Dr Nafyad -Yadon Clinic
Open in Telegram
This is Official account of Dr Nafyad Getu - Yadon Clinic Beellama qabachuuf 0909102009 irratti bilbilaa
Show more9 771
Subscribers
No data24 hours
-107 days
-7530 days
Posts Archive
Nagaan isiniif ha tahu akkam jirtu
Kiliinikni Yaadon erga hojii eegalee Baatii 4 lakkoofsiseera!
Namoonni hedduun magaalaa finfinneef Kutaa Oromiyaa garaagaraa dhufanii yaalaa si’ataaf gaarii argachaa jiru !
Qorannoof yaalii fayyaa hunda dabalatee Dabalataan yaalii armaan gadii kennuu eegalleerra
1. Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
2. Rakkoo dafanii Ispermii dhangalaasuu
3. Dhukkubbii yeroo wal qunnamtii saalaa
4. Dhibee wal qunnamtii saalaan daddarban
5. Rakkoo Jeeqamuu marsaa laguu fi kkf kennuu eegaluu keenya Yeroo isinii ibsinu gammachuu guddaan!
Teessoon keenya
Magaalaa Finfinnee, Hayat , Derartu Adebaby
Beellama qabattanii dhufuuf
0909102009 irratti bilbilaa !
Killeen cidhaanii yeroo baay’ee hammaan wal qixa tahuu baatus haala adda taheen cidhaanni keessan yoo dhiitahe dabalataan mallattoo akkasii ofirratti yoo argitan mana yaalaa dhufuu hin dagatinaa
1. Dhukkubbii cimaa cidhaani
2. Diimachuu naannoo cidhaanii
3. Dhangala’aan addaa karaa qaama saala bahuu
4. Fincaan fincaa’uu dadhabuu
5. Dhukkubbii naannoo mudhii ykn handhuura gadii
6. Fincaan yeroo fincooftan gubuu ykn dafee dafee isin fincaansisuu.
Namoonni qaamaan dhuftanii yaalamuus tahe nu waliin mari’achuu feetan
Teessoon keenya :- Yadon Clinic , Finfinnee , Hayat , Derartu Adebabay
0909102009 irratti bilbilataniif beellama qabattanii dhufuu dandeessu !
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu
+2
Bakka hojii
Yadon clinic
Hayat , Derartu Adebaby
Beellama qabachuuf
0909102009
Beeksisa Hojii
Dhaabbanni keenya Yadon Healthcare ogummaa Fayyaa Medical Laboratory dabalataan dorgomsiisee qacaruu barbaada !
1. Medical Lab Technologist ( BSC)
Muuxannoo hojii = waggaa 0 fi isaa oli
2. Lab Technician (Diploma)
Muuxannoo hojii = waggaa 2 fi isaa oli
Bakka hojii ;- Finfinnee, Hayat , Derartu Adebabay .
CV keessan email :- info@yadonhealhcare.et “ irratti nuuf ergaa !
Dhaggeeffadhaa , muudannoof muuxannoo Amman beekurraa isiniif qoodeera
https://youtu.be/rExkgYTKVuQ?si=mIVcYdj3ukqdVLNq
Akkam jirtu ?
Ayyuun Online shopping hojjechaa jirti . Link kanaan telegram channel Ishee join gochuun ajajachaa
https://t.me/ayufashion55
Namoonni hedduun bakka argama Kiliinika kankee eessa jettanii na gaafachaa jirtu !
Teessoon: Finfinnee, Hayat , Derartu Adebabay
Lakk . 0909102009
"Furmaata Singiggoo/gubaatii laphee fi qara laphee(Gastroesophagial reflux disorder/GERD)
Rakkoon kun kan dhufu rakkoo laafachuu huutuu garaachaarraan kan ka'e Asiidiin garaachaa haayidirookiloorik asiidii jedhamu gara ujummoo nyaataa laphee keenya keessa jirutti(Esophagus)ol darbuurraan kan ka'e rakkoo dhufudha. Kanaaf namoonni baay'een miira gubaatii qara laphee jalaa fi laphee gara bitaaf saaxilamu. Mallattoo kan biraan kanneen akka nama haqqisiisuuf lollociisiisuu danda'a. Namoonni baay’een rakkoo kana Onnee nu dhukkuba jedhanii himatu.
Mee namoonni rakkoo kana qabdan maal gochuu qabdu/hin qabdan?
1.Yeroo raftan boraatii fayyadamaa
2.nyaata hedduminaan hin nyaatinaa
3.yeroo hirribaa sahaa 2-3 dursaa irbaata nyaadhaa
4.yeroo raftan kallattii bitaan rafaa
5.shunkurtaa diimaa dheedhii soorachuu dhiisaa
6.alkoolii dhuguu dhiisaa/hiri'isaa
7.Buna baay'inaan dhuguu dhiisaa
8.sigaaraa aarsuu dhiisaa
9.nyaata zayitii itti baay'ate/qimamii/urgeessituun itti baay'ate soorachuu dhiisuu
10.ulfaatina qaamaa hir'isuu
11.cuunfaa birtukaanaa fi loomii baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
12.chokkolaataa baay'inaan soorachuu dhiisuu
13.dhiphina/aarii hir'isuu
14.nyaata xixxiqqeessa nyaadhaa
Akkasumas qorichi madda asiidii kanaa hir'isu waan jiruuf fayyadamuunis gaariidha.
Namoonni qaamaan dhuftanii yaalamuuf nu marisiisuu barbaaddan
Teessoon : Finfinnee , Hayat , Derartu adebabay
Lakk. 0909102009
Fayyaa hin dhabinaa
Dr Nafyad Getu.
Rifeensa keessaniif of eeggannoo akkamii gootu?
Dubbisaa
https://drnafyad.com/rifeensa-keenya-wantoota-miidhaniif-balleessan/
Hello akkam jirtu?
Filannoo inni duraa waan jijjiirameef gama fayyaan yoo hojii kiyya jaalattan na Filadhaa !
👇🏽👇🏽👇🏽
https://strawpoll.com/2ayLk7GeqZ4
Na Filadhaa !
Dorgommii tiktok creative award qopheesse gama fayyaan dorgomaan jira . Liinkii kanaa gadiin seenaa na Filadhaa
https://tiktokcreativeawards.com/vote-best-health-and-medical-content/
Rakkoo guddaa abbaa manaaf haadha manaa hiikaa jiru 👇🏽👇🏽 dubbisaa
https://drnafyad.com/fedhii-wal-qunnamtii-saalaa-dhabuu/
Dhibeen Vaayirasii Tiruu HIV caalaa daddarba
https://drnafyad.com/dhibeen-vaayirasii-tiruu-namoota-hedduu-miidhaa-jira/
Dorgommii Ministeerri fayyaa qopheesseen namoota gama Tiktok go YouTube barumsa fayyaa Kennan badhaasuuf dorgoman irratti hirmaadheera . Yoo hojii kiyya jaalattan bot armaan gadiin seenaa na filadhaa!
https://t.me/givevotebot
