ARDII__JÃALALAA🌏♥️
Open in Telegram
Ardii jaalalaa irraa 👉mamaksa jaalala 👉jechoota jaalala 👉ergaa jaalala 👉 dambali jaalala 👉walaloo jaalala 👉 furmaata jaalala sodaa fi 👉 dhimota jaalalan wal qabatan hunda waliti qabanera YAADAF👉 @fileebar18 Kota 👉join 👉 @hacefunny👏
Show moreFinland2 406The category is not specified
3 198
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
3 198
.
FAAYIDAA WALQUNNAMTII SAALAA
🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁🍁
◉ Walqunnamtiin saalaa gammachuu miira keenyaa qofaaf osoo hin taane fayyummaa qaama keenyatiifis murteessadha. Mukaa'uu irra jalqabee hanga kaanseriif saaxilamuu hir'isuu danda'a. Jaalalleewwan lama warra walqunnamtii saalaa hin raawwanne caala warra raawwatan jidduu hariiroo cimaatu jira. Kabajaa fi jaalalli isaan walii qaban kan addaati. Qaamni keenya dhukkuba ofirraa akka ittisuu fi hirriba bareedaa akka rafnu nu taasisa.
.
➲ Qorraaf saxilamuu ni hir'isa. Dhukkuba biraa akka dandamannu ni taasisa. Walqunnamtii saalaa baayisuun yeroo dhukkubaaf saaxilamuu ni xiqqeessa. Akka qaamni bacteria, virus fi germ garagaraa of irraa ittisu godha. Dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf ni fayyada. Kana jechuun immoo halkanii guyyaa walqunnamtii saalaa waan dhaantuf dhibeen gonkuma si hin qabu jechuu miti.
.
➲ Fedhiin keenya akka hin hir'anneef walqunnamtii saalaa baayisuun ni gorfama. Yeroo walqunnamtii saalaa dubaraa irratti dhukkubbii dhaga'amuu fi gogiinsa nafsaalaa xiqqeessuf walqunnamtii saalatti jabaachun gaaruma. Yaa'insa dhiigaa gara nafsaalatti taasisuun akka yeroo hunda naaf saalli dubaraa lallaafu taasisa.
.
➲ Walqunnamtii saalaa yeroo hunda raawwachuun akka dubartoonni fincaan isaanii to'ataniif ni gargaara. Yeroo walqunnamtiin saalaa raawwatamu miiran dubartiin yeroo fiixerraa geessu maashawwan naannoo gadameessaa jiran waan kottoofataniif dhiibbaa kana dandamachuu ni danda'u. Jabeenyi yeroo gadameessi isaanii kottoonfatanii kunis humna fincaan too'achuuf fayyadu akka oomishaniif ni gargaara. Akka sochii qaamatti tajaajiluu ni danda'a. Sa'aatii walakkaatti nyaata kaalorii heedduu bulleessuu danda'a.
.
➲ Dhukkubbii yeroo laguu ni ittisa/hir'isa. Dubartiin walqunnamtii saalaa yeroo hunda taasistu warra hin taasisne caala dhukkubbii yeroo laguu dandamatu. Walqunnamtii saalaa yeroo laguu raawwachuunis dhukkubbii nutti dhaga'amu ni xiqqeeessa. Laguunis dafee akka nurraa dhaabbatu ni godha.
.
➲ Dhukkubbii ni xiqqeessa. Walqunnamtiin saalaa akka ajjeeftuu dhukkubaa (painkiller) gargaaruu waan danda'uuf yeroo raawwaannu miira fiixee xummuraa (orgasm) irra ga'uun akka of wallaallee dhukkubbii nutti dhaga'amu san dagannu nu godha.
.
➲ Dhiibbaa garaagaraa irraa nama baraara. Walqunnamtiin saalaa keemikaala oxytocin madduuf, keemikaalli kun immoo cinqii fi muukii garaagaraa ittisuuf ni fayyada. Dabalees waa dafanii irraanfachuu irraa nama baraara.
.
➲ Hirriibaf ni fayyada. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli melatonin jedhamu waan maddisiifamuuf, keemikaalli kunimmoo hirriiba sirnaan rafuufii miira gaarii keessa akka dabarsinuuf nu fayyaduu danda'a.
.
➲ Umurii namaa dheeressa. Yeroo walqunnamtii saalaa keemikaalli ispermidine waan madduuf, keemikaalli kun immoo umuriin namaa akka suuta tiratu godha. Namoota yeroo ammaa kana umuriin fagaatan dur walqunnamtii saalatti jabaa akka turan jara gaafatanii baruun ni danda'ama.
