cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

QAROO-MAGAZINE

🌟 Qaroo'n argartuudha. 🌏Maddeen Odeeffannoo dhugaa fi amaanamoo ta'an karaa telegram Afaan Oromoon tin argachuuf kunooti channel kenyaa #join gochuun hordofaa. Website➡️ http://WWW.QAROO.ORG 📩 Inbox @QarooMagznBot

Show more
Finland594The language is not specifiedNews & Media12 850
Advertising posts
9 510Subscribers
-324 hours
-137 days
-9430 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Guyyaa 4 qofatu hafe Game taphachuun qofa Telegiraamii irratti qarshii hojjachuun akka eegale meeqan keessantu beeka? Link gadii kanaan seentanii tap tap gochuun qofa qarshii hojjachuu dandeessu. Hubachiisa online free crypto currency kana yeroo muraasaf qofa bilisaan argattu booddee payment system of telegram kanatti jijjiirama. Itti fayyadamaa.👇👇 https://t.me/notcoin_bot?start=r_602305_34195055 🎁 +2.5k Notcoin as a first-time gift 🎁🎁🎁 +50k Notcoin if you have joined Telegram channel
Show all...
👍 7
#Beeksisa Namonni channel telegram gurguddaa (16k,10k fi isaa ol) tanan bituu barbaaddan karaa kanaan nu qunnamuu dandeessu👉 @Lalimax 📞 Bilbila 0965564635 @Lalimax
Show all...
6
#Koontirobaandii Meeshaaleen Kontiroobaandii qarshii miliyoona 264tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukii beeksise. Komishinichii hordoffiifi to’annoo Guraandhala 15 -21 bara 2016tti taasiseen meeshaalee kontirobandii karaa seeraan ala gara biyya keessaa galuuf ture qarshii miliyoona 195.9tti tilmaamamaniifi gara alaatti ba’uuf ture qarshii miliyoona 68.2tti tilmaamaman dameewwan Gumrukii garagaraatti qabamuu ibseera. Meeshaaleen qabamnis uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, Buna, qorichaalee, meeshalee faayaa, jimaa, balaa sammuu adoochuu, meeshaalee jijjiiraa qaama konkolaataa ,zayitaa nyaataafi maallaqoota biyyoota garagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame nimul’isa. @QarooMagazine
Show all...
👍 9
Guyyaan dubartoota har'a guutuu Addunyaatti kabjamaa jira. Guyyaan dubartootaa idil addunyaa mata duree “dubartoota haaga’oomsinu misoomaa fi nageenya haa mirkaneessinu” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti yaadannoo Adwaatti kabajamaa jira. Guyyaan dubartootaa idil addunyaa sadarkaa addunyaatti 113ffaaf sadarkaa Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 48ffaaf guyyaa har’aa guutuu addunyaatti kabajamaa jira. Guyyaan kun Pirezidaant Saahilawarq Zawudee, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tadsfaayee dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoon akkasumas dubartoonni naannolee ddaddaa fi magaalaa Finfinneerraa dhufan bakka argammanitti kabajamaa jira. Matadureewwan hooggantummaan dubartoota Itiyoophiyaa eessaa garamitti akkasumas ijaarsa duudhaa nageenyaarratti qooda dubartootaa jedhan irratti mariin nitaasifama. Lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsi addaddaa taasifamuun ibsameera.
Show all...
👍 2
