Jesus will come soon again
Open in Telegram
Dhufaati #YESUS_KIRISTOOS nama hundumaatti lallabna! “Ani saba hundumaafuu, warra Giriikotaa fi warra Giriikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira;” — Rom. 1:14
Show more315
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+1230 days
Data loading in progress...
Similar Channels
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
December '24
December '24
+1
in 0 channels
November '24
+18
in 0 channels
Get PRO
October '24
+6
in 2 channels
Get PRO
September '24
+29
in 1 channels
Get PRO
August '24
+24
in 0 channels
Get PRO
July '24
+5
in 0 channels
Get PRO
June '24
+21
in 0 channels
Get PRO
May '24
+50
in 0 channels
Get PRO
April '240
in 1 channels
Get PRO
March '24
+15
in 0 channels
Get PRO
February '240
in 0 channels
Get PRO
January '24
+182
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 08 December | 0 | |||
| 07 December | 0 | |||
| 06 December | 0 | |||
| 05 December | 0 | |||
| 04 December | 0 | |||
| 03 December | 0 | |||
| 02 December | +1 | |||
| 01 December | 0 |
Channel Posts
| 2 | https://youtu.be/Xx3cnQhbz_M?si=tErZfPjCT4doTFh4 | 0 |
| 3 | #JAALALA_JAALATAMNE!!
Obbolootakoo dhugaa waa'ee jaalala waaqayyoo yaadeen ......
(Roomaa 5 )
------------
7 Tarii namni, nama waan gaarii godhe tokkoof du'uf fedha qaba ta'a malee, nama qajeelaadhaaf waan du'uuf hin fakkaatu.
8 Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du'uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
✍Nuti nama tokko yoo barbaanne safara hin taane keessa deemnee hin barbaannu safara nuuf mijatutti malee.
✍Kiristoos garuu safara isaa dhiisee safara Abraham, henok,abeel,musee,eliyaas,dawitfaa mirga abbaatti dhiiseet ,isaan jireenya isaaniitti otoo boqotu waa'een keenya immoo boqonnaa dhoowwinaan safara isaaf hin malle garuu immoo itti gammadee jaalate safara keenya dhufe. Gaafa inni safara keenya dhufu safarri keenya guutummaatti ni geeddarame
✍Dura safara cubbuu kan turre hamma garuu safara kiristoos fi safara mirga Abbaatti nuuf jijjiirrame.
ameen ameeeeeeeeeeeeen.
👉Walumagalatti jaalalli ittiin jaalatamne gati jabeessa waan hunda gararraa jiruudha. Nutis jaalala kanaaf Jiraachuun nurraa eegama.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
“Jaalala Waaqayyoo gootanii, isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf obsaan danda'uun isin in barbaachisa.”
— Ibr. 10:36 | 0 |
| 4 | #DHANGAA_WIIXATAA!!
👉WAAQAYYOON SODAACHUU
✍“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, gowwoonni garuu ogummaa fi barsiisa in tuffatu.” — Fak. 1:7
✍“Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa, namni sodaa Waaqayyootiin guutame yaaddoo malee in boqota, wanti hamaanis isatti hin bu'u;”
— Fak. 19:23
✍“Waaqayyoon sodaachuun barsiisa ogummaa ti, ulfina dura gad of deebisuutu jira.”
— Fak. 15:33
✍“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti, warri isa duukaa bu'anii hojjetan hubannaa gaarii qabu; Waaqayyoon jajachuunis yeroo hundumaaf jabaatee in dhaabata.”
— Far. 111:10
✍“Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti, namas futtaasaa du'aa irraa in deebisa.”
— Fak. 14:27
✍“gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna.” — Fak. 22:4
https://t.me/jesuswillcomesoonagain | 0 |
| 5 | #DHANGAA_DILBATAA!!
✍️“Warri seera kee jaallatan sun nagaa guddaa qabu, wanti isaan gufachiisus hin jiru.”
— Far. 119:165
✍️“Ejjennaa koo dubbii keetiin jabeessi, yakki tokko illee humna ana irratti hin godhatin!”
— Far. 119:133
✍️ Waaqayyo jaalala waan ta'eef, namni hin jaallatin, Waaqayyoon hin beekne.
✍️Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul'ate.
✍️Nuyi Waaqayyoon hin jaallanne; inni garuu nu jaallate, ilma isaas cubbuu keenyaaf furee haa ta'uuf nuuf erge. Jaalala jechuun isa kana.
👉 1Yohn 4:8-10
https://t.me/jesuswillcomesoonagain | 0 |
| 6 | #DHANGAA_SANBATAA!!
✍“Waaqayyo karaa qajeelotaa duukaa bu'ee in beeka, karaan jal'ootaa garuu gara badiisaatti in geessa.” — Far. 1:6
✍“Waaqayyo isa mootummaa isaatii fi ulfina isaatti isin waame sanaaf akka ta'utti akka jiraattaniif isin in gorsina isin in jajjabeessina, dhugaas isinitti in baana.” — 1Tas. 2:12
✍“Guyyaa gooftaan keenya Yesus qulqulloota isaa wajjin deebi'ee dhufutti, garaa keessan cimsee warra hin komatamne godhee qulqullummaadhaan fuula Waaqayyoo abbaa keenyaa dura isin haa dhaabu!” — 1Tas. 3:13
👉Ayyaannii fi nagaan isiniif haa ta'u!”
https://t.me/jesuswillcomesoonagain | 0 |
| 7 | ✍️Waaqayyo, karaa Yesus Kristos ilmaan isaa taanee akka guddifamnuuf, akka fedha isaa isa gaariitti yaadaan nuuf qabeera.
✍️Kunis guddina ayyaana isaa, isa inni ilma isaa isa jaallatamaadhaan nutti tolee nuuf kenne in galateeffachiisa.
✍️Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamuu, dhiifamuu cubbuus qabna.
✍️Ayyaanni inni ogummaa isaa fi hubannaa isaa hundumaan nu irratti dhangalaase baay'ee dha.
Efe 1: 5-7 | 0 |
| 8 | #FIRDII
Macaafa qulqulluu keenya keessatti firdiiwwaan gurguddaa lama[2] arganna. Isaanis
1. Firdii yakka mursiiseefi
2. Firdii qajeelummaa argachiisedha.
👉Lameen isaaniyyuu firdi kennamaniidha.
✍️Irra dadadarbuun nama tokkichaa dhala namaatti yakka mursiise
✍️Qajeelchuun nama tokkoo immoo namoota hundumaa firdii qajeelummaa argachiisee
✍️#Firdiin jalqaba kenname sun, namoota hundumaa du'aa fi gaaddidduu du'aa jalatti boojisise, gabrummaa hafuuraa dhaalchise, Uumama umaan gargar baase.
👉#Addaam namtichi jalqabaa sun, yaada Waaqayyoo caalaa yaada ofiisatti waan waligaleef, hariiroo nama fi Waaqa gidduu ture diige.
