabsee fi lakk 23-42 immoo jawwee warri Baabilon waaqeffatan waan ajjeeseef boolla leenca beela'aa 7 qabutti akka darbatame eera. Macaafni kun Boqonnaa 1 qofa kan qabu ta'us garuu boqonnichaaf kan kenname Boqonnaa 13ffaa jedhamee ti. Sababni isaa Macaafni Daani'el Raajichaa inni idileen Boqonnaa 12 waan qabuuf Hafaan Daani'el immoo akka Boqonnaa 13ffaatti eeruuf yaadamee ti. Bara araaraa 2,000tti Macaafni Daani'el maxxanfame immoo Boqonnaa 14tu galmaa'ee argama.
Akka Macaafa Hafaa Daani'el irratti barreeffamee jirutti bara mootii Qiroos keessa mootichi Daani'eliin, "Kanan sagaduuf Beeliif ati maaliif hin sagaddu?" jennaaniin Daani'el immoo, "An kanan sagaduuf uumaa bantii waaqaa fi lafaa waan ta'eef waaqa tolfamaa hojii harka namaa hin waaqeffadhu" jedhee deebiseef. Mootichi Beel jiraataa akka ta'ee fi akka soorachuu danda'u itti himnaan, Daani'el immoo luboonni Beel sobanii isa goyyomsanii yeroo mootichi nyaata waaqa tolfamaa sanaaf kaa'u halkan dhokatanii nyaatanii ba'uun waan Beel nyaate akka fakkeessan itti hime.
Kana saaxiluufis Daani'el fi mootichi, Beeliif akkuma durii nyaata hedduu ol galchaniifii daaraa lafa firfirsanii manicha mallattoon cufanii galan. Ganama yeroo dhaqanii ilaalan sooratni sun nyaatamee faanni namoota hedduus daaraa firfirfame irratti argamnaan mootichi akka lubootni sun isa goyyomsaa turan baree luboota sana hunda akka ficcisiise seenessa.
Ittuma fufuun Daani'el jawwee biyyi sun itti sagadu billaa malee akka ajjeese: rifeensa, adaroo, dammaa fi moora walitti affeelee lanqaxuun jawwicha afaan keenyaan akka jawween sun dho'ee du'e gabaasa. Sababa Daani'el jawwee isaanii ajjeeseef sabni biyyichaa Daani'eliin ajjeesuuf dhufanii mootichas waan doorsisaniif mootichi Daani'eliin boolla leenconni beela'oon keessa jiranitti akka gad darbatamu godhe. Daani'elis guyyaa torbaaf boollicha keessa akka turee fi yeroo sana Raajichi Anbaaqom ajaja Waaqayyootiin boolla leencaa keessatti nyaata akka geesseef dubbata. Mootichis guyyaa torbaffaa booda dhufee Daani'eliin boollicha keessaa baasisee warra isa hammeessan immoo leenca beela'oo sanaaf akka gad darbate eera. Labsiin mootichi baases akka namootni hundi Waaqayyo Isa kan Daani'el qofaaf sagadan ture.
Manni amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa Macaafa Hafaa Daani'el kan barreesse Daani'el ta'uu itti walii galu. Akkas yoo ta'e macaafichi seenaa Qiroos kan dubbatu waan ta'eef Qiroos kan inni mo'e DH.K.D 559-530tti yommuu ta'u, Baabilon irratti aangoo walii galaa kan qabate DH.K.D 538tti dha. Kan macaafichi barreeffame DH.K.D 559 booda ta'a jechuu dha.
Manni barumsaa sanbataa qulqullicha Goorgis Gannat Tsigee Mannaagashaa akka jedhutti macaafichi kan barreeffame DH.K.D bara 500tti akka ta'e barreessaniiru. Haa ta'u iyyuu malee macaafichi DH.K.D 430 booda akka barreeffame ta'uu isaa kan ibsu walitti qabaa Iziraa Caaffata Qulqullaa'aa Kakuu Moofaa keessatti kan hin hammatamne ta'uu isaa dha. Dhugaadhumatti Macaafni Daani'el raajichaa inni idileen walitti qabaa Iziraa keessatti yommuu hammatamu, garuu Hafaan Daani'el hin qabatamin hafuun macaafichi bara 597-536 keessatti akka hin barreeffamne kan agarsiisuu dha.
