en
Feedback
Al-risala-tube

Al-risala-tube

Open in Telegram

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....… Al-risala-tube - Gaarommina qalbii Inshaa'allaah🎙Da'awaalee fi ergaawwan miidiyaalee Islaamaa argattu. Alrisalatube.blogspot.com 📩 @qilqil_bot

Show more
4 164
Subscribers
No data24 hours
-117 days
-6830 days
Posts Archive
Soomana Arrabaa. #Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya. Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni hed
Soomana Arrabaa. #Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya. Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran. #Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna. #Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye. Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare. #Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu. Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu. #Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed. #Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.

#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu: ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُ
#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu: ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔُ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔِ ﻭَﺭَﻣَﻀَﺎﻥُ ﺇِﻟَﻰ ﺭَﻣَﻀَﺎﻥَ ﻣُﻜَﻔِّﺮَﺍﺕٌ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻨَﻬُﻦَّ ﺇِﺫَﺍ ﺍﺟْﺘَﻨَﺐَ ﺍﻟْﻜَﺒَﺎﺋِﺮَ “ Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate .” (Sahih Musliim) #Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu. #Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha. #Rabbiin! Warra keeyrii ramadaanaa keessaa argatu, nuu haa tasisu.

#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa. #Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinx
#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa. #Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa. Gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu. Haadhaafi Abbaatti tola ooluu keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.

Salaata halkanii salaatuu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ قال رسول الله || ًمن قام رمضان إميانا ً واحتسابا، غفر له ما تقدم من ذنبه. مت
Salaata halkanii salaatuu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ قال رسول الله || ًمن قام رمضان إميانا ً واحتسابا، غفر له ما تقدم من ذنبه. متفق عليه. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ Hadisatti “Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif.’’ ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ (bukhaarii fi muslim)

Ramadaana Akkamitti Simanna? 🎙Dr Jeylaan H/Khadiir ⏱ Sadarkaa baatii Ramadaana, barbaachisummaa barnoota waa'ee baatii Ramadaana...... Sooma maaltu balleessa, shuurxii soomanaa... ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 🎙36:22 🔗12.7 MB

⏱Sadarkaa baatii Sha'abaanaa ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ ⏱Sadarkaa fi gosoota soomana baatii sha'abaana keessaa Afran. 🎥 Video gabaabdu kana irraa argattu. ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ 📹1:14 🔗 2 MB

وعن أسامة بن زيد -رضي الله عنهما- قال: قلت: يا رسول الله لم أرك تصوم من شهر من الشهور ما تصوم من شعبان. قال: ذلك شهر يغفل الن
وعن أسامة بن زيد -رضي الله عنهما- قال: قلت: يا رسول الله لم أرك تصوم من شهر من الشهور ما تصوم من شعبان. قال: ذلك شهر يغفل الناس عنه بين رجب ورمضان، وهو شهر ترفع فيه الأعمال إلى رب العالمين، فأحب أن يرفع عملي وأنا صائم. رواه أبو داود والنسائي، وحسنه الألباني #Usaamatu ibnu Zeyd (radiiyallaahu anhumaa) ni je'e "Yaa ergamaa Allaahaa ji'oowwan keessaa akka ji'a Sha'abaana/شعبان ka Soomantu waa sin garre" je'eeti gaafate? Ergamaan Allaahaa "saw" ni je'an {Sun Ji'a ilmi Namaa irraa dagatu, jidduu Ji'a Rajabaatii fi jidduu Ji'a Ramadaanitti ka taate, ammas Jiini Shaa'baana Ji'a Hujileen ilma Namaa Gama Rabbii Aalamtootaatti ol fudhamtu, Anillee Haalaan #Soomana qabuun akka #Hujiin tiyya ol naa fudhamtuun Jaaladhaa} je'aniiti deebisaniif.

Dr. Kamaal Haj Galatuu Dura bu'aa Muftii Oromiyaa ta'anii filataman. Muftiin haaraan kan filataman ulamaa'iin guddaan Muftii
Dr. Kamaal Haj Galatuu Dura bu'aa Muftii Oromiyaa ta'anii filataman. Muftiin haaraan kan filataman ulamaa'iin guddaan Muftii Shek Aadam Tuulaa gara fuula Rabbii waan deemaniifi. Rabbiin jannata ollaantuu Firdawus haa kennufi. Aamiin. Yaa'ii har'aatiin 👉 Shek Ahmad Usmaan Watar Itti Aanaa 👉 Shek Yuusuf Aadam Ciroo Itti aanaa 2ffaa 👉 Dr. Jibriil Qamar Barreessaa Ol'aanaa 👉 Shek Hamzaa Mohammednuur Jimmaa Misensa 👉 Shek Mahammad Abdulqaadir Abu Maalik Miseensa ta'anii filatamanii jiru Alhamdulillah. Yaa Rabbi warra amaanaa ba'atan isaan taasisi. Gabaasa #Bedru Mohammed