“
Uumamni hundinuu hamma ammaatti akka aaduu fi akka ciniinsifatu in beekna.” Rom. 8:22
Argitee #harkisa addaamin Uumamni hundinuu aaduutti, ciniinsifachutti, joormaatti, dadhabutti akkasumas dafquutti gale.
👉Iddoo ulfinaa keessa gadi nu yaasee lafa oonaa abdiif jireenya hin qabnetti nu naqe. 👉Amanamummaan Waaqayyo wajjin qabnu namticha jalqabaa addaamin waan diigameef, balballi dhaabaa #eden billaa abiddaa gara hundumaatti naanna'ee nyaatuufii ergamaa kirubeeliin eeggame.
✍️Firdiin inni lammataa kun garuu isa duraa irraa addaadha. Sababni isaa
• firdii qajeellummaa argachiiseedha
• Firdii ba'aan sanyii dhala namaa itti baattameedha.
✍️ firdiin kun nama tokkicha irratti kennamee namoota hundumaa garbummaa cubbuu jala baase.
👉Addaam inn lammataa kun, qulqulluu, tolaa, qajeelaa fi ulfina qabeesaa muda hin qabnetu cubbamootaaf firdii of irratti fudhate. Wooow Yesus kiristoos isa abba wajjin walqixa ta'eetu, namootaaf adabame.
👉Firdiin kun #Yesus_kiristoos gita Waaqayyo abbaa #gidiraafi du'atti dabarsee kenne, Dheekamsi sababii irra daddarba ilmaan namootaa hundumti isaa irratti boba'e. Ta'us, namoota hundumaa jireenya argachiise. Qajeellummaa isa kan farisoota irra caalu, fuula Waaqayyootti fudhatama kan qabu nu argachiisee. #Qajeelummaan kun hojii fayyina keeenyati.
✍️#Harkisa kiristoosin garuu fuula abbaa dhaabbachuuf ija jabina arganne. Ayyaana fuula Waaqayyoo nama dhaabuus #safara malee irra hafaa arganne. Sababa kennaa tolaa kanaaf, qajeeltoo dhugaa wangeelaa isa yesuus barsiisaa ture sanatti jiraachuuf humna qabna Malee barsiisa warra sobdootaa loo'aani amantoota keessa lixan sanaaf lucca'uu hin dandeenyu. Ayyaanichi hiddaafi hundee jireenyaa isa ta'e #Yesus_gooftichaatti qabamnee akka jiraannuuf nu gargaara.
Ayyaanichi nuuf yaa baay'atu!! | 0 |
| 9 | #Comment_ nuuf ergame
✍️Girmee waaqayyo guddaa si haa eebbisuu dhugaa ati nama jabadhaa jabaadhu jechaa
#namoonni group kana keessa jirru oboleessa keenya bira yaadan dhabachuun haa jajabeesinu.
#nutis yaadi miseensota channel kana irra qabnu yoo jiraate hiriyoota keessaniif #share akka gootan jaalalaan isin gaafanna.
👉Akkasumas, yaada, qeeqa fi gaaffii yoo qabattan karaa bot keenyan nu qunnamu dandeessuu.
👇👇👇👇👇👇👇
@Girm_bot | 0 |
| 10 | #𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚
𝙱𝚒𝚢𝚢𝚊 𝚕𝚊𝚏𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚗𝚗𝚞 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚍𝚞𝚛𝚒𝚒 𝚍𝚞𝚛𝚒𝚒 𝚎𝚎𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚞𝚞𝚖𝚊𝚖𝚖𝚊 𝚔𝚊𝚗 𝚝𝚊'𝚎 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚒𝚗𝚞𝚞 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚊𝚍𝚊.
👉 𝙵𝚊𝚔𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊𝚊𝚏 𝚗𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚋𝚒𝚢𝚢𝚊 𝙸𝚝𝚘𝚘𝚙𝚑𝚒𝚢𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚔𝚊𝚖𝚖𝚒𝚢𝚢𝚞𝚞 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚒𝚝𝚝𝚒𝚒𝚗 𝚋𝚒𝚢𝚢𝚊 𝙰𝚖𝚎𝚛𝚒𝚔𝚊𝚊 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚊𝚖𝚝𝚞 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞 𝚗𝚒 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚊𝚍𝚊. 𝙶𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚗𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚒𝚜𝚑𝚎𝚎𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚊𝚍𝚍𝚞 𝚜𝚊𝚗𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚐𝚞𝚞𝚝𝚗𝚎 𝚝𝚘𝚔𝚔𝚘 𝚔𝚊'𝚎𝚎 𝙰𝚖𝚎𝚛𝚒𝚔𝚊𝚊 𝚗𝚊𝚗 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚊 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚎𝚎 𝚘𝚜𝚘𝚘 𝚋𝚞𝚞𝚏𝚊𝚝𝚊 𝚡𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚎𝚎 𝚐𝚊𝚊𝚏𝚏𝚒𝚕𝚎𝚎 𝚐𝚊𝚊𝚏𝚊𝚝𝚊𝚖𝚞 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚏 𝚝𝚊𝚜𝚞𝚖𝚊𝚊 𝚍𝚎𝚎𝚋𝚒𝚒 𝚑𝚒𝚗 𝚊𝚛𝚐𝚊𝚝𝚞.
Yoo baayyate jireenya biyya kanaatu na nuffisiise, hiyyummaatu natti cimmee fi waan kana fakkaatu hedduu odeessa.
Haa ta'u malee gaaffii keessimeesitootni buufata xiyyaaraa seensa irra jiran jalqaba heyyama biyya Amerikaa deemuuf qabu waraqaa eenyuummaa isaa irratti bifa geengoo wayiitiin kan rukkutamtee jirtu (Visa) kan jedhamtu qofaa gaafatu.
ɴ𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚝𝚘𝚔𝚔𝚘 𝚙𝚊𝚜𝚜𝚙𝚘𝚛𝚝 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚊 𝚐𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚙𝚊𝚜𝚜𝚙𝚘𝚛𝚝 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚝𝚝𝚒 𝐯𝐢𝐬𝐚 𝚔𝚊𝚗 𝚓𝚎𝚝𝚝𝚞 𝙸𝚖𝚋𝚊𝚊𝚜𝚒𝚒 𝙰𝚖𝚎𝚛𝚒𝚔𝚊𝚊 𝚊𝚜 𝚋𝚒𝚢𝚢𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚝𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚛𝚞𝚔𝚔𝚞𝚝𝚊𝚖𝚎𝚎 𝚒𝚛𝚛𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚞 𝚝𝚊𝚊𝚗𝚊𝚊𝚗 𝚙𝚊𝚜𝚜𝚙𝚘𝚛𝚝 𝚚𝚘𝚏𝚊𝚊𝚗 𝙰𝚖𝚎𝚛𝚒𝚔𝚊𝚊 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞𝚞 𝚑𝚒𝚗 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚊'𝚞.
