cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

Show more
Ethiopia1 328The language is not specifiedNews & Media9 483
Advertising posts
16 374
Subscribers
+9324 hours
+5977 days
+2 94530 days
Posting time distributions

Data loading in progress...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Publication analysis
PostsViews
Shares
Views dynamics
01
Oduu: Baankiin misooma Afrikaafi Itoophiyaan piroojektii $95M jijjiirama qilleensaa ittisuuf oolu ifoomsan Gareen Baankii Misooma Afrikaafi fi mootummaan Itoophiyaa waloon ta’uun piroojektii maallaqa doolaara miliyoona 94 ittiisa jijjiirama qilleensaaf oolu ifoomsan. Gargaarsi maallaqaa kuni doolaara miliyoona 54 Baankii Misooma Afrikaatiin kan deeggarame yoo ta’u maallaqa doolaaraa miliyoona 10 mootummaan Itoophiyaa kan taasisu ta’uu ibsameera. Akkasumas, doolaara miliyoona 20 mootummaa Neezarlaand, doolaara miliyoona 10 dhaabbata xaa’oo omishu OCP-Afrikaaa jedhamuufi doolaara 300,000 Giddugala Madaqsuu Idiladdunyaatiin kan deeggaramu ta’a. Piroojektiin kuni omisha qamadii naannoolee Affaar, Oromiyaa, Somaaliifi Affaar keessatti heektaara tokkoo toonii sadi argamu gara toonii afuriitti guddisa. AS https://afdb.africa-newsroom.com/press/african-development-bank-group-ethiopia-launch-94-million-project-to-boost-climate-resilient-wheat-value-chain-development-in-ethiopia?lang=en
4761Loading...
02
Giddugaloota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame #Itoophiyaa naannawaa garaagaraatti giddugaltoota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf dhaabbilee afur gidduutti waliigalteen dolaara miiliyoona 250 mallatteeffame. Dhaabbileen kunneenis Ministeera Fayyaa, Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Yuunivarsiitii Boongaa fi dhaabbata tola oolaa ‘Raashiyaa Paan-Afrikaa Paablik Piraayiveet Tumsa Misoomaaf’ jedhamu gidduutti mallatteeffameera. Bu’uura waliigaltichaan pirojektichi waggoota shaniif kan turuu fi giddugaloota fayyaa kuma 2 ijaaruuf kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan dubbataniiru. Giddugaloonni ijaaramanis fayyaa haadholii fi daa’immanii, maanguddoota, dargaggoota akkasumsa da’umsaan walqabatee, talaalliin, karoora maatii fi sirna hormaataa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’u ibsuu TOI gabaaseera.
5424Loading...
03
#Barbaraan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa buufata doonii isa filatamaa bara 2023 jedhame Baankiin Addunyaa sadarkaa madaallii gahumsaa buufataalee doonii addunyaa bara 2023 ifa godheen buufatni doonii #Somaalilaand bulchitu Barbaraa biyyoota Sahaaraa gadii keessaa adda duree ta'e. Dhaabbatichi sadarkaa buufatalee doonii konteenara qubsiisanii kan hojjete tajaajila si'ataa isaan kennan irratti xiinxala hojjeteen akka ta'e ibseera. Keessumaa ammoo turtiin dooniiwwan konteenara baatan buufata doonii turan irratti hundaa'a. Akka BBC'n gabaasetti addunyaarratti tajaajila si'ataa kennuun buufatni filatamaa ta'e kan #Chaayinaa argamu Yaangishaani. Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaarra kan jiru ammoo buufatni doonii #Morookoo ‘Tanger-Mediterranean’ ta’uu ibsameera. Biyyoota Sahaara gadii keessaa ammoo Barbaraan buuftaalee doonii Baha Afrikaatti argaman #Jibuutii, #Moqaadishoo, #Mombaasaa fi #Daareeslaam irra aaneera.
5642Loading...
04
#Oromiyaatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa xumurame Naannoo Oromiyaatti qormaanni Naanno kutaa 8ffaa guyyoota lamaaf kennamaa ture xumuramuu Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa beeksise. Qormaatichi Waxabajjii 4 hanga 5, 2016 kennamaa tureera. Barattoonni kuma 672 fi 500, wiirtuulee qormaataa kuma 1 fi 424tti qormaaticha fudhachuu biirichi eereera. Haaluma kanaan qormaatichi rakkoo tokko malee xumuramuu ibsameera.
2 6925Loading...
05
Oduu: #Itoophiyaatti wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana murtii malee butuu eeyyamu paarlaamaaf dhiyaate Wixineen qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuu yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni yakkaa ajaja mana murtii malee toftaalee kominikeeshinii fi xalayaa butanii akka hordofan eeyyamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaaf dhiyaate. Wixineen seeraa paarlaamaatti dhiyaate kun qaamni qoratu ''haalli muddamaa yoo qunname'' hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa dhimmichi ilaallatu eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa akka butuu dandeessisa. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4091
2 7091Loading...
