Al-risala-tube
Open in Telegram
..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot
Show more4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
4 164
#Baniinsi Tapha Waanca Addunyaa Qaxar 2022 Qur'aanaan gaggeeffame.
#Qatar akka biyya islaamaatti qophii taphaaf barbaachisu miidhessuun cinaatti, namuusa amantii islaama eeggattee akka qophaayu akkasuma ilaalcha warri lixa islamaf qaban sirreessuuf kan kaayyeffate fakkaata.
#Qophii guddaa fi namoonni kallattii biyyoota addunyaa hedduurraa argaman kanarratti, gochi Qatar goote:
🇶🇦 Jechoota nabiyyii [s.a.w] bareedina islama beeksisan fiixeewwani fi Kutaalee keessatti barcodi ergaa islaamaa ibsan maxxansu.
🇶🇦 Alaabaa warra saala wal fakkaataa leellisani fi stadium keessatti gurgurtaa alkoolii dhoorkuu.
🇶🇦 Microphone Mu'azzinota sagale bareddu qabani istaadiyeemii keessa kaa'u.
🇶🇦 Giddu galli keessummaa garee namoota hedduu waamicha islaamummaa taasiisanifi hayyoota akka Dr. Zakir affeeruu.
🇶🇦 Agarsiisa islaamaa afaan adda addaatiin daawwattootaaf qophaawuu.
🇶🇦 Iddoon salaataa fi wudu’aa istaadiyeemii keessa jiraachuu.
#Kanaafi kan biroo hedduun duudhaalee islaamumma addunyaaf beksisuu irratti argamti.
4 164
"يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ"✨
بهذه الآية الكريمة افتتح الشابّ القطري "غانم المفتاح" كأس العالم.🇶🇦
4 164
Ghanem Muftah Dargaggeessi Bareedaan kun Geeba Addunyaa ka bar 2022 kan Biyya Qaxaritti 🇶🇦 gaggeefamu Kalaama Rabbiitin (Qur'aanaan) Bane. Maa shaa Allaah! Allaahu Akbar!
4 164
#⃣ Ergaan: -Essarrahin dhufe essan jira essattin deemaa jiraa.
🎙 She/abdusalam kadiir
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
⏳ Hammi 1.8
🎙 Daqiiqaa 13:33
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
4 164
#Jecha Hayyoota islaamaa.
📌Namoonni yoo dogoggoraan si hubatan hin yaadda'inaa. Kan dhaga'an sagalee keeti, garuu wanti sammuu isaanii keessa darbu, yaada mataa isaaniiti. Kan itti dhimmamuu qabdu dubbii keeti malee yaada isaani miti.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌 "Jireenya koo keessatti waan guddaa tokkon hubadhe" jedhe, innis "Hundi namaa jiraatee du'a dhandhamus, Namni jireenya dhandhamu garuu nama muraasa."
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌 Yoo dandeesse collummaa kee gurguri qarummaa bitadhu, gaafaa colleedha addunyaa jijjiiruu barbaaddus gaafa qaroomte akka of jijjiiruu qabdu hubatta.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
📌 Tarii ati qabeenya guddaa addunyaa keessa barbaadaa jirta taya, qabeenyi dhugaan guddaa garuu akka si tahe hin irraanfatin.
"وَلَقَدْ كَرَّمْنَا بَنِىٓ ءَادَمَ وَحَمَلْنَٰهُمْ فِى ٱلْبَرِّ وَٱلْبَحْرِ وَرَزَقْنَٰهُم مِّنَ ٱلطَّيِّبَٰتِ وَفَضَّلْنَٰهُمْ عَلَىٰ كَثِيرٍ مِّمَّنْ خَلَقْنَا تَفْضِيلًا"
#Quran..sura..Al-Isra' 17:70
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
4 164
Namni tawubata keessatti sadarkaa afur qaba :
1) Isa tawubatee hanga dhuma umirii isaatti cubbuu xixiqqoo kan namni hundi irraa hafiinsa hin qabne malee, waan irraa toobate sanatti utuu hin deebi'in hafu. 'istiqaamaa' jechuun isa kana namtichi warra khayiriirratti dorgomtootarraa ta'a, tawubatni isaa nasuuh' jedhama. lubbuu 'mux'ma'innah' (tasgabbooftuu) jechuun kan akkasiiti.
