en
Feedback
GUMAATA👌

GUMAATA👌

Open in Telegram

👉Beeksisa Hojii haaraa yeroo yerootti 👉Oduufi Odeeffannoo 👉Barnootaa fi 👉Bashannansiisuu akkasumas 👉𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐦𝐮𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 Taajajila isin nu irraa argattanidha!

Show more
1 062
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-1030 days
Posts Archive
■ Namoota ilaalcha sirrii hin qabne irraa fagaadhu. ■ Kan darbe ammoo dagadhu;bishaan darbe hin waraaban waan ta'eef. ■ Dogoggora keemmoo amanii fudhadhu;irraas baradhu. ■ Seera kanaan jireenya haaraa jalqabi!

Nan Hamatiin ✍️Dastaa Taddessaatiin @gumaat @gumaat

Nan hamatiin😏

Namni maqaakee kan balleessu,waan sadii sirraa barbaadee yeroo dhabuudha. 1.Faayidaa ofiitiif waa barbaadee yoo dhabe. 2.Yoo sitti hinaafe. 3.Yoo akka kee ta'uu dadhabe.

Nan hamatiin🧐

#Akkamitti_Ilaalta? Waanumti biyyoota akka ameerikaa faa qofa duroomsee addunyaa guutuu hiyyummaatti hanbise maali laata? Tarii beekumsa namoota biyyichaa,albuuda qabaachuu fi siyaasa gaarii hordofuu isaanii lafa kahuu dandeessa.Ammoo,biyyoonni beekumsan fagaatan,albuuda gaarii qabanii fi siyaasa gaarii hordofan kan biroon akka isaanitti maaf hin duroomne kan jedhu gaaffii biraati. Jaallattu, jibbitus iccitiin wayii duuba ameerikaafaa jiraachuun isaa wal nun gaafachiisu. Addunyaa kanarra iccitiin jaarraa lakkoofsisee wayii jiraachuu isaa atuu quba qabda.Kunis #hawaasa_iccitawaa warra nuti jennu sanadha.Isaan gareewwan hedduu qabu.Achi keessaa jarri tokko '#illuminati' warra jedhamanidha.Warra ifeef akka jechuuti. Bu'uurri isaanii amantaa kristaanummaa faallessuu irraa kaha. Namoota addunyaa kanarra argannoowwan ajaa'iba argatan jedhamuun sammuu uummata addunyaa keessaa kililchan baayyeen isaanii miseensota jarreen kana ta'uutu iccitiidhaan himama. Ameerikaa keessa gareen iccitiidhaan qorannoo jajjabaa geggeessuun beekaman akka jirantu himama.Achi keessa '#Manhanthan_Project'warri jedhaman adda durummaadhan eeramu.Jarri kun haasawa iccitahoo sana keessaa tokko akka ta'antu dubbatama.Warra '#Neuclear_bomb' tolchan sanadha. Maal yaadanii meeshaa addunyaa barbaadessu danda'u kana akka isaan tolchan namaaf hin galu.Ofii addunyaa kana balleessanii iddoo biroo qubachuu maluu laata? Jarri kun uumama biroo waliin walitti hidhaminsa akka qabantu dubbatama. Jarri kun uumama waaqa keessaa kan maqaan isaanii #UFO jedhamu waliin walitti hidhaminsa qabaachuu malu.UFOn kun darbanii darbanii lafa kanarra yommuu balali'an namoonni argan ni dubbatu.Jarri kun uumama nama caalaa qarooman ta'uutu dubbatama.Tarii jarri hawaasa iccitawoo jennuun sunis warreen kana waliin walitti hidhaminsa qabaachuu malu. Ta'us uumamni nama caalaa qarooman kunneen waaeen isaanii guutummaatti hin baramne.Kanaaf UFO(UNIDENTIFIED FLYING OBJECT) jedhaman. Kan nama dhibu ammoo,yeroo hedduu #Ameerikaan qorannoo UFO Kanarratti akka geggeesituf gaafatamtus,isheen qorannoo waa'ee isaanirratti geggeessuus ta'ee,waan isaanii dubbachuu akkan barbaannetu dubbatama.Kanaaf,Biyyi Ameerikaa kun iccitii wayii duubaa qabaachuu ishee kun agarsiistuu sirriidha. UFOn dhala namaa lafarraa balleessuu akka barbaadantu iccitiidhan himama.Albuuda lafattis akka dhalli namaa hin fayyadamne gochaa jiru jedhema.Kanaaf ragaan ammoo bakka '#Beermudaa_Triangle'jedhamuu fudhachuu dandeenya. UFOn dhala namaa balleessuuf,haasawa iccitawoo sana waliin walii galtee akka qabantu odeeffama.Kanumaaf neuclear bomb waan kalaqan fakkaata.Ofii nu balleessanii,ji'arra jiraachuu barbaadu kan jedhus shakkii biraati. Biyyi ameerikaa maalinnuu akka addunyaa kanarra tokkoffaa taate namuu ni odeessa.Dhuguma beekumsa isaaniitiin akkas fagaatanii?Tarii hawaasa iccitahoo sana wajjin beekumsa UFO irraa argachuun isaanii hin oolu Tarii jaraa kanaa Ergamaa Kitaaba Henook boqonnaa 19 irra kan jirutu beekumsa hamma kana gauu kenneefii laata?Ergamaa #Gaadri'el isa hewaanin gowwomse;mormituu Waaqayyo sanatu beekumsa kenneefii laata? Kanas ta'u sana iccitiin guddaan wayii kan namni quba hin qabne,biyyoota har'a teekinoloojiidhan sookkineerra jedhan bira jira. #Ati_Waan_Kana_Akkamitti_Ilaalta?

