EMANA R. WIRTU
Open in Telegram
I’m a Lawyer who serves his people with what he can & capable of!!
Show more1 270
Subscribers
-124 hours
-57 days
-2330 days
Data loading in progress...
Similar Channels
Tags Cloud
No data
Any problems? Please refresh the page or contact our support manager.
Incoming and Outgoing Mentions
---
---
---
---
---
---
Attracting Subscribers
September '26
September '26
+1
in 0 channels
August '26
+12
in 0 channels
Get PRO
July '26
+6
in 1 channels
Get PRO
June '26
+5
in 1 channels
Get PRO
May '26
+5
in 0 channels
Get PRO
April '26
+3
in 0 channels
Get PRO
March '26
+2
in 1 channels
Get PRO
February '26
+6
in 1 channels
Get PRO
January '26
+6
in 0 channels
Get PRO
December '25
+4
in 0 channels
Get PRO
November '25
+11
in 2 channels
Get PRO
October '25
+36
in 5 channels
Get PRO
September '25
+64
in 9 channels
Get PRO
August '25
+63
in 5 channels
Get PRO
July '25
+2
in 0 channels
Get PRO
June '25
+3
in 0 channels
Get PRO
May '25
+3
in 0 channels
Get PRO
April '25
+7
in 0 channels
Get PRO
March '25
+7
in 0 channels
Get PRO
February '25
+6
in 0 channels
Get PRO
January '25
+18
in 0 channels
Get PRO
December '240
in 0 channels
Get PRO
November '24
+2
in 0 channels
Get PRO
October '24
+26
in 0 channels
Get PRO
September '24
+92
in 0 channels
Get PRO
August '24
+93
in 0 channels
Get PRO
July '24
+119
in 0 channels
Get PRO
June '24
+110
in 0 channels
Get PRO
May '24
+110
in 0 channels
Get PRO
April '24
+146
in 0 channels
Get PRO
March '24
+126
in 0 channels
Get PRO
February '24
+335
in 1 channels
Get PRO
January '24
+583
in 0 channels
Get PRO
December '23
+232
in 1 channels
Get PRO
November '23
+41
in 3 channels
Get PRO
October '23
+17
in 0 channels
Get PRO
September '23
+4
in 0 channels
Get PRO
August '23
+8
in 0 channels
Get PRO
July '23
+41
in 0 channels
Get PRO
June '23
+13
in 0 channels
Get PRO
May '23
+31
in 0 channels
Get PRO
April '23
+23
in 0 channels
Get PRO
March '23
+17
in 0 channels
Get PRO
February '23
+96
in 0 channels
Get PRO
January '23
+73
in 0 channels
Get PRO
December '22
+55
in 0 channels
Get PRO
November '22
+30
in 0 channels
Get PRO
October '22
+47
in 0 channels
Get PRO
September '22
+50
in 0 channels
Get PRO
August '22
+36
in 0 channels
Get PRO
July '22
+3
in 0 channels
Get PRO
June '22
+57
in 0 channels
Get PRO
May '22
+20
in 0 channels
Get PRO
April '22
+33
in 0 channels
Get PRO
March '22
+45
in 0 channels
Get PRO
February '22
+12
in 0 channels
Get PRO
January '22
+41
in 0 channels
Get PRO
December '21
+76
in 0 channels
Get PRO
November '21
+36
in 0 channels
Get PRO
October '21
+111
in 0 channels
Get PRO
September '21
+16
in 0 channels
Get PRO
August '21
+9
in 0 channels
Get PRO
July '21
+13
in 0 channels
Get PRO
June '21
+441
in 0 channels
| Date | Subscriber Growth | Mentions | Channels | |
| 08 September | 0 | |||
| 07 September | 0 | |||
| 06 September | 0 | |||
| 05 September | 0 | |||
| 04 September | 0 | |||
| 03 September | +1 | |||
| 02 September | 0 | |||
| 01 September | 0 |
Channel Posts
| 2 | Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Seera Ragaa Haaraa | 225 |
| 3 | Xalayaa seekulaarii kana Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Godina Shawaa Lixaatu Aanaalee hundaaf barreesse.