.
➲ Bifa gaarii qabaachudhaaf walqunnamtii saalaa ni tajaajila. Dubartoonni yeroo hunda walqunnamtii saalaa raawwatan warra hin raawwanne caala bifa nama hawwatu qabu. Dhaabbii bareeda akka qabaatan godha. Dubartiin walqunnamtii saalaa hin goone qaamni ishii dadhabaa deema, akka jaartitti boca fokkisaa horachaa deemti. Dubartiin walqunnamtii saalaa baay'istu boca dubartii durbummaa qabdu fakkaatu qabaatti.
┄┄┉┉✽̶»̶̥💥✿»💥✽┉┉┄┄
Karaa telegram nu hordofaa!
Telegram ➠ https://t.me/joinchat/UuDjiFuxOX56CFcM

https://www.facebook.com/profile.php?id=100056022482498
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
BAACOO AJAA'IBAA
Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo tokko jaallatee mana isaanii yoo deemu isheen abbaa ishee waliin mana isaanii balbala jirti.
#INTALA : Obboleesso maal barbaada dhufte?
#GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu barbaadeen dhufe, ni qabdaa?
#INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait me at the door i will come' jedhu qaba.
#GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba '‛ok, Please come quickly' jedhamuhoo qabdaa?
#INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'Ok Well, I'll come right now my sweet' jedhus nin qaba jetteen.
#ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan dubbistu taanaan baay'ee cimtuudha, barana 1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko irraanfatte malee.
#INTALA : kitaaba kam dagadhee Abbaa koo?
#Abbaa: kitaaba isa "I am not stupid I can understand everything what you are talking about" kan jedhu dagatte malee... jedheen... 😀😂jedhama.
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
...... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Gidduutti sirba Ibiddoo Galaan har'a lakkifame kana yaadadhe!
“Wallaale-hoo.....
kan kee wallaalee....
Naa galuu dide
yaa shoolee...
Babbareeddee yoo jettu
Shaa-shambaa......
Jaalalaan na teesse Onnee gubbaa!
Beellamtee;akkasheen hin dhufne beekaa,
Dhufaan jira jettee;hafeen jira jettee....
Namaan na da'attee, ...
Maaloo.....maaloo....
Onneen na galattee....
Lubbuun na taphattee,
Jaaloo......jaaloo...
Maal abbaashii.....maal abbaashii...
Maa namaan taphatti ishiin.....
Maaf anaan taphatti ishiin...!”
Sibicha akkaan jaaladheera! Qoosaaf walaloo sirba Ibiddoo Galaantu waliin laaqamee dhiyaate!
Orooliyaanaa Margaa Naggasaa (OMN) Biyya Oromoo....Oromiyaa....Amboo.......Jibaat....!.
.....YAADAF @obsamen
...... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Fakkeenya si godhannee
Keessaa baane qilee
Ergamaa rahamataa
Kan rabbiin nu filee.
Mallattoo obsaaf jaalala
Michuu xiqqaaf guddaa
Onnee teenya keessa
Jirta yeroo hundaa.
Beekkumsa amanti
Beekkumsa namummaa
Barre barsiifne akka taanu
Waardiyaa haqummaa.
Himuu sin dhoowwine qarqabni
Karaan dhugaa rakkoo akka qabu jalqabni
Osoo si jibbuu namni
Akka sirra jiru beeyta dirqamni.
Waan sirra ta’u obsitee
Dhaloota dhalootatti erga dabarsitee
Gaaddisa islaamaa tolaan magarsitee.
Qoricha doofummaa ergamaa rahamataa
Sirratti ni buufna hogguu salaamataa.
Rabbittu si nuuf kannee
Karaa keetirra gammachuu argannee.
Hogguun si yaadanne fagoo nu dhihaata
Yaa rasuula rabbii wal arginaa laata.
Ijumaan si arguu hawwiin keenyaa
Rahamata rabbiitin caaya numa teenya.
Sallallahu alhi wasallam.
