cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

𝑽𝑶𝑰𝑪𝑬 𝑶𝑭 𝑯𝑼𝑴𝑨𝑵𝑰𝑻𝒀 ™

Yaadaaf asiin nu qunnamaa @Gifts_of_islam Chaanaalii keenya irraa qophiilee armaan gadii argattu👇👇👇👇👇👇👇 👉oduu fi odeeffannoo woyitaawoo 👉gorsa hayyoota 👉bashannansiisoo 👉barsiisoo 👉Gaaffiilee 👉dhiyaadhaa waliifis qoodaa🎉💝

Show more
Advertising posts
551
Subscribers
-124 hours
-57 days
+1230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Baga nagaan dhuftan Reshid hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Show all...
Baga nagaan dhuftan Abdii hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Show all...
Salaata iidaa masjiidul aqsaa irraa
Show all...
3👍 2
Dhaabbanni Tola Oltummaa ‘’Yassir Lanaa’’ kan Ustaaz Nuuruu Turkii hogganan haawwalii 819 huccuu iidaa keenne … Haarun Miidiyaa:Waxabajjii 8/2016 … Dhaabbanni Tola Oltummaa ‘’Yassir Lanaa’’ jedhamu mata duree ‘’ishiinis eennu qabdi?’’ jedhuun haawwalii Yatiimaa fi harka qalleeyyii, ijoollee fi abbootii 100 tahaniif birrii miiliyoona 3 fi kuma 500 baasii guudhuun huccuu guutuu guyyaa iidaa uffatan sirna galma Awwaliyaatti gaggeeffameen kennee jira. Sirna ayyaana Iddul Ad’haa sababeefachuun gaggeeffame kanarratti hundeessaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Tola Oltummaa ‘’Yassir Lanaa’’ Ustaaz Nuuruu Turkii haasaya godhaniin, haawwan uffisuun kennaa tahuu ibsuun, qaamolee akka haawwaliin guyyaa iidaa gammadanii oolaniif garagaarsa godhan galateeffataniiru. Itti dabaluunis, hawaasni hundi harka qalleeyyii naannoo isaaniitti argaman gargaaruu qaba kan jedhan yoo tahu, Dhaabbanni Tola Oltummaa ‘’Yassir Lanaa’’ maatii 1235 of jalatti hammaatee gargaaraa akka jiru eeruun, dhaabbilee fi namoota dhuunfaa dabalatee qaamoleen hundi akka isaan cinaa dhaabbatanillee gaafatan. … ©Haarun Miidiyaa
Show all...
Innaa lillaahi WA innaa ileyhi Raaji'uun .. Sh/ Xaariq jedhaman.... nama yeroo baay'ee Gaazaadhaaf dubbataa ture... akkasuma du'aa'ii godhaa tureedha. Guyyaa hardhaa tana, bakka ulfaattuu tanatti, guyyaa ulfaataa fi sa'aatii ulfaattu tana keessa gaara Arafaa gubbatti osoo du'aa'ii godhatu gara Rahmata Rabbii godaaneera. Namoonni isa wajjiin turan akka irraa haasahanitti, sheekni Kun dirree Arafaatti imimmaan buusee, hirqifatee warra Gaazaatiif du'aa'ii godhaa tureera... osoo imimmaan suni ija isaarraa hin qoorin gara Rahmata Rabbii godaane. Mashallaah Rabbiin isa milkeessee jira.... carraa kana hunda keenyatu hawwaa ture.... katmiin namaa toluun haala kanaan... Rabbiin isaafis haa araaramu... nullee katmii nu haa tolchu... warra Gaazaafis haa birmatu.... https://t.me/tafak_or
Show all...
BAGA IID Al ADAHAA BARA 1445 Nagaan ittiin isin gahe Firaa Fi maatii keessan waliin Kan baranaa kan bara hegeree isinii haa gadhu. ዒድ_ሙባረክ!! 🌲تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال 🌙🌟 🌹🌹🌹🌷🌷🌷🌷🌹🌹🌹🌹🌺🌺🌺🌷🌷🌷💐💐💐💐💐💐 الله اكبر الله اكبر الله اكبر لا اله الا الله الله اكبر ولله الحمد. عيدكم مبارك وكل عام وأنتم بخير وصحة وعافية، أنتم ومن تحبون جميعًا بإذن الله تعالى. هَلْت الاعياد، وبينهم عيد مبارك عليكم، تقبل الله طاعتكم، وأتمَّ بالعيد فرحتكم، وأقرَّ عينيك بنصر أمتكم، أسعد الله أيامكم، وتقبل الله طاعاتكم، وجمعنا وإياكم على خير، عيد سعيد. እንኳን ለ1445 የኢድ አልአድሃ በዓል በሠላም አደረሠን አደረሶት!! ❤️❤️❤️❤️ ❤️❤️❤️❤️❤️🥰🥰🥰🥰 ዒድ ሙባረክ @voice_of_humanity1
Show all...
Baga nagaan dhuftan 轩 hiriyyoota keessanis irratti affeeruudhaan odeeffannoo woyitaawoo fi barsiisoo ta'an argadhaa Channel keenya filannoo keessan waan godhataniif galatoomaa🙏
Show all...