06
Oduu: Baajata bara dhufuuf  ramadame sassaabuuf mootummaan sirna gibiraa jijjiiruu karoorfate Baajannii bara dhufuu maallaqa Tiriliyoona tokko ramadamuu hordofee mootummaan galii maallaqa dabalataa birrii biliyoona 92.5 sassaabuuf sirna gibiraa jijjiiruuf ta’uu himameera. Wiixineen baajataa kuni Waxabajjii 11, 2024 mariidhaaf gara koree dhaabbataatti qajeefameera. Akkaataa wixinee labsii kanaatiin, maallaqni birrii biliyoona 971 ta’uu baasii mootummaa federaalaaf kan oolu ta’uu ibsameera. Akkasumas, maallaqni biliyoona 238 baasii kaappitaalaa, 452.3 baasii dhaabbataa, 222.7 mootummaalee naannoo deeggaruuf, kan oolu ta’a. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4088
2 4402Loading...
07
#Shaashamanneetti birrii miiliyoona 600 oliin ‘misoomni koridarii’ gaggeeffamaa jira Magaalaa Shaashamanneetti baajata birrii miiliyoona 640 ta’uun daandileen misooma koridarii magaalattii hojjetamuu eegaluu bulchiinsi magaalaa Shaashamannee beeksise. Kantiibaa Itti aanaa magaalaa Shaashamannee Abdussalaam Muhaammad, misooma koriidarii kana saffisa barbaadameen akka xumuramu deeggarsa taasisaa jiraachuu FBC’tti himaniiru. Hojii gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Shaashamannee Abdoo Gabayyoo gama isaanin, daandilee misooma koridarii hojjetamuu eegalaman bareedina magaalattii dachaan kan dabalan ta'uu ibsaniiru. Pirojeektiin kun yeroo qabame keessatti qulqullinaan hojjetamee tajaajilaaf banaa akka ta'u xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eerameera. Haaluma walfakkaatuun barana magaalaa #Bishooftuu keessattis misooma koridarii kiiloo meetira 96 uwwisu baajata birrii biiliyoona 3n hojjetamaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama. AS
2 5724Loading...
08
Magaalli ijoon #Sudaan yeroo dhihootti harka finciltootaa galuu malti – #US Sudaanitti Ergamaan Addaa Yunaayitid Isteetis, kan dhiha #Daarfur keessatti marfamtee argamtu, El Faashar, humnoota finciltootaa jalatti kufuu akka dandeessu akeekkachiiseera. Magaalaan El Faashar magaalaa bulchiinsa dhiha Daarfur keessaa hanga ammaatti to'annoo waraanaa jalatti argamtu tokkittiidha. Humni waraana biyyattiis wal waraana ji'oota 14’f tureen Humna Deeggarsa Ariifataa (#RSF) waliin wal lolaa tureera. Ergamaan US, Toom Peri’eeloon BBC'tti akka himanitti, RSF keessaa tokko tokko magaalaa El Faashar qabachuunsaanii Daarfur akka buulchiinsa biyyattii irraa adda baateetti hundeessuuf isaan gargaaruutti yaadu. Aab Toom itti dabaluudhaan, Ameerikaan ‘‘haala kamuu jalatti’’ Daarfuriin akka biyya of dandeessuutti beekkamtii hin kennituuf jedhan. ''Sababii marfama RSF magaalattii irratti raawwateen namoonni nagaa miliyoonaa ol beela'uu isaanii argineera,'' jedhan.
2 5950Loading...
09
Dooriin #Guyyoo_Boruu jiloota Dooromaa xumuruun baallii #Gadoomaa fuudhuuf qophaa'aa jiraachuu beeksise Godina #Boorana_Bahaa Aanaa Areerootti dooriin Guyyoo Boruu jiloota #Dooromaa xumuruun ji'oottan torbaan booda baallii Gadoomaa fuudhuuf qophaa'aa jiraachuu beeksise. Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaatti gogeessii Booranaa 2ffaan Luba Guyyoo Boruu gogeessa Booranaa 1ffaa Gadaa Kuraa Jaarsoo irraa ji'oottan torbaan booda baallii Gadoomaa fuudhuuf qophii taasisaa jiraachuu beeksiseera. Aadaa fi duudhaa sirna bulchiinsa Gooroo Gadoomaa hawaasa addunyaa biraan gahuuf hawaasi baldhaan, qorattoonni aadaa fi seenaa amummarraa karoorsuun qophaa'uu akka qaban dhaamuu waajjirri kominikeeshinii godina Booranaa gabaaseera. Madda: Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa
3 7044Loading...
