Waajjira Barnoota Aanaa Ammayyaa
Open in Telegram
Qulqullina Barnootaaf
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
660
Subscribers
-224 hours
+37 days
+11630 days
Posts Archive
Waajjirri barnoota A.Ammayyaa Ogeeyyii Waajjiraa,Waldaa Barsiisota Aanaa,Supparvaayizaroota,Daarektarootaa fi I/A/ Daarektarootaa Waliin Guraandhala 10/2014 duub-deebii supparviizhinii,cheekliistii nuusa 3ffaa fi haala baniinsa saamisteera lammaffaa irratti marii gochuun waltajjii keenya goolabneerra.
Cheekliistiin Hojiin Harcaatii Malee Saffisaan Akka Gaggeeffamuuf Nu Gargaara Kanaaf Caccabsinee Hojiitti Haa Hiknuun Ergaa Jabduu Keenya.
Hooggansa Barnootaa Aanaa Ammayyaa Hundaaf.
Cheekliistii Hojii Nuusa keessa Jirruu Sirnaan Dubbisuun Hojiitti Haa Hiiknu.
Cheekliistii_Hojii_Nuusa_3ffaa_Waajjira_Barnoota_Aanaa_Ammayyaa.docx0.26 KB
Aanaa Ammayyaa Mana Barumsa Binoo Makkanniisaatti qormaatni madaallii ifa barnootaa guyyaa har'aa Amajjii 28/2014 Kennamee Jira.
Guyyaa 27/05/2014
Supparvaayzarootni aanaa keenyaa cheekliistii godinaa kana dubbisuun gabaasuu yaalaa!
1. Qormaata semisteera 1ffaa tiin wal qabatee haala nageenya manneen barootaa hordofuun yeroon xumuruu
2. Ijaarsa buāuura boruu ijaarsa isaa 100% xumuruu
⢠Kan bara 2015 tiif hanga ammaatti kan saayitiin adda baāe gabaasuu
3. DDB barattootaa fooyyessuuf gabaasa kurmaana 2ffaa asitti jijjiirama jiru gabaasuu
⢠Meeqa irraa meeqatti gadi hirāate
4. Haftee barattootaa
⢠Hanga ammaatti kan hafan kutaa 1-8 fi 9-12 tti meeqa ? _________________
⢠Duula torbaan kana godhamaa jiruun kan deebiāan walumatti meeqa ?
Dhi Dub Wal
5. Qormaata semisteera 1ffaa ilaalchisee.
⢠Gaafa 30/5/2014 dura kan jalqaban meeqa ?
⢠Gaafa 30/5/2014 kan jalqaban meeqa ?
6. Galii hirmaannaa uummataa maal irra jira ?
⢠Galiin gale Karoora waggaa ______ Raawwii hanga jiāa kanaa _ Rakkoon jiru
7. Odiitii manneen barnootaa qarshii ā school grantā
⢠Manneen barnoota odiitii taāan filatamuu
⢠Baajatni gadi buāuu
⢠Hojiitti galamuu
Dhaabbanni action aid damee aanaa Ammayyaa Hordoffii project taasise.
Amajjii 26/2014 dhaabbanni action aid dhimmoota adda addaa irratti marii qaamolee garaa garaa waliin taasisuun karaa bulchaa aanaatiin durfamuun pirojektii bu'uura boruu ganda Guultii Bolaatti Mana Barumsa Guultii Samoon Keessatti argamu hordoffii fi deeggarsa dhimma ijaarsa isaa irratti hojjattota olaanaa damee dhaabbatichaa fi maadisa godinaa waliin daawwannaa taasisaniiru.
Dhaabbanni bu'uura boruu akkanaa baadiyyaa Ammayyatti isa calqabaa ta'uun kan baay'ee namatti tolu ta'ee obbo Abarraa gaggeessaa damichaa guddaa galateeffachaa bulchaa aanaa keenyaa obbo Tulluu Tashoomaas dhimma barnootaaf xyyeeffannoo addaa gochuun socho'aa jiran galatni isaaniif ni mala.
Galatooma.
Guyyaa 23/05/2014
Mariin Ogeeyyii Duub deebii Hojii Supparviizhinii Irratti Gaggeeffamee Jira.
Hojjettoonni Waajjira Barnoota Aanaa Ammayyaa Daawwannaa M/Barnootaa Taasifame Irratti Marii Hoo'aa Amajjii 23/2014 Gaggeessuun Qabxiilee Duub-deebii Supparviizhinii Ittiin Gaggeeffame Irra Dhaabbachuun Milkaa'inoota Gaarii Jiran,Dhimmoota Fooyya'uu Qabanii Fi Kallattii Hojii Gara Fuula Duraa Irratti Ballinaan Maryachuun Marii Keenya Guduunfineerra.