Eid-Al- Adha Ayyaana Qalmaa/ Ayyaana Wereegaa ** Naannoo woggaa kuma afur hardhaa Impaayerri Baabiloon jabaa fi beekkamaa ture. Baabiloon sun naannoo biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtuudha. Baabiloon keessatti yeroo san jiraattonni Rabbiin otoo hin ta'in dhagaa fi muka irraa bocanii (xaa'ootiif) sagadu. Ittis amanu ture. --- --- Naannoo woggaa kuma afur hardhaa, namni tokko Baabiloon keessatti dhalata. Namni kun umurii xiqqeenya irraa kaasee xaa'ootii (bocee) namni Waaqa jedhee itti amanu kana itti hin amanu, keessi isaas hin fudhatuuf ture. Xaa'ooti san kan bocu keessaa tokko ammoo abbama isaati. Akkamitti namni harkuma isaatiin dhagaa fi muka bocee, waan isa miidhuu fi isas fayyaduu hin dandeenye, kan hin dubbannee fi hin dhageenne, dhagaa fi muka kana uumaa kiyya, uumaa adunyaati, waaqa keenna jedhee itti amana jedhee ajaa'ibsiifata ture. --- --- Booda samii fi adunyaa kana ilaalee, Raabbiin tokkicha hawaa fi waan ardii irra jiru kana hunda uume ta'a malee, dhagaa fi muka namoonni akka abbaa isaa bocan ta'uu akka hin dandeenne amanee Rabbitti of kenne. Isaan Xaa'ootiif sagadanis barsiisuu fi gorsutti ka'e. Seenaan as jiru dheeraadha, haa ta'uu gabaabsinee bira taruuf; booda irra, mormiin inni xaa’ootiif muldhisu kun isaan boceetti (xaa'otiitti) amanan kanaan woldhabdee keessa isa galchee. Isanis isa adabuuf qoraan wolitti qabanii ibidda guddaa keessatti isa darban. Rabbiin laaffiseefii ibidda san keessaas otoo homa takka hin miidhamin turtii guyyoota hedduu booda nagahaan bahe. --- --- Namni kun Nabii Ibraahim (Abraham) dha. Nabiyoonni bebeekkamoon Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa, Tooraatii fi Qur'aana irratti maqaan isaanii dhahame hedduun hiddi latiinsa isaanii Nabii Ibraahim (AS) irraa harkifama. Nabi Muhaammadis (SAW) abbaa digdamii lammaffa irratti gara ilma hangafaa Nabi Ibraahim ta'an Nabi Ismaa'eliitiin sanyiin isaanii Nabi Ibraahiim irraa dhufa. --- --- Nabi Ibrahim booda Baabiloon dhiisanii gara dachii 'Kana'aan' (lafa yeroo ammaa Paalistiinii fi Israa’el jedhamtu) akka deemanii fi Rabbiis sanyii sanyii isaas akka eebbisuu fi akka cirrachatti baay'isuu waadaa (kakuu) galeefii garas deema. Seenaan as jirus dheeraadha. --- Nabi Ibraahim (AS) gaafaa tokko manaama (ykn abjuu) argan. Manaamni isaanii sun ilma isaanii Ismaa'eeliin akka goorratu ka jedhudha. Nabi Ibrahimis (AS) manaamni kun ajaja Rabbii (Allah) ta'uu hubatee, itti amanee, ilma isaa kanatti waan kana itti hima. Ilmi isaa (Ismaa'eeliis) nama amantii (imaana) jabaa qabu waan ta'eef, erga Rabbiin si ajajee anis jaaladhe jedhaan. --- --- Nabi Ibraahim (AS) san booda ilmaa isaa Ismaa'eliin goorra'uuf Gaara Arafaat kan biyya Saudi Arabiatti argamu, kan Makkaa irraa naannoo km 19 irratti argamu, irra baahanii ilmaa isaa gombisee yeroo goorra'uuf itti jedhu kanatti; Rabbiin Ismaa'eeliin dhiisee korbeessa goorra'uu bakka buuseefi. Ismaa'eliinis bilisa baasee, Nabi Ibrahimis (AS) qormaataa jabinna amantaa (imaana) isaa mirkaneessu darbe. Booda irra ilmi isaa (Ismaa'eeliis) qalma irraa hafee nabiyyii ta'e. --- --- Ayyaanni Arafaa ( Eid Al Adha) guyyaa fi haala kana yaadachuuf jecha, guyyaa taateen kun itti ta'e Kaalaandara Islamaa irraa, baatii Dhu al Hijjah keessa wogga woggaan (hoolaa, re'ee, horii, fi gaala) qaaluunii fi sirnoota amantaa kan biroos geeggeessuun kabajama. * * EID MUBARAK! Maddeen amanamoo barnoota Islaamaa barsiisaan irraa seenaa kana isinii qindeesse. "Akka dubbiin sirrii na harkatti hin jallanne, nu eegi yaa Rahman akka hin gufanne...'' RAM 🤲 ✍️Dr Nuuraddiin Lukeetiin
Show all...
👍 2