Fayyaa sammuu
Open in Telegram
"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.
Show more4 499
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
4 499
Araada tamboo aarsuu
Biyyota baay’ee keessatti itti fayyadamni tamboo hir’isaa jira. Haa ta’u malee biyyoota muraasa keessatti itti fayyadamni isaa ol ka’aa jira. Addumaan immoo tamboon dargaggoota biratti beekamadha. Nikootinii araada nama qabsiisuufi amala kana akka hin dhiifne nama gochuuf humna guddaa qaba. Yoo tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadde armaan gadiitti qabxiilee sadarkaadhaan kaa’aman hordofi.
1.Amalakee qori
Fedhii xuuxuu akka dabalu kan godhu haalli ykn waanti addaa maaltu jiraa? Haala kana irra deebi’ii ilaaliiti waan sana dhabamsiisi, yookiin ittin mormuuf qophaa’i
2.Hiriyootakee waliin ciree gaarii nyaadhuu. Qofummaa dhabamsiisi.
Naannoo haaraa barbaadi. Sagantakee, mareekee bakka dur itti argamtu jijjiiri. Naannoo si boqochiisuufi nageenya qabu keessatti hirmaadhu.
3.Michootaafi maatiikee itti dabali.
Xuuxuu akka dhaabde hunduma isaanitti himi. Isaan si gagaaruu. Yoo siif dandaa’ame nama dhiisuuf barbaadu kan biraa qunnami. Yeroo argitu immoo jajjabina ni kennitas, ni fudhattas
4.Nyaatakeef of eegannoo godhi.
Araada irraa hiikamuun fuduraaleefi kuduraalee baay’ee wajjin deemuu qaba. Bishaan baay’ee cuunfa loomii waliin dhugi. Kun qaamakee keessa nikootinii balleessa. Fedhii ati tamboodhaaf qabdu suuta suuta gadi buusa.
5.Sochii qaamaa
Sochiin qaama gadda yeroo araada irraa hiikaman namatti dhufu irra nama bashannansiisa. Yaada qajeelaas ni jajjabeessa. Ganama utuu ciree hin nyaatiin sochii qaama taasisuu hin dagatiin. sochiin qaama ofiisaatiyyuu keessikee guyyaa guutuu akka gammaduufi si’aa’u si godha.
6.Ofiikee badhaasi.
Maallaqa tamboo xuuxuu dhiisuukeetin walitti qabdeen waan jaallattu tokko bitadhu. Fakkeenyaaf uffata ykn kophee, yoo feetee bakka biraa deemtee bashannanuu.
7.Kallatti hafuura irraa gargaarsa barbaadi. Araada kan qaban namoonni baay’een sadarkaa kanatti xiyyeeffannoo kennuu dhiisuudhaan yaalii isaanii keessatti utuu hin milkaa’iin hafu. Amala kana moo’achuudhaaf humna akka argattutti, akka nama michuu isaatti himuutti waaqayyoon kadhadhu. Rabbiikeetti michoomi boqonnaa guutuu akka argattuuf.
join 👉@sammuukoof
👉@sammuukoof
4 499
Chaanaalii kana keessaan, kitaaboleefi barruuwwan barsiisoo ta'an garagaraatu argama. Itti goraa!
4 499
Akkuma dubbiftaniin waliif dabarsaa
@sammuukoof join godhaa!
Maatii fayyaa sammuu ta'uudhaan gorsa waliirra hin citne qooddadhaa!
@sammuukoof
4 499
ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin. namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?
Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.
Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyootakee onnachiisi. Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduufi gargaaruudha.
©Tolasaa Burqaatiin
Join👎
@sammuukoof
4 499
Jireenya dubbisa keessaa!
tuubboofi jallisii_
Dubbisuun maal fayyadaa? Jettee utuu toora miidiyaa kanaa irratti maxxansitee, dubbistoota dursee faayidaa dubbisaa kan siif himu warra yeroo fuula tokko dubbisan ijji isaanii dunuunfachuuf ariifatudha. Kanaaf waa'ee dubbisuufi dubbisiisuu irratti yeroo kiyya qaalii gubuu hin qabu.
