GUMAATA👌
👉𝐃𝐡𝐚𝐚𝐦𝐬𝐚𝐚𝐟𝐢 𝐦𝐮𝐝𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐧 𝐢𝐛𝐬𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 👉Beeksisa Hojii haaraa yeroo yerootti 👉Oduufi Odeeffannoo 👉Barnootaa fi 👉Bashannansiisuu Taajajila isin nu irraa argattanidha!
Show more1 143
Subscribers
+124 hours
+27 days
+730 days
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Subscriber growth rate
Data loading in progress...
Warri dafqee dafqasaan
Maatiifi qomoosaa sooru
Warri dhara baqatee
Dhugaatti gale koolu
Warri qarshii tokkotti
Karaa dharaa hinbarbaanne
Warri dafqnee nyaachuun
Araadatti qabamne.
Warri teessoo yaabbatee
Sabasaa gooluu hin beekne
Warri dafqee nyaachuutiif
Matumaa of hin qeeqne
Baguma hundaa daadeenyee
Guyyaa kan keenya geenye !
Kabajamoo dafqaan bultoota addunyaa kana maraaf !
@gumaat
@gumaat
❤ 5👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Kabajamtoota maatii gumaataa maraaf May 4, 2024, at 12 p.m. Yookan Ebla 26 fuldura keenya irraa eegaluun koodii DV keessaniif isinii kenname link armaan gadii irra galchuun ilaallachuu dandeessu.
Carraa Gaarii 🙏
dvprogram.state.gov/ESC/.
Kuni karaa tokkicha ittiin ilaallachuu dandeessu waan ta'eef gara namoota deemuun maallaqa kaffaltan irraa bilbila harkaa keessan fayyadamuum of qusadhaa
@gumaat
@gumaat
👍 1
Kabajamtoota maatii gumaataa maraaf May 4, 2024, at 12 p.m. Yookan Ebla 26 fuldura keenya irraa eegaluun koodii DV keessaniif isinii kenname link armaan gadii irra galchuun ilaallachuu dandeessu.
Carraa Gaarii 🙏
dvprogram.state.gov/ESC/.
Kuni karaa tokkicha ittiin ilaallachuu dandeessu waan ta'eef gara namoota deemuun maallaqa kaffaltan irraa bilbila harkaa keessan fayyadamuum of qusadhaa
Xalayyaa Jaalalaa
Imalaan daandiin dhabu
Qillessatu isaaf karaa
Nyaadhee maafin gabbdhu ...
Dhugee maaf naan sifaa'u...
Narraa ciisi yaa garaa 🙏
Otoon suuraakeen argiin
Waggootan lakkofsisee
Boraatiinkoo naan hiluu
Ciisinikoo na doorsise
Harmee na deesse ganee
Abbakoo irraanffadhee
Hiriyyoottan dagadhee
Kunoo galaa naqaadhee ...
Erguman manaa ba'ee
Guuyyooni kuma darbee ...
Kitila ta'uuf deema
Tasan badaan jiramoo
Si bira gahuun deema !?
Sagaleen boraatiikoo
Maqaakee natti kaasaa
Abjuuf yaaddoon maqaakee
Hirribarraa na kaasa...
Kanaaf..
Kanaaf nyaachaa soofameen
Biilla garbuutti ba'e
Ganama, galgala, guyyaa hin jedhuu
Maqaakee lafan kaa'uu
Kana soofee na nyaata
Nyaadhee suga naan ta'u 😓
Gurraachi Lixa Afrikaa
Ilmii Taaddasaa Birruu
Gaanfureen gurrachoota
Gootichi Madeellayyuu
Waggoota digdaamootaaf
Abjuun qaba dhaadate
Hin jedhu matumayyuu
Maaliif natti barfate 💪
Maarree nan ceepha'iin yaa garaa
Garaakoo garaa xiiqii
Abdii kutannaa dhiisii
Kaayyookee qofaaf fiigii
Waca warra har'umee
Sagalee lolaa dhiisi
Galaana ta'i malee
Dololoo ta'uu dhiisi
Guyyoonni kuni darbe
Nii Jetta guyyaa sanaa
Ana bututtuu sanatu
Har'a ga'ee addana 👌
Kanaaf cisee yoon ka'u
Kanaaf bahee Yoon galu
Kanaaf yeroon soorradhu
Kanaaf yeroon boqodhuu
Imimmankoo harcaaseen
Dafaqa kiyyaan kukkuuleen
Yaadee yaada yaachiseen
Rakkoo dachee nyaachiseen
Xalayyaan siif barressa
Na dhaghi lubbuuko
Kaayyoko na dhageessaa?