10
Pireezidaantiin Itti-aanaa #Maalaawii balaa xiyyaaraan du’uu isaanii mirkanaa’e Pireezidantii Itti aanaa Maalaawii Saawulos Chilimaa fi namoota biroo sagal balaa xiyyaaraa isaan mudateen lubbuun isaanii darbuu Pireezidaantiin Maalaawii Laazaaruus Chaakwelaa beeksisaniiru. Xiyyaarri Saawulos Chilimaa, haati warraa isaanii Meerii fi aanga’oota paartii UTM dabalatee namoota 10 fe’ee ture Wiixata kaleessaa achi buuteen dhabamuu waajjirri pireezidantii biyyattii beeksisee ture. Xiyyaarri abbummaan isaa kan Raayyaa Ittisaa Maalaawii ta’ee erga magaalaa guddoo biyyattii Lilonguwee baheen booda raadaarii jalaa miliqee ture. Duula barbaachaa fi lubbuu baraaruu gaggeeffamaa tureen bu’aa argame ilaalchisee har’a ibsa kan laatan pireezidaantiin biyyattii, caccabaan xiyyaarichaa argamuu ibsaniiru. ''Duula barbaachaa fi lubbuu baraarsaa xiyyaaricha irratti gaggeeffamaa ture xumurameera. Caccabaan xiyyaarichaa argameera. Namoonni keessa turan hunda du’u isaanii yeroo beeksisu gadda guddaadhaani,” jedhan. AS
3 2463Loading...
11
Oduu: Paarlaamaan labsii kabaja ayyaana uummataatiin walqabtee bahe raggaasise Manni marii bakka bu’oota uuumataa labsii kabaja ayyaana uummataatiin walqabate bahe sagalee guutuun raggaasise. Ayyaanonni akka guyyaa wareegmatoota Itoophiyaa, wareegamtoota Guraandhala 12fi ayyaanaa sabaafi sabalammoota Itoophiyaa kan labsu ta’a. Labsiin Lakk. 1334/2016 mana marichaaf dhiyaachuun koreen dhaabbataa dhimma fayyaa, hawaasaa, aadaa, Ispoortii, seeraafi dimookraasii erga gamaaggamamee booda akka ragga’u taasifameera. Labsiin kuni aadaa, ayyaana hafuuraafi diinagdee ayyaana hawaasaatiin walsimsiisuufi haala tasgabbaa’ee akka kabajaman karoorfatee kan labsame dura taa’aan korichaa Obbo Warqasamuu Maammoo ta’uu eeraniiru. Labsiin kuni mootummaaleen naannolee akkaataa aadaa naannichaatiin akkaataa kabaja ayyaana uummataatiin walqabatee seera mataasaanii akka tumatan kan eeyyamuudha. Akkasumas, miidiyaaleen ayyaanota hawaasaa kanaaf tamsaasa wal qixa ta’e akka kennan kan dirqisiisu ta’a. AS
3 1332Loading...
12
Faawundeeshiniin #Alii_Birraa Waxbajjii 16 ifatti hojii eegala Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa faawundeeshinii Artist Alii Birraa ilaalchisuun boordii faawundeeshinichaa waliin ta'uun waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti ibsa kenneera. Ibsa har’aa irratti haadha warraa Alii Birraa fi walitti qabduu boordii faawundeeshinichaa Lillii Maarqoos Birraa, hogganaa itti aanaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Daraaraa Katamaa, Daayirektara faawundeeshinichaa Asaad Faahim dabalatee kanneen biroo argamaniiru. Faawundeeshinichi waggaa tokko dura Ebla 14, 2015 ALI kaayyoo aartii guddisuu, gama barnootaa, fayyaa, hawaasummaa fi tola ooltummaan hojjechu qabatee hundaa'e. Sagantaan iftoomsa faawundeeshinichaas Waxabajjii 16, 2016 ALI hoteela Iskaayilaayitiitti kan adeemsifamu ta'uu boordiin faawundeeshinichaa ibsa har’a laateen beeksiseera. Artist Alii Birraan waggoota 60 ol milkaa’inaan muuziqaa keessa erga dabarseen booda Sadaasa 06, 2022 lubbuun isaa darbuu ni yaadatama. AS
3 0585Loading...
13
Oduu: #Itoophiyaan baatilee 11 keessatti al-ergii #buna irraa galii dolaara biiliyoona 1.2 argachuu beeksiste Itoophiyaan ji’oota 11 darban keessatti oomisha bunaa gara biyya alaa ergite irraa galii dolaara biiliyoona 1.2 argachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa beeksise. Galiin al-ergii kunis buna toonii 252,446 gara gabaa idil-addunyaatti ergame irraa kan madde ta’uu ibsameera. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Obbo Addunyaa Dabalaa, “Itoophiyaan galii al-ergii bunaa ol’aanaa waggaa lama dura argatte caaluuf barana carraa guddaa qabdi,” jedhan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4082
2 9121Loading...