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Rasaasa moo basaasa
Kamtu gargar nu baasa
Ololamoo dhukaasa
Abbaan fedhe basaasuu
Kan du'e boollaa kaasuu
Miisaa'ela dhukaasuu
Naaf siingargar hin baasu
Haa baratu hunduu kana
Ani si'i situ ana
Nuti wali nafa tokko
Shanis miti nama tokko
Haa dhama'u kan dhama'u
Tokko hiruu hin danda'u
Yaala malee fiixan ba'u
Gara kutii jecha dhumaa
Anaaf ati kennaadhuma💓
...... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Rasaasa moo basaasa
Kamtu gargar nu baasa
Ololamoo dhukaasa
Abbaan fedhe basaasuu
Kan du'e boollaa kaasuu
Miisaa'ela dhukaasuu
Naaf siingargar hin baasu
Haa baratu hunduu kana
Ani si'i situ ana
Nuti wali nafa tokko
Shanis miti nama tokko
Haa dhama'u kan dhama'u
Tokko hiruu hin danda'u
Yaala malee fiixan ba'u
Gara kutii jecha dhumaa
Anaaf ati kennaadhuma💓
...... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Jalallee koo....!
Ati naaf kennaadha
Kennaa gatii jabaa
Addunyaa kanarraa
Tokkittii keen qabaa
Sin jaalladha malee
Sittin yaadu dabaa
Siif jecha miidhamee
Siif jecha nan cabaa
An egaa yoomiyyuu
Si dhabuu hin fedhuu
Ati Onneef tiruu koo
Moo lubbuuko jedhuu
Siif garaa hin muruu
Akkamittan muraa
Rakkoo jiruu kootii
Harka keetu furaa
Koo ta'uu kee baree
Ijaan si ilaalladhee
Wanta hundaa keessa
Bagan si jaalladhee
═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Onneen koo sumaafi
Kan balbala banuu
Garaan koo si malee
Orma hin amanuu
~
Afaan koo waa'eeke
Odeesse hin quufuu
Godoon jaalala koo
Dadhabee hin duufuu
~
Osoo garaan hiriin
Irraan gadeef gaaraa
Miilli koo siif jedhee
Daandiirra marmaaraa
~
Jaalala siif qabuu
Gochaan kan ibsatuu
Simboo keef iji koo
Tasuma hin libsatuu
~
Walakka onnee koo
Jaalalan hidditee
Qaama kiyya hundaa
Seentetta boojitee......❤️
Follow Godhaa💚🙏🙏
..... @obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Hidhii basaq goote
Seeqxee yoo kolfitu
Si dheebotti onneen
Tiyya sin obsitu
Simboon Kee adduma
Silaan qabdu qixxee
Mana ijaartee jirta
Onnee tiyya lixxee
Mee akkam godhuree
Na hubattaa laata..?
Si gaafachuuf yaadeen
Garaa koo na nyaata
Baasee sitti himachuuf
Qalbii na sakaalaa
Deebii keen sodaadhe
Misaa'elii caalaa
Akkan ishee jaaladhu
Firaaf orma dhoksee
Bara baay'een taa'e
Na ha dhiisuuf obsee
Hin dandeenye ani
Amma kana caalaa
Wanta feete haa jettu
Itti himeen ilaalaa!
@obsiilink ═══════════
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛
#𝚆𝙾𝙻𝙰𝙻𝙾𝙾_𝙹𝙰𝙰𝙻𝙰𝙻𝙰𝙰
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
𝑺𝑯𝑨𝑹𝑬
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
🌹🌹🅹🅾🅸🅽🌹🌹
Http://t.me/wolaloo_jaalalaa
3 198
Repost from Inspire Oromia
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #7
✪ Ni Galateeffatu
Namoonni milkaa’an yeroo hunda eebba jireenya isaanii keessatti argamuuf Waaqayyoon galateeffatu; Gaafa galateeffatan caalaatti akka isaaniif kennamu sirriitti beeku; Hanga dhumaatti osoo abdii hin kutatin akka ciman kan isaan godhu shaakala galateeffannaa isaaniiti; Jireenya isaanii keessatti galateeffachuuf jijjiirama guddaa hin eegan, waan xixiqqoodhaaf garaadhaan galateeffatu; Wantoonni galateeffamuu qaban baay’achaa deemu.
▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!!
Share gochuu hin dagatinaa!!