Seeronni achi keessatti ibsamanii fi gochaawwan caqafaman kunneen iddoo biroottis waan mul'ataniif, haala qabatamaa naannoo keenyaatiin sirriitti ilaaluun hin badu.
—EMANA R. WIRTU | 361 |
| 4 | ⚖️ Yeroo Bakka Bu’iinsa Addaa Kennitan Of Eeggadhaa!
Bakka Bu’iinsi Addaa Maal Jechuudha?
📌 Bakka Bu’iinsa Addaa (Special Power of Attorney)
Bakka bu’iinsi addaa jechuun nama tokkoon nama biraatiif, maqaa isaa fi bakka isaa bu’ee hojii seeraa addaa fi murtaa’e akka raawwatuuf aangoo kennuudha.
Kana jechuun, nama bakka bu’uuf aangoon kenname sun hojiiwwan sanada bakka bu’iinsaa keessatti ifatti ibsaman qofa raawwachuu danda’a. Kanaaf, daangaan aangoo isaa sirriitti ibsamuu qaba.
⚖️ Akka Keewwata 2205 Seera Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaatti, hojiiwwan tokko tokkoof nama bakka bu’uuf aangoo addaa kennuun barbaachisaa dha.
🔹 Bakka Bu’iinsa Addaatiin Hojiiwwan Raawwatamuu Danda’an
Bakka bu’iinsa addaa keessatti, haala fi daangaa aangoo kennameen, fakkeenyaaf:
🔹 Qabeenya hin sochoone gurguruu;
🔹 Qabeenya qabsiisuun liqii fudhachuu;
🔹 Kaappitaala dhaabbata ykn waldaa tokko keessatti galchuu;
🔹 Waliigaltee dirqama seeraa uumuu danda’u mallatteessuu;
🔹 Araara bu’uu fi waliigaltee araaraa galuu;
🔹 Kennaa kennuu;
🔹 akkasumas hojiiwwan seeraan aangoo addaa barbaadan biroo raawwachuu.
Sanada bakka bu’iinsaa yeroo qopheessitan, nama bakka bu’u sun maal gochuu akka danda’u ifatti fi sirriitti ibsamuu qaba.
Keessumaa:
🏠 Qabeenya gurguruu,
💰 Qabeenya qabsiisuun liqii fudhachuu,
🎁 Kennaa kennuu,
📝 Waliigaltee mallatteessuu,
🤝 Araara bu’uu ykn waliigaltee araaraa galuu
kanneen akka hojiiwwan mirgaa fi qabeenya nama tokkoo irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’an waan ta’aniif, aangoon isaanii ifatti ibsamuu qaba.
⚖️ Yeroo Bakka Bu’iinsa Kennitan Of Eeggadhaa!
❗ “Waan hundumaa akka naaf raawwatu” jechuun aangoo bal’aa osoo hin hubatin hin kenninaa!
—Via:- Lemlem Dejenu | 535 |
| 5 | Adeemsa kenniinsaa fi dhoorkaa mirga wabii (dhimmoota idilee, malaammaltummaa fi
Shororkeessummaa)
By: Elias Kasa (LLB, LLM)
Join:- @Pro_Justitia123 | 475 |
| 6 | CHAMPIONS!!
____
Leencoliin Lixaa—Kilabiin Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii, wal-dorgommii Shaampiyoonaa Naannolee sadarkaa biyyaatti geggeeffamaa tureen Poolisii Tigiraay injifachuun abbaa geebaa ta’uun beekameera.
Jaallattootaa fi dinqisiifattoota kubbaa miilaatiin baga injifannoo ijoollee keessanii argitan jechaa, addatti immoo injifattoonni dorgommichaa baga gammaddan jechuun barbaada. Sadarkaa itti ceetan irrattis aadaa injifachuu keessan akka itti fufsiistan abdiin qaba.
