5 871
Subscribers
+2224 hours
+357 days
+12330 days
Posts Archive
#MAALIIF_IRRAANFATTE?
Victor Hugo barreessaa jabaadha. Kitaaba isaa "Less Mirerables" jedhamu keessatti seenaa garaa nama nyaatu tokko seenessa. Akka armaan gadiitti:
Luba garaa isaanii guutuu Waaqaaf bulan tokkotu turan. Hawaasa biratti baay'ee jaallatamu. Akka keessa jiraataniif manni guddaan isaaniif kenname. Isaan garuu sana hin barbaadne. Namoonni rakkatan kan lafa bulan hin qabne hedduun otoo jiranii mana akka sanaa keessa jiraachuu hin feene. Manni guddichi mana yaalaa ta'ee dhukkubsatoonni akka itti waldhaanamaniif dabarsanii kennan. Ofii kutaa dhiphoo tokko keessa jiraachuu eegalan.
Manuma dhiphoo sana iyyuu namoonni bakka bultii hin qabne akka itti boqotaniif banaa godhaniiru. Maarree gaaf tokko dargaggeessi bakka bulu hin qabne tokko mana isaanii dhiphoo sana dhufe. Lubnis kabajaan simatanii waan barbaachisu hunda kennaniifii keessummeessan.
Halkan walakkaa dargaggeessichi hirribaa dammaqe. Waan hamaa yaadaa ture raawwachuuf. Meeshaalee Waldaa Kiristaabaa kanneen akka fal'aanaa fi waancaa kan meetii irraa hojjetaman hunda hatee bade. Lubnis waan ta'etti gaddan. Garuu gurbicha arguu hin dandeenye.
Borumtaa mucaan meeshaalee hate sana gurgurachuuf gabaa ba'e. Haa ta'u malee, meeshaaleen sun kan hataman ta'uu poolisoonni bira ga'an. Gurbichaa fi meshaalee inni hate fidanii gara mana lubichaa dhufan. Poolisootaan qabamuu gurbichaa gaafa argan lubni baay'ee gaddan. Ija mararteen ilaalan. Baattuu dungoo mataa torba qabu kan baay'ee bareedu gabatee irraa fuudhanii itti hiixacha, "Ilma koo! Kunoo kanas siif kenneen tureem! Maaliif irraanfattee deemte! Hoo'u itti dabaladhu!" jedhanii kennaniif. Ofitti qabanii haammatan. Poolisoonni gochaa kana argan ni rifatan. "Edaa gurbaan meeshaalee sana hin hanne, lubatu kenneef!" jedhanii, dargaggeessicha dhiifama gaafatanii achii adeeman.
Maaliifan ergaa kana barreesse seetan? Abbaan amamtaa kun garaa dhalootaaf gaddu qabu. Abbummaam akkana! Gurbaan halkan walakkaa hirribaa ka'ee meeshaalee sana hatee deeme. Eyyee ni hate. Lubni garuu gaafa poolisiin qabee fidu hanna sana dhoksaniif. Dabarsanii kennuu hin barbaadne. "Isa kanahoo maaliif irraanfatte?" jedhan ija jaalalaan ija gurbichaa ilaalaa.
Argitanii? Akka lafti bari'een buufata poolisii deemanii hin himanne. Miidiyaa hawaasaa irratti hin dhoobne. Hattuudhaan, "Ilma koo!" jedhan. Garaa jaalalaa!
Har'ahoo? Abboota akkanaa qabnaa laata? Jaalalli isaanii yakka namaa kan isaan dagachiisu, humna jaalala keessa jiruun dhaloota kan deebisan, mana guddaa qaban tola-ooltummaaf kennanii ofii kutaa dhiphootti kan galan, walumaa galatti ofiif otuu hin taane lammiif kan jiraatan!
Dhaloonni har'aa hin milkoofne. Kan isa saamu malee kan isaaf yaadu hin qabu. Dhaabbilee amantaa keessatti guyyaa guyyaan saamama. Gama siyaasaan namoonni aangoo argatan ni saamu. Biyya kana keessatti aangoon ergama ittiin ofitti hir'isanii gad jedhanii uummata ofii tajaajilan otuu hin taane, balbala saamichaa guddaa kan guyyoota qubaan lakkaa'aman keessatti ittiin duroomanidha. Eyyee! Dhaloota kanaan dhaloota hin carroomnen jedha.
