en
Feedback
Addis Standard Afaan Oromoo

Addis Standard Afaan Oromoo

Open in Telegram

📈 Analytical overview of Telegram channel Addis Standard Afaan Oromoo

Channel Addis Standard Afaan Oromoo (@addisstandardao) in the Javanese language segment is an active participant. Currently, the community unites 27 992 subscribers, ranking 8 656 in the News & Media category and 1 238 in the Ethiopia region.

📊 Audience metrics and dynamics

Since its creation on невідомо, the project has demonstrated rapid growth, gathering an audience of 27 992 subscribers.

According to the latest data from 09 September, 2026, the channel demonstrates stable activity. Although there has been a change in the number of participants by 629 over the last 30 days and by 21 over the last 24 hours, overall reach remains high.

  • Verification status: Verified (Officially confirmed by Telegram)
  • Engagement rate (ER): The average audience engagement rate is 12.52%. Within the first 24 hours after publication, content typically collects 6.96% reactions from the total number of subscribers.
  • Post reach: On average, each post receives 3 504 views. Within the first day, a publication typically gains 1 948 views.
  • Reactions and interaction: The audience actively supports content: the average number of reactions per post is 0.

📝 Description and content policy

Channel description not provided.

Thanks to the high frequency of updates (latest data received on 10 September, 2026), the channel maintains relevance and a high level of publication reach. Analytics show that the audience actively interacts with content, making it an important point of influence in the News & Media category.

27 992
Subscribers
+2124 hours
+1347 days
+62930 days
Posts Archive
‘Tumsi uumame kan duubatti hin deebine’ ta’uu Debretsiyoon dubbatan: – kun wayita #Mootummaa_Federaalaafi Bulchiinsa #Tigraay
‘Tumsi uumame kan duubatti hin deebine’ ta’uu Debretsiyoon dubbatan: – kun wayita #Mootummaa_Federaalaafi Bulchiinsa #Tigraayi jidduutti muddmasi cimetti Finfinnee, Fulbaana 10, 2026: Mootummaa Federaalaa fi Humnoota Tigraayi gidduu walitti bu’iinsaa fi sodaa nageenyaa itti fufuun hammaataa wayita jiru keessatti, Pirezidaantiin Bulchiinsa Tigraayi Debretsiyoon Gebremikaa’el (PhD) tumsi humnoota siyaasaa fi mormitoota biroo waliin uumame caasaa dhaabbataa kan qabu fi “duubatti kan hin deebine” ta’uu isaa dubbachuun gabaafame. Akka Debretsiyoonitti, tumsi kun caasaa geggeessummaa, karoora fi sanada mallatteeffame kan qabu ta’uu Miidiyaan Wayyiin (Weyin Media) gabaaseera. Af-gaaffii Miidiyaa Wayyiin waliin taasisaniin, Walittiqabaan Adda Bilisabaasaa Ummata Tigraayi – ABUT fi Pirezidaantiin Tigraay Debretsiyoon akka jedhanitti, tumsi kun ...... Odeessa guutuuf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9728

Humnootni #Huutii Yaman Buufata Doonii Yaman #Mookaa to’achuun gara ulaa darba #Galaana_Diimaa #Babel_Mandebitti imalaa jiraa
+1
Humnootni #Huutii Yaman Buufata Doonii Yaman #Mookaa to’achuun gara ulaa darba #Galaana_Diimaa #Babel_Mandebitti imalaa jiraachuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 10, 2026: Kan Iraaniin deeggaraman Humnoonni Huutii magaalaa buufata doonii idil-addunyaa qabdu fi buufata galaanaa Mookaa kan dhiha Yaman keessatti argamtu to’annoo isaanii jala galchuu fi gara ulaa darab bishaanii addunyaa #Bab_al-Mandeb’tti dhihaachaa jiraachuu maddoota waraana mootummaa Yaman caqasuun Rooyitersi gabaase. Taateen kun to'annoo humnoonni Huutii Yaman qarqara Galaana Diimaa Yaman irratti qaban babal'isuun garee kana sarara geejjiba galaanaa idil-addunyaa kan dhiheessii madaala dinagdee addunyaa to'atu sanaatti caalaatti kan dhiheessudha jedhameera. Guutuu isaa dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1CX3tQU7Xq/