#FootballForLife #GimbiFC #OromiaFirstLeague #Championsof2026
—EMANA R. WIRTU | 386 |
| 7 | Qabeenyi Gaa’ilaan dura wal fuutota keessaa tokkoo isaaniin horatame (gaa’elaan dura horatamuun yoo mirkanaa’e) gaa’ela keessatti fooyya’iinsi illee jiraatu kanuma dhuunfaa ta’ee itti fufa.
Murtii Mana Marii Federeeshinii Lakk.6588/2014 irratti hiikoo heera mootummaa kan argateedha. | 312 |
| 8 | Sababa Leo Messi fi Lamine Yamal har’a eenyuun akkan deggerun rakkadhe. Jarri lachuu keessoo kooti. Akka dabaan isaab jaalladha. Jabaan yeroo maraa sun utuu milkaa’ee kabajaan geggeeffamee natti tola. Gurbaan ibiddi kunis milkooftee, seenaa hojjechuun badhaasa Balon d’Or utuu argattee kan jedhus hawwii koo yeroo hundaati. Taphni har’aa kun miira addaa natti horuun isaa hin oolu. Just I’m in a serious dilemma!
Ta’us gahumsi #Spain 🇪🇸 bara kana argisiisaa jiran geeba bara kanaa isaan ijifachiisuu hin oolu. Jarri #Argentina 🇦🇷 sunillee waan laafoo miti duriyyuu.
Hundaafuu walumaan kan ilaallu ta’a.
#Spain #Argentina #WorldCupFinal2026 #FIFAWorldCup2026
—Emana R. WIRTU | 341 |
| 9 | Join GoCash, a site that lets you earn money by testing apps, watching videos, and inviting friends. 💰I have already earned Br20,000 and you can too. Sign up today: https://gocash.ph76.top/24381469922201/?v=2026071503 | 285 |
| 10 | No text... | 333 |
| 11 | Himatamtoonni Ogeessa fayyaa irratti Yakka Wanbadummaa raawwatan hidhaa cimaan Adabaman.
Oolmaa Dhaddacha mana murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee Kan Gaafa Guyyaa 30/10/2018 Himataan A/ Alaangaa Godina Baalee fi Himatamtoonii 1ffaa Sulxaan Huseen Jaldoo, 2ffaa Ibraahim Huseen Muhammad fi 3ffaa Boonsaa Awwal Kaadiir Kaan jedhaman Gaafa Guyyaa 02/08/2018 Ganama Keessa Sa'aatii 1:30 Yoo ta'u Bulchiinsa Magaalaa Roobee Kutaa Magaalaa Addooshee Walashee Gandaa Caffee Donsaa Iddoo Addaa Buufta konkolaataa Duraanii Keessatii Miidhamaa Dhuunfaa Waaqqoo Kaadiir Tuggee Jedhamu irratti Yakka Wanbadummaa Cimaa Gareen irratti raawwatan Ilaachiisee Manni murtii olaanaa magaalaa roobee Dhaddacha gaafa guyyaa 30/10/2018 ooleen Isaanii fi fakkaatoota isaanii ni barsiisaa jedhee kan itti amane Himatama1ffaa Adabii dhidhaa Waggaa Lamaa( 2), Himatamtoota 2ffaa fi 3ffaan immoo Adabii hidhaa Waggaa Lamaa (2) fi Baatii saadiin (3) akka adabaman jechuun adabbii irratti dabarseera.
Haqni hin badin!" | 270 |
| 12 | Namootni Facebookii fayyadamanii nama gowwoomsan Adabbii Hidhaa Cimaan adabaman
****
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti Namoota Karaa Miidiyaa Hawaasaa Goyyoomsuun Yakka Raawwatanitti Hidhaa Cimaan Kennameera.
