en
Feedback
Caffee Mooraa-Jimmaa

Caffee Mooraa-Jimmaa

Open in Telegram

Jaalala_Qabaadhu Waaqayyoon jaaladhu; mootummaasaa jaaladhu; nama hundaa jaaladhu; jaalalli jaalala fida. Haa ta'uutii ati tajaajila kee akka hojiitti qofa, akka dirqamaatti, ykn kaayyoo ta'eef qofa akka ta'eetti kan ilaaltu yoo ta'e bu'aan kee maalinni?

Show more
2 914
Subscribers
No data24 hours
-47 days
-1430 days
Posts Archive
ሥላሴ አይቀዳደሙም SILLAASEN WAL HIN DURSAN ✍️Qaama Sillaasee keessatti wal dursuun hin jiru.Yeroo tokko itti jiraatee tokko immoo itti hin jiraanne hin jiru. Kanaaf abboonni:- ❝አሐቲ ቅድምናሆሙ ለሥላሴ ወዕሩያን እሙንቱ በቅድምና አሐቲ ክዋኔሆሙ ለሥላሴ ለሥላሴሰ አልቦሙ ሰዓት ከመ ቅጽበተ ዓይን — Dursummaan sillaasee tokkittiidha. walqixadhas.jireenyummaan isaanii tokko. Hanga libsuu ijaa illee wal hin dursan❞, jedhaniiru. Kan dahuu fi kan dhalatu, akkasumas kan bahu gidduu wal dursuun hin jiru.Gooftan isa kana yeroo qulqulluu Pheexiroos fakkeenyan barsiisu፦ ❝አቡየ ፀሐይ ወአነ ብርሃኑ ወመንፈስ ቅዱስ ዋዕዩ —Abbaan koo aduudha.Ani ifa isaati.Afuurri qulqulluunis hoo'a isaati❞, jedheera. (Kitaaba Qalamenxoos). ✍️Uumamni isa jalqabaa ta'uu hin danda'u.Uumaan garuu yeroo hundumaa isa jalqabaati. Qaamni abbaa,kan ilmaa fi kan afuura qulqulluu sadanuu osoo adda bahanii wal hin dursin jalqaba kan tureedha.Kanaaf፦ ❝Duruma isaan tokkodha ❞, jedhamu. ❝ Balaqqeessa galataan kan uwwifaman,Ibidda boba'uunis kan golgamaniidha.Tokko isa tokko,lammaffaanis isa sadaffaa hin dursu.Hanga fiigicha qilleensaa fi libsuu ijaallee wal hin dursan❞, jedha aabbaa Giyoorgis inni Gaasiccaa . (Kitaaba Icciitii 5÷1) ❝አኮ ከመ አብርሃም ዘይልህቅ እምይስሐቅ ወይስሐቅ ዘይልህቅ እምያዕቆብ አኮ ከማሁ ለመለኮት -Abrihaam Yisi'aaq akka caalu,akka dursus,Yisi'aaqis Yaa'iqoob akka caalu,akka dursu,Yaa'iqoobis Yisi'aaq irra akka xiqqaatu waaqummaadhaaf akkana miti.Caaluu fi walcaaluu,dursuu fi wal dursuu hin qaban❞, jedha aabban Iriyaaqos Qiddaasee Maariyamii irratti. ✍️Hayyoonni 318 qiddaasee isaanii irrattis፦ ❝አልብነ ቀዳማዊ ወአልብነ ደኀራዊ — Dursaa fi Itti aanaa hin qabnu❞, jechuudhan icciitii kana ibsaniiru. ✍️ Kanaaf dursummaan kun abbaa,ilmaa fi afuura qulqulluu keessa walqixa ta'ee kan jiruudha. Dursummaa sadi hin jedhamu, tokkodha malee.Dursummaa abbaa, ilmaa fi afuura qulqulluu jennee qoqqooduu hin dandeenyu.Dursummaadhuma tokkittii santu kan jara sadaniiti.Qaamni sillaasee dursummaa isaanitiin jabaatanii kan jiraataniidha.Kanaaf qaamni abbaa, kan ilmaa fi afuura qulqulluu ta'uutti,qaamni ilmaas kan abbaa fi afuura qulqulluu ta'uutti, qaamni afuura qulqulluus kan abbaa fi ilmaa ta'uutti hin jijjiiramu. ❝እስመ አነ አምላክ ዘኢይትዌለጥ — Ani waaqayyoon hin jijjiiramu❞, jedha. (Milk 3÷6). Tokkummaa fi sadummaa isaanin jabaatanii kan jiraatan Sillaaseef galanni haa ta'u Ameen! Barreessan :- D/n Hayila raagu'eel Afaan oromootti kan hiike:- YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

ዕርገተ እግዝእ OL BAHUU GOOFTAA 🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿 ✍️Ayyaanota gooftaa keenyaa gurguddoo salgan keessaa isa tokko kan ta'e ayyaanni olbahuu gooftaa, ayyaanni du'aa ka'umsaa kabajamee gaafa guyyaa 40ffaa kan kabajamudha. ✍️Guyyaa kanatti gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon keenya isa uffateen kara samiitti ol baheera.Innis erga du'aa ka'ee guyyaa afurtama booda kara samiitti ol bahe. ✍️"Hanga Biitaaniyaatti isaan fudhatee deeme. Harkasaa kaasees isaan eebbise. Isaan eebbisaas isaanirraa adda bahe. Gara samiittis ol bahe. Isaanis sagadaniifii gammachuu guddaadhaan gara Iyyarusaalem deebi'an. Yeroo hundaas Waaqayyoon galateeffachaa eebbisaa mana qulqullummaa keessa jiraatan." Jedha.[Luq 24:50-53]. ✍️Yeroo kana, "Kiruubel irra taa'ee olbahe,koochoo qilleensotaa irras taa'ee olbahe",kan jedhu raajiin qulqulluu Daawit raawwatameera. Dabalees,"Waaqni keenyi ililleedhaan, Waaqayyo sagalee faaggaadhaan olbahe, faarfadhaa Waaqa keenyaaf faarfadhaa",jedha.[Faar 46:5]. ✍️Olbahuu isaa kanaan warreen isatti amanan ulfinaan kara jiraatanitti kan olbahan ta'uun isaanii hubatame."Bakka mataan jiru qaamnis achi ni jiraata",jedhamee akka dubbatame. ✍️Addaam lafaa fi si'oolii keessa jiraachudhaan isa jalqabaa akkuma ta'e, Addaam inni lammaffaan gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon Addaam uffatee kara samiitti olbahuun isa jalqabaa ta'e. ✍️Shakkitoonni olbahuun isaa isa dhugaatii miti,kan fakkeeffamee hojjatameedha akka hin jenneef gooftan akkuma du'aa ka'een osoo hin taane guyyaa afurtama boodadha kan inni kara samiitti olbahe. Guyyoota afurtamman kanas jeeqamaa fi dhiphachaa kan turan duuka bu'ootaa isaa Jajjabeessaa ture. ✍️Guyyaa olbahuu isaa kana, "Halkaniin mul'ata nan arge,kunoo guddaan akka ilma namaa ta'e ni dhufe,kara bara isa dulloomsuutti gahe,fuuldura isaattis dhiyeessan,bittaa bara baraa,gooftummaa, aangoon mootummaa bara baraa isaaf kenname, Ormoonni hundi qe'ee tolchatanii waliin jiraatan qomoowwan fi mootonni hundi isaaf bitamu,bittaan isaa bittaa bara baraa,mootummaan isaas kan hin darbine,kan hin badne jiraatadha", kan jedhu raajin Daani'eel raawwatameera. #Eebbi olbahuu isaa hunduma keenya irra haa bulu Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