#Eertiraan hamma #qarshii namootni dhuunfaafi dhaabbileen harkatti qabachuu danda’an #daangessite Finfinnee, Fulbaana 10, 202
#Eertiraan hamma #qarshii namootni dhuunfaafi dhaabbileen harkatti qabachuu danda’an #daangessite Finfinnee, Fulbaana 10, 2026: Baankiin Giddu Galeessaa Eertiraa namootni dhuunfaafi dhaabbileen hamma baayyina maallaqa biyyattii - Naaqfaa - harkatti qabatanii turan daangessuu beeksiseera. Kanaanis dhaabbileefi namootni dhuunfaa birrii biyyattii Naaqfaa kana guyyoota kudhanii shan ol qabanii turuu hammaan kan daangesse yoo tahu, sanirraa kan hafe sochiin maallaqa biyyattii karaa baankiifi dhaabbilee faayinaansii qofaa akka socho’u akeekeera. Akka gabaasa Ministeera Odeeffannoo Eertiraa maarsariitii 'Shabait' irratti eerameen, Baankiin Giddu Galeessaa biyyattii Seera Haaraa Lakkoobsa 134/2026 Fuulbaana 09 waliigaltee sochii fi yeroof harka irratti qabachuu Naaqfaa ilaalchisee baaseera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/19Lh4EXft8/

Biiroon Tajaajila Lammummaafi Kooluugalummaa #Yuunaayited_Isteetis (USCIS) #Finfinnee tti waajjira banate, tajaajilas aanse F
+1
Biiroon Tajaajila Lammummaafi Kooluugalummaa #Yuunaayited_Isteetis (USCIS) #Finfinnee tti waajjira banate, tajaajilas aanse Finfinnee, Fulbaana 10, 2026: Ministira Dhimma Keessoo Yuunaayitid Isteetisitti Biiroon Tajaajila Lammummaa fi Kooluugalummaa (USCIS) waajjira dirree haarawaa Finfinneetti banuu beeksise. Biiroon Dirree USCIS kunini kaleessa Fulbaana 09, 2026, irraa eegalee hojii kan aanse yoo tahu, hojii tajaajila kenniinsa Viisaa fi kaan irratti gowwomsa jira jedhame qulqulleessuun hambisuuf tumsa taasisuuf kan baneme ta’uu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa kan Yuunaayitid Isteetis beeksiseera. Hojjettoonni Biiroon Tajaajila Lammummaa fi Kooluugalummaa Yuunaayited Isteetis Finfinnee jiran dhugoomina sanadoota biyya alaa mirkaneessuu, shakkii dogoggoraa fi dogoggorsa uumamu qorachuu, akkasumas walitti dhufeenya maatii mirkaneessuuf ragaa dhiigaa fi firummaa ykn DNA walitti qabuu irratti xiyyeeffatu. Guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/19S3ZSZjcN/

Naannoon #Oromiyaa #sirreeffamtoota seeraa kuma lamaafi dhibba torbaa ol #dhiifama_seeraan akka hiikaman murteesse Finfinnee,
Naannoon #Oromiyaa #sirreeffamtoota seeraa kuma lamaafi dhibba torbaa ol #dhiifama_seeraan akka hiikaman murteesse Finfinnee, Fulbaana 10, 2026: Biiroon Abbaa Alangaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa nannichaa 2,735 ta'aniif mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiifama kan taasiseef ta'uu ibse. Biirochi ibsa Fulbaana 09, 2026 kenneen, sirreeffamtoonni kunneen dhiira 2,518 fi dubartoota 217 ta’uu eeree, kan isaan dhiifamaan hiikamanis bu’ura seeraan ta’uu eereera. Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo, ibsa sabaa himaaleef kennaniin, bu'uura Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.46/1994 kewt.57(3.i)tiin Pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa naannichaaf dhiifama gochuu akka danda'u aangoon kennameefii waan jiruuf akkaataa labsii sirna dhiifamaa lakk.114/1998 fi qajeelfama calallii fi raawwii dhiifama sirreeffamtoota seeraa irra deebiin fooyya'ee bahe lakk. ...... Guutuusaaf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1DPiCfurFt/

