en
Feedback
Harargee TiMES

Harargee TiMES

Open in Telegram

Milkaa'ina ilma namaatif 85% ilaalcha sammuu isaati Mataa ke jijjiiri jiruu ke ni jijjiirta! Iddoo irraa dhufte murteeffachuu hin dandeessu, Garuu bakka itti deemtu murteffachuu ni dandeessa.

Show more
The country is not specifiedThe category is not specified
171
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Similar Channels
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
May '21
May '21
+171
in 0 channels
Channel Posts
Poolisiin galmee qorannoo Gaazexeessitoota ONN irratti bane. Galmeen qorannoo maqaa Dassuu Duulaatiin baneme. Galmeen kun jeequmsaaf kakaasu fi qaama hidhate waliin wal-qunnamtii qabuu kan jedhu. Artist Gaarummaa Hundee Kaleessaa wabii Qarshii 10,000tiin gadi lakkifame. Artist Gaarummaa dhaddacha irratti bayyee dhukkubsatee ture. Madda: Addis standard https://telegram.me/oromotv

2
"Aannaa gunbii bordoddee magaalaa kora keessatti kadireen bilxiginnaa namoota burjajjeesudhaf dargaggoonni sardarkaa barnoota kutaa 10 ol tataan homaa waraana rayyaa ittisa biyyaa tatanii kotta galmawaa jedhanii magaalaa keessa demanii sagalee guddiftuudhan lalabaa jiran ummaanni kenya sirna nafxaanya kanaan akka hin sobamnee"
221
3
Yaada Baqqalaa Garbaa Har'a Dhaddacharratti Dubbatan --- Waan biyya keenyaaf fayyada jennu dubbachuu hin dhiisnu. Sirni haqaa biyya kanaa kufeera. Anii fi maatiin sirna haqaa biyyatiitin namoota akka malee miidhaman keessa tokko. Maammila (dambanyaa) keessan ani. Dhugaa dha, nu dura hayyootni qaqqaaliin saba kanaa nu caalaa sirna haqaa badaatiin miidhaman ni jiru, garuu ilmaan isaanii nurrattis ittuma fufe. Ani yakka tokko akkan hin qabne harka dhibban beeka. Armaan dura ragaan sobaa maqaa fi eenyummaa sobaa uffatanii na bira taa'anii ragaa sobaa natti bahani sobaan natti murtaa'e har'a san darantu deemaa jira. Waan ifa ta'uu qabu tokko ani balleessaa ragaa dhugaatiin natti mirkanaa'e qabaannan adabamuuf qophii dha, nan gammadas. Garuu kan nurratti deemaa jiru akkasii miti. Duulli miidiyaadhaan nama akka malee hamaa godhanii nu dhiyeessuu itti fufeera. Sababuma duula kanaatiin namootumti as jirtaniyyuu akkamitti akka nu ilaaltanirratti yaaddoo/sodaan qaba. Maqaa fi suurri keenyaa youtube, priinti miidiyaa, soshaal miidiyaa, gaazexaa bakka hin jirre hin qabu. Nuti biyya alaas tahee keessatti hojjennee jireenyaa gaarii jiraachuu carraa isaas tahee dandeettii ni qabna. Waan biyya keenyatu nu yaaddessinaan dhukkuba uummata keenyaa rakke furuuf jenneeti malee. Waan ittiin himatamnu hundasaayyuu hin raawwanne inumaa araaraa buusuu ani fi obboleessi koo Jawaar waan dandeenyu carraaqne, walitti dhufeenya uummattoota deebisuuf hojjenne, bataskaanni fi masjiidni hunduu keenyuma nu tokko jennee lallabne. Hojii keenya malee yakkamne. Bara dhiyoo asitti qaama olaantummaa deebifachuuf dhama'utu mu'lataa jira. Nuti kana morminee walqixxummaa malee jenne. Kanaafis saboota cunqurfamoo biroo bira dhaabbanne. Fkn uummatni Walaayittaa mirga Heeraa waan gaafateef miidhama guddaaf saaxilamuusaa mormine. Hariiroon keenya akkanaa ammas itti fufa, walqixxummaa fi haqummaa qofatu furmaata. Qaama olaantummaa fedhu kan caasaa mootummaa harkaa qabu waan mormineef nurratti xiyyeeffatamee hidhamne. Kan biraa herrega mindaan irratti nuuf galu kan maatii kootio hunda ugguran. Nuti malaammaltummaan (zarafaa) hin shakkamne, saamtota herrega baankii keenya uggure nu beelessaa jira. Nan gadda. Duulli maatii keenya qoqqobuu fi kophxeessuu nurraa haa dhaabbatu. Dhumarratti ragaan dhugaan nurratti haa dhiyaatutii ni adabamna nutu rakkoo qabaatti mirkanoofnan du'a keenyarrattis biyyi kun nagaa haa argattu. Waan haqa ta'erratti mana murtii fi abbaa alangaa waliin dhaabbanna. Galatoomaa! Oromo Political Prisoners Defence Team
