cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Jajjabeessaa

Please Subscribe To My Channel: YouTube.com/@Jajjabeessaa Contact Jajjabeessaa @JajjabeessaaBot Contact The Team @JajjabeessaaTeam Discussion: @JajjabeessaaChat

Show more
Finland1 141The language is not specifiedReligion & Spirituality18 098
Advertising posts
5 196
Subscribers
-224 hours
-87 days
-4530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Barabbaan Nama Cubbuun Isaa Du'a Itti Farachiisu Waan Tureef, Mana Hidhaa Taa'ee Guyyaa Fannifamee Du'uu Isaa Nama Eeggatu Ture. Garuu Guyyaan Tokko Waan Inni Hin Abjootiin Isaaf Fiddee Dhufte. "Bilisaan Gadhiifamteetta" Kan Jedhu Dhaga'uun Isaaf Waan Hin Eegamiin Ture. Garuu Namni Bakka Isaa Du'u Waan Argameef Barabbaan Namichi Yakki Isaa Safara Hin Qabne Bilisa Ba'e. #AkkumaKee #AkkumaKoo Liinkiin Kun Walaloo Gabaabaa #Barabbaa Jedhu Qabatee Jira. Cuqaasaa Ittiin Eebbifamaa: https://youtu.be/pagUlLXTRiE?si=dBDPnUzgNbSyswwn Ephrem Diriba @Jajjabeessaa
Show all...
14👍 2
Faarfannaa Kanaan Eebbifamaa: Achumaanis Immoo YouTube Channel Koo #Subscribe Gochuu Hin Dagatiinaa. https://youtu.be/gajEwMuMglU?si=_lSIk6Mmo50u9b32
Show all...
Mona Nagaro • Cubbamaa Luba Taasise • New Lyrics Music • #fasika #chrsitmas #chrstian

#Mona Nagaro • Cubbamaa Luba Taasise • New Lyric Music @Jajjabeessaa Subscribe Taasisaa Faarfannaa, Barnootaa fi Sagantaawwan Hafuura Keenyatti Nu Jajjabeessantu Qophaa'aa Jira. #christmas #christian #christianity #viral #positivevibes

5👍 1
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 20 Gaaffichi Akkas Jedha: 1.Akkam jirtu sanbanni sirriin isaa kam? 2.waldaan kiristaana inni sirrii kam? 3.afaan haaraa dubbachuun kennamadha moo barachuun ni danda'ama? 4.gaafa cabbiin Kiiloo giraamni gadi harca'u waldaan kiristaana kun lafa jirti? 5. Hiyyuman keessa jiraachuun cubbuudhaa moo kennaadha? Deebii: 1. Sanbanni Isa Nuti Sanbata Xiqqaa (ቅዳሜ) Jennudha, Malee Dilbata Miti. Dilbanni Guyyaa 1ffaati Malee 7ffaa Miti. Kakuu Moofaa Keessatti Waaqayyo Hojii Isaa Isa Gaarii Xummuree Kan Inni Itti Boqote Guyyaa Torbeffaadha. Kakuun Haaraa Hiikkaa Kakuu Moofaa Waan Ta'eef Waa'ee Kanaa Gaafa Nuuf Hiiku; Boqonnaa Namni Waan Fedhe Qabaatee Argachuu Hin Dandeenye, Boqonnaa Ammaa fi Kan Bara Baraa Yesus Kristosi. 2. Waldaan Kristaanaa Inni Sirriin Walitti Qabama (Tokkummaa) Amantoota, Dhugaa fi Hafuuraan Waaqayyoon Waaqessaniidha. Mana Ijaarratanii, Mana Namaa, Dirree fi Iddoo Gara Garaatti Ta'uu Danda'a. Manni Waaqayyo Garuu Isa Nuti Ijaarru Utuu Hin Ta'iin Isa Inni Ijaarrate Nu Ilmaan Namaa Warra Ilma Isaatti Amananii Hafuura Qulqulluu Fudhatanidha. Namni Tokko Qofaa Isa Qaama Waldaa Kiristaanaati Malee Waldaa Kiristaanaa Ta'uu Hin Danda'u. Garuu Mana Waaqayyoo Ta'uu In Danda'a (Hafuurri Qulqulluu Isa Keessa Jiraannaan). Nuyi Mana Isaati. 