"Onneen keenya gaddaan weeraramee jira! Rabbiin wareegamtoota keenyaaf haa araaramu miidhamtoota keenya nuuf haa baraaru! Bal
"Onneen keenya gaddaan weeraramee jira! Rabbiin wareegamtoota keenyaaf haa araaramu miidhamtoota keenya nuuf haa baraaru! Balaan kun akka Seenaa Turkii qofaatti osoo hin taane akka seenaa naannawaa kanaatti Balaa guddaa gita hin qabne 'tu nu mudate..! Lubbuu lammiilee keenyaa baraaruuf haga dandeettii keenyaa ifaajaa jirra." Pirezidaantii Turkii Rajab Xayyib Erdogan. Turkiin balaa kirkira lafaa lubbuu lammiilee ishee fixaa jiruun Alaabaa ishee buustee gadda biyyaalessaa labsitee jirti, Sooriyaan haaluma walfakkaatuun balaa kirkira lafaan miidhama guddaa keessummeessaa jirti. Rabbi balaa kana akka irra kaasu du'aa'ii gochuun dirqama Islaamummaa nurra jira, Du'aa'ii keessaniin obboleewwan keessaniif tumsaa. #JechootaGaggaarii

+1
Kirkira lafaa hamaa [7.8-magnitude] Kibxata darbe Turkii fi Siiriyaa keessatti mudateen lubbuun namoota hedduu darbuun gabaafame. Lakkoofsi namoota kirkira lafaa Turkii fi Sooriyaa keessatti mudateen du’anii amma 7,300 ol ta’uu qondaaltonni himan. Hojiin sakatta'iinsaa fi baraarsaa ammallee itti fufee jiraachuu fi sabaaba haalli qilleensaa naannawa sanaa mijataa hin tayiniif lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u ni dubbatama. #Rabbiin rahmata haa godhuuf.

Yaa ilmaan Aadam! Akka shayxaanni isin hin qaanessine!! [الأعراف : 27] يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ لَا يَفْتِنَنَّكُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ كَم
Yaa ilmaan Aadam! Akka shayxaanni isin hin qaanessine!! [الأعراف : 27] يَٰبَنِىٓ ءَادَمَ لَا يَفْتِنَنَّكُمُ ٱلشَّيْطَٰنُ كَمَآ أَخْرَجَ أَبَوَيْكُم مِّنَ ٱلْجَنَّةِ يَنزِعُ عَنْهُمَا لِبَاسَهُمَا لِيُرِيَهُمَا سَوْءَٰتِهِمَآۗ إِنَّهُۥ يَرَىٰكُمْ هُوَ وَقَبِيلُهُۥ مِنْ حَيْثُ لَا تَرَوْنَهُمْۗ إِنَّا جَعَلْنَا ٱلشَّيَٰطِينَ أَوْلِيَآءَ لِلَّذِينَ لَا يُؤْمِنُونَ #Yaa ilmaan Aadam, Sheyxaanni isin hin jallisin, isa jala deemtanii hin jallatinaa, Akka abbaadhafi haadha teessan jannataa baasetti, waan Rabbiin irraa isaan dhoowwe dalaysiisee, isaan Aadamiifi Hawwa. #Sababaa sanii uffata/kafana isaaniraa fuudhe, Waan isaan irraa qaanfatan isaan garsiisu jecha, huccuun irraa buutee, duuba akka isaan lamaan qaanessetti waan hamtuu isin dalaysiisee isin hin qaanessin. #Sheyxanafi cifaaraan isaa jinniin isin argan Kan isin isaan hin agarre, waan isaan akka qilleensaa tayaniif ykn bifa dhabaniif jecha. #Rabbiin sheyxaana awliyaa warra Rabbitti hin amanneeti godhe kan waan hamtutti isaan yaamee isaan gargaaru.

Fazakkir / yaadachiisi || Dalagaa tikfachuu ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱل
Fazakkir / yaadachiisi || Dalagaa tikfachuu ﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ وَلَا تُبْطِلُوٓا۟ أَعْمَٰلَكُمْ #Yaa warra Rabbitti amane Rabbifii Rasuula dhagayaa, Dalagaa teessan cubbuu dalaydanii hin balleessinaa, diliin gariin, dalagaa balleessiti takka kafaru'uun, namni kafare, wanni gaarin inni dalage marti duraa baddi. #Ammoo diliin gariin, dalagaa hin balleessituu sawaaba dalagaa balleessiti, nama garsiifatuuf dalaguun faa, namni garsiifataaf salaatu sawaaba hin qabuu. haa tayuu salaanni isaa hin baddu, ammas waan kennaniin dhaaddatuun sawaaba waan kennanii balleessiti. #Waan kennanin dhaaddatuun yoo Rabbiin waan gabroota isaatii godheen dhaadatuu taate malee, waan namaa kennan dubbatuun gaariii miti dalagaa fardii, tan akka salaataa eega itti seenanii cabsuun, uzriiin male'itti, hin gayu sun salaata balleeysuu taya, ammo sunnaan akkasii miti yoo sunnaa hajjiitifii umra'aa taate malee.