14
Bidiruun gara caalu godaantota #Itoophiyaa feete dhidhimtee 38 du'an Bidiruun baay’inaan godaantota Itoophiyaa feete qarqara #Yamanitti dhidhimtee yoo xiqqaate namoonni 38 du’uu isaanii aanagawoonni himan. Kanneen balaa kanarraa hafan lubbuu baraartotatti akka dubbatanitti bidiruun kuni namoota 250 ta’an feetee turte. Kan garagaltees bubbee hamaarraa kan ka’e ta’uu BBC’n gabaaseera. Kan du’aniin ala godaantonni 100 achi buuteen isaanii waan dhabameef barbaachi itti fufeera. Aangawoonni magaalaa Rudam kan baha magaalaa guddoo Yamanitti argamtu akka jedhanitti bidiruu kana kanneen yaabbatan keessaa garri caalu lammiilee Itoophiyaadha. ''Kanneen qurxummii kiyyeessaniifi jiraattonni lubbuu namoota 78 bidiruurra turaniifi 100 ol kan ta’an achi buutee dhabamuu dubbatan baraaraniiru,'' jechuun aangawaan kun dubbataniiru. ''Barbaachi itti fufeera, waa’ee taatee mudate Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti gabaafameera,'' jedhan.
3 1975Loading...
15
Xiyyaarri Pireezidaantii Itti-aanaa #Maalaawii fi kanneen biroo 9 fe’e achi buuteen dhabame Xiyyaarri Pireezidantii Ittaanaa Maalaawii Saawulos Chilimaa fi namoota biroo sagal fe’ee ture Wiixata kaleessaa achi buuteen dhabamuu Waajjirri Pireezidantii Maalaawii beeksiseera. Xiyyaara kanarra haati warraa Pireezidantii Ittaanaa biyyattii Meerii akkasumas qondaaltonni paartii UTM akka argaman BBC’n gabaaseera. Xiyyaarri abbummaan isaa kan Raayyaa Ittisaa Maalaawii ta’ee erga magaalaa guddoo biyyattii Lilonguwee baheen booda raadaarii jalaa miliquun ibsameera. Xiyyaarri kuni kaaba biyyattii Buufata Xiyyaaraa Mizuuzutti kaleessa ganama sa’aatii 4:00itti qubachuu qaba ture. Erga qondaaltonni aviyeeshinii xiyyaaricha qunnamuu hin dandeenyeen booda pireezidantiin biyyattii duulli barbaachaa fi lubbuu baraaruu akka eegalu ajajaniiru. AS
3 2462Loading...
16
#Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa boru kennamuu eegala Naannoo Oromiyaatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa kan bara 2016 boru kennamuu kan eegalu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera. Qormaatichi boru Waxabajjii 04 hanga Waxabajjii 05 bara 2016 guyyoota lamaaf wiirtuulee qormaataa 1,424tti kan kennamuu ta’uun eerame. Haaluma kanaan barattoonni 672,500 manneen barnootaa 9,633 irraa qormaaticha kan fudhatan ta’uu ibsameera. AS
4 26910Loading...
17
#Somaaliyaatti walitti bu'insa gosaatiin namoonni 40 ol ajjeefaman Dhuma torban darbeerra giddu-galeessa Somaaliyaatti gosa #Mareehaan fi #Diir jedhaman gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen yoo xiqqaate namoonni 40 ol ajjeefamuun himame. Walitti bu'iinsi Sambata Waxabajji 8, 2024 kutaa bulchiinsa Gaalmuudhugaa keessatti miseensota gosaa gidduutti uumame sababa gaaffii lafa dheedinsaafi bishaan boollaa anaaf mala jedhuun ta'uusaa buufanni raadiyoo Kulmiiyyee gabaaseera. Buufanni televizhinii biyyaalessaa biyyattii akka gabaasetti, pirezidantiin bulchiinsa Gaalmuudhugaa Ahimad Abdii Kaarree walitti bu'iinsa gosa gidduutti dhalate mariin furuudhaaf koree jaarsa araaraa hundeessaniiru. Sabaa-himaaleen Somaaliyaa tokko tokko lakkoofsi walitti bu'iinsa gosaatiin ajjeefamanii 60, kanneen madaa’an ammoo 80 qaqqabuu dubbatu. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/crggj4rrng2o
3 7745Loading...
18
Oduu: Dura taa’aa #Izeemaa duraanii Yashiwaas Asaffaa hiikaman; Qindeessitoota hiriira Sadaasa 30 gara Finfinnee dabarfamaniiru Namoonni siyaasaa hiriira mata duree “Waraanni haa dhaabbatu! Nagaan haa bu’u!” jedhuun Sadaasa 30, 2016 ALI waamame tureen walqabatee hidhamanii baatilee lama oliif naannoo #Affaar kaampii waraanaa #Awaash_Arbaa keessatti hidhamanii turan torba Jimaata darbe gara Finfinneetti dabarfamuu Addis Standard mirkaneesseera. Haaluma walqabatuun, qindeessitoota hiriiricha keessaa tokko kan ta’an Dura taa’aan Izeemaa duraanii Yashiwaas Asaffaa hidhaa torban tokko booda Sanbata darbe Waxabajjii 08 gadi lakkifamuu haati warraa isaanii Aadde Muluu Birhaan Addis Standarditti himaniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4079
3 4721Loading...
