cookie

ما از کوکی‌ها برای بهبود تجربه مرور شما استفاده می‌کنیم. با کلیک کردن بر روی «پذیرش همه»، شما با استفاده از کوکی‌ها موافقت می‌کنید.

avatar

Fayyaa sammuu

"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.

نمایش بیشتر
فنلندة412زبان مشخص نشده استسبک زندگی سالم2 548
پست‌های تبلیغاتی
4 499
مشترکین
اطلاعاتی وجود ندارد24 ساعت
اطلاعاتی وجود ندارد7 روز
اطلاعاتی وجود ندارد30 روز

در حال بارگیری داده...

معدل نمو المشتركين

در حال بارگیری داده...

Boqonnaa akka daawwaatti. Baay'een gar malee hojjechuudhaan dhukkubsataa of godhu. Warra akkasiitif boqonnaan, yaaddoo irraa bilisa ta'uu, nyaata gahaa nyaachuufi bishaan gaha dhuguun fayyummaa isaanii bakkatti deebisuun barbaachisadha. Warra sababa walitti fufinsa hojiitif, daangaa cufame keessa jiraachuutiin, biyyoota garaagara daawwachuu baay'isuudhaan sammuufi narvii isaanii dadhabe bakka itti jireenya salphaa, jireenya yaaddoo hin qabne jiraatan, bakka itti uumama waliin walitti siiqanii jiraatan dhaquun baay'ee isaan fayyada. Callisanii dirreefi mukeetii keessa naanna'uun, abaaboo ciranii baachuun, faarfannaa simbirootaa dhaggeeffachuun fayyummaa bakkatti deebisuuf waan kan biraa irra caalaa fayidaa qabeessadha. Fayyaa hin dhabiina. Join @sammuukoof @sammuukoof
نمایش همه...
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
نمایش همه...
GAADDIDDUU ADDUNYAA.pdf9.68 KB
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
نمایش همه...
GAADDIDDUU ADDUNYAA.pdf9.68 KB
Photo unavailableShow in Telegram
#PAPPAYYAAN_ULFA_BAASA. Pappayyaan dhangaalee nyaataa pirootinii karboohaydratii, vitaaminiifi albuudotaan badhadheedha. Papayas xiqqoon ishee hanga Anniesland kalorii 60 ol maddisiisu danda'a. Vitamin A, C, E,K Elementoota. Maginisiyeemii, potasiyeemii, Karootinii, fiberii, folate, kopperii, kalsiyeemii, of keessaa qaba. Fayidaa isaa 1, dhukkuba onnee ittisa. 2. Kolesteroolii ni hir'isa. 3. Ulfaatina hir'isa 4. Farra alagaaa(Immunity) keenya dagaagsa. 5. Fayyaa ija keenyaaf barbaachisaadha. 6. Dhukkuba kaanserii ni ittisa. 7. Sirna bullaa'insa nyaata foyyeessa. Fedhii nyaata dabala, goginsa garaa ni balleessa. Miidhaa pappayyaan qabu. 1. Ulfa baasa. Gadameessa kontofachiisuudhan micireen(fetus) akka gadameessatti hin maxxanne gochuudhan akka hin uumamne godha. Ykn gadameessa cuunfee muca gad darbata. 2. Garaa cinninaa hamaa, garaa kaasaa, ul tuquufi laphee gubaadhaaf dubartoota saaxila. 3. Rakkoolee hargansuu faana wal qabatan ni hammeessa, fakkeenyaaf asimii, dhiphina hargansuu(shortness of breath and heavy breathing). Qaamni dhidhitahuu, mataa dhukkubiif illee nama saaxila. Of eeggannoo 1. Dubartiin ulfiifi ulfa'uu barbaaddu akkasumas hoosiftu fayyadamuu hin qabdu. 2. Namoonni dhibee hargansuu qaban of eeggachuu qabu. Fayyaa hin dhabiina. Tolasaa Burqaa (psychiatrist) Barnoota fayyaa waliin wal qabatan biroo argachuuf Join👎👉🧠🫀🫁 @sammuukoof @sammuukoof
نمایش همه...
