cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jajjabeessaa

Please Subscribe To My Channel: YouTube.com/@Jajjabeessaa Contact Jajjabeessaa @JajjabeessaaBot Contact The Team @JajjabeessaaTeam Discussion: @JajjabeessaaChat

Show more
Finland1 153The language is not specifiedReligion & Spirituality17 895
Advertising posts
5 219
Subscribers
No data24 hours
+67 days
No data30 days
Posting time distributions

Data loading in progress...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Publication analysis
PostsViews
Shares
Views dynamics
01
Deebii Gaaffii Keessanii | 25 Gaafficha: “kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna.”   — 1Mot. 3:12 Kan akkana jedhuu oggumma kana namnii yoo kadhatee argachuu hin danda'uu jechuudha moo? ogumma namni argatee hin beknee sichis argachuu hin dandeenyee kan jedhuu raajii Erm keessaatti immoo naa kadhadhuu ani siif naan dhaga'aa wanta gudda ati qortee biraa gahuu hin dandeenyee sittan himaa  jedhaa #Ogumichii immoo maal  turee? Deebii: Eeyyee, Waaqayyo Akkuma Dubbate Sana Raawwateef. Ogummaa Solomoon Argate Namni Isa Dura Tures, Kan Isa Booda Ka'es Hin Arganne. Warri Duraan Hordoftoota Channel Kanaa Turtan Ni Yaadattu Yoo Ta'e Maqaan Channel Kanaa "Solomoon Ogeessicha" Ture. Ogummaan Solomoon Argatee Ittiin Kitaabota Isaa Macaafa Qulqulluutti Dabalaman Barreesse, Ammayyuu Dhaloota Kanaaf Barumsa Barbaachisaa Waan Ta'eef Isa Jalqabeen Ture. Solomoon Bara Qorannoon Dhiigaa Hin Jirretti Nama Haadha Mucaa fi Ishee Hin Ta'iin Adda Baafachuu Danda'edha. Kun Ogummaa Isaa Isa Namoota Baayyee Dinqisifachiise Keessaa Tokko Yoo Ta'u Isaan Kaan Barreessuu Mannaa Akka Dubbifattaniif Isinin Affeera. Ogummaa Kana Namni Kadhatee Argachuu Hin Danda'u? Ogummaan Dhokatee Jiru, Kan Kadhannaadhaan As Ba'u Hin Jiru. Ogummaan Inni Guddaa Inni Jalqabaa Maal Akka Ta'e Solomoon Ogeessichi Bira Ga'eera: "Waaqayyoon Sodaachuudha" Jedhee Nuuf Barreesse. Kanaafuu Ogummaa Solomoon Argate Argachuu Namni Barbaadu Macaafa Qulqulluu Haa Dubbifatu. Waaqayyo Isa Namaaf Ibsus Haa Kadhatu. Ogummichi Immoo Maal Ture? Solomoon Karaa Hundumaa Ogeessa Ture, Bara Mootummaa Isaa Keessa Israa'el Biyya Eebbifamtuu fi Namoota Baayyeen Daawwatamtu Turte. Kana Hundumaa Kan Isaaf Godhe Ogummaa Isaadha, Ogummaan Isaa Immoo Waaqayyoon Sodaachuudha. Kana Hundumaa Irra Kan Caalu Garuu Yesuusiin Beekuudha. Yesuus Solomoon Irra Baayyee In Caala'oo. Ayyaanni Hunduma Keenyaaf Haa Baayyatu! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
4031Loading...
02
Kabajamo, Tarii Isin Biratti Bifa Biraa Qabaachuu Danda'a, Ta'us Bifa Suura Irraa Argitan Kanaan Kan Barreeffaman Caqasa Macaafa Qulqulluu Qabatanii Waan Jiraniif Kutaa Macaafa Qulqulluu Barumsicha Deeggaru Dubbifachuu Yeroo Barbaaddanitti Al Tokko Itti Bu'uun Dubbifachuu Dandeessu. Ulfaadhaa! Ephrem Diriba @Jajjabeessaa
3710Loading...
03
Deebii Gaaffii Keessanii | 24 Gaafficha: Ok galatomi. Mul.11:3-12 irratti waa'ee dhuga baatota lamaa dubbataa, innaa lak.4 irratti dhuga baatonni kun muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha. Jedhaa. Gad bu'ee immo lak.6 “Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; Jedhaa. Dhuga baatonni kun eenyuudhaa? Deebii: Eeliyaas fi Musee Ta'uu Hin Oolu, Mee Akka Ragaatti Kutaama Ati Gaafatte Lakkoofsa Ja'a Haa Ilaallu, Akkana Jedha: “Isaan kun lamaan bara raajii dubbatan sana waaqa keessaa bokkaan akka hin roobneef cufuudhaaf aboo qabu; bishaanota dhiigatti geddaruudhaaf, yeroo barbaadanittis dha'icha waan jedhamu hundumaan biyya lafaa rukutuudhaaf aboo qabu.” — Mul'ata Yohaannis 11:6 — Eeliyaas Bara Lafa Irra Turetti Waggaa Sadii fi Ji'a Ja'aaf Waaqa Keessaa Bokkaan Akka Hin Roobneef Cufee Akka Ture Ni Yaadattu. Akkasumas Museen Bishaan Dhiigatti Akka Geeddere fi Dha'icha 10niin Mootii Gibxii Akka Rukkute Beekamaadha. Haala Kanaan Kutaan Kun Eenyu Akka Isaan Ta'an Akka Hubannuuf Nu Gargaara. Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
4930Loading...