19
Daandiin Qilleensichi balalii gara Aksumitti eegale Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii gara magaalaa #Aksuum waggoota afuriif addaan cite ture kaleessa Waxabajjii 09, 2024 irra deebiin eegaleera. Waraana #Tigraay keessa tureen miidhamee kan ture buufatni xiyyaaraa Atsee Yohaannis baatiiwwan ja’an darban hojiilee suphaa erga gaggeeffameef booda kaleessa xiyyaara imaltoota 140 qabate keessummeesseera. Sirna balalii eegalchiisuu kana irratti hoji raawwachiisaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfin Xaasaw fi Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Geetaachoo Raddaan argamaniiru.
3 7951Loading...
20
Oduu: Aanaa #Amuruutti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni sadi ajjeefaman Naannoo #Oromiyaa godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti haleellaa hidhattoonni Roobii darbe raawwatamiin lubbuun namoota sadi darbuu jiraattotni himan. Barsiisaa tokko dabalatee namoonni ajjeefaman kunneen motor saayikiliin aanaa Kiiramuu irraa gara magaalaa Agaamsaa imalaa akka turan jiraattonni himaniiru. Bulchaa Itti-aanaa Aanaa Amuruu kan ta’an Obbo Qixxeessaan, haleellaa aanaa Amuruu fi aanaa Kiiramuu gidduu iddoo Gonkaa jedhamutti raawwatameen namoonni sadi ajjeefamuu DW'tti mirkaneessaniiru. Eenyummaa hidhattoota kanaa ifatti osoo hin ibsiin, "hidhattoonni kunneen naannawaa ollaa irraa daangaa ce'anii galuun haleellaa raawwatanii deebi'u" kan jedhan aanga'aan kun, rakkoo nageenyaa kana furuuf akka aanaa Amuruutti duulaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
5 0064Loading...
21
#Itoophiyaan walgahii bakka bu'oota biyyoota miseensa #BRICS sadaffaa irratti hirmaataa jirti Jilli  Bulchaa Baankii Biyyaalessaafi BRICS'itti bakka bu'aa olaanaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuun durfamu  walgahii bakka bu'oota biyyoota miseensa BRICS sadaffaa #Raashiyaatti taa'amaa jiru irratti hirmaataa jira.
5 2985Loading...
22
Oduu: Naannoo Amaaraatti itti gaafatamtuun aanaa Qeewoot ajjeefamte Naannoo #Amaaraa godina #Shawaa_Kaabaatti itti gaafatamtuun aanaa Qeewoot ajjeefamuun himame. Itti gaafatamtuun aanaa Qeewoot Aadde Milishuu Baqqalaa Waxabajjii 05, 2024 ajjeefamuu bulchiinsi aanichaa ifoomseera. Aadde Milishuun “humnoota finxaaleyyii” hidhatanii socho’aniin magaala Qeewoot keessatti ajjeefamuun ibsameera. Milishuun ulfa yemmuu taatu rasaasa “humnoonni finxaaleeyyii” dhukaasaniin rukutamuun ajjeefamte jechuun gochaa kana bulchiinsi aanichaa balaaleffateera. Dubartii ulfatti dhukaasuunsaanii gara jabina “qaama shrorkeessaa’ kanaa agarsiisas jedheera. AS Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4073
5 4283Loading...
23
Oduu: Barsiisonni Aanaa #Qilxuu_Kaarraa mindaan jalaa “ugguramuu” hordofee bulchiinsa aanicharratti himata banan Godina #Wallagga_Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraatti barsiisonni 640 ol manneen barnoota garagaraa keessatti barsiisan maallaqa ijaarsa waajjira paartii #Badhaadhinaa aanichaaf mindaa isaanirraa akka hin kutamne mormuu isaanii hordofee mindaan ji’a lamaa guutumatti akka hin kaffalamneef himan. Barsiisaan Addis Standard dubbise tokko barsiisonni mindaa isaanirraa qarshii 3000 akka kutamuuf eeyyamamoo ta’uu dhabuu isaanii hordofee tarkaanfiin kun fudhatamuu eeruun, barsiisonni dhimma kana karaa seeraan mana murtiitti himata bananii hordofaa jiraachuu eereera. Waajjira Barnoota Aanaa Qilxuu Kaarraatti Abbaa Adeemsaa Misooma Barsiisotaa Obbo Girmaa Qixxaataa ammoo, “yeroo gabaabaa keessatti furmaanni ni kennama” jedhan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4066
4 7943Loading...
24
Manni Maree Ministirootaa bara dhufuuf wixinee baajata birrii Tiriiliyoona 1'tti dhiyaatu raggaase Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 34ffaa har’a gaggeesseen bara baajataa 2017’f wixinee baajata mootummaa federaalaa birrii tiriiliyoona tokkotti dhiyaatu raggaaseera. Baajatni kun baasii idilee mootummaa federaalaa, baasii kaappitaalaa, deeggarsa naannoleef kennamu, deeggarsaa galmoota misooma waaraa raawwachiisuu fi baasii eeggachiisaa kan dabalatu ta’uu ibsameera. Baajatni haaraan kun baajata mootummaa bara xumuramaa jiru kanaaf ragga’e ture birrii biiliyoona 801 irraa caalmaa dhibbeentaa 20 ol agarsiiseera. Manni Maree Ministirootaa wixinee baajataa dhiyaate irratti erga mari’atee booda sagalee guutuun raggaasuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti qajeelcheera. AS
4 2366Loading...
