Komunikeshinii Godina Jimmaa
Open in Telegram
819
Subscribers
+224 hours
+157 days
+6330 days
Posts Archive
Inisheetiivii Misoomaa Ruuzii GodinaJimmaaAanaaLimmuu Saqqaatti !!
Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Saqqaa Ganda Dannabaatti Ruuziin Kilaastaraan faca'ee haala gaariin kunuunfamaa waan jiruuf sadarkaa biqilaan irratti argamu abdachiisaadha.
Imala badhaadhinaa galman gahuuf badhaadhinaa maatii mirkaneessuf bifa kanaan kutannoon hojjetama jira.
Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa!!!!
Repost from Oromia Prosperity Party /OPP/ 🌾
+3
Daandiin nagaa injifataadha!!!
****
Godina Wallagga Lixaa Aanaa Najjootti Miseensotni ABO/Shanee waamicha karaa nagaa Mootumman taasise fudhachuun hidhannoo guutuu waliin karaa nagaa harka kennatan.
Miseensotni kunniin qabsoon bu'aa hin qabnee fi uummata dararuu irratti xiyyeeffate bu'aa kamiinuu kan hin madaalamne ta'uu hubachuu fi waamicha karaa nagaa mootummaan taasise kabajanii harka kennachuu dubbatu.
Jilli Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Federaalaa Ambassadar Shifarawuu T/Maariyaamiin, kabajamoo Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir fi Itti Gafatamaa W/ra Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Masarat Hayiluun durfamu Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa Ganda Marawaatti argamun Yuuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa qonnaan bultoota maraa Jimmaa warshaa Ruuzii qulqulleessu fi man-kuusaa sanyii filatamaa daawwateera.
Itti Gafatamaan W/raa Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mahammadxaaha Abba Fiixaa akka ibsaatti Sharafa maddisiisuuf sonaa fi hariiroo oomishaa dabalataa uumuun hawaasa Magaalaa fi baadiyaa fayyaadamaa gochuuf xiyyeffannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Bunaaf Nagaa Hin Dhabinaa!!!!
#Congratulations!!
Godina Jimmaatti barattoota Kutaa 8ffaa akka Naannoo Oromiyaatti qormaata miiniistiirii bara 2016 fudhaatan keessaa barattoota qabxii ol'aanoo galmeessan keessaa #sadarkaa1ffaa_5ffaatti barattoonni qabxii giddu-galeessaa (Averejii) #97.14%_98.1% fidaan barattoota manneen barnootaa aanaalee Godina Jimmaa 10 akka ta'an W/rri Barnootaa Godina Jimmaa ibseera.
Baga Gammaddan!
Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa Qabxii Qormaata Barattoota kutaa 8ffaa/ministry Bara 2016 ifa godhee jira.
Godina Jimmaatti Barattoonni heddu qabxii ol'aanaa galmeessisuudhan gara kutaa itti Aanutti darbuu isaani Waajjirri Barnootaa Godina Jimmaa Beeksise.
Bara kana barattoonni 45,194 qormaata kutaa 8ffaa qoraman keessaa barattoonni 39,885 (88.56%) wolakkaadha ol deebisun gara kutaa 9ffaa tti kan darban ta'u I/G W/ra Barnootaa Godina Jimmaa Obbo Miftaah Abdulqaadir ibsaniruu.
Bu'uuruma kanaan Aanaa Sigimoo, Aanaa Gumaay, Aanaa Limmuu Saqqaa, Aanaa Limmuu Kossaa fi Aanaan Nadhii Gibee barattoota heddu dabarsuun wolduraa duubaan sadarkaa 1 _ 5 qabataniiru.
Bara kana barattoonni heddu Aanaalee hunda keessatti qabxii ol'aanaa kan galmeessun fooyya'insi gaariin kan jiru ta'un ibsameera.
Godinaa Jimmattii Guyyaa haaraa qodaa fudhatoota albuuda godinaa fi Aanaa (bulchoole Aanaa 20 dabalee) bakka argamanittii waltajii sossochii misooma albuud gaggefamee.
Document xinxaala hojii misooma albuuda rakkoo misooma albuuda qora jiruu I/G W/ra Misooma Albuuda Godina Jimmaa Obboo Naasir Dirriibaatiin dhiyatee hubanno wal fakataa umamee jira.
Bulchaa Ittaanaan Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroottiin qodaa fudhattoota waliin mariin kan taasisan yoo ta'u, Sossochii kun karaa wal fakatuun sadarkaa aanaa irrattii akka gaggeefamuu himameera.
