en
Feedback
Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Eebbisaa Baayisaa_ Nama biyya Oromoo

Open in Telegram
5 871
Subscribers
+2224 hours
+357 days
+12330 days
Posts Archive
Mo’i yoo siin jedhe! Akka lakkoofsa addunyaatti bara 1923 ture. Wal dorgommii farda gulufsiisuutu ture. Niwu Yoorki, paarkii Beelmoonti jedhamutti. Namoota digdamatu dorgoma. Maarree haal-dureen hunduu xumuramee dorgommichi eegalame. Dorgomtoonni digdamni fardawwan isaanii gulufsiisuu jalqaban. Otoo gulufsiisaa jiranii isaan keessaa nama tokko dhukkubni onnee qabate. Akkuma beekamu dhukkubni onnee yeroo namaaf hin kennu (Waaqayyo isa haa ifatu malee). Haala nama gaddisiisuun, namichi kun battalumatti du’e. Du’ee garuu farda isaa irraa hin kufne. Akkuma kooraa fardaa isaa irra taa’etti dorgommicha xumure. Firaanki Haayes jedhama. Fardi inni tokkoffaa ba’e dorgommii isaa injifannoon xumurraan namoonni abaaboo qabatanii simachuuf itti fiigan. Gaafa bira ga’an garuu ija isaanii amanuu dadhaban. Fardichi tokkoffaa ba’e reeffa baatee jira. Reeffa Firaanki Haayestu irra ture. Du’aa tokkoffaa ba’u! Mo’i siin jennaan lubbuun jiraattee mitii du’aan kee iyyuu ni mo’ata jechuufan jedhe. Galgala baay’ee bareedaa qabaadhaa. ©Eebbisaa Baayisaa #Namabiyyaoromoo #Deemsiittifufa