Luq 13:24” balbala isa dhiphaadhaan seenuuf qabsaa’aa” H/E 14:22” rakkoo bay’ee keessa darbuudhaan mootummaa waaqayyoo galuun nuuf ta’aa” 2Qor 1:10” Waaqayyo du’a isa sodaachisaa jalaa nu fayyiseera, nu fayyisasi, amma iyyuu deebisee akka nu oolchuuf abdii keenyaa isarra kaa’anneerra.” “gara boqonnaa sanaatti galuuf ni qabsoofna” Ibr 4:11 ➪ #Qolosaayis 3:3-4 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu. ➠ Kuni fayyina isa xummuraadha walumaa galatti fayyinni hafuuran kan eegalame jireenya dhala namaa keessatti kan itti fufuuf bara dhumaatti immoo xummura kan argatudha. ◈ #𝙁𝙖𝙮𝙮𝙞𝙣𝙚𝙚𝙧𝙧𝙖 Kan jedhu fayyina #𝐊𝐢𝐫𝐢𝐬𝐭𝐨𝐨𝐬𝐢𝐧 argame ◈ #𝙁𝙖𝙮𝙮𝙖𝙖_𝙟𝙞𝙧𝙧𝙖 jireenya keenya hojiin kan argamu ◈ #𝙉𝙞_𝙛𝙖𝙮𝙮𝙞𝙣𝙖 kan jedhu immoo kabaja bara baraa kan ta'e xummuraa isa dhumaa agarsiisa. Galanni Waaqa nu fayyiseef haa tahu! Xumura keenya nuuf haa miidhagsu! https://t.me/DooniiNoh

Fayyineerraayi? Flip 2:12 "...sodaa fi hollannaan fayyina keessan raawwadhaa" ✝️ #Fayyinni_maali_eenyutu_nu_fayyise? ▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰ ✍︎ Fayyineerra fayyaas jirra gara fuulduraas ni fayyina jechuun maal jechuudha? ➥ Akka macaafolii qulqullaa'oof barumsa mana kiristiyaanatti fayyinni karaalee hedduun yeroo ibsamu ni agarra; fayyineerra fayyaas jirra gara fuulduraas ni fayyina. Kuni dabaree fayyinaa kan agarsiisu malee walii walii isaan kan wal faalleessu miti. 1☞︎︎︎ #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚 "Iyyasus kiristoos nu fayyisuuf dhufe" Q.Efreem ➥ Jechi kun kan nu agarsiisu karaa gooftaa fi fayyisaa keenya iyyesuus kiristoosin jalqaba irratti fayyinni xummuramuu ykn dhalli namaa fayyuu isaati. miindan cubbuu kanfalameera ; Duuti aangoon isaa harkaa mulqameera ; Gabrummaa seexanaa jalaa karaan ittiin baanu saaqameera. Iccitii cuuphatiin fayyisuu gooftaa iyyesuus kiristoos hojii isa waliin qooddachuun du'a cubbuu jalaa baanee jireenya hafuurawaa yeroo eegallu #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐞𝐞𝐫𝐫𝐚 jechuu ni dandeenya.Akkuma qulqullichi phaawuloos erga isaa irratti dubbatetti ➪ #Efesoon 2:8 Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti. Dabalees ➪ #Qolosaayis 1:13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; Galata Maariyaam Kibxata lakk 15 "Yaa Maariyaam haadhaafi tajaajiltuu Waaqayyoo kan taate gammadi. Isa ati haammatte Ergamoonni ni galateeffatu. Kirubeelis sodaadhaan isaaf sagadu, Suraafeelis utuu walirraa hin kutin kaattuu saanii diriirsanii "Mootiin galateeffatamu isa kana baayina dhifamasaatiin cubbuu addunyaa balleessuuf kan dhufe isa kanadha" jedhu 1Yoh 4:9-10 ”waaqayyo akka nuti isaan jireenya argannuuf ilmasaa tokkicha gara Addunyaatti erge” 2:☞︎︎︎ #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚_𝐣𝐢𝐫𝐫𝐚 ➥ Kun immoo kan inni agarsiisu fayyinni jalqaba/eegala irra akka jirudha. Cuuphadhaan bu'uura fayyinaa yoo argannes garuu bara jireenya keenya keessatti cubbuu waliin; Addunyaaf diina keenya diyaabiloos waliin mormii guddaatu nurra jira. Kanaaf Kadhannaadhan ;Sooman; Gaabbii galuun;Foonif dhiiga gooftaa Iyyesuus Kiristoos fudhachuun Seera isaa eegun daandii fayyinaa kana irra imalaa jirra. Guddina hafuuraa cimsuun bartee cubbuu dhiisudhaan hojii hafurawaa kana irraa hirmaachun #𝐅𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚_𝐣𝐢𝐫𝐫𝐚 jechuudha. Qulqullichi phaawuloos hammas deebisee akkuma barreesse. ➪ #Fiiliphisiyuus 2:12 Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa. Jechuun fayyinni jireenya dhala namaa keessatti yeroo hunda akka barbaachisu ibsa. Yoh A-Werqee(Hangafa phaaphaasota Qusxinxiniyaa) dubbii Abbootaaa kut-2, 39. Hiika Ibr hiikaa isaaaf Keeyyata 7ffaa. "Kanaan booda isaatti amanuu, Abdii keenyaan barabaraan jabaannee jiraachuu, jabinaa fi tokkummaa yoo qabaanne bultoo waaqayyo taana" "Qabsuuuratti jabaannee , kan nuuf raawwatu amannee hojii gaarii jabeessinee yoo qabanne, abdiin isaa barabaraaan akka jiraatu nutti agarsiisaa."Ibr 3;7 “Haa ta’u malee cubbuu foonii akka balleessuuf isa waliin kan fannifame dhaqna keenya isa moofaa akka ta’e ni beekna. Kanaan booda lammaffaa cubbuudhaaf akka hin bitamneef itti hin deebinu ”(Rom 6:6,20:22). 1.3. 3:☞︎︎︎ #𝐍𝐢_𝐟𝐚𝐲𝐲𝐢𝐧𝐚 ➥ Inni xummuraa kuni immoo kan inni nu hubachiisu fayyinna isaa xummuraa yoo ta'u gara fuulduraaf immoo abdiidha. kunis gooftan keenya yeroo lammaffaa dhufu du'a keessaa kaanee; qaama kabaja qabu uffannee; gara mootummaa waaqayyootti yeroo galluuf waaqayyoo waliin bara baraan yeroo jiraannudha. Yeroo sana cubbuu, du'aaf dhiphuu hunda irraa bilisa ni taana. ➪ #Maatewos 10:22 Namni hundinuu sababii kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.

‎CAAMSAA 11 ‎BOQONNAA QULQULLUU YAAREED ‎✍️Qulqulluun Yaareed sanyii luboota Aksuum keessaa dhalate.Barsiisaa isaa abbaa Geediwoon jala taa'ee yeroo baratu barumsi isaaf galuu didee isa rakkisa ture.Innis abdii kutee dhiphachaa muka tokko jala yeroo boqotu, raammoon tokko muka irra olbahuun ishee osoo rakkisuu yaalii baayyee booda yeroo olbaatu ilaala.Ishee irraa baratee gara barsiisaa isaatti deebi'uun barumsa isaa itti fufe.Yeroo gabaabaa keessatti kakuu moofaa fi kakuu haaraa xumuree diyaaqonii ta'ee muudame. ‎Simbirroowwan sadi Edoom gannatii dhufanii gara samiitti isa olfudhachuun isaan waliin olbahee galata luboota samii digdamii arfanii barate. ‎Gara lafaatti deebi'ee, "ሃሌ ሉያ ለአብ, ሃሌ ሉያ ለወልድ, ሃሌ ሉያ ለመንፈስ ቅዱስ..."Galanni abbaaf, galanni ilmaaf,galanni hafuura qulqulluuf haa ta'u.Tsiyoon ishee gaarii samii uume.Akka itti hojjatamtu immoo Muusee barsiise",jedhee galateeffate. ‎Galanni kun አርያም (Aariyaam) jedhama. ‎✍️Yeroo inni galateeffatu mootota dabalatee uummanni hundi isa dhaggeeffatu turan. ‎Yeedaloo sadi; gi'iizii,izilii fi araaraay jedhaman waqtiidhan qoodee qopheesse.Sagaleen allaattiiwwanii,kan namaas ta'ee kan bineensotaa yeedaloo kanaa ala hin bahan. ‎✍️Guyyaa tokko osoo mootii Atse Gabra Masqal waliin galateeffatanuu mootiin tasa ulee isaanii sibiilaatiin miila isaa waraananii dhiigni fi bishaan miila isaa keessaa yaa'e. ‎Qulqulluun Yaareed garuu hanga galanni sun xumuramutti akka miilli isaa waraaname quba hin qabu ture. ‎✍️ Mootiin ajaa'ibsiifachuun, "Maal akkan siif godhu ‎barbaaddaa?",jedheen.Qulqulluun Yaareed deebisee, "Gara gadaamii deemeen monoksee ta'ee jiraadhaa na gaggeessi", jedheen.Mootiinis osumaa garaan raafamuu gaggeesse.Kana booda qulqulluun Yaareed taabota Tsiyoon fuuldura dhaabbatee አንቀጸ ብርሃን (Baha ifaa) nuti har'a kadhannu kanaan dubree Maariyamii galateeffate. Yeroo galateeffatu kana hanga ciqilee tokkoo lafa irraa ol ol jedha ture. ‎✍️Kana booda gara kaabaatti imalee qabsuura baayyee erga taasisee booda guyyaa kana qabsuura isaa xumure. ‎Tokkos abboonni, "Gara biyya jiraattotaa (ብሔረ ሕያዋን) Waaqayyoon isa fudhatee", jedhanii nu barsiisu. ‎ ‎Eebbi Qulqulluu Yaareed nu waliin haa ta'u! ‎ ‎Madda : Sinkisaara Caamsaa 11 ‎YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

