en
Feedback
Jesus will come soon again

Jesus will come soon again

Open in Telegram

Dhufaati #YESUS_KIRISTOOS nama hundumaatti lallabna! “Ani saba hundumaafuu, warra Giriikotaa fi warra Giriikota hin ta'iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira;” — Rom. 1:14

Show more
315
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+1230 days
Posts Archive
✍ Mark Yadeta WALDAA APOSTILIIK—HAWAARIYAAT—JESUS ONLY (ONENESS PENTECOSTAL MOVEMENT) ===================== Akkuma beekamu dhugaan haaluun hin danda’amne dhugaan Kakuu Haaraa irraa hubannu addunyaa kana irra Waldaa Kristiyaanaa tokkittiitu jira. Dhagaan bu’uuraaf ta’u waldattiin irratti ijaaramte Kristosi dha; barsiisa bu’uuraa waldiittiin irratti bu’uuramte immoo barsiisa ergamoota Gooftaa Yesus wajjin turan warra kudha tokkoo, Maatiyaas isa iddoo Yihudaa bu’ee fi erga Yesus gara Abbaatti ol ba’een booda immoo haala adda ta’een Yesus Ofii Isaa kan itti mul’ise Phaawulos ture. Hundee barsiisaa gareen ergamootaa armaan olitti caqasaman kanaan alatti namni kam illee, kan ergamaadha ofiin jedhus ta’ee kan biraan barsiisa waldaaf hundee ta’a jedhee yaadu tasumaa fiduu fi bu’uureessuu hin danda’u. Ergamoonni jalqabaa sun hundee barsiisa Waldaa Kristiyaanaa isa dhugaa fi isa hin geeddaramne waan kaa’anii darbaniif waldaa dhugaa tokkittii fi fuula Waaqayyootti beekamtuu taate ‘Waldaa Ergamootaa’ akka taate wal nama hin gaafachiisu. Har’a addunyaa kana irratti moggaasa amantaa maqaa hedduun jiru sun hundi iyyuu dhaabbata amantaa agarsiisu malee Waldaa Kristiyaanaa miti. Dhaabbatawwan sana keessaa kan Waldaa Kristiyaanaa keessatti hammatamtu warreen hundee barsiisa ergamoota jalqabaa sana irratti ijaaramanii jiran qofaa dha. Kanaafuu waa’ee ‘Waldaa Ergamootaa /ዚሐዋርያቔ ቀተክርሔቔያን/ (Jesus Only) isa jedhu kana yeroo ilaallutti maqaa isa jalqabaa qabatanii jiran malee, barsiisa hundee jalqabaa irraa warra kaatan ta’uu isaanii isin hubachiisuunin jalqaba. Waldaa Ergamootaa /ዚሐዋርያቔ ቀተክርሔቔያን/ (Jesus Only) kan jedhaman, "Yesus qofa malee wanti kan biraan hin jiru" jedhanii warra amananii dha. Gareen kun warra Waaqayyo tokkichi qaama sadiin mullachuu Isaa gananii dha. Diddaa isaanii kana luqqisii Macaafa Qulqulluu armaan gaditti mul’atu kana haqaaqanii gara isaaniif mijatetti hiikuudhaan dhaabbata balaafamaa tokko hundeessan:- Kristos bifa Waaqayyo Inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atuu dha; uumama hundumaa duras dhalate. Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman Isaan uumaman; wanti hundinuu karaa Isaa uumame, Isaafis uumame. (Qol 1:15-16) Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; 
 (HoE 4:12) Phexros immoo, “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokko tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus in fudhattu. (HoE 2:38) Kutaalee olii kana wabeeffatanii, “Ergamoonni jalqabaa, Hojii Ergamootaa keessatti yeroo namoota cuuphan maqaa Yesus qofaan cuuphan waan ta’eef, maqaa kan biraan hin jiru; Abbaanis, Ilmis, Hafuurri Qulqulluunis maqaadhuma garaagaraa Yesus ittiin waamamuudha” jedhan. Barsiisi isaaniis ‘Modal Thrinity’ jedhama. Kana jechuun qaamuma tokkichatu karaa sadiin of mul’ise: bara Kakuu Moofaatti Abbaa, bara lafa irra ture immoo Ilma, yeroo ol ba’etti immoo Hafuura Qulqulluu ofiin jedhe malee, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu wanti jedhamu hin jiru” jedhu. Ergamoonni kan isaan ‘Maqaa Yesus qofatti’ jedhanii cuuphaa turaniif ergama guddicha Yesus Mat 28:18-19 keessatti, “Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Hafuura Qulqulluutti cuuphaa!” jedhee ajaje sana jijjiiruuf utuu hin taane, waqtii sana Yesus akka du’ee ture, Yesus dursee akka du’aa ka’u waan dubbateef iddoon awwaala isaatii baasii guddaan itti baafamee akka eegamu, garuu Yesus immoo utuu warri awwaalicha marsanii eegan utuuma jiranii raafama lafaa guddaan akka ta’ee fi akka Inni du’aa ka’e eegdonni sun qaama dhimmi isaa ilaalutti beeksisanii akka turan, qaamni mootummaa yeroosii immoo akka Yesus du’aa ka’e akka eegdonni sun dhoksaniif kaffaltii guddaan godhameefii akka ture dhugaa ifa-galaa dha.

#Repost!! YAA WAAQAYYO NU ARGADHU!! "Abbaa waaqa irra jiraattuu, har'a fuulakee duratti dhiyaannee dhiifama, geggeessaa fi kallatti akka nutti agarsiiftu si kadhanna. ● Nuyi beekna dubbiin kee, "wayyoo warra hamaadhaan gaarii jedhaniif " jedha. Garuu warri kana godhan nu mataa keenya dha. ● Nuyi madaalli jireenya hafuuraa keenyaa gatnee, duudhaalee keenya jijjiirreerra. ● Nuyi hiyyeessa saamnee kun lootoriidha jenne. ● Nuyi warra ulfa baasaniif beekamtii laannee, kun hojii sirriidha jenne. ● Nuyi ulfa garaadhaa baasnee, kun filannoodha jenne. ● Nuyi dhibaa'ummaa baadhaasnee, kun nageenya jenne. ● Nuyi ijjoollee naamusa gaariidhaan guddisuu dhiisnee, kun ofitti amanamummaa ijaaruudha jenne. ● Nuyi aboo nu harka jirutti fayyadamuudhan waan jaalannu goonee, kun siyaasa jenne. ● Nuyi qabeenya warra biroo saamnee, kun fedhii ofii rawwaachuudha jenne. ● Nuyi duudhaalee ulfina qabeessa Macaafa qulqulluu irraa gorree, kun ammayyummaadha jenne. Yaa Waaqayyo nu argadhu!, Maaloo garaan keenya hangam akka inni badee jiru beekna, cubbuu keenya mara irraa nu qulleessi. Bilisa nu baasi!Amen!". Dr. Biilii Giraam ummata isaaf kan kadhate

“Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.” — Yoh. 4:24
“Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in ta'aaf' ittiin jedhe.” — Yoh. 4:24

Abbaan tokko ilma isaa akkas jedhee gorse: "Ilmakoo, jireenya kee keessatti wantoota sadii irratti gonkumaa abdii hin kutatin
Abbaan tokko ilma isaa akkas jedhee gorse: "Ilmakoo, jireenya kee keessatti wantoota sadii irratti gonkumaa abdii hin kutatin:nyaata hundarra gaarii ta'e nyaachuu, siree hunda caalaa mijataa ta'e irra ciisuu fi mana hundarra gaarii ta'e keessa jiraachuu." Ilmis "Garuu nuti bar hiyyeeyyiidha. Akkamittan sana galmaan ga'a?" Abbaan ogeessi sun deebiseefii, "Yeroo dhugaan beeloftu qofa yoo nyaatte, wanti nyaattu nyaata hundarra gaarii siif ta'a" jedheen. Yoo cimtee hojjettee fi akka gaariitti boqotte, sireen xiqqaan illee siree hundarra gaarii taÊŒee sitti dhagaÊŒama. Akkasumas namoota kaan gaarummaadhaan yoo ilaalte, Oonnee isaanii keessatti bakka argatta, akkasitti, mana baay’ee jaallatamu keessa jiraatta jedhen." Kanan dubbise irraa! BE OPTIMISTIC!!

