Ulee Amantaa||Dn Hundesa
Kayyoon Chaneelii kana👇 👉Ogummaa qabnuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu Yaadaa keessaniif @dnhundesa Facebook,👇 @uleeamantaa You Tube: https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1
Show more📈 Analytical overview of Telegram channel Ulee Amantaa||Dn Hundesa
Channel Ulee Amantaa||Dn Hundesa (@uleeamantaa) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 14 084 subscribers, ranking 6 109 in the Religion & Spirituality category and 337 in the Finland region.
📊 Audience metrics and dynamics
Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 14 084 subscribers.
According to the latest data from 06 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 75 over the last 30 days and by -10 over the last 24 hours, overall reach remains high.
- Verification status: Not verified
- Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 0.58%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 0.75% reactions from the total number of subscribers.
- Post reach: On average, each post receives 82 views. Within the first day, a publication typically gains 106 views.
- Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 1.
📝 Description and content policy
The author describes the resource as a platform for expressing subjective opinions:
“Kayyoon Chaneelii kana👇
👉Ogummaa qabnuun sagalee Waaqayyoo barsiisuu
Yaadaa keessaniif @dnhundesa
Facebook,👇
@uleeamantaa
You Tube:
https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1”
Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 07 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the Religion & Spirituality category.
Data loading in progress...
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 07 September | 0 | |||
| 06 September | 0 | |||
| 05 September | 0 | |||
| 04 September | 0 | |||
| 03 September | 0 | |||
| 02 September | 0 | |||
| 01 September | 0 |
| 2 | 🎉 GALATOOMAA! Hordoftoota (Subscribers) 14,000 Ga'eera! 🙏
Chaanaliin keenya Ezra Tube maatii 14,000 ta'eera. Wajjin turtee keenyaaf, deeggarsa fi jaalala keessaniif guddaa galatoomaa.
Chaanalii kana irraa itti fufiinsaan:
📖 Barumsa Mana Amantaa Orthodoksi Tewaahidoo
🎵 Faarfannaa fi Lallaba
🎭 Diraamaa Afuuraa & Walaloo Afuuraa
📜 Seenaa Kitaaba Qulqulluu
Isin maatii keenya itti fufiinsaan nu hordoftan galatoomaa! Yoo haarawa taatan immoo Subscribers godhaatii maatii keenyaatti dabalamaa!
🔗 https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1
#EzraTube #OrthodoxTewahedo #14kSubscribers #AfaanOromoo | 202 |
| 3 | No text... | 407 |
| 4 | Yeroo biraa immoo "har'as kana lallabaa?" na jechisiisa. Ani cubbuu itti fufinsaan hojjedhuun osoo hin qaana'in barsiisaan waan beekamu barsiise jedhee hin qaana'u moo na jechisiisa.
Yeroo biraa immoo wanti dubbatamu arrabsoo fi waan gatii hin qabne natti fakkeessa. "Asitti barachuu irra achuma mana koo taa'een dubbisa" jedhee akka ani yaadu na taasiseeti mana koo yommuun galu teeleevizinii dura na dhaaba.
Inni nuffisiisaa yoo ta'u waan miidiyaa hawaasaa irratti ba'e akka ani ilaalu karaa hiriyoota kootiin naaf bilbilsiisa. Akkamittiin itti aaree dubbisuuf yommuun ka'u hirribni akka cabbiitti natti rooba.
Dhiisi, wanti gaariin na jalaa darbee booda na jalaa badaa jira. Gorsa akka ani hin gaafanne nama guddaa fi beekaa dha jedhamu uffata amalaatiin na uffisanii na qaaneessan. Kana hundumaa irraa kan ka'e dhukkubbii lubbuu kootiin foon koos dhukkubsataa ta'e.
Akka furdadheetti dadhabaa, akka quufetti laafaa na taasisan. Akka ani hin soomne dhagni koo didde. Akka ani hin sagadnes jilbi koo hollate. Hundumaan duwwaa ta'een taa'e.
Yaa Gooftaakoo waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori, reebameen kufe, jireenya fooniitiin qalbiinkoo saamamee jira. Kan lafa ol na kaasu, kan anaaf ho’u dhibantaankoo si’i. Si malee maalan qaba maltu jira?. Gabbeera na ga’a, gara kootti gori adaara immoo hin turin.