25
Kaaba #Gondar Aanaa Adirqaay keessatti haleellaa hidhattootaan lubbuun namoota nagaa darbuu himame Naannoo #Amaaraa godina Gondar Kaabaa aanaa #Adirqaay ganda Ali Xaaraa jedhamee waamamu keessatti hidhattoonni “naannoo #Tigraay irraa dhufan” haleellaa Kibxata darbe raawwataniin daa’imman dabalatee lubbuun namoota nagaa darbuu fi qabeenya irratti miidhaan dhaqqabuu jiraattonni himan. Waxabajjii 04, 2024 halkan keessaa sa’aatii 10:00tti hidhattoonni kun gara naannichatti seenuun haleellaa yeroo raawwatan milishoonni naannichaa ofirraa ittisuuf yaalanis miidhaan haleellaa kanaan namoonni saddeet ajjeefamuu fi sadi madaa’uu jiraattonni VOA’tti himaniiru. Bulchaa aanaa Adirqaay kan ta’an Miiliyoon Taaddasaa, rakkoon kun uumamuu mirkaneessanii namoota sadii hidhattootaan ukkaamfamanii fudhataman keessaa tokko deebi’uu himan. Naannoo Tigraayitti itti aanaan bulchaa godina Kaaba Lixaa Obbo Kelaalii Hagaazii gama isaaniin, “humni naannoo Tigiraay irraa ka’ee haleellaa kana raawwate hin jiru,” jedhan.
3 8012Loading...
26
#Somaaliyaan waggoota 50 ol booda Mana Maree Nageenyaa #UNtti makamte Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaan bara 2025 irraa eegalee waggaa lamaaf miseensa Mana Maree Nageenyaa UN akka taatu filateera. Dabalataan #Deenmaark, #Giriik, #Paakistaan, fi #Paanaamaan mana maree nageenyaa miseensota 15 qabu keessa akka galan filatamaniiru. Xiinxalaan siyaasaa Somaaliyaa Abdiqafar Abdi Wardhere akka jedhanitti, "Somaaliyaa miseensa Mana Maree Nageenyaa ta’uun filatamuun ishee sadarkaa dippilomaasii biyyattii agarsiisa," jedhan. Kana malees, "waggoota 50 ol booda yeroo jalqabaatiif Somaaliyaan murteewwan waldhabdee addunyaa ilaallatan irratti murtoo laachuu dandeessi" jedhan. Filannoo kana hordofuun waajjirri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa argamu mootummaa fi uummata Somaaliyaaf ergaa baga gammaddanii dabarseera. “Somaaliyaan waggoota kurnan sadan darban keessa daandii nagaa, badhaadhina, fi nageenyaa irra jirtu kanaan karaa dheeraa deemuun as geesse,” jedhan. AS
4 1274Loading...
27
Oduu: Manni murtii ragaa Obbo Taayyee Danda’aa irratti dhiyaate dhagahe Manni murtii federaalaa olaanaa dhugabaatii ragaalee ministeera deetaa ministeera nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aarratti abbaan alangaa dhiyeesse lamaa dhagahe. Himata yakka heeraa biyyattii cabsuutiin himameen walqabatee himata banameef yeroo deebii kenneetti, Obbo Taayyeen “barreefamni ani barreeesse piroopaaganadaa miti. Yakkas hin raawwanne,” jechuun deebii laateera. Namooni ragaa lameen abbaa alangaa qopheesse Obbo taayyeerratti ragaa bahaniiru. Manni murtii firdii kennuuf beellama Waxabajjii 2016 ALI tti kenneera. Abbaan alangaa himata garee farra nageenyaafi shorokeessitoota deeggaruu, dubbii piroopaagaandaakaraa miidiyaa hawaasaatiin tamsaasuutiin Obbo Taayyee himateera. Kana malees, Obbo Taayyeen meeshaa waraanaa eeyyama seeeraa hin qabne qabamee argamuunis yakkamanaiiru. Obbo Taayyee Danda’aa yakka humnoota farra nageenyaa deeggaruu fi meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatanii argamuun himatamaniiru. AS
4 8424Loading...