W/ra Misooma Albuuda Godina Jimmaattu Gabaasee.
Ergaa hatattamaa daldaltoota Godina #Jimmaa hundaaf!
-------------------
Mootummaan dinagdee dam-daneessa ijaaruuf Sagantaa Imaammata Dinagdee Gooroo biyyattii irratti fooyya'insa taasiseen walqabatee, sharafni alaa bittaa fi gurgurtaan isaa fedhii gabaan akka murtaa'u ta'ee jira.
Kanaaf, fooyya'insa gatii sharafa alaa irratti taasifameen wal-qabatee odeeffannoo dogoggoraa gatiin meeshaalee ol ka'a jedhuun meeshaalee irratti gatii hin malle dabaluu, dhoksuufi kuusuun darbee darbee mul'achuu eegalee waan jiruuf daldaaltonni Naannoo keenyaa gocha badaa ummata miidhu irraa akka of eegan W/rri Daldalaa godina Jimmaa cimsee beeksisa.
Mootummaan gocha kana to'achuuf Koree Komaandi Poostii sadarkaan hundeessee hojiitti galee kan jiru yoo ta'u, daldaltota gatii hin malle meeshaalee irratti dabalanii argaman irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun daldaaltonni biraan akka irraa baratan taasisuu akka qaban W/richi cimsee hubachiisa.
W/ra Daldalaa Godina Jimmaa
Repost from Abiy Ahmed Ali 🇪🇹
+7
በምስሎቹ የምንመለከተው በመልማት ላይ ያለ የሻይ ተክል ማሳ ነው። በቡና ያሳካነውን አመርቂ ድል በሻይ ምርትም እንደግመዋለን።
Suuraawwan kunneeniratti kan ilaallu oyiruu biqiltuu shayee misoomaa jirudha. Injifannoo cimaa bunarratti galmeessine homisha shayeerrattis ni daballa.
These images show a tea plantation in progress. We aim to replicate the success we've had with coffee productivity in our tea production.
Sochiin hojii inisheetiivii misooma ruuzii Godina Jimmaatti gaggeefamaa jiru jajjabeessaa ta’u isaa Hogganaa Ittiaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan ibsaniiru.
Bara kana Naannoo Oromiyaatti lafa heektaara miliyoona 1,5 oomidha ruuziin uuwwisuuf karoorfame hanga ammatti laftii heektaari miliyooni 1.4 ruuzii haguuguu Hogganaan ittaanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Baariisoo Fayyisaa ibsaniiru.
#GodinaJimmaa
Godina Jimmaatti Avokaadoon sanyii fooyya'aa bal'inaan omishaama jira.
Godinichatti misoomni Avookaadoo sanyii fooyya'aa bara 2010 Aanaa 2 qofatti lafa heektaara 10 irratti kan eegalame, yeroo ammaa Aanaalee 20 keessatti lafa heektaara 9,650 irratti misoomaa jira. Avokaadoo sanyii fooyya'aa kana dabalatee akka Godina Jimmaatti lafa hektaara 17,500 irratti misoomaa jira.
Godinichatti bara 2014 omisha Avokaadoo kuntaala 50 gara biyya alaatti erguudhaan kan eegalame, bara 2016tti Avokaadoo biyya alaatti ergamu gara kuntaala 205 tti ol guddisuun danda'amera.
Godina Jimmaatti Dhibee Busaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiruu W/ri Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaa beeksiseera.
Rooba gannaatiin wal qabatee dhibee busaa bifa weeraraatiin uumamu danda'aan ittisuudhaaf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru Ittigaafatammaan Waajjiira Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu'aad Saabiit ibsaniiru.
dhukkuboota daddarboo sababa hanqina qulqullina dhuunfaafi naannootiin waqtii eeggatanii uumamuu danda'an ittisuuf hawaasani Godina Jimmaa hirmaannaa taasisuu akka qabu ibsaniiru.
Dhibeen busaa bara kana Aanoolee godinicha hunda keessatti waan mul'ateef hawaasani godinichaa dhibee kanaaf akka hin saaxilamneefi xiyyeeffannoo adda hojjatama akka jiruufi Akka godinichaattis W/ri Fayyaa Godina Jimmaa koreewwan addaa adda ijaaruun guyyaa guyyaan sadarakaa hundattii xiyyeeffannoon hojjataa akka jiru jiraachuu Ittigaafatammaan W/ra Fayyaa Godina Jimmaa Obbo Fu'aad Saabiit dubbataniiru.