#Atuu_ormaa... Osoo shantama kakattuu Kan jiraanne gamaaf gamaa Duruu natu siif wallalee Fiixeen arraba kee lamaa ... Nan dhidhiitiin akka jaamaa na dhukkuba kan koos qaamaa madaa har'a quba keessee koomee keetu na madeessee ... qoosaa kee dhaabi na faanaa arrabnni kee na waraanaa funyoon ormaa yoom na hiitee mogolee keetu na dhiitee ... ilkaan qofaadhaan naaf seeqaa akka naan daldaltu beekaa waan fakkaattu narraa lolaa seentee digda kan koo golaa ... narraa argachuuf bu'aa kee hin barbaadu siin du'aa kee naaf hin wareegamiin mormaa lafti dhiinaan atuu ormaa..... ✍️.....Dastaa Taaddasaa....videodhaan asii gaditti argattu

#Minilik_Eenyudha? #Yakkamaadhamoo_Arbanyaadha? “Minilik sirna gadaa sana ni balleesse. Beektota Oromoo qale. Oromoo kan hin taane, sirna aadaa keenya balleessu nutti fe’e. Hawwattummaa keenya irratti nutti duule. Loltoonni isaanii akka gaangee nurra saggaaranii, gabbara, qalaadii jechaa lafa keenya fudhatani. Oromoon garbicha nafxanyaa ta’e. Ajajaa waraana nafxanyaa tokkoof Oromoo dhibbi lama badhaasa kenname; lafuma isaa wajjin. Aadaafi afaan Oromoo akka baduuf ni bobba’ani. Kan morme hunduu ni reebame. Qeensa buqqisanii, qaama saalaa muraanii, harma muranii, harka muranii nu busheessani. Nu salphisani. Uummata goota sana boquu buusani. Guyyaa sana uummata shakkamaa taasisani. Dachee dureessa sana ni qisaasessani. Lammiiwwankoo! Minilik eenyudha? Yakkamaadhamoo arbanyaadha? Lafa keenya nurraa fudhatani. Lafti keenya dhadhaadha. Dhadhaa gurraachadha. Minilik dachee dureettii kana yeroo argu ni hawwe. ‘Akka fardaattin isin gulufa.’ Nuun jedhe. Ni fincille. Baay’ina meeshaa abdatee nu fixe. Harma dubartoota keenyaa akka fooniitti murani. Akka nuti hoolaa irraa gogaa kaasnuuttidha dubartoota keenya irraa kan harma muran. Namoonni kun yeroo hoolaa qalan ‘Basima ab’ jedhanii jalqabu. Harma dubartoota keenyaa yeroo muran garuu, ‘Basima ab’ hin jedhan.” #Callisuu_Burqaa_fuula_93_94