3. Barachuuni?😃 Waan Akkasii Jiramoo? Hafuura Qulqulluutu Namaaf Kenna, Namni Hiiku Yoo Jiraate Qofa Walga'ii Qulqulloota Keessatti Sagalee Guddaadhaan Dubbatama, Kana Irraa Kan Hafe Sagalee Keenya Gad Qabnee (Of Keessatti) Waaqayyo Duukaa Ittiin Dubbachuu Akka Qabnu Ergamaa Phaawulos Nu Abbooma. 4. Lakki, Hin Jirtu. Gidiraa Biyya Lafaatti Dhufuuf Jiru Jalaa Akka Ishee Baasu Gooftaan Yohannisitti Himeera. Ta'us Bara Dhumaa Jala Qoramsa Garagaraa Akka Keessummeessitu Barreeffamee Jira. Obsaan Danda'uu Inni Ayyaanni Waaqayyoo Nama Dandeessisu Nu Barbaachisa. 5. Cubbuus Kennaas Miti, Namni Hojjete Keessaa Ba'uu Danda'a. Nan Hojjedha Garuu Naaf Hin Eebbifamu Namni Jedhu Yoo Jiraate Immoo Waaqayyoon Haa Kadhatu. Milkaa'ina Kan Namaaf Laatu Waaqayyodha! Maaliif Share Hin Gootan Garuu Isin?😞 Gaaffii Gaafachuuf: @HostingLine @Jajjabeessaa Share Godhaa Dhugaa
Show all...
6👍 3
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 19 Gaaffichi Akkas Jedha: Nagaan siif haa ta'u. Gaaffii Koo akkaas jedha, Nuti akka kristaana tokkootti cubbuu waan hojjeennuuf cubbamaa taana moo🤔cubbamaa waan taanef cubbuu hojjenna?????? Deebii: Ilmi Namaa Kam Iyyuu Abbaa Tokkicha Isa Kufe Sanarraa Waan Dhalateef Cubbamaa Ta'e, Yesus Kristositti Amanuun Immoo Haaraa Ta'anii Dhalachuudha! Kristaanonni Cubbamoota Miti, Qulqulloota Malee! Sababiin Isaas Sanyii Isaan Keessa Jiru (DNA) Jijjiirrataniiru. Phaawulos Irraa Ka'annaa Isaaniif Itti Dheekkamuuf Warra Qoronxoosiif Barreessee, “gara warra karaa Kristos Yesus qulqulleeffamanii...” Jedhee Isaan Waameera! Egaa Jarri Kun Karaa Kristos Yesus Qulqulleeffamaniiru, Ta'us Dogoggora Tokko Tokko Nii Qabaatu, Kun Kan Inni Irraa Madde Cubbamoota Waan Ta'aniif Utuu Hin Ta'iin Mucoolii Waan Ta'aniifi. Kunis Umurii fi Turtii Waldaa Kristiyaanaa Keessaa Qabaniin Utuu Hin Ta'iin Bilchina Waa'ee Amantii Isaanii Dhabuu Irraan Kan Maddedha. Namni Kadhachuutti, Macaafa Qulqulluu Dubbifachuutti, Walga'ii Qulqullootaa Hirmaachuutti Jajjabaatu Badaa Dogoggora Hojjechuutti Dhiyoo Miti. Sababni Isaas Hafuura Isaatti Guddachaa, Hubacha, Waanta Biyya Lafaa Kana Akka Kosiitti Lakkaa'aa Dhufa. Dogoggorri Kristaana Tokkoo Isatti Dheekkamsiisuu (Akka Phaawulos Kana, Maanguddootaan ykn Jaarsolii Waldaan) Akkasumas Adabsiisuu Danda'a. Guddina Hafuura Keessaniif Barbaachisoo Waan Ta'aniif Kadhachuutti, Macaafa Qulqulluu Dubbachuutti, Walga'ii Qulqullootaa Hirmaachuutti Maqaa Gooftaa Keenya Yesus Kristoosin Isinin Jajjabeessa! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine Nagaa Gooftaatti! @Jajjabeessaa
Show all...