ትወደኛለህን❓️ NA JAALATTAA❓️ [YOH 21÷15]. ✍️Qulqulluun Pheexiroos du'aa ka'uumsa gooftaa booda akka dursaa sanatti gooftan isaan waliin jiraachuu waan hin dandeenyef, "ani Qurxummiin kiyyeessuu kara galaana Xibriyaados deema", jedhe.Duraan maaddii gooftan eebbisu nyaatu turan.Hamma garuu gooftaa of biraa dhabanii rakkatan.Duuka bu'oonni kuunis abdii kutanii isa waliin deeman. ✍️Halkan guutuu Qurxummii kiyyeessaa bulanii garuu homaa hin qabanne jedha. Gooftan ganama itti mul'atee, "Yaa ijoollee koo mee waan nyaatamu qabduu?",jedheen.Akka isaan homaa hin qabne ni beeka.Garuu rakkoo isaanii akka himatan barbaadeeti. Isaanis homaa akka hin argatin yeroo itti himan, "Kiyyoo keessan karaa mirgaa darbadhaa nii aragattu",jedheen.[Yoh 21÷6]. Yeroo kana ajaja isaatin darbatanii hanga harkisanii olbaasuu dadhabanitti Qurxummiin kiyyoo isaanii guuteef. ✍️Abbaa jaalalaa kan ta'e gooftan keenya Iyyasuus Kiristoos halkan beelan akka isaan bulan waan beekuf laga cinaatti maaddii qopheessee isaan soore. Kiyyoon fakkeenya wangeelaati.Karaa mirgaa darbadhaa jechuun isaa hojiin keessan kan eebbifamu yoo jaalalli koo keessa jiraatedha.Fedhii koo malee homaa hin hojjatinaa jechuu isaati. ✍️Kana booda gooftan Pheexiroosin, "na jaallattaa?" jedhee gaafate.Qulqulluun Pheexiroos deebisee,"Eeyyen yaa gooftaa akkan si jaalladhu atuu ni beektaa",jedheen. Gooftaanis, "Hoolota koo naaf eegi", jedheen.kunis yeroodhaaf duuka bu'oota 12'n yoo ta'u xumurri isaa garuu Barsiisota wangeelaa si booddee dhufan hundaa naaf eegi jechuu isaati. Lammaffaas deebisee, Yoo na jaallatte korbeeyyii hoolotaa koo naaf eegi",jedheen.yeroodhaaf gargaartota 72'n yoo ta'u xumuurri isaa garuu amantoota koo hundaa naaf eegi jechuu isaati. ✍️Sadaffaas, "Yoo na jaallattee Ilmoolee Hoolotaa koo naaf eegi",jedheen.Yeroodhaaf dubartoota 36'n yoo ta'u xumuurri isaa garuu amantoota hundaafidha. #Tokkos Hoolota kan jedhaman abbootii fi haadholii,Ilmoolee Hoolotaa kan jedhaman daa'imman,akkasumas korbeeyyii Hoolotaa kan jedhaman dargaggootadha. #Ofii isaatii halkan fi guyyaa osoo na eeguu abboota keenya illee tiksee godhee kan nuuf kenne gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosif galanni haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

Afaanota akka Gi’iizii, Amaariffaa fi Afaan Oromoos dabalatee aadaa keenya keessatti, wantoonni baay’ee kabajamoo ta’an, jireenya kan kennanii fi jaalala guddaa qaban bifa guddisaa (waamicha kabajaa) saala dubartiitiin waamamu. Fakkeenyaaf: Biyyoo isheen nyaata nuuf kennitu, Aduun isheen ifa nuuf kennitu, Markabni balaa irraa namoota oolchitu, fi Manni Kiristiyaanaa isheen amantoota hunda sassaabdee guddistu seerluga dubartiitiin waamamu. Yeroo “Qulqulleettii” jennu, jecha amala saalaa ibsuuf osoo hin taane, jecha maalummaa araaraa fi gara-laafinaa (Feminine of Endearment and Majesty) agarsiisu fayyadamaa jirra. Kanaafuu, Manni Kiristiyaanaa Sillaasee “Qulqulleettii” jettee yommuu waamtu, fageenya jaalalaa fi kabaja guddaa akka warqee calaqqisu agarsiisuuf malee gonkumaa Waaqayyoof amala foonii laatteefii miti. Walumaagalatti, Manni Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo “Qulqulleettii Sillaasee” jettee yommuu waamtu, akka warri hubannoo hin qabne mufatanitti Waaqayyoof saala foonii laattee miti. Inumaayyuu, afaan namootaa isa hanqina qabu kanaan, jaalala Waaqayyoo isa madaalamuu hin dandeenye, dhiifama isaa isa akka haadhaatti nutti maramu, fi madda jireenyaa ta’uu isaa agarsiisuufidha. Guddinni Iccitii Sillaasee sadarkaa hubannoo foonii irra kan darbeedha; jechoonni nuti fayyadamnu hamma nuuf danda’ametti amala Waaqayyoo ibsuuf malee, Waaqayyoon daangessuuf miti. Warri fooniin yaadanii ‘maaliif dhiiraan hin waamne?’ jedhan, Waaqayyo Uumaa afuuraa ta’uu isaa irra darbuun, gadi buusanii madaaluu isaaniiti. “Qulqulleettii” jechuun Sillaaseef waamicha jaalalaa, waamicha amantoota onnee irraa madduudha. Kanaafuu, obboloonni yaada kana morman jalqaba xiyyeeffannoo fi hiika loogaatiif osoo hin taane, fageenya iccitii Waaqayyoo fi barumsa dhugaa abbootaa hubachuun isaan irra jiraata. Iccitiin Waaqayyoo fageenya loogaatiin kan daangeffamu osoo hin taane, bal’ina afuuraatiin kan baramuudha. Obboloonni dhugaa kana hubatanii onnee isaanii dhugaaf banuudhaan guddummaa fi araara Waaqayyoo jala buluun isaan irra jiraata! Channel kanatti makamuu hin dagatinaa! Dn Misganu Mulatu Caamsaa 7, 2018. https://t.me/DooniiNoh