#Boorana Aanaa #Guchiitti ummanni #bishaan_dhugaatii namaafi horii dhabuun rakkachaa jiraachu jiraattonni himatan Finfinnee,
#Boorana Aanaa #Guchiitti ummanni #bishaan_dhugaatii namaafi horii dhabuun rakkachaa jiraachu jiraattonni himatan Finfinnee, Fulbaana 09, 2026: Kibba Oromiyaa, Godina Booranaa Aanaa Guchiitti, rakkoo hanqina bishaaniitiin wal qabatee, jiraattonni rakkoo keessa jiraachuu dubbatan. Rakkoo keessumaa aanaa gammoojjummaaf saaxilamaa jechaan ibsan kana keessatti dhalate jedhaniin, namiifi horiin horsiise bultootaa waan dhugan dhabuun dhiphuu keessa jiraachuus ibsan. Obbo Isaaq Abdii, jiraataa Ganda Liiboomaa, rakkoon bishaanii uummata naannichaa jireenya guyyaa guyyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu Addis Standarditti hime. Akka Isaaq jedhetti, bishaan dhugaatii dhabamuu irraa kan ka’e, jiraattonni ganda isaanii bishaan barbaacha fageenyaa dheera imalu. Namoonni tokko tokko bishaan namaafi horii isaaniif barbaachisu argachuuf kiiloo meetira 20 ol miilaan erga deemaniin booda iddoo sani dhaqabu, jechuun rakkoo kana ibsa. Guutuu gabaasichaaf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9725

Bulchiinsawwan Naannolee biyyattii keessatti walitti bu’iinsi itti fufuu isaan, #Itoophiyaan omisha #diroonii biyya keessaa b
Bulchiinsawwan Naannolee biyyattii keessatti walitti bu’iinsi itti fufuu isaan, #Itoophiyaan omisha #diroonii biyya keessaa babal’isaa jiraachuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 09, 2026: Mootummaan federaalaa tarkaanfiilee gareewwan hidhattootaa irratti naannolee adda addaa keessatti fudhatu irratti caalaatti xiyyaarota nam maleeyyii fayyadamuun isaa itti fufuu isaatiin Itoophiyaan oomisha diroonii waraanaa fi siivilii biyya keessaa babal’isaa kan jirtu ta’uu kan ibsame yoo tahu, kanaafis warshaaleen lama xiyyaarota nam maleeyyii kanneen oomishaa jiraachuu dhaabbati Oduu Faransaayi AFP gabaaseera. Ogeessonni AFP’n dhimma kana irratti eere akka tilmaamanitti, Itoophiyaan yeroo ammaa dironoota kumaatamaan lakkaawaman qabaachuu dandeessi jedhu. Biyyi kun dandeettii omisha diroonii guddifachaa kan dhufte waraana Tigraay kan bara 2020–2022 keessa diroonota.... Guutuu isaa dubbisuuf cuqaasaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9721

#Yuunivarsiitii_Jimmaatti da’imman jaatamaa ol yaala #dhibee_onnee kan baqaqsanii yaaluu bilisaa argatan Finfinnee, Fulbaana
+3
#Yuunivarsiitii_Jimmaatti da’imman jaatamaa ol yaala #dhibee_onnee kan baqaqsanii yaaluu bilisaa argatan Finfinnee, Fulbaana 09, 2026: Wiirtuu Yaala Fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaatti tajaajilli baqaqsanii yaaluu bilisaa daa'imman dhukkuba onnee qabaniif qophaaye marsaan jalqabaa milkiidhaan xumuramuusaa yuunivarsitichi beeksise. Sagantaa kanaan daa'imman 60 ol tajaajila lubbuu baraaru bilisaan argachuu isaanii Yuunivarsitiin Jimmaa ibseera. Sadarkaa biyyaatti waggaatti daa'imman dhukkuba onnee qaban 1,000 tajaajila yaalaa bilisaa argatan keessaa 100 kan ta'an Yuunibarsiitii Jimmaatti yaalamu. Pirezidaantiin Yuunibarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingiidaa akka jedhanitti, "Isaan keessaa daa'imman 60 guyyoota kurnan darban keessatti yaala argatanii kan ba'anii fi daa'imman 50 hafan immoo ji'oota ja'a booda fayyadamaa tajaajila kanaa ni ta'u," jechuun ibsaniiru. Guutuu isaa asiin dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1DH8wyB9Zb/