28
Oduu: Siinodoosiin Ortodooksii Itoophiyaa marii nageenyaarratti akka hirmaannu hin affeeramne jedhe Sinoodosiin Ortodooksii Teewaahiidoo Itoophiyaa marii nageenyaa biyaaleessaarratti akka hin hirmaannuuf manni amantichaa karaa idileetiin hin affeeramne jedhe. Manni amantichaa ibsa baaseen, mariin biyyaalessaa kuni qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuun rakkoo jiru furuuf haa ta’u malee manni amantichaa hin affeeramne jedhame. Komishiniin maricha gaggeessu mManni manatittii akka hirmaachisu gaafate. Komishiniin marii biyyaalessaa magaala Finfinneetti ajandaa marichaa sassaabuu eegalee goolabuun beeksisee ture. Paartileen mormitootaa Addda Bilisummaa Oromoo (ABO)Kongireesii Federaalaa Oromoo (KFO) marichi hunda lkan hammateefi haqaqabeessa miti jechuun balaaleffataniiru. Akkasumas, ogeeyyonnifi hayyoonni Oromoo ibsa waloon baasaniin mariin mootummaa gaggeessa jiru haqa-qabeessaafi amansiisaa osoo hhin taane kan sobaafi fakkeessuuti jechuun balaaleeffataniiru. AS
4 8614Loading...
29
#Oromiyaatti barattoonni kuma 731 ol qormaata kutaa 6ffaa fudhachuu eegalan Akka Naannoo Oromiyaatti qormaatni naannoo kutaa 6ffaa har’a Caamsaa 29, 2016 ganama sa'aatii 2:30 irraa jalqabee guutuu naannichatti kennamuu eegaleera. Qormaanni guyyaa lamaaf turu kun naannichatti yeroo jalqabaaf wiirtuwwan kuma 1 fi 424 keessa al tokkotti kennamaa jiraachuu ibsameera. Akka naannichatti barattoonni 731,955 ta’an qormaata kutaa 6ffaa kana kan fudhatan ta’uu ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa argame ni mul’isa. Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Boorrachaa
5 3003Loading...
30
#Waldiyaatti haleellaawwan boombii sadii qondaalota mootummaarratti qiyyaafatan raawwataman Torban kana qofa magaalaa Waldiyaatti haleellaawwan boombii sadii qondaalota mootummaafi dhaabbilee irratti qiyyaafate raawwachuu BBCn jiraattota wabeeffachuun gabaaseera. Haleellaawwan kuni waajjira bulchiinsa godinaafi manneen jireenyaa qondaalota mootummaarratti akka raawwatan jiraattonni afur mirkaneessaniiru. Akka jiraattonni jedhanitti haleellaa bakkeewwan magaalattii garagaraa sa’aatii garagaraatti mudataniiru jedhaman kanaan lubbuun darbe hin jiru. Haleellaa kanaafis jiraattonni hidhattoota #Faannoo yoo shakkan kaan immoo ''namoota dhuunfaa'' ta'u danda'u jedhan. Haleellaan jalqabaa hogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina #Kaaba_Walloo safara Mugaad jedhamuufi mana kireeffatanii jiraatanirratti kan darbatame yoo ta’u, haleellaa kanaan qabeenyi manca’uu ala qondaallis ta’e maatii isaaniirratti miidhaan akka hin dhaqqabne jiraattonni himaniiru. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c7221l253yxo
4 4753Loading...
Photo unavailableShow in Telegram
Oduu: Baankiin misooma Afrikaafi Itoophiyaan piroojektii $95M jijjiirama qilleensaa ittisuuf oolu ifoomsan Gareen Baankii Misooma Afrikaafi fi mootummaan Itoophiyaa waloon ta’uun piroojektii maallaqa doolaara miliyoona 94 ittiisa jijjiirama qilleensaaf oolu ifoomsan. Gargaarsi maallaqaa kuni doolaara miliyoona 54 Baankii Misooma Afrikaatiin kan deeggarame yoo ta’u maallaqa doolaaraa miliyoona 10 mootummaan Itoophiyaa kan taasisu ta’uu ibsameera. Akkasumas, doolaara miliyoona 20 mootummaa Neezarlaand, doolaara miliyoona 10 dhaabbata xaa’oo omishu OCP-Afrikaaa jedhamuufi doolaara 300,000 Giddugala Madaqsuu Idiladdunyaatiin kan deeggaramu ta’a. Piroojektiin kuni omisha qamadii naannoolee Affaar, Oromiyaa, Somaaliifi Affaar keessatti heektaara tokkoo toonii sadi argamu gara toonii afuriitti guddisa. AS https://afdb.africa-newsroom.com/press/african-development-bank-group-ethiopia-launch-94-million-project-to-boost-climate-resilient-wheat-value-chain-development-in-ethiopia?lang=en
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Giddugaloota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame #Itoophiyaa naannawaa garaagaraatti giddugaltoota fayyaa kuma 2 ol ijaaruuf dhaabbilee afur gidduutti waliigalteen dolaara miiliyoona 250 mallatteeffame. Dhaabbileen kunneenis Ministeera Fayyaa, Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa, Yuunivarsiitii Boongaa fi dhaabbata tola oolaa ‘Raashiyaa Paan-Afrikaa Paablik Piraayiveet Tumsa Misoomaaf’ jedhamu gidduutti mallatteeffameera. Bu’uura waliigaltichaan pirojektichi waggoota shaniif kan turuu fi giddugaloota fayyaa kuma 2 ijaaruuf kan hojjetamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan dubbataniiru. Giddugaloonni ijaaramanis fayyaa haadholii fi daa’immanii, maanguddoota, dargaggoota akkasumsa da’umsaan walqabatee, talaalliin, karoora maatii fi sirna hormaataa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’u ibsuu TOI gabaaseera.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Barbaraan biyyoota Sahaaraa gadii keessaa buufata doonii isa filatamaa bara 2023 jedhame Baankiin Addunyaa sadarkaa madaallii gahumsaa buufataalee doonii addunyaa bara 2023 ifa godheen buufatni doonii #Somaalilaand bulchitu Barbaraa biyyoota Sahaaraa gadii keessaa adda duree ta'e. Dhaabbatichi sadarkaa buufatalee doonii konteenara qubsiisanii kan hojjete tajaajila si'ataa isaan kennan irratti xiinxala hojjeteen akka ta'e ibseera. Keessumaa ammoo turtiin dooniiwwan konteenara baatan buufata doonii turan irratti hundaa'a. Akka BBC'n gabaasetti addunyaarratti tajaajila si'ataa kennuun buufatni filatamaa ta'e kan #Chaayinaa argamu Yaangishaani. Afrikaa keessaa sadarkaa tokkoffaarra kan jiru ammoo buufatni doonii #Morookoo ‘Tanger-Mediterranean’ ta’uu ibsameera. Biyyoota Sahaara gadii keessaa ammoo Barbaraan buuftaalee doonii Baha Afrikaatti argaman #Jibuutii, #Moqaadishoo, #Mombaasaa fi #Daareeslaam irra aaneera.