Himatamtoonni 1ffaa Raaheel Boruu Bonee Himatamaa 2ffaa Wabii Salamoon Tsaggaayee Maqaa Sobaa isaa Amaanu'eel Galataa Tarreessaa Himatamaa 3ffaa Abdii Salamoon Tsaggaayee yoo Ta'an yakkamtoonni kunniin Waliin Ta'uun Miidiyaa hawaasaan nama Hundeessaa Nadhaa jedhamu fuula Facebook sobaan Siifan Siif Oro jedhuun Goyyoomsuun Qarshii Guddaa Waliin dhahuun lakkoofsa herreega Baankii isaarraa dabarfachuu danda'aniiru.
Himatamtuun 1ffaan Raaheel Biraanuu Bonee Maqaa Facebook sobaa Siifan Siif Oro jedhuun miidhamaa kanaan Karaa FB wal baranii Waliin barreessaniin akka nama biyya alaa jirtuutti itti himuun miidhamaa kana amansiisuu dandeesseetti.
Erga maamila waliif ta'anii booda ergaa gabaabaatti barreessiteen maatii ishee erga dubbiftee baatii jaha akka ta'e itti himuun akka maatii ishee bilbilaan gaafatuuf bilbila obboleettii koo Raaheel Biraanuu jedhamtu Siifan Kenna jettee sobdee kan Abbaa Mana ishee Himatamaa 2ffaa kan ta'e Wabii Salamooniin kan galmaa'ee jiru bilb.0923879863 kenniteef inni akka haati ishee dhukkubsattee hospitaala jirtuutti boohee itti hime.
Miidhamaan Kunis Siifan Siif Oro Karaa FB dubbisiun akka haati ishee dhukkubsachaa jirtu Ergaa gabaabaa barreessuufiin itti hime. Yeroo itti himuun haati ishee akka yaalamtuuf Qarshii Karaa lakkoofsa herreegaa obboleettii koo Raaheel Biraanuu galchiif boru siif galcha jechuun ajajje.Miidhamaan Kunis dhugaa sehee Lakkoofsa himatamtuu Baankii Awaash Irraa banametti galchuun danda'eera.
Miidhamaan Kunis erga shakkeen booda Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti eeruu dhiyeeffachuu danda'eera.Qajeelchi poolisiis eericha fudhachuun isteetimentii Baankii Irraa adda baasuun dhugaa ta'uu mirkaneessuun yakkamtoonni akka to'ataman taasiseera.
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoos Yakka Goyyoomsuu ta'uu mirkaneessuun labsii maallaqa bu'aa yakkaan argame seera Qabeessa fakkeessanii dhiyeessuufi shororkeessa maallaqa an Deeggaruu ittisuufi to'achuufi bahe lakki.1387/2017 keewwata 29(1,A,B fi 2,3) irra darbuun Yakka raawwataniiru jechuun Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo hirmaannaa dhiyeesseera.
Haaluma kanaan Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo dhaddacha gaafa Guyyaa 8/10/2018 ooleen Himatamtuu 1ffaa adabbii Hidhaa Cimaa waggaa kudhaniifi baatii shaniifi maallaqa 23,000 Himatamaa 2ffaa adabbii Hidhaa Cimaa waggaa 11 fi baatii sadii fi Qarshii 25000 Himatamaa 3ffaa adabbii Cimaa waggaa 8 fi baatii afuriifi Qarshii 20,000 adabuun namoonni Yakka kanaan walfakkaatu raawwatan akka Irraa baratan kan jedhu ergaa dabarseera.
yakki akka kanaa baay'atee waan jiruuf of-eegannoo taasisaa!