(Gorsa Ogummaa Kana Dubbis.) Rincicoo Wajjin Hinfalmiin !!! Dubartiin Heelan Miiraan jedhamtu tibba tokko, "namni ati dhimma tokko irratti ittiin mari'achuuf yaadde, qabxii irratti dudubbachuuf deemtan kallattii addaddaattiin xiinxaluf fedhii qabaachufi qabaachuu dhabuu isaa dursi adda baafadhu," jettee turte. Namni kun mata duree marii keessanii kallattii addaddaatiin ilaaluuf fedhii hinqabu yoo ta'e akkasumaan yeroo afoolessuun faayidaa hinqabu. Waan hunda irratti walfalmuun bu'aa hinqabu. Si'a tokko tokko namoota amansiisuuf ijibbaata nigoota ta'a. Garuu immoo qalbifattee ilaaltee beektaa? Namootni hedduun deebii siikennuf sidhaggeeffatu malee haasaa kee ijoo irraa hubannoo argachuf yaadaafi qalbiidhaan sibira hinjiran. Namootni kunniin ilaalcha mataa isaanii keessa dhidhiimanii waan jiranif, ilaalcha jarreen kanniinii qajeelchuf ijibbaachun bilaashumatti dhuka ofii dhangalaasuudha. Ilaalcha garaagaraa qabaattanillee, nama yaada kee dhaggeeffachuuf qophaa'e wajjin haasa'un mataa isaattuu sammuukeef boqonnaadha. Nama yaada isaa alatti yaada nama biraa hinfudhanne wajjin haasa'uun garuu dhagaatti fincaa'uu wajjin walfakkaata. Bilchina jechuun falmii hunda injifannoon irra aanuu jechuu miti. Inumaayyuu bilchina jechuun bakka falmiin hinbarbaachisnetti falmii balfuu jechuudha. Adda waraanaa waanuma deemtef rasaasa sitti kenname hunda waanuma argitetti hindhukaastu, qubaqabaadhu. Namoota sidhaggeeffachuuf qophaa'oo hintaane wajjinis dhaabattee yookiin teessee falmuu irra, jarreen kanniin irraa fagaachuutu caalaatti nagaa siif kenna, hubadhu. Sababni ati ba'aa namoota rincicoo kanniinii baattufis hinjiru, tasayyuu. ☆☆☆☆☆ ♡♡♡♡♡ Maddi: Art of Speech ✍Hinseenee Makuriyaa @gumaat @gumaat

Manchester United Vs. Tottenham hotspurs Morkiin waancaa Awurooppaa Liig Totenhaamiifi Maanchister Yunaayitiid galgala kana sa'aa 4:00 irraa kaasee taphatama. Gareen waancaa kana injifate kallattiin bara dhufu Chaampiyoos liigii hirmaata. Gabatee pirimer liigii dhaan Manchester United fi Tottenham hotspur wal duraa duubaan 16ffaa fi 17ffaa irratti argamu. Lachuun isaanii gahumsa gadaanaarra kan jiran yoo ta'u garuu taphni galagala kana taphatamu guutummaa addunyaatti xiyyeeffannoo argateera. Manchester united garee tokkicha Taphoota Awurooppaa liigii bara kana taphataniin kan hin mo'amne yoo ta'u, waancaa kana akka injifatuuf tilmaama olaanaa argateera. Carraa gaarii guddicha warra Ingilaandiif! ✍Firaaol Wandimmuutiin @gumaat @gumaat

Yeroo baayyee namoota waan tokko amansiisuuf ni rakkana.Qajeelfama salphaa armaan gadii kana yoo hordofne garuu salphaatti nama,waan ta'e tokko irratti amansiisuu ni dandeenya. Innis maal seeta? Nama tokko amansiisuuf fedhii nama sanaa beeknee,waa'ee fedhii nama sanaa isumatti haasa'uu qabna.Fedhii isaanii dammaqsuudhaan salphaatti, namoota waan ta'e tokko irratti amansiisuu ni dandeenya!

Ilmi namaa dadhabbii dandamachuu hin dandeenye qaba.Namni hundumtuu du'a foonii ni du'a.Murtoo du'aa ammoo namni kamiyyuu mimmijeessuu hin danda'u. Magaalaa hundumaatti bakkeewwan awwaalchaa magaalaa duuba jiru.Bakki isaa silaa magaalaa walakkaa ta'uu qaba ture.Magaalaa Walakkkaa osoo ta'ee,namni ilaaluu hundumtuu haqummaa du'aa irra deddeebiidhaan yaadata. Jallina kamuu irraas of qusata. Dhugaan hunda keenya wal nuuf galchu;eessattuu du'a jalaa miliquun hin danda'amu.Ammoo,umurii lafa irraa qabnu keessatti gaarummaadhaan yoo jiraanne,galgala ofiif galaa kaawwachudha.