Miira saalqunnamtii madaawwaa qabaachuun karaalee fayyuma nama tokkoo murteessan keessaa isa tokko. Kana jechuun namni saal qunnamtiif fedhii hin qabne rakkoo biraa keessa jiraachuu isaa agarsiisaa jechuudha. Dhukkubsachuu bira osoo hin gahiin mallattollee hedduminaan namootaa irratti mul’atan kanneen akka mataa dhukkubii, naasuu, dadhabbii fi aarii daqiiqaa muraasaa fedhii salqunnamtii ballessuu ni danda’u. Kana jechuun sal qunnamtiin miira qabbanaa’aa fi tasgabbii akkasumas fayyummaa qaama keenya kan ibsu, dhukkubbii kan hir’isuufi miira kan qabbaneessuudha. Gaaffilee armaan gadii keessaa mallattoon lamaafi isaa ol sirratti argamnaan halellaa rakkoo saal qunnamtii keessa jiraachuukee agarsiisaa. Gaaffilee armaan gadii “EEYYEE” ykn “LAKKI” jechuudhaan deebisi. 1.Sal qunnamtiidhaaf fedhiifi kaka’umsa hin qabu jettee ni yaaddaa? 2.Yeroo waa’ee saal qunnamtii yaadduufi haasooftu keessakeetti ni dhiphattaa? 3.Shaakallii kanaan dura saal qunnamtiif qabduuf ofitti ni gadditaa? 4.Sodaa saal qunnamtiif qabaachuu irraa kan ka’e karaa hin barbaachifneen miirakee ofirraa baastaa? 5.Gaaffii 4f deebiinkee eeyyee yoo ta’e mala kam fayyadamta? A, Geessee ykn seekkaa fayyadamuu B, Fiilmii saal qunnamtii ilaaluu(pornography) C, Haasa bilbilaan ofirraa baasuu(phone sex) D, Qullaa ykn boca(shape) qaama saalaa faallaa ilaaluudhaan ofirraa baasuu. E, Qaama saalaa faallaa rukkutuudhaan ykn reebamuudhaan akkasumas uffata jalaa dhuffachuudhaan ofirraa baasuu F, Kanbiraa yoo ta’e adda baasii 6.Rakkoo dafanii xumuruu(pre ejaculation) si mudatee beektaa? 7.Fedhiin ati saal qunnamtiif qabdu humna olidhaa (ariifataadhaa)? 8.Yeroo saal qunnamtii eegaluuf jettu of to’achuu dadhabuu(dursanii dafquu, dhangalaasuu ykn dadhabuu) fuulli jijjiiramuun irra deddeebiin si qunnamaa? 9.Sal qunnamtii irratti daqiiqaa 1 utuu hin guutiin dhangalaasuu 10.Akka saalqunnamtii rawwatteen booda miirri gaddaa ykn of cheepha’uu si weeraraa? 11.Marsaa tokkoo booda humna dhabuufi ka’uu dhabuu qaama saala akkasumas fedhii dhabuun si mudataa? 12.Saal qunnamtii gahaa raawwachuudhaaf dawwaa ammayyaa ykn kan aadaa fudhattee beektaa? furmaata isaaf @sammuukoof join godhaa toora irratti nu eega. #psychiatrist
نمایش همه...
Baga ayyaana Qilee geessan. Ayyaana Gammachuufi Tokkumaa jaalalaa isiniif haa ta'u. Fayyaa Sammuu fayyaa qaama maraati. Join @sammuukoof
نمایش همه...
Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa? Ati addunyaa kanaaf kennaa addaati. Namni si fakkaatu yoo jiraates, namni si bakka bu'u garuu hin jiru. Si qofaatu si ta'ee addunyaa kanarra jiraate darba. Waaqayyoo eenyummaakee akka hubattuuf sammuu xiinxalu, furama rakkoo fiduciary ofiin akka of murteeffattuuf si gargaaruu siif kenneera. Inni si uume baattoofi hirkataa akka ati taatuu utuu barbaadeera ta'ee beekumsaafi dandeettii siif hin kennu ture. Sababiin isaa sammuukee namaaf dabarsitee yoo kennite eenyu akka taate otoo ofi hin bariin duuta. Sammuukee eenyutu to'ataa jiraa??????????? Maatiikeemoo hiriyaakeetu waan ati hojjechuu qabduuf eeyyama siif kennaa? Dhugaadha! Eenyummaankeefi Amallikee har'aa waliin jireenya naannookeefi guddisa maatiikeetu si boce. Dhiibbaan isaanii dandeettiikee akka ati hin beekneef ofitti amanamummaa sirraa mulqeera taanaan ofirratti dammaqi. Fedhiikee, filannookee, miiraakeefi dandeettikee kan beeku Sammuukeeti malee isa namoonni natu sii beeka jedhan miti. 1. Namoonni dhibbantaan 50 hidhaa sodaa maatiifi naannoon isaaniin takaalamanii kaayyoo isaanii irraa kufaniiru. 