04
Deebii Gaaffii Keessanii | 23 Gaafficha: Nagaafii araarri Gooftaa siniif haa baaya'atu maatii Waaqayyoo Gaaffii tokko naaf ibsuu dandeessuu? Inni kanadha W,Yoh,19:26 irratti Yesus yeroo sanatti haadha isaa bartuu isa inni Jaallates ishee bukkee osoo dhaabbatuu argee, Haadha isaatin "Haadha ko, ilaa ilma kee!" Jedhe*27 Ergasii bartuu sanaan immoo,"Ilaa haadha kee!" Jedhe, bartichis yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate; Jedha kanaaf gaaffiin koo immoo Bartichi Maaliif Haadha Gooftaa yesus fudhatee galee? Moo Waa'ee kanaaf Sagaleen Dubbatameeru jiraa Akka raawwatamuuf yoo ta'e? Dhiifamammoo osoo sin deebistanii argeeraafan dhufe garakeessan anis sinbhordofaan jira!!!! Deebii: Tarii Yeroo Sana Guddiseen Yesuus (Abbaan Manaa Maariyaam) Lubbuudhaan Akka Hin Jirre, Macaafni Qulqulluu Ifaan Ifatti Dubbachuu Baatus Hin Caqafamiin Turuun Isaa Ragaa Nuuf Ba'a. Kana Waan Ta'eef Yesuus Rakkina Hamma Sana Keessa Ta'ee Illee Haadha Isaaf Akka Yaadu fi Yohaannisitti Adaraa Akka Kennataa Jiru Argina. Yohaannisis Adaraa Yesuus Eegee Haadha Yesuus Akka Haadha Isaatti Mana Isaatti Fudhateera. Isheenis Akka Ilma Isheetti Yohaannisiin Akka Ilaaltu Yesuus Waan Isheetti Himeef Gara Mana Isaa Dhaquu Hin Didne. Maatii Keenyaaf Kunuunsa Gochuun Nurraa Eegamu Haala Kam Keessatti Gochuu Akka Qabnu Nu Barsiisa! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
5220Loading...
05

10Loading...
06
Deebii Gaaffii Keessanii | 22 Gaafficha: Nagaan siif haa ta'u! "Ani saba Israa'el oolchufi malee isiniif hin dhufne yaadni jedhu maal ibsaa Macaafa keessatti?" Deebii: Waaqayyo Ilma Isaa Karaa Isaanii Gara Biyya Lafaatti Fiduuf Waan Jiruuf Saba Israa'el Saba Warra Kaan Hundumaa Irraa Adda Godhee Ilaala Ture. Akka Isaan Qulqullummaa Isaanii Eeganii Jiraatanifis Karaa Musee Seera Isaaniif Kennee Ture. Yesuusis Yeroo Dhufee Dhalatu Kakuun Haaraa Inni Dhiiga Isaatiin Hundeeffame Waan Hin Raawwatamiiniif Kakuu Moofaa (Seera) Jala Galee Jiraachaa Waan Tureef Isaan Qofa Barsiisaa (Tajaajilaa) Ture. Hamma Du'uu fi Du'aa Ka'uun Isaa Raawwatamutti Nu fi Waaqayyo Gidduu Diinummaatu Ture. Du'uu Isaatiin Maatii Waaqayyotti Dabalamnee Jireenya Bara Baraa Arganne. Nagaan Isin Warra Kan Kristos Taatan Hundumaaf Haa Ta'u. Ameen! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
5160Loading...