“" 'Isin gidduudhaa namni ekeraa dubbisu yookiis ekeraa waamu, dhiirris dubartiinis haa ajjeefaman! Isaan dhagaadhaan haa rukutaman, dhiigni isaaniis mataa isaanii irraa haa barbaadamu!' jedhi!" jedhe.” — Lew. 20:27 Gama kaaniin iji tokko addunyaa bineensichaa keessatti haalaan dhimma itti ba'ameera, itti ba'amaas jira. Garewwan golgaa duubaa (Secret Societies) mallattoo ija-tokkee kana "all seeing eye" ija hundumaa argu jechuun dhimma itti ba'u. Addumatti ammoo mallattoon "one-eye" Illuminaatota bakka bu'a. Egaa gabaabumatti kanan jechuu barbaade, Macaafni Qulqulluun akka nutti himutti Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoo tokkoon tokkoon keenya warra Kiristoositti amanuudhaan fayyina arganneeti (Roomaa 8:9-11). Hafuurri kun qajeelchaa fi barsiisaa dhugaa, hundumaa nuuf ta’a (Yohaannis 16:13). Kiristaanotaaf geggeessummaan hafuuraa fi wal-qunnamtiin hundi Waaqayyo biraa, kadhannaa fi mul’ata sagalee isaa irraa dhufuu qaba. Kana jechuun hafuura qulqulluun ala miira biraa itti dhimma baanu hin qabnu, hin qabaannus jechuudha. Miira ja'aaffaa, ija sadaffaa, ija-tokko qabna utuu hin taane nuti hafuura qulqulluu qabna. Kana kanaan alaa isaan kaan hojii xibaartotaa/moortotaati. Miirri ja'affaan/iji sadaffaan/ iji tokko nun barbaachisu, kan nu barbaachisu hafuura qulqulluu qofaadha, sanaan ala hundinuu sobadha. Itti funaansa biraa dhiifnee akka ta'utti hafuura kanatti yoo gadi of-dhiifne hafuurota kanneen biroo nu gowoomsaniin tasumaa raawwannee karaa irraa hin jal'annu. ✍ Oliifan margaa

IJA-TOKKEE/MIIRA JA'AFFAA/IJA SADAFFAA ~~One-Eye/Sixth-Sense/Third-Eye~~ ‱‱‱ Yeroo baayyee waa'een dhoksaa ija tokkoo yeroo ka'u, "humna ol'aanaa yaada kenya hunda argu, hunda beeku, gaariis ta'e hamaa nuuf hawwu" jechuun fakkeeffama. Waaqayyo garuu waaqa dhala namaa hundumaaf gaarii yaaduudha malee waaqa hamminaa miti. Ija kana akka mallattoo fayyinaa, eegumsaa fi kanneen birootti kan ilaalanis jiru. Iji tokkichi kun akka aadaa fi amantaa namoota garaa garaatti Ija Hamaa, Ija waaqayyoo (god), Ija Hooris waaqa tolfamaan bakka buufameera. Sanas ta'u kana garuu ija tokkicha kana yeroo baay'ee akka ija hamaatti yeroo itti dhimma ba'antu mul'ata. Mallattoon ija tokkichaa kun Miira ja'affaa (sixth sense) ykn ija sadaffaa jedhamuunis beekama. Miirri ja’affaan (Extra-Sensory Perception) ESP ykn hubannoo miir-alee jedhamee ibsamuu danda’a. Hubannoon miiraa alaa jedhamuun beekamu kun miira bu’uuraa shanan (arguu, fuunfachuu, dhandhamuu, tuquu fi dhaga’uu) ykn miira saayinsii fiiziyoloojii ala karaa biroo daandii ittiin odeeffannoon argamuudha jedhama. Kanas baay'een aadaa fi amantii isaanii irratti hundaa’uun miira ja’affaa waan hafuuraa irraa hanga tekinooloojiitti walqabsiisu. Har'a amantaan tekinooloojii hidhata godhatee addunyaa dhiibaa jiru ammoo amantaa warra Waaqayyoon gananiiti. 'Parapsychology'n gosoota ESP murtaa’oo kanneen akka "psychics and mediums" akkasuma "clairvoyance, telekinesis" dabalatee qunnamtii namoota du’an waliin taasifamu ilaala. Kanas waan ifoomsu ni qabaata. Miira ja'affaa/ija sadaffaa/ija tokkicha ilmaan dukkanaa dhoksaa du'aa gadi fagoon walitti hidhanii itti dhimma ba'u. Fiilmiin mata dureen isaa "The Sixth Sense" jedhamu namoonni dandeettii "namoota du'an" arguu, ykn addunyaa hafuuraa wajjin wal qunnamuu akka dandaa'an ifatti agarsiisee jira. Qophiin televiiziyoona mata duree "Medium and Ghost Whisperer" jedhuun adeemsa fiilmii kana daawwachiisuu itti fufee jira. Dhuguma hafuura namoota duÊŒanii arguun ni dandaÊŒamaa? Wanti "miira ja'affaa" moo "ija sadaffaa" jedhamu jiraa? Mee bu'uura Macaafa Qulqulluun haa ilaallu! Macaafni Qulqulluun addunyaan miira uumamaa ala ilmaan namootaan wal-quunnamu akka jiru akeekuun garuu muuxannoowwan gosa akka kanaa irraa fagaachuu akka qabnu ifa godha. Dandeettii hafuuraa gosa kamiiyyuu yoo ta'e wanta Macaafni Qulqulluun fudhatama qaba jedhee fudhachuun alatti waan biraa fayyadamuu hin qabnu, akkasumas nama kana godhu kamiyyuu mariisisuu hin qabnu. Wanti akka miira ja’affaa ykn ija sadaffaa kan Waaqayyoo miti. Warri dandeettii akkasii shaakalchiifna jedhan yookaan gowwoomsitoota of gowwoomsan, fi namoota humna humnoota jinniiwwanii jala jiraniidha. Macaafni Qulqulluun Kakuu Moofaa keessatti eertuu miira ja'affaa/ija sadaffaa kana ni dubbata. Namoonni bara kakuu moofaa keessatti ija sadaffaa kana fayyadamaa akka turan akeektuun jira. Innis karaa namoota du'aa dubbisaniiti. Namni du'aan wal argu miira isaa isa foonii kana dheessuun addunyaa hafuuraatti godaaneeti. Kanas karaa namoota dubbisanii "eker-dubbiftuu" quunnamama. “" 'Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, gara eker-dubbiftuutti hin garagalin, isaaniin xuraa'uudhaafis warra ekeraa dubbisan hin iyyaafatin!” — Lew. 19:31 Namoonni gocha akkasii godhanis ta'e kanneen goosisan Waaqayyoon aarsaniiru. Gocha akka kanaa yeroo baay'ee namoota Waaqayyo irraa garagalantu hojjechuun beekama. Mootichi Minaasee fi Saa'ol (1Sam.28) gaafa Waaqayyo irraa garagalan gocha wal-fakkaataa raawwatanii jiru. “Inni dachaa ilma Hiinom keessatti ilmaan isaa ibiddaan gubee aarsaa in dhi'eesse; qaallota, warra hooda dubbatan, eker-dubbiftuu, namoota duumessa ilaalanii ayyaana hedan, warra qoricha namatti godhan in gaafatate; akkasitti wanta hamaa baay'ee hojjechuu isaatiin dheekkamsa Waaqayyoo of irratti in fide.” — 2Sen. 33:6 Akkasuma namoonni miira ja'affaa/ija sadaffaa kanatti dhimma ba'an bara kakuu moofaa keessa adabbiin isaaniif kennamu du'a ture.