Maddi:- KMN | 438 |
| 13 | WALIIGALTEE WABUMMAA: DAANGAA DIRQAMA WABII
===
𝗠𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮
Hawaasa keenya biratti yaad-rimeen wabummaa jedhu “waasii” jedhamee akka hubatamu ni beekama. Wabummaan waliigaltee namni tokko dirqama nama biraatiif itti gaafatamummaa fudhachuuf taasifamuudha. Seera hariiroo hawaasaa keenya keessatti maalummaa waliigaltee wabummaatiif hiikoon kenname kan hin jiru. Seericha keewwata 1920 jalatti namni dirqama nama biraa ilaalchisee wabii ta’e dirqama sana abbaa mirgaaf (creditor) raawwachuuf itti gaafatamummaa qaba jechuun duuchumatti tumee jira. Kana jechuunis, namni tokko liqii, dirqama ykn waadaa nama biraa irratti fudhate yoo raawwachuu dadhabe, namni sadaffaan “ani bakka isaa nan raawwadha” jechuun haala itti gaafatamummaa itti fudhatu jechuudha.
𝗞𝗮𝗮𝘆𝘆𝗼𝗼
Kaayyoo ijoon waliigaltee wabummaa rakkoo abbaa mirgaatti dhufuu malu xiqeessuu (risk mitigation) dha. Kunis, abbaan mirgaa yoo abbaan idaa muummee (principal debtor) dirqama isaa sababa hin raawwanneef rakkoo irratti akka hin kufne namni biraa bakka isaa bu’ee dirqama sana akka raawwatu taasisuun ofitti amanamummaa akka argatu sirna taasisuudha.
𝗗𝗮𝗮𝗻𝗴𝗮𝗮 𝗗𝗶𝗿𝗾𝗮𝗺𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶
Daangaan itti gaafatamummaa wabii hanga maallaqaa abbaa idaa muummee irraa barbaadamuu caaluu kan hin qabnee fi dirqamni isaas ulfaataa kan hin taane ta’uu akka qabu seericha keewwata 1924 jalatti tumamee jira.
Gama biraatiin, waliigalteen wabummaa ifaa fi hanga maallaqaa gaafatamummaa wabichaa adda baasee kaa’uu akka qabu; yoo kan hin taane waliigalticha fudhatama kan hin qabne ta’uu keewwata 1922 jalatti ibsameera. Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lakk. 260477 ta’e irratti dhaddacha Amajjii 26 bara 2018 ooleen dhimma Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Roobee irratti jalqabe ilaachisee murtii dirqisiisaa kenneen waliigaltee wabummaa keessatti hangi maallaqaa itti gaafatamummaa wabii ifatti adda bahee yoo hin teenye waliigaltichi fudhatama hin qabu jechuun murtii MMWO fi kan MMO diiguun murteesseera.
𝗚𝗼𝘀𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶
Wabummaan bakka lamatti qoodamuu akka danda’u seera hawaasaa keewwatoota 1933 fi 1934 irraa hubachuun ni danda’ama.
A. Wabummaa Itti Gaafatamummaa Walqixaa (Joint Guarantee): gosti wabummaa kun nama wabii ta’e sana akka abbaa idaa muummeetti lakkaa’a. Kana jechuunis, abbaan mirgaa (creditor) osoo abbaa idaa muummee (principal creditor) hin himatin, wabicha himachuu akka danda’u mirga kennaaf.
B. Wabummaa Salphaa (Simple Guarantee): inni kun caalmaatti nama wabii ta’eef eegumsa kan godhuudha. Kunis wabiin itti gaafatamummaa kan fudhatu abbaan idaa muummeen idaa isaa kanafaluuf ykn dirqama seene raawwachuu kan hin dandeenye yoo ta’e qofa.
𝗚𝘂𝗱𝘂𝗻𝗳𝗮𝗮
Wabii ta’uun amanamummaa agarsiisuu qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa seeraa fi qabeenyaa illee fudhachuudha. Kanaaf, gaafa nama biraatiif wabii taatan wabii gosa kamii akka taatan, hangi daangaa itti gaafatamummaa keessanii hangam akka ta’ee fi kanneen biroo sirriitti adda baafachuu qabdu. | 234 |
| 14 | No text... | 296 |
| 15 | Ibsa Ministeera Haqaa irraa kenname.