07
Deebii Gaaffii Keessanii | 21 Gaafficha: Amantaan namoota bara kakuu moofaa maal ture ? Jechuun kiristaana jechi jedhu hundeen isaa kiristoosidha. Eegasuu namoonni bara kakuu moofaa fakkeenyaaf Qomoo Addaam irraa yoo kaane Abrahaam fa'aas dabalatee jechuu kooti sababni isaas namoonni amantii gara jaarraa 4ffaa eegalan maqaa namootaa kanaas fayyadamuun amantiin isaanii Islaama jedhu waan ta'eef kana akkamitti ilaaltu ?? Deebii: Bara Addaam Amantaa Waanti Jedhamu Iyyuu Jiraaree? Waaqayyo Isa Isa Uume Malee Waaqni Biraan Akka Hin Jirre Ijoolleen Addaam Iyyuu Waan Beekaniif Aarsaa Isaaf Dhiyeessaniiru. Bara Abrahaamfa Immoo Qomoo Abrahaam Dabalatee Namoonni Waaqa Mataa Isaanii Tolfachuu Jalqabani Turan. Waaqayyo Gaafa Abrahaamiin Waame Gara Amantaa Ta'e Tokkootti Utuu Hin Ta'iiin Gara Kaayyoo Karaa Isaa Raawwatachuu Barbaadeetti (Saba Lafarraa Hundumaa Karaa Isaa Eebbisuuf) Akka Ta'e Macaafni Qulqulluun Nu Hubachiisa. Abdiin Waaqayyo Abrahaamiin Abdachiises Karaa Yesuus Kiristoos Raawwatame, Namni Isatti Amanu Hundinuu Jireenya Bara Baraatiin Eebbifamaniiru. Inumaayyuu Amantiin Abrahaam Kiristoosiin Abdiidhaan Eeggachuu Waan Tureef Kiristaana Yoo Jenne Salphata Malee Islaama Jechuuf Sababni Keenya Maaliree?! Walumaa Gala, Abrahaam fi Warri Akka Isaa Waaqayyoof Jiraachaa Turan Amantii Malee Amantaa Hin Qabani. Ayyaanni Gooftaa Yesuus Hunduma Keessan Wajjin Haa Ta'u. Ameen! @Jajjabeessaa | @JajjabeessaaBot
8493Loading...
08

09
Barabbaan Nama Cubbuun Isaa Du'a Itti Farachiisu Waan Tureef, Mana Hidhaa Taa'ee Guyyaa Fannifamee Du'uu Isaa Nama Eeggatu Ture. Garuu Guyyaan Tokko Waan Inni Hin Abjootiin Isaaf Fiddee Dhufte. "Bilisaan Gadhiifamteetta" Kan Jedhu Dhaga'uun Isaaf Waan Hin Eegamiin Ture. Garuu Namni Bakka Isaa Du'u Waan Argameef Barabbaan Namichi Yakki Isaa Safara Hin Qabne Bilisa Ba'e. #AkkumaKee #AkkumaKoo Liinkiin Kun Walaloo Gabaabaa #Barabbaa Jedhu Qabatee Jira. Cuqaasaa Ittiin Eebbifamaa: https://youtu.be/pagUlLXTRiE?si=dBDPnUzgNbSyswwn Ephrem Diriba @Jajjabeessaa
7961Loading...
10
Faarfannaa Kanaan Eebbifamaa: Achumaanis Immoo YouTube Channel Koo #Subscribe Gochuu Hin Dagatiinaa. https://youtu.be/gajEwMuMglU?si=_lSIk6Mmo50u9b32
9271Loading...
11
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 20 Gaaffichi Akkas Jedha: 1.Akkam jirtu sanbanni sirriin isaa kam? 2.waldaan kiristaana inni sirrii kam? 3.afaan haaraa dubbachuun kennamadha moo barachuun ni danda'ama? 4.gaafa cabbiin Kiiloo giraamni gadi harca'u waldaan kiristaana kun lafa jirti? 5. Hiyyuman keessa jiraachuun cubbuudhaa moo kennaadha? Deebii: 1. Sanbanni Isa Nuti Sanbata Xiqqaa (ቅዳሜ) Jennudha, Malee Dilbata Miti. Dilbanni Guyyaa 1ffaati Malee 7ffaa Miti. Kakuu Moofaa Keessatti Waaqayyo Hojii Isaa Isa Gaarii Xummuree Kan Inni Itti Boqote Guyyaa Torbeffaadha. Kakuun Haaraa Hiikkaa Kakuu Moofaa Waan Ta'eef Waa'ee Kanaa Gaafa Nuuf Hiiku; Boqonnaa Namni Waan Fedhe Qabaatee Argachuu Hin Dandeenye, Boqonnaa Ammaa fi Kan Bara Baraa Yesus Kristosi. 2. Waldaan Kristaanaa Inni Sirriin Walitti Qabama (Tokkummaa) Amantoota, Dhugaa fi Hafuuraan Waaqayyoon Waaqessaniidha. Mana Ijaarratanii, Mana Namaa, Dirree fi Iddoo Gara Garaatti Ta'uu Danda'a. Manni Waaqayyo Garuu Isa Nuti Ijaarru Utuu Hin Ta'iin Isa Inni Ijaarrate Nu Ilmaan Namaa Warra Ilma Isaatti Amananii Hafuura Qulqulluu Fudhatanidha. Namni Tokko Qofaa Isa Qaama Waldaa Kiristaanaati Malee Waldaa Kiristaanaa Ta'uu Hin Danda'u. Garuu Mana Waaqayyoo Ta'uu In Danda'a (Hafuurri Qulqulluu Isa Keessa Jiraannaan). Nuyi Mana Isaati. 3. Barachuuni?😃 Waan Akkasii Jiramoo? Hafuura Qulqulluutu Namaaf Kenna, Namni Hiiku Yoo Jiraate Qofa Walga'ii Qulqulloota Keessatti Sagalee Guddaadhaan Dubbatama, Kana Irraa Kan Hafe Sagalee Keenya Gad Qabnee (Of Keessatti) Waaqayyo Duukaa Ittiin Dubbachuu Akka Qabnu Ergamaa Phaawulos Nu Abbooma. 4. Lakki, Hin Jirtu. Gidiraa Biyya Lafaatti Dhufuuf Jiru Jalaa Akka Ishee Baasu Gooftaan Yohannisitti Himeera. Ta'us Bara Dhumaa Jala Qoramsa Garagaraa Akka Keessummeessitu Barreeffamee Jira. Obsaan Danda'uu Inni Ayyaanni Waaqayyoo Nama Dandeessisu Nu Barbaachisa. 5. Cubbuus Kennaas Miti, Namni Hojjete Keessaa Ba'uu Danda'a. Nan Hojjedha Garuu Naaf Hin Eebbifamu Namni Jedhu Yoo Jiraate Immoo Waaqayyoon Haa Kadhatu. Milkaa'ina Kan Namaaf Laatu Waaqayyodha! Maaliif Share Hin Gootan Garuu Isin?😞 Gaaffii Gaafachuuf: @HostingLine @Jajjabeessaa Share Godhaa Dhugaa
9763Loading...