Dn Hundesa M.
2018, M/ Haamere Nohi Q/ kidaanemiret
"Obboloota koo,nuufis kadhadhaa!"1Tas.5:25,Obbolloota bira akka ga'uuf sheerii godhaa.
Facebook : https://www.facebook.com/dnhundesapage
Telegram : https://t.me/uleeamantaa
Youtube:
https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1 | 373 |
| 5 | + Yaa Gooftaa, gara kootti gori.
Yaa Gooftaa, akkuma kara-deemaan Iyyaariikoo Namichi samaariyaa itti gore, waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori.
Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos isa hoolaa bade Addaam Barbaadde, yaa Gooftaa eegaa anas barbaadi; akkuma isa argattee baatte anas baadhu.
Akkuma uumama kee isa jalqabaa Addaam dagattee hin dhiifne, anas ilma isaa isa dadhabaa isa isaa irraa dhaladhe dagattee hin dhiisin. Caalaatti yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos akkuma Addaam isa nama tokko jedhame baatte, anas baadhu.
Eeyyee yaa Gooftaa, namni maqaa hin qabne karaa irratti kufee sun ana ta'uu koo beekeera.
Olka'iinsa Kiristaanummaa hojiin mul'atuu isa iccitiiwwaniin jiraatamu irraa gara gadi-aantummaa fakkessaa fi dorgommiin jiraatamuutti kanan gadi bu'e kara-deemaan maqaa hin qabne sun anuma. Tulluu Wangeelaa isa dhugaa fi jaalalaan jiraatamu irraa gara hallayyaa caqasoota gara fedha keenyaatti harkisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan reebame sun anuma.
Isa kuferratti gaddaa isaafis kadhachaa ijoolleen kee dhugaan olka'iinsa jiraatan irraa gara gadi-aantummaa isa hundumaa tuffachiisuu fi komachiisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan sun anuma.
Wanta hundumaa hafuuraa fi hubannoodhaan qoruu irraa gara boolla miiraa fi argaa-dhaageettiin balleessuutti kanan gadi bu'es anuma.
Karooraa fi ogummaadhaan hojjechuu irraa gara komii, qeeqaa, aariin dubbachuu qofaatti kanan gadi bu'e akkasumatti kan gadi-aane dhuguma anuma.
Murasa isaanii tarreessuu qaba jedheen malee, yaa Gooftaa hojii badaa ani dhiisuu fi boolli ani itti hin kufin maaltu jiraa?
Yommuun gadi bu'us akkuma barreeffame saamtonni na argatanii na dhaanan. Isa ani qabu hundumaas na jalaa saaman. Yaa Gooftaa, osoon gadi bu'uu waan ani qabadhee ture irraa kanan hin saamamne wanti tokkollee hin jiru.
Jalqaba kan na jalaa saaman ulee koo ishee tokkittii ishee yommuun dadhabu itti hirkadhu, ol-ba'iinsaa fi gad-bu'iinsa ittiin qaxxaamuru, bineensota ittiin fageessu, galaa fi fe'isa koo ittiin baadhu: kadhanna koo na jalaa saaman utubaa maleen hafe.
Ka'ee kadhachuuf yommuun dhaabbadhu qaamni koo akka siidaatti dhaabbatee lubbuu koo dhiphisu. Yeroo tokko tokko ilkaan koo wal ciniinsisu. Yeroo tokko tokko immoo isa siif yaadu fakkeessanii waraana keessa na galchu.
Yeroo biraa faayidaa ani karaa keetiin argachuu qabu na yaadachiisu. Yeroo biraa immoo waanan si hin gammachiisne natti fakkeessu akka ati murteessite na gattuus fakkeessanii na yaachisu. Yeroo biraa immoo firaa fi hiriyyaa irraanfatame, maatii du'ee fi bade dabalatee natti agarsiisaa jireenya fakkeessaa keessatti na gowwoomsu.
Hojiin dhabee fi qabeenyan kasaare na yaadachiisanii na aarsu. Qofa lubbuu koo bakka itti hin geessine hin qaban. Osoon du'ee illee ergamaan du'aa lubbuu koo dararaa itti fiduu hin dandeenye hammam lubbuu koo dhiphisu. Kadhanna koo na jalaa saamanii lubbuu koo simbirroo bakka boqonnaa dhabde fakkeessan.