Seerri Sirna Adeemsa Falmii Seera Yakkaa fi Ragaa haaraan Federal Negarit Gazetaarratti maxxanfamee hanga bahutti, uummataa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu obsaan akka eegan Ibsa kenname.
Mootummaan Federaalaa Dimokraatawaa Rippabliika Itoophiyaa (MDFRI) Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa, Seera Sirna Adeemsa Flmii Yakkaa waggoota 64'f tajaajilaarra ture bakka kan bu'u, Labsii Seera Sirna Adeemsa FalmiiYakkaa fi Ragaa Lakk. 1410/2018 Bitootessa 24 guyyaa 2018 A.L.I. raggaasisuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan, Seerri Sirna Adeemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa ragga'e kun Federal Negarit Gazetaarratti maxxanfamee fi bahee guutummaatti hojiirra akka oolu taasisuuf, sirreeffamni jechoota inni dhumaa fi hojiiwwan editeessuu (Editorial Works) Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Ministeera Haqatiin of-eggannoo guddaa fi ariitiidhaan hojjetamaa jira. Haa ta'u malee, karaalee adda addaatiin hubachuu akka dandeenyetti, seeronni kun uummataaf ifatti osoo hin raabsamin, waraqaalee ragaa (draft documents) Seera Sirna Adeemsa Seera Yakkaa fi Ragaa yeroo adda addaatti qophaa'aa turan, tajaajila ogummaa, ijaaramaa fi leenjii adda addaatiif qaamolee tokko tokko biratti itti fayyadamuu irratti fedhiin akka jiru hubatameera.
Hojii editeessuu dhumaa kun osoo hin xumuramin, wixinee seera adeemsa falmii yakkaa fi seera ragaa kan ifa hin taane kamiyyuu hojiirra oolchuufis ta'e dhimmoota birootiif itti fayyadamuun, raawwii irratti wal-faallessuu jechootaa fi keewwattootaa, akkasumas rakkoolee biroo hedduu fiduudhaan sirna haqaa keessatti burjaajii uumuu waan danda'uuf, hanga sanniif itti fayyadama akkasii irraa of-eggannoon akka godhamu Ministeerri Haqaa cimsee ergaa kana dabarsa.
Ministeerichi hojiin editeessuu dhumaa yeroo xumuramu, seerri kun Federal Negarit Gazetaarratti maxxanfamee uummataaf kan dhaqqabu ta'uun alattis, weebsaayiti Mootummaa fi miidiyaalee hawaasummaa Ministeerichaa irratti battalumatti bifa softii kooppiitiin ifatti kan qoodamu ta'uu ibsaa, nagaa fi waltahiinsa sirna haqaatiif jecha seerri kun Federal Negarit Gazetaarratti maxxanfamee hanga bahutti, qaamoleen dhimmi ilaallatu fi ogeeyyiin seeraa hundi obsaan akka eeganii fi deeggarsa barbaachisu akka taasisan Ministeerichi waamicha dhiyeessa.
Afaan Oromootti kan hiike Abdurahaman Hussein
Ministeera Haqaa MDFRI
Caamsaa 30/2018 A.L.I. | 240 |
| 16 | BILISUMMAAN ABBAA SEERUMMAA MAALIF BARBAACHISE?
====✓✓✓=====✓✓✓✓✓======
የዳኝነት ነፃነት ለምን?