12
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 19 Gaaffichi Akkas Jedha: Nagaan siif haa ta'u. Gaaffii Koo akkaas jedha, Nuti akka kristaana tokkootti cubbuu waan hojjeennuuf cubbamaa taana moo🤔cubbamaa waan taanef cubbuu hojjenna?????? Deebii: Ilmi Namaa Kam Iyyuu Abbaa Tokkicha Isa Kufe Sanarraa Waan Dhalateef Cubbamaa Ta'e, Yesus Kristositti Amanuun Immoo Haaraa Ta'anii Dhalachuudha! Kristaanonni Cubbamoota Miti, Qulqulloota Malee! Sababiin Isaas Sanyii Isaan Keessa Jiru (DNA) Jijjiirrataniiru. Phaawulos Irraa Ka'annaa Isaaniif Itti Dheekkamuuf Warra Qoronxoosiif Barreessee, “gara warra karaa Kristos Yesus qulqulleeffamanii...” Jedhee Isaan Waameera! Egaa Jarri Kun Karaa Kristos Yesus Qulqulleeffamaniiru, Ta'us Dogoggora Tokko Tokko Nii Qabaatu, Kun Kan Inni Irraa Madde Cubbamoota Waan Ta'aniif Utuu Hin Ta'iin Mucoolii Waan Ta'aniifi. Kunis Umurii fi Turtii Waldaa Kristiyaanaa Keessaa Qabaniin Utuu Hin Ta'iin Bilchina Waa'ee Amantii Isaanii Dhabuu Irraan Kan Maddedha. Namni Kadhachuutti, Macaafa Qulqulluu Dubbifachuutti, Walga'ii Qulqullootaa Hirmaachuutti Jajjabaatu Badaa Dogoggora Hojjechuutti Dhiyoo Miti. Sababni Isaas Hafuura Isaatti Guddachaa, Hubacha, Waanta Biyya Lafaa Kana Akka Kosiitti Lakkaa'aa Dhufa. Dogoggorri Kristaana Tokkoo Isatti Dheekkamsiisuu (Akka Phaawulos Kana, Maanguddootaan ykn Jaarsolii Waldaan) Akkasumas Adabsiisuu Danda'a. Guddina Hafuura Keessaniif Barbaachisoo Waan Ta'aniif Kadhachuutti, Macaafa Qulqulluu Dubbachuutti, Walga'ii Qulqullootaa Hirmaachuutti Maqaa Gooftaa Keenya Yesus Kristoosin Isinin Jajjabeessa! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine Nagaa Gooftaatti! @Jajjabeessaa
1 0210Loading...
13
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 18 Gaaffichi Akkas Jedha: Nagaan waaqayyoo siif haa ta'u...... Gaaffii..... Ani kiristoosin eenyummaan koo maali......? Deebii: Mee Gaaffii 13ffaa Ilaalaa • Ati Karaa Yesus Kristos Uumama Haaraadha • Ati Nama Waaqayyooti • Ati Ijoollee Waaqayyooti • Ati Obboleessa Yesus Kristosi • Ati Garbummaa Cubbuu Jalaa Kan Du'ee • Waaqa Tokkicha Kan Qabu • Gooftaa Tokkicha Yesus Jala Kan Jiraatudha! Ibsa Bal'aa Akka Barbaadu Natti Dhagaa'ama, Yeroo Muraasaa Booda Haala Mijeeffadhee Bifa Hubachiisaa Ta'een Akkan Isin Qaqqabsiisu Nan Abdadha! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Taasisaa
1 0011Loading...