#DeemsiIttiFufa!
#YerooGaariiQabaadhaa
#AnaNamaBiyyaOromoo
#Dhuma_Irratti_Si_Hubatu!
Dan Shechtman jedhama. Bara 2011 ALH Keemistiriin mo'ataa badhaasa Noobelii ture. Qorannoo yeroo dheeraaf adeemsiseen wantota 'Quasi-Crystals' jedhaman abuureetu kan badhaafame. Haga inni qorannoo kana qoratetti wantota hunda keessatti akkaataan teessuma atoomotaa kan addaan hin cinnedha jedhamee amanama ture. Shechtman garuu qorannoo isaatiin wantonni teessumni atoomota isaanii addaan ciccitoo ta'an akka jiran yeroo jalqabaaf mirkaneesse. Wantota kanas 'Quasi-Crystals' jedhee moggaasuun bu'aa qorannoo isaa biyya Siwiidinitti dhi'eesse. 'Quasi-Crystals' jechuun kiristaalota kiristaala fakkaatan jechuudha.
Qorannoo kana dhi'eessee badhaasa Noobelii bara sanaa dhuunfaadhaan fudhachuu danda'e. Akkuma fudhateen garuu rakkoo hamaan isa mudate. Maal inni? Namoonni bu'aa qorannoo isaa hubachuu dadhaban. Saayintistoota beekamoo hiriyyoota isaa ta'an dabalatee namoonni gurguddoo hedduun ni morman, itti qoosan. Taa'umsaa fi dhaabbii dhowwan.
Guutummaa addunyaa irratti kan beekamu atoomonni kiristaala tokko keessa jiran otuu wal irraa hin citiin wal irra nam'anii akka argaman ture. Sanaa ala wanti argame jedhamu kun dhugaa akka hin taane hunduu itti waliif galee namicha irratti duula. Arrabsoon inni arrabsame kan hamilee namaa cabsudha. Gareen qorannoo saayinsii inni miseensummaan keessa ture tokko, "Sababa keef maatiin saayinsii muka kolfaa ta'e. Kanaaf nu keessaa ba'i!" jechuun isa ari'an.
"Kiristaalli kiristaala fakkaatu kan kiristaala hin taane hin jiru. Saayintistiin saayintistii fakkaatu kan saayintistii hin taane garuu ni jira. Innis sidha!" jedhanii itti ge'isan. Saayintistiin beekamaan yeroo lama badhaasa Noobelii fudhate, Liinas Paawuliingi, dabalatee gurguddoonni akka malee itti qoosan, ittiin morman.
Dhuma irratti akka itti USA jiraatu dhabee biyya isaa Israa'elitti deebi'uuf dirqame. Waan hunda dhiisee deeme. Yuunivarsiitii achi jiru tokkotti qacaramee hojii eegale. Yeroo murtaa'e booda haala nama ajaa'ibuun argannoon isaa dhugaa ta'uun bira ga'ame. Hammamuu itti miidhamus, qorannoon isaa qorannoo guddaa akka ta'ee fi badhaasichi akka isaaf malu hunduu itti waliif gale. Warri kaleessa waan meeqa jedhee itti ge'ise yeelloo guddaan dhiifama gaafatan!
Namoonni dhaloota dursanii dammaqan hedduun haala kanaan miidhamaniiru. Giriigor Mendel, abbaan dhaal-maya (genetics) ammayyaa qorannoo ajaa'ibsiisaa taasiseen yaadatama. Akka abbaa oolmaa dhaal-mayaattis ilaalama. Wanti nama gaddisiisu garuu qorannoo isaa yeroo qorate namuu isa irraa hin fudhanne. Yoo xiqqaate bu'aa qorannoo isaa akka isaaf maxxansaniif namoota dhuunfaa fi dhaabbilee hedduu gaafatee ture. Namni tokko illee tole hin jenneef. Bu'aan qorannoo isaa fudhatama otuu hin argatiin namichi du'e. Inni du'ee waggoota hedduu booda qorannoo ajaa'ibaa akka qoratame bira ga'ame. Bakka hin jirretti leellifame.