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
🔔
ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
📩 ᴊᴏɪɴ📩
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
3 198
Repost from Inspire Oromia
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #6
✪ Qajeelfama ajaa'ibaa qabu
Qajeelfama jechuun ofiif seera baasuu fi seera sanaaf bitamuu jechuudha. Amalli kun utubaa milkaa’inaati;
⁃ Namoonni milkaa’an naamusa cimaadhaan jireenya isaanii gaggeessu;
⁃ Yeroo walfakkaataatti rafu;
⁃ Yeroo wal fakkaatutti dammaqu;
⁃ Waan gochuu qaban yeroon raawwatu;
⁃ Dhimmi kamiyyuu akka isaan daandii irraa maqsu hin hayyaman;
⁃ Jireenyi isaanii kan loltuuti yoo jenne waan guddaa miti;
⁃ Hadhaa, nuffisiisaa, waan gochuu qaban hojjechuu dhiisuuf sababoota hedduu utuma qabaatanii; Wanti hundi abdii kan hin qabne fakkaatee osoo jiruu, hojjechuu itti fufu.
⩩ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!
Share gochuu hin dagatinaa!!
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
🔔
ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
📩 ᴊᴏɪɴ📩
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Fuul-dura koo naannoftee
Yaanni kee na muraa
Narratti haangoftee
Hin dabdu na duraa
Qliinnesi foolii kee fidee
Sammuu koo na raasa
Garaanis obsuu didee
Hirribaa na kaasa
Yaaddoon kee natti danatee
Mar'imaan koo na gubaa
Ulaa yaadaa banatee
Ammaaf amma na hubaa
Guggubdee na waaddee
Natti danfita keessoorraa
Yaadaan natti of dhaaddee
Ol na kaafta teessoorraa
Arrabni koo si waamee
Boqonnaa na lagaa
Keessaa natti si dhaamee
Na dhorkkata nagaa
Hiree jiruun imalee
Bakka ati hin jirree
Naaf hin taane simalee
Na dhowwate hirree
Yaanni kee na joorsee
Na teessisaa hin jiruu
Huumna koos yoon qoorse
Siifan dhufa tiruu
✍️... @obsamen
#JOIN_AND_SHARE
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@obsiilink💎💎
💎💎@obsiilink 💎💎
💎💎@obsiilink 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎
3 198
Repost from Inspire Oromia
Sadan kana kan itti aanun bakka buusi:
◪ Iyyachuu,
◪ Qeequun,
◪ Komachuu,
Sadan kanaan bakka buusi:
▣ Dinqisiifannaa!
▣ Galateeffannaa qabaachuu!
▣ Gara laafessa ta'uu!
👍 Jireenyi kee haala bareedaa ta'een ni jijjiirama.
Share4friends
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
3 198
Repost from Inspire Oromia
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #5
(Waa'ee Namaaf Hin Dhimmaman)
✪ Namoota milkaa’an milkaa’oo kan taasisan inni gara biraan immoo waan itti amanan dura dhaabbachuu isaaniiti; Namoonni milkaa’an abjuu abjootanii abjuu sanaaf aarsaa kaffaluuf qophii ta’u; Abjuu isaanii irraa dhorkamuu kan danda’an yoo du’an qofa, yoo kana hin taane dhaabuun maal jechuu akka ta’e hin beekan; Namni waan barbaade yoo barbaade lakki hin jedhu. Waa’ee abjuu isaanii maal akka jedhan gonkumaa hin beekan; Waan gaafatamuu qabu ni gaafatu; Waan gochuu qaban ni godhu; Waan qajeelchuu qaban ni qajeelchu; Warra cinaatti dhaabbatee qeequuf, holola irratti kaasuuf, miirri isaanii akkasumas gurri isaanii cufaa dha.
Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!
Share gochuu hin dagatinaa!!
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
🔔
ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
📩 ᴊᴏɪɴ📩
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
۞۞ ۞۞
Karaa dheeraan deema
galmi koo fagoodha
Kaayyoo jabaan qaba
abjuun koo guddaadha
Gaafa kaayyof baatu
qoreen ni baayyata
Waa alaa waa manaa
hundumtuu qormaata
An garuu kutadhee
jalqabeera deeemsa
Qoreen waraanamaa
dhukkuba koo obsaa
Ilaali ija koo
sodaa takkaan qabu
Humni namaa kamuu
tasayyuu nan dhaabu
Galma koo ga'uudhaf
deemsi itti fufa
Barri baraan darbee
dukkanni ni ifa
kayyoo kiyyaaf jedhee
nan ta'a waan ta'u
Duta sareef jedhee
mormi koo'n naanna'uu
Waca gandee ammoo
gurri koo'n dhaga'uu
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
@obsiilink
@obsiilink
3 198
Repost from OBSAA CHANNEL
Wareegan gaafanne,
Aarsaan dhiyeessine,
Maqaakee katabees
Beekattin geessine!