2. Namoonni dhibbantaan 23 hidhaa anatu siif beeka hiriyootaafi namootaan mul'ata isaanitti ofitti amanamummaa dhabanii garbaa ta'aniiru. namoota sammuun jal'aaf sammuu isaanii kennanii waan hin feene hojjechaa jiraacha jiru. 3. Namoonni dhibbantaan 18 gammaduudhaaf, hojjechuudhaaf, jiraachuudhaaf baala sammuu isaanii hadoochaniifi ho'isaniif sagadanii jiraatu. Sammuu isaanii araadatti yeroo malee waan gurgurataniif addunyaa dhugaa keessa bahanii yeroo hojjechuu qabanitti rafanii yeroo boqochuu qabanitti immoo daandii gubbaa ciisanii maratummaa kadhachaa jiru. 4. Namoonni dhibbantaan 5 dandeettii isaanii wallaalanii namoota ni beeku jedhanii yaadan akkeessuudhaan bu'a fakkeessummaan hirkatanii jiraatu. Waanti isaan hojjettan yaada ofii isaanii utuu hin taanee kalaqa namootaa hatanii gurgurachuudha. 5. Namoonni dhibbantaan 4 waa'ee ofii isaanii ofii murteeffatanii madaalaafi orbitii mataa isaanii irra jiraatu. Baay'een isaanii dandeetti waaqnii isaaniif Kennetti ofii isaaniif maatii isaanii fayyadanii yoo darban isaan keessa muraasni kalaqaafi tattaafii dhuunfaa isaaniin dhalootaaf galaa gaarii gudunfanii kan darbanidha. Kanaaf namni hammakee si beeku hin jiru. Ati ofiikeef ofirratti dammaqii of ta'ii jiraadhu. Guuboo hirkattummaa jalaa bahii dungoo fiddee dhufte addunyaa kanatti bobeessi. Ati lakkoofsa meeqaffaadha? Yaadakee barreessi. Baarreessaan Tolasaa Burqaa (Ogeessa yaala sammuu) hospitaala sammuu Amaanu'eel irraa. Maddaa"::kanan dubbise irraa isiniifaan qoode. Join @sammuukoof @sammuukoof
نمایش همه...
ARAADA (SUUSII) EEGALUUN NAMA GAMMACHIISA. Oromoon yeroo makmaaku "Bishaan kokkolfaa si nyaata" jedha. Waanti baay'ee nu hawwatu jalqabni isaa nama gammachiisa. Kubbaa ilaaluu, dhunguu, filmii wal qunnamtii saala dawwachuu, seekkaan, caatii qaamuun, sigaaraa xuuxuun, alkoolii dhuguun jalqabarra baay'ee nama gammachiisu. Keessikee akka boqotu si godhu, dhiphina yeroo xiqqoof si irraanfachiisuu. Hormooniin doopaminii gammachuu maddisiisuu sammuu keenya keessa dhangala'a. Hagam akka namatti tolu warri suusii jalqabdaniyyuu dhugaa bahaa! Qo'annaakeefi hojiikee irratti cimaa taata, waan gootu dadhabbii malee gammachuun sitti dhagaahama. Namoonni baay'een Yeroo na barbaachisetti nan dhaaba jedhu. Hanguma fayyadama deemnu, qaama keenya faana walbaraa deemna. Saa'aatii walakkaa irraa guyyaa walakkaa yoo bashananuu baanee gammachuu jalqaba hin argannu. Amma araada keessa galaa jiraachuu keenya hubanna. Haguma waliin jiraachuu eegallu hariiroo hawwaasummaa keenya dagachuu eegala. Hojii keenya, hiriyoota