Alberti Inistaayin qorannoo annisaa irratti qorate namootaaf ibsus dhaloonni yeroo sana ture hagas mara isa hin hubanne. Qorannoon sun garuu adeemsa addunyaa keenyaa kan jijjiire ture. Haala nama gaddisiisuun garuu qorannoo guddaa kanaaf badhaasa Noobelii hin badhaafamiin hafe.
Maatama Gaandiin falaasama fincila karaa nagaa addunyaaf kan gumaache ture. Nama nagaa! Gaafa inni du'e Alberti Inistaayin akkana jedhee yaada kenne, "Dhaloonni dhufu namni akka Gaandii foon uffatee lafa kana irra jiraataa ture jennee yoo itti himne amanuuf ni rakkata!" Namni akkanaa kun garuu badhaasa Noobelii hin badhaafamiin hafe. Maaliif? Dhaloonni isa hin hubanne.
Gabaabaatti ergaan koo kunooti: Dhaloonni si hubachuus si hubachuu dhiisuus ni danda'a. Itti dadhabdee gatii dadhabbii kee argachuus ta'e dhabuus dandeessa. Sun garuu si yaaddessuu hin qabu. Hojii gaariitti aduun hin dhiitu! Wanti dhaloota har'aa jalaa dhokate dhaloota boriitti mul'achuuf jira. Dhaloonni har'aa dhimma siif dhabuu malee, dhaloonni dhufu garuu hojii gaarii hojjetteef bakka ati hin jirretti siidaa seenaa siif dhaabuuf jira! Kanaafuu, badhaasaa fi beekamtii ittiin argachuuf otoo hin taane, hojjechuu waan qabduuf qofa hojii gaarii hojjedhu! Kaayyoo keetti cichi! Nan xumure!
#DeemsiIttiFufa
#WAAQAYYO_JIRA!
Daldaltoonni lama karaa dheeraa deemaa oolan. Dadhabaniiru. Gammoojjii beekamaa keessa imalu. Lafti itti dhiinaan gaalota isaanii waliin cirracha irra buluuf dirqaman.
Inni tokko musiliima, inni kaan amantaa hin qabu. Inni amantaa hin qabne irra deddeebi'ee, "Waaqayyo hin jiru!" jedha. Inni musiliimni immoo,"Lakki! Allaahn jira!" jedha. Lafti bariinaan hirribaa dammaqan. Akkuma dammaqeen inni musiliimni kadhanna (solaata) eegale. Akkuma inni kadhatee xumureen inni amantaa hin qabne sun, "Dhuguma Waaqayyo jira jettee amantaa?" jedhee gaafate. "Eyyee! Nan amana!" jedhee deebiseef inni sun, "Jireenya koo keessatti gaaf tokko illee jiraachuu Allaah shakkee hin beeku!"
Deebii isaa akkuma dhaga'een, "Jiraachuu Waaqaa maaliin mirkaneessita? Ragaan kee maali?" jedhee gaafate_inni amantaa hin qabne sun. Musiliimichi xiqqoo itti yaade. Naannoo isaa haalaan erga ilaalee booda, "Eda halkan nuti rafnee otoo jirru bineeldi asiin darbe maal ture?" jedhee gaafate. Namichis, "Gaalatu darbekaa!" jedhee deebiseef. "Gaalli asiin darbuu akkamitti barte?" gaaffii musiliimicha ture. "Faana kottee isaan cirracha irratti arge" deebii namichaati.
Biiftuu reefuu ba'aa jirtu quba isaan akeekaa, "Obboleessa koo! Ilaa biiftuu ba'aa jirtu sana argitaa?" jedhee gaafate. Namichis, "Eyyee! Argaan jira!" jedhee deebiseef. "Biiftuun sun faana miillaa Allaah akka taaten beeka! Uumamni erga jiraatee Uumaan akkamitti dhiba?" jedhee deebii ajaa'ibsiisaa kenneef!