Lubbukoonis haa dhuftu
Maaltu walirraa seenasa
Abdiin muratiin malee
Gadheen abdatiin malee
Waaqan dagatiin malee
Lafa yaadde nii geessa 🙏
.
GALATOOMAA !
©Walqixxee Indaalee Guuttataa
Ebla, 19 Halkan Walakkeessa
Galatoomaa Kabajamtuu jaalalleekoo kan taate Kaayyookootiif
No need of tag, photo, like and share just read it 🙏
👍 5
Baga Ayyaana Gootota Oromoo geessan ! Har'a warra jiru taane guyyaa Gootota kabajna boru yoo darbinee ammoo goota taane tarree goototaa hirriirra
Seenaa Gabaabaa Nimoonaa Xilahuun (1986-2014GC)
====
Nimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magalaa Jimmaa arjootti bara 1986GC dhalate. Nimoonaan abbaa isaa Obbo Xilahuun Imaanaa fi haadha isaa Aadde Laaqechi Indaalammaa Mul’ataa irraa godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjootti dhalate.
Barnoota isaa kutaa tokkoo eegalee hanga kudha lamaatti achuma magaalaa Arjootti baratee xumuruun barnoota sadarkaa olaanaatti fufuuf bara 2004GC yuunvarsiitii Finfinnee seene. Baruma kana diddaa barattoota Oromoo dhimma Finfinnee waliin walqabatee ka’een murtii jal’aa mootummaa wayyaaneen barattoota Oromoo 400 ol ta’an irratti dabreen, Nimoonaa Xilahuun waggaa tokkoof barnoota irraa arihatame.
Nimoonaa Xilahuun (1986 2014GC) Waggaa tokko boodas barumsa isaatti debi’ee bara 2005-2007GCtti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifame. San booda bara 2007GC keessa godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa Shanootti mindeeffamee achitti hojii eegale. Achitti utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Patrol/3F kan jedhamuun humnooti tika wayyanee ukkaamsanii fudhatan.
Haga ji’a tokkootti Mayikalawwitti dhoksaan hidhamee mana dukkana akeessatti gidiraa guddaa argaa ture. Dhiibbaa fi iyyannaa qaamota miran namoomaatiin dhiyaachaa tureenis, himannaan itti banamee gara mana Hidhaa Qaallittiitti dabarfame. Manni murtii Wayyaanees dhaddecha jallootiin murtii jalloo waggaa 11 akka hidhamuuf itti murteesse.
Nimoonaan mana hidhaa Qaalittii, Zuwayii fi Qilinxoo keessaatti garafamaa ture; Reebicha garmalee irra ga’eenis dhibeef saaxilame. Mana hidha akeessatti wal’aansa gahaa waan dhabeef hedduu miidhame. Dhukkuba kanaan erga hiraarfamee boodas, bara 2012GC keessa gara Hospitalaa Xiqur-Anbassaatti geeffamee ture.
Haata’uutii, wal’aansa garaa baqaqsaa godhameef iyyuu sirnaan otuu madaan isaa hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti deebifame. Achitti doorsisaafi dararaa guddaattu irra ga’aa ture.
Dhukkubni isaa itti hamaachaa waan dhufeef, dhiyeenya kana gara Hospitaala Xiqur-Anbassaatti deebisan. Garuu, qaamni laafee, bututee waan jiruuf dhibee san irraa dandamachuu dadhabee Waxabajjii 6, bara 2014GC ganama barii keessaa saatii 6:00 irratti lubbuun isaa addunyaa kana irraa dabarte.
Sirni awwaalcha Nimoonaa Xilahuun bakka warrii fi lammileen hedduu argamanitti bakka dhalootasaa Arjotti raawwatee jira.
“Qabsaa’aan ni kufa; qabsoon itti fufa.
@gumaat
#Jaal_Magarsaa_Bariifi_Shinniigaa.
Dubbisuufi dhiisuun mirga!