🕋Yaadachiisa guyyaa jum'aa dubbifadhaa. •Al-Jumu'ah 62:9 ✿ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نُودِىَ لِلصَّلَوٰةِ مِن
🕋Yaadachiisa guyyaa jum'aa dubbifadhaa. •Al-Jumu'ah 62:9 ✿ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نُودِىَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوْمِ ٱلْجُمُعَةِ فَٱسْعَوْا۟ إِلَىٰ ذِكْرِ ٱللَّهِ وَذَرُوا۟ ٱلْبَيْعَۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ✿ ⁩✿┈┈┈┈┈• @risalatube ⁩✿┈┈┈┈┈• ြၜAl-risala-tube ြၜGaarommina qalbii. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ ♻️yadachiisonni kinoo geessituu gadii kanniin fayyadamaa⤵️

#Rabbiin ergamoota isaa [a.s] garii isaanii garii isaanirra caalchise, waan kanaaf hin kennin kaanif kennuun. #Isaanirraa nam
#Rabbiin ergamoota isaa [a.s] garii isaanii garii isaanirra caalchise, waan kanaaf hin kennin kaanif kennuun. #Isaanirraa nama Rabbiin dubbiseetu jira, dawoon maleetti, kan akka Nabi Muusaa [a.s] #Ammas garii darajaa hedduu ol fuudhe, namni Rabbiin darajaa guddotti ol fuudhee anbiyoota hundarra caalchise nabi Muhammadi [s.a.w] waan anbiyoota biraatii hin kennin isaani kennuun. Akka booddee anbiya'aa taasisuu, Nama hundatti erguu, ummata isaani hundarra caalchisuu, mu'ejizaan isaa heddommeysuu, irra guddoon mu'ejizaa sani qur'aana taate. #Rabbiin Nabi dawuudif [a.s] mootumma'aafi hikmaa kenne ergamaas taasise Akkasuma isa barsiise kan akka afaan shinbirro'oo faa. #Nabi Issaa [a.s] ilma maryamiif mu'ejizaa hedduu mul'attuu kenneef; kan akka nama du'e jiraachisu, nama ija malee dhalate fayyise akka argu godhu fedhii Rabbiitin, Ammallee {ruuhal quds} Jibriilin isa jabeesse bakka inni deemu wajji deemuu ture. #Rabbiin Ambiyoota mu'ejizaa waliin erguun ummanni akka mallatto argee karaa haqaa jala deemufi.

#Waan kennaa nama duraa balleessaa; #kennaan dhaaduun, nama waa kennaniif laalessuun, waan kanan sii kenne je'anii qaannessun
#Waan kennaa nama duraa balleessaa; #kennaan dhaaduun, nama waa kennaniif laalessuun, waan kanan sii kenne je'anii qaannessun, sawaaba sadaqaa nama duraa balleysiti, galata nama dhoowite hoongotti nama geessiti. #Dhaaduun nama waa kadhatu hordofsiisan qixaataaf nama geessiti, yoo waa dhabanis Afaan gaariin kadhataa deebisu, Rabbiin sadaqaa gabroota irrraa dureessa, kan warra isatti hin amanin, karaa gaarii hin qajeelchine. #Akka namoota na haa arganiif kennate sawaaba if duraa balleysutti, isinis if duraa hin balleessinaa, warri na argiif kennatu sun warra Rabbiifii guyyaa qiyaamatti hin amanne kan afaanin amanee garaan hin amanin. #Fakkeenyi nama na arganaaf kennatu wanni fakkaattu; dhagaa siidaa mucucaataa biyyeen waa xiqqo gubbaa jirtu, Kan bokkaan jabaan dhagaa sanitti roobee biyyee irraa dhiqee, Dhagaa san siidaa calalaqaa homu irran jirre fakkeessee lakkiseeti, sawaaba waan kennatanii guyyaa boruu Rabbi biraa hin argatan, akkuma warri oyruun dhagaa, facaafatee rooba irraa bu'aa hin arganne.