Warra dubbistootaaf garuu yaada dhuunfaakoo yeroo hunda taajjabu utuun isiniif qoodee natti tola. Hedduun keessan yoo jaallataniis, muraasa keessaniif dhukkubbii kulkuffannaa isinitti ta'u danda'a.
Kitaaba 1000 dubbisuu dandeessa. jijjiiramni jireenyakee irratti mul'achuu kan danda'u kitaaboota lama dubbiste yoo taate argamtedha malee qola kitaaba hedduu waan ilaalteef miti.
Namoonni abdii kutatan amananii fudhachuun gammachuutti deebi'aniiru. Warri kufan bu'a dubbisuun kufaati isaani walitti ida'anii milkaa'aniiru. Warri gowwoonni baay'ee dubbisuudhan abshaala ta'aniiru. Warri wallaaltonni dubbisuudhan beektotaafi hayyoota dhaloota boriif abdatamu ta'anii argamaniiru. Warri hiyyeessa turan waan dubbisan qabatamaatti jijjiiruun sooressoota ta'aniiru. Bu'aa jireenya dhuunfa isaanii irratti fi naannoo isaanii jijjiiran irratti hundaa'anii dhalootaa qaruuf yaadannoofi muuxannoo isaanii kalaqanii darbaniiru.
Ati garuu dubbisuunkee oduu qofa sitti hammeessee, arrabakee dheeresse malee. Arrabakee gabaabsee sammuukee hin gabbifne.
Rakkinni, kitaaba dubbiftumoo sibira jiraa?
"Macaafni qulqulluun obboleessakee akka lubbuukeetti jaaladhu" jedha jechaa haadhookeef boolla qotaa oolta.
"Quraanni qulqulluun sayibakeef dhiifama godhi" jedha jechaama mancaa baattee hulaa dhaabbattee gumaa bahuuf eeggatta.
Sirna Gadaa utuu beektuu gandummaa leellifta.
Alkooliin fayyaa namaaf gaarii miti jechaa mana farsoof hoteela irra naanna'aa bulta.
Hin qama'in, hin xuuxiin jechaa fuula kameera irraa galagaltee tamboo aarsita.
Jabbadhuu hojjedhu jechaa ofiifee mana bunaa teesse kaartaa taphatta.
Ati tuubbuumoo jallisiidharee?
Akkamitti bu'aan dubbisuu qabataman sirraa mul'achuu didee? Kitaaba ilaalchakee jijjiirutu dhibeemoo situ kitaabicha keessatti waan ofin ilaalleef si fayyaduu dadhabee?
Tarii kitaaba shanan dubbiste san anaaf kitaaba biraa tokko naaf gumaachuu qofaaf waan yaadannoomakee qofa irratti baafteef si jijjiiru didee? Namni baay'ee dubbisuu gad of deebisa ati garuu of tuulta. Namni dubbisu garramiidha. Namoota biroof furmaatadha. Ofirra darbee nama deeggara. Ati garuu namni biraan titiisa sitti fakkata. Namatti murteessuu, kalaqa nama hatuu, kan guddachaa jiru hamilee kutuun, ana malee namni hin jiru jetta. Jireenyikee dhukkuba sammuuf si saaxila jira. Maaliif dubbisuun utuu jireenyakee hin jiisiin si keessa hulluqee? Bishaan jallisii irra yaa'u erga ofiisa dhugee naannoo isaa jiisee bakka biraaf darba. Bu'aan dubbisuu Osoo sin jijjiiriin si keessa hulluqaa jira taanan ati tuubboodha na amani. Garuu jallisii ta'uuf yerookeetti fayyadami.
Galatoomaa!!
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
Fedhiin namaa hedduu
Qabeenyaan duroomuu
Konkolaataa bitee
Yoo fedhe ittiin deemuu
Durummaan akkanaa
Eessaa hin gahu yoomuu
Siif haa kennu rabbii
Sammuudhaan duroomuu
👌👌👌👌👌👌👌👌
Qaama namaa muree
Kan iddootti deebisuu
Gamoo ol ijaaree
Kan faayee bareessuu
Miidiyaa Addunyaan
Kan walqunnamsiisuu
Kun bu'aa sammuutii
Kam kaaseen Kam dhiisuu ....................