Magarsaa Barii bara 1942 Arsii, Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo ganda Leemmuu jedhamutti dhalate. Bara 1953 maatiin isaa wajjiin hacuuccaa baqatanii godina Baalee, aanaa gololchaa iddoo Yaakumaa Dinkittii jedhamutti baqatan.
Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4, mana barnootaa warra misiyoonii ‘Mission Interior School’, magaalaa Adaabbaatti argamutti barate. Kutaa 5-8 mana barnootaa mootummaa Gindhiritti barate.
Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Koomersiitti ramadame. Yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa eegalee barattoota Oromoo yeroos Yuunivarsiitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii qaba ture jedhama. Bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii olaanaa fiduudhaan darbe.
Magarsaa Barii bara 1968-1971 Yuunivarsiitii Finfinnee muummee Saayinsii Hawaasummaa, Bulchiinsa Daldalaa baratee, qabxii guddaa fiduudhan ‘Great distinction’ eebbifame.
Magarsaan erga eebbifamee booda waajjira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achirraa gara waajjira olaanaa Telekominikeeshina ltoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hojjate. Jalqaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti-aanaa bulchaa kutaa Baalee ta’ee hojjate.
Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee, irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu tokko hundeessuu irratti bobba’ee hojjachaa ture. Ilmaan Oromoo hubatoo, qaroo fi muratoo ta’an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda’an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) jedhu uuman. Birkiin kun Jeneraal Taaddasaa Birruu hoggaaganmuu yoo ta’u, miseensonnisaa Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bilisummaa kan hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal’inaan itti fufe.
Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta’uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawotaa Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal’aa adeemsisaa turan. Hogganaan Birkii Qindeessituu Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galamsoo bahee baadiyyaa Harargee wayta seenu qabsaa’oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi’an Oromooti akka Hasan ibraahim (Elemoo Qilxuufaa) akka dhaqqabaniif miseensoti Birkii qindessituu waaltaa hafan Magarsaa Bariifaa haala aanjessaa turan. Elemoo Qilxuufaa ,Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture Qabsoo hidhannoo eegaluuf mijataa waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan.
Gama biraanis Magarsaan Oromoota fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa keessaati qooda qabaachaa ture hanga baadhiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dammaqsuu if ijaaruuf tattaaffii godhaa ture. Keessaayyuu bara 1975-1976 wayta I/bulchaa kutaa Baalee ture namoota sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoo Somaaliyaa irraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Waabee, Kurkurru, Saawweena, Dalloo Mannaa fi Raayituu keessa socho’aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii bilisummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture.
Walakkeessa 1976 yeroo Magarsaan Finfinnee dhaqeee Birkiin Qindessituu Waaltaa wixinee sagantaa siyaasaa bara 1974 keessa qopheesse irratti mari’atee akka raggaasuu fi sirna ijaaramaa diriirsuuf kora bu’uuressaa (founding congress) ABO qopheessaa ture. Waxabajjii 11,1976 magaalaa finfinnee keessatti dhoksaan kora bu’ureessaa ABO adeemsisan. Kora bu’uuressa ABO kana irratti kan argaman bakka bu’aata maadheelee sabboontota Oromoo Finfinnee fi godinoota Oromiyaa adda addaa, bakka bu’oota jaarmaa Dargaggoota Oromoo warraaqaa jedhamuu, bakka bu’oota saglii gaafas dirree qabsoo hidhannoo ture yeroo ta’an, hojjattoota Oromoo irraas namooti argamaniiru.
Yeroo sana Magarsaa Barii Dura Taa’aa jechuun H/ Duree ABO ta’ee filame.
Gama biraan ammo haalli yeros dirree bahaa keessatti mul’ataa ture qabsoo hidhannoo gochuuf kennataa ykn mijataa ture. Elemoo |Qilxuu jaallan biro wajjin bara 1975 falmaa diinaa wajjin adeemsifame keessatti wareegame iyyuu jaallan dirree keessatti hafanii fi kanneen yeroo sana soomaliyaa irraa biyya seenaa turan namoonni akka Abdulkariim Ibrhaahimfaa (Jaarraa Abbaa Gadaa) KG ABO wajjin quba wal qabaachuun qabsoo hidhannoo finiinsuuf sulula Gobellee seenaa turan. Mootummaa Soomaaliyaa fi Dargii gidduuttis lolli jalqabame.
