1 254
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-1930 days
Posts Archive
1 254
Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa kan bara 2017 guyyaan itti kennamu ifoomeera.
Tajaajilli madaalli barnootaa fi qormaata, qormaanni biyyaalessa kun Waxabajjii 23/2017 irraa eegalee hanga Adoolessa 8/2017 tti akka kennamu ibseera.
Barattoonni Saayinsii Uumamaa waraqaa irratti qoraman Waxabajjii 21 hanga Waxabajjii 22/2017 akkasumas Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Waxabajjii 29 fi 30 gara Yunivarsitii itti qoramanii kan seenan ta'a jedhameera.
Barattoonni onlaayiniin qoraman mana jireenyaa isaanii deddebi'aa iddoo itti ramadamanitti qoramu.
Qabiyyeen qormaata kitaaba barataa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, barattoonni qormaataf qophii isaanii akka xumuran jedhameera.
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Baga ayyaana Faasikaa geessan
Ayyaanni kun kan jaalalaa, tokkummaafi milkii isiniif haata'u
Ayyaana Gaarii!!
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
#EidAlFitr
Ayyaanni Iidaa sooma hiikka guyyaa boruu ayyaneffatama.
Guyyaa har'aa baatiin shawwal waan mul'atteef ayyaanni iidaa 1446ffaa guyyaa boruu sanbata kan oolu ta'a.
Eid mubaarak!
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
+1
#Update
"Kan lafaa ishee kaasan Andu'aalamiifi maatii isaati" - Maanaajara Andu'aalam
Artist Andu'aalam Gosaa du'a kaadhimaa isaa shamarree Qananii Addunyaan walqabatee "qorannoof barbaadamee" gara buufata poolisii geeffamuu himame.
Kaadhimaan isaa Qananiin ganama har'aa du'uu erga odeeffamee booda namoonni gadda isaanii miidiyaa hawaasaa gubbaa ibsaa jiru, akka qoratamuus gaafatan.
Maanaajara Artist Andu'aalam kan ta'e Lalisaa Indiriis, qorannoon reeffaa Hospitaala Minilikitti taasifamuufi sirni awwaalchaa guyyaa boruu akka taasifamu BBC'tti hime.
Qananiin kan duute "lafa barii jala sa'aatii 11 ta'uuf" yeroo jedhutti mana jireenyaa isaanii gamoo shanaffaa irraatii kuftee ta'uu kan himu Lalisaan, kan lafaa ishee kaase Andu'aalamiifi maatii isaa ta'uu himeera.
Guyyaa kaleessaa guyyaa dhalootashee kabajuuf sagantaa suuraa ka'uu bakka Andu'aalam jirutti taasisaa akka turan kan eere Lalisaan, "maal akka isheen taate qorannootu godhamaa jira" jedhe.
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
+2
#Oduu_gaddaa
Haati warraa Artistii Andu'aalem Gosaa, Qananii Addunyaa sababa hin beekkamneen du'aan boqattee jirti.
Sababa du'aa ishee poolisiin qorachaa jiraachuu himameera. Odeeffannoo qulqulluu yoo arganne isin biraan geenna.
Maatii fi Hiriyyoota isheetiif jajjabina hawwina! Weellisaa Cimaa Artist Andu'aalem Gosa waaqayyo si haa jajjabeessu
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
+1
#Ramadaan
Soomni guddaan Ramadaanaa guyyaa sanbata boruu eegala.
Sa'udi Arabiyaatti baatiin ramadaana mul'attee jirti.
Guyyaa har'aa salaanni Taraawii ka eegalu yoo ta'u, boru immoo soomni ni eegala.
@tikvahethafaanoromoo
1 254
+2
Daaβima bifa suukanneessaan gudeedamtee ajjeefamtee fannifamte.
Simboo Birhaanu jedhamti. Umriin ishii 10. Daaβimti kun haala suukanneessaan erga gudeedamtee booda ajjeefamte.
Godina Shawaa Lixaa aanaa meettaa walqixxee magaalaa walqixxeetti gochi baay'ee sukkaneessaan raawwatameera. Simboo Birhaanuu Baqqalaa umrii waggaa 10 ti. Erga gudeedamtee booda haala suukanneessaan fannifamtee kan argamte yommuu taβu haga yoonaa qaamonni yakka kana raawwatan seeratti hin dhihaatin jiru.
Biyyattii keessatti yakkoonni suukanneessoon akka kanaa irra deddeebiin mudachaa jira. Yeroo ammaa kanattis haalli kun yaaddoo guddaa uumee jira.
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
+1
"Yoo xiqqaate lammiilen Itoophiyaa 20 du'an":-IOM
Bidiruun Jibutiirraa godaantoota feetee gara Yamanitti imaltu dhidhimuu hordofee lammileen Itoophiyaa 20 du'uu Dhaabbanni Godaansa Addunyaa (IOM) beeksise.
Bidiruun godaantoota feete kun Sambata darbe gargaluun lammilee Itoophiyaa- dubartoota 9 fi dhiiroota 11 du'aniiru.
Dhaabbanni IOM akka ibsetti, bidiruu lammileen Itoophiyaa 35 feete kana kaapteenii lammii Yaman oofaa kan ture yoo ta'u, bakka Al- Hajjaa jedhamutti erga dhiyaatani booda bidiruun dhidhime.
Lammileen Itoophiyaa 15 fi lammileen Yaman bidiruu sana hoofaa turan lama lubbuun oolaniiru.
IOM akka jedhutti, sababa bubbee hamaatiin bidiruun Jibutii, kaate kun dhidhimuu hin oolle jedhe.
Dhaabbatichatti hogganaan damee Yaman Abdusattor Isoyiv, taatee gaddisiisan kun godaantonni jiruu fooyyee barbaacha ''haala hamaa keessa darban nu yaadachisa'' jedhan.
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
1 254
1 254
"Saala lama qofatu jira. Innis dhiiraa fi durba dha" - Pirezidaanti Tiraamp
Pirezidaantiin Ameerikaa 47ffaan Doonaald Tiraamp guyyaa har'aa erga aangoo qabatanii booda hojiiwwan gurguddoo hojjatan keessaa tokko biyyattii keessatti saala dhiiraa fi dubaraa qofaaf beekamtii kennuudha.
Kunis yeroo aangoo Pirezidaantii duraanii Joo Baayiden turetti eegumsa namoota saala jijjiirrataniif(transgender) kennamu kan haquu dha.
Dhiiraa fi dubartoota qofaaf beekamtii kennuun ajaja Tiraamp keessaa isa barbaachisaa taβuun beekameera.
Tiraamp yeroo kakatanitti, "Har'a irraa eegalee / kana booda / imaammanni mootummaa Ameerikaa saala lama qofa, dhiiraa fi dubaraaf beekamtii kan kennuudha" jechuun mirkaneessaniiru.
Haaluma kanaaan Pirezidaanti Tiraamp, namoonni saala isaanii jijjiirratan ispoortii dubartootaa irratti akka hin hirmaanne ajaja dhorku ni baasu jedhamee eegama.
#USA #PresidentDonaldTrump
https://t.me/Abdisa_Official
https://t.me/Abdisa_Official