Utubduu qaama namaa
Sammuudha jedhamaa
Hojiin biyya lafaa
Isaan hojjetamaa
Foormulaan jireenyaa
Sammuun katabamaa
Waan xiqqoo hin see'iin
Sammuunkee waan hunda
Warqee eebbifamaa
******""**"""""****
Haa eeggannu sammuu
Waan isa miidhuurraa
Yoo inni jiraate
Adunyaan Wal barraa
Yoo hin taane garuu
Ofiin of dararraa
Tikfadhu sammuukee
Araada hundumaarraa
Sammuukee daawwitii
Keessatti of ilaalaa
Sammuun hunda caala.
©Moonenus Tashoomee
Ogeessa yaala sammuu(Msc)
@sammuukoof
4 499
Chaanaalii kana keessaan, kitaaboleefi barruuwwan barsiisoo ta'an garagaraatu argama. Itti goraa!
4 499
Maaltu dhukkuba gaggabdoo( epilepsy) nutti fidaa?
1. Hirriba dhabuu
2. Hojii dadhabsiisaa dalaguu
3. Dawaa jalqabanii addan kutuu
4. Dhiphina
5. Alkoolii dhuguu
6. Waantoota nama si'eessan ykn sammuu hadhoochaan fayyadamuu
7. Beela'uu
8. Aduu keessa deemuu
9. Nyaata madaalamaa dhabuu
10. Dhukkuboota Narvii sammuu miidhanin qabamuu.
11. Balaa sammuu irra gahu. Buruqqii ykn kufuu
Namoonni dhibee gaggabdoo ykn kuffisoo qabdan wantoota armaan olii irraa of eegadha.
Warri mirrii kuffisuu, of to'achuu dadhabuu, irraanfachuu, of wallaaluu fi dhiphina walirra him citniifi sodaa irra deddeebi'ee sin mudatu hospitalaa deema yaalama. Gorsa fudhadhaa.
@sammuukoof
4 499
"Mee qalbeeffadhaa yaa ijoolleekoo!"
[Muddee 29, 2014
(Imala Harar gara Haramaayaa)]
Buufata konkolaataa kan Harar irraa gara Haramaayaa geessu gahuuf, mooraa keenyaa bahee daqiiqaa shan darbaa hindeemne. Akkuman achi gaheen, "Kan guutetu jira koottu seeni" naan jedhe tokko. Gargaaraa konkolaachisaa ta'uu isaati. "Tole," jedhee yeroon seenu, kan anumaafi konkolaachisaa qofaatu keessa jira ta'e. 'Konkolaatichi namuma lama qofaan guutaa?' jechuuf anaa qophaa'u, namni sadaffaan jimaa miikkaan marame bobaa jala godhatee jiru tokko olseene. Jarjaree jira. "Haboo shufeeraa, nu oofikaa! Sa'aan araaraa gahuuf jira. Nu oofikaa, ta'uu baannaan irraan bu'a," jechaa ija isaa konkolaachisaa sanarra asiif achi oofe. Shufeerris jimaa afaan keessa jiru edda gaggeessuun booda, afaan isaa saaqqate. "Anaaf jettu bu'uu dandeessa. Si qofaatu imala seetee? Maal kun...Sin fe'uyyuu,....narraa bu'i,...wallaayi ani sin fe'u....hin deemuyyuu,...dirqamaan na oofsiftaa? Dafii narraa narraa bu'i!" Yeroo konkolaachisichi akkanaa jedhuun, hammi aaruu namicha ittuu dabale. "Yoo dhiira taate koottuu keessaa na buusi. Tolan deema seetemoo? Qarshii kootiinan imalaa jira bar. Maal kun narraa hin usuuyi!... Ilma haadha..." jedhee arraba filee itti deebise. Yoon ilaalu, jarri lamaanuu dubbi barbaadanii jiru. Akka waan dura dubbii walirraa qabanii yookaan manaa dubbii gudunfatanii bahanii fakkaatu. Kanaafan irraa bu'ee, konkolaataa biraa kan guutuuf jedhe tokkon, imala deemsa gara Haramaayaa jalqabe.