#worship #eyesus_yemaxal! #Alegn_ketro! #please_dhaggeffadhaa‌

...,‌‌ Addunyaa ulaagaa baastu keessa jirra.Ulaagaan ulaagaadhumaan osoo ni ba'a ta'ee baay'ee bu'aa qaba ture. Garuu, rakkinni addunyaa kanaa yeroo ammaa ulaagaa ulaagaa malee ba'utu baay'ate. ✍👉Barnoonni barnoota malee kennamu akkuma nu rakkise,wanti baay'een ulaagaa malee ulaagaa ta'ee ba'aa jira. Ba'aas ture. Boris ni ba'a. ✍Addunyaa kana waan ijaan mul'atu caalaa waan hin mul'annetu ishee geggeessa. Addunyaan kun nuti waanuma arginu argaa jirra malee isheen harka lafa jalaatiin geggeeffamaa oolti. Dubbii qoosaa fakkaatu, garuu hiikaa qabu tokko akkas jedha;
"mucaa tokkotu waggaa baay'ee erga baratee booda, gaafa eebba isaa carraa gaaffii gaafatamuu argatee akkas jedhe, barsiisota keenya warra osoo hin baratiin nu barsiisanii asiin nu gahaniif galanni haa ga'u" jedhee dubbate jedhan.
Kana jechuun eenyu irraafi maal baratee achi ga'e jechuudha? 👉Osoo hin baratin warra barsiisan yoo taane, dhaloota osoo hin baratin barsiisuuf qophaa'u oomishna jechuudha. Kunis ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuudha. Addunyaa ulaagaa baastee ulaagaa malee baay'ee geggeeffamtu baay'ee argineerra. ✍Kan akka ulaagaa baasuu salphatu immoo hin jiru. Ulaagaa beektota baay'een qophaa'u argineerra.Warrumti ulaagaa sana qopheessan immoo ulaagicha cabsuuf ulaagaa biraa osoo isaan qopheeffataniis argineerra.Ulaagaa malee ulaagaa baasuu fi ulaagaa ba'e cabsuufis ulaagaa ba'utu nu rakkise. Addunyaan ulaagaa baay'ee baaftee waliin jiraachaa as geesse. Garuu yeroo hundumaa ulaagaa baay'een yeroo ilaalamu ulaagaa malee ba'e. Sirna beekamtiin kennameef caalaa sirna beekamtii hin qabnetu caala.
👉Murtoon addunyaa rakkisaa jiru isa sirnaan murtaa'e osoo hin taane, kan lafa jalaan murtaa'edha.
Ulaagaa ulaagaa malee ba'e jechuun ulaagaa akka namni ittiin jiraatu fi ittiin of gaggeessu ta'ee kan ba'e, garuu yeroo sirriitti ilaalamu ulaagaa guutuu kan hin dandeenye jechuudha.Yeroo ulaagaa baastu atumti ulaagaa baasuuf ulaagaa akka guuttu mee of ilaali mee. ✍Jiraachuutti maalif hin jiraannee?‌ #join #share #Ulaagaa

#Bara_kaayyoo_waaqayyoo_keessa_jiraattetu_lakka'ama!!! .
“Caaffanni waa'ee warra Addaam irraa dhalatanii kanatti fufee jira; Waaqayyo gaafa nama uume, akka fakkaattii ofii isaatiitti isa in tolche;” — Uma. 5:1
✍Macaafni Seera Uumamaa boqonnaan 5'n dhaloota Addaam hanga ilmaan Nohitti jiran tarreessa. Namoonni kun hundinuu jiraatanii du’an, nama umrii dheeraa lafarra jiru #Matusaalaa dabalatee, inni waggaa 969 jiraate (Uma 5:27). Kun kan nutti himu, turtiin keenya as lafa irratti hammam dheeraas ta’e gabaabaa ta’us, kan nama gammachiisus ta’e nuffisiisaa ta’us, yeroo murtaa’eef akka ta’e nutti hima.
“Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, "Namni foon uffate hundinuu akka margaa ti, ulfinni isaa hundinuus akka daraaraa margaa ti; margichi in coollaga, daraaraan isaas in harca'a.” — 1Phe. 1:24
👉Wanti guddaan, jireenyi keenya Waaqayyoof akka lakkaa’amu gochuudha. ✍Waaqayyo Seenaa Jireenya kee Keessa jiraa? ( Is God in the Narration of your Life?) Macaafni Qulqulluun, “Sheet erga dhalatee booddee,... “Barri Addaam jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi soddoma ture, kana booddees in du'e.” — Uma. 5:4-5 #Maatusalaa dabalatee hundinuu seeneffama wal fakkaatu qabu, #'in_dhalchu... #in_du'u'. ✍Yeroo gara #Henok dhuftu garuu , seenaan ni jijjiirame. “Matusaalaan erga dhalatee booddee, Henok karaa Waaqayyo irra deddeebi'uudhaan waggaa dhibba sadii Waaqayyoo wajjin in jiraate; ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.”.... “Henok karaa isaa irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebi'ee achitti hin argamne.” — Uma. 5:22_24 👉Ati hojjechuuf, ilmaan dhiiraa fi dubara horattee, achiis du'uuf qofa asi hin jirtu(hin uummamne). Ati kaayyoo Waaqayyoo raawwachuuf as gara ardii kanaa dhufte (You are here to fulfill the purpose of God); akkuma Henok Waaqayyoo wajjin adeemuuf uumamte. ⏰Osoo lafa kanarra jirtuu Waaqayyoo wajjin yoo deddeebite, bara baraanis isa waliin jiraatta(በዚህ ምዔር ላይ ሳለህ ኚኄግዚአቄሔር ጋር ቄቔሄዔ ኚኄርሱ ጋር ለዘላለም á‰”áŠ–áˆ«áˆˆáˆ…áą) Akkuma Waaqayyo Abrahaam isa wajjin akka adeemufi balleessaa kan hin qabne akka ta'u itti hime (Uma 17:1) Waaqayyo har’as nama hundumaa irraa wal qixa kanuma gaafachaa jira(mudaa malee fuula isaa akka jiraannu jechuudha). ✅Jireenyi kee guyyaa guyyaan Waaqayyoof akka lakkaa'amu taasisi. ✅Sababni, Waaqayyoo umurii ati lafa kanarratti jiraatte irraa dhimma hin qabu, Waaqayyoo guyyoota ati yaada isaa keessa jiraattefi kaayyoo Waaqayyoo ittin gara ardii si fide keessa gaafa jiraattu siif lakkaa'a. ✅Waaqayyoo kaayyoo guddicha lafa kanarratti qopheesse karaa tokkicha ilma isaa raawwateera. âžĄïžProposalli guddichi Waaqayyo barootaaf qopheesse #guyyaan_murame yeroo ga'etti ilmaan namootaaf applied godheera. Kunis namoonni hundinuu Yesuus kiristoositti amananii jireenya bara baraa akka argataniidha. Waaqayyo abbaan umurii dacheerra jiraatte utuu hin taane, #sanada waaqayyoo keessa guyyaa galtee fi itti jiraatte irra siif lakkaa'a.
Jireenyikee fuula ulfina qabeessa waaqayyo tokkichatti fudhatama akka argatu #karaa inni qopheesse irra adeemi.
🔘Kunis Iyyesuus Kiristoos, Ilmi isaa Qulqulluun, karaa tokkicha gara Waaqayyoo abbaatti geessudha, (..., "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.” — Yoh. 14:6). Yeroon itti waaqayyo namoota karoora isa qopheesse akka fudhatan taasise muraasa, raawwachuuttis jira. #Yesuusin amanatteera taanan qajeeltoo dubbichaatti jiraadhu. Hundeen kees dubbicharraa yaa dhaabbatu malee barsiisa bu'uura sagalicha(logos) hin qabneen hin lucca'in. Waca raajoota sagalee waaqayyoo hin bu'uureffannee raawwadhuu irra gori. #Yesuusiin hin amanne taanan, Yesuus si jaalata. Isatti amani inni jireenya keef karoora dinqisiisaa qaba. har'a lubbuu kee itti dabarsi. Ergaa kana namoota biroottif share gochuudhan wangeela waliin haa hojjennu. #join #share #jesuswillcomesoonagain 🔚