199
4
Hamzaa Booranaa Dhaddacharratti Maal Jedhe? --- Nuti hidhamtoota siyaasaati. Oromoon gaafii qaba. Gaaffiin kunis gaafii daba ykn shira ykn mirga uummata biraa dhiibuu osoo hin taane gaaffii uumamaati. Gaaffiin gaafa tokko inum deebi'a. Waan gaaffii kana kaafneef hidhamnee as jirra jechuu dha. Oromoon har'allee wal'asnsotti jira, kanaanis namni ijjeefamaa hidhamaa jira. Hoggayyuu nin yaada 'yoom biyya tanaaf darba laata jedhee cinqama. Anin nama Raadiyoo Daandii Haqaa jedhamu hundeessee sagantaa 1000 ol dalagee nagaa labsa bahe waliin jireenna uummata dubbate. Jijjigaa deemne walitti dhufeenya Oromoo fi Soomalii akka latu tolchine, hojuma walfakkaataaf haga Asoosaa, Gambeellaa, Tigraayillee deemee nagaa uumuu keessatti qooda kiyya baheera. Duuba badiin kiyya maal, badii obboleewwan kiyyaa kanas maali? Biyya alaa taa'ee diraamaa uummata kiyyarratti dalagame saaxilee gabaasaa ture. Amma diraamuma santu nurratti lammeessoo dalagamaa jira. Waan ceeraati. Karaan itti rakkoo biyyatti keessa seente kana furan asiin miti. Dubbii siyaasaa siyaasumaan furan. Kanuman jedha kabajamoo abbaa murtii galatoomaa! --- Oromo Political Prisoners Defence Team
152
5
Yaada Jawaar Mohaammad Har'a Dhaddacharratti Dubbate Keessaa --- Asitti dhimma dhuunfa keenya qofa miti waa'e sirna haqaa biyya kanaatu nu yaaddessa; kanaaf yoo dubbannu Abbaa Murtii qofaaf hin dubbadhu Mana Hojii Abbaa Alangaa biyyattii keessatti nama 2ffaatu as jira isaaniifis jechuu dha. Sirni haqaa biyyatti harka paartii aangoo qabuutti kufee jira. Siyaasaa isaaniitu kuffise. Kana isaan hubachiisuun barbaada. Ragaan maggaraajaa duuban dhagahamaa jirus badii qabaannee odoo hin taane rakkoodhuma siyaasaa kana kan agarsiisu agarsiituu guddaa dha. Har'allee ragaa tokko hambisuun isaanii dheengadda 4 dhiisuun isaanii kanuma murkaneessa. Waanan watwaatu kana hidhamuu sodaaf hin jedhu. Sirni haqaa akka dhimma keenya kanaaf sirratu qofaaf miti, dhalootaaf malee. Aarsaa kamuu fudhachuuf murteesseen itti seene. Hidhaan inumaa salphaa dha. Kaayyoon itti amane mirga uummata kiyyaatiif du'uufillee qophiidha. Ammuma kana yoon du'e hin gaabbu, kokkolfaan du'a. Waanni watwaatuuf garuu sirna haqaa biyya kanaa akka fooyya'uufi. Mana murtii Impaayerittii kanatti waggaa 40 faa dura waan hoogganoota fi bu'ureessitoota qabsoo bilisummaa Oromoorratti waan deemee turen yaada dha. Dhibbaalaa Maammoo Mazammir kan leenjii loltummaa nugusichaa keessatti gahumsa olaanaan eebbifame faan yaadadha. Har'as ilmaan ilmaan isaaniirratti sanumatu deemaa jira. Kuni fafa. Garaagarummaa siyaasaa mana murtiitti fidanii siyaasaas sirna haqaas miidhuu yoo taate malee faayidaa takkallee hin qabu. Dubbiin inumaa akka hammaatu (መካረር) tolcha; biyya diigaa (ammayyuu argaa jirra); amantaa sabni mana murtiirratti qabu guutuutti balleessa. Nan yaadadha, muummichi ammaa kun waggaa 27 darban Heera fi seera cabsinee uummata mirgasaa gaafate shororkeessaa turre jedhanii ifatti badii sirnichaa amananii turan. Ammas hojuma baroota 27 santu irra deebi'ama jira. Ani waan kun karaa mana murtii sin hin baasun jedha. Mana murtii dhiisaatii yeroo fi humna abbootii seeraa, abukaatootaa hin qisaasinaa, hanga feetan nu hidhaa gaafa sinitti tole (das silaachiwuu) nu hiikaa feetan nu fannisaa, maqaa seeraa fi sina haqaa hin xureessinaa jechuun fedha. Galatoomaa. --- Oromo Political Prisoners Defence Team
139
6
Geggeessitootni ABO 24 Dr. Shugut Galataa, Kol. Gammachuu Ayyanaa, Mikaa’eel Booran fi Lammii Beenyaa dabalatee mirga wabii qarshii 10,000tiin akka bahan manni murtii ajaje. Ajaja mana murtii booda ni hiiku moo deebi’anii akkuma baratan hidhaa tursiisu? Walumaan ilaalla!