Buufatichaa kaanee akkuma Araattanyaa geenyeen, shamarran lama na cina taa'anii jiran irraa hasahaa jabaa tokkotu gurra na seene. Tokkotu tokkon akkana jetti; "Maali hammana 'makeup' ofitti baay'isuun? Nama biraa natti fakkaattehoo yaa saayibaa!" Anis carraa kanatti fayyadamee yoon sirriitti ishee ilaalu, rifeensi kan gamaa dhufedha, gogaan fuulaafi kan harkaa garagara tasumayyuu wal hinbeekani, nyaarri nyaara nam-tolcheeti, qeensi harkaafi miilaa akkana kuulamuuf yeroon baay'ee akka irratti badeeru dubbata.
Haati 'makeup' dabaree ishee dubbachuutti kaate. "Dhiyoo kana raadiyooniin osoo waa dubbattuun dhagahe. Isa hojiirra oolchuuttan jira. Kanaafan itti yaadee akkana miidhagee manaa bahe. Maal jedha seete raadiyoonichi, 'dhalaan tokko kan isheen dhiira harka ishee keessa galfachuu dandeessu yoo sirriitti of kuultedha. Dhiirri waan dhagahurra waan argutti amana. Kanaafuu of kuuluun dirqama. Faallaa kanaammoo, dhalaan waan argiturra waan dhageessutti amanti. Kanaafi kan dhiirri dhalaa tokko boji'uuf, dhugaas haata'u soba walitti qabee baay'ee haasahu' jedha raadiyoonichi" jettiin ishee tokkon. Yeroo kana kolfa qabachuu dadhabe.
Osoo akkanaan jirruu Awwadaayi geenye. Awwadaayi jechuun eegaa, Baha Oromiyaatti, magaalaa wiirtuu daldaalaa kan taate, Harariifi Haramayaa jidduutti kan argamtudha. "Awwadaayi namni bu'u jiraa?" jedhe gargaaraan konkolaachisaa. Aayyoon tokko, kan nu duuba taa'aa turan bu'uuf jedhani. Aayyoon kun, haasahaa shamarree sana lamaanii sirriitti hordofaa turaniiru. Kanaafi kan dhuma irratti akkana jedhanii bu'ani; "Dhiirri dhalaa booji'uuf jecha sobuufi dhalaan jaalatamuuf jecha qaama rabbi bareechee kenneefi gulaaltu tokko. Lamaanuu boruuf hinta'ani. Sobniifi fakkeessuun laga nama hinceesisu. Anaan umuriin waan hedduu na barsiistee jirti; kanatus na kakkaase. Mee qalbeeffadhaa yaa ilmaankoo!" Aayyoo!
Akkanaan aayyoon bu'ani. Keenya garuu, deemsi ittuma fufe.
Imala daandii Harar gara Haramaayaa irratti.
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2022
Amajjii 9, 2022
Adaree Biyyoo, Orofrikaa
@Orobook
4 499
Kitaabichi akkuma rabsamaafi dubbifamaa jirutti!
'Sansakkaa Sakaalame' bakkeen itti argachuu dandeessan:
👉Mana Kitaabaa Dachaasaa, Buraayyuu, Bulchiinsa magaalaa fuuldura (0912677529)
Mana Kitaabaa Yoomiyyuu (0912841550)
Mana Kitaabaa Ellellee (0912365502)
👉 Mana Kitaabaa Shawaa, Awutoobistaraa fuuldura (0911719720)
👉 Mana kitaabaa Gammachiis, Amboo naannawwaa yuunivarsiitii isa gudddaa (+251 91 745 5544)
👉 Mana Kitaabaa Bilisummaa, Adaamaa (092 363 4151)
👉 Mana Kitaabaa Ermiyaas, Naqamtee (0913300373)
👉 Harar: Naannoo Kim-Kaaffee
(091 341 4401)
:Yuunibarsiitii Haramaayaa Damee Harar (0919073192)
Dubbisuufi barreessuun akkuma itti fufetti!