#Jaalalli_akkasi..!! Abbaan tokko ganama barii ka'ee gara laga naannoo bakka jiraatutti yeroo deemu riqichi laga sanarra jiru akka cite argu...akkasumas riqicha cabe sana irra daandiin baaburaa akka jiruu fi baaburri namoota hedduu fe'ee deemus riqicha cite sana irra akka darbu waan beekuuf, #ariitiidhan gara manaatti deebi'ee hojjettoota isaa waamee haala jiru erga itti himee booda, konkolachisaa baabuuraa sanatti #milikita riqichi cabuu argisisuu huccuu irratti barreesseefi.... hojjataa tokko kiiloo metira shan irra, isa tokko immoo kiilomeetira afuri irra dhaabee, hojjetaa biraa immoo kiiloo meetira sadi irra, isa tokkos kiiloo metira 1ama irra dhaabee #baaburri yeroo dhufe milikkita riqichi cabu isa of-harkaa qaban sana akka itti argisiisan taasise. Konkolaachisaan(shufeerri) baabuura sanaa barreeffama hojjettooti itti argisiisaa jiran utuma arguu maal nadhibdeedhan bira darbe. 👉#Abbaan kun dhibbaa'ummaa konkolaachisichatti ni gadde. Baaburichi gara riqicha cabeetti dhiyaachaa dhufnaan, #ilma_isaa_tokkicha qabu fageenya kiiloo metira tokko irra "maaloo riqichi cabee sila jiruuf baaburicha dhaabi" barreeffama jedhu qabatee akka dhaabbatu taasise. Baaburichi utuu hin dhaabbatin iddoo mucaan dhaabate gahe. Mucichi garuu hadiida baaburaa irra rafeera. baaburris mucaa isa rafe #rukutee laga sana gahuuf meetirri muraasni yeroo hafutti, #lafeen_mucaa caccabee #sansalata baaburaa keessa waan seeneef, baaburri ofuma isaan dhaabbate!. Shufeerri baabura sanaa irraa bu'ee yeroo ilaalu dhuguma riqichi cabee akka jiru arge. Garaa isaatirra gaddee edaa namoonni baay'een milikita riqichi cabuu fageenya irraa natti argisiisaa turan waanan dhagahuu dideef, mucaan kun #aniifi uummanni kun akka hin duuneef, "ofiisaati du'ee aarsaa of godhee"? Jedhee #mararamee boo'e!. 😭😭😭
✍Duuti mucichaas namoota hundumaa du'a irraa oolche!.
👉Eegaa #Waaqayyoos yeroo garaa garaatti raajoota ergee akka nuti karaa cubbuu irra adeema jirrurra akka deebinuufi badiisa akka oolluuf irra deddeebi'e si'a hedduu nu akkeekkachisuus matuumaa isa dhagahuu hin dandeenye.😭😭 ✍Yeroo yerootti carraa fayyinaa garaa garaa ilmaan namootaf yoo kenne iyyuu namni garuu, #jireenya_borofaa irra kan darbe jiraachuu hin dandeenye.😭😭 Kanaaf, “Abbaan ilma isaa fayyisaa biyya lafaa godhee akka erge,.." 1Yoh 4: 14 jedhamee akkuma barreeffame, sababii cubbuu keenyaan waan dadhabneef, #Waaqayyo ilma isaa Iyyesuus Kiristoosiin fakkeenya foon cubbamaa godhee cubbuudhaaf aarsaa godheera!!!! đŸ™đŸ™ ✍Foon Kiristoos(namummaa kirstoos) irratti, karaa fannoo, amala cubbuu keenya irratti murtii du’aa raawwachuudhaan, #sansalata booji’amuu bara Addaam irraa eegalee jaarraa hedduuf nutti hidhamee ture cicciree... harqoota(waanjoo) nurra ture caccabsee.. bilisummaan akka jiraannuf garbummaa isa nu hidhate jalaa bilisa nu baase. ✍#Ilma_isaa_tokkicha qabu du'aaf kennee, nun immoo jireenya bara baraa nu baadhaase...!. JaalalađŸ€·â€ïžâ€ïžâ€ïž 👉Carraa kanaan namoonni Gooftaa Yesuusin fayyisaa lubbuu keessani gootani hin fudhanne gara Waaqa jaalalaa kana akka dhuftan affeerran isiniif godha. Ergaa kana namoota biroottif share gochuudhan wangeela waliin haa hojjennu. Ulfinni fi galatni Gooftaa du'a isaatiin nu jiraachiseef haa ta'u. Ameen!!!!!