Bagan dhaladhe! Har’i guyyaa dhaloota koo akka ta’e FB’n hime. Hiriyyaa koo ani baay’ee jaalladhu Eebbaa Abarraa “Baga Dhalatte!” naan jedhe. “Ameen!” jedheen fudhadhe. Ergasii guyyaa kana guutuu ergaawwan akkanaa otoo wal irraa hin citiin naaf ergamaa oolan. Namoota “Baga Dhalatte!” jedhanii FB irratti barreessan hagam akka heddumatan ilaaleen ajaa’ibsiifadhe. Gama tokkoon gammachuu guddaatu natti dhaga’ama; gama biroon immoo fuula duratti wanti guddaan akka na irraa eegamun hubadhe, kanaaf miira itti gaafatamummaa guddaatu natti dhaga’ame. Barootni ani hojii ogbarruu keessatti dabarse anaaf baroota qormaataan guutuu turan. Waan hundumaa caalaa kan na miidhe nama na hubatu dhabuu kooti. Daandiin irra deeme irratti qofummaa guddaatu natti dhaga’ama ture. Hamma malee itti miidhameera. Garii hadhooftuu baaseera. Gaaf tokko seenaa guutuu nan barreessa ta’a—yoon lubbuun jiraadhe. Hammamuu qormaanni natti baay’atus, otoon abdii hin kutiin akkan as ga’u kan na taasise gargaarsa Waaqayyooti. Itti aansee immoo jaalalaa fi hamilee dubbistoota kooti. Jaalalli uummanni Oromoo na agarsiisu yoomuu akka malee na dhiba. Galaanni jaalalaa uummanni koo na obaasu ibidda qormaataa kamuu dhaamsuuf humna qaba. “Lammaffaa yoon waraqaa fuula tokko barreesse harka koo
.!” jedhee kakadhee otoon hin fixiin, jaalallii fi marartee Oromoon naaf qabu ija koo dura dhufa. Kobbee koo fannisee deebi’ee otoon teessuma irra hin taa’iin, eebbi uummata koo natti yaadatameen yaada koo jijjiira. Isa booda madaa koo sukkuummachaan barreessuu itti fufa. Dhukkuba onnee koo obsee ciniinnadheen, “Abjuu koo hin gurguru!” jedha. Imimmaan koo isan keessa kootti boo’u dhokfadheen, “Kaayyoo koo gatee hin galu!” jedha. Gabaabaamatti asiin kan na ga’e Waaqatti aansee jaalala uummata kooti. Dhaamsa baga dhalattee har’aa irraa waan tokkon hubadhe: Uummanni koo na jaallata; akkuma ani isa jaalladhu! Kun anaaf waan hundumaa oli. Kana irra maalan barbaada? Egaa
bagan dhaladhe. Addunyaa kana irraa Eebbisaa Baayisaa ana qofatu jira. Kanaan dura jiraataa hin turre. Fuula durattis hin jiraatu. Saayinsiin Dhaalmayaa (Genetics) maal jedha beektuu? Haadhaa fi abbaa kee irraa kan dhalatan obboloota biliyoona dhibba sadii (300,000,000,000) otoo qabaattee, jara keessaa kan si fakkaatu hin jiru! Ajaa’iba mitii kun? Ani amma obbolaan dhiiraa lamaa fi obboleettota dubaraa sadiin qaba. Barsiisaa Baayisaa Abeetuu fi Aadde Birqii Lamuu walumatti ijoollee 7 horan jechuudha. Garuu obbolaan biliyoona 300 otoon qabaadhees, guutummaan guutuutti kan bakka na bu’u hin jiraatu. Namni addunyaa kana irratti dhalatu hunduu ergaa mataa isaa qabatee dhufa jedheen amana. Anis akkasuma. Umurii naaf laatametti waanan hojjedhee deemu ergaan qaba. Namni hunduu ergaa qabaatus, ergaa isaanii kan raawwatan garuu muraasadha. Carraa gaarii ta’ee ani nama ergaa isaa raawwachuuf dhama’aa jirudha jedheen yaada. Nama otoo aduun hin lixiin ergaa itti kenname xumuree deebi’ee deemuuf hojiitti dadhabaa jirudha—ani. Hojiin ani haga ammaatti hojjedhe jaalala isin naaf qabdaniin wal madaala jedhee hin yaadu. Ani waan xiqqoon hojjedhe. Garuu daran akkan hojjedhuuf na onnachiistaniittu. Waan xiqqoon hojjedhe kan caalu hojjechuuf imaanaan akka na irra jirun hubadhe. Maraafuu, imalan haga har’aatti imale keessatti obboloonni na bira dhaabattan hunduu galatoomaa. Oolmaa keessan Waaqni guddaan naaf haa baasu. Fuula durattis deggersi keessan akka addaan hin cinne nan amana. Beekees ta’e wallaalee namoonni ani isinitti balleesse hunduu immoo dhiifaman isin gaafadha. Nama waan taaneef, hunduu dogoggoruu malla. Maarree dhiifama naaf godhaa! Namni waa natti balleesse yoo jiraate garaa koo guutuu dhiifama gochuufiif qophii ta’uu koos naaf hubadhaa. Hunda keessan garaa koo irraan jaalladha. Isinan kabaja. Fayyaa guutuu naaf qabaadhaa. Hamtuun isin hin argiin! ©Eebbisaa Baayisaa #NamaBiyyaOromoo #DeemsiIttiFufa

Dhufaa jira

#Booyyee_Kana Ismiiz Wiigilsiworzi nama Waaqayyo hojii gurguddaa ittiin hojjetu ture. Tajaajila isaan namoota du'an 40 ol akka du'aa kaase himama. Yeroo tokko tajaajilaaf Awustiraaliyaa deeme. Akkuma achi ga'een nyaata kennaniif. Maaddiin dhi'aatee, "Nama Waaqayyoo nuuf galateeffadhaa nyaata kana nyaannaa!" jedhan warri isa simatan. "Foon kun kan maaliiti?" jedhee gaafate. "Booyyeedha!" jedhan. "Waan biraan hin jiruu? Maaliif Booyyee nyaanna?" jedhee gaafate. "Lakki! Biyya kanaa booyyeetu akka hoolaatti nyaatama!" jedhanii deebisaniif. "Tole egaa! Ni galateeffanna!" jennaan hunduu mataa gad qabatan. Yoo maal jedhe wayya namichi? "Yaa Waaqayyo! Kan takkaa abaarte deebisuu eebbisuu dandeessa yoo ta'e, booyyee kana nuuf eebbisi!" #Galgalabareedaaqabaadhaa #NamaBiyyaOromoo #DeemsiIttiFufa

Watch "#Bar,..Eebbisaa Baayisaa 👉Galo Show" on YouTube https://youtu.be/P2v0lYDF1os