#Sudaanitti haleellaa diroonii mana murtii cinaatti raawwatameen namoonni 13 ajjeefamuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 09. 20
#Sudaanitti haleellaa diroonii mana murtii cinaatti raawwatameen namoonni 13 ajjeefamuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 09. 2026: Haleellaa xiyyaara nama maleessaa (diroonii) garee finciltootaa Sudaan Raappiid Sappoorti Foorsis (RSF)’n Kibxata kaleessaa magaalaa naannoo Giddu Galeessaa biyyattii Um Rawaabaa kan to’annoo waraana mootummaa jala jirtu keessatti mana murtii cinaatti raawwatame jedhaameen namoonni 13 ajjeefamuu maddoonni yaala fayyaa fi kanneen ijaan argan dubbachuu dhaabbanni oduu AFP gabaase. Haleellaan kun babal’ina walitti bu’iinsa xiyyaara nam maleessaan garee RSF fi waraana mootummaa Sudaan gidduutti Ebla 2023 irraa eegalee geggeeffamaa jiru keessaa isa dhiyeenyaa ta’uu eerameera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/19UoHnKKdK/

Doktoroonni #Keeniyaa hojiin itti baayyachuun kan #mormii hojii dhaabuurra jiran #Narsoota biyyattiitti makamuuf akeekkachiis
Doktoroonni #Keeniyaa hojiin itti baayyachuun kan #mormii hojii dhaabuurra jiran #Narsoota biyyattiitti makamuuf akeekkachiisan Finfinnee, Fulbaana 09, 2026: Doktoroonni Keeniyaa Kibxata kaleessaa torban ja'affaa isaatti kan ce’e mormii hojii dhaabuu Narsoota biyyattiitti dabalamuun nutis hojii dhaabna jechuun akeekkachiisaniiru. Dooktaroonni kun ejjennoo isaanii kana kan ibsan dhiibbaa hojii sababa mormii hojii dhaabuu kanaan hospitaalota keessatti dabale dandamachuuf yeroo eeranitti. Ogeeyyiin fayyaa keessumaa dhukkubsattoota yaalan Narsoonnii, waliigaltee dhimma mindaa fi faayidaa (collective bargaining agreement) bara 2017 mormii hojii dhaabuu ji'a ja'aa booda mallatteeffame akka hojiirra oolu gaafachaa jiru. Waliigalteen kun sababa mootummaan "hanqina baajataatiin kan ka’e" hojiirra oolchuun hin danda'amne jedheen osoo hojiirra hin oolin tureera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/14mwx7JNVir/

Dhaabbanni Boba'aa Biyyoolessaa #Abu_Daabii warshaa boba’aa qulqulleessu kan #Afriikaa isa guddicharraa aksiyoona bitachuu ya
Dhaabbanni Boba'aa Biyyoolessaa #Abu_Daabii warshaa boba’aa qulqulleessu kan #Afriikaa isa guddicharraa aksiyoona bitachuu yaade jedhame Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Dhaabbanni Boba'aa Biyyoolessaa Abu Daabii (Abu Dhabi National Oil Company- ADNOC) maamiltoota boba'aa hin calalamne irraa bitan fedhii isaanii mirkaneessuuf akkasumas daldala boba'aa isaa babal'ifachuuf jecha, dhaabbilee boba'aa calalan guguddoo Afrikaa fi Taayilaand keessatti argaman waliin dhimmoota investimentii irratti mari'achaa jiraachuu maddeen dhimma kana irratti odeeffannoo qaban ibsan. Carraan investimentii ilaalamaa jiru kun dhaabbata boba’aa Abu Daabii kanaaf jijjiirama guddaadha jedhameera. Biyya alaatti babal'achuun dhaabbatichaaf maamiltoota haaraa bira gahuuf, daldala isaa cimsachuuf fi galoo Arabiyaa irratti hirkattummaa isaa xiqqeessuuf gargaaras jedhameera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1DTuUZ5DcX/