8👍 2
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 18 Gaaffichi Akkas Jedha: Nagaan waaqayyoo siif haa ta'u...... Gaaffii..... Ani kiristoosin eenyummaan koo maali......? Deebii: Mee Gaaffii 13ffaa Ilaalaa • Ati Karaa Yesus Kristos Uumama Haaraadha • Ati Nama Waaqayyooti • Ati Ijoollee Waaqayyooti • Ati Obboleessa Yesus Kristosi • Ati Garbummaa Cubbuu Jalaa Kan Du'ee • Waaqa Tokkicha Kan Qabu • Gooftaa Tokkicha Yesus Jala Kan Jiraatudha! Ibsa Bal'aa Akka Barbaadu Natti Dhagaa'ama, Yeroo Muraasaa Booda Haala Mijeeffadhee Bifa Hubachiisaa Ta'een Akkan Isin Qaqqabsiisu Nan Abdadha! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Taasisaa
Show all...
5👍 2
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 17 Gaaffichi Akkas Jedha: gaffii qaba mee naa debisuu dandesaa “Yesus ammoo, "Biyya lafaa irratti nagaa fiduudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin; ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.” — Maatewos 10:34 — Naafii debbisaa adaraa Deebii: - Maaloo, Dursa Yaadachiisa Dubbisaa - Gooftaan Yesus Yeroo Akkana Jedhu, Waa'ee Amantoota Amantii Isaaniitiif (Yesusitti Amanuu Isaaniitiif) Biyya Lafaa Irratti Nagaa Dhabanii, Billaa fi Bineensaaf Ta'anii Dubbachuu Isaati. Kutaa Kana Yoo Itti Fuftee Dubbifte Amanaan Tokko Yesusif Jedhee Maatii Isaa Waliin Illee Nagaa Dhabuu Akka Danda'u Dubbata. (Akka Faarfataa Tamaam Faaris Jechuudha) Yesus Dhugaadha, Dhugaan Immoo Biyya Lafaa Irratti Fudhatama Hin Qabu. Warri Dhugicha Lallaban Nagaa Dhabuu fi Billaaf Saaxilamuun Akka Jiru, Dhuma Irratti Garuu Kun Ulfinaaf Akka Isaaniif Ta'u Macaafni Qulqulluu Nu Hubachiisa! — Roomaa 8:18 — Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisiaa
Show all...
10
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 16 Gaaffichi Akkas Jedha: gaaffin koo w/mat 27;53-54 irratti akkumaa dubbatuu isaanis kan du'aa ka'ee mandara yerusaalemitti mul'ate enyuu erga mul'aatani hoo garaam deeman? — Maatewos 27:50-53Deebii: Kutaan Kun Du'aa Ka'uu Yesus Booddee Namoonni Dur Du'aan Du'aa Ka'anii Namootatti Mul'achuu Isaanii Dubbata. Eenyufayii Isa Jettefi... Macaafni Qulqulluun Qulqulloota Dur Du'an Jedha. Tarii Namoota Nuti Kakuu Moofaa Keessatti Seenaa Isaanii Beeknu Ta'uu fi Ta'uu Dhiisuu Danda'u. Erga Mul'atanii Garam Deeman Isa Jetteef Immoo... Isaan Namoota Baayyeetti Mul'atan Malee Waliin Hin Jiraanne. Yesus Erga Du'aa Ka'een Booddee Bartoota Isaatti Mul'atee Ture, Garuu Isaan Waliin Hin Jiraanne (Hin Turre). Jarri Kunis Deebi'anii Namoota Waliin Jiraachuu Eegalan Utuu Hin Ta'iin Namoota Baayyeetti Mul'atanii Turan. Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
Show all...