𝐁𝐄𝐄𝐊𝐒𝐈𝐒𝐀 𝐀𝐑𝐈𝐅𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀 (𝐔𝐫𝐠𝐞𝐧𝐭 𝐕𝐚𝐜𝐚𝐧𝐜𝐲) Hubachiisa: Yeroo darbe keessa chanaalii uummataa (public chanal) keenya t.me/gumaat irratti namoota hojjechuuf fedhii qaban barbaadaa turuun keenya nii yaadatama; haata'u malee namoota hanga barbaannu waan hin arganneef ammas namoonni fedhii qabdaniifi ulaagaalee armaan gadii guuttan keessoon nu dubbisaa. Chaanaaliin telegiraamii GUMAATAA ykn t.me/gumaat odeeffannoo gaggabaaboo yeroo gurra hordoftoota isaan gahuu, kitaabolee haaraafi kan durii pdfn dubbistootan gahuufi deeggarsa tola ooltummaan kan beekamu namoota ulaagaa armaan gadii guutaniif #Addmin kennuun waliin hojjechuu barbaada. 𝐔𝐥𝐚𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞:- 1. Nama Afaan Oromoo haalaan qubeessuu danda'u. 2. Nama odeeffannoon guutuu ta'e. 3. Nama of kennee sa'aa guutuu hojjetu 4. Nama ilaalchaafi jaalaala gaarii Afaan Oromoof qabu. 5. Nama Chaanalii kana akka kan ofiisatti ilaaluufi ijaaruu fedhu. 6. Nama Sabboonaafi Sabboontuu ta'e/taate. 7. Nama naamusa miidiyaa hawwaasaa kabaju/kabajju. 8. Nama dandeettii waa qindeessee barreessuu, walaleessuufi fakkii kaasuu qabu yoo ta'e ilaalcha addaa qaba. 9. Nama eenyummaa isaan boonufi mirga namaatti hin buune. 10. Kaffaltiin akkataa hirmaannaa keessaniifi bu'aa qabatamaa argame irratti hunda'a. Baay'ina hamma nama shaniittifi isaa ol ta'uu danda'a. Saalaa adda hin baasu. Umiriin waggaa 18fi isaa ol. Sadarkaa barnootaan namoota dhaabbilee barnoota ol aanoo irraa xumuran ykn barachaa jiran yoo ta'e caalaatti filatama. Namoonni fedhii qabdan keessoon na dubbisaa. @SAAPHALLOO jechuun na dubbisaa! 👉Like, share gochuun namoota fedhafi dandeettii qabaatanii nu gargaaruu danda'an biraan nuuf gahuu hin dagatiinaa! UPDATE MAY 18/2025 CAAMSAA,2017 @gumaat @gumaat

Oolmaakee... Oolmaakeet ulfaate Imaanankee bacaa Callisuu hindandeenye Keessakootii waca Gammachufi dallansuu Nyaarakoorraa beekta Miirrikoo jeeqamnaan Sitti bitaacha'a Sorrachuukeen dura Ana afaan na keessa Anaf maal dadhabde Hundumaa dandeessa Haalli sittin tole Utaaltee hin burrqnee Muratteen soorranne Quffatteen dhunanne Garuu kana keessatti... Gurrachafi adii Nyaataafi dhugaatii Jijjiirtee naaf filta Otoo siif hin guutiin Anaaf naaf muddamta Dhukkubbikee dhiiste Kiyyaa dhukkubsata !! ======================== Sin qabaachuukootiif Maaltu natti hir'ata Jiruun gurracha'ee Nattin galu bitaa Oolmaakeetu ulfaate Imaanankee koma Barreesse hin raawwadhu Dubbadheen dhumatu ... Yoom himamee dhuma ? Mootii dachee bal'oo Yaa gachana maatii Hundumaan olidha Gita hin qabdu ati. Tokkotti hamma dhibbaa Agartuu ija ofii Utubduu akka jilbaa Naman qabne mufii Namni siin hin qabne ... Uffateen bareedu Soorrateen furdatu Miiratu jeeqama . Akeekee dubbatee Akeekeen herreegu Fiigee qabuudhaafi Mogolee dhidhima Rafee boqochuudhaaf Hin qabu hirriba Kan si of cinaa qabu Halkaniifi guyyaa Adda baaseen beeku Yaadnsaa raafamee Qalbiin isa hin jeequ Ani sin qabaachuuf Jiruun naaf tottolee Otoon sitiin qabus Hin laafu mogolee Milkaa'ina kiyyaaf Situ daandii ta'ee Cabakoos caccabee Situ har'aan na gahe Ati anaaf kumeedha Albuuda akka warqee  Si faarseen xumuru Naaf quufi barakee Mallattoo jaalalaa Faajii garraamummaa Oolmaankeee kumadha Yoom himamee dhuma!!(X2) Happy Mothers Day for all mothers across the world @gumaat @gumaat