Haala kanaan bara 1977 walgahii gidduu ABO lammaffaa dhoksaan Finfinnee keessatti gaggeeffamee caasaa jaarmayaa haala yeroo waliin tarkaanfachu danda’u tolchuu dabalatee murtiilee adda addaa dabarse. Akka kanaan qaama hojii raawwatu Ajaja Siyaasaa fi Waraana Olaanaa jedhu, miseensota shan of keessa qabu akka hundeeffamu murteesse. Miseensota shanan keessa Magarsaa Barii dura taa’aa, Gadaa Gammadaa itti aanaa dura taa’aa, Leencoo Lataa barreessaa, Mo’ee Abdoo gaafatamaa siyaasaa fi hawaasummaa, Baaroo Tumsaa itti gaafatamaa hariiroo alaa godhe filate.
Kana malees gara tooftaa qabsoo hidhannootti akka fuulleeffatamu fi miseensonni irra jalaan gara dirree qabsoo hidhannootti akka socho’an murteesse. Haaluma kanaan, Fulbaana bara 1977 Magarsaa Bartiifaa gara dirree qabsootti deemanii hoggansa laachuuf imalanii konyaa Arba Guugguu bakka Martii jedhamtutti qubatan. Achumarraan gara Harargee ce’anii saglii Badhoo Dachaasaa fi Raggaasaan durfamuun simatamanii naannoo Bookee Guddaa jedhamu qarree Saaqqataa ganda Aliyyii Gulubee fi Sheek Mohaammad Dooyee jedhamutti WBOtti makaman.
Adeemsa hoggansa qabsoo hidhannoo gara naannoo kanatti godhaa turan milkii heddu argamsiisuus sirna jaarmayaa fi heera bulmaata waraanaa tolfame sadarkaa qondaalota waraanaatti iyyuu waan hin hubatamneef Magarsaa Bariifaa bakka garaa garaatti kora gaggeessuun hubannoo guddaa laatan. Ergasii kutaalee Oromiyaa bal’aatti socho’u eegalan. Haata’u malee Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa wareegamu isaaniin waraanni abdii kutatee ture irra deebiin ijaaran dhaaban.
Hayyuu duree ABO Magarsaa Barii, itti aanaa hayyuu duree Gadaa Gammadaa, miseensota koree gidduu Abboomaa Mitikkuu, Iggazuu Bantii ajajoota waraanaa torba dabalatanii qaama jaarmayaa ABO Somaaliyaa jiru sirna qabsiisuuf murteessuun garas imalaa osoo jiranii hidhattootaan marfaman. Haala kanaan Ebla 15, 1980 gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniggaa jedhamutti, Magarsaa Barii fi namootni isa wajjiin jiran hundi waliin ajjeefaman. waliin du'un(Tokkummaan wal faana dhabamuun isaanii) dhalootaa seenaa beekuufi seenaa kabajuuf akka inni garaagarummaa Amantiifi gandaa injifatuuf mooraa jabaa ta'ee tokkummaa Oromoo keessatti isaan eegeera! Aarsaan Shinniigaa isa garaagarummaa nu keessatti ajjeeseedha!
@gumaat
@gumaat
Photo unavailableShow in Telegram
Ajjeefamuu falmaa mirga dhala namaafi qondaala Olaanaa ABO Obbo Battee Urgeessaa hordofee kutaaleen hawaasaa addaa addaa gocha kana balaaleffataafi mormuutti jiru.
Suuraalee addaa addaa fayyadamuun akkasumas harka isaanii gara duubaatti hidhachuun akkaataa Obbo Battee Urgeessaa ittti ajjeefame argisiisuun balaaleffachaa jiru.
Ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa hordofee barattoonni yuunvarsiitii Finfinnee mooraa sidist kiiloo Eebla 10 hiriira yeroo gabaabaaf taasisaniin gocha kana balaaleffataniiru.
Humnoonni mootummaa hiriira kana bittimsuun galgaluma gaafasii jechuun Ebla 10 galgala barattoota moorichaa kan ta’an barataa Yoomiif Kumsaafi Gabbisaa Abbaabbuu jedhaman qaban hidhaniiru.
Barattoonni yuunvarsiitii addaa addaas haala addaa addaatiin mormii ajjeefamuu Obbo Battee Urgeessaa irratti qaban agarsiisuutti jiru.
@gumaat
@gumaat
👍 1