14
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 17 Gaaffichi Akkas Jedha: gaffii qaba mee naa debisuu dandesaa “Yesus ammoo, "Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.” — Maatewos 10:34 — Naafii debbisaa adaraa Deebii: - Maaloo, Dursa Yaadachiisa Dubbisaa - Gooftaan Yesus Yeroo Akkana Jedhu, Waa'ee Amantoota Amantii Isaaniitiif (Yesusitti Amanuu Isaaniitiif) Biyya Lafaa Irratti Nagaa Dhabanii, Billaa fi Bineensaaf Ta'anii Dubbachuu Isaati. Kutaa Kana Yoo Itti Fuftee Dubbifte Amanaan Tokko Yesusif Jedhee Maatii Isaa Waliin Illee Nagaa Dhabuu Akka Danda'u Dubbata. (Akka Faarfataa Tamaam Faaris Jechuudha) Yesus Dhugaadha, Dhugaan Immoo Biyya Lafaa Irratti Fudhatama Hin Qabu. Warri Dhugicha Lallaban Nagaa Dhabuu fi Billaaf Saaxilamuun Akka Jiru, Dhuma Irratti Garuu Kun Ulfinaaf Akka Isaaniif Ta'u Macaafni Qulqulluu Nu Hubachiisa! — Roomaa 8:18 — Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisiaa
1 0821Loading...
15
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 16 Gaaffichi Akkas Jedha: gaaffin koo w/mat 27;53-54 irratti akkumaa dubbatuu isaanis kan du'aa ka'ee mandara yerusaalemitti mul'ate enyuu erga mul'aatani hoo garaam deeman? — Maatewos 27:50-53 — Deebii: Kutaan Kun Du'aa Ka'uu Yesus Booddee Namoonni Dur Du'aan Du'aa Ka'anii Namootatti Mul'achuu Isaanii Dubbata. Eenyufayii Isa Jettefi... Macaafni Qulqulluun Qulqulloota Dur Du'an Jedha. Tarii Namoota Nuti Kakuu Moofaa Keessatti Seenaa Isaanii Beeknu Ta'uu fi Ta'uu Dhiisuu Danda'u. Erga Mul'atanii Garam Deeman Isa Jetteef Immoo... Isaan Namoota Baayyeetti Mul'atan Malee Waliin Hin Jiraanne. Yesus Erga Du'aa Ka'een Booddee Bartoota Isaatti Mul'atee Ture, Garuu Isaan Waliin Hin Jiraanne (Hin Turre). Jarri Kunis Deebi'anii Namoota Waliin Jiraachuu Eegalan Utuu Hin Ta'iin Namoota Baayyeetti Mul'atanii Turan. Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
1 0980Loading...
16
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 15 Gaaffichi Akkas Jedha: Hebrews 7:3 deebii gaafii kanaa naa deebisaa! Malkiisedeq eenyuu dhaa? Deebii: ¹ Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise. ² Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti. tokkoffaa "Mootii qajeelummaa ti" akkasumas Mootii Saalem, inni immoo, "Mootii nagaa" jechuu dha. ³ Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata. ⁴ Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji'e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu. — Ibroota 7:1-4 — Kun Kan Macaafni Qulqulluun Waa'ee Malkiisedeqiif Dubbatudha. Anis Kanuman Beeka! Yesus Akka Inni Hin Ta'iin Sitti Himuu Irraan Kan Hafe "Akka Beektonni Jedhanitti" Jedhee Kan Macaafni Qulqulluu Hin Jedhiin Hin Jedhu! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
1 3504Loading...
Deebii Gaaffii Keessanii | 25 Gaafficha: “kunoo, ani wanta ati na kadhatte siif nan godha; ani ogummaa fi hubannaa namni kanaan dura argatee hin beekne yookiis si'achi argachuu hin. dandeenye siif nan kenna.”   — 1Mot. 3:12 Kan akkana jedhuu oggumma kana namnii yoo kadhatee argachuu hin danda'uu jechuudha moo? ogumma namni argatee hin beknee sichis argachuu hin dandeenyee kan jedhuu raajii Erm keessaatti immoo naa kadhadhuu ani siif naan dhaga'aa wanta gudda ati qortee biraa gahuu hin dandeenyee sittan himaa  jedhaa #Ogumichii immoo maal  turee? Deebii: Eeyyee, Waaqayyo Akkuma Dubbate Sana Raawwateef. Ogummaa Solomoon Argate Namni Isa Dura Tures, Kan Isa Booda Ka'es Hin Arganne. Warri Duraan Hordoftoota Channel Kanaa Turtan Ni Yaadattu Yoo Ta'e Maqaan Channel Kanaa "Solomoon Ogeessicha" Ture. Ogummaan Solomoon Argatee Ittiin Kitaabota Isaa Macaafa Qulqulluutti Dabalaman Barreesse, Ammayyuu Dhaloota Kanaaf Barumsa Barbaachisaa Waan Ta'eef Isa Jalqabeen Ture. Solomoon Bara Qorannoon Dhiigaa Hin Jirretti Nama Haadha Mucaa fi Ishee Hin Ta'iin Adda Baafachuu Danda'edha. Kun Ogummaa Isaa Isa Namoota Baayyee Dinqisifachiise Keessaa Tokko Yoo Ta'u Isaan Kaan Barreessuu Mannaa Akka Dubbifattaniif Isinin Affeera. Ogummaa Kana Namni Kadhatee Argachuu Hin Danda'u? Ogummaan Dhokatee Jiru, Kan Kadhannaadhaan As Ba'u Hin Jiru. Ogummaan Inni Guddaa Inni Jalqabaa Maal Akka Ta'e Solomoon Ogeessichi Bira Ga'eera: "Waaqayyoon Sodaachuudha" Jedhee Nuuf Barreesse. Kanaafuu Ogummaa Solomoon Argate Argachuu Namni Barbaadu Macaafa Qulqulluu Haa Dubbifatu. Waaqayyo Isa Namaaf Ibsus Haa Kadhatu. Ogummichi Immoo Maal Ture? Solomoon Karaa Hundumaa Ogeessa Ture, Bara Mootummaa Isaa Keessa Israa'el Biyya Eebbifamtuu fi Namoota Baayyeen Daawwatamtu Turte. Kana Hundumaa Kan Isaaf Godhe Ogummaa Isaadha, Ogummaan Isaa Immoo Waaqayyoon Sodaachuudha. Kana Hundumaa Irra Kan Caalu Garuu Yesuusiin Beekuudha. Yesuus Solomoon Irra Baayyee In Caala'oo. Ayyaanni Hunduma Keenyaaf Haa Baayyatu! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
Show all...