👍 5 4
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 15 Gaaffichi Akkas Jedha: Hebrews 7:3 deebii gaafii kanaa naa deebisaa! Malkiisedeq eenyuu dhaa? Deebii: ¹ Malkiisedeq kun mootii Saalem, luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu ture; gaaf tokko Abrahaam mootota tokko rukutee mo'atees utuu deebi'uu, Malkiisedeq karaatti itti adeemee isa eebbise. ² Abrahaam immoo waan hundumaa irraa kudhan keessaa tokko qoodeef; Malkiisedeq akka hiikaa maqaa isaatiitti. tokkoffaa "Mootii qajeelummaa ti" akkasumas Mootii Saalem, inni immoo, "Mootii nagaa" jechuu dha. ³ Inni abbaa, haadha, yookiis hidda dhalootaa hin qabu; barri jireenya isaas jalqabaa fi dhuma hin qabu; garuu akka ilma Waaqayyoo bara baraan luba ta'ee in jiraata. ⁴ Egaa Abrahaam abbaan qomoo wanta booji'e keessaa kudhan keessaa tokko erga isaaf kennee, Malkiisedeq kun guddaa attamii akka ture kanaan in argitu. — Ibroota 7:1-4 — Kun Kan Macaafni Qulqulluun Waa'ee Malkiisedeqiif Dubbatudha. Anis Kanuman Beeka! Yesus Akka Inni Hin Ta'iin Sitti Himuu Irraan Kan Hafe "Akka Beektonni Jedhanitti" Jedhee Kan Macaafni Qulqulluu Hin Jedhiin Hin Jedhu! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
Show all...
11
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 14 Gaaffichi Akkas Jedha: ibsa xiqqoo keeyyata kana irratti akka naaf kennitan barbaada “Yesus immoo, "Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqii, 'Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessanitti ol nan ba'a' jedhii isaanitti anaaf himi!" jedhee ishee abboome.” — Yohannis 20:17 — Deebii: Kutaan Kun Gooftaan Keenya Fayyisaan Keenya Yesus Kristos Erga Du'aa Ka'een Booda Utuu Bartootatti Hin Mul'atiin Dubartii Maariyaam Jedhamtutti Mul'ate Kan Inni Isheetti Dubbatedha. Gooftaan Kutaa Kana Keessatti Gara Abbaa Kootii fi Abbaa Keessanii Yeroo Jedhu Waaqayyoo Abbaa Jechuu Isaa Akka Ta'e Beekamaadha. Waaqayyo Abbaa Waaqayyo Ilmaa fi Uumama Hundumaaf Abbaa Akka Ta'ee Beekamaadha (Garaagarummaa Qabaatus). Kan Biraan Immoo Utuu Yesus "Waaqayyoo Koo" Jedhee Waaqayyo Abbaa Waamuu In Argina. Macaafa Qulqulluu Keenya Yeroo Dubbifnu Waaqayyo Abbaas Ilma Isaatiin "Yaa Waaqayyo" Jedhee Utuu Inni Waamuu Arguu Dandeessu. — Ibroota 1:6-9 — Kun Kabajaa fi Jaalala Ilmi Abbaaf, Abbaanis Ilmaaf Qabu Argisiisa! Galanni fi Ulfinni Isaaf Haa Ta'u! Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
Show all...
👍 12 3
Deebii Gaaffii Keessaniif Kenname | 16 Gaaffichi Akkas Jedha: gaaffin koo w/mat 27;53-54 irratti akkumaa dubbatuu isaanis kan du'aa ka'ee mandara yerusaalemitti mul'ate enyuu erga mul'aatani hoo garaam deeman? — Maatewos 27:50-53Deebii: Kutaan Kun Du'aa Ka'uu Yesus Booddee Namoonni Dur Du'aan Du'aa Ka'anii Namootatti Mul'achuu Isaanii Dubbata. Eenyufayii Isa Jettefi... Macaafni Qulqulluun Qulqulloota Dur Du'an Jedha. Tarii Namoota Nuti Kakuu Moofaa Keessatti Seenaa Isaanii Beeknu Ta'uu fi Ta'uu Dhiisuu Danda'u. Erga Mul'atanii Garam Deeman Isa Jetteef Immoo... Isaan Namoota Baayyeetti Mul'atan Malee Waliin Hin Jiraanne. Yesus Erga Du'aa Ka'een Booddee Bartoota Isaa Keessaa Namoota Lamatti Mul'atee Ture, Garuu Isaa Waliin Hin Jiraanne (Hin Turre) Isaan Duraa Miliqe. Jarri Kunis Deebi'anii Namoota Waliin Jiraachuu Eegalan Utuu Hin Ta'iin Namoota Baayyeetti Mul'atanii Turan. Gaaffii Gaafachuuf @HostingLine @Jajjabeessaa Join Share Taasisaa
Show all...