Kanarraa kan ka'es nagaan koo isa keessaa na jalaa fudhatame. Dagalee nama biraa irraa, hiriyaa gaa'ila koo, haadha koo fi abbaa koo, maatikoo waliin nagayaan mari'achuu koo illee walitti aansanii na jalaa saaman.
Obsa koo na jalaa saamanii akka re'ee wacaan, akka urunguu iyyituu na taasisan.
Isa naaf dubbatuuf deebisuu dhiisee, isa na ilaalu dinqisiisee ilaaluu dhiisee akka nama miidhameetti natti fakkeessuudhaan ogummaa gaariidhaan deebisuu koo na jalaa saaman.
Caalaattis garagaleen garaagarummaa koo beekumsaan ibsuu, waliigaluuf mari'achuu irraa ana addaan baasanii arrabsoof aariin kan ittix murtaa'e na taasisan.
Gara jireenya koo isa jalqabaatti akka ani hin deebines karaa natti cufan. Mana barumsa dilbataa (gubaa'ee) deemeen akka hin baranne yeroo koo akkasumaan akkan balleessu natti fakkaata.
Barsiistota tokko tokkos qeeqaan akka ani tuffadhu waan na taasisaniif, obsi taa'ee dhaggeeffachuu koo silaa eessa akka seene hin beeku. Dhiibbaa hiriyaatiin yommuun taa'us anaaf jedhee dhaggeeffachuu irra "kun abaluuf ture kan barbaachisu" na jechisiisa. | 198 |
| 6 | No text... | 10 |
| 7 | Yeroo biraa immoo "har'as kana lallabaa?" na jechisiisa. Ani cubbuu itti fufinsaan hojjedhuun osoo hin qaana'in barsiisaan waan beekamu barsiise jedhee hin qaana'u moo na jechisiisa.
Yeroo biraa immoo wanti dubbatamu arrabsoo fi waan gatii hin qabne natti fakkeessa. "Asitti barachuu irra achuma mana koo taa'een dubbisa" jedhee akka ani yaadu na taasiseeti mana koo yommuun galu teeleevizinii dura na dhaaba.
Inni nuffisiisaa yoo ta'u waan miidiyaa hawaasaa irratti ba'e akka ani ilaalu karaa hiriyoota kootiin naaf bilbilsiisa. Akkamittiin itti aaree dubbisuuf yommuun ka'u hirribni akka cabbiitti natti rooba.
Dhiisi, wanti gaariin na jalaa darbee booda na jalaa badaa jira. Gorsa akka ani hin gaafanne nama guddaa fi beekaa dha jedhamu uffata amalaatiin na uffisanii na qaaneessan. Kana hundumaa irraa kan ka'e dhukkubbii lubbuu kootiin foon koos dhukkubsataa ta'e.
Akka furdadheetti dadhabaa, akka quufetti laafaa na taasisan. Akka ani hin soomne dhagni koo didde. Akka ani hin sagadnes jilbi koo hollate. Hundumaan duwwaa ta'een taa'e.
Yaa Gooftaakoo waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori, reebameen kufe, jireenya fooniitiin qalbiinkoo saamamee jira. Kan lafa ol na kaasu, kan anaaf ho’u dhibantaankoo si’i. Si malee maalan qaba maltu jira?. Gabbeera na ga’a, gara kootti gori adaara immoo hin turin.
Dn Hundesa M.
2018, M/ Haamere Nohi Q/ kidaanemiret
"Obboloota koo,nuufis kadhadhaa!"1Tas.5:25,Obbolloota bira akka ga'uuf sheerii godhaa.
Facebook : https://www.facebook.com/dnhundesapage
Telegram : https://t.me/uleeamantaa
Youtube:
https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1 | 1 |
| 8 | + Yaa Gooftaa, gara kootti gori.
Yaa Gooftaa, akkuma kara-deemaan Iyyaariikoo Namichi samaariyaa itti gore, waggaan kun osoo hin darbin gara kootti gori.
Yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos isa hoolaa bade Addaam Barbaadde, yaa Gooftaa eegaa anas barbaadi; akkuma isa argattee baatte anas baadhu.
Akkuma uumama kee isa jalqabaa Addaam dagattee hin dhiifne, anas ilma isaa isa dadhabaa isa isaa irraa dhaladhe dagattee hin dhiisin. Caalaatti yaa Gooftaa koo Iyyesuus Kiristoos akkuma Addaam isa nama tokko jedhame baatte, anas baadhu.