118
7
#Grade12 Qormaanni kutaa 12ffaa Fulbaana 24 bara 2013 irraa eegalee kennama jechuun waanti miidiyaalee hawaasaafi chaanaalii telegiraamii tokko tokkorra naanna'aa jiru soba. Guyyaa sirriin qormaanni seensa yunivarsiitii itti kennamu websaayitii, miidiyaa hawaasummaa fi ministeera barnootaa, miidiyaalee idilee kaaniin ibsi ifaan kan kennamu waan ta'eef barattoonni tasgabba'anii qo'achaa eeguu akka qabanis odeeffannoo Tajaajila Oduu Itoophiyaa irraa argame ni mul'isa. #SHARE Maddi: NEAEA
110
8
No text...
110
9
Oolmaa Dhaddachaa Jawaar Mohaammad faa N-14 --- Ragaan maggaarajaa duubaa tokko dhagahameera. Tokkommoo A/Alangaa ni dhiise. Guyyaan himannaa itti qopheessinee bannu 15 nuu haa kennamu jechuu abbaan alangaa yoo gaafatu abukaatonni mirga wabii himatamtoota gaafataniiru. Manni murtii galmee qorachuuf Qaammee 2 bara 2012 sa'aa 8:00 ALH'tti beellamameera. Yaada hidhamtootaa boodarra siniin geenya.
108
10
Qabsoo_Butame_የተጠለፈ_ትግል_Hijacked_RevolutionAfaan_Oromo_.pdf
102
11
Kitaaba ‘የተጠለፈ ትግል | The Hijacked Revolution’ jedhu afaan Oromootti hiikamee Qabsoo Butame jechuun PDF dhihaatee jira. Kitaabni kun akkuma qabsoon butamteen waggaa tokko dura kan bahe yoo tahu nama itti dhiheenyaan iccitii mootummaa beekuun barreeffame. Dubbisaa! https://drive.google.com/file/d/1HxKeBDA0lZAvzu5d-5cqGEA_QGSZp9Ml/view
99
12
Obbo Dajanee Xaafaa tumaa seera yakkaa bara 1996 A.L.Itti baheen keewwata 238 keewwata xiqqaa 2 darbuun yakka heera mootummaa fi mootummaa irratti raawwatamuun wal qabatuun himatamuu abukaatoon isaanii Obbo Dajanee Fiqaaduu BBC'tti himaniiru. -» @bbcAfaanOromoo .. ========Read more===⤵️
100
13
Dhaddacha Har'a Waaree Booda kana sa'aa 8:00 irraa eegalee Jawaar Mohaammad faa N-14 irratti ragaan qorannoo duraa abbaa alanga hafe lamaan ni dhagahama jedhamee eegama. Abbaan alangaa ragaa magaarajaa duubaa fi eenyummaan dhoksaa 4 hin dhageessifachuuf argachuu hin dandeenye lamaan hafan qofti naaf haa dhagahaman jechuun ni yaadatama. Madda: Oromo political prisoner defence team @mediaoneko @mediaoneko
96
14
#Beeksisa!! Barattoota fi maatii barattoota kutaa 12ffaa hundaaf! Qormaata kutaa 12ffaa (seensa Yunivarsiitii) Fulbaana 24/2013 ALH eegalee ni kennama jedhame miidiyaa hawaasummaa fi chanaloota telegraama adda addaa irratti tamsa'aa jiru oduu soba akka ta'ee hubattanii guyyaan qormaatichi kennamu mootummaan yeroo murteessu fuula fesbuukii eejanichaa (National Educational Assessment And Examination Agency Government Organization), marsariitii eejasichaa (www.neaea.gov.et), miidiyaa hawaasummaa Ministeera Barnootaa fi miidiyaalee adda addaarratti ibsi waan kennamuuf hangasitti barattoonni qormaata kana fudhattan sammuu tasgabbaa'een akka qayyabattan Eejansiin Qormaata Biyyoleessaa dhaamsa dabarseera. @mediaoneko @mediaoneko
96
15