49:15) jechuun Waaqayyo araara isaa isa guddaa jaalala haadhaatiin wal bira qabee, haadhas caalaa akka nu jaallatu ittiin ibseedha. Akkasumas Raajicha Hose’aa irratti “Efreemiin kan irree isaa qabee miillaan deemuu barsiise anuma; … Ani funyoo gara laafina namaatiin, funyoowwan jaalalaatiinis isaan nan harkise” (Hos. 11:3—4) jechuun eegumsa haadhummaa Isaa nuuf mirkaneessa. Jechi Afaan Ibrootaa garaalaafummaa ykn araara Waaqayyoo ibsuuf tajaajilu ‘Raham’ yoo ta’u, inni immoo kallattiidhaan gadameessa haadhaa wajjin hidhata kan qabuudha. Iccitii kana Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee yommuu bal’isu, “Waaqayyo fooniin dubbachuu kan filateef, nuti dadhaboon akka isa hubannuufidha. Yommuu inni akka abbaatti ajaju ni sodanna; yommuu inni akka haadhaatti nu hammachuu dhufu immoo jaalala isaa isa onnee namaa baqsu sana hubanna” jedha. Kana malees Qulqulluu Efreem inni Sooriyaa faarfannaa isaa keessatti Afuura Qulqulluu fi araara Sillaasee yeroo baay’ee fakkeenya haadhaatiin yommuu waamu, “Garaa isaa isa dhiifamaan guutame keessaa araarri akka haadhaa nuuf dhangala’e” jechuun ibseera. 2ᶠᶠᵃᵃ — Madda Jireenyaa fi Kunuunsaa Ta’uu Isaa Ibsuuf: Haati sababa ilmi namaa gara addunyaa kanaatti dhufuuf madda akkuma taate, Waaqayyos uumama hundumaa kan uumee fi jireenya kan kenne ta’uu isaa agarsiisa. Qulqulloota akka Qeerloos fi Atenaatewoos iccitii Sillaasee yommuu ibsan, Tokkummaa fi Sadummaan Waaqayyoo uumama hundumaa of keessatti kan hammate, Madda Jireenyaa fi bishaan jireenyaa ta’uu isaa ragaa ba’u. “Akkuma haati mucaa ishee jajjabeessitu, anis akkasuma isin nan jajjabeessa” (Isa. 66:13) akkasumas, “Akkuma lukkuun cuucota ishee koochoo ishee jalatti walitti qabdu, ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqa nan barbaade!” (Maat. 23:37) jedhamee akkuma barreeffame Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos eegumsaa fi jaalala isaa fakkeenya haadhummaatiin ibseera. Kitaaba Keessa Deebii irrattis “Akkuma risaan man’ee isaa irra naanna’u, cuucota isaa irras balali’u, Waaqayyo koochoowwan isaa diriirsee, isaan fuudhee, koochoowwan isaa irrattis isaan baate” (Kees. 32:11) jechuun eegumsa haadhummaa of ibseera. Qulqulluu Awugustiinoos ragaa kanatti dabalatee, “Waaqayyo abbaa keenya dha; akkasumas Waaqayyo haadha keenya dha. Eegumsa isaatiin abbaadha; kunuunsa isaatiin immoo haadhadha” jechuun guddina Waaqayyoo ifa taasiseera. Waaqayyo ofii isaa nuuf ta’ee, madda qulqullummaa nuuf banuun akka haadhaatti nu sooree gara jireenyaatti nu fide. Warreen dhihaa irratti yeroo dheeradhaaf wanti mormii kaasaa ture dhimma dubartootaa mormuun ‘Maaliif Waaqayyo dhiira qofa bakka bu’a?’ jechuun amantaa kiristiyaanaa irratti ceephuu kaasu. Ceepha’uun kun garuu Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo keenya hin ilaallatu. Sababiin isaas barreeffama keenya keessatti Waaqayyoon moggaasa saala dhiiraan qofa osoo hin ta’in kan dubaraanis waan waamtuufidha. 3ᶠᶠᵃᵃ — Ogummaa Waaqayyoo Ibsuuf: Kitaaba Qulqulluu keessatti Ogummaan Waaqayyoo saala dubartiitiin fakkeeffamtee ibsamteetti. Kitaaba Fakkeenyaa boqonnaa 8 fi 9 irratti, Ogummaan isheen dubartiin fakkeeffamte Sillaaseedha. “Ogummaan mana ishee ijaarratte, utuboota ishee torba dhaabde” (Fak. 9:1) kan jedhu, Ogummaan Sillaaseedha, manni immoo uumama cufa ykn Mana Kiristiyaanaati. Sillaaseen Uumaa waan ta’aniif, uumamni hundumtuu dhaloota afuuraatiin isaan irraa argame. Kanaafuu jechi ‘Qulqulleettii’ jedhu araara daangaa maleessa, ho’ina jaalalaa fi eegumsa Sillaasee ibsuuf kan hojjetameedha. Abbaan faarfannaa Qulqulluu Yaareed Digguwaa fi Tsooma Digguwaa isaa keessatti irra deddeebi’uun “Qidist Sillaasee” (Qulqulleettii Sillaasee) jechuun faarfata. Amams barreeffama isaa keessatti “Ati abbaa keenyadha, ati haadha keenyadha” jechuun Abbaas haadhas nuuf ta’uu Isaa ifa godheera. Sillaaseen uumama isaa hunda akka haadhaa kan sooru, kan obaasu, rakkoo isaanii irraa kan isaan eeguu fi araara isaa kan isaaniif harcaasu ta’uu isaa yommuu faarfatu, Sillaasee araara isaa baay’ee sanaan waamicha dubartootaatiin “Qulqulleettii Sillaasee” jennee ni kadhanna. 4ᶠᶠᵃᵃ — Guddisaa fi Kabaja Afaanotaa Keessatti Iccitii Jiru:

“Qulqulleettii Sillaasee” Jennee Maaliif Waamna? Dursa baga geessan! 🥰 🎉 Iccitii Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo keessaa inni guddichi fi bu’uurri amantaa Iccitii Sillaasee (Sadummaa fi Tokkummaa Waaqayyoo) dha. Iccitiin kun sammuu fooniitiin qoratamatee kan bira ga’amu osoo hin taane, ibsa Afuura Qulqulluutiin kan hubatamuudha. Gaaffiin “Qulqulleettii Sillaasee jennee maaliif waamna?” jedhu, gaaffii yeroo baay’ee obboloonni hubannoo dabalataa barbaadan Mana Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo irratti dhiyeessan keessaa isa tokkodha. Obboloonni kun, “Sillaaseedhaan ‘Qulqulleettii’ jettanii seerluga dubartiin maalif waamtu? Sillaaseen dubartiidhaa?” jechuun gaaffii hubannoo dhabuu irraa madde nu gaafatu. Kana jechuun ulfaatus, gaaffii kana isa gaafateef deebii kennuun duratti inni kana gaafate ‘Ani abbaa fi haati koo afuuraa eenyu?’ jedhee osoo of gaafateera ta’ee kana beekuun isa hin rakkisu ture. Sababiin isaa, obboloonni kun abbaa fi haadha afuuraa isaanii warra sirrii waan hin hubanneef, akkasumas... “Dhugaa beektu, dhugaanis birmaduu isin baasa” (Yoh. 8:32) jedhameera waan ta’eef, ijoollee Waaqayyoo waan ta’aniif kaanee iccitii dhugaa ragaa cimaadhaan isaanitti himuun deebii jaalalaa kennuudhaan qalbii isaanii dhugaaf banuun dirqama keenya ta’a. Kaayyoon gaaffii obboloota kanaa inni guddaan, “Qulqulleettii Sillaasee hin jedhinaa, Qulqulluu Sillaasee jedhaa” waan jedhuuf kan ka’eedha. Nuti “Qulqulleettii Sillaasee” jennee waan waamneef Sillaaseen dubartiidhaayyuu akkasitti waamtu erga nuun jedhamee, isin warri “Qulqulluu Sillaasee” jettanii waamaa jirtan kun immoo Waaqayyo inni dhiiramoo kan akkasitti isa waamtaniif? Kun hunduu haasaa fi yaada foonii irraa kan madduudha. Egaan Waaqayyoon dhiisii Ergamootni Waaqayyoo illee saala kan hin qabne beekamuus, Waaqayyo ilmaan namootaatiif kan barreesse Kitaaba Qulqulluu irratti akka barsiifata ilma namaatti saala tokkoon bakka bu’ee barreeffamee jira. Manni Kiristiyaanaa Ortodoksii Tewaahidoo yommuu Sillaasee (Sadummaa fi Tokkummaa Waaqayyoo) “Qulqulleettii” jettee saala dubartiin waamtu, fooniin yaaddee, hir’ina uumamaa itti fiduuf ykn Waaqayyoof saala kennuu ishee miti. Iccitiin isaa tolummaa, araara, eegumsaa fi jaalala Waaqayyoo daangaa maleessa ta’e agarsiisuufidha. Jalqaba irratti hubatamuu kan qabu, Waaqayyo Afuura waan ta’eef saala dhiiraa ykn dhalaa hin qabu — Waaqayyo saala irraa bilisa. Kitaaba Qulqulluu keessatti “Waaqayyo Afuura” (Yoh. 4:24) jedhamee akkuma barreeffame, Waaqayyo uumama foonii irraa bilisa. Saalli dhiiraa (kormaa) fi dhalaa uumama fooniif kan kenname malee, Uumaa kan ta’e Waaqayyoof kan safaramu miti. Iccitii kana ilaalchisee Qulqulluu Gorgooriyoos inni Inzinaazuu, Waaqayyo saala irraa bilisa ta’uu isaa erga mirkaneessee booda, “Dhiirummaa fi dubartummaan bifa Waaqayyootiin uumaman. Kana jechuun, ciminnii fi abbummaan dhiiraa, akkasumas jaalallii fi garaalaafummaan dubartii hundumtuu madda tokko qabu; innis Waaqayyoodha. Kanaaf Waaqayyoon amala haadhummaatiin waamuun mudaa malee ulfina isaati” jechuun mormitootaaf deebii quubsaa kenneera. Haa ta’u malee, Waaqayyo ulfina isaa, humna isaa, abbummaa isaa ibsuuf yeroo baay’ee saala dhiiraatiin (Fakkeenyaaf: “Abbaa keenya”) of waama. Karaa biraa immoo, Waaqayyo araara isaa, garaalaafummaa isaa, kunuunsa isaa fi madda jireenyaa ta’uu isaa ibsuuf fakkeenya haadhaatiin, jechuunis saala dubartiitiin ibsama. Maaliif “Qulqulleettii” Jedhamee Waamama? Manni Kiristiyaanaa sababoota gurguddoo armaan gadiitiif iccitii kana ibsiti: 1ᶠᶠᵃᵃ — Araaraa fi Garaalaafina Waaqayyoo Ibsuuf: Haati mucaa isheef garaalaafummaa fi araara daangaa hin qabne qabdi. Waaqayyos cubbuu dhala namaa irra darbuun, dhiifama gochuun isaa fakkeenya jaalala haati mucaa isheef qabduun caalatti hubatama. Manni Kiristiyaanaa Tewaahidoo wanta Kitaaba Qulqulluu keessa hin jirre hin barsiistu. Dhugaan kunis Kitaaba Qulqulluu keessatti “Haati mucaa harma hoosiftu irraanfattii? Ilmaan gadameessa isheetiifis hin gaddituu? Isheen yoo irraanfatte iyyuu, ani si hin irraanfadhu!” (Isa.