👉 Mee as haa deebinu, biyya kana keessa an 𝗸𝗿𝗶𝘀𝘁𝗮𝗮𝗻𝗮 kan ofiin jedhan hedduudha. Garuu Kristaanummaan isaanii 𝘃𝗶𝘀𝗮 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 jedhamuun hin rukkutamne. 𝗔𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶𝗻 immoo tokko qofaatu jira 𝗘𝗳𝗲 4:5
👉 Egaa 𝗮𝗺𝗮𝗻𝘁𝗶𝗶 inni tokkoo kun immoo eenyudha ykn isa kamidha jechuu dandeessa. Amantiin inni tokkoo kun isa kanadha:-
Yesus deebisee, “Isa inni ergetti amanuu keessaniin hojii Waaqayyoo in hojjettu” jedheen*.
Wangeela Yohannis 6:29
Abboommiin isaa kunis, “Maqaa ilma koo Yesus Kristositti amanaa! Akka abboommii inni kennettis walii keessan jaalladhaa!” nuun jedha*.
1Yohannis 3:23
Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, ammuma iyyuu itti faradameera*.
Wangeela Yohannis 3:18
Namni ilma Waaqayyootti amanu, dhugaa kana of keessaa qaba; namni Waaqayyoon hin amanne garuu, isa Waaqayyo ilma isaatiif dhugaa ba'e waan amanuu dhiiseef, Waaqayyoon sobduu gochuu isaa ti*. Waaqayyo jireenya bara baraa nuuf kenne; egaa dhugaan isaa isa kana; jireenyi bara baraa kunis ilma isaa keessatti argama*. Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenyicha qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne, jireenyicha hin qabu*.
1Yohannis 5:10-12
𝙴𝚐𝚊𝚊 𝚠𝚊𝚛𝚛𝚒 𝚊𝚋𝚋𝚘𝚘𝚖𝚖𝚒𝚒 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘 𝚠𝚊𝚛𝚛𝚊 𝚔𝚊𝚔𝚞𝚞 𝚑𝚊𝚊𝚛𝚊𝚊𝚏 𝚔𝚎𝚗𝚗𝚎 𝚍𝚑𝚒𝚒𝚜𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚊𝚋𝚋𝚘𝚘𝚖𝚖𝚒𝚒 𝚔𝚊𝚔𝚞𝚞 𝚖𝚘𝚘𝚏𝚊𝚊𝚏 𝚍𝚑𝚊𝚖𝚊'𝚊𝚊𝚗 𝚓𝚒𝚛𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚋𝚊𝚛𝚊 𝚋𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚗 𝚜𝚊𝚋𝚊𝚋𝚗𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢 𝚐𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞 𝚑𝚒𝚗 𝚊𝚛𝚐𝚊𝚗𝚗𝚎 𝚠𝚊𝚊𝚗 𝚝𝚊'𝚎𝚎𝚏. 𝙽𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚒𝚛𝚛𝚊 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊𝚗 𝚜𝚞𝚗 𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚝𝚒 𝚊𝚔𝚔𝚊 𝚐𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞 𝚘𝚜𝚘𝚘 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚜𝚊𝚗𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚎𝚎𝚐𝚊𝚕𝚒𝚒𝚗 𝚗𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚜𝚊𝚗𝚊 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚊𝚗 𝚐𝚊𝚊𝚏𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞𝚗 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚏𝚞𝚏𝚊. 𝙶𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚗𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚔𝚊𝚛𝚊𝚊 𝚎𝚎𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚐𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊𝚝𝚒 𝚊𝚔𝚔𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚐𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞 𝚘𝚜𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚒𝚗 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞 𝚔𝚊𝚛𝚞𝚖𝚊 𝚑𝚞𝚗𝚍𝚊𝚝𝚞 𝚐𝚊𝚛𝚊 𝚕𝚊𝚏𝚊 𝚒𝚗𝚗𝚒 𝚢𝚊𝚊𝚍𝚎 𝚜𝚊𝚗𝚊𝚝𝚒 𝚗𝚊 𝚐𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚎𝚎 𝚢𝚊𝚊𝚍𝚊.
👉 𝐊𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚,
👉 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢𝐬 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚
👉 𝐃𝐡𝐮𝐠𝐚𝐚𝐧 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐪𝐨𝐟𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐣𝐢𝐫𝐚.
Yesus deebisee, “Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu*.
Wangeela Yohannis 14:6 | 0 |
| 11 | #LUQISA_GANAMAA
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
✍️Yeroo nuyi akka fooniitti jiraachaa turre, hawwiin foonii inni cubbuudhaan guute seerichaan #toosifamee, du'aaf akka nuyi ija godhannuuf, bu'aa dhagna keenyaa keessaa in hojjeta ture.
✍️Amma garuu seera isa moofaa dur caafame jalatti utuu hin ta'in, #Jireenya_hafuuraa isa haaraa keessatti akka hojjennuuf, isa nu hidhate jalaa duunee, seerattiis hiikamneerra.
Rom 7⁵‐⁶ | 0 |
| 12 | ...........Waldaan kiristaanaa maalirra jirti?.........
Gurmuu guddichi humna guutuu qabu kiristoos hundeesee waldaa kiristaanaati
waldaan kiristaanaa bakka buutuu kiristoos
Akka Rome ⁵ -⁶ Irra jedhutti akeeka waaqayyoo uumamu biyya lafaa dura fayyina ilmaan namootaaf qabu isa kiristoos #foon_uffateef sana har'a Kan bakka bu'e jiru waldaa kiristaanaati
Kaayyoon waldaa kiristaanaa kiristoos hundeesseef hoolota badan barbaaddee akka deebiftuuf eenyummaan waldaa kiristaanaas Kan calaqqisiisu isa kana
Akka Yihuda ²³ irraa jedhutti abidda keessaa butaa oolchaa jedha abidda keessaa b,utamanii Kan oolfamaan ilmaan addaam Warra biyya lafaa keessa tamsaa'anìdha Kan ajaji kun itti kenname humna ergama Kan qabu immoo waldaa kiristaanaati
Kunoo harra hojii gudduchi waldaa kristaanaatti kenname kun, yeroo isa dhumaa irra waan jiruuf jarjartii cimaa gaafateera.
Akkuma mullata Yohaannis 12 ¹² irra jiru seexxanni yeroon isaa akka dhume waan beekuuf guddaa aareera.
Yeroo akkas hammaate kanatti, abbaan dhimmaa waldaa kristaanaa maal irra jirti kan jedhu gaaffii cimaadha. Hojii lubbuu barbaaduu irratti bobba'ee waanin tureef, harras immoo waanin irra jiruuf akka nama fayye tokkootti, waanin taajjabe hedduun qaba.
Yeroo dhumte kana keessa, yeroo seexanni kallattiinis, aal-kallattiin balaa uumamaaf nam-tolcheen guyyaadhaa gara guyyaatti lubbuuwwan millionaan lakkaawwaman hedduu saamaa jiru kana keessa waldaan kristaanaa ergama ishii dagattee gamoowwan ammayyaawoo fi dizaayiniin isaanii miira namaa hawwatan, kan sadarkaa biyyatti beekamtii qaban ijaaruu wal-dorgomuutti deebi'uun ishee, kufaatii guddaadha.