Soorata nam-meeqaa
Osoo nan taasisiin,
Seeqa nama meeqaaf
Osoo nan naasisiin,
Filannoo biyya lafaaf
Ijakoo haguugee
Anaaf siin Waaqatu
Lafarratti muude
Sitti na laachuudhaaf
Qabee na teessisee
Kabajaan Onneekee
Manakoo geessise
...
Noori
Nagaan siif haa ta’u
Ol seenii jiraadhu
Dhangaa addaan qabu
Anumaan na nyaadhu🙈
DaaBee ✍️
Join for more👇👇
@obsiilink
3 198
Repost from Inspire Oromia
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #4
✪ Isaan Namoota Baay'ee Yaada Gaarii Qabaniidha!
▣ Namoonni milkaa’an waan tokko akka salphaatti ilaaluun beekamu; Garaa isaanii keessa dukkanni hin jiru; Yeroo hundumaa waan tokko gaarummaa isaa ilaalu; yookiin gama ifaa waan tokko arguu filatu; Kufaatiin yoo isaan mudatus akka waan gaariitti fudhatu malee miira gadheetiin hin rakkatan; Dadhabbii isaanii osoo hin taane cimina ofii fi cimina namoota biroo irratti xiyyeeffatu; Gonkumaa akka isaan jajjabeessan yookiin komataman hin jaallatan; Du'a dhukkubsataa irra isaanif wayya; Waa’ee rakkoo haasa’uun garaa kaasaa isaan qabsiisa; Dandeettii namootaa hubachuuf ogummaa qabu.
▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!
Share gochuu hin dagatinaa!
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
🔔
ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
📩 ᴊᴏɪɴ📩
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
3 198
Repost from Inspire Oromia
"Rakkoo tokkon qaba. Yeroo hundumaa nan karoorsa malee hojiirra hin oolchu. Hanqina koo nan beeka, garuu of jijjiiruun dadhabe. Yaada itti naaf laadhu!" Gaaffiin keessan gaafatameedha.
▣ Karoorri geejjiba milkaa'inaati. Galma keewwatte gahuuf daandii karooraa irra adeemuu qabda. Daandii kana keessaa hammuma bahaa deemtu, galma kee irraa fagaachaa deemta. Mul'ata karooraan hogganamutu galmaan nama gaha!
▣ Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen garaa garaa faayidaa karoorsuu hin wallaalle. Baay'ee karoorsu, karoora baasuu irratti rakkina hin qaban. Garuu firiin karoora isaanii yeroo hedduu lafa irratti hin argamu. Karoorri isaanii karoora ta'ee waraqaa irratti hafa. Dhagaan bu'uuraa kaa'amee ijaarsi bilaasha ta'a. Rakkoon fayidaa karooraa wallaaluu fi karoora baasuu dadhabuu miti. Karoora ofii hojiitti hiikuu dadhabuudha!
Qabxiilee karoora kee raawwachuuf si fayyadan shan siif haa qoodu:-
⓵. Faayidaa karooraatti amani!
Utuu karoora hin baasin, faayidaa karoora kee irraa argattu yaadi! Karoorri bu'aa qabaachuu hamma bartutti karoorsuun kee bu'aa hin qabu.
⓶. Bu'aa karoora keetii barreessi!
Gaafa abjuun kee dhugoome nama akkamii taata? Qarshii meeqa argatta? Rakkoo akkamii furta?... barreessi!
⓷. Yeroo yerootti raawwii kee madaali!
Hojii torbeetti xumuruu qabdu yoo ta'e, guyyaatti hammam akka hojjechuu qabdu murteessi! Sana xumuruu kee guyyaa guyyaan madaali!
⓸. Dhamaatii kee fooyyessi!
Karoora kee raawwachuuf dhamaatii sirraa eegamu dabalaa adeemi! Kaleessa hamma hojjette irra, har'a hamma ati hojjettu haa caalu! Kan borii immoo kan har'aa irra guddisi!
⓹. Gargaarsa gaafadhu!
Namoota karoora kee dhugoomsuuf si utuban dubbisi! Milkaa'ina keef tumsi namootaa barbaachisaadha. Kanaaf namoota keessaa, nama na gargaara jettee yaaddu gargaarsa gaafachuu hin sodaatin!
Kun waan muraasa!
♡ ❍ㅤ ⎙ ⌲
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ
🔔
ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
📩 ᴊᴏɪɴ📩
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@inspire_Oromia
@inspire_Oromia
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