Dhukkubakoo kaleef Dawwaa ofiin dhabu Sawwii gaanfa kansaa Baachuuf hin dadhabu Akkakootti dhaladheen Akkakootan du'a Namni h
Dhukkubakoo kaleef Dawwaa ofiin dhabu Sawwii gaanfa kansaa Baachuuf hin dadhabu Akkakootti dhaladheen Akkakootan du'a Namni huuba ta'ee Ijakoo na bu'aa ! Cabeekeef hin kufu Caba kiyyan kufiin Ofiikoon ajjeesa Awaalchakoon dhufiin! 🙈🙈🙈🙈🙈🙈 @gumaat @gumaat

Qubni barreessichaa eebba haa mirgisu🥰

Yeroon haa deebisu ! ======================= Kan guyyaan ol kaase Guyyaama gadi buusa Kaanniin kolfee saaqee Kaan imimmaan buusa ! Kaaniin afaan qabee Kaaniif nii dubbbata Kanin qaroo qabee Kan rafee hubata !! Har'a yoo qabaatte Boru dhabaa taata ! Amma yoo burraaqxe Booddee cabaa taata ! Waanta yeroon laate Yerooma fudhata Maaliif of dhibbistee Mataan dhukkubsata Gaffii yeroon fideef Yeroo deebii laata• Bareeddee badhaatee Fokkattee, hiyyoomtee Kolfitee qasaatee Boossees yoo gadoodde Wanta yeroon fideef Fala arguun faloo Waanta nuu gaafateef Deebii kenna yeroon. Ganna lolaa jabaan Qorrisaa hammaatee Lolaan keenyan cabsee Manaa si baafata Birraa qillensi hamaan Bubbeen dabaalatee Darbate sin kufuuf Wal'aansoo siin qaba... Bona aduu hamaatu Mukeen babaareedoo Baala irraa darbatee Dachee magariisaa Awaaraan abuura? Arfaasaan yoo gahu Suni hunduun darbaa Roobni suuta roobee Aduun qalbiin baha Gaaffii yeroon kaaseef Yeroo deebii ta'a ! Kanaaf jaala kiyyaa Hangafaaf, quxusuu Gaaffii na gaafatte Yeroon haa deebisu Atis nan dhiphisiin Anis sin dhiphisu Ammas siinan jedha Yeroon haa deebisu ! @gumaata @gumaat

Oolmaakee... Oolmaakeet ulfaate Imaanankee bacaa Callisuu hindandeenye Keessakootii waca Gammachufi dallansuu Nyaarakoorraa beekta Miirrikoo jeeqamnaan Sitti bitaacha'a Sorrachuukeen dura Ana afaan na keessa Anaf maal dadhabde Hundumaa dandeessa Haalli sittin tole Utaaltee hin burrqnee Muratteen soorranne Quffatteen dhunanne Garuu kana keessatti... Gurrachafi adii Nyaataafi dhugaatii Jijjiirtee naaf filta Otoo siif hin guutiin Anaaf naaf muddamta Dhukkubbikee dhiiste Kiyyaa dhukkubsata !! ======================== Sin qabaachuukootiif Maaltu natti hir'ata Jiruun gurracha'ee Nattin galu bitaa Oolmaakeetu ulfaate Imaanankee koma Barreesse hin raawwadhu Dubbadheen dhumatu ... Yoom himamee dhuma ? Mootii dachee bal'oo Yaa gachana maatii Hundumaan olidha Gita hin qabdu ati. Tokkotti hamma dhibbaa Agartuu ija ofii Utubduu akka jilbaa Naman qabne mufii Namni siin hin qabne ... Uffateen bareedu Soorrateen furdatu Miiratu jeeqama . Akeekee dubbatee Akeekeen herreegu Fiigee qabuudhaafi Mogolee dhidhima Rafee boqochuudhaaf Hin qabu hirriba Kan si of cinaa qabu Halkaniifi guyyaa Adda baaseen beeku Yaadnsaa raafamee Qalbiin isa hin jeequ Ani sin qabaachuuf Jiruun naaf tottolee Otoon sitiin qabus Hin laafu mogolee Milkaa'ina kiyyaaf Situ daandii ta'ee Cabakoos caccabee Situ har'aan na gahe Ati anaaf kumeedha Albuuda akka warqee Si faarseen xumuru Naaf quufi barakee Mallattoo jaalalaa Faajii garraamummaa Oolmaankeee kumadha Yoom himamee dhuma!!(X2) HAADHA, ABBAA YKN JAALALLEE, HAADHA WARRAA, ABBAA WARRAA YKN HIRIYYAA GAAFA HUNDUMAA ISIN WALIIN DABARSE AFEERUU DANDEESSU @gumaat @gumaat

photo content