Keessattuu namoonni gurguddoon kristaanummaa keessatti beekamtii qabanii fi wangeela beeku jedhaman waan kana akka waan cimina ykn jabina ta'eetti kaasan caalaa maaltu nama yaadessa ?
Waldaan kiristaanaa dhimma kiristoosiin fannoorra oolche lubbuu badan barbaaduu giddu galeessa godhachuu qabdi dhimmi bu'uuraa kiristoos deebi'ee dhufuufis kanadhaa
Akkuma biyyoonni waraana dhufaa jiruf jecha xiyyeeffannaa isaanii meeshaa lolaa qopheessuu irratti taasisan Waldaan kiristaanaas meeshaa lolaa ishee guddicha Wangeela hidhachiiftee mishinaroota lubbuu barbaadan bobbaasuu qabdi
Ijoollee! Yeroon kun isa dhumaa ti. Kristosiin kan mormu akka dhufu kanaan dura dhageessaniittu; ammas warri Kristosiin morman baay'ataniiru. Kanaafis yerichi isa dhumaa akka ta'e nuyi in beekna.
Isaan nu keessaa ba'an malee kan keenya miti; utuu kan keenya ta'anii, nuu wajjin itti in fufu turan. Garuu isaan hundinuu kan keenya akka hin ta'in haa mul'atuuf nu keessaa ba'an. 1Yoh. 2 ¹⁸
👉 Waldaan kristaanaa dhimmi ishen lafarra jirtuuf akkasumas dhimmi hafuurri qulqulluun isheerra jiruuf dhimmi kiristoos deebi'ee dhufuufis isa kanadha.
Via:Ebisa Mokonnen Argew🙏 | 0 |
| 13 | Guyyaa itti deebi'u tilmaamuuf yaaluun homaa hin dubbanne. Waan hin tilmaamamne tilmaamuuf yaaluun yeroo dhiphannu, wanti dursa kenninu tartiiba sirrii miti. Waaqayyo Ilmi Isaa yoom akka deebi’u akka beeknu utuu barbaadee silaa dubbii Isaa keessatti kana ifa godha ture. Akkuma jirutti akka hin beekne ifatti dubbateera. Wanti nuti itti fufuu qabnu waan Inni nuuf mul’ise qofa; guyyaan Isaas salphaatti Caaffata Qulqullaa’oo keessa hin jiru. Tokko tokko ogeessa fakkaachuuf, xiyyeeffannaa hawwachuuf ykn qarshii walitti qabuuf jecha bara dhumaatiif guyyaa murteessuu irratti hirmaatu; kaan immoo kakaʼumsa shakkii hin qabne qabaachuu dandaʼu. Maaliif yoo taʼe iyyuu, bara dhumaatiif guyyaa murteessuun dogoggora. Mallattoo Yesus kenne ilaallee sana booda sa’aatii kana yoo dhufe akka hin qaanofneef jiraachuu qabna (1Yohaannis 2:28). Yeroo hundumaa jireenya ol butamuuf qophaa’e keessa ta’uu malee guyyicha herreguuf mataa cabuun gowwummaa fi wallaalummaa walitti ida’amee boolla nama buusuu dha. Dhugaan jala muramaan beekuu qabnu Yesus ni dhufa! | 0 |
| 14 | Erga ani dhufee horii walitti buusuu akka hin barbaachifnetti, Sanbata guddaa, torbeedhuma tokkon tokkon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu. (1Qor 16:2).
Dilbata yookiin Sanbata-Duraa (qidaamee) qofa osoo hin taane guyyaa hunda Waaqayyoon waaqeffachuu qabna! Waldoonni baay’een har’a tajaajila Dilbataa fi Sanbata-duraa (qidaamee) lamaanuu qabu. Kristos keessa bilisummaatu jira; (Rom 8:21; 2Qor 3:17; Gal 5:1). Kristiyaanni tokko Sanbata kabajuu, jechuunis gaafas hojjechuu dhiisuu qabaa? Kristiyaanni tokko akkas gochuuf akka geggeeffame yoo itti dhaga’ame, guutummaatti, eeyyee (Roomaa 14:5). Haa ta’u malee, warri Sanbata kabajuu shaakaluu filatan warra Sanbata hin kabajne irratti murteessuu hin qaban; (Qolaasaayis 2:16). Kana malees, warri Sanbata hin kabajne warra Sanbata eeganiif gufuu ta’uu irraa of qusachuu qabu; (1Qorontoos 8:9).
Egaa akkuma jalqabatti kaasnee turre, dogoggora Adveentistii keessaa inni akka malee fokkisaan guyyaa Yesus si’a lammaffaaf deebi’ee dhufu tilmaamanii jalaa kufuu isaa ture. Guyyoonni barsiisonni isaanii, “Yesus deebi’ee dhufa” jedhanii raagnaan soba ta’e Onkoloolessa 1844, bara 1988, Waxabajjii 21, 2011, Muddee 21, 2012, Yesus bara Iyyobeeliitti deebi’uuf jira; Yesus ji’a dhiiga diimaa itti aanutti deebi’uuf jira!” jedhanii eeganii beellamni isaanii soba ta’e.
Labsiin akkanaa waggoota muraasa booda kan mul’atu yoo ta’u, namoonni amantii hin qabne hedduun murtoo jireenya jijjiiru kana irratti hundaa’uun murteessu. Sababni inni guddaan bara dhumaatiif guyyaa murteessuun dogoggora ta’eef, Yesus duuka-buutota Isaatiin, yeroo wantoota gara fuula duraa ilaalchisee gaaffii isaaniif deebii armaan gadii kenneef.
Yeroo yookiis bara Abbaan gooftummaa Isaatiin dhaabe, beekuun isiniif hin kennamne. (HoE 1:7)
Tilmaamni guyyaa murteessuu namoonni godhan yeroo hunda dogoggora ture. Yesus namni tokkollee guyyaas ta’e sa’atii deebi’uu Isaa akka hin beekne dubbateera; (Maatewos 24:36). Sababni Waaqayyo “Guyyaa ykn sa’atii” Yesus deebi’ee dhufu nutti hin himneef, jireenya keenya amantiidhaan, ulfina Isaatiif, addunyaa hin amanne fuulduratti akka jiraannu waan barbaaduuf. Hawaasa keenya keessatti akka hirmaannu barbaada (1Tas 4:11); waldoota keenya tajaajiluu (Efesoon 6:7); akkasumas ijoollee keenya akka isa beekanii fi kabajaniif guddifnu (Keessa Deebii 6:6) fedha.