2) Inni lammaffaammoo isa toobatee, hundee ibaadaarraa utuu hin socho'in yeroo yerootti cubbuun itti dhufee erga cubbuu sana hojjetee booda of komatee, gaabbee, akka itti hin deebine murteessaa taa'u. (nafsullawwaamaa) lubbuu of-komattuunimmoo kan akkasiiti.
3) Inni sadaffaammoo isa tawbatee hundee ibaadaarratti gad-dhaabachuu wajjin, cubbuu adda addaa dhiisuu waliin, yeroo tokko tokko lubbuun isaa isa mo'attee cubbuun tokko
tokko akka dalagu isa taasifti, garuu badii sanarraa akka toobatu yeroo hundaa
of baallamaa taa'a. lubbuu gaafatamtuu (nafsul mas'uulaanimmoo) kan akkasiiti.
Inni akkanaa kun sodaachisaadha, maalif yoo jedheme utuu har'a borin toobadha
jedhuu duuti itti dhufuu waan dandeesuuf.
4) Inni afraffaanimmoo: isa yeroo
tokko toobatee, yeroo tokkommoo utuu waa'ee toobataa hin yaadatin cubbuu keessa dhidhimu, akkasumas waan hojjeterratti kan hin gaabbine, kan akkanaammoo (nafsul ammaarati bissuu'i) lubbuu badiitti nama ajajju jechuudha.inni akkanaa kunis booddeen isaa sodaachisaadha.
#Tafsiira_kitaab_qulqulluu_juzi sadeen boodaa fuula 91_92.
#Rabbiin qalbii mux'ma'innah kadhanna, Amiin
4 164
📢Drogba " Lakki ani Amntii kiyya hin jijjiirre, ani kabajama obbolaa Muslima qabun agarsiisuufi.... " jedhe
4 164
Allaahu akbar! Hayyuun islaamaa Dr.Muhammad Salah toora Facebook isaanii verify taasifame irratti, Taphataan beekamaan duraanii Kilaba Chealsedha Didier Drogbaan islaamummaa qeebaluu barreeysan. MaashAllaahu Allaahu akbar
4 164
" Yaa rabbii yaa jabaa
Irkoof sumaan qaba
Irkoo fi barkoo ani sumaan qaba
Bobbaafi gala na tirsi dhiibaaa
Rahmata kee jala na qubachiisii
Hiyyummaa fi dhibee narraa ittisi
Anaaf ati, naaf tahi wahallee
Ani sin qaphee game kee galee. "
Nashiidaa Dr. Kabajaa Alii birraa ture, innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun Rabbiin Tawbaa isaa irraa haa qeebale rahmata haa godhu.
4 164
Seena mooticha ka'abaa jigsuuf kakatee, Rabbiin simbira Ababiil itti kaase dhageessee?
Abrahaan eenyu? Barri arbaa bara kam keessa? Simbirri Abaabil eysarraa maaliin tumsaaf dhufte?
Maali sababni Abrahaan ka'abaa jigsuu kaayyeffateef?
https://alrisalatube.blogspot.com/2022/11/seena-mooticha-kaabaa-jigsuuf-kakatee.html
4 164
Fazakkir / yaadachiisi || Qormaata onnee
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Onneen dhageettii gurraa, argaa ijaatiin duratti qormaanni yookaa fitnaan isirraatti dhiyaata.
"تعرض الفتن على القلوب كالحصير عودا عودا ، فأي قلب أشربها نكتت فيه نكتة سوداء ، وأي قلب أنكرها نكتت له نكتة بيضاء ، حتى يصير على قلبين :.... "
#Qalbiin utuu qaamni waa tokko hin dalagin dura sadarkaa adda addaa keessa darba :-
1》Jalqaba yeroo yaadni qoma keessa nama bu'u.
2》yeroo inni qalbii keessatti sabatu.
3》Haasaa onnee : kan hojjechuu fi dhiisuu gidduu deddeebi'u.
4》yaada : kunimmoo hojiitti ka'uudha.
5》murannoo : kunimmoo yaadni erga cimee hojiitti muratanii ka'uudha.
