Harargee TiMES
Open in Telegram
Milkaa'ina ilma namaatif 85% ilaalcha sammuu isaati Mataa ke jijjiiri jiruu ke ni jijjiirta! Iddoo irraa dhufte murteeffachuu hin dandeessu, Garuu bakka itti deemtu murteffachuu ni dandeessa.
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
171
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha har'a ooleen gaazexeessaa OMN Guyyoo Waariyoo fi Koorsaa Dachaasaa wabiin akka gdhiifaman murteessera.
-» @bbcAfaanOromoo ..
========Read more===⤵️
Hiriira mormii Awwadaay❗️
"Gudeeddaan shamarran Oromoo irratti waraana mootummaatiin gaggeeffamaa jiru nurraa haa dhaabbatu"
Hiriirri mormii guddichi dubartoota qofa hirmaachise Baha Oromiyaa Magaalaa Awwadaayitti guyyaa har'aa Hagayyaa 30/2020 sa'aatii 3:30'tti jalqabe jira. Hiriirri kun Qarree fi hawwan dabalatee akkasuma haadholiin warraa bifa qindoomina qabuun irratti hirmaachuun sagalee isaanii dhageessisaa akka turan OMN gabaaseera.
Kaayyoon hiriira kanaa gudeeddaan shamarran Oromoo irratti waraana mootummaatiin gaggeeffamaa jiru nurraa haa dhaabbatu, hayyoonni Oromoo dhiyeenya kana hidhaman kan akka Jawaar Mohammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Booranaa, Abdii Raggaasaa, Dr Shiggux Galataa fi kanneen hafan biroo hidhaa irraa gadi lakkifamuu akka qabanii fi ajjeechaan Naannoo Oromiyaa keessatti humnoota Tika Mootummaatiin raawwatamaa jiru nurraa haa dhaabbatu kan jedhu ture.
Maddi: OMN
@Mediaoneko
Hagayya 30 - Eebbisaa Addunyaa 🕯
Weellisaa beekamaa fi qabsa'aa Oromoo Eebbisaa Addunyaa humnoota mootummaatin mana jireenyasaa magaala Finfinneetti argamu keessa erga ajjeefame har'a Hagayya 30/2020 waggaa 24 guutee. Eebbisaan kaayyoo fi haqa saba isaatif dhugaan osoo falmataa jiru umurii dargaggummaa isaatin wareegame. Eebbisaan wareegamuus qabsoon Oromoo Haacaaluu Hundeessaa faa bakka buusee asiin gaheera. Qabsoo Haacaaluun faa asiin gahan ammoo qabsa'aa biraan galmaan ga'a. Qabsa'aan ni kufa qabsoon itti fufa! Maqaa fi seenaan qabsa'aa bara baraan onnee dhaloota keessa daraaree jiraata.
@Mediaoneko
'Obbo Jawaar Mahaammad lammii Itoophiyaa tahuuf addatti ragaan kennamuuf hin jiru' jedhan abukaatoon isaanii
👉 @bbcAfaanOromoo ,
=========================
Read more.......
Ameerikaan lammiilee Naayijeeriyaa fi Eritraa biyyashee akka hin galle dhorkite
https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-51339025
Xalayaa Hidhamtoota ma’aakalawii
Yeroo Addunyaan dhibee vaayirasii COVID-19 raafamtee hidhamtoota hedduu gadi-dhiisaa jirtu kanatti badii tokko malee daldala siyaasaatiif jecha guyyoota shantamii saddeetiif (58) ukkaamfamnee mana hidhaa keessa jirra. Namoonni hedduus COVID-19 qabamanii rakkoo keessa jiru.
Namoonni manni murtii mirga wabii eegeefii akka bahaniif ajaje mana hidhaa tokko keessaa baasanii gara mana hidhaa biraatti geeffamanii hidhamaa jiru.
Mana murtiis dhimma keenya bilisaan ilaalee murtii haqa-qabeessa kennuu osoo qabuu yeroo hundaa beellama nutti qabuu irraa kan hafe furmaanni nuti argataa jirru hin jiru.
Uummanni keenna yeroo jijjiiramni dhufe jedhamee hafarfamaa jiru kanaan ammas kan waggoota darbanii caalaa dhumataa jira.
Kana malees nuti kan hidhamne booyicha aartistii Haacaaluu Hundeessaa irratti waan argamneef qofa. Kun kana ta'ee osoo jiruu akka waan qabeenya namaa saamneetti herreegni baankii keenyaa cufamee jira. Nu keessa namoota maatii jiraachisantu jira. Fkn, namni tokko haati manaa isaa mana yaalaatti oppireeshiniin deessee akka malee dhiigni waan irraa dhangala'eef dhukkubsattee mana yaalaa jirti. Hanqina maallaqaa waan qabduuf abbaan manaa ishee deeggarsa maallaqaa akka godhuuf gafattee turte. Abbaan manaa ishees mana murtiitti iyyatee herreegni baankii isaa irraa qarshii baasee maatii isaa akka gargaaru manni murtii hayyamee turus qorataan akka qarshii baasee haadha manaa isaa akka hin deeggarre uggure. Sababa kanarraa kan ka'e haati manaa isaa du'aa fi jireenya gidduu jirti.
Namootuma nu wajjin hidhaman keessaa inni biraa haati manaa isaa ulfa ji'a saddeetii (8) wajjin kiraa manaa waan kaffaltu dhabdee abbaan mana kireesseef mana keessaa akka baatu dirqisiisaa waan jiruuf abbaan warraa ishee mirga wabiitiin bahee akka ishee deeggaruuf yeroo hedduu gaafataa turus gaaffiin isaa deebii dhabee haati warraa isaa rakkoo cimaa keessa jirti.
Yeroon kuni yeroo COVID-19 biyya keenya keessatti humnaa ol babal'atedha. Keessumaa mana hidhaa kana keessatti namoonni hedduu vaayirasii koronaan qabamanii jiru. Namoota nu waliin hidhan keessaas namooni qabaman jiru. Dhibee kana dandamachuuf nyaata madaalawaa barbaachisa. Garuu nuti nyaata maatiin keenya nuuf dhiyeessus guyyaa keessatti yeroo tokko qofa argachaa waan jirruuf hanga rakkooleen armaan olitti kaafne kana furmaati nuuf kennamutti tarkaanfiilee armaan gadii fudhachuuf murteessinee jirra:
1. Nyaata mootummaas tahe kan maatii irraa nuuf dhufu hin nyaannu
2. Maatii keenya wajjinis wal-arguu hin barbaannu
Gochaan nurratti godhamaa jiru kun gochaalee sanyii balleessuu waan taheef hanga rakkoon keenya furmaata argatutti garaa keenya hidhannee tarkaanfiilee armaan olii hojiitti hiikuuf murteessinee jirra.
Uummanni keennas rakkoolee nuti keessa jirru kana hubachuun sagalee akka nuuf taatan kabajaan isin gaafanna.
@BiftuuHU
@BiftuuHU