10👍 5👎 1
Photo unavailableShow in Telegram
Kabajamo, Tarii Isin Biratti Bifa Biraa Qabaachuu Danda'a, Ta'us Bifa Suura Irraa Argitan Kanaan Kan Barreeffaman Caqasa Macaafa Qulqulluu Qabatanii Waan Jiraniif Kutaa Macaafa Qulqulluu Barumsicha Deeggaru Dubbifachuu Yeroo Barbaaddanitti Al Tokko Itti Bu'uun Dubbifachuu Dandeessu. Ulfaadhaa! Ephrem Diriba @Jajjabeessaa
Show all...
👏 4 1
Deebii Gaaffii Keessanii | 24 Gaafficha: Ok galatomi. Mul.11:3-12 irratti waa'ee dhuga baatota lamaa dubbataa, innaa lak.4 irratti dhuga baatonni kun muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha. Jedhaa. Gad bu'ee immo lak.6 “Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; Jedhaa. Dhuga baatonni kun eenyuudhaa? Deebii: Eeliyaas fi Musee Ta'uu Hin Oolu, Mee Akka Ragaatti Kutaama Ati Gaafatte Lakkoofsa Ja'a Haa Ilaallu, Akkana Jedha: “Isaan kun lamaan bara raajii dubbatan sana waaqa keessaa bokkaan akka hin roobneef cufuudhaaf aboo qabu; bishaanota dhiigatti geddaruudhaaf, yeroo barbaadanittis dha'icha waan jedhamu hundumaan biyya lafaa rukutuudhaaf aboo qabu.” — Mul'ata Yohaannis 11:6 — Eeliyaas Bara Lafa Irra Turetti Waggaa Sadii fi Ji'a Ja'aaf Waaqa Keessaa Bokkaan Akka Hin Roobneef Cufee Akka Ture Ni Yaadattu. Akkasumas Museen Bishaan Dhiigatti Akka Geeddere fi Dha'icha 10niin Mootii Gibxii Akka Rukkute Beekamaadha. Haala Kanaan Kutaan Kun Eenyu Akka Isaan Ta'an Akka Hubannuuf Nu Gargaara. Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
Show all...
👍 11
Deebii Gaaffii Keessanii | 23 Gaafficha: Nagaafii araarri Gooftaa siniif haa baaya'atu maatii Waaqayyoo Gaaffii tokko naaf ibsuu dandeessuu? Inni kanadha W,Yoh,19:26 irratti Yesus yeroo sanatti haadha isaa bartuu isa inni Jaallates ishee bukkee osoo dhaabbatuu argee, Haadha isaatin "Haadha ko, ilaa ilma kee!" Jedhe*27 Ergasii bartuu sanaan immoo,"Ilaa haadha kee!" Jedhe, bartichis yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate; Jedha kanaaf gaaffiin koo immoo Bartichi Maaliif Haadha Gooftaa yesus fudhatee galee? Moo Waa'ee kanaaf Sagaleen Dubbatameeru jiraa Akka raawwatamuuf yoo ta'e? Dhiifamammoo osoo sin deebistanii argeeraafan dhufe garakeessan anis sinbhordofaan jira!!!! Deebii: Tarii Yeroo Sana Guddiseen Yesuus (Abbaan Manaa Maariyaam) Lubbuudhaan Akka Hin Jirre, Macaafni Qulqulluu Ifaan Ifatti Dubbachuu Baatus Hin Caqafamiin Turuun Isaa Ragaa Nuuf Ba'a. Kana Waan Ta'eef Yesuus Rakkina Hamma Sana Keessa Ta'ee Illee Haadha Isaaf Akka Yaadu fi Yohaannisitti Adaraa Akka Kennataa Jiru Argina. Yohaannisis Adaraa Yesuus Eegee Haadha Yesuus Akka Haadha Isaatti Mana Isaatti Fudhateera. Isheenis Akka Ilma Isheetti Yohaannisiin Akka Ilaaltu Yesuus Waan Isheetti Himeef Gara Mana Isaa Dhaquu Hin Didne. Maatii Keenyaaf Kunuunsa Gochuun Nurraa Eegamu Haala Kam Keessatti Gochuu Akka Qabnu Nu Barsiisa! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
Show all...