Guddina hafuuraa jireenya namaaf wantoota murteessoo ta'an 8'n 1. Yeroo hundumaa fuula waaqayyoo barbaaduu. 1Sen 16:11 2. Sagalee Waaqayyoo faana hariiroo jabaa uummachuu, dubbisuu fi waa'ee sagalichaa yaaduu. Iyas 1:8 3. Yeroo mara hafuura qulqulluudhan geggeffamanii kadhachuu. Yih 1:20 4. Jireenya keetti wantoota gurguddaas ta'e xixiqqaa to'annoo hafuura qulqulluutin hubachuu 5. Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessutti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhu. Efe. 6:11-17 6. Garaa kee irraa barteewwan cubbuutti sigeessan raawwadhuu irraa fagaadhu, jabeessi mormi. Ibr 12:4 7. Akka yaada hafuuratti facaasi, yerookee Waaqayyoon wajjin guutummatti dabarsi. Gal 6:8 8. Namummaan kee qulqullaa'aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta'utti, aarsaa jiraatu goodhii dhi'eessi. 12:1-2 ✍Jireenya hafuura keef iddoo olaanaa kenni. Guddina hafuura kee irratti hojjedhu. Jaalala #Yesuusiin mi'eeffadhu. Ijji hafuurakee guddatee warra waaqayyoon beekanis ta'ee, hin beekne gidduutti haa mul'atu. Waaqayyoon galateeffachiisa waan ta'eef! #kadhata Hafuura qulqulluu, guddinni hafuuraa keenyaa hamma safara guddina kiristoositti guddachuu akka danda'u akkasuma gadi fageenya jaalala ittin jaalatamnee hubachuu akka dandeenyu ati nudhuunfadhu nu moo'i, maqaa yesuusiin. Amen!

#KUTAA_3FFAA #GARA_BOODDEE_ILAALUUN_HIN_JIRU!
“Nama dhaloota garagaggalaadhaa fi cubbamaa kana keessatti anatti, dubbii koottis yeella'utti, ilmi namaa ulfina abbaa isaatiin qulqulloota ergamootaa wajjin yommuu dhufu isatti in yeella'a" jedhe.” — Mar. 8:38
✍Namoonni hedduun Yesusiin duukaa buÊŒuu kan barbaadan taÊŒus, kana gochuuf namoonni akka tutuqani kaasanii fi iddoo kennaniif barbaadu. Isaan gonkumaa duuka buutota Kiristoos hin ta’an. Sababni yaada namootan jejamuufi fudhatamummaa waan fedhaniif. Namni tokko gooftaa lama tajaajiluu hin danda’u. “Garbichi tokko gooftota lamaaf abboomamuu hin danda'u; isa tokko jibbee, isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee. Isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan" jedhe.” — Luq. 16:13 3. Yesusiin duukaa bu’uuf maatii kee caalaa dursitee isa filachuu qabda. Luq. 9 ÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻÂŻ ⁶Âč Ergasii namni biraa tokko, "Yaa gooftaa, si duukaa nan bu'a, garuu dura dhaqee warra mana kootti nagaa akkan dhaamuuf sin kadhadha" jedhe. ⁶ÂČ Yesus immoo, "Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin ta'u" jedheen. Dhugumatti, maatiin namichaa Yesusiin duukaa bu'uu isaa ni mormu. Haati(abbaan) warraa isaa "Ati kophaati na dhiistee deemufi" jetti/jedhs. Ijoolleenus "Abbaakoo , Haadhakoo maaloo hin deemin" jedhanii ni boo'u. “Namni gara koo dhufu, abbaa isaatiifi haadha isaa, haadha manaa isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa, ofii isaas ana caalaatti kan jaallatu bartuu koo ta'uu hin danda'u.” — Luq. 14:26 Namoonni armaan olitti ibsaman miseensota maatii tokkooti. Isaan kun namichaaf fira dhiyoodhaa jechuudha. Yesus isa ofii isaatiifi maatii isaa gidduutti filannoo jalqabaa Yesusiin godhachuu akka qabu dubbachaa jira. Kanaaf ifatti, namni Yesus duukaa bu’uu fedhu tokko garuu immoo dursa maatii isaatti deemee bira bubbulee nagaa dhaammachuuf jedhu ammallee yesuusiin duukaa bu’uuf qophii miti. Dhiironni ykn dubartoonni tokko tokko haadha manaa isaanii ykn abbaa manaa isaanii sababa godhachuun tajaajilaaf akka itti hin mijanne himatu. Abbaan ykn haatis ijoollee isaanii himatu. Ta’us namni hundinuu #guyyaa_dhumaatti fuula teessoo #Gooftichaa duratti akkaataa jireenya isaanii itti dabarsan ilaalchisee Waaqayyoof deebii kennu. Guyyaa sanatti abbaan manaa haadha manaa bakka bu’ee dubbachuu hin danda’u, haatis mucaa isheef dubbachuu hin dandeessu. “Kana booddees teessoo adii guddaa tokkoo fi isa teessicha irra taa'e nan arge; laftii fi waaqni fuula isaa duraa in baqatan, iddoonis isaaniif hin argamne.” “Warra du'anis xinnaa fi guddaa teessicha dura utuu dhaabatanii nan arge. Macaafonni in banaman; macaafni biraa, inni warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman tokkos in baname; warri du'an immoo akka hojii dur hojjetaniitti, akka isa macaafota keessatti caafameettis firdii argatan.” — Mul. 20:11-12 Obboleessakoo, obboleettikoo fannoo kee baadhuu Yesusiin duukaa bu'i Isa duukaa bu'uuf hin qaana'in akkasumas eeyyama eenyuu iyyuu hin barbaadin ,“Eenyu illee anatti, dubbii koottis yoo yeella'e, ilmi namaa ulfina isaatti, kan abbaa isaatti, kan qulqulloota ergamootaattis yommuu dhufu, isatti in yeella'a.” — Luq. 9:26 #Yesuusin amanatteera taanan qajeeltoo dubbichaatti jiraadhu. Hundeen kees dubbicharraa yaa dhaabbatu malee barsiisa bu'uura sagalicha(logos) hin qabneen hin lucca'in. Waca raajoota sagalee waaqayyoo hin bu'uureffannee raawwadhuu irra gori. #Yesuusiin hin amanne taanan, 👉Yesuus si jaalata. Isatti amani inni jireenya keef karoora dinqisiisaa qaba. #Jaalala_abbummaan_sijaalata. https://t.me/jesuswillcomesoonagain