#WaaqayyoJira
#DeemsiIttiFufa
#AnaNamaBiyyaOromoo
--Waraanni eessaa madda?--
Jalqaba nama namummaa isaan kabajuu dhiifta. Kanaaf, yaadaa fi ilaalcha nama sanaaf bakka dhabda. Isa booda ofiikee dubbachuu malee haasaa namichaa dhaggeeffachuu dhaabda. Kankoo malee kankee sirrii miti waan waliin jettuuf wal hin hubattu. Walitti wacuu eegalta. Gartuu ijaarratta. Itti fuftee duula maqaa balleessi walirratti geggeessita. Yoo dandeesse haasaa caalte yaada namichaa harkaa rukuttee deggertoota isaas facaafta. Yoo dadhabde namichaa fi deggertootasaa walitti qabdee diina dhala namaa, diina 'waaqaa' fi diina biyyaati jetta. Nama kanatti waliif siif galu daddabalatta. Yoo dandeesse in beelessita. Dinagdeedhaan kuffifta. Isarra darbee yoo adeeme humna qabda taanaan ofumakee waraana itti banta. Jalqaba akka seexanaatti fakkeessiteetta waan ta'eef waraanakee sana yeroo geggeessitu 'waaqatu' na waliin jira jetta. Diinonni nama ati jibbituu sun yeroodhaaf si tumsu. Booda garuu akka sitti deebi'an ofirra ilaallachaa deemta. Atis humna argattee waraanta. Waraana sana keessatti lubbuu nama bifa Waaqayyootti uumameetu dhiigni isaa dhangala'a. Ati garuu ammallee Waaqayyoonan gammachiisa jetta.. Kun waan polotikaa Itoophiyaa keessatti dur durii jalqabee adeemaa dhufeedha. Har'as itti jira. Oromoo fi paartii isaa irratti geggeeffameera. Mallasfaa utuu kana godhaniii biyya lafaarra godaanan. Ammammoo paartii isaanirratti adeemsifamaa jira. Kan hubachuu qabnu har'as ta'e bor saba keenyaaf kan hilu jira natti hin fakkaatu. Wal dhaggeeffachuu fi wal-tumsuun dirqama keenyadha. Kana achi yoo namni nu loluu baatellee nutu wal-lola. Kana argaas jirra.
Gara yaadakootti deebi'uudhaaf, waraanni maddi isaa kabajaa waliif dhabuu, ofii dubbachuu malee nama biraa dhaggeeffachuu dadhabuu keessaa madda. Walitti wacuun ammoo maatii, waldaa, gartuu, sabaa fi biyya gargar diiga. Kun warra biyya bulchuuf qofa miti;hunduma keenya ilaallata. Gurra lamaa fi arraba tokko waan qabnuuf hedduu dhaggeeffannee xiqqoo haa dubbannu. Gaafas walii keenya hubanna jedheen yaada. Waaqayyo nu ha gargaaru! Adaraa namni tokkollee du'a nama kamitti akka hin gammanne of haa eeggannu. Kun garaa Waaqayyo waan gaddisiisuudha. Lubbuu balaa waraana kanaan miidhamtu Waaqayyo haa gargaaru haa jennu..
“A reader lives a thousand lives before he dies. The man who never reads lives only one.”
― George R.R. Martin
👉 JION
@Iyyaasuupost
@Iyyaasuupost
@Iyyaasuupost
dii isa kutachiisan hedduu bira darbee jireenya mo’ichaa jiraate. Keessumaa dubbii barsiisaan muuziqaa tokko isaan jedhe yoomuu hin irraanfanne ture: “Sagaleen kee baay’ee jibbisiisaadha. Sagalee foddaa kan yeroo qilleensi rukkutu dhaga’amu fakkaata!” Inni kaan haa jedhu; barsiisaan ofii dubbii hamilee namaa kuffiisu akkanaa yoo namaan jedhu garuu baay’ee ulfaata. Kana hunda injifatee gaara milkaa’ina muuziqaatti ol ba’e—Kaaruusoon.