Deebiin yeroo dhumaa guyyaa murteessuuf kennamu tokko namoonni jireenya keessatti bobba’uu dhiisuu isaanii ti. Isaanis mi'a isaanii walitti qabanii imalaaf qophaa'u. Gareen akkasii tokko bara 1830moota keessa lallabaa Wiliyaam Miilar hordofanii qaana’an. Miller, Yesus Onkoloolessa bara 1844tti akka deebiʼu dubbatee namoota hedduu waan amansiiseef isaan keessaa tokko tokko qabeenya isaanii gurguranii, hojii isaanii dhiisanii xumura isaa eegaa turan. Hordoftoonni isaa soba Miiler fooyyessanii akka waan Yesus hafuuraan dhufee deebi’eetti ammas soba biraa labsan. Gareen abdii kutate kun geggeessaa haaraa hooggansa “raajii” Ellen G. White jalatti tokko ta’anii Adveentistoota Guyyaa Torbaffaa jedhamuun beekaman. Sobni Ellen G.White isa lafa itti qabaa hin qabnee dha.
Sababni biraan bara dhumaatiif guyyaa murteessuun dogoggora ta’eef ajaja Yesus isa dhumaa hordoftoota Isaaf kenne tuffachuu waan ta’eef. Yesus gara samiitti deebi’ee ol ba’uu Isaa yeroo muraasa dura hordoftoota Isaatiin, “Gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Duuka-buutota akka ta'an godhaa!” jedhee itti hime; (Mat 28:19). “Humna kee yoom akkan deebi’u adda baasuuf yaaluu irratti xiyyeeffadhu” hin jenne. Fakkeenyota ilaalcha qophaa’ummaa jajjabeessan hedduu nuuf kenneera; garuu qophaa’ummaan samii ilaaluu jechuu yookiin guyyaa Yesus itti deebi'u shallaguu jechuu akka hin taanee dha. Innis akka qulqullummaa (Ibroota 12:14), fannoo baachuu (Luq 9:23), akkasumas namoota Inni karaa keenya irra fidu jaallachuu (Roomaa 13:8) irratti amanamaa ta’uu jechuudha. Yesus samii irratti qabeenya akka kuufannu (Luqaas 12:33), amantoota biroo wajjin tokkummaa akka barbaannu (Yohaannis 17:22–23), akkasumas maasii Isaa keessatti akka sassaabnutti akka hojjennu (Luq 10:2) nu kakaase. | 0 |
| 15 | Kanaafis waa’ee nyaataa fi dhugaatiitti, waa’ee guyyaa ayyaanaatti, waa’ee baatii lakkaa’uutti yookiis waa’ee Sanbata eeguutti, namni tokko illee isinitti hin faradin! Isaan kun gaaddidduu wanta dhufuuf jiru sanaa duwwaa dha; wantichi inni dhugaan garuu kan Kristos. (Qol 2:16-17)
Namni guyyaa tokko guyyoota warra kaan irra caalchifatu jira; inni kaan immoo guyyoota hundumaa wal qixxeetti ilaala. Kana irratti namni adduma addaan akkuma fudhatetti yaada isaa gar tokkotti haa kutatu! Namni guyyicha yaadatu Gooftaadhaaf isa yaadata; inni nyaata hundumaa sooratu Waaqayyoon waan galateeffatuuf, gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf in soorata. Inni nyaata hundumaa hin soorannes gooftaa isaatiif hojjechuudhaaf soorachuu dhiisa, Waaqayyoon immoo in galateeffata. (Rom 14:5-6)
Dubbiin armaan olii baay’ee nuuf ibsa; warra Sanbata sana guyyaa addaatti ilaalan murticha isaanumaaf dhiifna malee waan biraa ittiin hin jennu; warra nyaata guyyoota waliin wal qabsiisanii lagatanis murtiin kanuma mataa isaaniiti. Garuu dhugaan beekuu qabnu jarreen sun sirnoota guyyoota sana kabajuu isaanii fi nyaata guyyootaan lagachuu sanaan fayyina fudhachuu yaalu yoo ta’an dogoggora guddaa dha. Dhugaan beekuu qabnu fayyinni amantiidhaan qofa malee hojii gaarii namaa tokko illee hin dabalatu; nyaata ta'e guyyaa ta'e irra lagachuun fayyina hin argamsiisu; guyyaa tokko isa kaan caalchifachuun guyyaan addatti ilaalame sunis fayyina nuuf fidu hin qabu; hojiiwwan gaarii kan hojjennu ittiin fayyuuf utuu hin taane waan fayyineef ittiin fayyina keenya agarsiifna.
Boqonnaawwan jalqabaa macaafa Hojii Ergamootaa keessatti Kristiyaanonni jalqabaa baay’inaan Yihudoota turan. Ormoonni kennaa fayyinaa karaa Yesus Kristos argachuu yeroo jalqaban, Kristiyaanonni Yihudootaa rakkoon isaan mudate. "Kristiyaanonni Ormoota taʼan, Seera Musee fi duudhaa Yihudootaa keessaa wantoota kamirratti akka ajajamaniif qajeelfama argachuu qabu” jedhuuf Ergamoonni yaa’ii Yerusaalemitti dhimma kana irratti mari’ataniiru; (HoE 15). Murtoon kenname kan armaan gadii ti:
Kanaafis akkan yaadutti yoo ta’e, warri saba Isaa hin ta’in gara Waaqayyootti yommuu deebi’an, isaan rakkisuun nuuf hin ta’u. Garuu qalma isa xuraa’aa Waaqayyo tolfamaadhaaf aarsaa dhi’aate irraa akka afaaniin hin qabne, halalummaa irraa akka of eeggatan, foon horii hudhamee du’ee irraa akka hin nyaanne, akka hin dhugnes, isaaniif caafuun nuuf in ta’a. (HoE 15:19-20)
Sanbata kabajuun ajaja ergamoonni amantoota Ormootaa irratti dirqisiisuun barbaachisaa ta’ee itti dhaga’ame keessaa tokko hin turre. Falmii Sanbata kabajuu keessatti dogongorri beekamaan tokko yaada Sanbata guyyaa waaqeffannaa ture jedhuu dha. Gareen akka Adveentistii Guyyaa Torbaffaa Waaqayyo tajaajilli waldaa, guyyaa Sanbata akka gaggeeffamu barbaada jedhu. Garuu ajajni Sanbataa akkas miti. Ajajni sanbataa guyyaa Sanbataa hojii tokkollee akka hin hojjenne ture; (Ba’u 20:8-11). Kanaafidha kan Yihudoonni yeroo Yesus guyyaa Sanbataatti dhukkubsatoota fayyisetti mormii guddaa irratti kaasaa turaniif. Akka seerichaatti dhukkubsatoonni fayyuu fi hojiin waaqeffannaan wal qabatu kam iyyuu dhorkaadha jechuu dha. Erga dhukkubsataa fayyisuun akka seerichaatti dhorkaa ta’ee, Sanbata sana irra lallabuun, barsiisuun, faarfachuunii fi kkf nis hin danda’amu akka jechuu ti. Mee erga kunneen dhowwamoo ta’anii Adveentistoonni guyyaa Sanbataa (Guyyaa Torbaffaa) gaafa sana dhaqani maal hojjetuu ree?