   ✍️Abdiin isaa waaqa isaa kan ta'e, yeroo dogoggorus isatti kooluu kan galu, yeroo hundumaa waaqa isaatin "Si fulduura essaan deemaa?",kan jedhuudha. Qulqulluun Daawwitis,“Wanta yaaddoo sitti ta'u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha",nuun jedha.[Far. 55÷22]. ‎✍️Kanaaf obsi karaa ogummaa Waaqayyo biraan nu ga'uudha. Garuu obsi hadha'aa dha, firiin isaa garuu mi'aawaa dha. ‎Waaqayyo biraa obsan malee waan  gammachuu qabu argachuu hin danda'amu.Waan hunda caalu fudhachuuf, kan fooyya'ees argachuuf, wanta ulfina qabeessa ta'e fudhachuuf,ogummaan ittiin laphee keenya samii Aariyaam irratti waaqa keenya waliin jabeessinee ittin eegnu fi turru obsadha. Galanni waaqayyoof haadhasaa Dubroo Maariyaamiif ulfaataa fannoo isaaf haa ta'u Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

OBSA KIRISTAANUMMAA ‎✍️Kiristaana jechuun nama hubannaa fi ogummaadhaan deemudha. Karaan isaa tolaa fi dhumni isaa bareedaa akka ta’uuf obsa gonkaa qabaachuu qaba.Waan hundumaa keessatti Waaqayyoof abboomamuun obsa waan gaafatuuf. Duuka bu'aa jaallatamaan qulqulluu Phaawuloos obsa,firii afuuraa keessaa tokko akka ta'eeti tarreessa(Gal5÷22).                                    ✍️Walumaagalatti obsa jechuun gidiraa yeroo fi yeroon ala dhufu cichoominaan obsuu jechuudha. Gidiraa fi qoruumsa hunda keessatti haamilee fi abdiidhaan Gooftaa eeggachuu jechuudha. Abboommii isaa eeguu fi fedha isaa raawwachuuf guyyaa guyyaan carraaqqii keenya keessatti,kennaa waaqayyoo keessatti suuta suutaan guddachuu, ofii keenyaa fi namoota biroof obsuu jechuudha. Sanyii dubbii waaqayyoo akka amantii Kiristoositti laphee isaanii keessatti faca'ee irraa warra obsan qofatu firii godhata.                       ‎Isaan kun warra dubbii sana lafa gaarii irratti dhaga’anii garaa qulqulluu fi garaa gaariin eeganii obsaan firii godhataniidha [Luq 8÷15]. ‎✍️Yeroo godaansaa, yeroo hidhaa, yeroo of harkaa dhabuu, yeroo waan qabnuu fi waan goonu dhabnu; Yeroo rakkoon akka gaaraa nu mudatu kiristaana taanee obsaan deebii Kiristoos eegudha. Waa'ee maqaa isaatiif yoo jibbamne, yoo dhiibamne, yoo jal'oonni ka'an, shakkitoonni yoo guumguman obsaan isa eeguudha. "Kanaaf yaa obbolootaa, hamma dhufaatii Gooftaatti obsaa. Kunoo, qonnaan bulaan  rooba isa duraa fi isa boodaa hamma fudhatutti firii lafaa obsaan eeggata. Isin ammoo obsa qabaadhaa, laphee keessanis jabeessaa; dhufaatiin gooftaa dhiyaateraati. Yaa obboloota, akka isinitti hin murtoofneef walii walii keessanitti hin gumgumiinaa, kunoo abbaan murtii balbala irra jira. Yaa obboloota, fakkeenyaa gidiraa fi obsaa kan ta'an  maqaa gooftaa kan dubbatan raajoota ilaalaa.Kunoo warra obsan jabaate qulqulloota jenne isaan waamna; Iyoob akka obse dhageessaniittu, Gooftaanis akka isaf raawwate argitaniittu, Gooftaan baay'ee gara laafessa fi garaa kan fayyisu waan ta'eef," jedha qulqulluun Yaa'iqoobergaa isaa irratti, [Yaaq5÷7-11]. ✍️Lapheen Kiristaana yeroo hundumaa, "Gooftaa, ani akka Iyoob qoramus, akka Daani'eel boollatti yoon darbames, akka ijoollee sadanii abiddatti yoon gad bu'us, ati na waliin waan jirtuuf obsaan sin eega", kan jedhuu ta'uu qaba.                           ‎✍️Yeroo baay’ee namoonni jireenya afuuraatti yommuu dhihaatan bu’uurri isaa obsaa fi gaarummaa ta’uu isaa ni dagatu. Waan hundumaa guyyaa kadhannaa, sirna qulqulleessaa raawwachuu fi sooma jalqabanii bulanii deebii eegu.Carraaqqii fi tattaaffii xiqqoodhaan waan hundumaa al tokkotti eegu. Kiristaanummaan akkas miti, hanga xumuraatti obsan jabachuudha malee. ‎✍️Yeroo baay’ee ammoo namoonni  obsuu barbaadan gaarummaan kennaa waaqayyoo fi firii afuuraa ta’uu isaa ni dagatu.Walitti dhufeenya namoota biroo wajjin godhan keessatti waan isaan mudatu obsaan keessa darbanis, Kutaa qormaata isaanii garuu waan gaariifidha jedhanii laphee dhiifamaan  keessa hin darban. Namoonni akkasi lubbuu isaaniif boqonnaa hin argatan.Eebba obsaan argatan irraas ni turu.Sababni isaas obsi gaarummaan kan argamuu laphee jabaa fi waaqayyootti abdatu keessatti waan ta'eef. Obsi: amantii, abdii, jaalala, gad of deebisuu fi ajajamuu wajjin kan waloomeedha. ‎✍️Namni tokko obsa maallaqa isaa godhachuuf guyyaa guyyaan eenyummaa isaa sooma, kadhannaa fi mana kiristaana keessatti Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya uumuun haaromsuu qaba.     ‎Kiristaanni tokko waaqayyoon yaadachuuf, Kiristoos keessa jiraachuuf, waan hundumaa ifa mootummaa waaqayyootin ilaaluuf of qopheessuu qaba. ✍️Namni tokko obsuu yoo barbaade Kiristoos waliin tokko ta’ee humna afuuraatiin jiraachuu qaba. ‎Qulqulluun Phaawuloos akkas nuun jedha,“Qoramni namatti dhufee hin beekne isinitti hin dhufne. Waaqayyo amanamaa waan ta'eefis, humna keessanii olitti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”[1Qor.10 ÷13].

