Beekumsa Waligalaa
Open in Telegram
Kayyoon keenyaa dhaloota yaada Mo'aataa Maddiissisuu dandaa'an ijaaruudha.
Show more1 381
Subscribers
No data24 hours
+37 days
+1830 days
Posts Archive
1 381
#Seeraan_Ala_Dhimma_Lafarra_Harkisuu:-
✔Hojjataan Mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhihaateef irratti nama miidhuuf jecha seeraan yookiin Dambii yookiin Qajeelfama hojii yookiin hojimaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hin murteessine yookiin kan turse yookiin abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta'e,hidhaa cimaa waggaa dheeraan adabamuu akka qabu Labsii Lakk.881/2015 keessatti tumeera.
Adabbii yakkaa qofa osoo hin taane adabbiin Bulchiinsaatiinis adabamee hariiroo hawaasaatiin himatamee beenyaas kanfaluu akka qabu Labsii Lakk.881/2015 keewwata 7 jalatti ifa taasiseera.
1 381
Haala Keeninsa Boqqonnaa garagaraa
🛑 Da’umsaan dura boqonnaa akka taasiftu ogeessi fayyaa yoo ajaje boqonnaan mindaan itti kanfalamu ni kennamaaf.
🛑 Hojjattuun mootummaa yeroo ulfaa ji’a 3 hanga 6 keessatti ulfi irraa bahuu muudate hayyamni guyyoota walitti aanan 30 mindaan itti kafalamu ni kennamaaf.
🛑 Hojjataan mootummaa kamiiyyuu haati manaa isaa yoo deessu hayyamni mindaan itti kanfalamu guyyaan hojii 10 ni kennamaaf.
🛑 hayyamni da’umsaa guyyoota walitti aanan 120 mindaan itti kanfalamu ni kennamaaf.
1 381
Repost from Muhammedteyib Nure:Judge
22_2015_QajeelfamaNaamusaa_Hojjattoota_Mootummaa_Naannoo_Oromiyaq2015.pdf24.53 MB
1 381
Sosochiifi hojiin hubannoo Uumuu Alseerummaa Hojii Daldalaa Keessatti mul'atu hambisuuf Daldaltoota Aanaa Meettaa Walqixxeef Kenname.
___
Gurraandhala 8, 2016 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Meettaa Walqixxeetti Dambii, Qajeelfamaa fi Seerota Daldalaa irratti Sosochiifi hojiin Hubannoo uumuu Daldaltoota Aanaa Meettaa Walqixxeef kenname jira.
Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Obbo Birhaanuu Ajjamaa Sosochii fi Marii Daldaltoota kanarratti argamuun Haasaa Saaqinsaa taasisuun barbaachisummaa Leenjiichaa akka ibsaniitti Daldaltoonnis akkaataa dambii fi seeraa daladalaa hordofuun karaa haqa qabeessa ta'een daldalanii of jijjiiruu fi guddina dinagdee biyyaa keessatti gumaacha isaanii bahachuu akka qabanis dhaaman.
Daldaltoonni Keenya akkaataa Dambiifi Serota Daldalaa hordofuun karaa haqa qabeessa ta'een mirga fayyadamaa eeguun daldaltanii of jijjiiruu fi guddina dinagdee biyyaa Keessatti qooda Keessan ba'uu qabdu jedhan Obbo Birhaanuun.
I G Waajjira Paartii Badhaadhina Aanaa Obbo Kaffaloo Xiiqii Waltajjiirraatti argamuun akka jedhanitti Hojiin Daldalaa karaa seera qabeessaan yoo gaggeeffame Guddina biyyaa itti fufsiisuun kaayyoo galma Badhaadhina Milkeessuu Keessatti qooda Ol'aanaa qaba jedhun ibsaniiru.
I.G Waajjira Daldalaa Aanichaa Obbo Tolasaa Taaddasaa Waltajjiirraatti akka ibsaniitti Labsiiwwan Mootummaan Dadaala Seera qabeessa Cimsuun, alseerummaa Daldaala Keessatti mul'atu hambisuuf baase, labsii galmeessa Eeyyamaa hojii daldalaa 980/2008, Labsii Eegumsa Mirga Fayyadamtoota fi Dirqama Daldalaa 813/2006, Labsii Sirna To'annoo gabaa fi qulqullina oomishaalee Qonnaa 234/2013, Labsii to'annoo qulqullina fi gabaa Bunaa 1051)2009, fa'a hojiirra hoolchuun Daldaltanii al- Seerummaa fi Qaala'insa jireenyaa maksuun jiruufi jireenya Keessan akka fooyyessuun guddina biyyaa Keessatti qooda Keessan ba'uu qabdu jedhan.
Labsii fi qajeelfamoota kanneen irratti daldalatootaaf hubannoo kan kennan Waajjira Daldalaa Aanichaatti Oggeessa Karooraa Obbo Hirphaa Dirribsaan dhiyaateera.