👉ነጻ የሆነ ፍ/ቤት የሕግ የበላይነት መሰረታዊ ገፅታና ለዲሞክራሲያዊ ሥርዓት መኖር ቅድመ ሁኔታ ነው፡፡ የዲሞክራሳያዊ ሥርዓት ዋነኛው ባሕሪ ደግሞ የሰብአዊ መብቶች መከበርና መረጋገጥ ነው፡፡ መሰረታዊ መብቶችና ነፃነቶች በሕገመንግስት ወይም በሌላ ሕግ መደንገጋቸው ብቻ በራሱ ለመብቶች መረጋገጥ ዋስትና ሊሆን አይችልም፡፥ እነዚህ መብቶች ዕውን ይሆኑ ዘንድ ነፃ ፍ/ቤት መኖር አለበት፡፡ ነፃነት የሌለው ፍ/ቤት የሰዎችን መሰረታዊ ሰብአዊ መብቶች አንዲረጋገጥ ሊያደርግ አይችልም፡፡
👉በዜጎችና በመንግስት እንዲሁም በሰዎች መካከል ባሉ ግንኙነት ሳቢያ የሚነሱ የፍትሐብሔር ወይም ወንጀል ክርክሮችን ገለልተኛና ነፃ ሆኖ አልባት ሊሰጥ የሚችል ፍ/ቤት በሌለበት የሕግ በላይነት ሊረጋገጥ አይችልም፡፡ የሕግ- በላይነት ባልተረጋገጠበት ሁኔታ ደግሞ ዲሞክራሲያዊ ሥርዓት ግንባታ እና መልካም አስተዳደር አውን ሊሆኑ አይችሉም፡፡ ሰላምና ዘለቄታዊነት ያለው ልማትም ዋስትና አይኖረውም፡፡ ይሔን ስቴፈን ጂ. ብሌየር፡
"Judicial independence is a means toward a strong judicial institution. Strong judicial institution is a means toward securing the basic goals of people: human liberty and a reasonable level of prosperity" በማለት በትክክል አስቀምጦታል::
👉የዳኝነት ነፃነት ለኢንቨስትመንትና ለኢኮኖሚ እድገት መሰረት ነው፡፣ ሕዝቡና ባለሐብቱ በፍ/ቤቶችና በዳኞች ላይ እምነት እንዲኖረው በአንድ ሀገር ውስጥ የዳኝነት ነፃነት መስፈንና መረጋገጥ ወሳኝ ነው፡፡ ስለዚህ ሰለዳኝነት ነፃነት አስፈላጊነት ላይ ምንም ክርክር የለም፡: ጥያቄው ያለው የዳኝነት ነፃነት ስፋት (extent) እና ተግባራዊ አፈጻጸሙ ላይ ነው፡፡
(Moojula Inistituyuutiin Qorannoofi Leenjii Seeraa Federaalaa mata duree "Bilisummaa, Iftoominaafi Itti Gaafatamummaa Abbaa Seerummaa" jedhu irratti bara 2000 barreesse keessaa kan fudhatame)
Kanarraas kan hubatamu, bilisummaan abbaa seerummaa:
👉Mirgoonnifi bilisummaawwan bu'uuraa qabatamaatti akka hojiitti hiikaman kan taasisu ta'uu;
👉Ol'aantummaa seeraa mirkaneessuuf barbaachisaa ta'uu; (Ol'aantummaan seeraa kan hin mirkanoofne yoo ta'e, misoomni wabummaa hin qabaatu; ijaarsi sirna dimokiraasiifi bulchiinsi gaariin kan hin dhugoomne ta'uu)
👉Uummannifi abbootiin qabeenyaa manneen murtiifi abbootii seeraa irraa amantaa akka horatan kan taasisu ta'uudha.
✅Bilisummaan abbaa seerummaa abbootiin seeraa dhiibbaa tokko malee seeraafi ragaa qofa irratti hundaa'uun dhimma isaaniif dhiyaate akka murteessaniif gargaara. Faayidaan isaas abbootii seeraatiif osoo hin taane lammilee mirga haqa argachuu qaban hundaafidha.
✅Bilisummaan abbaa seerummaa eegamuun ykn kabajamuun, lammileen haala haqa qabeessa ta'een akka dhagahamanitti akka itti dhagahamu taasisa; Manni Murtiis kana eegsisuun amantaa uummataa horata.