GORSA 4 "Hawaasni galma koo tilmaamuu danda'a; kan murteessu garuu ana qofa!" Clair Oliver Galmi kee galma kee qofa. Bakka geessu si qofatu beeka. Namoonni har'a kee ilaalanii galma kee boruu tilmaamu ta'a. Sun tilmaama qofa. Kanaafuu, tilmaama namoonni galma keef qaban ilaaltee booda hin deebi'iin! Jaarsi maal jedhe kitaaba ' 'Abjuu Koo Hin Gurguru' keessatti? "Warri fagoo ga'u jennee asumatti hafanii, warri nuti nama hin ta'an jenne fagoo ga'an!" jedhe. Eyyee! Hawaasni haala ilaalee galma kee tilmaama, galma kee kan murteessu garuu si qofa! #DeemsiIttiFufa #AnaNamaBiyyaOromoo

Problem_Solving_Best_Strategies_to_Decision_Making,_Critical_Thinking.pdf5.67 KB

Kitaabni kun otoo dubbifamee baay'ee fayyada!

Namni Duval jedhamu nama mana kitaabaa Firaansis I eegu ture. Baay'ee barachuun beekama. Beekaadha. Gaaf tokko namni akka malee itti hinaafu tokko miira jibbaan guutamee gara isaa dhaqe. Akkuma isa argeen ija dalgaan ilaalaa gaaffiilee hinaaffaa irraa maddan itti roobse. Gaaffiilee gaafatame hundaaf Duval deebii tokko qofa kenne. "Ani hin beeku!" kan jedhu. Gaaffiilee isaa hundaaf deebii kan dhabe namichi daran aare. Itti iyye. "Maaliif wallaalta? Mootiin beekumsa keef miindaa siif kaffala mitii?" ittiin jedhe. Duval deebii bareedduu kenneef. "Sirriidha! Mootiin waantota ani beekuuf naaf kaffala. Otoo waantota ani hin beekneef naaf kaffalee silaa qabeenyi biyyichaa guutuun hin ga'u ture!" Argitanii? "Waan ani beeku muraasa, waan hin beekne hedduudha!" jechuu isaati. Hammamuu haa beeknu, hammi nuti hin beekne hamma beeknu baay'ee caala! Otoo hin beekiin waan beeknu fakkeessuu yaaluu mannaa, akka hin beekne beeknee gad teenyee barachuun ogummaadha! #DeemsiIttiFufa!. #NamaBiyyaOromoo

I am sharing 'Maaliif du'u-1' with you

Kitaaba koo KALLATTII irraa

ERGICHA! "Karaa Waaqayyo cufe banuuf yaaluun bu'aan isaa dadhabbii fi kasaaraa qofa! Turanii hamma inni cufe banutti eeguun ogummaadha. Yeroo Waaqaa eeguu wayya!" jedha ergichi!

LOLLI KUN LOLA GAARIIDHA! Sidney Walker nama dorgommii buunyaa (box) dorgomuun beekamudha. Gama kanaan shaampiyoonaa addunyaati. Beekamtii fi milkaa'ina guddaa kanatti dhufuu isaa dura nama kophee qulqulleessu ture. Barnootas hin baranne. Yeroo sana rakkoo hamtuu keessa ture. Jireenya rakkinaa keessaa ba'ee shaampiyoonaa addunyaa ta'e. Rakkinas bal'inas sirriitti argeera. Jireenyi waan guddaa waan isa barsiisteef, nama gara-laafessa ta'e. Namoota hundaaf waan gaarii yaada. Gaaf tokko dorgommii buunyaa kan waggaa dorgomuuf uffata uffataa otuu jiruu namni WC Heinz jedhamu gara isaa dhufe. Nama lolatti ba'aa jiru kana gaaffii tokko gaafate ; "Yeroo hundumaa yeroo dorgommii lolaatti baatu akka ati Waaqa kadhattu nan beeka. Mee natti himi! Maal jettee kadhatta?" jedhe. Namni lola deemu maal jedhee akka Waaqa kadhatu baruuf waan ariifate fakkaata. Sidney Walker deebii ajaa'ibaa deebiseef. Maal jedhe? "Sirriidha nan kadhadha. Namni kamuu akka hin miidhamnen kadhadha. Itti aansuun, lolichi lola gaarii waan ta'eef, nu keessaa namni mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha!" jedhe. Qabxiin koo ishee kana: Nu keessaa namni mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha! Namichi kun ofittoo miti. "Waaqni akka ana moosisun kadhadha!" hin jenne. "Anaa fi morkataa koo keessaa abbaan mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha!" jedhe. Kun bilchina guddaadha. Diina (morkataa) ofiif mo'icha kadhachuu! Hundi keenya bilchina akkanaatti ol guddachuu qabna! Mee dhugaa isaa natti himaa! Otuu bakka namicha kanaa taatanii yeroo lolatti Ăš jettan maal jettanii Waaqa kadhattu? Saanduqa yaadni itti kennamu keessatti deebii dhugaa barreessaa! Galgala baay'ee bareedduu qabaadhaa! Chaanaalii Youtube koo 'subscribe' gochuuf liinkii kana fayyadamaa: https://www.youtube.com/channel/UCMtb3NcCHKUqFUJ__mOGFog/ #DeemsiIttiFufa #AnaNamaBiyyaOromoo