Hirmaattonni marichaas akka yaada kennaniin, hubannoon argatan kan isaanitti tole ta'uu kaasuun adeemsa daldalaa keessatti hordoffiin walirraa hin cinne taasifamuu akka qabu jedhan.
1 381
Dambii_kaffalttii_Itti_Fayyadama_Lafaa_Baaddiyaa_Dhaabbilee_Inveestarootaa.pdf4.54 MB
1 381
Guraandhala 5/2016
BPSMQNO
Rakkoon kenna tajaajilaa rakkoo hoggansiifi hojjataan mootummaa uume waan ta'eef qaamni furmaataas isaanuma jedhame.
Waltajjiin leenjii leenjistootaa (TOT) damee ijaarsa dandeettiifi damee Hoggansa Qabeenya Namaa Biiroo PSMQN Oromiyaatiin qophaa'ee manneen hojii Naannoofi caasaa biirichaa godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaatiif Magaalaa Adaamaatti guyyoota sadiif geggeeffamaa ture xumurameera.
Haasaa xumura waltajjichaa kan taasisan hoggantuun biirichaa Ad.Kookabee Didhaa yaada kennaniin, rakkoolee kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa Naannichaa keessatti mul'atan kan uume hoggnsaafi hojjataadhuma keenya dha jedhan.
Qaamni furmaataa rakkoolee kanaas hoggansaafi hojjataadhuma kana waan ta'eef manneen hojii sadarkaa Naannoo eegalee hanga Aanaafi gandaatti hoggansii fi hojjataan mootummaa Naannichaa walta'uun rakkoolee kana hatattamaan hiikuun barbaachisaa akka ta'e hoggantuun kun hubachiisaniiru.
1 381
Waajjira Aanaa Meettaa Walqixxee hundaaf— Nagaan hunda keessaniif haata'uu jechaa, Moosaajiin kun WSRn abbaa adeemsaa kanaan dura kurmaana kurmaanaan galfamaa ture hafee amma Ji'a Amajjii hanga Waxabajjii kan ji'a 6 hojiilee hojjataman hunda yeroodhuma tokko karoorfama . Kanaafuu Hojjaattoota keessan hunda qaqqabsiisuun ji'a Amajjii kaasaanii akka hojiirra oolchaan haa ta'uu . Bakka rakkoon hubannoo jirutti isin deeggaruuf 0934046972 irratti bilbilaa. Hub . Ragaa kana buufachuun yookin gara wajjira Keenyaa dhaquun fudhaadhaa
Nagaa Wajjin
Wajjira PSMQN Aanaa Meettaa Walqixxee irraa
1 381
Gurmaa'insa Caasaa Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanaa Sadarkaa B.
1 381
Qajeelfama mindaa liqii yeroo dheeraa Hojjattoota Mootummaa dhaabbii ta'anii lakk.22/2013
1 381
✍️Mindaa seeraan ala kanfalame deebisisu.(MMWFDHI Lak.Galmee 229247 gaafa 30/8/2015 kenne.(Hin maxxanfamne)
✍️Namni tokko iddoo lamatti yeroo walfakkaataa keessatti qaxaramee mindaa iddoo lamaan irraa kan fudhate yoo ta'e hojjaticha hojiirraa gaggeessuun mindaa seeraan ala kanfalamaa ture deebisisuun ni danda'ama.
✍️Haa ta'u malee dhimmi akkasii waliigaltee hojjataa fi hojjachisaa irraa kan maddu waan ta'eef bu'uura labsii lakk. 1156/2011 kwt 163(1) tiin daangaa yeroo waggaa tokko keessatti gaafatamu qaba. Gama kanaan guyyaan darbiinsa yeroo waggaa tokkoo kan lakkaawwamu guyyaa hojjachiisaan hojjataan dhaabbata biraatti qaxaramuu mirkanneessuun hojii irraa gaggeesse irraa kaaseetti malee guyyaa hojjachisaan lammaffaa guyyaa qaxaree kaasee miti.
✍️kanaafuu guyyaa hojiirra gaggeessee kaasee waggaa tokko keessatti mindaa seeraan ala kanfalame gaafachuu qaba.
1 381
Repost from Elias Kasa Legal Service.
የእስቸኳይ ጊዜ እዋጅ ቁጥር 6 /2015
"
የሕዝብን ሠላምና ደህንነት ለማስጠበቅ" የወጣ የአስቸኳይ ጊዜ አዋጅ ቁጥር 6/20151 381
Mootummaa Naannoo Oromiyaatti
Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaatti
Waajjira Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godina Digdamaa /20/ fi Magaaloota 7 /Hoolota, Waliisoo, Amboo, Jimmaa, Naqamtee, Asallaa fi Moojoo/ tiif
Caasaa Fooyya'ee.
1 381
Qajeelfama Gurmaa'insa Kilaastara Manneen hojii Qaama Rawwachistuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murtessuuf bahe lakk-16/2015