Jireenya isaa keessatti guyyaan itti mucaa isaa intalaa—Gilooriyaa—argate guyyaa gammachuu isaa addaa ture. Akka malee ishee jaallata ture. “Jireenya koo keessatti mucaan koo deemsa dandeessee balbala istuudiyoo muuziqaa koo banattee ol seentee arguu caalaa waanan hawwu hin qabu!” jedhee irra deddeebi’ee dubbata ture. Maarree gaaf tokko Gilooriyaan otoo inni istuudiyoo isaa Xaaliyaan jiru keessa piyaanoo bira dhaabatuu balbala banattee ol seente. Sun isaaf gammachuu guddaa ture. Ija isaatti imimmaan guute. Irree ishee qabee ol fuudhee haammate. “Ni yaadattaa?” jedhe harmee isheetiin, “Yeroo kana qofa ture kanan eegaa ture!” Hin turre; sun ta’ee torban tokko keessatti du’aan addunyaa kana irraa boqote. Urjiin muuziqaa addunyaa—Enriikoo Kaaruusoo—dhalatoo ganna 48 tti hirriba rafee hin dammaqne rafe. Sagalee miidhagaa takkaa dhaga’amee hin beekne sana fudhatee umurii malee du’uu isaaf uummanni biyyichaa guutummaatti galaana gaddaan liqimfaman. Iji hunduu imimmaan roobsee boo’eef! Utaalloon baay’ina hojii irraa kan ka’e isa qabde akka tuffatamte hin taane; iddoo kennuufii dhabuu irraa kan ka’e sadarkaa isa ajjeestu irra geesse. “Kan tuffatantu nama dhaala!” jedhee inni Oromoon mammaaku yoom soba ta’e?
Ergaa koo! Haala kam keessattuu abdii hin kutiin. Rakkoolee xixiqqoo qabdu jalaa hin callisin. Na ajjeesti jettee wanti ati hin yaadne si ajjeesuu dandeessii. Of dagachuu hin barbaachisu. Kutannoon jiraannaan abjuun hin raawwatamne hin jiru. Jabaadhu!
Kitaaba koo #Daandii_Mo’attootaa jedhamu kan gidduu kana maxxanfamu irraan fudhadhe!
Eebbisaa Baayisaa—nama biyya Oromooti.
#DeemsiIttiFufa!
#Hin_Dandeessu! #Nan_Danda’a!
Enriikoo Kaaruusoo jedhama. Neeppilsitti ture kan dhalate. Bu’aa ba’ii guddaa inni dabarsee fiixee milkaa’inaa irra ga’e irraa waan guddaa tokko baranna. Mul’ata ofii irraa abdii kutuu baannaan galmi hin qaqqabamne akka hin jirre.
Kaaruusoon dhalatee waggaa 15tti haadha isaa baay’ee jaallatu du’aan of biraa dhabe. Namni haadha isaa jibbu jira jedhee hin yaadu; kan namicha kanaa garuu adda ture. Erga harmeen isaa duutee booda bara isaa isa hafe hundatti suura ishee qabatee deemaa ture. Waa’ee haadha isaa haasa’ee haasa’ee hin quufu; carraa argate hundaan waa’ee ishee dubbata. Haati isaa walumaa galatti ijoollee 21 deesse. Haala nama gaddisiisuun, ijoollee kana keessaa kan guddatan garuu sadii qofa turan. Ijoolleen 18 ijoollummaatti ture kan du’an. Kun immoo Kaaruusoof gadda onnee cabsu ture. Obbolaan kana hunda du’aan of biraa dhabuun hagam akka ulfaatu tilmaamuun nama hin rakkisu.
Du’a ishee dura haati Kaaruusoo ijoollee ishee keessaa inni kun kennaa addaa akka gonfame ni amanti turte. Kanaafuu, dhala ishee kanaaf jettee wareegama kamuu yoo baaste gammachuudhaan ture. Kaaruusoon waa’ee haadha isaa yoo haasa’u imimmaan ija isaatti guutee, “Ani akkan sirbuuf haati koo miilla qullaa deemaa turte!” jedha.