ANATU BALLEESSE! Ganama ture. Maatiin taa'ee buna dhugaa jira. "Har'a waajjira bulchiinsa aanaa keenyaatti wal ga'iin qaba. Na geessita. Achumaanis konkolaataa keenya garaajiitti nuuf hojjechiista" jedhe abbaan ilma isaan. "Gaariidha. Anaafis waan bitee dhufu qabaa. Si haa geessu" jette haati manaa. Wal qabatanii magaalaa deeman. Fageenya kiilo meetira 25 oofee magaalaa seenan. "Haga sa'atii 10:00 tti konkolaataa hojjechiisii waan harmeen kee barbaaddu bitiif. Waan hundaa xumurii sa'atii 10:30 tti waajjira bulchiinsa aanaa kottuu na fudhadhu" jedhee ilma isaatti hime abbaan. Ilmis itti waliif gale. Konkolaataa garaajii galchee booda mucichi bakka bashannanaa deeme. Dhugaatii, shiishaa....waan hedduutu ture. Sa'atiin beellama abbaa isaa jalaa darbe. Abbaan eegee dadhabee mana garaajii deeme. Konkolaataan hojjetamee dhaabata. Gurbaan garuu hin turre. Waan godhu dhabee gara waajjirichaatti deebi'e-abbaan. Ilmichi beellama abbaa isaa yaadatee gara gaaraajiitti kan fiige sa'atii 11:30 tti ture. Atattamaan konkolaataa baafatee gara waajjira abbaan isaa jiruutti fiige. Amma sa'atii 12:00. Abbaan isaa gaddee mataa buusee taa'ee jira. Fuulli isaa dukkanaa'eera. "Ilma koo maaliif akkana goote? Maaliif hamma sa'atii 12:00 tti na eegsista?" jedhee gaafate. Mucichi baay'ee na'e. Waan deebisu dhabe. Sobuuf dirqame. "Warra garaajiitu na turse. Kunoo amma reefuu naaf xumurraanan dhufe. Achuma taa'een eegaa oole" jedhe. Akka abbaan isaa mana garaajii deemee ilaale hin barre inni. Abbaan deebii mucaa isaatti daran gadde. Mataa buuse. Sana booda tarkaanfii inni fudhate ajaa'ibsiifachuu dhiisuun hin danda'amu. "Ilma koo! Ani sa'atii beellama keenyaa yeroo xiqqoo booda mana garaajii deemeen ture. Konkolaataan yeroo jedhame dursee hojjetamee dhaabate. Ati garuu achi hin turre. Si eegee dadhabeen asitti deebi'e. Ati garuu na sobde. Haga ammaatti na sobda jedhee yaadee hin beeku. Baay'een gadda. Ammoo kan balleesse si miti. Anadha. Anatu sobduu taasisee si guddise. Akka abbaatti itti gaafatama fudhachuun qaba. Ilma sobduu guddisuu koof adabamuun qaba. Amma beenu ni deemnaa. Ati na boodaan konkolaataa oofi. Ani immoo si dura bu'een miilaan deemaa. Eyyee! Adabamuun qaba!" jedhe. Mucichi naasuuf dubbachuu dadhabe. Yaada abbaa isaa jijjiirsisuuf miilla isaatti kufee boo'e. Itti hin milkoofne. Abbaan ejjennoo isaatti ciche. Dukkana ture. Abbaan konkolaataa dura bu'ee miilaan, ilmi immoo konkolaataa oofee duubaan deemsa itti fufan. Akkanatti kiilo meetira 25 deeman. Mucichi halkan guutuu boo'aa bule. Bara jireenya isaa guutuu eenyuunuu akka hin sobne murteeffate. Nama dhugaa ta'e! Dubbistoota koo! Seenaa kana irraa maal baranna? Barreessaa mee! Halkan baay'ee bareedduu qabaadhaa! Eebbisaa Baayisaa: Nama biyya Oromoo! #DeemsiIttiFufa