Eeyyee yaa Gooftaa, namni maqaa hin qabne karaa irratti kufee sun ana ta'uu koo beekeera.
Olka'iinsa Kiristaanummaa hojiin mul'atuu isa iccitiiwwaniin jiraatamu irraa gara gadi-aantummaa fakkessaa fi dorgommiin jiraatamuutti kanan gadi bu'e kara-deemaan maqaa hin qabne sun anuma. Tulluu Wangeelaa isa dhugaa fi jaalalaan jiraatamu irraa gara hallayyaa caqasoota gara fedha keenyaatti harkisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan reebame sun anuma.
Isa kuferratti gaddaa isaafis kadhachaa ijoolleen kee dhugaan olka'iinsa jiraatan irraa gara gadi-aantummaa isa hundumaa tuffachiisuu fi komachiisutti kanan gadi bu'e kara-deemaan sun anuma. Wanta hundumaa hafuuraa fi hubannoodhaan qoruu irraa gara boolla miiraa fi argaa-dhaageettiin balleessuutti kanan gadi bu'es anuma. Karooraa fi ogummaadhaan hojjechuu irraa gara komii, qeeqaa, aariin dubbachuu qofaatti kanan gadi bu'e akkasumatti kan gadi-aane dhuguma anuma. Murasa isaanii tarreessuu qaba jedheen malee, yaa Gooftaa hojii badaa ani dhiisuu fi boolli ani itti hin kufin maaltu jiraa?
Yommuun gadi bu'us akkuma barreeffame saamtonni na argatanii na dhaanan. Isa ani qabu hundumaas na jalaa saaman. Yaa Gooftaa, osoon gadi bu'uu waan ani qabadhee ture irraa kanan hin saamamne wanti tokkollee hin jiru.
Jalqaba kan na jalaa saaman ulee koo ishee tokkittii ishee yommuun dadhabu itti hirkadhu, ol-ba'iinsaa fi gad-bu'iinsa ittiin qaxxaamuru, bineensota ittiin fageessu, galaa fi fe'isa koo ittiin baadhu: kadhanna koo na jalaa saaman utubaa maleen hafe. Ka'ee kadhachuuf yommuun dhaabbadhu qaamni koo akka siidaatti dhaabbatee lubbuu koo dhiphisu. Yeroo tokko tokko ilkaan koo wal ciniinsisu. Yeroo tokko tokko immoo isa siif yaadu fakkeessanii waraana keessa na galchu.
Yeroo biraa faayidaa ani karaa keetiin argachuu qabu na yaadachiisu. Yeroo biraa immoo waanan si hin gammachiisne natti fakkeessu akka ati murteessite na gattuus fakkeessanii na yaachisu. Yeroo biraa immoo firaa fi hiriyyaa irraanfatame, maatii du'ee fi bade dabalatee natti agarsiisaa jireenya fakkeessaa keessatti na gowwoomsu.
Hojiin dhabee fi qabeenyan kasaare na yaadachiisanii na aarsu. Qofa lubbuu koo bakka itti hin geessine hin qaban. Osoon du'ee illee ergamaan du'aa lubbuu koo dararaa itti fiduu hin dandeenye hammam lubbuu koo dhiphisu. Kadhanna koo na jalaa saamanii lubbuu koo simbirroo bakka boqonnaa dhabde fakkeessan.
Kanarraa kan ka'es nagaan koo isa keessaa na jalaa fudhatame. Dagalee nama biraa irraa, hiriyaa gaa'ila koo, haadha koo fi abbaa koo, maatikoo waliin nagayaan mari'achuu koo illee walitti aansanii na jalaa saaman.
Obsa koo na jalaa saamanii akka re'ee wacaan, akka urunguu iyyituu na taasisan.
Isa naaf dubbatuuf deebisuu dhiisee, isa na ilaalu dinqisiisee ilaaluu dhiisee akka nama miidhameetti natti fakkeessuudhaan ogummaa gaariidhaan deebisuu koo na jalaa saaman. Caalaattis garagaleen garaagarummaa koo beekumsaan ibsuu, waliigaluuf mari'achuu irraa ana addaan baasanii arrabsoof aariin kan ittix murtaa'e na taasisan.