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
4 499
SAMMUU
Dhala namaa kanaa
Ba'aa isaa Kan baatuu
Yoo sammuun hin jirree
Mee maal haa abdatuu
Xiinxalee Kan uummee
Xiyyaara samiirra kaatuu
Madaala ofii eegee
Namni Akka dhaabbatuu
To'annoo sammuutiin
Namni Kan jiraatuu(2)
Sammuutu tuqamee
jedhanii watwaatuu
Namni hin hubannee
Waan sammuun hojjetuu
Akka biiftuu samii
Kan ifa nuuf laatuu
Waa'ee sammuu hubachuuf
ogeessa haa gaafatuu
Waan adunyaa kanaa
sammuudha Kan baatuu(2)
Moonenus Tashoomaa (Barataa Digrii lammaffaa fayyaa sammuu, Yuunivarsiitii Jimmaa)
4 499
Sex education(barumsa qaama saala)
Biyyoota guddatan keessatti barnoonni waa'ee qaama saalaa akka qabiyyee barnootaa tokkotti kennama. Namoonnis baratanii ittin hawwaasa tajaajilanis ni jiru.(hundi keessan 'sex education' jettanii Google gootanii mirkaneeffachuu dandeessu.) Biyya keenya keessatti hubanna namni waa'ee qaama saala irratti qabu gad bu'aadha. Kan isaanii safuudha, aadaadha jedhani fedhii isaanii gowwomsuu barbaadu(reverse psychology).
Akka addunyaatti biyyi keenyi dheebuu barnoota qaama saala irratti qabdu kan agarsiisu, Itoophiyaan jecha 'sex' jedhu search gochuudhaan hanga 2008tti 1ffaa turte.
Yeroo ammaa addunyaa irraa Hindiifi Sr Lanka hordoftee sadarkaa 3ffaa irratti argamti.
Gama fayyaatiin fayyaa qaamaa, fayyaa sammuufi hariiroo Hawwaasummaatiin hawwaasa mara irratti dhiibbaa ni geessisa. Namni hundinuu barachuudhaaf dharraa ni qaba. Kun immoo waan addunyaan waa'ee keenya dhugaa baatudha.
Fuula midiyaa kana irratti namoota ija jabinaan waa'ee kanaa barsiisan ogeessota sadan tokkon beeka. Isaan keessa Dr Nafyad utuu hin dinqisifatiin hin darbu. Namoonni baay'een keessan erga daawwatanii ykn dubbiftanii irraa barattanii booda akka namni aadaafi safuu isin caalaa hin beekneetti arraba keessan dheeresitanii deemtu. Arrabsuun immoo safuu mitii?
Namni tokko waan danda'uufi waan beeku keessa hawwaasa isaaf yoo gumaache inni gootadha.
Fulbarruun kun bakka ati yaa'insa yaadakeefi kuusa yaadakee (thought form and content) gad baaftee bilisaan mul'iftudha. Bilisummaa jechuun immoo haamilee obboleessakee irra dhaabatee faajiikee ol fannisuu jechuu miti. Maaddii irraa nyaattetti hin tufiin safuudha.
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
#Qeeqa_biraa_hubannaa_hin_dhabiinaa!
Qeeqa namni jibbu hinsiiqu. Kanaafan nama na qeequufi na jaju ija tokkoon ilaala. Nama itti fayyadameefis haamileedha; anniisaas namaa ta'a. Kan dabe sirreessa; kan boora'es calala, qeeqni! Kanaaf balaaleffatamuu hinqabu. Qeeqnimmoo gar-lama: qeeqa sirreessuufi qeeqa balleessudha. Akkuma gaafa qeeqamnu gad teenyee of sakatta'uun hunda dursu, gaafa nama biraa qeeqnus karaa sirreessuu danda'uufi hubannaan deeggarameen osoo ta'ee dorgee hinqabu. Wanti goonu bu'aamoo miidhaa qaba jennee ilaaluunis gaariidha. Akkanuma, gaafa waa jennus ofirraa haa eegallumee. Yoo kana hintaane, ati anaan, animmoo sihiin mata duree godhachuu qofa ta'a dubbiin.