#KUTAA_2FFAA #GARA_BOODDEE_ILAALUUN_HIN_JIRU!
“Yesus immoo deebisee, "Warra du'an dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqii, mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabi!" jedheen.” — Luq. 9:60
👉Namoonni baay’een Yesusiin duukaa bu’uu barbaadu, garuu wantootni biyya lafaa kanaa #jaalala_Kiristoos caalaa hawwatani jiraatu. Addunyaa kana faana walii galuus barbaadu.
“Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu'inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta'e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta'e, waan isa duratti fudhatamaa ta'e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” — Rom. 12:2
2. Yesusiin duukaa bu'uuf wantoota biyya lafaa kanaa dhiisuu qabda “Nama biraa tokkoon immoo, "Na duukaa bu'i!" jedhe; inni garuu, "Haa ta'u yaa gooftaa, garuu dura dhaqee abbaa koo akkan awwaalladhu Sin kadhadha" jedheen.” “Yesus immoo deebisee, "Warra du'an dhiisi, du'aa isaanii haa awwaallatan; ati garuu dhaqii, mootummaa Waaqayyoo iddoo hundumaatti lallabi!" jedheen.” — Luq. 9:59-60 ☑Namichi macaafa armaan olii keessatti waamicha Waaqayyoo isa #Yesuus na hordofaa jedhe fudhateera. Ta'us duursa abbaa isaa akka awwaaluuf gaafate. #Abbaan isaa garuu hin duune, hanga inni du'utti eeguu barbaade. Takka turee immoo #haadha kiyyaan awwaala jechuun isaa hin oolu. ✍Namoonni baay'een yeroo ammaa kana #Yesuus_kiristoos hordofuu caalaa sababa wal fakkaatu kennaa jiru. Innis - Dura barnoota isaani xummuranii eebbifamuu barbaadu - Duursa hojii argachuu barbaadu - Dura ba'anii imaluu barbaadu - Duursa fuudhuu barbaadu - Duursa qarshii qabaachuu barbaadu - Duursa dulloomuu fi kkf barbaadu. Rom. 8 ⁔ Warri akka fedha fooniitti jiraatan, yaada isaanii fedha foonii irra dhaabaniiru; warri akka fedha hafuuraatti jiraatan garuu, waa'ee waan hafuuraa in yaadu. ⁶ Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida. ⁷ Akka fedha fooniitti yaaduun diina Waaqayyoo nama godha; yaadni akkasii seera Waaqayyootii wajjin walii hin galu; isaaf abboomamuus hin danda'u. ⁞ Warri akka fedha fooniitti jiraatan,Waaqayyoon garaa ciibsuu hin danda'an. ☝Sababa armaan olii keessaa kan kee isa kami? Dhugaan dubbii kanaa sababoonni kun sababa dhugaa miti. Lafti kun #yeroodhaaf akka ta’e yaadachuuf taateewwan addunyaa kanaa itti dhiyaatte hordoofuu qabda,kunis iddoo dhaabbataa akka hin taane si hubachiisa.Mootummaan Waaqayyoo garuu mana dhugaati. “Nuyi garuu nama biyya waaqa irraa ti; "Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kristos achi nuuf dhufa" jennee eegganna.” — Filp. 3:20 ✍Namoonni hafuuraan du’an lafa kana irratti wantoota gatii bara baraa hin qabne baay’eetu isaan yaaddessa. Wantoonni kun garuu mootummaa Waaqayyoo keessatti hin lakkaa’aman. Mootummaa waaqayyoo keessatti Wanti barbaachisaa ta'e dhiibbaa ati mootummaa Waaqayyoo guddisuuf hojjettuufi akeeka waaqayyo karaa gooftaa keenya yesuus kiristoos itti ol nu waame sana bira gahuuf itti jiraattudha. Ergamaan Phaawuloos akka armaan gadii kanatti dubbata;_ “Akeeka sana bira ga'ee gonfoo warra mo'anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo'anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.”— Filp. 3:14 Waaqayyo abbaan keenya gooftaan keenya Yesuus kiristoos yaada keessan waan biyya lafaa irraa kaasee Mootummaa waaqayyoo #gahaa_tolootaa sanaaf dhagna keessaan dhiiga qulqulluun dhiqattani akka qophooftaan isin yaa gargaaru. Amen!🙏🙏 Please #share godhaa! https://t.me/jesuswillcomesoonagain

“Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla amalee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu; wanti ijaan argamu yeroodhumaaf ta'a, wanti ijaan hin argamne garuu kan bara baraa ti.”   — 2Qor. 4:18 Kadhannaa Kadhata kana amantiin kadhadhu. Gooftaa Iyyesuus Kiristoos, utuun of duuba hin ilaalin si hordofuu barbaada. Guyyoota jireenya koo hafan hundumatti siwajjin jiraachuuf murteessera. Har'a kana gochuuf Ayyaana naaf baay'isi, maqaa Yesusiin. Amen. https://t.me/jesuswillcomesoonagain

#KUTAA_1FFAA #GARA_BOODDEE_ILAALUUN_HIN JIRU
“Yesus immoo, "Eenyu illee hordaa harkaan qabatee gara booddee isaa ilaalaa hin qotu, akkasumas namni kana fakkaatu, hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti hin ta'u" jedheen.”— Luq. 9:62
Luq 9:57-62 irratti Macaafni Qulqulluun dhimma namoota sadii Yesus duukaa bu’uu ykn duuka bu’oota isaa ta’uu barbaadan dhiheessa, garuu maal akka of keessatti haammate yommuu dhaga’an duubatti deebi’an. Har’as namoota irrattis seenaa kanan walfakkatu argina. Namni Yesusiin duukaa bu’ee cubbuu, qarshii fi gammachuu biyya lafaa kana of duubatti ilaalu mootummaa Waaqayyoof hin malu. Imala gara samiitti goonu itti fufuuf kutannoo qabaachuu qabna. Kunis,:_ 1. Yesuusiin hordofuun bashannanaa miti.
Utuu isaan karaa irra adeemaa jiranii, namni tokko, "Iddoo kam illee yoo dhaqxe si duukaan bu'a" jedhee Yesusitti hime. Yesus immoo, "Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann'ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu" jedhee deebiseef. Luq. 9⁔⁷‐⁔
Wanti Yesus namichati afaan salphaadhaan hime ”Yoo na duukaa  bu'uu barbaadde bakka ani mana kooti jedhee waamu waanan hin qabneef yeroo baay’ee #qorra ykn #dirree keessa  rafuuf qophaa’i” Jedhen. Jecha biraatin, "duuka buutu koo ta'uuf fedha kee aarsaa gochuuf(fannisuuf) qophaa'i" ittin jedhe.  Namichis fedha isaa (waan biyya lafaa) jaallatee Yesuusiin dhiisee sokke. (What Jesus told the man in a simple language is ”If you follow me, be prepared to sleep in the cold or in the open a lot of times because I don't have anywhere I can call my house." In other words, be prepared to sacrifice your comforts to be my disciples. The man loved his comforts and went away.) Ergamaan Phaawuloos wangeelaaf jecha waan keessa darbe dubbisi:
Ani si'a shan harka Yihudootaatti qacceedhaan afurtama tokko hir'uu reebameera.Si'a sadii uleedhaan dhaanameera; si'a tokko dhagaadhaan rukutameera; si'a sadii caccabaa markabaa irran ture; guyyaa tokkoo fi halkan tokkoof galaana keessan ture. Ani adeemsa har'aa borii keessatti bishaan guutuudhaan doorsifamaa, warra saamtuudhaan doorsifamaa, saba kootiin doorsifamaa, warra saba koo hin ta'iniin doorsifamaa, mandara keessatti doorsifamaa, lafa onaa keessatti doorsifamaa, galaana irratti doorsifamaa, obboloota sobaatiin doorsifamaa tureera. Hojiitti dadhabuu, rakkina, halkan baay'ees hirriba malee buluu, beela, dheebuu, yeroo baay'ee hagabuu taa'uu, qorra keessatti qullaa ta'uu baachaan ture. 2Qor. 11:24-27
Lallabdoonni warri  wangeela badhaadhinaa ( afaan damma dibatani akka waan rakkinni hin jirreetti ) lallaban sun namoota gowwoomsaa waan jiraniif Wangeela guutuu lallabuu dhabuu isaaniitiin teessoo firdii Kiristoos irratti Waaqayyoof deebii ni kennu. Isaan akka phaawuloositti ergaa wangeelaa guutuu isaa labsuu hin dandeenye. Kanaaf phaawuloos akkas jedha,:
"Kanaafis isin keessaa tokko karaa irraa yoo bade, akka ani itti hin gaafatamne har'a guyyaa kanatti isinitti dhugaa ba'uu koo ti. Anoo fedha Waaqayyoo hundumaa isinitti labsuudhaaf hin seesne. HoE. 20ÂČ⁶‐ÂČ⁷
IYYESUUS namticha si duuka bu'uun barbaada jedheen sanaan, wantoota isa muudachuu danda'aniifi haalota isa qoruu danda'an #dursee itti himeera. Namichis #Iyyesuus irraa duubatti deebi'e. Iyyesuus, “Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; (isa jedhe dhaga'uudhaaf isa bira hin turre) biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa mo'eera" jedhe.” — Yoh. 16:33 Yaaqoob waa'ee hanga dhumaatti obsuu maal akka jedhe dhaga'aa:
“Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda'e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya isa Waaqayyo warra isa jaallatan abdachiise akka gonfootti argachuuf jira.” — Yaq. 1:12
Kanaaf,  akka duuka buutuu Kiristoositti qormaata nu mudaachaa jiru hin ilaallu; badhaasa bara baraa nu eeggatu ilaalutu nuuf ta'a. Bara baraan gammachuu Waaqa keenyaatti yeroo gallu, kana booda qorumsa keenya isa lafa irratti hin yaadannu. “Rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa sana baachuudhaaf nu qopheessa.” 2Qor. 4:17