7👍 1
Repost from N/a
Deebii Gaaffii Keessanii | 23 Gaafficha: Nagaafii araarri Gooftaa siniif haa baaya'atu maatii Waaqayyoo Gaaffii tokko naaf ibsuu dandeessuu? Inni kanadha W,Yoh,19:26 irratti Yesus yeroo sanatti haadha isaa bartuu isa inni Jaallates ishee bukkee osoo dhaabbatuu argee, Haadha isaatin "Haadha ko, ilaa ilma kee!" Jedhe*27 Ergasii bartuu sanaan immoo,"Ilaa haadha kee!" Jedhe, bartichis yeroo sanaa jalqabee gara mana ofii isaatti ishee fudhate; Jedha kanaaf gaaffiin koo immoo Bartichi Maaliif Haadha Gooftaa yesus fudhatee galee? Moo Waa'ee kanaaf Sagaleen Dubbatameeru jiraa Akka raawwatamuuf yoo ta'e? Dhiifamammoo osoo sin deebistanii argeeraafan dhufe garakeessan anis sinbhordofaan jira!!!! Deebii: Tarii Yeroo Sana Guddiseen Yesuus (Abbaan Manaa Maariyaam) Lubbuudhaan Akka Hin Jirre, Macaafni Qulqulluu Ifaan Ifatti Dubbachuu Baatus Hin Caqafamiin Turuun Isaa Ragaa Nuuf Ba'a. Kana Waan Ta'eef Yesuus Rakkina Hamma Sana Keessa Ta'ee Illee Haadha Isaaf Akka Yaadu fi Yohaannisitti Adaraa Akka Kennataa Jiru Argina. Yohaannisis Adaraa Yesuus Eegee Haadha Yesuus Akka Haadha Isaatti Mana Isaatti Fudhateera. Isheenis Akka Ilma Isheetti Yohaannisiin Akka Ilaaltu Yesuus Waan Isheetti Himeef Gara Mana Isaa Dhaquu Hin Didne. Maatii Keenyaaf Kunuunsa Gochuun Nurraa Eegamu Haala Kam Keessatti Gochuu Akka Qabnu Nu Barsiisa! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
Show all...
Deebii Gaaffii Keessanii | 22 Gaafficha: Nagaan siif haa ta'u! "Ani saba Israa'el oolchufi malee isiniif hin dhufne yaadni jedhu maal ibsaa Macaafa keessatti?" Deebii: Waaqayyo Ilma Isaa Karaa Isaanii Gara Biyya Lafaatti Fiduuf Waan Jiruuf Saba Israa'el Saba Warra Kaan Hundumaa Irraa Adda Godhee Ilaala Ture. Akka Isaan Qulqullummaa Isaanii Eeganii Jiraatanifis Karaa Musee Seera Isaaniif Kennee Ture. Yesuusis Yeroo Dhufee Dhalatu Kakuun Haaraa Inni Dhiiga Isaatiin Hundeeffame Waan Hin Raawwatamiiniif Kakuu Moofaa (Seera) Jala Galee Jiraachaa Waan Tureef Isaan Qofa Barsiisaa (Tajaajilaa) Ture. Hamma Du'uu fi Du'aa Ka'uun Isaa Raawwatamutti Nu fi Waaqayyo Gidduu Diinummaatu Ture. Du'uu Isaatiin Maatii Waaqayyotti Dabalamnee Jireenya Bara Baraa Arganne. Nagaan Isin Warra Kan Kristos Taatan Hundumaaf Haa Ta'u. Ameen! Join | Share: @Jajjabeessaa Gaaffii Gaafachuuf: @JajjabeessaaTeam
Show all...
👍 9 5
Deebii Gaaffii Keessanii | 21 Gaafficha: Amantaan namoota bara kakuu moofaa maal ture ? Jechuun kiristaana jechi jedhu hundeen isaa kiristoosidha. Eegasuu namoonni bara kakuu moofaa fakkeenyaaf Qomoo Addaam irraa yoo kaane Abrahaam fa'aas dabalatee jechuu kooti sababni isaas namoonni amantii gara jaarraa 4ffaa eegalan maqaa namootaa kanaas fayyadamuun amantiin isaanii Islaama jedhu waan ta'eef kana akkamitti ilaaltu ?? Deebii: Bara Addaam Amantaa Waanti Jedhamu Iyyuu Jiraaree? Waaqayyo Isa Isa Uume Malee Waaqni Biraan Akka Hin Jirre Ijoolleen Addaam Iyyuu Waan Beekaniif Aarsaa Isaaf Dhiyeessaniiru. Bara Abrahaamfa Immoo Qomoo Abrahaam Dabalatee Namoonni Waaqa Mataa Isaanii Tolfachuu Jalqabani Turan. Waaqayyo Gaafa Abrahaamiin Waame Gara Amantaa Ta'e Tokkootti Utuu Hin Ta'iiin Gara Kaayyoo Karaa Isaa Raawwatachuu Barbaadeetti (Saba Lafarraa Hundumaa Karaa Isaa Eebbisuuf) Akka Ta'e Macaafni Qulqulluun Nu Hubachiisa. Abdiin Waaqayyo Abrahaamiin Abdachiises Karaa Yesuus Kiristoos Raawwatame, Namni Isatti Amanu Hundinuu Jireenya Bara Baraatiin Eebbifamaniiru. Inumaayyuu Amantiin Abrahaam Kiristoosiin Abdiidhaan Eeggachuu Waan Tureef Kiristaana Yoo Jenne Salphata Malee Islaama Jechuuf Sababni Keenya Maaliree?! Walumaa Gala, Abrahaam fi Warri Akka Isaa Waaqayyoof Jiraachaa Turan Amantii Malee Amantaa Hin Qabani. Ayyaanni Gooftaa Yesuus Hunduma Keessan Wajjin Haa Ta'u. Ameen! @Jajjabeessaa | @JajjabeessaaBot
Show all...