Fala dhahuunis immoo gaariidha. Yeroo waa qeeqnu, qeequu qofaa osoo hintaane sirreeffama isaafis osoo waa darbannee dabarree gumaacha guddaadha. Dogoggorri hedduun hubachuu dhabuu irraa madda waan ta'eefi. Kanammoo kan sirreessu isa dursee hubate. Sirreessanii itti agarsiisuu, yookaan namuma sana akka sirreessuuf dammaqsuutu faladha. Gar-lamaanittuu wanti guddaatti barbaachisu hubannaadha. Mee tasgabboofnee haahubannu. Addumanimmoo, waan sirriitti sakattaanee hin argine irraatti yaada kennuu irraa of haa eegnu. Waan tokko olkaaseef kan fudhatama qabu, tokkommoo gadi buuseef kufaa jennee dimshaashessuu haa dhiifnu. Dursa haa sakattaanu! Kun taanaan, qeequun itti haafufu. Itti haafufu dhugaa!
Akkuma qeequun sirreessuuf ta'e, qeequufis hubachuun isa dursudha.
Qeeqa biraa hubannaa hin dhabiinaa!
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
@Orobook
4 499
Chaanaalii kana keessaan, kitaaboleefi barruuwwan barsiisoo ta'an garagaraatu argama. Itti goraa!
4 499
Hiixata sanbataa
👌Nama ta'ee dhalatee kan milkaa'ina hin barbaanne hin jiru.
👌Namni hundi garuu daandii milkaa'inaarra hin jiru.
👌Nama ta'ee dhalatee waa'ee mataasaaf, maatiisaaf kan hin yaadne hin karoorsine hin jiru.
Maaltu adda nu baasaree?
👌Kuusaa yaadaan( yaada gaariifi negatiivaa), 👌qabiyyee yaadaa( waan danda'aamuufi hin dandaa'mne)
👌humna ilaalchaa( ofitti amanamummaafi hirkattummaa yaadaa). 👌Wixinee karooraa( haala yeroo fi qindoomina dhugummaa karooraa.)
👌Seexaa( irra deddeebi'anii yaaluufi abdii kutachuu)
👌Tattaaffii fi si'aa'ina hojiif qabnun adda baana.
👉Ifaajiikee ariitiin milkeessuu yoo barbaadde mi'eessituu itti dabali. Sababni isaa ittoon mi'eessituu malee dhadhaa qabaateef dhamdhama gaarii hin godhatu.
👍❤️Sanbata gaarii hunduma keenyaaf
@sammuukoof
@sammuukoof
4 499
Kitaabichi akkuma dubbifamaa jirutti!
Kitaabnikoo haaraan "Sansakkaa Sakaalame" jedhu hawaasa isa dubbisu bira gahuu kan eegale ji'oota lama lakkoofsiseera. Turtii kana jidduutti, bakkeen garagaraa gahee jira; dubbiftoota baay'ees gahaa akka jiru yaadni guyyaa guyyaatti na gahu ragaadha. Baay'ee namatti tola!
Ammas taanaan kitaabichi rabsamaa jira. Warreen dubbiftan warreen kaan affeeraa; warreen kitaabicha hindubbifnes, kitaabicha of harkaan gahattanii akka to'attan dhaamsa kooti.
Kitaabicha osoo dubbiftanii suuraa kaatanii yoo naaf ergitanimmoo waan jajjabeeffamudha.
Suuraan: #Sansakkaa_Sakaalamefi barreessaa kitaaba Furtuu Fayyaa, Dr. Mahmud Kadir iddoo tokkotti!
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
©Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2021
@Orobook