Kan si dammaqse bilbila ati boraafattee raftee ganama harkaan barbaaddu sana miti! Kanaafuu bara 2017 tti akkuma ganama kaateen osoo Gooftaa kee hin dubbisiin homaattuu hin bu'iin! Mee waggaa kanaaf waanan ani sitti hime kana godhiitii akka jireenyi kee wal siif hin qixxaanne, akka jaalalleen kees siif hin birmanne in laalta! Isinan Jaaladha! ✍ Bayanane hirkoo

#Durbummaa_Kee_Ganamaa! Seenaa intala durbummaa ishee iddoo hin taanetti gattee rakkina hamaa keessa buutee tokkon isiniif qooda. Durbummaa kee ganamaa eenyutu sirraa fudhate? Akkamiinis akkas tahuu dandahe? Seenaa mucaa durbummaa ishee ganamaa eeggachuuf dhibaahummaa godhatte kanaa dubbiftee waan hedduu irraa kudhaammatta. Durbummaa isaanii ganamaa gurbaa gowwaa sanaaf kennuun kan gatii guddaa baasan obboloota hedduutu jiru. Mucaa durbaa tokkotu jira ture. Akki miidhagina ishee durboota ollaa ishee illee in hinaafsisa. Kan ishee arge hundumaatu miidhagina isheetiin akka nama arraba isaa liqimseetti waan dubbatu dhaba. Miidhagina ishee kana kan arges hunduu "Isheen haadha manaa ilma mootii tahuuf jirti" kan hin jenne hin jiru. Ganamumaan faayamtuu akka addeessa goobantee tuulluu #Chimporazo irraan mul'attuuti. Kaadhimaan ishee ishee naqatee biyya fagoo jira. "Yooman ishee arga?" jedhee halkaniif guyyaa Abbaa isaa cinaa dhaabbatee Abbaa isaatti haasaha. Akka malee isheef yaada, akka malees ishee yaada. Cidha guddaadhaan ishee fuudhuufis kophii hundumaa xumureera, mana isheefi hojjettoota ishee gahu hundumaa harka isaan ijaaree xumureera. Ishee eeguuf takkaa rafee, mukaahees tahe mugee hin beeku! Yeroo ishee furuun barbaachise, yeroo alagaan ishee butee fiigee sana lubbuu isaa osoo hin qusatiin dabarsee of kennuudhaan diina harkaa ishee baase. Inni akka malee isheef amanamaadha! Yeroo isheen isa loltee deemtetti illee isatu ishee barbaadee deebifata malee "Na gattee deemteetti" jedhee irratti durba ormaa hin barbaanne. Durboota biiliyoona shaniif walakkaan biyya lafa kana irra jiran al takkaan yoo dubbatanuu isaan keessaa kophaatti sagalee ishee beeka. Iji isaa ishee faana joora, qalbiin isaa isheef mankaraara. Haa tahu malee isheen akka isaa amanamtuu tahuun isheetti ulfaate, ulfinni ishee kun irra bubbuluu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu akkuma hirribaa dammaqxeen harka isheen bilbila ishee barbaaddee hiriyoota ishee miidiyaawwan garaa garaan barte dubbifti. Hiriyoota ishee keessaa muraasni warreen ganama ka'anii sigaaraa xuuxanidha, hedduun immoo warreen caatii ija banaa qaamanidha. Kaawwan warreen ganama akkuma dammaqaniin 'boozaa' dhuguudhaan guyyaa isaanii raatawummaadhaan dabarsanidha, muraasni immoo osoo fuula hin dhiqatiin warreen biddeen nyaatanidha, gariin hiriyaa booyyeeti, gariin immoo maabara sareeti... Intalli kun eenyu beektu? Waldoota Kiristiyaanaa yeroo kanaati. Sii...isa Kiristoositti amane waan hin taane hojjetudha. Ati inni kana dubbisaa jirtu amanataa taate jennaan #misirroo Kiristoos tahuukee beekta miti? Maal godharee atoo durbummaa kee ganamaa sana Misirrichaaf tursiisuu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu qooda jilbeenfattee maqaa Kaadhimaa kee (Kiristoosiin) Abbaa isaa galateeffachuun sirra jiru, bilbila keef jilbeenfatta, osoo jaalallee kee hin dubbisiin alagaa dubbifta, osoo isa nagaa hin gaafatiin qaama kee ormatti agarsiifta, qullaa kee dhokfachuunis sitti cime. In ejjite, in soramte, of qabuunis sitti ulfaate. Jireenyi kee kanaaf jeeqamaam! Bara 2016 darbe kana durbummaa kee isa ganamaa (yeroo ganama hirribaa kaatu) eenyuuf kennaa turte? Ganama akkuma dammaqxeen gochaa akkamii goota? Jilbeenfattee misirroo kee isa dhufuuf jiru sana dubbifta moo? Anoo si yaadeera jettamoo? Dugdaan ciiftee bilbila kee waliin ejjita? Moo ganama kaatee ija banaa jettee jimaa alanfatta? Moo "morning smoke" jette tambookee aarista? Siif dhiiseera... Waa sittan hima jaalako, ganama yeroo hirribaa kaatu ganama kanaan dura jiraattee hin beeknedha kan Gooftaan siif kennu. Ganamni ati itti dammaqxu sun kanaan dura keessa hin jiraatamne, inni siif akka durba qarreeti. Ganama kana akkuma kaateen Misirroo kee waliin osoo hin haasahiin, durbummaa kee ganamaa sanas isaaf aarsaa osoo hin godhiin homaattuu hin bu'iin! Ganama yeroo hirribaa kaatu waan bariiheef miti kan ati hirriba isa obboleessa du'aa sana keessaa dammaqxuuf; kan ati dammaqxeef, Abbaan misirroo kee akka ati dammaqxee jiraattuuf, guyyaa cidha sanaafis geessuuf waan jireenyatti si deebisuufidha.