#Sadan duraa keessatti yoo waan gaarii ta'e hin barreeffamuuf yoo hamtuu ta'es itti hin barreeffamu. Yoo yaada ta'emmoo waan gaarii yoo ta'e tokkotu isaaf barreefama yoo hamtuu
ta'emmoo itti hin barreeffamu. Yoommoo yaadni gara murannoo hojiitti kan jijjiiramu ta'e, waan gaariitti mindaa argatee, hamtuuttimmoo utuu hojjechuu baateellee cubbuu itti argata.
4 164
#Halloween ceremony tibba kana magaala guddoo Saudi Arabia riyada keessatti gaggeeffame maali?
#The new York Times "Ayyaanni yeroo tokkoo dhorkaa ture, amma kabjtoota maaskii ayyaanichaa kaawwattaniin dhuunfatame" jedhe
#Ayyaanni halloween biyyoota kaafira garii keessatti October 31 kabajamuun beekama, seenaan Halloween ayyaana Seltik Samhain jedhamu irraa akka tahes himama, ayyaan kanarrattis sheyxaanonni fi ruuhin warra du'e qabrii jiru baatee warra dachii ziyaarti jedhanii amanu.
#Ayyaanicha irrattis wantoonni raawwataman, uffata Halloween fi waan buqqee namaa qabrii keessa turee fakkatu faa kaawwachuun, dhiigaa dibachuun nama rifaasisuu, ibidda qabsiisuu, seenaalee sodaachisoo dubbisuufi filmii horror ilaaluun dabarsu. #subhaanallaah.
#Biyya sahaabiin lubbuu ofii wareeguun taabota dhabamsiisan, biyya rasuulli [s.a.w] shirkiin haa badduuf jecha keessatti buruqfamanii ilkaan isaanii itti cabe keessatti, hojii fokkuu waan hojii sheeyxaana fakkatu kana biyya islaama keessatti arguun nama qaanessa.
4 164
#Hojii kheeyri hojjatan keessatti mallattoo ikhlaasa agarsiisuu keessaa tokko: nama tola itti oolan san irraa galata ykn mindaa ykn wanta biraa irraa barbaadu dhiisudha.
#Namoonni Rabbiif qofa jedhanii namootatti tola oolan, nama san irra galata ykn mindaa homaatu hin barbaadan. Qur'aana keessatti warri ikhlaasa qaban nama tola itti oolaniin akki jedhan
"إِنَّمَا نُطْعِمُكُمْ لِوَجْهِ ٱللَّهِ لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا "Al-Insan 76:9
“Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna, mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu."
#Fakkeenyaaf, sadaqaa yoo kennan, namni suni galatoomi jedhee dhiise homaa isaanitti hin fakkaatu. Faallaa kanaa, namni ikhlaasa hin qabne immoo nama san irraa galata ykn faayda biroo ni barbaada. Yoo galatoomi jechuuni dhiise ykn wanta inni barbaadu isaaf gochuu dhiise, "Maaliif na hin galatoofanne" jedhee mufata. Kanaafu, ikhlaasa keenya madaaluf yommuu sadaqa kenninu, "galata ykn faayda biroo nama san irraa ni kajeella moo hin kajeellu?" jechuun of haa qorannu.
4 164
Abbaa ustaaza keenyaa, ustaaz raayyaa abbaa maccaaf rabbiin rahmata haa godhuuf innaa lillaah wa innaa ileeyhi raaji'uun.
Raayyaa " انا لله وانا اليه راجعون Abbaan kiyya osoon nan dhaqqabadha jedhee aggaarootti fiiguu na duraa aakhiramanii dua’i naa godhafii. "
4 164
#Qabxiilee jireenya hawaasa muslimaa keessatti barbaachisan.
#Iimaanni maali? Utubaaleen Isaa Hangami?
#Iimaanni yaada qalbiiti, jecha arrabaa, dalagaa qaamaati, ajaja Rabbii raawwachuun ni dabala,
cubbuu hojjechuun ni hirdhata.
Utubaawwan iimaanaa jaha, isaanis, Rabbitti amanuu, maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis, guyyaa maayessaattis, waan namarra ga’u hunda/qadaras toltuus ta’e hamtuu itti amanuu.
#Maleeykotatti Amanuu Jechuun?
Jiraachuu isaanii jala muranii fudhachuu. Rabbiin [s.w] akka isa gabbaranii fi ajaja Isaa raawwataniif jecha isaan uume. Gabroota kabajamoodha; jecha takkaanillee dura hin darban; ajaja Isaatiin dalagu. #Isaanitti amanuun qabxiilee kanatti aanan qabata:-
1] Jiraachuu isaanii amanuu.