Haleellaa diroonii kibba Baha #Tigraayitti raawwatameen daa’ima ganna lamaa dabalatee #namootni sadii #ajjeefamuun gabaafame
Haleellaa diroonii kibba Baha #Tigraayitti raawwatameen daa’ima ganna lamaa dabalatee #namootni sadii #ajjeefamuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Kibba Baha Naannoo Tigraay, Aanaa Hinxaalloo kan ollaa Fireeweyinii dhiyoo jiru bakka Maayshumata jedhamutti haleellaa diroonii raawwatame jedhameen daa’ima ganna lamaa tokko dabalatee lubbuun namoota sadii darbuu fi namoonni afur ammoo miidhamuu Miidiyaan Televizyinii Naannoo Tigraay gabaase. Haleellaan kun Fulbaana 08, 2026 halkan keessaa naannoo sa’aatii 8:00 kan raawwatame yoo tahu, Bulchiinsa Aanichaa kan tahan Gooytoom Tasfaay haleellichi naannoo jireenyaa jiraattota nagaa jechaan ibsan rukutuu dubbataniiru. Guutuun gabaasichaa kunooti https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9718

#HRW, #Jarman shora #Gamtaan_Eemireetota_Arabaa waraana #Sudaan keessatti qabdu Bin Zaaye wayita #Barlin daawwatanitti akka d
#HRW, #Jarman shora #Gamtaan_Eemireetota_Arabaa waraana #Sudaan keessatti qabdu Bin Zaaye wayita #Barlin daawwatanitti akka dura dhaabbattu yaadachiise Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Dhaabbanni mirga namomaaf falmu Hiyumaan Raatis Wooch (HRW) hoggantoonni Jarman, daawwannaa Pireezidaantii Gamtaa Eemireetota Arabaa Sheikh Mohammed Bin Zayed Al Nahyan fuuldura, deeggarsa bulchiinsi Eemireetotaa Humnoota finciltoota Sudaan Raappiid Sappoorti Foorsis (RSF) tiif gochaa jirtu jedhame fi haala mirga namomaa biyya sana keessaa ifatti akka mormaniif gaafate. Ibsa Hagayya 08 baaseen, HRW'n Chaansilariin Jarman Freedriik Meerzi, Prezidaantiin biyyattii Frank-Waalter Steyinmeeyiyer fi qondaaltonni olaanoo biroo gahee UAE'n waraana Sudaan Ebla 2023 jalqabe keessatti sarbama mirga namoomaa raawwatame keessatti qabdu jedhame irratti yaaddoo isaanii ibsuu akka qaban eereera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1ESkfMwvK1/

Sirni awwaalaa Qabsooftuufi Weellistuu #Oromoo #Ilfinash_Qannnoo Magaalaa Ambootti gaggeeffame #Amboo, Fulbaana 08, 2026: Dil
+4
Sirni awwaalaa Qabsooftuufi Weellistuu #Oromoo #Ilfinash_Qannnoo Magaalaa Ambootti gaggeeffame #Amboo, Fulbaana 08, 2026: Dilbata darbe kan lubbuun boqotte weellistuufi qabsooftuun Oromoo Ilfinash Qannoo harra waaree booda sirni awwaalaa ishee Magaalaa Ambootti gaggeeffamee jira. Ganama barii sirni gaggeessa reeffa Ilfinash Magaalaa Finfinnee, Istaadiyeemii guddicha magaalattiitti kan gaggeeffamee ture yoo tahu, waaree boodas akkaataa dhaamsa isheen bara lubbuun jiru dhaammatteen Ilfinash Ambotti Fulbaana 08, 2026 sirni awwaala ishee gaggeeffamee jira. Sirna awwaalaa kana irrattis, maatiin, firoottan, waayillaniifi hawaasni Magaalaa Amboo akkasumas ummatni Oromoo bakka bakkaa irratti argamuun gaggeessanii jiran.