Kristiyaanonni durii yoom wal gaʼan? Hojii Ergamootaa keessatti Mana isaanii keessatti buddeena cabsanii garaa gammachuu fi garaa qulqulluudhaan waliin nyaatan; Waaqayyoon galateeffachaa, tola namoota hundumaa biratti gammadaa turan. Gooftaan immoo warra fayyan guyyaa guyyaatti lakkoofsa isaaniitti dabalaa ture. Guyyaan kristiyaanonni yeroo hunda walga’an yoo jiraate, guyyaa Sanbataa osoo hin taane, guyyaa jalqaba torbanii (Dilbata) ture;
Galgala Sanbata guddaatti bari’u, buddeena cabsachuudhaaf walitti qabamnee turre. … (HoE 20:7) | 0 |
| 16 | Adveentistiin Guyyaa Torbaffaa, Sanbata akka guyyaa waaqeffannaa, guyyaa kristiyaanonni waldaa/tajaajila waaqeffannaa irratti hirmaachuu qabanitti ilaalu. Gareen kun akkaataa baratamaa ta’een hojiin tokkollee Sanbata irratti hojjetamuu akka hin qabnes kan barsiisan ta’us, yaad-rimeen “Guyyaa waaqeffannaa” jedhu yeroo tokko tokko “Guyyaa boqonnaa” isa jedhu caalaa cimsa. Jalqaba irratti, Sanbanni guyyaa boqonnaa ture; kaayyoon sunis Seera Musee keessatti qabamee ture; (Ba’uu 16:23–29; 31:14–16; 35:2–3; Keessa Deebii 5:12–15; Nahimiyaa 13:15 –22; Ermiyaas 17:21–27). Kakuu moofaa jalatti guyyaa guyyaan dunkaana/Mana Qulqullummaatti aarsaan ni dhihaata ture. “Waaqeffannaan” sun itti fufiinsa kan qabu ture. Akkasumas “Wal ga'ii qulqulluu” guyyaa Sanbataa geggeeffamu ilaalchisee abboommii addaa Israa’eliif kenname ture; (Lewwoota 23:3; Lakkoofsa 28:9). Sanbata kabajuun “Mallattoo” kakuu Israa’elii fi Gooftaa gidduu ture (Ba’uu 31:13) dha.
Kakuu Haaraan Yihudootaa fi gara amantii Yihudootaatti kan jijjiiraman guyyaa Sanbataa mana sagadaa keessatti wal ga’uu galmeessa; (Maarqos 6:2; Luqaas 4:31; Luqaas 13:10–16; HoE 13:14, 27, 42–44; 15:21; 16: 13;17:2). Guyyaa Sanbataa hojiin tokkollee osoo hin hojjetamin, guyyaan Sanbataa tajaajila waaqeffannaa qindaa’e qabaachuuf guyyaa gaarii akka ta’u beekamaa dha. Haa ta’u malee, Kakuu Haaraan guyyaan Sanbataa guyyaa waaqeffannaa akka ta’u hin ajaju. Waldaan Seera Musee jala hin jirtu. Yesus seericha Kakuu Moofaa raawwatee seera Kakuu Haaraa jala nu galche; Mat 5:17 sirriitti irra deebi'ii dubbisi! ...seera raawwachuufin dhufe" jedhe Yesus. Kunis Yesus waan seerichi gaafatu hundumaa namoota bakka bu'ee seericha raawwachuun, dibbii, "Fiixaan ba'eera" jedhuun goolabe. Seerri raawwatamuun isaa yookiin xumuramuun isaa isa Yesus "Fiixaan ba'eera" jedhe sana keessatti goolabame.Kanaafuu amma seericha isa Kakuu Moofaa sanatu Kakuu Haaraa keessatti hojjeta utuu hin taane, seera Kakuu Haaraa 'SEERA HAFUURAA KRISTOS' tu waldaa keessatti hojjeta. Seerri Hafuuraa Kristos immoo Kristos Yesus Isa Seericha raawwatetti amanuun qajeelummaa Isaa fudhachuu dha. Qajeelummaa Yesus keessa seennee jiraachuu jalqabne jechuun immoo sana godhii fi kana hin godhinii seericha Kakuu Moofaa sana bira ol darbinee Yaada Kristos qabaachuutti dhufne jechuu dha.
Sababni namoonni baay'een, "Kakuu Haaraan Seera Kakuu Moofaa jala hin jirtu" jedhanii ija jabinaan dubbachuu dadhabaniif yoo akkas jedhan Kakuu Haaraan seera-dabeessa ta'a jedhanii waan yaadaniifi dha; yookiin fayyina Kakuu Haaraa kanatti arganne seera Kakuu Moofaatu keessatti nu eega se'u. Garuu Kakuu Haaraan seera-dhabeessa utuu hin taane jireenyaa fi seera jireenyaa kan of danda'e qaba. Seerri Musee sun iyyuu erga akka sana kabajamaa ta'ee, seerri Hafuuraa Kristos immoo hammam caslchisee kabajamaa akka ta'e beekuu fi fudhachuu qabna.
Waldaan Kakuu Haaraa jalatti kan argamtu yoo ta’u, du’aa fi du’aa ka’uu Yesus Kristosiin hundeeffamte. Macaafni Qulqulluun bakka kamitti iyyuu kristiyaanonni guyyaa Sanbataa (Qidaamee) akka guyyaa waaqeffannaatti adda baasuu isaanii hin ibsu. Caaffanni Qulqullaa’oon Kristaanonni karaa kamiinuu guyyaa Sanbataa wal ga’uu ibsan, dhugaa dubbachuuf tattaaffii wangeelaa mana sagadaa Yihudootaa, kan guyyaa Sanbataa wal ga’an agarsiisan qofa. Hojii Ergamootaa 2:46 Kristiyaanonni durii guyyaa guyyaan wal ga’uu isaanii galmeessa. Warri Beeriyaa guyyaa hundumaa Caaffata Qulqullaa’oo ni qayyabatu turan; (HoE 17:11). Kakuu Haaraa keessatti ergamoonni yookaan kristiyaanonni durii karaa kamiinuu guyyaa Sanbataa akka guyyaa waaqeffannaa murtaa’etti akka kabajan ragaan hin jiru.
Caaffanni qulqullaa’oon akka Roomaa 14:5–6 fi Qolosaayis 2:16 irratti ibsutti kristiyaanonni guyyaa addaa akka kabajan yookiin guyyaa hundumaa akka addaatti akka kabajan bilisummaa ni kennu. Fedhiin Waaqayyoo, Sanbata yookiin Dilbata qofa osoo hin taane, guyyaa hundumaa, itti fufiinsaan isa waaqessuu fi tajaajiluu dha. | 0 |
| 17 | #ADVEENTISTII FI DOGOGGORA ISAAN BARSIISAN
====================
Bal’inaan yoo ilaalle, namni Yesus akka deebi’u eegu kamiyyuu Adveentistii jedhamee waamamuu danda’a. Haa ta’u malee, jechi Adveentistii jedhu akka idileetti namoota ykn gareewwan Yesus yeroo kamiyyuu akka deebi’u eegan, yookiin yoo xiqqaate carraa sana hayyamaniif qofaaf kan kennamee dha. Hiika ti’ooloojii bal’aa Kristiyaanota baay’ee irratti raawwachuu danda’u bira darbee, gareewwan lakkoofsi muraasni waggoota darban keessatti Adveentistii jedhamanii waamamaniiru.