2] Isaan keessaa warra maqaa isaanii beeknu kan akka Jibriil itti amanuu.
3] Haala isaanii irraa waan beeknutti amanuu; fkn. Akka uumamni isaanii guddaa ta’uu fa'a.
4] Hojii isaanii kan adda isaan godhu irraa waan beeknutti amanuu.
4 164
#Honeybee [kanniisa dammeeysitu] suuraan olii ija camera microscope qulqullina olaanaa qabuun kaafamee #subhaanallaah
"هَٰذَا خَلْقُ ٱللَّهِ فَأَرُونِى مَاذَا خَلَقَ ٱلَّذِينَ مِن دُونِهِۦۚ بَلِ ٱلظَّٰلِمُونَ فِى ضَلَٰلٍ مُّبِينٍ"
#Waa'een Kanniisa hoggaa ka'u daymi isaas waliin ka'a, daymi fayyaa ilma namaatiif barbaachisa, qananii Rabbiin ilma namaatti arjoome keessaa tokko jechuus dandeenya.
#Dandeettii rabbiin isa badhaase keessa dandeetti ijji isaa halluuwwan garagaraa adda baafachuuti, Kanniisni Ija gosa lama ‘Compound eye’ ykn ammoo ija cimdii fi ija ‘simple eye’ qaba. Ijji Compound jedhamu kun yunitiiwwan xixiqqaa heddu ofirraa qaba. Yunitiiwwanis ifaa argan san adda fooyanii gara sammuu dabarsu.
#Fkn namni shamiza bifa shan qabu yoo uffate, shamiza barruu uffachuu isaa qofa argina, Barrina shamiza yoo shananuu tokko tokkoon daawwanne adda baafachuu dandeenya, garuu yunitiiwwan ija kannisa irra jiran, halluulee jiran hunda kopha kophaa argu, Kunis akka salphaatti soorata argatu qarqaara. #more_NH
4 164
Fazakkir / yaadachiisi || Ni'imaa ykn fitnaa
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Wanti rabbiin bakka bu'aa irratti nu taasisee, yeroof nu faana jiru kamuu, ni'imaa yookaa fitnaa.
#Rabbiin nam garii maatii dur kenneef irraa fudhatuun, manni duraa gubatuun, roobni midhaanirraa cituun takkaa itti heddommaatuun, takkaa waan jaalatu dhabuun, balaan itti buuti duuba gara Rabbii isaa dheysa, jarri sun warra karaa gaarii qajeele.
#Namni hoggaa balaan itti buutu sabrii dhabu, kan if miidhu, namni kun balaa bala'arraan ida'ata malee, waa takka waan isarraa bade deeffatuu hin dandayu, guyyaa boruu qixaaxa warra Rabbitti kafaree qixaaxamu'uu taa'a.
#Ammoo namni hoggaa balaan itti buutee waa dhabe, duraanuu Rabbiitu naa kennee ammallee kan fudhate isuma, anaafii wanni fudhatelleen kan isaati je'e, namni kun dhugumaan balaa injifatee, har'aaf borulle waan gaarii abdate, inni dhugumaan gabricha Rabbiti, namni har'a rakkate, boru itti bal'attii, waan Rabbiin isaaf fidu obsaan haa eeggatuu.
#Rabbiirraa sawaaba warra obsee abdanna.
4 164
Sirni gaggeessa Aalima guddaa Muftii Sheek Adam Tuulaa har'a raawwatameera.
Musliimonni lakkoofsi isaanii akkaan hedduu taye Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti argamaniiru.
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa lubbuu isaani qubsa gaarii, Jireenya isaanii bara baraa Jannata keessa haa taasisu.
Ameen!
4 164
#Ergaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa, Aakiramu sheeka keenyaa, #Sheek Aadm Tuulaa irratti, dhimmota hedduu kaase ustaazni dhaggeeffadha.
#Maandisni tokko yoo du'e Maandisa san ka caaluutu bikka bu'a, Yoo Doktarri tokko du'ees Doktar san ka caaluutu bikka isaa san bu'e. Garuu Aalimni akka Allaamatu #Aadam Tuulaa (Rahiimahullaah) du'uun bikka isaa san namni cufu (bu'u) hin jiru. U.A.H