Gara jireenya koo isa jalqabaatti akka ani hin deebines karaa natti cufan. Mana barumsa dilbataa (gubaa'ee) deemeen akka hin baranne yeroo koo akkasumaan akkan balleessu natti fakkaata.
Barsiistota tokko tokkos qeeqaan akka ani tuffadhu waan na taasisaniif, obsi taa'ee dhaggeeffachuu koo silaa eessa akka seene hin beeku. Dhiibbaa hiriyaatiin yommuun taa'us anaaf jedhee dhaggeeffachuu irra "kun abaluuf ture kan barbaachisu" na jechisiisa. | 205 |
| 9 | #Ammee Kutaa 12ffaa
😱 Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gadhiifameera link armaan gadiin seenaa ilaalladhaa 👇👇👇
result.neaea.gov.et
result.neaea.gov.et
result.neaea.gov.et | 5 |
| 10 | ✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇 | 3 |
| 11 | Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇
🥰Channel afaan oromoo🥰 | 2 |
| 12 | https://yt.psee.ly/9hul7a | 357 |
| 13 | 🚨Kutaa 12ffaa 🔥
Qormaanni Kutaa 12ffaa Gadhiifameera bakka Get jedhuu tuqun Ilaalladhaa 👇👇👇 | 13 |
| 14 | Warreen Barnoota Ortodoksii Afaan Oromootiin Darbu Akkasumas Faaruu, Walaloo, Ogaartiwwan, Diraamaa, Asoosama, garaa garaa barbaaddan ammuamaJoin Gochuun Argachuu Dandeessu. 👇 | 221 |
| 15 | https://yt.psee.ly/9gzw8j?fbclid=IwcGRvZgRleHRuA2FlbQIxMQBzcnRjBmFwcF9pZA8yNzUyNTQ2OTI1OTgyNzkAAR74qNxTT9il9fg-5eQlPPAenN0WymQ_g8Hhzr29hoTzEwDREFK24_gJ8F09VA_aem_nw4y5L_aBOM9TVhg80uMUQ | 439 |
| 16 | #Ammee Kutaa 12ffaa
😱 Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Gadhiifameera link armaan gadiin seenaa ilaalladhaa 👇👇👇
result.neaea.gov.et
result.neaea.gov.et
result.neaea.gov.et | 11 |
| 17 | ✅Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama 👇👇👇 | 4 |
| 18 | 🚨Kutaa 12ffaa 🔥
Qormaanni Kutaa 12ffaa Gadhiifameera bakka Get jedhuu tuqun Ilaalladhaa 👇👇👇 | 11 |
| 19 | 🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?
👤F/taa Firaanol Moosisaa
👤 F/ttuu sister hiwet teferra
👤F/taa Mendaayee Berhaanuu
👤 F/taa Yilmaa Hayiluu
👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb
👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede
👤 F/taa Tewodroos Yooseef
👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu
👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw
👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun
👤 F/ttuu Worknesh
👤 F/taa Ytbarek Tegeny
👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek
🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶 | 15 |
| 20 | Cubbuusaa isa darbee
Gaabbiidhan dhiqataa
Kan argatuu kudhan keessaa
Tokkoo Waaqayyoof hixataa !
Egaa kaanee…..
Gaarummaa haa facaasnu
Cubbuufi ammeenya
Ofirraa haa harcaasnu!
Waaqaaf adda baanee
Hojjetaa isaa haa taanu
Gaabbii Luba biratti gallee
Fooniif dhiigasaa haa nyaannu.
Sagalee isaa Kootta
Jedhee nuu waama
Qalbii jijjiiradhaa
kottaatti yaa namaa
Jecha Waaqaa keenyaa
Hojiirraa haa oolchinu
Olmaa isaafis
Galata haa galchinuu.
Waa’ee Waaqa keenyaa
Dubbachuuf yooman waakkadhee
Alfaadhaaf Omeegaadha
Ibsuudhaaf jechootan rakkadhee!
Gara isaatti haa deebinu
Dhiisnee waan hamaa
Inni nuhaa taasisuu
Kan isaaf ta’u “namaa”
Galanni Waaqayyoof haa tahu
✍️ Dn Hundesa M.
https://www.youtube.com/c/EzratubeOfficialTube?sub_confirmation=1 | 354 |