     🌿JECHOOTA ABBOOTAA🌿 " Kiristaana ta'uu jechuun cubbuu dhiifama hin godhamneef dhiifama gochuu jechuudha.sababni isaas Waaqayyoon cubbuu kee dhiifama hin godhamneef dhiifama siif godheera. Dhiifama gochuu yoo hin dandaanye si'ifi mootummaa samii gidduu daangaa ijaaraa jirta jechuudha."      🌿 ​+ Abuna Shinoodaa ​+ " Cubbuu kee beekta yoo ta'ee namatti hin murteessitu. Obboleessa isaa irratti namni murteessu, xurii isaa osoo hin dhiqatin nama biraatin uffata kee maaliif xureessite?, kan jedhu dhibaa'aa fakkaata."      ​ 🌿+ Qulqulluu Musee Tsaliim​+ "Nagaa jechuun rakkoo malee jiraachuu osoo hin taane, rakkoo keessatti Waaqayyoon argachuudha. Waaqayyoo si waliin yoo ta'ee, boolli leencotaa masaraa mootii keessaa ta'a. Abidda keessis akka fixeensa ganama ta'aa. "   ​ 🌿+ Qulqulluu Qeerloos isa Iskindiriyaa​+ " Kaayyoon jireenya keenyaa Kiristoosin fakkaachuudha. Kan uumamneef qabeenya yookiin beekamtii uffachuuf osoo hin taane, addunya dukkanaa kana keesaatti ifa Waaqayyoo mul'isuufidha. Namootni yeroo si argan waa'ee jiraachuu keetif Waaqayyoon akka galateeffatanitti jiraadhu."    🌿 ​+ Qulqulluu Gorgoriyoos isa Inzinaazuu​ + " Sammuun kee osoo hin eeyyamin arrabni kee akka dursu hin eeyyamin. Aariidhaan jechi dubbattu dhagaa gara galaanatti darbatameedha waan ta'eef deebi'ee hin ba'u. Jechoota kee jajjabeessuuf eebbaaf itti fayyadami.Sababni isaas afaan kee kan uumamee Waaqayyoon galateeffachuufidha."      🌿​+Qulqulluu Baasiliyoos isa Qiisiriyaa​+ " Waaqayyoo kan si jaallatu addunyaa irra ati qofti akka jirtuttiidha. Inni hundaaf aduu walqixa baasa, ta'us jaalalli inni tokkon tokkon namaaf qabu addaa fi gad-fagoodha. Sababa keetin rakkoo kan fudhate sin qofa fayyisuuf osoo ta'ellee ni godha ture."       🌿 ​+Qulqulluu Agusxiinoos​+ "Gaabbii jechuun dogoggora kee yeroo darbeef gadduu qofa miti.Gaabbii jechuun jireenya kee jijjiiruun lammaffaa gara cubbuu sanaatti deebi'uu dhiisuuf murteessuudha. Waaqayyoo kan barbaadu imimmaan kee qofa osoo hin taane si mataa kee waliini."     ​🌿+Qulqullu Yisaaq isa Sooriyaa​ Waaqayyoo Abboota kana nuuf keennef galanni haa ta'u!🙏🙏🙏 YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

CAAMSAA 1 DHALOOTA DUBREE MAARIYAMII ✍️Guyyaa kana haati Waaqayyoo Qulqulleettii dubroo Maariyaamiin ni dhalatte.Isheen nama hundaaf sababa fayyinaa kan taatedha. Abbaan ishee maqaan isaa Iyyaaqeem fi Haati ishee immoo Haannaa jedhamu. Lamaan isaanii yeroo dheeraaf dhala dhabanii gadda guddaa keessa turan. Yeroo sana namoota ijoollee hin qabneef luboonni aarsaan isaanii isaan irraa hin fudhatan ture. ✍️Kanaafis, arrabsoo fi gadda isaan irra ga’u akka Waaqni irraa fageessuuf guyyaa fi halkan gara Waaqatti ciminaan kadhachaa turan. Waaqni yaada isaanii gaarii ilaalee sanyii isaanii keessaa fayyinni addunyaaf ta’u akka dhufu ilaale. Iyyaaqeemis guyyaa 40 guutuu tulluu irratti dhaabbatee kadhachaa ture. Ergasii ergamaan Waaqaa itti mul’atee misiraachoo sanyiin addunyaa hundaaf fayyina ta’u akka isaaf kennamu itti hime. Innis laphee guutuun amanee tulluu irraa bu’e. Eebbifamtuu haadha manaa isaa Haannaaf waan ergamaa Waaqaa irraa dhaga’e hunda itti hime. Isheenis dhugaa akka ta’e amantee, lamaan isaanii Waaqayyo galateeffatan. ✍️Qulqulleettii Haannaan, kan ishee irraa dhalattu yeroo jireenya ishee guutuu mana Waaqaa tajaajila akka guddattu waadaa Waaqaaf galte. Boodas daa’ima kabajamtuu ulfooftee deesse.Maqaa ishees “Maariyaam” jettee moggaafte. Hiikni maqaa kanaa “Haadha Gooftaa”, jechuudha.akkasumas “qabeenya fi kennaa”,jechuudha. ✍️Dhugumaan isheen haadha addunyaa hundaati.Nutis karaa ishee qabeenya dhugaa, ilmaan samii ta’uu arganneerra. Galanni Waaqayyoof haa ta’u! Sababa fayyina foonii fi lubbuu taate kan nuuf kennamtee haati keenya dubree Maariyamii eebbi ishee nu hundumaa wajjin bara baraan haa jiraatu. Ameen! YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

✍️Jalqabuma angafoonni lubootaa yakka tokko malee Gooftaa fannisan waan ta'eef ammas yakka yaadudhaan akkas jedhan, "Eegdota sanaaf qarshii baay'ee kennaafii, osoo nuti rafnee jirruu duuka-bu'oonni isaa dhufanii fudhatan (hatan) haa  jedhaan", (Maat 28:12-13) jechuudhan lyyeerusaaleem hunda keessatti akka dubbatamu taasisan. ✍️Gara isaa duraatti haa deebinu! Maqdeelawiiti Maariyaam akkuma ergamaa irraa dhageesseetti obboloota ishee kaanitti himuudhaf osoo magaalaa keessa fiigaa jirtuu barumsa isa kan ergamaa irraa adda ta'e barumsa keessummaa,"Foon Goofta duuka-bu'oonni awwaalaa keessa hatan" ,kan jedhu dhageesse. Isheenis gara duuka bu'ootaatti fiiguun ,"Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru, bakka kam akka geessanis hin beeknu", jechudhan duuka-bu'ootatti himte.(Yoh 20÷2). ✍️Baruumsi booddee dhaga'ame kun barumsa sobaati, barumsa namoota Gooftaa yakka tokko malee fannisaniiti, barumsa ergamoota qulqullootaa irraa adda ta'eedha. Kun barumsa jaarraa dhiyoodhaa as dhaga'amaa dhufeedha. Barumsa namoota Gooftaa Iyyeesus kiristoos ulfina Waaqummaa irraa gadi buusudhaan gocha isaaniitin Gooftaa fannisaniiti. Nuti garuu akka jara kanaa miti; akka Maqdeelawiit Maariyaam guyya sana taates hin taanu. Nuti jecha ergamootaa, barumsa ishee duraa malee barumsa keessummaatiif bakka hin qabnu. Waaqayyoo amantaa ishee jalqabaa fi qajeeltuudhaan jabeessee nuu haa dhaabu. Ameen! Madda:- kitaaba Dn. Naadew Addenagiraachew - "Emaa'usirraa gara Iyyerusaalemitti", jedhu irraa kan fudhatame YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