8
Repost from N/a
Deebii Gaaffii Keessanii | 21 Gaafficha: Amantaan namoota bara kakuu moofaa maal ture ? Jechuun kiristaana jechi jedhu hundeen isaa kiristoosidha. Eegasuu namoonni bara kakuu moofaa fakkeenyaaf Qomoo Addaam irraa yoo kaane Abrahaam fa'aas dabalatee jechuu kooti sababni isaas namoonni amantii gara jaarraa 4ffaa eegalan maqaa namootaa kanaas fayyadamuun amantiin isaanii Islaama jedhu waan ta'eef kana akkamitti ilaaltu ?? Deebii: Bara Addaam Amantaa Waanti Jedhamu Iyyuu Jiraaree? Waaqayyo Isa Isa Uume Malee Waaqni Biraan Akka Hin Jirre Ijoolleen Addaam Iyyuu Waan Beekaniif Aarsaa Isaaf Dhiyeessaniiru. Bara Abrahaamfa Immoo Qomoo Abrahaam Dabalatee Namoonni Waaqa Mataa Isaanii Tolfachuu Jalqabani Turan. Waaqayyo Gaafa Abrahaamiin Waame Gara Amantaa Ta'e Tokkootti Utuu Hin Ta'iiin Gara Kaayyoo Karaa Isaa Raawwatachuu Barbaadeetti (Saba Lafarraa Hundumaa Karaa Isaa Eebbisuuf) Akka Ta'e Macaafni Qulqulluun Nu Hubachiisa. Abdiin Waaqayyo Abrahaamiin Abdachiises Karaa Yesuus Kiristoos Raawwatame, Namni Isatti Amanu Hundinuu Jireenya Bara Baraatiin Eebbifamaniiru. Inumaayyuu Amantiin Abrahaam Kiristoosiin Abdiidhaan Eeggachuu Waan Tureef Kiristaana Yoo Jenne Salphata Malee Islaama Jechuuf Sababni Keenya Maaliree?! Walumaa Gala, Abrahaam fi Warri Akka Isaa Waaqayyoof Jiraachaa Turan Amantii Malee Amantaa Hin Qabani. Ayyaanni Gooftaa Yesuus Hunduma Keessan Wajjin Haa Ta'u. Ameen! @Jajjabeessaa | @JajjabeessaaBot
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Barabbaan Nama Cubbuun Isaa Du'a Itti Farachiisu Waan Tureef, Mana Hidhaa Taa'ee Guyyaa Fannifamee Du'uu Isaa Nama Eeggatu Ture. Garuu Guyyaan Tokko Waan Inni Hin Abjootiin Isaaf Fiddee Dhufte. "Bilisaan Gadhiifamteetta" Kan Jedhu Dhaga'uun Isaaf Waan Hin Eegamiin Ture. Garuu Namni Bakka Isaa Du'u Waan Argameef Barabbaan Namichi Yakki Isaa Safara Hin Qabne Bilisa Ba'e. #AkkumaKee #AkkumaKoo Liinkiin Kun Walaloo Gabaabaa #Barabbaa Jedhu Qabatee Jira. Cuqaasaa Ittiin Eebbifamaa: https://youtu.be/pagUlLXTRiE?si=dBDPnUzgNbSyswwn Ephrem Diriba @Jajjabeessaa
Show all...
16👍 3
Faarfannaa Kanaan Eebbifamaa: Achumaanis Immoo YouTube Channel Koo #Subscribe Gochuu Hin Dagatiinaa. https://youtu.be/gajEwMuMglU?si=_lSIk6Mmo50u9b32
Show all...
Mona Nagaro • Cubbamaa Luba Taasise • New Lyrics Music • #fasika #chrsitmas #chrstian

#Mona Nagaro • Cubbamaa Luba Taasise • New Lyric Music @Jajjabeessaa Subscribe Taasisaa Faarfannaa, Barnootaa fi Sagantaawwan Hafuura Keenyatti Nu Jajjabeessantu Qophaa'aa Jira. #christmas #christian #christianity #viral #positivevibes

7👍 2