Jalqabbii Adveentizimiif akka sochiitti yeroo baay’ee kan galateeffamu Wiliyaam Miilar, lallabaa “Yesus bara 1843 yookiin 1844 ni dhufa” jedhee raage sana dha. Miilariin amanachuun hordoftoonni isaa hawaasa keessaa ba’anii eegaa turan. Kunis bu’aan isaa 'Mufannaa guddaa' bara 1844 jedhamee waamamu fide. Yeroo Miiler akka Yesus deebi’utti tilmaame hin deebine; Hordoftoonni Miilar irra caalaan isaanii gara jireenya isaanii isa idileetti deebi’an. Miiler deebi’ee dhufuu Yesus irratti amantaa qabaachuu isaa itti fufe; garuu shallaggii isaa irratti dogoggora tokko tokko hojjechuu akka danda’u amanee fudhate.
Har’a gareewwan gurguddoon lama maqaa isaanii irratti “Advent” ykn “Adventist” jedhu kan qaban jiru. Adveentistoonni guyyaa torbaffaa kallattiin sarara ti’ooloojii Wiliyaam Miilarii fi karaa barsiisa dabalataa Ellen G. White ka’an. Adveentizimii guyyaa torbaffaa irratti dogoggorri barumsaa baay’eetu jira; garuu maqaan “Adveentistoota guyyaa torbaffaa” jedhu kutaa ti’ooloojii isaanii lama agarsiisa: guyyaa torbaffaa (Sanbata) akka Seeraatti kabaju; akkasumas Gooftaan yeroo kamiyyuu akka deebi’u ni eegu. Isaan Adveentistoota guyyaa torbaffaa kabajanii dha.
Waldaan Adveentist qaama guddaa kan biraa maqaa isheetiin “advent” jedhamu qaba. Yeroo tokko tokko “Adveentistoota Guyyaa Jalqabaa” jedhanii of waamu. Kristiyaanota Adveentistii fi Adveentistoota Guyyaa Torbaffaa gidduu garaagarummaan guddaan tokko tokko jira; lamaan isaanii iyyuu guddina isaanii Wiliyaam Miiler irraa kan hordofan ta’us. Kristiyaanonni Adveentistii akka walii galaatti “Hirriba lubbuu” barsiisuu isaanii irraa kan hafe ortodoksii dha; kana jechuun, namni tokko yeroo du’u, hanga Yesus deebi’utti “rafa”-jecha biraatiin, lubbuun hanga ta’utti ofumaan waan tokkollee hin beektu; dhufaatii lammaffaa irratti qaama du’aa ka’ee wajjin deebitee walitti makamtee yookiin, warra hin amanne yoo ta’e, firdiidhaaf du’aa kaati jedhu. Barumsi kun dogoggora akka ta’e Caaffanni Qulqullaa’oon akka barsiisanitti, amantichaaf, qaama irraa fagaachuun (fooniin boqochuun) Gooftaa wajjin argamuu akka ta’e Phaawulos Fil 1:23 irratti dubbateera.
Rakkoon biraa Waldaa Adveentistii fayyina ilaalchisee qaban, “Amantii qofaan qajeelummaa” isa jedhu hin amanan. Kan isaan Sanbata/qidaamee irra sagadaniifis seera Sanbataa eeguun fayyuu yaada jedhu kan qabanii fi warra akka isaanii hin taane hundumaa seera-cabsitootaa fi warra badanitti lakkaa’u.
Garee gurguddoo lamaan kanaan alatti gareewwan Adveentistii xixiqqoo baay’een jiru. Xiinxala dhumaa irratti, Adveentistoonni hundinuu deebi’ee dhufuu Yesus dhihoo ta’uu isaa eeguun wal fakkaata. Amantii sanaan alatti garaagarummaan adda addaan qoratamuu fi madaalamuu qabu baay’ee dha. Caaffanni qulqullaa’oon yeroo kamiyyuu deebi’ee dhufuu Yesus akka eegnu kan nu barsiisan yoo ta’ellee, guyyoota kaa’uu fi tilmaama addaa gochuun yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu kan hin taanee dha; (Maatewos 24:36)
Guyyaan Sanbataa maali? Jalqaba irratti gaaffiin “Guyyaan Sanbataa maali?” jedhu baay’ee salphaa fakkaata. Akka Seera Ba’uu 20:8–11 tti, Sanbatni torban keessaa guyyaa torbaffaa (Qidaamee), kan ijoolleen Israa’el itti boqotan, Waaqayyo guyyaa ja’a keessatti uumama cufa uume; sana booda guyyaa torbaffaatti “Boqochuu” Isaa yaadachuuf. Haa ta’u malee, hubannoo dogoggoraa fi hiikkaa dogoggoraa gareewwan kristiyaanaa tokko tokko irraa kan ka’e hiikni boqonnaa guyyaa Sanbataa burjaaja’ee jira. | 0 |
| 18 | “Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.”
— Ibr. 1:3
Wanta addunya kana irra jiru akkasumas garaa lafaa keessa jiru kamiyyuu goofticha duraa dhokachuu hin danda'u. Dubbii isaa isa qulqulluudhan hundumaa baata. Warri isatti amanan fuula ulfina qabeessa waaqayyoo keenya isa guddichaa dhaabbachuuf jiru. Kun immoo guyyaa inni ulfina fi ergamootan marfame dhufutti ta'a!. | 0 |
| 19 | Baroota jalqabaa barsiisi Sadan Tokkummaatiin mormu kun mul’ataa hin turre. Abbootiin amantaas ifaaf bilisaan eenyummaa Waaqayyoo keessa qaamni tokkoo ol akka jiru barsiisaa turan. Fakkeenyaaf:
70 A.D – kitaabni “The Teaching of the Twelve Apostles /Barsiisa Ergaamoota kudha lamaanii”, yookiin “The Didache” jedhamu Waldaan Kristiyaanaa Yeroo sana turte eenyummaa Waaqayyoo keessa qaamni tokkoo ol akka jiru amanaa fi barsiisaa akka turte ragaa qabatamaa lafa ka’a. Karaa kan biraatiin ergaawwan Phaawulos bara 60 hanga 64 A.D tti barreese kanuma mirkaneessa. Barreessitoonni Eusebius (260-341 A.D) fi Athanasius (293-373 A.D) jedhaman mirkaneessaniiru. Abbootiin amantii armaan gaditti tarreeffaman eenyuummaa Waaqayyoo keessa qaamni tokkoo ol akka jiru barsiisaniiru. Isaan keessaa muraasni:-