"Barumsa keessummaa" Ibr13:9 ✍️Barumsa keessummaa jechuun barumsa kanaan dura gurri namaa dhaga'ee hin beekne, barumsa raajonni raajii irratti hin dubbane, barumsa gooftan duuka-bu'oota isaaf hin ibsine, baruumsa duuka-bu'oonni fi abboonni qulqulloonni hin lallabne hundi barumsa keessummaa jedhama. Faallan barumsa keessummaa immoo barumsa duraa yookan barumsa ishee jalqabaati. ✍️Barsisaan addunyaa inni jalqabaa waaqayyo yoo ta'u baratoonni jalqabaa Addaamifi Heewaanidha. Manni baruumsaa isaanii immoo mana Gannata yoo taatu, barumsi isaanii inni jalqabaa, inni keessummaa hin taane,"Biqiltuu balasii kana irraa hin sooratinaa" kan jedhu ture. Addaamifi Heewan barumsa jalqabaa Waaqayyo irraa baratan kana sirnaan eegudhaan waggaa torbaafi Ji'a lamaa fi Guyyaa kudha torba erga jiraatanii booda keessummaan haaraan gara Addaam fi Heewaanitti dhufe. Keessummaan dhufe kunis abbaa sobaa kan ta'e seexana ture. Barumsi keessummaa isaas akkas kan jedhu ture. "Biqiltuu balasii kana yoo nyaattan ijji keessan isiniif ni banama, isinis Waaqa ni taatu" (S/Umama 3:4-5). Addaam fi Heewaan barumsa ishee jalqabaa dhiisan. Barumsa keessummaas ni fudhatan. Biqiltuu dhorkaman sanas ni nyaatan.Sagaleen Waaqayyoo gara isaaniitti dhufe .Addaam kennaa isaa torbanuu ni dhabe. "Heewaan! ,Akkuma biqiltuu balas kana kuttee dhiigi, yeroo deessu ciniinsuun kee haa baay'atu," adabbii jedhutu irra gahe. ✍️Museen uummata Israa'eel biyya garbummaa Gibtsii keessaa isaan baasuudhan gara biyya dhaala isaanii kan taate Kana'aanitti isaan geggeessuu eegale. Waggoota hedduudhaan booda Musee fi uummanni Israa'eel gara biyya dhaala isaanitti dhiyaacha dhufan. Gara Kana'aaniin seenudhaan dura Museen basaastota 12 qomoowwan Yaa'iqoob kudha lamaan keessaa filatee lafti isaa lafa akkamii akka ta'e, namoonni achii keessa jiraachaa jiranis namoota akkamii akka ta'an akkasumas biyyi sun biyya dhaala isaanii ta'uu fi ta'uu dhiisuu isaa akka qoratan waan dhugumatti argan fidanii akka dhufan ajajni Waaqayyo biraa dhufe.Guyyyaa 40 booddee namoota ergaman keessaa namoonni lama (lyyaasuu fi Kaaleeb) misiraachoo guddaa qabatanii gammachuudhaan dhufan. Ummanni Israa'eel lafti kun akka isaanif ta'u ta'uu isaa ni beekan. lyyaasuu fi Kaaleebis Qamadii fi Wayinii harkatti qabatanii warreen kurnan hafan dursanii dhufan. Kaaleebis akkas jechuun dubbate, "lafti sun kan keenyadha,namoota achi keessa jiran ni mo'aanna. Amma deemnee lafa sana haa dhaallu!" ,(S/Lakk 13:30). ✍️Yeroo muraasa Iyyaasuu fi kaaleeb deebi'aniin booda basaastonni kurnan hafan dhufanii, "lafti sun keenya miti, namoonni achi keessa jiran humnaan nu caalu..." fi wantoota biroo jechuun uummatatti himan. (S/Lakk 13:31-33). ✍️Uummanni jalqaba gammadaa turan yeroo kana dhaga'an lyyaasuu fi kaaleeb mallattoo  dhugaa qabatanii osoo jiranii ajjeesudhaaf irratti ka'an. Boo'icha guddaas ni boo'an. Waaqayyo Waaqa dhugaa waan ta'eef namoota soba fidanii dhufan battaluma sanatti akka du'an ni taasise(S/ Lakk 14:28-30). Barumsi keessummaa kakuu haaraa keessatti immoo  taatee guyyaa sadaffaa gooftaan aangoo Waaqummaa isaatin du'a moo'ee ka'eetti taatee raawwatameedha. Dubartoota qulqulloota gooftaa duuka-bu'an 36 keessaa tokko kan taate Maqdeelawiit Maariyaam gooftaa urgooftuu dibuudhaaf gara awwaala isaatti imalte. Yeroo achii geessu ergamoonni gooftaa lama boolla awwaalaa irra dhaabbatanii argite. Gooftaan isheen urgooftuu dibuuf jettu garuu boolla awwaalaa keessa hin jiru. Baay'ee rifatte. Rifachuu ishee kana kan arge ergamaan akkas jedhee barumsa ykn ergaa isa jalqabaa itti hime. "Isin hin sodaatinaa, Gooftaa isaa fannifame akka barbaaddan nan beeka, inni bakka kana hin jiru, akkuma dubbate ka'eera",(Mat 28:5). Garuu osoo Magdeelawiit Maariyaam fa'a achi hin qaqqabin daqiiqawwan muraasa dura yeroo ergamoonni samii keessaa bu'an lafti akka malee sochootee waan turteef eegdoonni bakka awwaala Gooftaa irra turan taatee kana yoo argan rifatanii gara qondaaltoota lubootaatti fiiguun wanta ta'ee itti himan.

Deemaa dhaggeeffadhaa, faarfannaa baay'ee Namatti toludha. Obboleessa keenyas haa jajjabeessinu https://youtube.com/watch?v=JjYgW303pn8&si=cg503lvHtwCKS9FP https://t.me/DooniiNoh

ERGAA EEBBIFAMOO, QULQULLUU PAATIRAARIKII AABBAA MAATIYAAS YAA'II SINOODOSII IRRATTI DABARSAN ✍️"Waaqayyoon karaa Kiristoosin addunyaa ofii isaa waliin walitti araarsaa ture.cubbuu isaanis itti hin lakkaa'u ture.nu irras jecha araarsuu kaa'e” (2Qor 5÷19).Nama ta'uun gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoos kaayyoo ifa ta'eefidha.Innis samii fi lafa irra kan jiran hundaa walitti araarsuu,walitti fiduu fi tokko gochuudha.Kanas adda bahuu kana kan fide sammuu hamaa fi isa hordofee kan dhufe cubbuu dhabamsiisudhaan. Cubbuunis du'a fide.Cubbuun namaa fi waaqayyo,ergamoota fi waaqayyo akkasumas namaa fi ergamoota illee addaan baasee ture.Kana hunda gooftaan keenya fannoo isaatin nuuf hambiseera. Fannoo isaatinis ofii isaa waliin walitti nu araarseera.Beenyaa Kiristoosin araarsummaan raawwatame kun immoo waaqayyo fuulduratti baayyee kan jaallatameedha.Kan miidhames isa,aarsaas kan ta'e isa,aarsaas kan dhiyeesse isa,aarsaanis kan dhiyaatuf isumaaf.Isaaf wanti dadhabamu waan jirreef jechuudha. ✍️"Har'a Gannatatti na waliin taata ",jechuun araara nu barsiise. "Yaa abbaa lubbuu koo harka keettan kennadha", jechuun immoo tokkummaa abbaa isaa waliin qabu nu barsiise.Fannoo isaatin nagaa nuuf kenne. Nageenya gooftaan nuuf kenne kana addunyaadhaaf labsuun hojii jalqabaa qulqulleettii mana kiristaanaati.Osoo akka Kiristoos nu barsiisetti jecha isaa hojii irra oolchinee silaa addunyaan kun nagaadhan jiraatti ture.Kanaaf, kara tokkummaatti,jaalalaatti,nageenyatti akkasumas faayidaa walootti dhufuun gahee hunda keenyaa ta'uu qaba. ✍️Warri ummata waaqayyoon sodaatu kana keessaa bahanii biyya kana bulchanis waaqayyoon haa sodaatan.Nama irrattis garaa jabaachuu haa dhiisan.Rakkoo keenya hundumaa nageenyaa fi nageenya qofaan haa furannu. Waaqayyoon Itiyoophiyaa fi ummata ishee haa eebbisu! Galanni waaqayyoof haadhasaa Dubroo Maariyaamiif ulfaataa fannoo isaaf haa ta'u Ameen! Aabbaa Maatiyaas Duree hangafoota Phaaphaasotaa Itiyoophiyaa Hangafa Phaaphaasii Aksum,Iccagee teessoo Takli'ayimaanot Ebla 28,2018 Finfinnee,Itiyoophiyaa