Akkamitti Boqonnaa 1 qofti Macaafa Daani'el irraa addaan ba'ee boodaan dhufe? Macaafa hafaa Daani'el keessatti waa'ee mootii Daariyoosii fi Qiroos ilaalchise macaafni 1980 fi 2,000 maxxanfame seenaa wal dhiitu dhi'eessa. Akkuma olitti ilaalle Daani'el waaqa tolfamaa Beeliif sagaduu dinnaan boolla leencaatti kan darbachiise 'mootii Qiroos' jedhameera. Dhuguma Qiroosii? Qiroos gara aangootti erga dhufeen booda tarsiimoo inni hordofaa ture booji'amtoota biyya Baabilon hundumaa gara biyyaatti akka deebi'an labse. Qiroosiin akka Waaqayyo kaase beekamaa dha. (Isa 44:26; Isa 45:1, Iz 1:2). Egaa mootiin Qiroos akka Israa'elootni gara biyya isaaniitti galuun mana Qulqullummaa ijaaranii fi Waaqayyo Isa jiraataaf sagadan murtoo dabarse.
Macaafni Siiraak tuffii fi ilaalcha gad aanaa ta'e dubartootaaf qaba.
*Huccuu irratti biliin argama, cubbuun hundumtuu dubartoota irratti argama. (Siiraak 42:13)
*Arjummaa dubartii mannaa, sassata dhiiraa wayya. (Siiraak 42:14)
* Iccitii kee akka si jalaa hin baafne garaa kee dubartiittii hin kennin. (Siiraak 9:2)
*..... Yoo hojiin ishee akka hojii keetii ta'uu baate dubartii hiiki, dhagna kee irraas ishee addaan baasi. (Siiraak 25:24-25). Ergaawwaan kun hundi faallaa barsiisa Macaafa Qulqulluu ti.
Addumatti immoo Macaafotni dhalataa kun maxxansa bara garaagaraatti maxxanfame kan 1954, 1980, 2000... tokkichumti isaa edit gochaa waan deemaniif garaagarummaa Boqonnaa fi lakkoofsaa itti dabaluu yookiin irraa hir'isanii dhi'eessuun waan baratamee dha. Kunis fafa abbootni amantaa biyyattii oliif gadi mooquun uumanii dha.
Namoota jabduu hojjetanii darbanii fi qulqulloota addaa addaa galateeffachuu fi maqaa isaaniitiin kadhata dhi'eessuun Macaafa Siiraak keessatti iddoo guddaa qabatee jira. Garuu dhugaan nuyi beeknu qulqulloota darban, ergamootaa fi Maariyaamfaatu nuuf kadhata utuu hin taane, al tokkoo fi isa dhumaa aarsaa hundumaa nuuf kaffalee lubicha guddaa iddoo qulqulluu qulqullootaatti ol darbe Isa mirga Abbaa jiru Yesus akka nuuf kadhate (Rom 8:34) fi kadhatni kam iyyuu gara Waaqayyootti kan dhi'aatu Isa Isaan Isatti tolu maqaa Yesus Kristos qofaan akka ta'e Macaafni Qulqulluun ifatti nu barsiisa. Egaa barri itti dhaloonni kun booruu dhugaa ture raawwatamee gara qalbiitti deebi'uun dhugichaan bilisa ba'uun amma dha. Guyyaan fayyinaa harâa dha.
Via:mark yadeta
SOBA GURGUDDAA MACAAFA SIRAAK KEESSATTI BARREEFFAME
====================
Macaafni Siiraak Boqonnaa 51 kan qabu yoo ta'u, barreessaan macaafichaa nama Yerusaalem kan ta'e Ele'azaar ilma Iyaasuu Siiraak akka ta'e seensa irratti kan tuqame ta'us seenaan wal qabsiifamee yoo ilaalamu walitti bu'iinsa seenaa uuma. Macaafni kun gara Afaan Giriikiitti kan hiikame DH.K.D 132tti yoo ta'u, walitti qabaa Iziraa keessatti kan hin qabamnee fi macaafa hayyoota torbaatamaa keessattis kan hin beekamnee dha. Macaafni walitti qabaa Iziraa keessatti hin qabamne immoo Caaffata Qulqullaa'aa Yihudootaa fi safartuu macaafa Kakuu Moofaa waldaa kristiyaanaatiin ala dha.