110 A.D. – Ignatius of Antioch (Epistle to the Ephesians, 0:0).
151 A.D. – Justin Martyr (First Apology 13:5–6).
181 A.D. – Theophilus of Antioch (A letter to Autolycus 2:15).
189 A.D. – Irenaeus (Against Heresies 1:10:1).
216 A.D. – Tertullian (Against Praxeas 2).
225 A.D. – Origen (The Fundamental Doctrines 4:4:1).
228 A.D. – Hippolytus (Refutation of All Heresies 10:29).
235 A.D. – Novatian (Treatise on the Trinity 11).
262 A.D. – Dionysius (Letter to Dionysius of Alexandria 1).
265 A.D. – Gregory the Wonderworker (Declaration of Faith).
325 A.D. – Yaadni Sadan Tokkummaa yaa’ii Niiqiyaa keessatti tumaalee ta’ee gale.
381 A.D. – Yaadni Sadan Tokkummaa yaa’ii Konistaantinoppil keessatti tumaalee ta’ee dabalame.
Gabaabaadhumatti waa’een Sadan Tokkummaa bara 325 A.D. dura iyyuu akka jiru ibsuu barbaadeen fakkeenyummaaf jara kana tarreesse. Tarii namni tokko erga abbooti amantii jalqabaa Sadan Tokkummaatti amanu ta’ee barumsi Sadan Tokkummaatiin mormu eessaa dhufe jedhee gaafachuu ni danda’a ta’a. Deebii isaa kana immoo kutaa itti aanu keessatti waliin ilaalla. | 0 |
| 20 | Egaa kan ergamoonni jalqabaa sun irra deddeebiin ibsuu barbaadan akka Yesus du’aa ka’e eeruuf maqaa Yesus Isa jiraataatti akka cuuphan ibsan malee, ergama Yesus maqaa Abbaatti, kan Ilmaattii fi kan Hafuura Qulquluutti cuuphaa jedhe irraa tasumaa hin kaanne. Barumsi Apostiliikii qabiyyee Kitaaba Qulqulluu walii galaa caalaatti, jecha yookiin gaalee qofa luqqisuudhaan gar-malee hiikkachuu irratti kan hundaa’ee dha. Dubbiin Qol 1:15-16tti jiru qabiyyeen ergaa isaatii caalaadhumatti iyyuu Waaqummaa Yesus calaqqisiisuuf kan barraa’e yoo ta’u, “Bifa Waaqayyo Inni ijaan hin argamne ittiin mul’atee dha” jechuun utuu Kristos foon uffatee mul’achuu baatee namni ija fooniitiin Abbaas ta’e Hafuura Qulqulluu arge hin jiru jechuu dha. Karaa kan biraatiin immoo mul’achuu Kristosiin fedha Abbaas ta’ee, fedhi Hafuura Qulqulluu galma ga’eera jechuu dha.
‘Inni angafa uumama hundumaati’ kan jedhu yoo ilaalle immoo, ‘Angafa’ jechuun akka hiika afaan Griikiitti hiika lama qaba; isaanis: 1.PROTOTOKOS: jechuun hoogganaa, bulchaa, geggeessaa jechuu yeroo ta’u, 2.PROTOKTISTOS jechuun immoo dura kan uumame jechuu dha. Kanaaf akka ibsa hiika afaan Griikiitti, Kristos PROTOTOKOSI dha malee Protoktistos miti. Kitaabni Qulqulluun afaan Ingilliffaa, KJVn “The ruler of all creatures” jedha. Barsiisa Kristosis yoo fudhanne, “Abbaa biraan dhufe” jedhe malee, bakka tokkotti illee, “Abbaatu na uume” hin jenne. Keessumaa baasee iyyuu, “Anii fi Abbaan tokko” jedhe malees, “Anumatu Abbaadha” hin jenne.
Kan Inni jechaa jiru Abbaa fi Ilmi qaamaan yookiin eenyummaan adda adda ta’anii garuu tokkummaa addaan hin baane ‘Ikaad’ qabu jechuu dha. Kanaaf waa’ee tokkummaa ilaalchisee, Yesus ifaa fi bilisatti Abbaan akka jiru, Ofii Isaatii Abbaa wajjin akka ture, Abbaa biraa ba’ee gara biyya lafaa akka dhufe, deebi’ee gara Abbaa akka dhaqu haala hin mamsiisneen dubbateera. Waan Krstos ofiin jedhe caalaa waan Inni hin jedhin faallessanii warri Yesusiin jedhan dhuga-baatota sobaa yookiin ergamoota sobaa ti.
David Lamb, “A Brief History of the Oneness Pentecostal Movement” jedhee kan barreesse akka itti aanutti hiikamee yaadni ijoon keessaa fudhatamee jira. Waldaan Apostiliik (Hawaariyaatii) (Oneness Pentecostal) wanti adda godhu yoo jiraate, sochiin isaanii dhokataa fi salphaatti kan bira hin ga’amne ta’uu isaati. Kun immoo kan inni ta’uu danda’eef, ka’umsi isaanii waldaa hafuuraa yookiin waldaa haareffamaa keessaa waan ta’eefii dha. Baay’een isaanii barsiisi waa’ee sadan tokkummaa yaa’ii Niiqiyaa irratti bara 325 akka kalaqametti yaadu, barsiisus. Garuu yaadni kun dogoggora; sababni isaas, yaa’ii Niiqiyaa irratti abboota amantii bara sana turantu walitti qabamanii waanuma bu’uura irraa itti amanan ibsan malee, kan isaan irratti barumsicha kalaqan miti. Hanga xumura jaarraa 2ffaatti barsiisi ifatti ba’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyootiin morme waan hin jirreef waa’ee Sadan Tokkummaa Waaqayyoo irratti ibsa kennuun isaan hin barbaachisne ture.
Yeroon kana jedhu labsii fi barsiisi waldaa har’aa yaa’ii Niiqiyaa irraa eegalee suuta suuta bal’achaa dhufuu isaa ganuu koo miti. Haa ta’u iyyuu malee wanti isaan qindeessanii fi baballisanii barsiisan waan Kitaaba Qulqulluu irra hin jirre ofii kalaqanii akka hin taane hubatamuu qaba. Wantoota yaa’ii Niiqiyaa irratti tumaman, hunda har’a fudhachuus fudhachuu dhiisuus ni dandeenya ta’a. Waan nuti hubachuu qabnu garuu, yaa’iin Niiqiyaa waan haaraa fide utuu hin taane, waanuma waggoottan dhibba lamaa fi shantama dura eegalee bartootaan barsiifamaa dhufee achi ga’e ifa godhee ibse. Abbooti amantaa bara sanaa dhimma barumsa dogoggoraa kanaan wal qabate, waliif barreessanii erga yaada wal jijjiiranii booda ibsa kana kennuu danda’aniiru. Warri sadan tokkummaa ganan kun barsiisichi akka waan bara 325 kalaqameetti haa kaasan malee ragaan galmee seenaas taanaan kana hin mirkaneessu. | 0 |