Dhaabbanni albuudaa #KEFI sababa rakkoo nageenyaa hojii Pirojaktii Warqee #Tulluu_Kaappii yeroof dhaabuun gabaafame Finfinnee
Dhaabbanni albuudaa #KEFI sababa rakkoo nageenyaa hojii Pirojaktii Warqee #Tulluu_Kaappii yeroof dhaabuun gabaafame Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Dhaabbati Albuubaa KEFI, kan Itti Gaafatamni Isaa Murtaaye sababa balaa nageenyaa eegdota fi miseensota hawaasaa hedduu, akkasumas hojjetaa isaa tokko dabalatee lubbuu galaafate mudateef, hojii misooma Projeektii Warqee Tulluu Kaappii yeroof dhaabuu beeksise. Ibsa Fulbaana 07, 2026 lakkiseen, dhaabbati Yuunaayitid Kiingidamitti galmaayee jiru kun balaan sun Jimaata, Fulbaana 04 dhaqqabuu ibse. Kanaanis lubbuu darbeetti “gaddi itti dhagaa’ame ulfaataa ta’uu” ibsuun maatii fi namoota miidhaan irra ga’eef jajjabiina hawweera. KEFI’n akka jedheetti, bakka bu’oota hawaasaa, aanga’oota mootummaa Itoophiyaa fi qooda fudhattoota nageenyaa waliin mari’achuun haala hawaasaaf naga qabeessa ta’e uumuun hanga danda’amutti, hojiin misooma piroojaktichaa hundi dhaabbateera. Guutuu isaaf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9715

#Ilfinash_Qannoo_Galdaasaa – Sagalee Diddaa #Oromoo: hawaasni du’a qabsooftuu kanaa gaddaan ibsataa jira Finfinnee, Fulbaana
#Ilfinash_Qannoo_Galdaasaa – Sagalee Diddaa #Oromoo: hawaasni du’a qabsooftuu kanaa gaddaan ibsataa jira Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Ummanni Oromoofi quuqamtoonni aartiifi qabsoo sabichaa du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Weellistuufi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo kan weelluuwwan ishee qabsoo Oromoof asxaa ta’an, tokkummaafi mirga siyaasaa sabichaa leellisan guyyaa lubbuun boqochuun ishee dhagahamee kaasee gadda ibsataa jiran. Ilfinesh Fulbaana 06, 2026, utuu Finfinneetti waldhaansa meedikaalaa fudhachaa jirtuu umrii ganna 57tti boqotte. Dhaloota Oromoo hedduudhaaf, Ilfinesh weellistuu qofa hin turre. Guutuusaa dubbisuuf cuqaasaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9706

Sirni gaggeessaa reeffa Qabsooftuufi Weellistuu Oromoo #Ilfinash_Qannoo_Galdaasaa Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffame Fulb
+2
Sirni gaggeessaa reeffa Qabsooftuufi Weellistuu Oromoo #Ilfinash_Qannoo_Galdaasaa Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffame Fulbaana 08, 2026: Dilbata darbe lubbuun boqochuundhaa kan dhagaahame Weellistuufi Qabsooftuu Oromoo Ilfinash Qannoo, sirni gaggeessaa reeffa ishee harra ganama Istaadiyee Maagaalaa Guddoo Oromiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ilfinash haati sagalee Kiilolee, weelluu isheen qofaa utuu hin taane umrii daa’imummaa kaasuun qaamaanis wal qixxummaa saba Oromoof qabsoo nama taasisaa turtedha. Adeemsa kana keessattis bulchiinsawwan darban keesstti Ilfinash miidhaan qaamaafi xiinsammuu irra gahaa kan ture yoo tahu, kanaanis dhiphataa fi dhibamaa akka turtes aafgaaffiiwwan armaan dura taasifte irratti eeraa turte. Guutuu isaaf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/18TGLsZ1N1/