#Itoophiyaa #Tuurizimii Itoophiyaan agarsiisa turizimii idil addunyaa Jarman magaalaa Barilinitti geggeeffama jiru irratti qabeenya turizimii ishee beeksisaa jirti. Guyyaa banisa agarsiisa kanaarratti ministirri Turizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii dhaabbilee daawwachiiftootaa idil addunyaa adda addaa fi bakka bu'oota biyyoota garaagaraa waliin mari'ataniiru. Marii isaaniinis dhaabbilee daawwachiiftoota turistoota hedduu imaalchisuun addunyaarratti beekaman maamiltoota isaaniif Itoophiyaa akka filannootti akka dhiheessanii fi gabatee imaala isaanii keessa akka galfatan irratti walii galteerra gahaniiru. Dabalataan dhaabbilee adda addaa waliin piromooshinii fi markeetingi turizimii irratti waliin hojjechuun haala danda'amurratti mari'ataniiru. Agarsiisa waggaatti yeroo tokko qophaa'u kanarratti dhaabbileen idil addunyaa turizimiirratti hojjechuun beekaman gurguddoon, akkasuma biyyoonni bakka gahumsa turizimii isaanii fi tajaajila isaanii kan irratti beeksifatanidha. @QarooMagazine 
Show all...
👍 3 1
Somaaliyaan Hawaasa Gamtaa Baha Afrikaatti makamuuf qophii ishee xumuruun dhagahame.
Somaaliyaan biyya miseensa Hawaasa Baha Afrikaa 8ffaa ta'uuf qophii xumurtee jirti jedhameera. Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Somaaliyaa Jibriil Abdirashiid Hajii Abdii bareessaa Olaanaa gamtichaa Pitar Maatukii, waajjira muummee Hawaasa Baha Afrikaa Taanzaaniyaa Aruushaatti Argamuuf sagantaa adeemsifame iraatti sanada raggaasifamuu dhiyeessaniiru jedhameera. Barreessaan olaanaan Gamtichaa saganticha irratti, “Soomaaliyaan gamtichatti makamuuf sanadoota hayyama barreessitee muummichaaf dhiheessuun ishee Somaaliyaan adeemsa naannoowwan tumsa Hawaasa Baha Afrikaatti makamuu akka jalqabdu ni taasisa” jedhaniiru. Kanneen tumsaa caqafaman keessaa daldala, invastimantii, misooma industirii, tajaajila lammiilee daangaa hin qabnee fi sochiin kan argaman yoo ta’u, hawaasa Baha Afrikaa keessatti dhimmoota akka gabaa waloo, tumsa faayinaansii, gumurukaa fi siyaasaa irratti waliin hojjechuuf karoorfachuu isaanii ibsameera. Biyyoonni miseensa Hawaasa Baha Afrikaa Burundii, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Keeniyaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa yoo ta’an, Somaaliyaanis miseensa 8ffaa ta’uun gamtichatti makamti. @QarooMagazine
Show all...
Somaaliyaa
Show all...
#Telegiraam Telegiraamiin sa'aatii muraasa keessatti fayyadamtoota haaraa miliyoonaan lakkaa'aman horateera. Hundeessaa fi hoji gaggeessaan Telegraama Pavel Duroov akka jedhetti, erga Feesbuukii fi Inistaagiraamii sa'aatiidhaaf hojii dhaabanii booda namoonni miliyoonaan lakkaa'aman "Telegram"tti makamaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaa; ''Erga Inistaagiraamii fi Feesbuukiin addaan cite sa'aatii darban keessatti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman galmaa'anii qabiyyee Telegiraamii irratti qoodataa jiru,'' jedhan. "Telegraamiin" tajaajiloota kanneen caalaa amanamaa ta'uus dabalaniiru. "Hojjetoota dhaabbataa Meetaa caalaa dachaa kumaan xiqqaa ta'us, qabiyyee fooyyessuu fi kalaqa haaraa appii kana irratti dabaluuf nutu saffisa," jedhaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaa, "Bara 2023tti daqiiqaawwan 525,600 waggaa keessaa tajaajila Telegiraamii daqiiqaa 9 qofaaf ture argachuun kan hin danda'amne, kunis Telegiraamiin %99.999983 hojiirraa akka ture agarsiisa" jedhan. @QarooMagazine
Show all...
👍 3
Good news for qaroo Magazine family Qaroo Magazine is back💪🥳 Qaroo Magazine deebi'ee jiraa 🥳 Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa @QarooMagazine
Show all...
Show all...