Haala jireenyaa irraa kan ka’e abbaan isaa barnoota isaa dhaabsisuun warshaa keessaa akka inni hojjetu yommuu warshaa tokko keessa galchu Kaaruusoon mucaa waggaa 10 qofa ture. Jiruu fi jireenya mo’achuuf warshaa keessaa hojii humnaa hojjetu illee, abjuun isaa garuu nama muuziqaa ta’uu ture. Sirbituu beekamaa ta’ee of arguu. Kanaafuu, guyyaa guyyaa warshaa keessaa hojjechaa oolee galgala galgala immoo muuziqaa qo’achuu eegale. Waldhaansoo inni muuziqaaf taasise garuu salphaa hin turre. Umurii waggaa 10tti muuziqaa qo’achuu kan eegale Kaaruusoon, sirbuu kan eegale garuu umurii isaa waggaa 21 tti ture. Karaan milkaa’inaa qaxxaamura hin qabukaa! Sunuu kaafteeriyaawwan naannoo isaatti dhi’oo turan keessatti kan irbaataa qofti kaffalameefii ture kan sirbu.
Haala kanaan otoo jiruu gaaf tokko mana tiyaatiraa tokkotti sirbuuf carraa argate. Maarree carraa argate kanatti hedduu gammade. Yeroon geenyaan waltajjiitti ba’e. Hin milkoofne. Sagaleen isaa addaan ciccitu gurra dhaggeeffattootaa hawwachuu hin dandeenye. Deddeebi’ee yaalus tokkoo tokkoon nootaalee muuziqaa isatti ulfaatan. Waltajjii irraa bu’ee imimmaaniin fuula dhiqachaa gale.
Sirbuu dadhabuu isaaf abdii kutate; isa dhumaa! Sana irraa kan ka’es murtoo guddaa tokko murteeffate: of ajjeesuu! Eyyee, waltajjiitti ba’ee dhaggeeffattoota duratti akka sana salphachuu irra of ajjeesuun filannoo gaarii ta’ee itti mul’ate. Yeroo waan kana murteessu qabeenyi inni qabu Liiree Xaaliyaanii tokkittii turte. Horii dhabuu isaa irraa kan ka’es gaaf sana—guyyaa guutuu—waa hin nyaanne. Beela’eera. Liiree tokkittii qabu sanaan wayinii bitate. Wayinii isaa abbuuqqachaa akkamitti akka of ajjeesu karoorsuu eegale.
Karoora of ajjeechaa qopheeffachaa otoo jiruu namichi tokko mana isaa banatee ol itti seene. “Kaaruusoo!” jedhee itti iyye, “Dafii ka’i ni deemnaa! Namoonni sirbituu bakka kee bu’e sana dhaggeeffachuu didan. Itti iyyanii waltajjii irraa buusanii. Ati akka deebitee sirbitu gaafachaa jiru. Ka’i!” Bakka inni ari’amee dhufe sanaa dhufe—namichi. Kaaruusoon dubbiin itti bitaacha’e. Dubbii namichaa amanuu dadhabe. Akkamitti amana? Uummanni muka kolfaa godhee salphisee waltajjii irraa isa buuse akkamitti deebi’ee akka inni dhufee sirbu fedha? Akkamitti isa barbaada? Waan hin fakkaanne ture. “Anaan moo?” jedhee namicha gaafate. “Eyye, si’uma. Si’uma gaafachaa jiru!” deebii ajaa’ibaa ture. “Akkamitti na gaafatu? Kun bar waan hin fakkaannedha. Maqaa koo illee hin beekaniim!” jedhe. “Sirriidha maqaa kee hin beekan. ‘Namicha macha’aa silaa’ jedhanii iyyu!” jedhee deebiseef. Guyyaa sanaa eegalee jireenyi Kaaruusoo daandii milkaa’inaa guddaa qabate.
Sagaleen isaa dhuguma sagalee addaati. Sagalee addunyaan yoomuu irraanfachuu hin dandeenye sanaan hojiiwwan ajaa’ibaa hojjete. Namoota muuziqaa kan seenaan isaanii yoomuu hin dagatamne keessaa tokko ture. Wantota ab
Victory_Over_The_Darkness_by_Neil_T_Anderson_Anderson,_Neil_T_z.pdf1.39 MB