Macaafni Siiraak jechoota Kakuu Haaraa keessatti qofa beekaman of keessatti qabatee argamuun isaa immoo macaafichi isa inni safartuu hin guunne irratti dabalanii qabiyyee isaa jijjiiruu isaanii mul'isa. Fakkeenyaaf Siiraak 24:28 maqaa Maariyaamii fi Phexros caqasa; Siiraak 24:2,12 ergamoota yookiin bartoota caqasa; Siiraak 24:21 waa'ee irbaata Gooftaa, Siiraak 32:6 waa'ee waldaa kristiyaanaa, Siiraak 3:22; 44:10 waa'ee 'Sadan Waaqa tokkichaa (áľáá´) kan bara araaraa jaarraa lammaffaatti yeroo jalqabaaf dhoksaan isaa hubatame illee ni caqasa. Akka Waayinee Giruuden ibsanitti macaafichi barsiisa safuu akka salphaatti ilaaluu isaa irra darbee buusii kennuun dhiifama cubbuu akka argamsiisu ni barsiisa.
Macaafni Siiraak faallaa barsiisa Macaafa Qulqulluu inni qabatee jiru keessaa:
*Buusiin cubbuuf dhiifama akka fidu Siiraak 3:28 irratti barreeffameera. Erga buusiin dhiifamuu cubbuu ni argamsiisa ta'ee Kristos gara biyya lafaa dhufee foon uffatee aarsaa sana kaffaluun hin barbaachisu ture kaa! Garuu buusii namoota irraa luboonni Kakuu Moofaa sassaabanii aarsaa dhi'eessaa turan sun ilmaan namaaf fayyina fiduu waan dadhabeef Sagalichi foon uffatee gara biyya lafaa dhufe. Jarreen lammaffaa hin dhalanne kun yoom iyyuu dubbii sobaa jabaa akkasii Wangeela Fayyinaa irratti dubbachuuf hin saalfatan waan ta'eef dhaloonni sammuun isaanii Wangeelaan baname irratti dammaquu qabna.
*Siiraak 20:25-26, "Soba dubbachuu mannaa hatuu wayya; namni sobduun ni deega, raawwatees ni yeella'a." jedha. Bakka kanatti immoo macaafichi cubbuu wal dorgomsiisuun ija jabaatee cubbuutti nama dhiiba. Egaa kun barumsa sobaa akka ta'e kan nuuf raggaasisu Bau 20:15 irratti, "Hin hatin!" jedhu, abboommii isa, âHin sobin!â jedhuun waluma qixxee taâuu isaa argina.
*Siiraak 7:23, "Nama du'eef taskaara baasuu hin dhiisin!" kan jedhu yoo ta'u, gaaffiin asitti ka'u, "Nama du'e sanaaf faayidaan taskaaraa maal? Namni nama du'eef taskaara baasu immoo maal buufata?" kan jedhuu dha. Macaafni Siiraak maalummaa taskaaraa waan ibse hin qabu. Duuchaadhumatti akka taskaara baasan kan ajaju yoo ta'u, akka namoonni waldichaa ibsanitti nama du'e cubbuu isaa/ishee irraa akka hiikamu gochuu akka ta'e himu. "Akkuma sirni taskaaraa godhameen namni cubbamaan du'e sun dhiifama argatee gara Jannataatti ce'a" jedhanii amanu. "Kottu ni nyaattaa abuzaattaa!" jedhe jaarsi.
Bara Kakuu Haaraa kanatti erga namni du'ee daaqunii fi Qeesiin itti naanna'anii ixaana itti aarsanii, 'ááľáą ááá!' kan jedhanii fi akkasumas, afurtamaa fi saddettamaatti itti yaa'anii kadhataniif sun kadhannaa baay'ee dogoggoraa dha. Kun kan inni daaqunootaa fi Qeesota sanaaf toluuf ittiin nyaachisa tumuu fi qarshii ittiin argachuufi dha. Yesus barsiisa isaa keessatti erga du'anii booda qalbii jijjiirrachuun akka hin dandaa'amne Luq 16:26 irratti ifatti dubbateera.
Inni Maartiin Luuter waraqaa Indaaljensii Phaaphaasotnii fi lubootni, "Dhiifamuu cubbuu ittiin argattu" jedhanii amantoota goyyomsanii utuu isaan qarshii hedduutti gurgurataa jiranii ittiin mormee rifoormeeshinii dhoose isuma sanyii jarreen keenya kun har'a hojjetaa jiraniitiim. Warri keessaas warri alaas dhaga'aa dhaggeeffadhaa! Fayyinni hin bitamu; hin gurguramus; Yesus Kristos Ilma Waaqayyootti amanuu qofaan fayyina argachuun dandaa'ama. An kunoo, warra fayyina bitee gurguruu yaalu irratti diddaa dhageessiseera.