keenya, lafa oolmaa keenyafi maatii keenya dagachuu eegalla. Yeroo bal'aa araadaa kennuu nutti tolu eegala. Amma gara araada cimaatti deema jirra jechuudha. Galgala yeroo manatti galtu "Boruu booda nan dhaaba"! Jetta. Ganama kaatee fayyadamtee of argita. Kiyyoo araadaa keessa galuukee utuma ilaaltuu keessaa bahuun sitti ulfaata. Gammachuun kanaan dura yoo waan barte fayyadamte malee hin jiru. Hojjechufis yaaduuf jiraachuuf hirkattummaan sitti dhagahamuu eegala. Ati araada irraa baqachuu barbaadda inni garuu si arii'ee bakka ati jirtu dhufa. Harkakee qabee hidhaa araadatti gad si gata. Raagaa akka sitti bahaniif baay'ina waantoota araada si qabsiisanii siif dabala. Mana hidhaa sana keessatti namoota achi keessa jiranirra muuxannoo qooddachaa sadarkaakee guddifatta. Firrikee, hiriyaankee, maatiinkee araada akka dhiiftuu si gorsu hundi diinakeeti. Tarii isaan gammachuu ati dhamdhamte waan hin argine sitti fakkaata. Turtii muuraasa booda hidhaa ati keessa jirtu namoonni siif hubachuu dadhabuukeetti gaddita. Gargaarsaaf harka bal'iftus warri mana hidhaa araadaaf garboomuu keessa si basuuf sitti fiigaa turan, amma abdii kutatanii mana isaanitti galanii jiru. Akka ati gara jabina araadota jalqaba si gammachiisanii irratti barteen gaddi, abdii kutachuun, sodaan, waan hundatti fedhii dhabuun, fedhii nyaata dhabuun, qulqulina ofiif bakka dhabuun tarree galanii sirratti kufu. Yaala argachuuf keessi boqonnaa hin qabdu. Hiriyaankee nama akka kee hidhaa araadan rakkatudha. Si yaalchisuuf maatiin abdii sirraa hin qabu. Kan namni sii hin beekne sodaa ati boriikeef qabdu si hiraarsa. Haa ta'u iyyuu malee haala kam keessayyuu yoo jiraatte gara eenyummaakee jalqabaatti deebi'uudhaaf gara mana yaala deemi. Ogeessonni ba'aakee sirraa hirmaatan, si waliin karoorsanii si ijjibaachisu. Furmaata. Ani hin sirbiin sin hin jedhu garuu of eeggachaa sirbi. Gammachuukee waantoota argattu irratti akka hundeeffamu hin godhiin gammachuunkee keessakeeti ha burqu. Hiriyaankee eenyuu? Eenyuu faana akka ooltu eenyu faana akka hojjettu adda baafadhu. Eenyummaakeef dursa kenni. Ejjennookeetti amani. Sabaabiin isaa Hiriyaa gadheen amala gaarii in mancaasa. Waanti jireenyakee miidhu yeroo gara kee dhufu gammachuu har'a argattu osoo hin taanee wareegama boru jireenyakee keessatti si kanfalchiisa yoo ta'e himata sammuu kee jala akka hin galleef of eeggataa ta'i. Araada eegaluun nama gammachiisa. Dhumni isaa garuu gadda guddaa fida. Dhumni keessan haa bareedu lafa nagaa oolaa Tolasaa Burqaa Hospitaala Amanuu'el irraa. June 15, 2022 👌join @sammuukoof @sammuukoof
نمایش همه...
"Fayyaa sammuu malee fayyaan hin jiru" Gorsa waa'ee fayyaa sammuufi xiinsammuu irratti ni barbaadduu? Link kana gadii tuquun join godhaa. @sammuukoof Yaadaafi ergaa qabdan @ToliBurka (0928905260)n nu qaqqabsiisuu ni dandeessu. Fayyaa hin dhabiina.
نمایش همه...
یک طرح متفاوت انتخاب کنید

طرح فعلی شما تنها برای 5 کانال تجزیه و تحلیل را مجاز می کند. برای بیشتر، لطفا یک طرح دیگر انتخاب کنید.