አትንኪኝ! NAN TUQIN ✍️Kan inni nama ta'e tuqamuuf mitii?, erga isa tuquun hin danda'amu ta'ee foon namaa uffachuun maalif isa barbaachise? Nama ta'uun isaa harki keenya isa tuqee akka fayyinuuf mitii? ✍️Maalifiree?, kan inni Maariyam magdalaawitiin " nan tuqin" jedheef? Dubartiin kun hidhaa cubbuu irraa akka ishee hiikuuf kara isaa dhuftee imimmaanin miila isaa dhiqxee turte.yeroo sana Simi'oon "maalif cubbamtuu kana of tuqsiista?", jedhee gooftaa komatee ture. Gooftan gaafa sana callisee har'a maalif "nan tuqin" jedheree? ✍️Gaafa sana namoonni ishee jibbanis gooftan inumaa ni galateeffate malee "nan tuqin" hin jenneen. Eeyyen! yeroo sana addunyaatu ishee fudhatee ture waan ta'eef gammachuudhan simate malee of irraa ishee hin deebisne. Dubartiin kun galaana cubbuun liqimfamtee bakka boqonnaa waan dhabdeef isatti hirkattee akka boqottuuf callisee ishee simate malee " nan tuqin " hin jenneen. ✍️Namni kaan cubbuu isheetif itti murteessanii jibban.Inni garuu gaabbii ishee ilaalee callise.Nama ta'uun isaas lubbuu badde barbaaduf mitiiree? "Osoo waaqa ta'ee silaa cubbuu ishee sana ni beeka ture",jedhanii isa komatan.Inni garuu " baayyee waan na jaallatteef cubbuu ishee baayyee sana isheedhaf dhiiseera",isaanin jedhe. ✍️Har'a maalif " nan tuqin" jedheree? #Sababni isaa gaafa imimmaanin kara isaa dhuftu sana caalaa har'a hir'inni amantii waan ishee irratti mul'ateefidha. Gaafa sana "cubbuu koo irraa na fayyisa", jettee laphee guutuun amantee kara isaa dhufte.Har'a garuu du'aa ka'uumsa isaa shakkitee "gooftaa koo fudhataniiru,eessa akka isaan geessan hin beeku",jette. Kanaafi kan inni "nan tuqin" isheen jedheef. Haa ta'u malee baayyee waan isa jaallattuuf hir'ina amantii ishee ilaalee of irraa ishee deebise osoo hin taane kan inni jalqaba itti mul'ateyyuu isheedhuma.Lallabduu du'aa ka'uumsaa jalqabaas isheedhuma taasise. ✍️Namni imimmaan isaa dhangalaasee kara gooftaatti gaabbidhaan deebi'e guyyaa tokko akka Maariyam magdalaawit gammachuudhan misiraachoo labsuun isaa hin hafu. Kana booda Maariyam magdalaawit kan isheen gooftaa tuquu dandeessu harka duukaa bu'ootaatti yeroo inni foon fi dhiiga ta'ee kennamuudha. "Deemii duuka bu'ootatti du'aa ka'uu koo itti himi",jedheen. Foon fi dhiiga koo amantiidhaan isaan harkaa fudhattee na tuqta malee hir'ina amantii kee ammaa kanaan na tuquu hin dandeessu jechuu isaati. ✍️Yaa fira koo, tarii hanga har'aatti kan qorrobuu dadhabneef hir'ina amantii keenyaaf "nan tuqinaa" nuun jedhee laata? ✍️"Mana kiristaanaa deemuuf yeroo hin qabu" jenna.tarii hir'ina amantii keenyaaf "mana koo hin tuqinaa" nuun jedhee laata? ✍️Gaabbii galuu irraa duubatti harkifachuuf sababa baayyee dhiyeessina.Tarii waaqayyoon akka cubbuu keenya nuuf dhiisu waan nuti hin amanneef "gaabbidhaan nan tuqinaa" nuun jedhee laata? Mee of haa gaafannu. Yaa gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoos mee ati amantii nuuf dabali. Madda: Hayyuu hayyootaa Sim'a Koonee Mal'aak YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA

PDF kana buusaa dubbisaa; qabiyyeewwan kana gadii of-keessatti hammatee jira. Fedha waaqayyoo akkamitti beekna? Fedha/eeyyama waaqayyoo jechuun maal jechuudha? Fedha/eeyyama waaqayyoo akkamitti beekna? Fedhii waaqayyoo keessatti gahee waaqayyoo fi gahee keenya akkamitti addaan baasuu dandeenya? Wanta jireenya keenya keessatti nu muudatu hunda; gaaris haa ta'u yaraa fedhii waaqayyooti jechuu dandeenyaa? Qabxiiwwan bu'uuraa fedhii waaqayyoo irratti hubatamuu qaban Gara Afaan Oromootti kan hiike: Waldaa sillaasee wiirtuu jimmaatti, kutaa barreeffamaa, hiikaa fi Kuus-Miidiyaa, Yaa'ii mooraa-mooraa-guddichaa-fi-kollejjiiwanii. Eebila 23, 2018 B.A Jimmaa, Oromiyaa https://t.me/DooniiNoh

‎EBLA 23 ‎BOQONNAA HANGAFA WAREEGAMTOOTAA QULQULLUU GIYOORGISII ‎✍️Guyyaa kanatti urjii lidaa kan jedhame wareegamaa qulqulluu Giyoorgisiin qabsuura isaa xumuruun boqoteera. ‎Mootii Duudiyaanos fulduratti gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoosif kan amanamee fi goyyoomsa isaa hunda kan injifateedha.Gooftaanis gidiraa hunda keessatti akka isa irraa adda hin baane waadaa isaaf waan galeef, qulqulluu Giyoorgisiin isa kana abdii taasifachuun hanga yeroo sadi du'ee du'a injifachuutti qabsuura hedduu raawwateera. ‎✍️Namichi Atinaasiyoos jedhamu tokko qoricha(summii) nama ajjeesu yeroo isa obaasu qulqulluu Giyoorgisiin maqaa Sillaasee waamee waan dhugeef homaa hin taane. Namichi kunis dinqii kana ilaalee waan amaneef booda wareegamummaan boqoteera. ‎Mootolii torbaatama fuulduratti teessowwan gogaa ta'an akka isaan daraaranii firii buufatan gochuun,akkasumas du'oota boolla awwaalaa keessaa kaasuun namoonni baayyeen raajii isaa ilaalanii akka Gooftaatti amanan taasiseera. ‎✍️Mana dubartii hiyyeettii tokkootti yeroo isa hidhan utubaan mana ishee daraareefii damees godhate.Manni ishees isheef eebbifamee maaddii(nyaata) argattee jirti.Mucaa ishee kan jalaa dhukkubsatu,kan dhaabbatee deemuu hin dandeenyen,"Ka'ii deemi waaqa tolfamaa Aphiloon waamii koottu",jedhee erguun waaqa tolfamaa sana akka lafti liqimsitu gochuun cinaatti mucaa sanas fayyiseera. ‎✍️Illaskiindiriyaa kan jedhamtu haati manaa mootichaa illee waaqa qulqulluu Giyoorgisiitti amanuun wareegamummaa fudhattee jirti. Gidiraa isaan qulqulluu Giyoorgisii fi namoota kaan irraan gahan ilaalee waaqayyoon mootolii torbaatama sana ibidda samiidhaa roobsee isaan ajjeeseera.Xumura irratti waaqayyoon qulqulluu Giyoorgisiif waadaa isaaf gale. "Nama yaadannoo kee taasise ani cubbuu isaa nan dhiisaaf,nama osoo rakkatuu yookan dhukkubsatuu maqaa keetin na waammate ani rakkoo sana keessaa nan baasa", jedhee waadaa isaaf gale. ‎✍️Xumura irratti seefiidhaan mormi isaa muramee gonfoo wareegamummaa fudhachuun qabsuura isaa xumure. ‎Foon isaa gara biyya dhaloota isaa Lidaa geessani achi boqochiisan. ‎ሰአል ለነ ጊዮርጊስ ኀበ እግዚአብሔር ወጸሊ በእንቲአነ ሐረድዎ ወገመድዎ ወዘረዉ ሥጋሁ ከመ ሐመድ ወወሰድዎ ኀበ፸ ነገሥት ረገፀ ምድረ አንሥአ ሙታነ አባ ጊዮርጊስ በሰላም ዐደወ መንግሥተ ክብር ወረሰ። ‎ ‎#Hiika isaa... ‎"Yaa Giyoorgis waayee keenyaaf waaqayyotti nuuf kadhadhu.Isa qalanii foon isaas kukkutanii akka daaraatti facaasani.Gara mootolii torbaatamaas yeroo geessan lafa irra ejjatee du'oota kaasee .Giyoorgisii guddaan rakkoo sana dabarsee mootummaa kabajaa dhaale",jedha. ‎Eebbi wareegamaa qulqulluu Giyoorgisii hunda keenya waliin haa ta'u Ameen! ‎ ‎Madda :Kitaaba Sinkisaaraa ‎ Eebla 23 ‎ ‎YAA'II MOORAA MOORAA GUDDICHAA FI KOOLLEJJIIWWANIITTI KUTAA BARREEFFAMAA FI HIIK-KUUS MIIDIYAA