Mee ajaa'iba namicha waggaa 66 rafe jedhame kanaa anaafoo naa galuu didee maaloo warri barsiiftan sun irra galchitanii ilaaltaniittuu?
Dubbii jabduun biraan immoo, âBaaruk xalayaa barreessee joobiratti laannaan joobirri Baabilonitti Ermiyaasitti geesseâ kan jedhu sana dha. Eyyee ajaja Waaqayyootiin qurruun Eliyaas raajichaaf ganamaa fi galgala foon geessaafii akka turte dhugaa isaa macaafni guddichi nutti hima. Garuu joobira kana eenyutu ajaje? Waa'ee âDu'aa ka'uu Ermiyaasâ kan jedhu sunis ajaa'iba biraa dha. Ammas kan biraan mi'a mana qulqullummaa lafti liqimsitee, furtuu isaa immoo aduun fudhattee hamma gaafa Zarubaabel biyya boojuutii dhufutti akka of harka tursite kan dubbatu sun immoo caalmaattiyyuu waliin nama dha'a.
Macaafa raajotaa keessatti irra deddeebiin akka mi'i mana qulqullummaa booji'amee fi mandarattiin gubatte utuu dubbatamuu, garuu barreessaan Macaafa Hafaa Ermiyaas akka ajaa'iba addaatti, âMi'a lafti liqimsitee, furtuu aduun fudhatteâ yeroo jedhu barsiisa sobaa hammanaa gadi ga'u maqaa namoota Waaqayyoo warra bebbeekamoo da'oo godhachuun amantoota akka burjaajesse nutti mul'isa.
Jarreen keenya sammuun isaanii dukkanaa'e sababni isaan ajaa'iboota soba irratti hundaa'e akkasii jaallataniif isa calluma jedhanii, âArseemaan ajaaâiba akkasii goote, Goorgisiin ajaa'iba akka sanaa raawwate, Abboo fi Takiliyyeen akkas akkas hojjetanâ jedhanii ajaa'iba isa Macaafa Qulqulluu keessatti raawwatameen olitti caalchisanii ittiin saba macheessuun gola dukkanaatti ittisuuf waan toluufiif akkana godhu jedheen yaada. Waldaan barsiisa sobaa fi ajaaâiba sobaa irratti bu'uuramte jalaan geessee raafamuun ishee waan hin oollee dha. Yaa saba nana ija keenya Isa amantii keenya jalqabsiisee nu xumursiisuu fi dhugaa Isa ta'e Yesus Kristos qofa irra haa kaaâannu!
https://t.me/jesuswillcomesoonagain
Dogoggorri Macaafa Hafaa Ermiyaas inni biraan Ermiyaas raajichi booji'amee gara Baabilonitti geeffamuu isaa, achitti deddeebi'ee booji'amtoota barsiisuu isaa fi boojuu booda saba fudhatee gara biyyaatti deebi'uu isaa eeruu isaa ti. Garuu Erm 40:1-6 keessatti Ermiyaas gara Miisphaatti gad bu'ee Geedaaliyaa ilma Ahiiqaam bira dhaqee saba warra biyyatti hafan gidduu akka jiraate barreeffameera.
Ani waaâee dubbii kanaa itti yaaduutti utuun jiruu Nebuzaraadaan gara Gedaaliyaa ilma Ahiqaam akaakayyuu Shaafaan isa mootiin Baabilon mandara Yihudaa irratti ajajjuu godhate sanaatti deebiâii isa bira saba kee gidduu taaâi! yookiis gara jaallattu dhaqi!â jedhee, kennaa anaaf kennisiisee, galaas anaaf galaasisee gad na dhiise. Kana irrattan kaâee gara Miisphaatti gad buâee Gedaaliyaa ilma Ahiqaam bira dhaqee, saba warra biyyatti hafan gidduu jiraadhe! (Erm 40:5-6)
Waa'ee hundeeffama Saamariyaa ilaalchisee akkaataa Hafaa Ermiyaas 11:30-34 keessatti barreeffametti; âBooji'amtootni Baabilon turan gaa'elaan warra ormaa wajjin waan wal makaniif yeroo gara biyyaatti galan akka gaa'elicha diigan gaafataman. Jarreen gaa'ela isaanii diiguuf hayyamamoo waan hin taaneef gara Baabilonitti deebinaan warri Baabilonis isaan simachuu dinnaan, gara Yerusaalemitti deebi'anii biyya 'Samaariyaa' jedhamtu ijaarratanâ jedhee seenesssa. Garuu dhugaan dubbii kanaa 1Mot 16:23-24 irratti akka barreeffametti mootii Omorii jedhamuun Saamariyaan akka bu'uureeffame barreeffameera. Haa taâu malee barreessaan Hafaa Ermiyaas bu'uureeffamuu Samaariyaa boojuu Baabilon booda godhee dhi'eessuun isaa nama ajaa'iba.