Lolaan laga Awaash naannoo Oromiyaa fi Affaar keessaa namoota 92,000 qe’ee isaanii irraa buqqise. Yaa’a lagichaatti torbeewwan darbanii eegalee balaa lolaa muudateen jiraattoonni hedduun naannichaa buqqa’aniiru. Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa aanaa Daawwaa Iluu, Shawaa Lixaa aanaa Ejeree, Shawaa Bahaa aanaa Liiban Booraa, Adaamaa, walakkeessa aanaa Faantaallee fi magaalaa Matahaaraatti balaan lolaa mudateera. Naannoo Afaar aanaalee Amiibaaraa, Asaaytaa, Duuftii fi Afaamboottis balaan lolaa mudachuun itti gafatamaan Waajjira Misooma Yaa’a Laga Awaash obbo Abajjee Mangaashaan Faanaa Broodkaastiing gabaasera. Lolaan kun namoota 72,000 kan buqqise naannoo Affaar irraa yoo ta’u namootni 20,00 immoo nannoo Oromiyaa irraayi. Lolaan laga Awaash ooyiruu heektaara 21,000 kan Timaatimii, qullubbii fi Boqqoolloo ballleesse jira.
94
16
Guyyoo Waariyoo har’a bahee jira. Kaleessa manni murtii wabiin akka bahu murteessuun ni yaadatama.
89
17
Dhaddacha! Manni murtii Federaalaa dhaddacha har'a taa'een Obbo #Dajanee_Xaafaa fi #Mishaa_Cirrii'f, beellama haaraa qabate. Galmee Obbo Dajanee Xaafaa jala kan jiran, himatamtoota afur keessaa, Gaazexeessaa Guyyoo Waari'oofi Koorsaa Dachaasaa akka hiikamaniif murtiin yoo darbu, Obbo Mishaa Cirrii irratti ammoo himannaan haaraa waan banameef, beellamni haaraan gaafa 28, 2012tti qabamee jira. Himannaan Obbo Dajanee Xaafaaf qofatti galmeen banamuun, ragaan akka dhaga'amuuf gaafa 26,12,12tti beellameeme jira. Maddi: Gulale Post @Gadaapost @Gadaapost Dhaddacha! Manni Murtii Olaanoo Federaalaa dhaddacha ol-iyyannoo dhaddacha har'a Hagayya 25/2012 taa'een iyyannoo obbo Jawar Mohammad faa dhagaheera. Namoonni Vaayirasii Koronaan qabamanii turan jahanu dandamatanii dhiyaataniiru. Abukaatonni shakkamtoota iyyannoo "Mana murtii jalaa nu dhagahuu dide" jechuun dhiyaassan ilaaluun beellama jijjiiramaa kenneera. Shakkamtoonni 14 galmee obbo Jawar Mohammad jalatti argaman kunneen abukaatota afuriin kan bakka buufaman yoo ta'u, gaaffilee dhaddacha irratti dhiyaateefif deebii laataniiru. Dhaddachichi wal mormii shakkamtoota fi abbaa alangaa dhagahuun iyyannoo kana ilaalchisee murtoo laachuuf Kibxata dhufu Qaammee 3/2012f beellama laatera
98
18
Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee barnoota Sirna Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti kennuuf qophaa'aa jiraachuusaa himeera. Sirna Gadaa barsiisuu eegaluuf hayyama eenyuuyyuu hin barbaadu jedheera. -» @bbcAfaanOromoo .. ========Read more===⤵️
93
19
Godina Booranaa aanaa Dhaasitti gaala dhukkubsataa ture qalanii ollaa waliin qooddatanii namoonni nyaatan 110 dhukkubsatanii Buufata Fayyaa Borboritti yaalamaa turan.
85
20
Mootummaan Itoophiyaa gabaasa, Ameerikaan deggersa maallaqaa biyyattiif taasisftu hir'isteetti jedhurratti ibsi akka kennamuuf gaafatte. -» @bbcAfaanOromoo .. ========Read more===⤵️
86