👌Manneen murtiifi abbootiin seeraa, maalummaafi faayidaa bilisummaa abbaa seerummaa ilaalchisee uummataaf (fayyadamaa dhumaa qajeeltichaa) hubannoo walirraa hin citne (tooftaa garaagaraa fayyadamuun) uumuuf itti gaafatamummaa ol'aanaa qabu. Kana irratti iftoomina uumuun amantaa ol'aanaa horatamuuf karoorfame milkeessuu keessatti shoora ol'aanaa qaba. Itti gaafatamummaan kun maddi isaa Heeradha; hojiirra oolchuuf eeggattummaan hin barbaachisu.
Join:-@desberofMM
Desalegn B. | 158 |
| 17 | MISEENSUMMAA WALDAA IJAARSA MANA JIREENYAA: JIJJIIRRAAN BAKKA BIRAA DEEMUUN MIRGA LAFA ARGACHUU NAMA DHABSIISUU DANDA’AA?
=====
Waantota jireenya dhala namaaf barbaachisa keessaa tokko mana akka ta’e heddu wal nama hin gaafachiisu. Lammiileen mana jireenyaa akka qabaatan taasisuuf tarsimoowwan hojiirra oolaan keessaa karaan tokko waldaan gurmaa’uun lafa mootummaarraa fudhachuu fi mana irratti ijaarrachuudha.
Akkaataa kanaan namni tokko namoota isa waliin fedhii wal fakkaataa ykn walitti dhiyaatu qaban waliin magaala keessaa lafa mana jireenyaa fudhachuuf ulaagaalee dambii fi qajeelfamoota rogummaa qabaniin teechifaman guutee gurmaa’ee lafa eeggachaa osoo jiruu jijjiirraa bakka hojiitiin magaala sanaa gara magaala biraatti deemuu danda’a. Jijjiirraan bakka hojii akkaataa kanaan mudatu miseensa waldaa sana mirga lafa mana jireenyaa argachuu dhabsiisuu danda’aa? gaaffiin jedhu ka’uu danda’a. Magaalota tokko tokko keessatti namni jijjiirraan bakka biraa deeme achitti gurmaa’ee lafa argachuu danda’a ejjannoo jedhuun tarkaanfii nama sana gaafa lafti kennamu waldaa keessaa baasuu fudhatamaa akka ture ni yaadanna.
Ta’us tarkaanfiin akkasii sirrii kan hin taanee fi mirga bakka bakkatti socho’uun hojjechuu heera mootummaatiin beekamtee argatee fi kanneen biroo dhiibuudha jechuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee lakk. 208865 ta’e irratti murtii dirqisiisaa kennee jira. Murtiin kun bara 2014 keessa kan kennamee fi anis kana dura kanan isiniif qoode ta’us jildii 28ffaa irratti maxxanfamee waan baheef irra deebiin qooduu danda’eera.
Turtii Gaarii | 236 |
| 18 | Ol'iyyannoo Dhimma Falmii Yakkaa | 196 |
| 19 | Hordoftoonni amantaa Islaamaa hundi baga Ayyaana Iid-Aldahaa 1447ffaa nagaan geessan.
//Eid Mubarak!!
—EMANA R. WIRTU | 269 |
| 20 | Gochaan tokko akkaataa Labsii Lkk 813/2006tti yakkaan kan adabsiisu ta’uu fi dhiisuu isaatiif tarreeffamni dambii ykn beeksisa gosa meeshaalee fi tajaajilootaa ministeera daldalaan bahu barbaachisaa ta’uu fi dambiin ykn beeksisni akkasii ifatti yoo hinargamne Labsii Lkk 813/2006 jalatti yakkaan Nama himachuun akka hindanda’amne kallattii hiikkoo Ministeerri haqaa Labsii Lkk 813/2006 ilaalchisee kaaheedha. | 343 |