Kan si dammaqse bilbila ati boraafattee raftee ganama harkaan barbaaddu sana miti! Kanaafuu bara 2017 tti akkuma ganama kaateen osoo Gooftaa kee hin dubbisiin homaattuu hin bu'iin! Mee waggaa kanaaf waanan ani sitti hime kana godhiitii akka jireenyi kee wal siif hin qixxaanne, akka jaalalleen kees siif hin birmanne in laalta! ✍ Bayanane hirkoo https://t.me/jesuswillcomesoonagain

#Durbummaa_Kee_Ganamaa! Seenaa intala durbummaa ishee iddoo hin taanetti gattee rakkina hamaa keessa buutee tokkon isiniif qooda. Durbummaa kee ganamaa eenyutu sirraa fudhate? Akkamiinis akkas tahuu dandahe? Seenaa mucaa durbummaa ishee ganamaa eeggachuuf dhibaahummaa godhatte kanaa dubbiftee waan hedduu irraa kudhaammatta. Durbummaa isaanii ganamaa gurbaa gowwaa sanaaf kennuun kan gatii guddaa baasan obboloota hedduutu jiru. Mucaa durbaa tokkotu jira ture. Akki miidhagina ishee durboota ollaa ishee illee in hinaafsisa. Kan ishee arge hundumaatu miidhagina isheetiin akka nama arraba isaa liqimseetti waan dubbatu dhaba. Miidhagina ishee kana kan arges hunduu "Isheen haadha manaa ilma mootii tahuuf jirti" kan hin jenne hin jiru. Ganamumaan faayamtuu akka addeessa goobantee tuulluu #Chimporazo irraan mul'attuuti. Kaadhimaan ishee ishee naqatee biyya fagoo jira. "Yooman ishee arga?" jedhee halkaniif guyyaa Abbaa isaa cinaa dhaabbatee Abbaa isaatti haasaha. Akka malee isheef yaada, akka malees ishee yaada. Cidha guddaadhaan ishee fuudhuufis kophii hundumaa xumureera, mana isheefi hojjettoota ishee gahu hundumaa harka isaan ijaaree xumureera. Ishee eeguuf takkaa rafee, mukaahees tahe mugee hin beeku! Yeroo ishee furuun barbaachise, yeroo alagaan ishee butee fiigee sana lubbuu isaa osoo hin qusatiin dabarsee of kennuudhaan diina harkaa ishee baase. Inni akka malee isheef amanamaadha! Yeroo isheen isa loltee deemtetti illee isatu ishee barbaadee deebifata malee "Na gattee deemteetti" jedhee irratti durba ormaa hin barbaanne. Durboota biiliyoona shaniif walakkaan biyya lafa kana irra jiran al takkaan yoo dubbatanuu isaan keessaa kophaatti sagalee ishee beeka. Iji isaa ishee faana joora, qalbiin isaa isheef mankaraara. Haa tahu malee isheen akka isaa amanamtuu tahuun isheetti ulfaate, ulfinni ishee kun irra bubbuluu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu akkuma hirribaa dammaqxeen harka isheen bilbila ishee barbaaddee hiriyoota ishee miidiyaawwan garaa garaan barte dubbifti. Hiriyoota ishee keessaa muraasni warreen ganama ka'anii sigaaraa xuuxanidha, hedduun immoo warreen caatii ija banaa qaamanidha. Kaawwan warreen ganama akkuma dammaqaniin 'boozaa' dhuguudhaan guyyaa isaanii raatawummaadhaan dabarsanidha, muraasni immoo osoo fuula hin dhiqatiin warreen biddeen nyaatanidha, gariin hiriyaa booyyeeti, gariin immoo maabara sareeti... Intalli kun eenyu beektu? Waldoota Kiristiyaanaa yeroo kanaati. Sii...isa Kiristoositti amane waan hin taane hojjetudha. Ati inni kana dubbisaa jirtu amanataa taate jennaan #misirroo Kiristoos tahuukee beekta miti? Maal godharee atoo durbummaa kee ganamaa sana Misirrichaaf tursiisuu hin dandeenye. Yeroo ganama kaatu qooda jilbeenfattee maqaa Kaadhimaa kee (Kiristoosiin) Abbaa isaa galateeffachuun sirra jiru, bilbila keef jilbeenfatta, osoo jaalallee kee hin dubbisiin alagaa dubbifta, osoo isa nagaa hin gaafatiin qaama kee ormatti agarsiifta, qullaa kee dhokfachuunis sitti cime. In ejjite, in soramte, of qabuunis sitti ulfaate. Jireenyi kee kanaaf jeeqamaam! Bara 2016 darbe kana durbummaa kee isa ganamaa (yeroo ganama hirribaa kaatu) eenyuuf kennaa turte? Ganama akkuma dammaqxeen gochaa akkamii goota? Jilbeenfattee misirroo kee isa dhufuuf jiru sana dubbifta moo? Anoo si yaadeera jettamoo? Dugdaan ciiftee bilbila kee waliin ejjita? Moo ganama kaatee ija banaa jettee jimaa alanfatta? Moo "morning smoke" jette tambookee aarista? Siif dhiiseera... Waa sittan hima jaalako, ganama yeroo hirribaa kaatu ganama kanaan dura jiraattee hin beeknedha kan Gooftaan siif kennu. Ganamni ati itti dammaqxu sun kanaan dura keessa hin jiraatamne, inni siif akka durba qarreeti. Ganama kana akkuma kaateen Misirroo kee waliin osoo hin haasahiin, durbummaa kee ganamaa sanas isaaf aarsaa osoo hin godhiin homaattuu hin bu'iin! Ganama yeroo hirribaa kaatu waan bariiheef miti kan ati hirriba isa obboleessa du'aa sana keessaa dammaqxuuf; kan ati dammaqxeef, Abbaan misirroo kee akka ati dammaqxee jiraattuuf, guyyaa cidha sanaafis geessuuf waan jireenyatti si deebisuufidha.

Miliyoonni 5 Amanan!! ================= Erga barri 2024 eegalee lallaba wangeelaa waldaa kiristaanaa "Christ for all Nations " biyyoota Afrikaa garagaraa keesaatti gaggeessaa turteen lubbuun miliyoona 5nii ol ta'an fayyaniiru. Lallaba jamaan(massive evangelism) gaggeessuun kan beekamu hojjetaan wangeelaa Reinhard Bonnke gara gooftaa erga deemeen booda hojjetaan wangeelaa Daniel Kolenda hojicha cimsee itti fufeera. Waanti Waaqayyoon gammachiisu cubbamaan tokko yaada garaa isaa geddaratee gara mootummaa Waaqayyootti dhufuu isaatii. Hojiin wangeelaa immoo humnaa fi gargaarsa Hafuura Qulqulluu qofaan hojjetama. Biyya keenya keessatti gareen "Christ for all Nations" wangeela lallabuuf gara kibba biyya keenyaa akka jiran Daniel Kolenda caafeera. Namni hunduu lallaba dhimma hin baasne, kan xiinsammuu namaa ho'isuu dhiisee wangeela fayyinaa lallabee lubbuun baay'ee gara ifaatti dhufu. Isa kanatu nama gammachiisa!! “Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne" — HoE. 4:12 Amani atis, manni kees ni fayya jennee hunduma keessan ni kadhanna. Bless you!