Gama biraatiin Hafaa Ermiyaas 9:1-30 waa'ee rafuu Abiimelek kan dubbatu yoo ta'u, Hafaa Ermiyaas 8:15-21 irratti, "Ermiyaas Abiimelekiin yeroo isa ergetti (akka dhaqee rafuuf) bulee isaa warri Kaldootaa dhufanii Ermiyaasiin funyaaniin isa gataa gara Baabilonitti isa fudhatan" jedha. Kanaafuu Abiimelek waggaa 66 kan inni rafe warri Baabilon gara Yerusaalem erga dhufanii booda jechuu dha. Warri Baabilon Yerusaalemiin marsaa sadiin kan booji'an yoo ta'u DH.K.D 605, 597 fi 586 wal duraa duubaanii dha.
Akka gabaasa Hafaa Ermiyaasitti Baabilononni yeroo dhumaaf kan isaan booji'uuf dhufan DH.K.D 586 dha. Booji'amuu Ermiyaas fi diigamuu Yerusaalemis macaaficha keessatti barreeffameera. Yoo akkas ta'e Baabilon immoo darabee ishee kan kuftu boojuu Yerusaalem isa dhumaa Yerusaalem erga booji'amtee waggaa 49 booda DH.K.D 538tti dha. Mootiin Faares Qiroos labsiin mana Qulqullummaa deebi'ee ijaaramuu kan baase DH.K.D 537tti yoo ta'u geggeessummaa Zarubaabelii fi Iyaasuu lubichaatiin hojichi kan jalqabame yoo ta'u, ijaarsichi qabsoo hedduun booda 516tti xumurame.
Egaa bara Yerusaalem diigamnaan Abiimelek rafe 587 irraa waggaa 66 inni rafe yoo hir'isne 520 DH.K.D ta'a. Kun immoo manni qulqullummaa ijaaramuu jalqabee waggaa 17 booda waan ta'eef ijaarsi hedduun jalqabeera. Garuu Abiimelek gaafa hirribaa dammaqe akka waan Yerusaalem keessa homtuu hin jirreetti akka dubbate eera. Utuu namootni boojuu galan baay'een ijaarsa mana qulqullummaa irra jiranii akka waan Baaruk qofti biyyattii keessa jiruutti dubbachuun isaa faalasama uumanii dhugaa fakkeessuuf yaalan akka ta'e hin haalamu.
Giddu-galumsa Waaqayyootiin ajaa'ibni gurguddaan harka raajotaa, harka Yesus fi harka ergamootaatti raawwatameera. Garuu dinqiiwwan Macaafa Hafaa Ermiyaas keessatti ta'an abbaan ajaa'ibicha hojjete utuu hin eeramin taateewwan gurguddoon galmaa'anii argamu. Akkuman olitti eere Abiimelek kan yeroo Ermiyaas boolla keessatti hidhame isa gargaaraa ture waggaa 66 rafee yommuu dammaqee mandaratiitti seenu lafa jiru wallaalee jaarsa tokko gaafannaan akka jaarsichi waan ta'ee ture itti hime Hafaa Ermiyaas keessatti barreeffameera.
Waggaa 66 gaaddisa mukaa rafee ture sanatti nyaata mana mootii baree ture utuu hin nyaatin, osoo hin dhugin, huccuu fi kophee utuu hin jijjiirratin, bakkeetti bineensi utuu hin nyaatin, qaamni isaa utuu hin tortorinii fi abjuu illee utuu hin abju'atin waggaa 66 rafe. Humna inni ittiin guutamee waggaa dheeraa kana rafe wanti qaraqa kennu hin jiru.