#Faa'idaa Amiini faatihaa boodaa: #Suuraa Faatiha guyyaan al 17 ol qaraana, Isii keessatti isaan itti dallanamamee fi jallatt
#Faa'idaa Amiini faatihaa boodaa: #Suuraa Faatiha guyyaan al 17 ol qaraana, Isii keessatti isaan itti dallanamamee fi jallattoota irraa Rabbitti maganfanna. Ergasii hojii keessatti isaan fakkaanna. wallalaan hojjanne nasaaraa fakkaachuufi. Barannee hojii lakkifne yahuudota fakkaachu irraa rabbitti maganfanna. #Eega qaraatii faatiha raawwatanii "Amiin" jechuun ni barbaadama, Amiin jechun nu qeebali ykn nuu eehami jechuu. «إذا أَمَّنَ الإمام فأمنوا، فإنه من وافق تأمينه تأمين الملائكة: غفر له ما تقدم من ذنبه» #Keessattuu salaata keessatti Amiin jechuun akkaan barbaadama. Yoo salaanni tan isii keessatti qooqa ol fuudhan taatee imaamni ykn namni namaan salaatu "waladaalliin" je'e qooqa ol fuudhanii wajji "aamiin" jechu. maalif? #Malaaykan hoggaa imaamni "aamiin" je'u isaan waji aamiin jetti duuba namni aamiinii malaaykatifii aaminii imaamaa qunnamee waji aamiin je'e rabbiin dilii isaa ta dabarte mara ni araaramaafi. #Rabbiim araarama isaati fi Beekkumsa faayidaa qabuu akka nuu kennu kadhanna.

🎙Dr.Jibriil Qamar #Umar ilma Abdu-Aziiz Hayyuu islaamaa wahii waammatee mee gorsa bareedaa wahii na gorsi jedheen. ⏳ MB 1 gadi. Daqiiqaa 3:04

🕋Yaadachiisa guyyaa jum'aa dubbifadhaa. •Al-Jumu'ah 62:9 ✿ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نُودِىَ لِلصَّلَوٰةِ مِن
🕋Yaadachiisa guyyaa jum'aa dubbifadhaa. •Al-Jumu'ah 62:9 ✿ يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ إِذَا نُودِىَ لِلصَّلَوٰةِ مِن يَوْمِ ٱلْجُمُعَةِ فَٱسْعَوْا۟ إِلَىٰ ذِكْرِ ٱللَّهِ وَذَرُوا۟ ٱلْبَيْعَۚ ذَٰلِكُمْ خَيْرٌ لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ✿ ⁩✿┈┈┈┈┈• @risalatube ⁩✿┈┈┈┈┈• ြၜAl-risala-tube ြၜGaarommina qalbii. ※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※ ♻️yadachiisonni kinoo geessituu gadii kanniin fayyadamaa⤵️

➫ Muslimoota Gadaa keenyaa Addunyaa irratti dhiibbaa qaban keessaa; #Salman Amin Khan, by science and technologies. Salman la
➫ Muslimoota Gadaa keenyaa Addunyaa irratti dhiibbaa qaban keessaa; #Salman Amin Khan, by science and technologies. Salman lammuummaa biyya USA qaba, Dhaloonni October 11 1976 g.c Khan marsariti barnootaa beekkamaa (www.khanacademy.org) nama hundeesseedha, marsaritichi gosa barnootaa hedduu of keessaa kan qabuudha, gatiin isaas bilisa. #Vidiyowwan YouTube irratti kan qophaa’an, gosa barnoota kanneen akka: herrega, fiiziksi, keemistiri, saayinsii kompiitaraa fi k.kf, Akkaadaamichi barnoota biiliyoona 1 ol kenneera. Academichi YouTube irratti subscribers miliyoona 7.5 ol kan qabufi yeroo biliyoona 2 oliin ilaalameera, #Khan kitaaba idil-addunyaa gurguramaa ture, The One World School House, Onkoloolessa bara 2012 maxxanseera, fuula dura Forbes irratti kan mul'ate yoo ta'u, barreeffamni ijoo The $1 Trillion Opportunity jedhu qaba ture" The Most Influential Person In Education Technology" jechuunis ibseera, Khan Bara 2012tti tarree namoota addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qaban 100 wagga keessas galee ture.

#Sagalee Qur'aanaa yeroo takkaan miliyoonata addunyaa bira qaqqabu dandeesse, miidiyaaleen warra lixa gariin iddoo aayaa kana irra darbanis. "يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُم مِّن ذَكَرٍ وَأُنثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِندَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ" (Qur'aana 49:13) Ergaan aayaadhaa: Yaa dhala namaa! Dhugumatti rabbiin, dhiiraa fi dhalaa irraa isin uume, akka wal beekaniif gosaa fi saba isin godhee, Dhugumatti Rabbiin duratti inni kabajamaan hunda caalaan kan rabbiin biratti sadarkaa qabu, nama irra Allah sodaataa ta'eedha, Dhugumatti Rabbiin hundumaa keessa beekaadha.