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
#Oromiyaatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa xumurame Naannoo Oromiyaatti qormaanni Naanno kutaa 8ffaa guyyoota lamaaf kennamaa ture xumuramuu Biiroon Barnoota Naannoo Oromiyaa beeksise. Qormaatichi Waxabajjii 4 hanga 5, 2016 kennamaa tureera. Barattoonni kuma 672 fi 500, wiirtuulee qormaataa kuma 1 fi 424tti qormaaticha fudhachuu biirichi eereera. Haaluma kanaan qormaatichi rakkoo tokko malee xumuramuu ibsameera.
Show all...
Oduu: #Itoophiyaatti wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana murtii malee butuu eeyyamu paarlaamaaf dhiyaate Wixineen qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuu yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni yakkaa ajaja mana murtii malee toftaalee kominikeeshinii fi xalayaa butanii akka hordofan eeyyamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaaf dhiyaate. Wixineen seeraa paarlaamaatti dhiyaate kun qaamni qoratu ''haalli muddamaa yoo qunname'' hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa dhimmichi ilaallatu eeyyamsiisuun ajaja mana murtii malee ergaawwan kominikeeshiniifi xalayaa akka butuu dandeessisa. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4091
Show all...
Itoophiyaatti wixineen seeraa toora kominikeeshinii ajaja mana murtii malee butuu eeyyamu paarlaamaaf dhiyaate - Addis Standard

Finfinnee, Waxabajjii 12/2024 – Wixineen qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuu yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni yakkaa ajaja mana murtii malee toftaalee qunnamtii (kominikeeshinii) fi xalayaa butanii akka hordofan eeyyamu Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaaf dhiyaate. Wixineen seeraa paarlaamaatti dhiyaate kun qaamni qoratu ”haalli muddamaa yoo qunname” hoogganaa olaanaa jaarmiyaa Abbaa Alangaa …

Oduu: Baajata bara dhufuuf  ramadame sassaabuuf mootummaan sirna gibiraa jijjiiruu karoorfate Baajannii bara dhufuu maallaqa Tiriliyoona tokko ramadamuu hordofee mootummaan galii maallaqa dabalataa birrii biliyoona 92.5 sassaabuuf sirna gibiraa jijjiiruuf ta’uu himameera. Wiixineen baajataa kuni Waxabajjii 11, 2024 mariidhaaf gara koree dhaabbataatti qajeefameera. Akkaataa wixinee labsii kanaatiin, maallaqni birrii biliyoona 971 ta’uu baasii mootummaa federaalaaf kan oolu ta’uu ibsameera. Akkasumas, maallaqni biliyoona 238 baasii kaappitaalaa, 452.3 baasii dhaabbataa, 222.7 mootummaalee naannoo deeggaruuf, kan oolu ta’a. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4088
Show all...
Baajata bara dhufuuf ramadame sassaabuuf mootummaan sirna gibira haaromsuu karoorfate - Addis Standard

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2024 – Baajannii bara dhufuu maallaqa Tiriliyoona tokko ramadamuu hordofee mootummaan galii maallaqa dabalataa birrii biliyoona 92.5 sassaabuuf sirna gibiraa jijjiiruuf ta’uu himameera. Wiixineen baajataa kuni Waxabajjii 11, 2024 mariidhaaf gara koree dhaabbataatti qajeefameera. Akkaataa wixinee labsii kanaatiin, maallaqni birrii biliyoona 971 ta’uu baasii mootummaa federaalaaf kan oolu ta’uu ibsameera. Akkasumas, maallaqni …