#Keeniyaan lammilee biyyoottan #Afriikaa Bahaa kan galmee waraqaa eyyama jireenyaa male daangaashee keessa jiraatan yeroof ak
#Keeniyaan lammilee biyyoottan #Afriikaa Bahaa kan galmee waraqaa eyyama jireenyaa male daangaashee keessa jiraatan yeroof akkasumaan akka jiraatan eyyamte Finfinnee, Fulbaana 08, 2026: Mootummaan Keeniyaa lammiilee Afrikaa Bahaa waraqaa seeraa malee biyyattii keessa jiraataniif yeroo muraasaaf akkasumaan akka jriaatan eyyamuu beeksise. Murteen kun kan dhagaa’ame dilbata darbe lammileen Buruundii hedduun kan waraqaa eyyamaa male Keeniyaa keessa jiraatan paaspoortii barbaacha hedduuminaan gara Imbasii Buruundii Naayiroobii keessatti argamuutti erga imalan boodadha. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, tarkaanfii fooyya'iinsa kaffaltii gibiraa irratti hiriira mormii daldaltoota Keeniyaan godhamee booda, jalqaba torban kanaa irraa eegalees tarkaanfiin daldala xixiqqoo daldaltoota dhalooteen biyyoota biroo ta’aniin geggeeffaman cufuuf akka fudhatamu aanga'ootatti dhaamaniiru. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1B5wjyD77N/

#Somaaliilaandi #Ambaasaaddara haarawa #Itaaliyoophiyaatti muudde Finfinnee, Fulbaana 07, 2026: Ministeerri Dhimma Alaa Somaa
#Somaaliilaandi #Ambaasaaddara haarawa #Itaaliyoophiyaatti muudde Finfinnee, Fulbaana 07, 2026: Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliilaandi, Ambaasaaddar Shaarmaarkee Ahmeed Muhumed Geellee Ambaasaaddara haaraa Itaaliyoophiyaatti ta’uun muudamuu isaa beeksiseera. Muudamni isaaniis hariiroo siyaasaa, dinagdeee fi seenaa qaamolee lamaan gidduu jiru cimsuuf kaayyooffateera jedhe ministeerichi ibsa isaan. Akka Ministeera Dhimma Alaa Somaaliilaanditti, Geelleen muuxannoo waggaa 15 mootummaa fi hariiroo idil-addunyaa Somaaliilaandi keessatti qabuun dippilomaatii fi tajaajilaa uummataa ta’ee tajaajileera. Hojiin isaanii haaraanis hirmaannaa bal’aa Somaaliilaandi Afrikaa keessatti qabdu caalaatti cimsuu irratti xiyyeeffata jechaanis dabaleera. Odeessa guutuuf dubbisaa https://www.facebook.com/share/p/1BHHrghjsY/

#ABUT #Obaasaanjoo qeeqe; #jaarsummaan isaanii “loogiirraa bilisa kan hin taanee fi qabatamas kan hin qabne” jedhe Finfinnee,
#ABUT #Obaasaanjoo qeeqe; #jaarsummaan isaanii “loogiirraa bilisa kan hin taanee fi qabatamas kan hin qabne” jedhe Finfinnee, Fulbaana 07, 2026: Addi Bilisabaasaa Uummata Tigraay (ABUT) yaalii Preezidaantiin Naajeeriyaa duraanii Olusegun Obaasaanjoo nagaa Tigraay keessatti buusuuf taasisan qeequun, jaarsummaan isaanii “loogiirraa bilisa kan hin taane, yaada qabatamaa kan of keessaa hin qabne” fi karaa gara marii hiika qabuutti geessu kan hin qabne dha” jechaan qeeqeera. Ibsa Fulbaana 6, 2026 baaseen, ABUT marii nagaatiif qophii ta’uusaa ibseera; ta’us tarkaanfiifi yaadi ka’umsaa Obaasaanjoo Mootummaa Federaalaarraa walabummaa qabaachuusaa gaaffii keessa galcheera. Adeemsi araara nagaa kamiyyuu jaarsummaa loogiirraa bilisaa fi walaba ta’een akka dursamus gaafateera. Ibsichi hirmaannaa Obaasaanjoo kan kanaan duraa yaalii marii Mootummaa Federaalaa fi hoggantoota Tigraay jedhaman irratti taasisan gaaffii keessa galcheera. Guutuu isaaf dubbisaa https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=9703